شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhannaaa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bidaa bakka ziyaaraatti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

 

WAAN NAMA MADIINAA DHAQERRAA BARBAADAMU

 

Hanga madiinaa taau salaata hunda masjida nabitti salaatuu keessa taauu niyyatuu guyyaa hunda.keessattu guyyaa jumaadhatiifii guyyaa khamisaa ganamaan bayee qabroota madiinaadhaa ziyaaruu eega nabi muhammadirratti salaammatee . hoggaa qabroota gaye akki jeu:

 

{Assalaamu kgaleykum daara qawmin muminiin wa innaa inshaaallaahu bikum laahiquuna antum salafunaa wa nahgnu bilathar yaghfirullaahu lanaa walakum .allaahumaghfir li ahli baqiikgilgharqad allaahumma laa tahgrimnaa ajrahum wa laa taftinnaa bakgdahum }  

Manaan isaa :

Akkana { yaa warra qabroota islaamaa nageenyi rabbi isinirratti haa jiraatu nuti yoo rabbi jee isin dhaqqabna  isin nu dura dabartanii nuti isin faana jirra Rabbiin nuufii isiniif haa araaramu .yaa rabbi warra qabroota gharqadiif araarami yaa rabbi sawaaba isaanirraa nun hoongessin. eega isaanitii fitnaa nun godhin .

Qabrii qabroota madiinaaa keessaa beekkamtu yookaa mulattu ziyaarun ni barbaadama . tan akka qabrii ilma nabii ibraahiim tan takka qabrii asaab usmaan , abbaas , safiyyaa adaadaa nabii nageenyi isaanirratti haa jiraatuu

Akkasuma masjida qubaa ziyaarun ni barbaadama keessatti salaatuuu jecha keessattuu khamiisafii jumata

Waan dhagaaafii biyyee madiinaaa taye . takkaa isiirraa tolfame fudhatee biyya ifittiin galatuu hin qabu .

Akkuma biyyee makkaatifii dhagaa makkaa haramarraa baasuu hin qabne . yoo zamzama taate malee

Hoggaa madiinaarraa gara galaa takkaa gara biyya isaa deebiuu fedhee rakaaa lama masjida keessatti  salaatee waan fedhu Rabbi khadhatee eegasii nabitti nabirratti salaammata. salaamtaaafii duaaii hoggaa dhufe jee hunda ni deebisa  .

Eegasii  wanni jeu

{ }

{Allaahumma laa tajkgal haazhaa aakhira kgahdii bi hgarami nabiyyika wa rasuulika  wa yassir lii  alawda  ilalhgarameyni sabiilan sahlatan warzuqnii alkgafwa wal kgaafiyata fiddunyaa wal`aakhirati .}

Ma`naan isaa :

Yaa Rabbi ziyaaraa tiyya tana ziyaaraa biyya nabiyyii keetii tan boodde`ee narraan godhin yaa Rabbi Makkaa Madiina`atti deebi`uu naa laaffisi yaa Rabbi fayyaadhafii araara addunya`aa aakhira`atti naa khenni .

Eegasii masjidarraa baya fuula dura deema`aa dudda duuban deema`aatii  mitii .

Wanni hoggaa amnaaf karaa bu`u je`uun barbaadamu hunoo akkana .

} {

{ALLAAHUMMA INNII AS`ALUKA FII SAFARII HAAZHAA AL BIRRA WATTAQWAA WA MINALKGAMALI MAA TUHGIBBU WA TARDGAA .}

Ma`naan isaa : 

Yaa Rabbi safara kiyya kana keessatti waan gaari`iifii sodaa tee naa kennu`uun si kadha ammallee waan dalagaa tayi ta ati jaalatee narraa qeebaltu na qunnamsiisu`un si kadhadha je`a isaa mandara nabiitirraa deemun isa laalessu akkas je`a duuba isaa waan qabu kan kennuu dandayu maskiina madiina`aatii kennu isaa waan joollee isaatin nama isaatin gammachiisu kan akka timira madiina`aa zamzama makkaa isiin wajji yoo dandaye fudhatu isaa qalbiin isaa makkaa madiina`atti rarraatu kan itti deebi`uudhaa hawwu gara biyya isaa amna eegala yookaa jalqaba isaa adaba safaraa takkaa imalaa kan jalqaba kitaaba kanatti dubbanne hunda dalagu  yookaa hojjatu karaa biyya isaa deema duuba hoggaa ganda isatti dhiyaate nama dhufiinsa isaa warra isaa beysisu if dura erga akka isaanii quban qabne irran dhaabbanne tanaaf jecha yoo halkan ganda isaa gaye bakka biraa bulee guyyaa seenu`uutu gaarii .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com