KUTAA TOKKOFFA`AA
1
-
qooda
Tokkoffaan : Waan Rabbiin nabi muhammad,
nageenyi isarratti haa jiraatuu, addunyaa
tanarratti guddiseen :
Soddommaffaan :
israa`afii mi'raaja
الاسراء والمعراج
{Israa'a} jechuun
:halkan tokko keessa makkaa ka'ee beytulmaqdis
dhaquu. Ammoo { mi'raaja } jechuun
beyt-ulmaqdisirraa ka'ee samii torbanii ol
dabruu .halkanuma tokko keessatti.
Waan rabbiin nabi
mohammadiin gddiserraa, isra-a`afii mi`raaja,
waan halkan san isaa kanneen wajji. kan akka
beytulmaqdisitti imaama tayee anbiyootafii
ergamo-ota rabbiitin salaatu`uu.ammallee waan
gugurdoo rabbiin uume isa garsiisu'uu .ammalle
halkan san rabbii isaa arg-u`uu. Akkanaafii
akkanaan male`etti. Jibriil isaan jidduu
jiraatu`uun male`etti Rabbi dubbisuu .ammallee
sidratul muntahaa arguu. jannata seenuu .ibidda
arguu. samii tor-ban dabruu. darajaa anbiyootaa
arguu nageenyi isarratti haa jiraatuu. salaalata
shanan isaa kennuu. dhuma suuraa baqara`aa isaa
kennuu .sawaabni waan gaari`ii dachaa go-dhamuu
.jechi {
ولا حول ولا قوة الا بالله
walaa
hgawla walaa quwwata illaa billaahi} je'u bakka
arshii jala jirturraa fuudhee isaa kennuu.
jibriil suuraa guddoo inni itti uuma-meen arguu.
Anbiyoonni hundi akka inni nabiyyii erga-maa
taye arga'aan beekhuu,ammallee waan halkan
mi`r-aajaa san rabbiin isa barsiisee garsiise
kan rabbi malee nam tokkolleen malaayka`aafii
nabiifii rasuulli hin beyne isaa kennuu .
Israa`ni qur`aanan
ragga`e. ammoo mi`raajni hadiisa namni hadduun
odeessen ragga`e .
Rabbiin akki je'e
:
]سُبْحَانَ
الَّذِي أَسْرَى بِعَبْدِهِ لَيْلاً مِّنَ
الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ إِلَى الْمَسْجِدِ
الأَقْصَى الَّذِي بَارَكْنَا حَوْلَهُ لِنُرِيَهُ
مِنْ آيَاتِنَآ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ البَصِيرُ
[.
سورة الاسراء آية { 1 }
Ma'naan isaa :
{ Rabbiin waan isaan hin malle hu-ndarraa
qulqullaaye,Kan gabricha isaa Muhammad halkan
keessaa deemsise , isaa dhagayu waytii xiqqoo
keessatti Makkarraa, Hanga beytulmaqdisitti ,Masjidul'aqsgaa
,kan maddii isaatitti barakaa diiniifii dunya'aa
buufne, lagoot-i'iifii ,midhaan isaa
heddommeysinee ,bakka anbiyoonni itti
heddommaatu goonee. Beytulmaqdis biyya shaam
ji-raa, ammoo amma falasxiinin beekkamaa, hanga
amna guyyaa afurtamaati dhaqaa galatti makkarraa
fagaata, du-uba Rabbiin halkanirraa, waytii
xiqqoo keessatti masjida makkaatii, nabi
muhammad kaasee, malaaykan waan ya-abbatu, tan
harre'ee olii ta gaange'ee gadii, tan buraaq
je'-amtu, fiddeefii masjida beytulmaqdis je'amu
dhaqee, achitti anbiyoonni hundi dhufee, isaan
qeebalanii, imaa-ma tayee, isaanin salaatee,
achirraa ammas, wanni samii-dhan koru
dhaabbamteefii, samii torban dabree, isaa warra
samii keessa jiru, malaayka'aafii anbiyaa isa
qeebalu'uuf salfii baaterratti salaammatu bakka
takkaa malaaykan hin gayin,kophaa isaa gayee,
Rabbii isaa argee, kan akkanaa-fii akkanattin
argee himuu hin dandeenye, achitti Rabbiin waan
beekkomsa taye hunda kenneefii, waan uume hunda
garsiisee, jannataafii warra jannataa, ammallee
azaabafii warra azaabaa garsiisee, halkanii
guyyaa keessatti salaata shan kan sawaabni
isi'ii shantamaa, irratti wajjabsiise, Ammas
namni ummata keetirraa waan hamtuu dalagu'uu
ka'ee, dalagu'urraa dhaabbate, homaa isarratti
hin katabu, ammoo yoo dalage dilii takkitti'in
isarratti kataba. ammoo nama waan gaarii
dalagu'uu ka'ee, irraa oole, sawaaba to-kkon
katabaafi,yoo dalage sawaaba khudhanan katabaaf
je'ee gammachiisee akkasitti nabi muhammad karaa
dha-qeen makkatti deebi'ee, ganama halkan sanii
masjida ma-kkatti bayee waan halkan san arge
warra makkatti odee-sse, odeysinaan ,abuubakri
dura dursoo dhugo'oomsee achirraa {abuubakrissaddiiq
} je'amee yaamame, saddiiq jechuun: dhugo'oomsaa
jechu'uu. ammoo kuffaarri mak-kaa kan nabi
muhammad kijibsiisuu ture, waan nabi mu-hammad
je'u dhageenyan,ar'uma kijibsiifnaadhaf, akki
je'an: Muhammad biyya shaam tan nuti hoggaa
naggadaaf yaanu ,guyyaa afurtamatti dhayn'u,
halkan tokkottan dha-qee gale, je'aa, bayaa
je'aniiti irratti wal gayanii, mee be-ytilmaqdisii
dheyxe san, akka isaa nuu himi je'aniin, nabi
muhammad san dura hin dhayn'ee, ammoo weytiin
amma dhaqes halkani, ormi kuffaaraa akkaan
beytulmaqdis bee-kka, duuba hoggaa san jibriil
suuraa beytulmaqdis nabi Muhammad dura qabee
waan kuffaarri irraa gaafate, ta-kka takkaan
himeef, duuba kuffaarri wanni nabi muha-mmad
je'u dhugaa tayuu garraan waan biraa tan nabi
Mu-hammadiin kijibsiisan barbaadaf, naggaadee
isaanii,tan shammadaaf, shaam dheyxee,dhufaaf
karaa jirturraa gaaf-annaan, bakka akkanattin
bira dabree, guyyaa akkanaati saa'aa akkanatti
kan gaalli akkana dura deemu makka see-ntii
je'een, akkasitti eeganii, akkuma nabi muhammad
je'etti galte , wanni Rabbiin waan dachi'ii
samii keessatti uume hunda, halkan san nabi
muhammad garsiisef nabi muhammad guddisu'uufi,
akkasuma waan kuffaarri isa godherratti isa
sabarsiisu'uufi, maalif nabi Muhammad kuffaara
makkaa islaamatti yaameti, irraa qeebaluu did-anii,
zamana dheeraa miidhaa guddoo isa miidhan, duuba
nabi Muhammad ka'eeti diinaa Rabbii biyya biraa
dhaqee facaasu'uu jecha, biyya {xaa'if } je'amtu
dhaqee, na qub-siisa'aa, diin facaasu'urratti na
gargaaraa je'een, haatayuu qubsiisanii gargaaruu
dhiisii, joollee itti diraniiti dhag-a'aan
tumanii, ari'an, akkasitti nabi Muhammad isaa
miilli isaa dhiigan hallame, gara makka as gara
gale, malaaykan Rabbii nabi muhammad kara'atti
qeebaltee akki jetteen: warra akkatti si miidhe
kana lafarraa fin'aa, iznii nu godhi je'aniin,
jennaan nabi Muhammad Rabbiin ilmaan isaanii
kee-ssaa nama Rabbitti amanu baasuun ooluu, hin
fixinaa je'een, duuba nabi Muhammad hoggaa
deebi'ee makka seenu'uu ka'u, kuffaarri makkaa,
makka seenuu dhoowwe, biyya xaa'if tan xilaata
kheenyaa dhaqeeti nuun lolu'uu ka'e je'anii, haa
tayuu jaalli isaa tokko seensisee, akkasitti
dachiin nabi Muhammaditti rakkattee, warri lafaa
isa qe-ebaluu dide. duuba nabi Muhammadii
akkatti jiruu, Rab-biin eega warri dachi'ii
kuffaarri najifni si qeebaluu dide warra sami'ii
xaahiraatu si qeebalu'uu hawwaa, koottu je'ee
yaamee, waa hunda waan ajaa'ibaa isa garsiise,
tan-aaf Rabbiin akki je'e: Wanni gabricha keenya
makkarraa qudsi geessinee ,qudsirraa samii
torban dabarsinee, halk-anirraa waytii xiqqoo
keessatti makkatti deebifneef akka ragaa
dandeytii teenyaa isa agarsiifnu'uufi, waan
qalbii isaa jabeessu, Rabbiin haala nabi
muhammad ni beekhaa, waan inni je'u ni dhagayaa,
waan inni dalagu ni argaa ,tanaaf israa'afii
mikgraajan qananiisee, halkan san ulfina wasana
yookaa daangaan qabneen isa guddise}.
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]وَمَا
يَنطِقُ عَنِ الْهَوَى
*
إِنْ هُوَ إِلاَّ وَحْيٌ
يُوحَى
*عَلَّمَهُ
شَدِيدُ الْقُوَى
*
ذُو مِرَّةٍ فَاسْتَوَى
*وهُوَ
بِالْأُفُقِ الْأَعْلَى
*
ثُمَّ دَنَا فَتَدَلَّى
*
فَكَانَ قَابَ قَوْسَيْنِ أَوْ
أَدْنَى
*
فَأَوْحَى إِلَى عَبْدِهِ مَا
أَوْحَى
*
مَا كَذَبَ الْفُؤَادُ مَا
رَأَى
*
أَفَتُمَارُونَهُ عَلَى مَا
يَرَى
*
وَلَقَدْ رَآهُ نَزْلَةً
أُخْرَى
*
عِندَ سِدْرَةِ الْمُنْتَهَى
*
عِندَهَا جَنَّةُ الْمَأْوَى
*
إِذْ يَغْشَى السِّدْرَةَ مَا
يَغْشَى
*
مَا زَاغَ الْبَصَرُ وَمَا
طَغَى
*
لَقَدْ رَأَى مِنْ آيَاتِ
رَبِّهِ الْكُبْرَى
*
[
سورة
النجم آية { 3-18 }
Ma'naan isaa:{
nabi Muhammad waan dubbatu hun-da lubbuu isarraa
kaasee hin dubbatuu. wanni er-gamaan kiyya
dubbatu hundi waan Rabbiin isa barsiise .qur'aanni
inni itti nama yaamu waan Rabbiin buuse .Qur'aana
nama jaba'aatu Rabbirraa fidee nabi Muhammad
barsiise. Jibri-ilin qur'aana nabi Muhammad
barsiisu sun : kan hanga liphi'ii takkatti
sami'ii bu'ee bayu. inni kan ayli'iifii qaa-mni
isaa guutu'uuti . kan suuraa guddoo Rabbiin
irratti isa uumen nabi Muhammaditti mul'ate .isaa
samii gara ba-yaatin cufee taa'u. jibriil nabi
Muhammaditti gad dhiyaate. ammas akkaan itti
dhiyaatuu ida'ee hanga afaan goobo'oo takkaa
digaanaa lamaan walitti dhiyaatu, nabi
Muhamm-aditti dhiyaate. takkaa sanirra itti
dhiyaate. akkasitti jibriil gabricha Rabbii nabi
Muhammaditti waan Rabbiin itti himi je'een
hime.qalbiin nabi Muhammad waan ijji isaa agarte
hin khijibsiifne. wanni ijji garte kan onneen
isaanii hin kijibsiisin sun jibriil suuraa
malaayka'aatin arguu. kan goflaa dhibba jaha
qabu.si isin yaa warra Rabbitti kafare waan nabi
Muhammad arge kanarratti hin agarre jettanii
nabi Muhammadiin moromtanii.isiniifan khakhadhaa
nabi Muhammad argaa biraa jibriil argee jira
isaa suuraa ma-laayka'arratti jiru. argaan tun
ta gaafa nabi Muhammad sa-mii bayeeti. argaan
duraa tan isaanii gaara hiraa'aa keessa jiru
jibriil itti mul'atee argan. bakkeen nabi
Muhammad argaa boodaa jibriil itti arge {sidratulmuntahaa}
biratti. Sidratulmuntahaa jechuun : Muka
qurqura'aa kan beekk-omsi namaa isa biratti
dhumu. yookaa dhaabbatu.kan achi biran dabarre .kan
malaayka'arraa nam tokko achi bira hin dabarre.
muka qurqura'aa san bira jannata lubbuun warra
Rabbi sodaatufii, lubbuun warra lola haqaa
keessatti ajjee-fameefii, malaaykan galtuutu
jira. layni hundi isa jalaa madda. firiin
qurquraa sanii hanga qulu'uuti . baalli isaa
hanga gurra arbaati .yaroon nabi Muhammad
achitti jibriil arge yaroo sidratulmuntahaa
sanitti, wanni nama dinqu takkaa nama
ajaa'ibsiisu hedduun dhuftu .wanni ajaa'ibaa kan
qurquraa sanitti dhufu, Billaacha ziqiyaa kan
barar-a'aa dhufee irra qubatu. kan baala isaa
hundarra malaay-kan tetteessu wanni odeeffame
nabi Muhammad mukha qurqura'aa san kan nuurri
ukkaamsu, kan ijji isa laaluu hin dandeenye, kan
malaaykan akka girrisaa shinbirro'otti dhuftee
irra qubattu, achitti Rabbi ibaadu'uu jecha .
Nabi Muhammad halkan makkarraa ka'ee
baytalmaqdis dhaqee achirraa samii baye san,
waan san hunda arge .ijji nabi Muhammad nageeyi
isarratti haa jiraatuu waan Rabbiin isa
garsiiserraa gara waan biraa hin jallanne, hin
laalle. ammallee ijji isaa hanga Rabbiin isa
garsiise malee dab-artee waan biraa hin laalle.
kun hadraa Rabbitti adaba ak-kaan eeggatuu
isaaniti nu garsiisa. maalif.yoo namni waa si
garsiise waan san dhiiftee waan biraa laalun
adabaa miti. ammallee hanga si garsiiserra
dabarsitee laalun ada-baa miti. Duuba nabi
Muhammad halkan mi'raajaa san waan Rabbiin isa
garsiiserraa ijji isaanii gara biraa hin mayn'e
.ammallee hanga Rabbiin arguu isaaf wassanirraan
tarkaanfattee ijji isaanii waan biraa hin laalle
.Nabi Muha-mmad nageenyi isarratti haa jiraatuu
halkan Mi'raajaa san aayata takkaa mu'jizaa,waan
Rabbiin uume gugurdoo he-dduu arge.waan inni
argerraa tokko: muka qurqura'aa, kan
sidratulmuntahaa je'amu sani .ammallee
baytulma'muuri .kan qixxee ka'ba'aatin samii
keessa jiru kan malaaykan isaan
xawaaftu.Ammallee jannata ammallee ibidda. Am-malle
jibriil suuraa guddoo inni irratti uumameen
arguu. ammallee samii torbaniifii anbiyootii
isii keessa jirtu ar-guu. duuba nabi Muhammad
nageenyi isarratti haa jira-atuu kana hunda
arguun waan dandeytii Rabbii ammallee nabi
Muhammad qofa waan saniin guddisuu nama gars-iisu
kan nabi Muhammad ergamaa Rabbii tayuu jabeessee
iimaanatti nama yaamu }.
Soddomii
tokkoffaan:
Rabbiin Mu`jizaa akka mu'-jizaa nabi Muhammadii
kennee anbiyoota isa duraatii hin kennine .
nageenyi rabbii isarratti haa jiraatuu.
Ammoo nabi
Muhammad Mu`jizuma taate haa taa-tuu, tan
nabiyyichi tokko isa dura argate, tan inni isii
arg-ate malee hin taane .takkaa kan mu'jizaa
mu'jizaa sanirra guddo`oo argate malee hin taane
.
Namichi umar ilma
sawaad je`amu
tokko akki je'e
Shaafi`iin rabbi
rahmata haa godhuufii wanni naan je`e :
ما
اعطي الله نبياً ما اعطى
I.
فقلت اعطى عيسى عليه السلام إحياء الموتى. فقال
اعطى محمدا حنين الجذع الذي كان يخطب الى جنبه ،
حتى هُيء له المنبر ، فلما هُئ له المنبر ، حنَّ
الجذع ، حتى سُمِع صوتُه، فهذا أكبر من ذلك .
Ma`naan isaa: {
Rabbiin waan nabi muhammadiif kenni nageenyi
Rabbii isarratti haa jiraatuu nabiyyii
tokk-olle`eef hin kennine. jennaan namichi sun
akki je'e : wan-nin shaafi 'iidhan je`e :
rabbiin nabi iisa`aaf nama du`e jir-aachisuu
kennee mitii, jennaan nabi muhammadiif muka
jiraachisee booyuu kenne, je`e. muka duraan itti
irkatee khuxbaa godhuu ture kan minbarri isaaf
godhamnaan mu-ka san dhiisanii minbararratti
khaxxabu`uu ka`an.hoggaa san mukni sun nabi
Muhammadiin adda bayuun itti ulfaa-tee booye
hanga qooqa isaa warri masjida jiru hundi
dha-gayetti .duuba muka jiraachisu`uutu nama
du`e jiraachi`-urra gudda`a naan je'e.
Mu`jizaan
Anbiyoonni dabre kanname marti tan ya-ro`ooti.
tan ijaan arganii hoggaa inni dabre isiinis
dabartu .tan zalaalamii hin hafne. tan nabiyyiin
sun du'uudhan da-bartu . mu`jizaa akkanaa, tana
tan dhuftee dabartu , nabi Muhammadiif
heddu`uutu argame. Sanirraa: jiini isaanii je`ee
baqaquu.aduun isaanii jettee seenu`urraa
dhaabb-atuu. bishaan qubbiin isaanii jiddu`uu
burquu.nyaanni xi-qqaan heddommaatuu. bishaan
hin jirre burquu .mukni isaan dubbisuu .kan akka
mukaafii dhagaan isaanirratti salaammatu'uu.
Dhukkubsataan fayyu`uu.du`aa`in isaaf
qeebalamu`uu. Bishaan xiqqa`aan ashkara hedduu
obaas-u`uu. waan,waan kana fakkaatu hedduu
kenname, mu`ji-zoota tanarra mu'jizaa takka, yoo
rabbi je`e bal`iseetan dubbadha .sun Jiini isaa
je'ee baqaqu`uu .
Mu`jizaan dubbanni
tun, akka mu`jizaa anbiyoota isa duraa,tan
yaro`ooti. odoo nabi muhammed mu`jizoota he-dduu
kopha`aan bayatelle`ee.haa tayuu eega isaan
dabr-anii nageenyi isarratti haa jiraatuu faanti
mu'jizaa sanii ni deemte. takkaa eega nama isii
argeetii ni deemte .namni mu`jizaa hin argin san
qeebalu, nama iimaanni isaa jab-aadhati. kan san
dhugo`oomsu`uun iimaana ida`atu .
Ammoo mu`jizaan
nabii nageenyi isarratti haa jir-aatuu tan
anbiyaa hundarraa kopha`aan bayate,tan waan
addunyaan hafteen haftu. qur`aana rabbiin
nabirratti buuse , kan madditi ,isaa hin
goggoyne.kan ajaa`ibni isaa hin dhumne , kan
faaydan isaa addaan hin cinne .qur`aanni :kan
tikka rabbiitin tiyfame .geeddaru`uufii
jirjiiru`urraa, itti ida`uufii ir`isu`urraa
tiyfame. inni qoma keessatti ,haf-fazamaa .kitaaba
keessatti katabamaa. qorichaafii fayya`a-atu
keessa jira.gorsaafii heeratu keessa jira.oduu
warra dabreetu keessa jira. ammallee haala warra
dhufaa taa`utu keessa jira .qur`aanni haada
rabbii jaba'aati namni isatti amanee jala
deeme, dhugomaan qajeele. namni qur`aana
dhiisee irraa jallate,dhugumaan bade.dhugumaan
hoonga-yee khasaarame
Hadiisa muslim
abuu hureyra`arraa
odeesse kee-ssatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je`e
ما مِنَ الانبياء إلا أُعطي
من الآيات ما مثله آمن عليه البشر ، وإنما كان
الذي أوتيت وحياً ، أوحى الله الىَّ فأرجو أن أكون
أكثرهم تابعا يوم القيامة }
متفق
عليه واللفظ لمسلم
.
Ma`naan isaa :
{nabiyyuma tayee kan mu'jizaa, namni mu`jizaa
akkasiitin amanu, hin kannamin, hin jiru. ammoo
wannin an rabbirraa argadhe waan inni wahyii
natti godhe. takkaa na barsiise sun qur'aanaa .wannin
an khajeelu anbiyoota hundarra ,guyyaa
qiyaama`aa, ummata heddommaatu .
hadiisa kana M. odeesse.
Soddomii
lammaffaan :
{Rabbiin diliin duraatiifii ta boodalleen nabi
Muhamadiif araaramuu.
Waan rabbiin nabi
mohammad qofaa kennerraa to-kko dilii
dabarteefii tan dhuftulleen isaa araaramuu. isaa
jiru ,isaa fayaa qabu. kan lafarra deemu .
Rabbiin akki je`e
]
إِنَّا فَتَحْنَا لَكَ فَتْحاً
مُّبِيناً
*
لِّيَغْفِرَ لَكَ اللَّهُ مَا تَقَدَّمَ مِن
ذَنبِكَ وَمَا تَأَخَّرَ وَيُتِمَّ نِعْمَتَهُ
عَلَيْكَ وَيَهْدِيَكَ مُّسْتَقِيماً
*
اللَّهُ نَصْراً عَزِيزاً *
[ سورة
الفتح آية 1-3
Ma`naan isaa :{Yaa
ergamaa kiyya Muhammad biyya hedduu dirqi'iin
yookaa tolaan qabatuu sii kenninee jirraa.
firdii siif goonee yookaa sii murree jirra.
akka qab-soo teetin fuul dura, biyya makkaa, kan
kuffaarri harkaa qabu tana, qabattu. qabatiinsa
mul'ataa siif murree daba-rsinee jira. Akka
Rabbiin sababaa jihaada keetitiin darajaa tee ol
sii fuudhu, dilii tee ta dabarte hunda siif
araaramuuf ,Ammallee akka waan dilii teetirraa
booda aane hunda siif araaramuuf. Wanni
Rabbiin nabiif araaramuu jihaada-tti rarraasef
ummata isaa, jihaadatti mirqaansu'uufi. maalif
nabiin dilii hin qabu Rabbiitu dilii hundarraa
eegee jiraa. Akkuma anbiyoota biraa hunda
dili'irraa eege, wanni akka dili'ii tan
anbiyootarraa argamtu hundi, arga'aan dilii
fa-kkaatti malee, keessi dili'ii miti. maalif
odoo anbiyoonni waan dilii dalagan tayanii, diin
Rabbii namatti geessu'uuf hin amanaman, Rabbiin
isaan jala deemu'utti nama ajajee jiraa, odoo
isaan dilii dalaganii Rabbiin diliidhatti nama
ajaju'uutu dhufaa.haa tayuu Rabbiin waan
hamtu'utti nam-an ajaju. tanaaf jecha Rabbiin
anbiyaa, yookaa ergamoota isaa,dilii hundarraa
qulqulleesse, araarri anbiyoonni Rabbi khadhatu,
wanni isaanii fidu, darajaa isaanii ol fuudhuu
malee, waan biraatii miti,Ammas wanni Rabbiin
biyya qa-batuu sii mureef qananii isaa sii
guutu'uufi, sitti dhangal-aasu'uufi, Akka
jihaadan biyya si qabachiisuudhan, si
qaj-eelchuufi, irratti si jabeessufi ,Karaa
diriiraa, sun karaa islaamatii Ammallee akka
jihaada keetin biyya makk-arratti si moosisuufi,
Moosisiinsa jabaa }.
Wanni hadiisa
shafaa`aadhaa keessatti dhufe
فيأتوني
فيقولون يا محمد ، أنت رسول الله ، وخاتم الأنبياء
، وقد غُفر لك ما تقدم من ذنبك وما تأخر اشفع لنا
عند ربك
متفق عليه
.
Ma`naan isaa:
{ anbiyoonni natti dhufanii wanni naan je`an
yaa muhammed ati ergamaa Rabbii dhuma
anbiyootatii, diliin duraatifii ta boodaa siif
dhiifamtee, ak-ka cinqii tana keessaa nu baasu
Rabbii keetirra nuu barba-adi naan je`an je'e}
B.M. O.
Ammas hadiisa
shafaa`aadhaa
keessatti wanni dhufe
ولكن ائتوا محمداً عبداً غُفر له ما تقدم من ذنبه
وما تأخر
.
Ma`naan isaa
:{ Warri dirree qiyaama'atti rakkate wanni
waliin je'an ,mee muhammaditti dhaqaa inni
gabr-icha diliin isaa tan dabarteefii ta dhuftu
isaaf dhiifamtee ha nu shafa'uu waliin je`an .
Kun waan
anbiyoonni je`u. afaan iisa`aatin. isaatu akkana
je`ee nabitti qajeelcha. nageenyi isaanirratti
haa jiraatuu dubbii tana keessatti hadiisni
hedduudhaa amma-af hanganuma dubbanna .
Soddomii sadaffaan:
Rabbiin du`aa`ii nabii qee-balamtuu aakhira`atti
isaa dabarsuu.
Waan Rabbiin nabi
Muhammad qofaa kennerraa to-kko: nabi Mohammad
nageenyii isarratti haa jiraatuu du-`aa`ii
takka,ta Rabbiin addunya`arratti isaaf qeebale
aakh-ira`atti achi dabarfatuu .akka achitti waan
fedhe khadhatee argatu. rabbiin anbiyaa hundaaf
du`aa`ii qeebalamtuu mu-ramtuu takka takka kenne
.duuba anbiyoonni hundi nabi muhammed malee
addunyaa tanarratti waan fedhan kha-dhatanii
haajaa itti bayan. isaanirraa nama du`aa`ii
saniin ummata isaa fixuu rabbi khadhatee rabbiin
isaan fixeetu jira. Isaanirraa nama du`aa`ii
saniin adunyaa khadhatee argateetu jira. Ammoo
nabi muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu
du'aa'ii isaa aakhira`atti dabarfate .achitti
waan ummata isaa fayyadu rabbi khadhatu`uuf ol
kaayete .nageenyi isarratti haa jiraatuu.
Hadiisa Muslim
abuu hureyra`arraa
odeesse ke-essatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je`e .
لكل
نبي دعوة مستجابة فتعجل كل نبي دعوته ، وإني
اختبأت دعوتي شفاعة لأمتي يوم القيامة
رواه مسلم
Ma`naan
isaa : { nabiyyiin hundi du`aa`ii
qeeb-alamtuu rabbi biraa qaba .duuba nabiyyiin
hundi ni jarj-arsiifate. du`aa`ii san
addunya`arratti fudhate ummata isaa keessatti.
an ammo hin fudhanee rabbi birattan dhiifadhe.
Yookaa dhoyfadhe.guyyaa qiyaama`aa ummata
khiyyaan shafa`uudhaa jecha}.M..o.
Soddomii afraffaan
:
Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu :
jecha gabaabaa ma`naa heddomm-aatu kenname
nageenyi isarratti haa jiraatu .
Waan rabbiin nabi
Muhammadii kennerraa tokko: dubbii dheertuu
jecha gabaabaadhan fixuu. nageenyi isar-ratti
haa jiraatuu.
Hadiisa muslim
abuu hureyraadharraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je`e :
فُضّّلْتُ
على الانبياء بستّ : أُعطيتُ جوامع الكلم ، ونصرت
بالرعب ، وأحلت لي الغنائم ، وجعلت لي الأرض
طهوراً ومسجداً وارسلت الى الخلق كافة وختم بي
النبيون
روا
ه مسلم
Ma`naan isaa:
{waa jahaanan anbiyootarra
caalchi-fame.{jawaami`al kalim}dubbii dheertuu
jecha gabaaba-dhan walitti qabu`un kenname .
bakka fago`orraa diinni na sodaatu`uunan
gargaarsifeme.waanin xilaatarraa booj-iye
nyaatun halaal naa godhamuu. dachiin masjida ,biy-yeen
xaahira naa godhamuu .waan rabbiin uume hundatti
na erguu .ergaan rabbii naan xumuramuu}
{Jawaami'alkalim}
akka bukhaarin dubbatetti: ra-bbiin dubbii
hedduu kitaabban isa duraa keessatti
ba-rreefamte ,dubbii yookka amrii takka
keessatti yookoo lama keessatti walitti isaaf
qabuu.jecha xiqqa`aan dubbii dheertuu fiduu
dandayuu . rabbiitu beekkaa }.
|