Muhammed
ilma idriisshaafi'ii
الإمام
محمد بن ادريس الشافعي رحمه الله
Shaafi'iin
Rabbi rahmata haa godhuufii ,eega mazhabni
maalikiifii ,mazhabni abuu haniifa'aa
hundeeffamee,damee godhateeyi dhufe .
shaafi'iin
dhufnaan, waan warri {madiina'aa}
dalage, kan harka maalikirratti mul'ateefii,waan
warri {kuufaa}
dalage kan harka abuu haniifa'aatifii,
yuusufiifii Muhammedirratti mul'ate ,hunda
laaleti, duuba wanni karaa jara lamaanii
deemu'urraa isa dhoowwu isaaf mul'ate
Shaafi'iin waan
qaaydaa jara lamaanirratti deemuu isa dhoowwu
san kitaaba isaa kan {Ummi}
je'amu jalqaba isatti dubbatee jira . waan
sanirraa :
1
Wanni arge jara isa dura dabre ,kanneen hadiisa
{mursal
مرسل }
je'amuufii ,hadiisa {munqaxi'
منقطع }
je'amu fudhatan . kan sababaa saniin dubbiin
duraa qooyte. maalif hoggaa karaan hadiisni
dhufeen walitti qabamu hadiisa meeqaatamtu ,
bakka dhabe .ammallee meeqaatamtu kan hadiisa
nabirraa odeeffameen wal dhabu argame. tanaaf
jecha shaafi'iin hadiisa {mursal
}
fudhatuu dhiise .yoo sharxii guuttate malee
sharxiin sun kitaabban usuula fiqhi'ii keessatti
dubbatamte .hadiisa {mursal}
jechuun: hadiisa warri asaabaa nabirraa dhagaye
na birraa odeessu .kan asaabticha irraa dhagaye
san hin dubbanne ifumaa rasuulli akkana je'e
je'ee. kan inni rasuula dhaqabee gurra isaatin
irraa hin dhagayin . asaabticha dhaqqaberraa
dhagayuu malee
2
Wanni shaafi'iin arge : warri isa dura mazhaba
kaaye heera hadiisa wal dhabe wal taasisu
beekkamaa hin qaban.kan sanii jecha mazhabni
isaanii duraa qaawe. Duuba shaafi'iin heera san
kaayee akkaataa qur'aanafii hadiisarraa heera
itti fudhatan baase .akkasitti shaafi'iin karaa
ijtihaadaa qajeelaa, kan warri isa dura dabre
hin argin fide .karaan inni baase kun miizaana
qur'aanafii hadiisa beeku'uuti je'ama .akkuma
{ilmii
usuula fiqhi'ii}
je'amu. beekkomsa dhaaba fiqhiidhaa kana, kan
{usuulalfiqhi}
je'amu namni dura dursoo kaaye shaafi'iidha .kan
kitaaba isaa kan {arrisaalaa}
je'amu keessatti baasee dubbate.
Fakkeessa'aaf
shaafi'iin saahiba abuu haniifa'aa kan Muhammed
hasan je'amu tokko isaa warra madiina'aa,
{maalik}
faa hamatu dhagaye. wanni Muhammed hasan warra
madiina'aa tuqeen,hunoo akkana: warri madiina'aa
akkamitti ragaa tokkoofii kakuu takkaan firdii
yookaa murtii godha .sun waan qur'aanni je'erra
,hadiisa namni tokko qofti odeessen murtii
ida'uudha je'amaa sun hin gayuu,murtii qur'aanaa
hadiisa namni tokko qofti nabirraa odeessee
je'anii dhiisun hin jiruu .je'e Mahammed hasan .
inni akkas jennaan shaafi'iin wanni je'een :
akka hadiisa nabii kan nam tokko qofti
asaaba'arraa nuu odeessee je'anii heera
qur'aanaa dhiisun hin geenye si biratti ragga'ee
jiraa? je'een. jennaanin Muhammed hasan eeyee
je'een .jennaan shaafi'iin akki je'een : yoo
akkana taate maalif , namni tokko nama isa
dhaaluf horii isaa, isaa dhaamun hin gayu jette
, waan hadiisni nabii nageenyi isarratti haa
jiraatuu {
الا لا وصية لوارث
alaa laa wasgiyyata li waarith} je'eef ma'naan
isaa :namni tokko nama isa dhaaluuf horii isaa
dhaamun hin jiru jechu'uu . kanuma qur'aanni
nama isin dhaaluu dhaamaa je'e. kun waan
namarraa didde fudhatuu je'amaa je'eenii, waan
kana fakkaatu hedduu gaafatee, duuba Muhammed
hasan waan deebisuuf dhabee cal'ise.
3
Waan shaafi'iin argee :Warra asaabaa dhaqqabe
kan qaadii godhamee dalagaan ummataa harka
kaayamte mara hadiisni nabii kan fayyaa qabu
hundi hin geenye , waan asaabaa nabii hunda hin
arginiif, tanaaf jecha namuu waan qur'aanafii
hadiisarraa dhagayeefii mala isaatin dubbii
laalee muruu ture. akkaataa warri isaan dura
asaabonni dubbii itti muran takkaa fatwaa itti
godhanirratti laallatanii. jala deemanii
ijtihaada godhan. duuba eega gadaan asaaba'aa
dabree ammas gadaan warra isaan dhaqqabee dabree,
gadaan sadeessa'aa dhufee, hadiisni fayyaa qabu
hedduun mul'ate. haa tayuu warri gadaa
lameysa'aa hadiisa kanatti hin dalayne. waan
dalagaa warra biyya isaatin wal dhabuuf.ammallee
waan, waan isaan biyya isaanii keessatti irratti
walii galanii dubbii oofaniin wal dhabuuf jecha.
Warri madiina'aa dalagaa warra madiina'aa
irratti argan qabatee. warri kuufatis dalagaa
warra kuufaa qabatee . namuu hadiisni dalagaa
warra biyya isaatin wal dhabu fayyaan qabuu
yaadee.Takkaa hadiisni gadaa sadeessa'aa
keessatti hin mul'annee ,eegasii mul'ate. gaafa
warri hadiisaa hadiisa gad qabee laalee ,karaa
hadiisni dhufeen hunda walitti qabanii laalanii
,biyya hunda keessa deemanii nama hadiisa beekaa
isaa dhagayan itti fe'atanii, irraa baranii.
duuba wanni argame hadiisa hedduu kan namni
tokko yookaa lama qofti asaaba'arraa odeessu.
kan isaanirraayis namumti tokko yookaa lama
qofti odeessu.kanuma akkanatti deemu.duuba kun
warra fiqhi'irraa gaafas dhokateeti, gadaa warra
hadiisa haffazii , walitti qabee karaa hadiisa
hunda laaluu keessatti mul'ate. fakkeessa'aaf
hadiisa heddu'uutu mul'atee jira kan warri
basraa qofti odeesse kan warri biyya biraa
quban qabne .
duuba shaafi'iin
dhufee Rabbi rahmata haa godhuufii, wanni ibse :ulamaan
asaaba'aatifii ulamaan warra isaan dhaqqabee,
hoggaa dubbiin itti dhufte hadiisa ragaa
godhatan barbaadan yoo hadiisa dhaban waan
biraati ragaa godhatanii waan muran muran .
yoommoo eegasii hadiisa nabii argan ,kan tuqaa
hin qabne , kan murtiin isaan muran hadiisa
kanaan wal dhabdu ,murtii isaanirraa
deebi'aniiti hadiisa qabatan. duuba isaan odoo
hadiisa hin argin mala isaanitiin dubbii muruu
qoftiin hadiisni sun tuqaa qabaatuu nuun
kennu.yoo wanni hadiisa san dhiifnef waan kana
je'anii sababaa mul'isan malee. Fakkeessa'aaf
hadiisa qullateyni'ii haa fudhannuu. inni
hadiisa fayyaa qabu kan tuqaa hin qabne. kan
karaa heddu'uun odeeffame. kan irra hedduun
karaa hadiisa kanaa {waliid
ilma kasiirifii ,muhammed ilma abbaaditti}
deebi'u. kan eegasii karaan isaa heddommaate .
jarri lamaan kun warra amanamaa tayu'uun wajji,
warra qaadiifaa tayee ummata keessatti beekkame
.kan namni waa irraa baru'uuf itti yaa'uu miti .
tanaaf jecha hadiisni kun sheekkotii maalikiifii
sheekkotii abuu haniifa'aa biratti hin
beekkamini. inni zamana sa'iid ilma
musayyibiifii zamana zuhriidhaa ,keessatti hin
mul'anne .tanaaf jecha maalikiyyootafii ,
hanafiyyoonni hadiisa kana hin qabanne .waan
warri isaan duraa ittin dalaginiif.ammoo
shaafi'iin hadiisa kana qabateeti itti dalage .maalif
wanni laalamu hadiisni fayyaa tayu'u malee abalu
qabate abalu hin qabanne, jechu'uu mitii. isaan
wanni hin qabatiniif hadiisa santu isaan hin
gayin taya. yoo waan kanaafan hin qabatin je'ee
nuu addeesse malee.
Hadiisni
{yoo
waa walirraa bitanii gurguran, hanga wajji jiran
odoo qaaman addan yaane ,gurgura guutu'uufii
dhiisu'ullee ni qaban}
je'u ,hadiisa fayyaa qabu kan karaa heddu'uun
odeeffame .kan asaaba'arraa ibnu umariifii, abuu
barazaan itti dalagan. ammoo fuqahaa'ota
torbaniifii , warra zamana isaanii jiru hadiisni
kun hin geenye .tanaaf itti dalaguu oolan .{duuba
abuu haniif'aafii, maalik }jarri
sun hadiisa sanitti dalaguu dhabuun hadiisa toqa
je'anii qabatuu dhiisan . ammoo shaafi'iin itti
dalage . waan hadiisni fayyaa qabuuf jecha. waan
warri nu duraa itti dalaguu dhabuun hadiisa hin
miinef jecha .yoo waan itti dalaguu dhabaniif
kan fudhatamu himan malee. kun waan shaafi'iin
warra isa duraa harkatti qabee qaaydaa lafa
kaaye.
4
Waan shaafi'iin argee : zamana isa duraa
keessatti wanni asaabonni je'eefii wanni isaan
dalagan hundi walitti hin qabamne. ammoo yaroo
shaafi'iin dhufe hundi walitti qabamteeti wal
dhadhabdee , adda damooyte .warri
sheekkoti'irraa dhagaye hedduun adda addaa
argamee.
duuba shaafi'iin
wanni arge :akka wanni hedduun isaan warra isaan
durarraa kan akka taabi'iyootafii,asabotarraa
odeessan hadiisa fayyaa qabuun wal dhabu. waan
garii isaanii hadiisni sun hin gayiniif. Ammas
shaafi'iin wanni arge: warra isa duraa kanneen ,
odoo hadiisa fayyaa qabu hin argin mala
isaanitiin waan muran muran.hoggaa hadiisa
fayyaa qabu argan mala ifii dhiisanii hadiisa
qabatan . tanaaf jecha shaafi'iin waan warri isa
duraa irratti walii hin galin ,qabatuu dhiisee
hadiisuma nabii kan fayyaa qabu qabate.
waan ormi
sheekkoti'ii kan isa duraa je'e qabatuu dhabuu
keessatti shaafi'iin akki je'e:Qur'aanafii
hadiisa qabannee waan keessatti isaan ijtihaada
godhan nutis ijtihaada goona nu lachuu dhiiraa .
waan isaan odoo hadiisni isaan hin gayin
je'anirratti goggoguu hin qabnu je'e.
5
Waan shaafi'iin argee:
sheekkotii isa duraa kanneen qiyaasa shari'aan
hin eehamne qiyaasa shari'aan eehamtutti makanii
waan muran muran. kan qiyaasa lamaan addaan hin
baafne arge. isaan hogiin qiyaasa fidan saniin
{istihgsaana
استحسان }
je'aniin. ma'naan kanaa wanni isaan je'an :wanni
waan kana murreef , rakkoodhatu yookaa
danta'aatu keessa jira je'anii waan muran saniif
, rakkoon yookaa dantaan jiraatuu sababaa godhan
.kan qiyaasni shari'aan eehamtu , waan haarawa
argame waan shari'aan heera isi'iitin dhufteen
walitti laalanii yoo ma'naan isaanii wal
fakkaate murtii, yookaa heera waan qur'aanni
yookaa hadiisni dhufeenii isaa kennuu.kan waan
haaraya argame keessa mas`alaan yookaa dantaan
yookaa miidhan jiraatuu hin laalle . wanni
isarraa laalamu waan qur'aanni yookaa hadiisni
firdii isaa nuu hime fakkaatuu. duuba shaafi'iin
yaada ormi isa duraa dubbii tana keessatti qabu
dura dhaabbatee. ragaa haqaatin balleessee,
namni dantaa laalee dubbii mure shari'aa if
biraa kaayuu fedha .je'e .dubbiin tun sharhii
{mukhtasarul'usuul}
keessatti dubbatamte.
fakkeessa'aaf
yatiimni aylii horuun waan namarraa
dhukhatu.warri shaafi'ii duraa wanni je'e :waan
ayliin yatiimichaa hin mul'anneef jecha ,hoggaa
guddate, horii isaa isaaf kennu'uu jecha wanni
laalamu, bara diiddamii shan guutuu. gaafa bakka
tana gaye horiin isaa ni kennamaaf je'an .maslahaa
yookaa dantaa isaatu keessa jiraa. kan qiyaasni
,aylii horuu, umri'iin wassanu'uu mitii, eega
ballaghee yookaa saalfatee mokkoranii aylumti
argamuu laaluu taye. bara diiddamii shanitti
aylii godhatuu takkaa sanii gaditti yookaa sanii
olitti aylii godhatuu
Walii
galli dubbi'ii :shaafi'iin waan warri isa duraa
dalage, keessatti ir'ummaa garraan, fiqhii
matuma gubbaadhaa qabee akkaataa qur'aanafii
hadiisarraa heera itti fudhatan kaayee
hundeessee dhaabee, damee dameessee ,kitaaba
dubbii tana addeessu tolchee, barreessee ummata
islaamaa fayyadee warri fiqhi'ii waan shaafi'iin
dalage kana jaalatee itti wal tayee bal'isanii
raggaasisanii, karaa shaafi'iin baase kanaan
islaama nama barsiisu'uuf biyyoota addunya'aa
keessa faca'an . duuba kanaatu mazhaba
shaafi'iidhaa je'ama.wanni je'uu feene beekan
Rabbii hangana .