شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

ÈÓã Çááå ÇáÑÍãä ÇáÑÍíã

bismillaahirhgmaanirrahiim

ãÞÏãÉ ÇáßÊÇÈ ááÔíÎ ÚÈÏÇááå ÇÈÑÇåíã ÇáÇäÕÇÑí

                                                          

Eegan Rabbi faarsee, nabiifii, aalii isaatifii, asaabaa isaatii, warra karaa gaari'iin isaan jala deeme hundarratti, nagayaafii rahmata buusee ,akkin je'u :

Wanni akkaan beekun barbaadamu, waan asaabaa nabirraa nu gaye. kheessattuu waan khaliifota nabirraa nu gayetti yaaddayuun ,waan nabiin itti nu ajajeefii ,waan isaan arganii itti cal'isanitti yaaddayu'urraa ir'isuu dhabuun dirqama .

  Wanni nabiin nuun je'an:

}Úáíßã ÈÓäÊì æÓäÉ ÇáÎáÝÇÁ  ÇáÑÇÔÏíä ãä ÈÚÜÜÜÏì ÚÖæÇ ÚáíåÇ ÈÇáäæÇÌÐ{

ma'naa isaa{karaa kiyyaafii ,karaa khulafaa'ota kiyyaa,kan na booda dhufan, gaggaarotaa ,qabadhaa ilke'een ciniina'aa irratti goggogaa}.

Kun waan, waan asaabonni nabii khulafaa'onni isaanii karaa godhetti  dalaguu nu qabsiisu

Dubbisaa kiyya: wannin sii dursu, kitaaba xiqqaa nama fayyadu ,kan waan nabirraa, karaa fayyaa qabuun dhufe ,kan taraawiihatti rarra'u, kan sheekh {Alii saabuunin} walitti qabee barreesse .kan

{ÇáåÏí ÇáäÈæí ÇáÕÍíÍ Ýì ÕáÇÉ ÇáÊÑÇæíÍ  } je'amtu .sanan sii dursa  akka dubbiftee bu'aa irraa argattu.haa tayuu, odoo kitaaba san hin qaraane ,yookaa,hin dubbifne wannin ,nama, isa qara'uu, deemun, je'u: 

Salaanni taraawiihaa ,sunnaa ,salaataa kan nabirraa nuu dhuferraa tokko.taraawiini sunnaa salaataa, tan soomana keessa salaatamtu .isiin dhaabbatiinsa, baatii ramadaanarraayi .inumaa gariin fuqahaa'otaa taraawiiha kana dhaabbatiinsa ramadaanaa je'eeti yaama wanni karaa fayyaa qabuun nabirraa nageenyi isarratti haa jiraatuu nu gaye halkan garii salaateti jamaa'an sahaaba'aa halkan sadii isaan duuban salaannan, itti gad bayuu dhiisan. yoon salaata kana jamaa'aadhan itti fufee salaate,ummata kiyyarratti wajjabdii, sodaatanii masjidatti gad bayanii jamaa'an salaatuu dhiisanii manatti salaatan.kun Rahmata ummata isaanitii godhuu je'ama

Wanni karaa heddu'uun nu gaye ashaab umar binulkhaxxaab khaliifan nabii kan lammeysa'aa ,salaata{taraawiihaa} nama tokkorratti walitti qabee jamaa'aadhan salaatu'utti ajaje.{ ubayyii ilma ka'bi'ii imaama godhatanii.duuba ubayyi taraawiiha raka'aa diiddama isaanin  salaateti, witrii raka'aa sadii isaanin salaata .

 Kun waan asaabonni nabii dalaguun, karaa fayyaa qabuun, nuu dhufe.akkasuma asaabotarraa namni hedduun taraawiiha raka'aa kudhan,witrii raka'aa sadii,salaatun dhufee jira. Akkasuma nabiin raka'aa kudhan salaatee, witrii raka'aa sadii ,salaatun , dhufee jira.Akkasuma raka'aa saddeet ,dhedheeraa salaatee, eegasii witrii raka'aa sadii salaatun, isaanii dhufee  jira .

Duuba namni, akkaataa dubbanne sanirraa tokko filatee salaate irraa hin dhoowwamuu, hin tuqamuu, itti dhiifama. Keessattuu namni ,taraawiiha raka'aa diiddama salaate hin tuqamu. sun lakkooysa taraawiihaa, kan irra gudda'aatii .

Nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu , waan taraawiiha walitti dhaabee salaatuu dhabee raka'aa kudha sadii qofarratti gabaabbateef nuu himee jira, sun ummatarratti taraawiihni wajjabuu sodaatu'u. ummata isaatii rahmata godhu'uu jecha .

Haatayuu namni tokko, yoo raka'aa diiddama salaate, wanni isarraa barbaadamu, salaata jarjara, wasanaa baye malee salaatuu .qaraatii tolchee ,odoo dheeressulle salaata bareechee salaatuu. akka namni gariin jarjarsee rukuu'afii sujuuda ir'isee salaatuu mitii. Maalif waajibni nama taraawiiha salaatuu diiddama salaatuu, kudhan salaatuu,takkaa hanga biraa salaatuu, qalbii godhee, guutee, salaatuu .

Ammoo hadiisni{Aa'isha'aa}kan {nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu,yaroo Ramadaanatiifii ,yaroo birallee,takkaa raka'aa kudha sadiyirra hin idaane,

}ãÇßÇä ÑÓæá Çááå Õáì Çááå Úáíå æÓáã íÒíÏ Úáì ËáÇË ÚÔÑÉ ÑßÚÉ Ýì ÑãÖÇä æáÇÝì ÛíÑ ÑãÖÇä{

Je'u, wanni hiikkaa isaa keessatti jennu : {Aa'ishaan},Rabbi isi'irraa haa jaalatuu waan nabiin mana isi'ii keessatti ,kophaa isaa dalagu, yookaa salaatu nuu himti.duuba sun waan asaab umar dalage,kan halkan Ramadaanaa asaabaa hunda asaab  ubayyirratti walitti qabee, jamaa'aadhan, taraawiiha raka'aa diiddama salaatuu ture ,dura hin dhaabbatu takkaa wal hin dhabu . maalif wanni haati mu'mintoota Aa'ishaan nuu odeessite ,waan Nabiin irra hedduu jiruu isaanii keessatti dalaguu ture.salaata halkanirraa. sun waa ummata isaanirratti laaffisu'uuf dalagan. Akka qur'aanni nuu hime

} ¨bÎ) y7­/u ÞOn=÷èt? y7¯Rr& ãPqà)s? 4oT÷?r& `ÏB ÄÓs\è=èO È@ø?©9$# ¼çmxÿóÁÏRur ¼çmsWè=èOur ×pxÿͬ!$sÛur z`ÏiB tûïÏ%©!$# y7yètB 4 ª!$#ur âÏd?s)ã? ?@ø?©9$# u�$pk¨]9$#ur 4 zOÎ=tæ br& `©9 çnqÝÁøtéB z>$tGsù ö/ä3ø?n=tæ ( (#râät?ø%$$sù $tB u??£u?s? z`ÏB Èb#uäö?à)ø9$# 4 zNÎ=tæ br& ãbqä3u?y? Oä3ZÏB 4ÓyÌó?£D   tbrã?yz#uäur tbqç/Î?ôØt? Îû ÇÚöF{$# tbqäótGö6t? `ÏB È@ôÒsù «!$#   tbrã?yz#uäur tbqè=ÏG»s)ã? Îû È@?Î6y? «!$# ( (#râät?ø%$$sù $tB u??£u?s? çm÷ZÏB 4 (#qãK?Ï%r&ur no4qn=¢Á9$# (#qè?#uäur no4qx.¨9$# (#qàÊÌ?ø%r&ur ©!$# $·Êö?s% $YZ|¡ym 4 $tBur (#qãBÏd?s)è? /ä3Å¡àÿRL{ ô`ÏiB 9?ö?yz çnrß?ÅgrB y?ZÏã «!$# uqèd #Z?ö?yz zNsàôãr&ur #\?ô_r& 4 (#rã?ÏÿøótGó?$#ur ©!$# ( ¨bÎ) ©!$# Öqàÿxî 7Ïm§ ÇËÉÈ  {   ÓæÑÉ ÇáãÒãá

ma'naan isaa{Rabbiin kee akka ati halkan,harka lamaa, gad ,dhaabbattee salaattu ni beekha .ammallee akka ati cinaa ,takkaa sadiyirraa, harka tokko, dhaabbattu ni beekha .akkasuma ,akka warri si wajji jiru, asaabonni kee, akkas dalagu, ni beekha .Rabbiin, isa,kan halkaniifii guyyaa uumee ,likkeessuu, akka isin waan dubanne san, dalaguu hin dandeenye beekhee isinii laaffisee, dhiisuu isinii baqqaasisee, hanga isinii laafe salaataa.qur'aana salaata keessatti qara'aa.

 Ammas akka isinirraa,namni dhukkubsatu jiru ,akka gariin keessan, naggadaaf takkaa jihaadaf safara ,takkaa imaltuu bayu, beekhee jira .tanaaf jecha,salaata halkanii, hanga dandeessan salaataa. qur'aana qara'aa bakka salaata halkanii kan isinirratti wajjabee san,salaata shanan fardi'ii salaataa, salaanni halkanii sunna'aa isinirratti tayee ,zakaa baafadhaa .liqii gaarii ,Rabbiif liqeessaa .karaa isaa keessatti ,garaa jaalalaatin  horii keessan baasaa.waan gaarii, lubbuu teessaniif, rabbii jettanii dalaydan, sawaaba sanirra caalu Rabbiraa argattanii Rabbii keessanirra barbaadaa}

Wanni dubbanne, hundinuu salaata taraawiihaa dura hin dhaabbatu. ammallee umanni islaamaa raka'aa taraawiihaa lakkaawwatee salaatu'urratti wal gayuu dura hin dhaabbatu.akka asaab umarirraa dhufetti . kan asaabonni nabii hundi irratti walii gale   

Wanni gaarin namni taraawiiha raka'aa diiddama salaatu ,haala jiddu jireessa qabatuu, dhaabbatiinsafii, qaraati'iifii, rukuu'afii ,sujuuda keessatti.kan dheeressee nama hin hiffine. kan gabaabsee hin ir'ifne .

Wanni maman qabne,raka'aa heddommeysuu keessa ,sawaabni namaa heddommaatu'uutu jira. maalif raka'aa hedduu san keessa dhaabbatiinsa heddu'uutu jira. Rakuu'a heddu'uutu jira. i'tidaala sujuuda  heddu'uutu  jira .san hunda keessa qaraati'iifii tasbiiha ,du'aa'ii, heddommeysu'uutu jira. Takbiiraa, faaruu rabbii heddommeeysu'uutu jira. tashahhuda salaamtaa heddommeysu'uutu jira.

Sun hundinuu waan sawaaba nama akkasitti salaatef heddommeysu

  Tanaaf jecha wanni nama dinqu, namni beekkomsa keessatti qarqararra deemu, nama taraawiiha raka'aa diiddama  salaatu dura dhaabbatuu. namni sun nama baaxilaan haqa balleessu'uu deemu. nama kijibaan dhugaa balleessuudhaa deemu. kan salaata shari'aan dhufteen salaatanii Rabbitti dhiyaatu'urraa nama dhoowwu, kan nama salaatarraa nama dhoowwu Rabbiin abaarsan darbatee hin beyne .

Rabbiin akki je'e:

} |M÷?uäur& Ï%©!$# 4sS÷Zt? ÇÒÈ #´?ö7tã #s?Î) #©?|¹ ÇÊÉÈ   {ÓæÑÉ ÇáÚáÞ

Si nama gabricha keenya salaatarraa dhoowwu gartee ? mee naa odeessi. nama san qixaaxu'uuf jiraanna beekhi . namni nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu ,salaatarraa dhuuwwe, abuu jahlii,  namni akka isatti salaata haqarraa nama dhoowwu hundi ,akkuma isaati. Qixaaxamuu keessatti.

Ammoo yoo namni tokko raka'aa diiddama salaatee jarjara wasanaa baye kan jarjarsu tahe kan qalbii gad teessu'uun hin salaanne , kan yoo saddeet salaate qalbii gad teessun salaatu taye, qaraatii tolchee rukuu'afii sujuuda guutee salaatu taye , saddeet salaatu'uutu irra caalaf,kun waan imaamni salaata taraawiihaa keessatti jarjaru, beekuu qabu. akka rukuu'afii sujuuda salaata taraawiihaa hin ir'ifne . Rabbiin hunda keenya karaa haqaa haa qajeelchuu .

Yaa dubbisaa kiyya gaarii , waan xalayaa xiqqoo as deemtu tana keessatti barreeffame laalii dubbisi. Akka waan salaata taraawiihaa keessatti dhufe beeytuf jecha . Akka waan ulamaa'in islaamaa gugurdoon taraawiiharraa dubbatte gartu . asaaba nabirraa qabdee hanga ammatti .kan ulamaan warri diin isaanii jabeessu  nuun gaye .

Rabbiin nama hunda, waan gaarii dalagu'utti qajeelchee waan jaalatu haa qunnamsiisu .wanni isa khadhannu nama kitaaba kana barreessefii , warra sahhaheefi, warra facaasefii, warra itti dalage hundaaf sawaaba haa heddommeysu. 

Nageenyi Rabbii kan nabiifii warra isaan jalaa deeme hundaati

Faarun ta Rabbii waan isaan hin malle hundarraa qulqullaaye kan waa hunda uumeti .

Namni duree tana afaan arabaatin kaaye , khaadima ilmi'ii Abdullaahi binu ibraahiima al'asaarii. Aha'baan bara 1403 akka taariikha islaamatti ammoo akka taariikha faranji'itti 13/5/1983m  dawhaa – qaxar .

 

Namni afaan oromo'otti deebise,

Dr/Muhammed Rashaad kabiir

Abdullee kabiir muummayya'aati

bar 1997=1419

makkalmukarramaa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Filadhu

kh_rashad2004@hotmail.com