ijk
DUREE
المقدمة
BISMILLAAHI
ARRAHGMAANIRRAHGIIM
Eegan
maqaa Rabbiitin jalqabee rahgmata nabi
muhammadiifii aalii isaatifii asaabaa
isaanirratti buusee wannin je'u ;
kitaabni kun kitaaba waan baratuu isarraa
hafiinsi hin jirre nuu addeessu, tawhgiidafii,
fiqhi'iifii adaba islaamarraa .
Kitaabni kun
qur'aanafii, hgadiisafii, ijmaakgafii,
qiyaasarraa fuudhame, namni waan isa keessa jiru
beekhee itti dalage dhugumaan amrii diin Rabbii
kan irraa hafiinsi hin jirre barate, dhugumaan
Rabbiin waan gaarii isaan fedhe.
Nabi muhammad
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e ;
( man yuridillaahu bihii khayran yufaqqihuhuu
fiddiin ) , makgnaan isaa; Rabbiin nama kheyrii
isaan fedhe , fiqhii islaamaa isa barsiisa
jechuu.
Fiqhiin bakka
lamatti qoodamti : fiqhii guddo'oofii,
fiqhii xiqqoo, fiqhiin guddoon waan Rabbiif
wajjabuufii waan isarratti dhoowwamuufii, waan
isaaf gayu nama barsiifti, ammallee waan
ergamoota isaatif wajjabuufii waan isaanirratti
dhoowwamuufii, waan isaanif gayu hunda nama
barsiifti, takkaa fiqhii guddoo jechuun haqa
Rabbiitifii haqa ergamoota isaa beekhuu, waan
Rabbiin nu odeesse hunda dhugo'oomsuu, fiqhiin
guddoon tun aqiidaa yookaa towhgiida je'amti,
fiqhii tana keessatti ulamaan maz-haba haqaa wal
hin dhabne.
Ammoo fiqhiin
xiqqoon waan akkaataa ibaada'aa nama barsiisu,
akka itti salaatan, akka itti xahaaratan, akka
itti zakaa baafatan, akka itti soomanan, akka
itti hajjii godhan, akka itti bitanii gurguran,
akka itti fuudhanii heerumsiisan, akka itti nama
yakke qixaaxan, akka haqaan dubbii nama
jiddu'utti laalanii muran, fiqhiin kan kanaafii
kan birallee nama barsiiftu, qur'aanafii
hgadiisafii ijmaakgatti irkattee.
Fiqhii xiqqoo
keessatti ulamaan islaamaa wal ni dhaba waan
daliila fiqhii xiqqo'oo keessa, daliilli makgnaa
hedduu qabu akkaan jiruuf jecha.duuba namni
ijtihaada dandayu makgnaa hedduu sanirraa kan
isaa mul'ate qabata, namni biraatis waan makgnaa
daliilaa sanirraa isaa mul'ate qabata kan
makgnaan namni biraa qabate hin tayuu hin yaanne,
sababaa kanaaf jecha mas'alaa takka keessatti
yaanni ulamaadhaa wal dhadhaba, tanaaf jecha
fiqhii xiqqoo keessatti maz-habni hedduun argama,
zamana asaabaa nabirraa qabee hanga ammatti, haa
tayuu ummanni islaamaa ar'a ma-zhaba afur
qofarratti Rabbi ibaada, mazhabni afran ;
Tokkoffaan :
mazhaba
abii hganiifa'aati.
Lammaffaan :
mazhaba
maaliki'iiti.
Sadaffaan
: mazhaba shaafi'iiti.
Afraffaan
: mazhaba hganbali'iiti , hundinuu haqaa yaadan
islaamni mazhaba tokko, ammallee ya-ada nama
tokkoo keessatti hin dhumuu beekhan.
Haa tayuu namni
hundi mazhaba biyya isaanii keessatti irra
heddu'uuti qabatan, akka ummanni isaanii ibaadaa
keessatti harka tokko tayuuf jecha.
Fakkeessa'aaf
ummanni Turkii, ummanni Afgh-aanistaan, kan
Baakistaan, mazhaba abii hganiifa'a-rratti Rabbi
ibaadan, ummanni Suudaan, kan Liibiya'aa, kan
Tuunus, kan Maghrib, kan Jazaa'ir, kan
Neejeeriya'aa mazhaba maalikirratti Rabbi
ibaadan, ummanni Habasha'aa, Oromiya'aa, Afar,
Soomaali'ii, Jibuuti'ii, Kiinya'aa, ummanni
Habasha'aa kan biraa hundi ummanni Yaman,
ummanni Misraa, Iraaq, Shaam, Khaliijaa, ummanni
Malaayo'oo, ummanni Sangaafoora'aa, ummanni
indooniisiya'aa, kan Maliiziya'aa hu-ndi mazhaba
shaafi'iidharratti Rabbi ibaadan, ammoo ummanni
su'uudi'ii mazhaba hganbali'irratti Rabbi
ibaadan . akkaataa ibaada'aa keessatti wal
dhabuun waan islaama miidhuu miti, sun waan
Rabbiin ijitihaadan karaa godhee, tanaaf jecha
ummanni tokkummaa ifii eeggatu maz-haba tokko
qabatuun waan irraa hafiinsi hin jirre akka
harka tokko tayanii Rabbii isaanii ibaadan, kan
mazhaboonni biraa baaxilaa hin yaanne, ta-naaf
jecha nama mazhaba tuqu ifirraa eegan, akkasu-ma
nama mazhaba guddaa warri biyyaa dantaa
tokkumma'aatif qabate tuqu ifirraa eegan, maalif
ummanni ibaadaa keessatti wal dhabu, siyaasaa
keessatti wal dhabuun waan irraan oolle, ummanni
masjida keessatti wal lolu karaa keessatti wal
loluun waan adii.
Mazhabni afran
aqiidaa keessatti yaada tokkorratti jira, sun {
Aqiidaa Ahlussunnati Waljamaakgaadhatii }
kitaabni aqiidaa mazhaba afranii addeessu ,
matnii aqiidaa xahgaawi'iitifii, kitaaba akka
isi'iiti .
Duuba kitaabni kun
gama towhgiidatiin aqiidaa mazhaba islaamaa
afranirratti kaayame, ammoo gama fiqhiidhatiin
mazhaba shaafikgiidharratti kaayame, namni
kitaaba kana yookaa kitaaba akka isaa qara'ee
yookaa dubbisee itti dalage dhugumaan
qur'aanafii, sun-na'aafii, ijmaakgafii ,
qiyaasatti dalagee, karaa qajeelaa deemee,
ibaadaa guutuu Rabbi ibaade.
Namni mataa
isaatin qur'aanafii, hgadiisafi, ijmaakgafii,
qiyaasarraa hukmii yookaa heera fudhatuu hin
dandeenye, mazhaba afran dubbannerraa tokko
qabatuu qaba, akka ibaadan isaa fayyaa isaaf
taatu, namni beekkomsaan male'etti waa dalagu,
dalagaan isaa fayyaan taatu, Rabbiin wanni
ummata islaamaa itti ajaje waan hin beyne warra
beekhu gaafatuu irra caalan nama waan wallaalan
gaafatanii, ulamaa'ii mazhaba afraniiti , isaan
ummata islaamaa waa barsiisu'uuf, akkaataa
ibaada'aa isaan garsiisu'uuf , hedduu jaa-tanii
godhan, Rabbiin isaanirraa haa jaalatuu.
Duuba waan ummanni
keenya mazhaba shaafi'iidharratti Rabbi ibaadduf
jechan kitaaba abuu shujaakg je'amu kan mazhaba
shaafikgiidhaa keessatti beekkama'aa afaan
oromo'otti deebisee, ummata keenyaf dhiyeesse.
waan irraa ir'ate itti ida'uudhan wajji. Rabbiin
warra irraa fayyadamu isaan haa godhuu, ammallee
warra afaan arabaa hin beyne kan maqaa
hgadiisatiin fiqhii islaamaa tuqee yookaa
mazhaba shaafi'ii nama jibbisiisee,
fuqahaa'iidhafii ummata adda muree ummata
wallaalatti hanbisan isinirraa haa qabuu isaan
,fiqhiin hgadiisa qofaa mitii, fiqhiin {
qur'aanafii, hgadiisafii. ijmaa'aa, qiyaasarraa
fuudhamtee } hin beekh-anii, ammallee akka namni
fiqhii shaafi'iidhaa kan ulamaan keenya fatwaa
godhuun kaaye imaamunnawawii , abbaa hgadiisaa,
abbaa { riyaad }, abbaa arbakgiinaa taye hin
beekhanii akka namni fiqhii hin beyne qaadii
tayuu hin dandeenye hin beekhanii, Rabbiin
fi-qhii diin keenyaa nu barsiisee, kheyrii
addunya'aa aakhira'aa nu haa argachiisuu
nagayaan jiraadha'aa waan feetan argadhaa.
Dr : Mohammad Rashaad Abdullaahii
Muummayyaa Umar
Carcar
|