TAARIIKHA
OROMO`OOTIFII BAKKA ISAAN IRRAA DHUFANIIFII ,
BAKKA TAA`ANIIFII LAKKOOYSA ISAANII
Taariikhni oromo'oo kan duruu beekkamee
biyyuma
hundattuu baraa ni argamee
Biyya
misraatittuu bar qoramee jiraa
suuran mootii
ormaa kuma shaniin duraa
Dhaga'arratti
qoran suuraa isaanitii
jalatti caaranii maqaa isaanitii
Hasshabsoottu
dhufee gaafa afrika'aati
isiidhatu kaasee suuraa
oromo'ootii
Isiidhatu
kaayee mana taariikhatti
kan xeybaa je'amuu biyya
misraatittii
Gaafa san
iramiitu bulcha baraa biyya teenyaa
gaafa afrika'aa {boontuu} mootin teenya
maqaan sii (itiyyee)
jaarsissiidhaa boruu
biyya misraa
dhaqaa yoo barbaaddan baruu
Bitti oromoodhaa
gaafa afrika'aatii
heddomminni saanii akkuma mixi'iitii
Lakkooysi
isaanii gizeemma jirruttii
baraa ni dhiyaata malyoon shantamattii
Abbaan
oromoodhaa kuush ilma Haamitii
isaat waliqqabaa nuuf warra misraatii
Aasiyaadhaa
dhufee gara afrikaatii
baaba mandabirraan guddinni isaanitii
Ommoo gariin
saanii karaa bobbaasa'aatii
isaan gaafa seenun amaaran durattii
Amata kum
shaniin inumaa torbaanii
eega sanii seenee amaarri yamaanii
Dhufiinsi
isaanii eega iisa'aatii
bara dhib tokkorraa hanga afurittii
Ormi
kooshiyyootaa kan oromoon wajji
sooomaaleefii afar waliin qaban hojii
Gaafabbaan
gada'aa ahmadoo giraayii
oromoon wajjiinii bakkuma hundaayii