شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
USUULA FIQHIHI`II
 

Duree

 Beysa bu`urraa 

Beysisa ma`naa fiqhi`ii
 Maali wanni fiqhi`itti fedhame
Heera ibsu`uu
Waan beekkomsa taye addeessu
 Wallaala jechuun maali
Beekkomsa namaa
 Raga`aafii raggaafifatuun maali

Waa seyuun takkaa dareemuun akkami

Waan shakkiin yookaa mamni taye himuu
Waan usuula fiqhii taye himuu
Daliila fiqhi`ii adda babaafamaa
Hulaa usuulul fiqhi`ii
Hulaa dubbii qoodu`uu
Dubbiin bakka afuritti qoodamti
Dubbiin bakka sadiyitti qoodamti
Dubbiin bakka lamatti qoodamti
Haqiiqan bakka sadiyitti qoodamti
Waan amri`iifii nahyii jala seenufii waan isaan jala hin seene
Dhoowwaa
Jecha waa heduu qabatu
Jecha gabaabaa
Dalagaa ergamaa rabbii
Waan argame deemsisuu
Naskhiin bakka heddu`utti qoodama
 Hulaa daliilli yookaa ragaan wal didu`uu
Walii gala ulamaa`ii fiqhii islaamaa
Akhbaara sunnaa hadiissa
Qiyaasa
 Qiyaasni bakka sadiyitti qoodama sun
Dhoowwa` halaal
Waan duraan jirutti dalagu
Istis-haab haala dur haala ammaatii kennuu
Daliila tarreessuu
Sharxii mujtahidaa
Sharxii nama waa baruu barbaaduu
Al ijtihaada
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

waraqaat je`amu kan usuulaa fiqhi`ii  

   
 

  

الخاص

Jecha gabaabaa

 {khaassii  الخاص  } jechuun waan waa lama hoggaa takkatti hin qabanne sun akka { dhiira  رجل  } namicha jechu`uuti takkaa waa lamaa ol qabatuu itti muru`uun wajjii akka { dhiira lama takkaa dhiira sadii  رجلين او ثلاث رجال  } jechu`uuti sun hundi jecha gabaabaa je`ama kan hanguma dubbatame malee waa hunda qabatuu miti .

Dubbii dheertuu waa hedduu qabattuu gari`irratti gabaabsuu  التخصيص  }{ takhsiisa  التخصيص  } jechuun waan guutuu dubbanii garii irraa baasuu yookaa ir`isuu fakkeessa`aaf rabbiin akki je`e { faqtulul mushrikiin  فاقتلوا المشركين  } ma`naan  isaa warra rabbitti kafare hunda ajjeesaa jechuu haa tayuu daliilli biraa kuffaara anboome , yookaa jaala nuu taye kuffaarotii biraa keessaa baasa isaan ajjeessuu dhoowwu`uun .

Waan dubbatan takkarraa waan dubbii san jala seenu baasun takkaa jala seenuu dhoowwun , karaa lamaan argama

1 -  Waan dubbii dubbi`irraa hanbisu sun , dubbii duratti mamaxannuu { متصل  muttasil tayuu } sun waan kophaa bayuu hin taane kan dubbii guutuu jala seenu .

2 -  waan dubbii duratti hin maxxanne kan kophaa bayuun mijjaayu kan jecha wanni guutun keessatti dubatame jala hin seenne .

Duuba wanni dubbii dubbi`irraa baasu waan { istisnaa`a } je`amu hiikan isaa siif dhufaa ammas waan sharxii je`amu ammas waan tilmaama je`amu wanni sharxii je`amu , kan dubbii dubbi`irraa fooyu akka { akrim banii tamiim in jaa`uuka  اكرم بني تميم ان جاؤك  } jechu`uuti, ma`naan isaa ilmaan tamiim kabaji yoo sitti dhufan jechu`u hoggaa ilmaan tamiim guddisi je`u ilmaan tamiim hunda guddisuun si qabe bakka fedhan haa jiraatani haa tayuu hoggaa yoo sitti dhufan je`uu itti ida`e nama sittin dhufin giddisuun sirran jiru jechuu wanni kana fide sharxii inni ida`e sun { yoo sitti dhufan } jechu`uu kun sharxi`iin dubbii hidhuu je`ama ammoo sifaan yookaa tilmaaman dubbiin hidhuun akka { akrim banii tamiim al fuqaha`a  اكرم بني تميم الفقهاء  } jechu`uuti ma`naan isaa ilmaan tamiin guddisi , haa tayuu hundaa miti isaan keessaa nama fiqhii beekhu guddisi jechu`uu odoo ilmaan tamiin guddisi je`ee achirratti dhaabbatee ilmaan tamiim hunda guddisuun sirra jira haa tayuu isaanirraa nama fiqhii beekhu jennaan isaan malee nama biraa guddisuun sirraa kufe kun tilmaamatti yo-okaa sifatti dubbi hidhuu je`ama .

Ammoo { istisnaa  اشتثناء } jecha { illaa  الا  }

Takkaa obboleeyyan isi`iitin {  او احدى اخواتها  } dubbii dubbi`irraa fooyu` akka .

{  جاء القوم الا محمداً jaa`a al qawmu illaa muhammadan } ma`naan isaa : ummani hundi dhufe Muhammad malee } jechuu odoo ummanni dhufe jechu`urratti dhaabbatee , namni hundi dhufe jechaa beeyna haa tayu , { Muhammad malee yookaa  الا محمد  } jennaan Muhammad hin dhufnee beyne wanni beekhun nurra jiru bakka tana waa sadiyiitu jira

1 – Waan irraa fooyame sun ummanni dhufe  جاء القوم  jechu`uu .

2 – Waan fooyame sun muhammad  محمدا

3 – Waan dubbiin dubbi`irraa fooyu sun {  الا  malee } jechuu .

Sharxiin dubbii dubbi`irraa fooyun fa-yyaa tayuun wanni fooyan waan irraa fooyan fixuu dhabuu akkana jechuun waan irraa fooyamerraa waa hafuu yoo hin hafin fayyaa hin tayu .

Fakkeessa`aaf { yoo kudhan narraa qaba sagal malee  له على عشرة الا تسعة  } je`e dubbii fooyun fayyaa tayaa tokkumaatu isarra jira

Ammoo yoo { kudhan narraa qaba kudhan malee  له على عشرة الا عشرة  } je`e dubbii fooyun fayyaan tayu .

Waan مستثنان  wanni fooyame , waan irraa fooyame fixeef jecha tanaaf jecha kurni isa qabu . ammas sharxiin dubbii dubbi`irraa fooyun fayyaa tayuun jechi waan irraa fooyameetifii , waan fooyame , je`uun walitti maxxanuu akka aada`atti .

Haa  tayuu wanni akka qufa`uudhaa faan yoo adda baafte hin dhibu ammoo yoo { kudhan narraa qaba  له على عشرة  } je`ee eega guyyaa tokkootii { sagal malee  الا تسعة  } je`ee fooyun fayyaa hin tayuu waan kan irraa fooyaniifii, kan fooyan je`uun walitti hin maxxanniif jecha . waan fooyame irraa fooyame waan dura dursuun ni gaya akkuma { kudhan narraa qaba sagal malee } je`uu qabu{ sagal malee kudhan narraa qaba } je`uu qaba .

Akkuma waan akka tokkoo yookaa gosa takkaa walirraa fooyun gayu waan gosa takka hin tayin walirraa fooyun gaya { akkuma jarri hundi dhufe waaqo malee } je`uu qabdu { jarri hundi dhufe harree malee } je`uu qabda .

Sharxii dubbii dubbi`irraa footu fooyamaa kan irraa fooyame dura dursuun ni gaya { akkuma ilmaan tamiin yoo sitti dhufan guddisi } jettu { yoo sitti dhufan ilmaan tamiim guddisi jechuun gaya .

Dubbiin yookaa hukmiin takka , yoo karaa lamaan qur`aana keessatti dhufte kan karaan tokko sharxi`itti hidha`aa kan karaan tokko wahitti hin hidhamin gad dhiifama`aa hukmii gad dhiifamaa saniiti , hukmii hidhama`aatii kennina gaafatama jalaa bayu`uu jecha maalif wanni rabbiin itti ajaje gad dhiifamaa  مطلق  keessa jiraatun ni mala akkasuma hidhamaa  مقيد  keessa jiraatun ni mala tanaaf jecha namni gad dhiifamaa  مطلق  hidhama`atti  مقيد  dhaqa-bsiisee itti dalage gaafatama jalaa baye .

Fakkeessa`aaf gabri bilisooman bakka gari`itti kan iimaana qabu tayu`utti hidhame takkaayuu tilmaamame akka kaffaaraa nama ajjeessu`uu keessatti dubbatame ammoo bakka gari`itti gabruma bilisoomsaa je`e malee kan amane tayuu hin dubbanne kan akka kaffaara zihaaraa keessatti dubbatamee .

Zihaara jechuun jaartii ifii akka dudda haadha isatti fakkeessu`u duuba bakka lachuttu gabri taqan yookaa bilisoomsan , iimaana qabaatuu laallu

Akkasuma qur`aanni harki tayammuma keessatti haqamu hanga ciqile`etti hin hiine .

Ammoo aayata wuduu`aa keessatti ciqile`etti hidhe hanga ciqile`etti dhiqaa je`ee duuba hukmii aayata wuduu`aa hidhamaa aayata tayamummaa gada dhiifamadhaf kenninee , hanga ciqile`etti haquu wajjabsiifna sababaan isaan lamaanii tokkoo sun hadasaa waduu`ni caphu`uu .

Wanni kana dalayneef gaafatama jalaa bayu`uufi maalifi namni heera hidhama`atti dalage gaafatama jalaa baye ammoo namni gad dhiifama`atti dalage gaafatama jalaa hin bayu wanni rabbiin fedhe heera hidhamaa san keessa jiraatu`uutu malaa , heera gad dhiifama`aa mitii.

Hukmii yookaa heera gad dhiifamaa aayanni tokko dhufeen , heera hidhamaa aayanni biraa dhufteenitti hidhuun ni gaya.

Fakkeessa`aaf , aayanni takka dhalaa Rabbitti waa qindeessu , kan Rabbitti kafare hin fuudhinaa jetti aayanni tun gad dhiifamtuu tan dhalaa rabbitti waan dhalaa Rabbitti waa qindeesse mara fuudhuu dhoowwitu ammo aayanni biraa dhufteeti, dhalaa warra kitaaba yahuuda`aafii nasaara`aa fuudhun ni gaya jettee hiite .

Ammas  sunna`aan heera qur`aanaa , gad dhiifamaa hidhuun , ni gaya sun akka qur`aanni ilmaan keessan dhaalchisuu isinii dhaame je`ee heera yookaa sirna ilmaan mara qabatu gad dhiifamaa dubbatu`uuti , kan sunnaan yookaa hadiisni ilmaan nama abbaa ajjeessee , ammallee ilmaan kaafiraa dhaalurraa dhoowwitee heera gad dhiifamaa hiite .

Heera hadiisaa , gad dhiifamaa qur`aanan hidhuun , ni gaya akka hadiisa ( Rabbiin nama hin wadda`atinirraa salaata hin qeebalu ) je`u kan salaata hundaaf wadda`atuu wajjabsiisu , aayanni tayammumaa hiitee , namni wadda`atuu dadhabe tayammuma godhatee salaatuu ni qabaa irraa qeebalamaa beysifte buutee hukmii hadiisa gad dhiifama`aa heeti .

Ammas hadiisni hadiisa hidhuun ni gaya , akka hadiisa midhaan rooban mayre keessatti zakaan ni wajjaba je`u kan waan rooban baye keessatti xiqqaatuu guddatuu zakaa wajjabsiisu hadiisni ( waan rooban mayre kan daawwillaa shan hin geenyerrati zakaan hin wajjabu je`u hidhe .

Ammas qur`aanafii hadiisa hidhuun ni gaya , akka hadiisa midhaan rooban mayre keessatti zakaan ni wajjabe je`u kan waan rooban baye keessatti xiqqaatuu guddatuu zakaa wajjabsiisu bhadiisni { waan rooban mayre kan daawwillaa shan hin geenyer-ratti zakaan hin wajjabu je`u hidhe

Ammas qur`aanafii hadiisa gad dhiif-amaa  qiyaasan hidhuun yookaa gabaabsun ni gaya fakkeessan waan rabbiin je`e qiyaasan hidhu`uu aayata { isaafii isii zinaa goote dhibba garafaa } jettu sun gad dhiifama`a haatayuu aayata { gabriittin yoo heerumtee , eega sanii zinaa goote cinaa yakka bilistitti`iiti qabdi } jettuutu hidhee , bilisti`irratti gabaabsee yakka isi`ii cinaa yakka bilistitti`ii godhe  haa tayuu aayanni yakka gabrichaa hin dubbanne duuba gabritti`irratti qiyaasanii yakka isaa cinaa yakka bilisaa godhaa .

Fakkeessan waan nabiin je`e nageenyi isarratti haa jiraatuu qiyaasan hidhu`uu waan as deemu kana sun hadiisa { namni waa qabu yoo waan isarra jiru kennuu dide isa arrabsuu isa yakkoo baqqaasisuu } kun nama abba`aa ilma hin tayini .

Ammoo ilmi abbaa tuquun hin gayu jecha haadhaa abbaa keessaniin hin je`inaa je`u kan qur`aanan dhuferrattiu qiyaasanii hadiisa san nama abbaa hin tayinirratti gabaasan waan abbaa arrabsuun jecha{ uf  أف  }    je`urra hamaa tayeef .

Wanni { mujmal مجمل  } je`amu waan ma`naa lamaaf malu kan waan itti fedhame ibsu`utti haajamu sun akka jecha { qur`ii  قرء  } je`u kan qur`aana keessatti dhufe inni ma`naa  xuhri`ii yookaa qulqullumma`aa tayu`uuf ni mala akkasuma ma`naa heydi`-iitin yookaa dhiigatiinis hiikkamuun ni mala shaafi`iin { qur`ii  قرء  } xahaara`aan fassare waan laalee akkas je`eef  jecha ammoo waan isa ibsutti haajamuuf isaatu ma`naan heddu`uun malaadhafi wanni isa ibsu ( nassi  نص  )

Ammoo wanni { nassi  نص } je`amu waan ma`naa tokko malee hin qabne takkaa { nassiui jechuun waan tafsiirri isaa bu`iinsa yookaa dhufiinsa isaa taye kan matumaa dhagayu`uutin ma`naan isaa namaa galu akka { guyyaa sadii soomanuu  فصيام ثلاثة ايام  } guyyaan sadii guyyuma sadii malee waan biraatii hin malu { الظاهر  } wanni zaahira je`amu  jecha ma`naa lamaan malu , kan tokko irra mul`atu akka { ar`a leencan arge  رأيت اليوم أسداً  } jechu`uuti jechi { leenca } je`u bineensa nama nyaa-turratti irra hedduu dubbatama ammallee ma`naan isaa irra mul`ata ammoo ma`naan biraa kan inni maluuf nama jaynarratti dubbatamuu haatayuu ma`naan isaa akkaan hin mul`atu tanaaf { mu`awwal  مؤول  } je`ama wanni zaahir je`amu jecha ma`naa isaa lamaanirraa kan irra mul`atutti dalagama ammoo mu`a`wala jechuun jecha ma`naan akkaan hin mul`annetti dalagma .

Zaahir , inni jecha ma`naa lama qabu kan ma`naan isaa raga`aan awwaalamu gaafas kan raga`aan hiikkame je`ama ma`naan akkaan mul`aturraa maquun , raga`aan taya .

Fakkeessa`aaf Rabbiin wanni je`e{ wassamaa`a banaynaahaa bi`aydin  السماء بنيناها بأيدينا  } ma`naan isaa samii harka  jaarre { aydin  أيدا  } jechuun harkoota harki ma`naa lama qaba tokko harka namaati tokko humna duuba ma`naa harkaa tayu`uutu irra mul`ata haa tayuu ma`naan mul`atu kana dhiifneti ma`naa humnaatin fassarra  yookaa hiiyna ragaa ma`naa kaanirraa nu dhoowwu qabannee sun harka akka harka namaatin fassaruun rabbiin hin malu jecha`aafi waan Rabbiin nama hin fakkaannef sun waan ayliin didduu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com