بسم الله الرحمن الرحيم
kitaaba qunsuliyyaa ityoobiya`aa tan jiddaa keessa kara`e
guyyaaa
10/4/2008
Obboleeyan kiyya kan amma asitti walgeenye jalata waaqaf galchina kan
nu uumee dachii nuu uumee qananii hedduu keessatti nuu uume duuba
qananii waaqa nuu kennerra takka nagayaan wal nu qunnamsiisee
tokkumma`aan jaalalaan .
Obboleeyan kiyya yoo waa xiqqo hanga bara afurtamaa if duuba deebinee
leelle waan zamana ammaa keessa jirruun adda fago gaafas maqaa ummata
keenya dhawuun balleessa guddo ar`a ammoo maqaa ummataa keenya dhawuun
gurra guddaa ammas gaafas afaan keenya kana raadiyo`orra dubbatuun
balleesa guddoo ar`a afaan kana raadiyorraa dubbatuun gurra gudda duuba
bakka ar`a geenye tana laaftu`utti hin argamne maalif akka namuu beekhu
qabsoon dhiirti oromo`oo goote kan dhiirti oromo`oo itti dhumte beekamtu
akkuma namuu qabsoo isaa hanga taate beekhu
Ammoo qabsoon an godhe guddo qabsoo afaan oromo`oo jiraachisu`uu godhe
tayuu kan kitaabban barreesu`uu tayuu an wannin qalqabeen afaan
oromo`ootin ummata khiyya dammeysu raadiyoo alarraa ammallee kharaa
kaaseeta`aatin kharaa kitaaba adda addaa barreessu`uutin qabee
oromo`ootin dalagaa tana hunda warra na dura dhaabbateetu jira haa
tayuu obseetuman itti goggogee bakkaan gaye .
Duuba qube`ee yoo isinii dubbadhe qubee afaan oromo`oo je`eetan kitaaba
barreesse bara 1973 biyya soomaale`etti kitaaba san naa maxxansan maqaan
isaa { furaa afaan oromo`ootin } duuba hoggaa kitaabni sun baye
dhaabni soomaalee galbeed je`u hararirraa dhufanii mataa soomaale`ee
{ siyaad barre } itti dhaqanii wanni je`aniiin sheekh rashaad dudda
duuban nu waraane aadaa oromo`oo facaasee oromoo nuti dirree lolatti
ajjeefne maqdishoo kheessatti jiraachise tanaaf jecha kitaaba qubee
oromo`oo san walitti qabi gubi sheekh rashaad kitaaba san barreesse
oromoo nuti ajjeefne jiraachise nuu ajjeessi takkaa nuutu ajjeeffataa
nuu khenni mataa soomaale`ee siyaad wanni je`een maalif kitaaba khana
jibbatan maalif sheekh rashaad ajjeessu yaaddan si kitaabni khun amaara
faarsee soomaalee arabsaa lakkii je`aniin duuba maaltu kheessa jira
je`een jennaan humaa kheessa hin jiruu haa tayuu guddaan jiraa
aada`aafii maqaa oromoo je`u nutu aadaa oromo`oo hin feenu maqaan
oromo`ollee hin feenu .
Wanni aada`aan kan kitaaba kanarraa jiru kan isaan jibban san dardara
oromo`oo shamarran oromo`oo walaloo suuraa .
Duuba siyaad wanni je`een yoo maqaa khana jirjiirre akkami je`ee gaarii
je`aniin akkasiti kitaabni furaa afaan oromo`ootin baye deebisanii {
furaa afaan abboo } godhan haa tayuu kuma sadii irraa hanbisee waan
kaan mana kitaaba maxansutti deebise duuba { furaa afaan obbo`otti
deebisan maqaa duraa irraa buqqisanii duuba warri mana maxansaa keessa
dalagu uffate kitaaba ka duraa kan footoo intalaatifii suuraa footoo
gurba`aa qabu guuratanii manattin galanii kitaaban joolle`eeti uffata
godhan duuba barumma dhaabni galbeed wanni agarte darasaa soomaale`ee
tan olii gadiin yaatu hoggaa san siyaaditti orina`anii sheekh rashaad
kitaaba ati maqaa jirjiiri jetteen jirjiiru didee biyya kheessa facaase
je`aniin hoggaa san ashkara natti ergee akkamitti waan ashkara khiya
lolarraa dhaabuttu na seensiftee amrin an sin je`e dalaga`arra oolchuu
diddee kitaaba facaaftee . wanni akkas je`eef dhaaba galbeedituu yoo
waan sirra barbaane nu godhi baatee nuti hin lollu ati deemi loli
je`aniin ,
Ammo an dubbii isaa hin didne kitaaba hin facaafne warra mana maxansaa
keessa dalaguutu hoggaa kitaaba durarraa uffata cirani darbuu guuratanii
uffata kitaabaa isii godhatan ammoo mana maxansa`aa maqaa kitaaba
jirjiirre dhaqaa je`een arga akkasitti waaqa du`a gala na baase qubeen
afaan oromo`oo laaftu`utti isaan hin geenye .
Waan maqaan jirjiiru`uu yaanni khiyya du`u seyan rabbiin akka hin duune
akka ummanni oromo`oo lafaatii tiyyarraa bu`a argatu godhe tanaaf
rabbiin nama na wajji dhaabatu naa godhee kitaaba barnoota hedduu
barreesinee hoggaa mangistuun biyerraa dhaysu warra biyaaf dalagu
biyyatti deebi`ee qubee afaan oromo`ootif fudhatan laalanii qubee an
khaaye san filatan filatanii amma biyya kheenya kheessatti itti dalagama
afaan kanaan ummata hedduudhan dammeyse karaa walala`ootin gaafa ummanni
kheenya maqaa tokkorratti walii galuu dhaban wannin je`e
yaa
ilmaan oromoo dubbii too dhagayaa
maqaafii afaanin harka tokko tayaa
namni
afaan keetii inni shanyii teetii
qoqqoteen gaafatin maali gosti teeti
dhiisaa
maqaa gosaa ka dhiyoo argamee
isa dur qabdhaa
kan akkaan baramee
bar
maqaan durattii isaa-wwali-qqabaa
gosa sabaa hundaa taariikha ni qabaa
yoo isin
wal taatan xiqqa'aafii gudda' aanii
dhiirafii dhalaadhan walis jaalattanii
baraa
nam tokkolleen isin duran bayuu
dhiirummaa
teessanis namuu haa dhagayuu
kan
oromoo mormuu takkaayuu diinumaa
takkaayuu galtu'uu sodaati naa humaa
oromoon
guddinaa nama hundee qabuu
nama heddumminaaf dachii guddoo qabuu
kan isin
guddisee gooytuma keessanii
galata akkaan galchaa mee rabbii keessanii
kan
isin kabajuu galata argataa
namni isin tuquu borutti rakkataa
ammas walaloo biraa wannin je`e :
dhiichisa oromiyaa
Oromiyaa biyya too |
** |
oromoo yaa haadhaa too |
sii jettee lubbuun tantoo |
** |
haa duutuu yaa biyya too |
bilisummaadhaa jennee-kkaane barii
yaa oromoo sosso'ii |
** |
bilisummaadhaa ka'ii |
bitti teetii ol je'ii |
** |
mee xilaataa gad je'ii |
oromiyaadhaa jennee-dduunaa barii
namayyuu bar siin waliin |
** |
Dhaabbataa waan qabaniin |
Atummaan hin laafatin |
** |
bilisummaa-rraan bu'in |
yaa oromoo
gabrummaa hin eehamin
yaa oromoo hujumaan |
** |
bakka geessan wajjumaan |
waan isin balleessurraa |
** |
faffagaadhaa akkumaan |
yaa oromoo
wal tayaa mee hundumaan
Tokkummaa teenya jabeessaa |
** |
dalagaa hunda diriirsaa |
cunqursaa firraa fageessaa |
** |
isin miidhuu mee-tti dhiisaa |
yaa oromoo
wan jalaa keessan fageessaa
dalagaa waan keessaniif |
*** |
argadhaa waan kaataniif |
tokkuma'aafii dalaga'aan |
*** |
argatan waan deemaniif |
yaa oromoo dalagaa waan kaataniif
dhiichisa (oromiyaa) kana sh. m. R. A. tolche
bara 1975 m
obboleeyan kiyya wanni dubbadhe inni waanin umata keenyaf dalagarraa
waa xiqqo wanni hafe guddo akkuman an biya alaa taa`ce biya tiya ummata
khiyya dalage dhiirti oromo`oo ummata isaanitif waa hedduu daleydee
ammallee dalagu`utti jirti sanirraa kharaa harariifii baale walitti
hidhu baasu ammallee raadiyoo ummata oromo`ootif dhaabbate banu gadaa
abbaa nuura kheessatti xumarame ammallee waan oromoo fayyadu dhiirti
oromo`oo bakka hundaa dalagu`utti jiran rabbi isaan haa gargaaru
Dr / Mohammed rashaad kabiir abdullee
kabiir
muummayyaa
|