شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
GUDDINA NABI MOHAMMED

duree

 KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
GUDDINA NABI MAHAMMED RABBI BIRAA QABU NAMAA IBSU

   
 

 

KUTAA LAMMAFFA`AA

         qooda tokkoffa`aa : waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti .

Torbaatamii saylaffaan :Fakkeessan yookaa tilmaamni ummata kanaa kitaabban Rabbiin buuse kan dabre keessa jiraatuu .

Wanni Rabbiin ummata kana guddiseen nabiyyii isaanii guddisu'uu jecha, fakkeessaa isaanii kitaabban sami'ii buuse, kan dur keessatti  dubbatuu,tanaaf jecha, warri kitaaba qabu hundi, ummata kana  guutu'utti akeekkaa isaanii , if biraa qaban.hanga hoggaa isaan argan beekanitti.

Rabbiin akki je'e:

] مُّحَمَّدٌ رَّسُولُ اللَّهِ وَالَّذِينَ مَعَهُ أَشِدَّآءُ عَلَى الْكُفَّارِ رُحَمَآءُ بَيْنَهُمْ تَرَاهُمْ رُكَّعاً سُجَّداً يَبْتَغُونَ فَضْلاً مِّنَ اللَّهِ وَرِضْوَاناً سِيمَاهُمْ فِي وُجُوهِهِمْ مِّنْ أَثَرِ السُّجُودِ ذَلِكَ مَثَلُهُمْ فِي التَّوْرَاةِ وَمَثَلُهُمْ فِي الإِنجِيلِ كَزَرْعٍ أَخْرَجَ شَطْأَهُ فَآزَرَهُ فَاسْتَغْلَظَ فَاسْتَوَى عَلَى سُوقِهِ يُعْجِبُ الزُّرَّاعَ لِيَغِيظَ بِهِمُ الْكُفَّارَ وَعَدَ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُواْ وَعَمِلُواْ الصَّالِحَاتِ مِنْهُم مَّغْفِرَةً وَأَجْراً عَظِيماً [                سورة الفتح آية { 29 } .

Ma'naan isaa : { ergamaa Rabbii Nabi Muhammadiifii,Warri isaan wajji jiru asaabonni isaa , Kuffaaratti garaa jabaatanii,hin nayaniif , rahgmata hin godhaniif. Ammoo isaan wal jiddu'utti rahgmata waliif godhan. wal jaalatan. akka abbaadhafii ilmo'otti .ati Isaan garta. isaanii rukuukga godhee sujuudu. isaan guyyaa dhiira lolaatii, halkan dhiira ibaada'aati jechu'. Isaan ibaadaa isaanitiin rahgmata Rabbiiti barbaadan. Ammallee Rabbiin isaanirraa jaalatee,jannata isaan seensisuu barbaadan.Asxaan, yookaa alaaman isaanii fuula isaanirra jirti. sun ifaa  guyyaa  qiyaama'aa , fuula isaanirraa mul'atuu. kan saniin, addunya'arratti salaatun isaanii beekkamu .sun faana isaan sujuuda heddommeysu'uutii  ,takkaa siimaa سيماهم } jechuun : qaaxiraa ibaadaa heddommeysu'urraa, guyyaa fuulli isaanii addaatu jechu'. alaaman adda lafatti if rirrigu'uun argamtu alaamaa qur'aanni dubbate tanaa miti natti fakkaata waan fuula isaanii je'eef. haa tayuu isiinis asxaa salaatati takkaa{ siimaa } jechuun: sodaa Rabbii, tan fuula isaanirraa mul'attu.jechu'.Kuffaaratti garaa jabaatanii mu'minaaf garaa laafun, salaata heddommeysun ,Sifa, takkaa tilmaama isaaniti.sifa orma islaamaa tan towraat keessatti dubbatamte. Ammoo tilmaamni orma islaamaa kan nabi muhammadiin wajji jiru kan injiil iisa'aa keessatti dubbatamte , Akka firii midhaanii ta facaafamtee, magartee hedda lafatti hidhatte .Duuba mayri sun jabaatee Furdatee , damee heddommeysee ,guddatee ,Somayyoo isarra dhaabbatee lalise.Kan warra isa facaase, arga'aafii heddomminaan, gammachiisu. Injiil nabiyyicha maqaan isaa{ AHMAD } je'amuutu ergamaa, hoggaa inni ergame, itti amanaa je'eeti ummata isaatii dhaamee, sifa inni beekkamuun hedduu isaanii hime .sanirraa nabiyyicha saniifii { nabi Muhammadiifii} asaabonni isaa, akka firii takkitti lafatti darbanii magartee heddommaattee ,nama qote gammachiiftuti ,je'e.Dhugumaan fakkeessan kun nabiifii asaabaa isarra bu'e. maalif duraan nabi Muhammad, kophaa isaati islaamatti nama yaamuu .jalqabe .isaa laafa'aa sun akka firi'iiti eegasii heddummaatee jabaate. duuba wanni Rabbiin nabi muhammadiifii diin isaa jabeessef ,wanni akkanatti fakeessef.Akka sababaa saniin kuffaara aarsufi ,Rabbiin warra amanee waan gaarii dalageef ,Ummata nabi muhammadirraa, Akka dilii isaanif araaramu, Ammallee jannata, qananii guddoo keessatti argatu seensisu'uuf if qabee jira. yaa Rabbi isaanirra nu godhi.}

  وعن ابى الدرداء رضى الله عنه قال :سمعت ابالقاسم I يقول : { ان الله عز وجل يقول : ياعيسى إني باعث من بعدك أمة ، إن أصابهم ما يحبون حمدوا وشكروا ، وإن أصابهم ما يكرهون احتسبوا وصبروا ، ولا حلم ولاعلم قال يا رب كيف هذا لهم ولاحلم ولاعلم ؟ قال اعطيهم من حلمى وعلمى }. رواه احمد والطبرانى فى الكبير والأوسط برجال الصححيح

Ma'naan isaa:{abbaan dardaa' akki je'e : Abaa   qaasim nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu isaa hunoo akkana je'un dhagaye: { Rabbiin jabaan guddatee akki nabi iisa'aan je'e : an si booda ummata tokkon erga .ummata yoo waan jaalatu argate Rabbiif galata galchu . kan yoo waa jibbu mudate rabbiif jecha obsu. kan beekkomsi ammallee obsi achi hin jirre. jennaan iisan akki je'e: yaa Rabbi akkamitti haalli kun taya ? kan ilmi'iifii hilmiin hin jirre.Jennaan Rabbiin akki je'een: hilmii tiyyaafii ilmii tiyyarraan isaanii kenna }. ahmadiifii Xabaraani'iitu odeesse. 

وعن الفلتان بن عاصم رضى الله عنه قال : كان النبى فى المجلس فشخص بصره الى رجل فى المسجد يمشى فقال: { أيا فلان } قال لبيك يا رسول الله  ، اتشهد انى رسول الله قال: لا. قال: { اتقرأ التوراة قال: نعم.قال :  { والإنجيل } قال : نعم. قال: { والقرآن ؟ } قال : والذى نفسى بيده لو أشاء لقرأته ،ثم ناشده:{هل تجدنى فى التوراة والإنجيل ؟ } قال : نجد مثلك ومثل مخرجك ومثل هيئتك، فكنا نرجو ان يكون فينا فلما خرجت خفنا ان تكون انت هو فنظرنا فإذا لست انت هو. قال { ولم ذلك ؟ } قال: معه من امته سبعون الفا ليس عليهم حساب ولاعذاب ، وانما معك نفر يسير،  والذى نفسى بيده لأنا هو، وانهم لأمتى وانهم لأكثر من سبعين الفا وسبعين الفا } رواه البزار ورجاله  ثقات 

 Ma'naan isaa : { Sahaabtichi faltaan je'amu tokko rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e : Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu ,odoo masjida keessa jamaa'aadhan  wajji jiranuu nama tokko kan masjida keessa demu arge , arginaan yaa { abalu} je'ee yaame .yaamnan labbeyka yaa rasuulallaahi je'e. jennaan nabi Mohammad akki je'een akkan an ergamaa Rabbii taye ragaa baataa je'een , lakkii hin bayuu je'e . jennaan nabiin tawraat dubbiftaa je'een ee  nan dubbisa je'e. ammas injiil dubbiftaa je'een ee nan dubbisa je'een.  ammas qur'aana dubbiftaa je'een Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuun khakhadhee odo'on fedhee nan qara'a yookaa nan dubbisa je'e. duuba nabiin namicha khaysiisee akki je'een : Tawraatifii injiil keessatti na gartaa je'een. ee nama akka keetii,kan akka keetitti hijraa bayu, kan isin fakkaatu ni garra inni nurraa tayuu khajeella .duuba ati mul'annaan ati isa nuti beynu san tayuu dhabuu sodaannee ,ifirraa laallee, ati isa mitii beyne je'een. duuba nabiin maalifii je'een .jennaan namichi yahuuda'aa akki je'e : nabii nuti eeynu san,wajji nama gaafatamu'uufii, qixaaxamu'uun male'etti jannata seenutu, ummata isarraa ,kum torbaatamni wajji jiraa ati nama xiqqa'aatu si wajji jiraa tanaaf ati waa kan nuti eeynuu miti je'e . jannaan nabiin akki je'e Rabbii nafseen tiyya harka isaa jirtuun khakhadhee nabiin isin ergamuu isaa  eeydan sun Ana. ummanni isin eedan ummata kiyya. isaan kuma torbaatamiifii kuma torbaatamii oli. je'e .} hadiisa kana Bazzaartu odeesse karaa dhuga'aatin

Saddeettammaffaan:Ummanni Muhammad  nageenyi isarratti haa jiraatuu walii galatti beelan hin dhumu ammallee diinni isaan hin tayin, kan hunda isaanii lafarraa fixu, isaanirratti hin mooyu .   

فعن ثوبان رضى الله عنه قال قال رسول الله I : { ان الله زوى لى الأرض ، فرأيت  مشارقها ومغاربها ،وإن أمتى سيبلغ مُلْكُها ما زوى لي منها ، وأُعطيت الكنزين الأحمر والأبيض ، وإني سألت ربى لأمتي ان لايهلكها بسَنَةٍ عامة وان لايسلِّط عليهم عدوا من سوى انفسهم فيستبيح بيضتهم ، وان ربى قال يا محمد قضيت قضاء لا يرد وانى اعطيتك لأمتك ان لا اهلكهم بسنة عامة وان لايسلط عليهم عدوا من سوى انفسهم يستبيح بيضتهم ولو اجتمع عليهم مَن بأقطارها – او قال من بين أقطارها  حتى يكون بعضهم يهلك بعضا و  يسبى بعضهم بعضا  . }  رواه مسلم

Ma'naan isaa : Hadiisa kana keessatti nabiin akki je'e : Rabbiin dachii naa mareetan bayaa dhiya isi'ii arge. Duuba mootummaan ummata kiyyaa hanga naa marame san ni geessi. ma'dana yookaa alboodaa diima'aafii adilleedhan kenname. an ummata kiyyaafan Rabbi kadhadhe, akka abaar, addunyaa hunda wal gayuun, isaan hin fin'e .Ammallee akka diinni isaan hin tayin ,isaanirratti mooyee , mootummaa isaanii deemsisee , lafarraa isaan hin hayn'en isaanii khadhadhe. duuba Rabbiin kiyya wanni naan je'e :yaa Muhammad an yoonan waa mure murtiin tiyya hin deeffamtu. An sii jecha ummata kee akkan oolaa yookaa abaar biyya hunda wal gayuun hin fin'e baallama sii seene. ammas akka diinni isaan hin tayin mootummaa isaanii hin balleessine odoo biyya hundaa itti walitti qabamanille'ee,akka lafarraa isaan hin hayn'e, baallama sii seene.yoo gariin ummata keetii garii balleessuu taate malee hanga gariin isaanii garii isaanii boojiyutti}. hadiisa kana M. odeesse .

عن سعد بن ابى وقاص رضى الله عنه ان رسول الله I اقبل ذات يوم من العالية ، حتى اذا مر بمسجد بني معاوية دخل فركع فيه ركعتين ، وصلينا معه ، ودعا ربه طويلا ، ثم انصرف الينا فقال I {سألت ربى ثلاثا ، فأعطانى اثنتين ، ومنعنى واحدة  ، سألت ربي الا يهلك امتى بالسَّنَةَ  فأعطانيها . وسألته الا يهلك امتى بالغرق فأعطانيها . وسألته ان لايجعل بأسهم بينهم فمنعنيها }                    رواه مسلم.                                 

Ma'naan isaa : { Ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatuu,ganda aaliyaa je'amurraa mandara madiina'aa seenu'uu odoo yaa'anuu,masjida ilmaan mu'aawiya'atti dhufanii seenanii raka'aa lama salaatan . nutis wajji salaanne nabiin du'aa'ii dheertuu godhee Rabbi khadhate. isaa qibla'atti gara galu.eegasii nutti as garagalee wanni je'e, nageenyi isarratti haa jiraatuu { waa sadiin Rabbii kiyya khadhee , lama naa kennee takka na doowwe. Wannin an kadhadhe kan naa kenne: ummata kiyya oolaadhan yookaa abaarin fixuu dhabuu. ammas bishaanin isaan fixuu dhabuu. tana lamaan Rabbiin naaf kenne. akka ummanni kiyya gara gara bayee walin dhooyne  khadhannaan na dhoowwe , je'an }    hadiisa kana Muslimtu odeesse.

وعن خبَّاب بن الأرت رضى الله عنه انه راقب رسول الله I الليلة كلها،فلما سلم رسول الله من صلاته جاءه خبّاب فقال يارسول الله ، بأبى انت وامي ، لقد صليت الليلة صلاة ما رأيتك صليت نحوها، فقال رسول الله I { أجل، انها صلاة رغب ورهب سألت ربى ان لايهلكنا بما اهلك به الأمم قبلنا وعند الترمذى:ان لايهلك امتى بسنه فأعطانيها ،وسألت ربى ان لايظهرعلينا عدوا من غيرنا ، فأعطانيها، وسألت ربى أن لا يلبسنا شيعا فمنعنيها  }  رواه الترمذى وصححه_ والنسائى واللفظ له

Ma'naan isaa : { Khabbaab Rabbi irraa haa jaalatuu halkan tokko nabi Muhammad bira bulee waan isaan halkan guutuu dalagan eega'aa bule, hanga subiin gayutti. duuba hoggaa nabiin salaata isarraa salaammatu khabbaab nabitti dhufee akki je'een yaa ergamaa Rabbii haadhaa abbaa khiyyaan si bitee, halkan idaa salaata takkaa an sii salaata akkasii salaatu hin argin salaatte je'een. ee dhugaa isiin salaata khajeella'aa ta soda'aatii je'een .an Rabbii khiyya  waan ummata duriin fexe , beelan oola'aan nun fixin je'eetan khadhe. duuba Rabbiin khadhaa tiyya naa qeebale. ammas diina nun tayin nurratti moosisuu dhabuudhan khadhe .duuba Rabbiin naaf eehame . ammas gamaa gamana baanee, wal nu dhooysisuu dhabu'un rabbii kiyya khadhe. Duuba san khadhatu'urraa rabbiin kiyya na dhoowwe }

 Saddeettamii tokkoffaan :{ ummanni kun qofti salaata ishaa'iidhaa kennamuu. kan ummanni biraa isii hin salaanne

فعن عبد الله بن عمر رضى الله عنهما قال مكثـنا ذات ليلة ننتظر رسول الله I لصلاة العشاء الآخرة ، فخرج الينا حين ذهب ثلث الليل  او بعده  فلا ندرى أ شيء شغله فى اهله  أو غير ذلك فقال حين خرج : { انكم تنتظرون صلاة ما ينتظرها اهل دين غيركم } .    متفق عليه واللفظ لمسلم

 Ma'naan isaa : {halkan tokko salaata ishaa'iidhaa salaatu'uuf nabi muhammad keeyna . duuba eega halkan harka sadiyirraa harki tokko dabree,  takkaa eegasii nutti gad bayan .nuti waan isaan qabate warra isaanirraa, takkaa waan birarraa hin beynu. duuba hoggaa nutti gad bayan akki je'an : isin salaata  warri diin keessan hin qabne warri diin biraa qabatu  hin  eeyne eeydan.} B.M. odeesse  ammoo jechi kun ka  muslimi.

وعن ابى موسى رضى الله عنه  قال :{... إعتم النبى I بالصلاة حتى ابهار الليل ، ثم خرج رسول الله I فصلى بهم ، فلما قضى صلاته ، قال لمن حضره { على رِسْلِكُم . أعْلِمُكم، وابشروا أن من نعمة الله عليكم انه ليس من الناس أحد يصلى هذه الساعة غيركم، أو قال ما صلى هذه الساعة احد غيركم} متفق عليه واللفظ لمسلم

Ma'naan isaa : { gaaf tokko nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu salaata ishaa'iidhaa dukkaneeffatan .jalqaba waytii isi'itti hin salaannee.hanga walqixa halkanitti booda aansanitti, ammoo eega sanii bayanii isaanin salaatan. duuba hoggaa salaatarraa raaw'atan, nama achi dhufe kan galaa jarjareen akki je'an: { mee suuta ,hin jarjarinaa. Wahin isin barsiisaa, gammadaa waan rabbiin isiniin qananiiserraa,isin malee yaroo tana namni salaatu hin jiru.takkaa nam tokkolleen isin malee yaroo tana hin salaanne } B.M. odeesse.

وفى رواية عن معاذ رضى الله عنه عن النبى I قال : أعتموا بهذه الصلاة فإنكم قد فُضِّلتم بها على سائر الأمم ولم تصلها امة قبلكم }                                         رواه احمد وابو داود

Ma'naan isaa : {Nabiin hadiisa mu'aaz irraa nuu odeesse kana keessatti akki je'e: nageenyi isarratti haa jiraatuu{salaata ishaa'iidha kanaan dukkaneeffadhaa .booda aansaa jechuu. isin salaata ishaa'iidhaa kanaan ummata hundarra caaltanii. salaata ishaa'iidha kana isin dura ummanni tokkolleen hin salaanne.} Hadiisa kana{Ah} abuu{D}  odeesse

Saddeettamii lammaffan ummanni Muhammad anbiyoota hundatti amanuu .   

Wanni Rabbiin ummata kana qofaa kenne. Ummanni kun anbiyoota dabre hundatti amana. isaan hundi gabroota Rabbiitii, isaan obboleeyyanii yaadanii dhugo'oomsan. Ammoo ummanni dabre akka isaanitii miti. fakkeessa'aaf Yahuudan nabi iisa'atti hin amantu nabi muhammadittis nageenyi isaan hundarratti haa jiraatuu hin amantu.ormi kiristaanatis  nabi Muhammaditti hin amanu.nageenyi isarratti haa jiraatuu Ammoo ummanni islaamaa kun anbiyoota hundatti amanan, nama anbiyootarraa maqaan isaa dubbatame maqaa dhawanii, nama maqaan isaanii hin dubbatamin guutu'utti, Rabbiin anbiyoota hedduu qaba je'anii amananii. rahmataafii nageenyi isaan hundarratti haa jiraatuu }.

Rabbiin ol taye akki je'e :

] آمَنَ الرَّسُولُ بِمَآ أُنْزِلَ إِلَيْهِ مِن رَّبِّهِ وَالْمُؤْمِنُونَ كُلٌّ آمَنَ بِاللَّهِ وَمَلائِكَتِهِ وَكُتُبِهِ وَرُسُلِهِ لاَ نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّن رُّسُلِهِ وَقَالُواْ سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا غُفْرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ [.                                          سورة البقرة آية { 285 }

  Ma`naan isaa : { Ergamaan Rabbii Muhammad qur'aana Rabbiin isarratti buuse dhugo'oomsee jira takkaayuu itti amanee jira .Mu'mintoonninis itti amananii jiran, Hundinuu Rabbiifii,malaaykaa isaatifii, kitaabban inni ergamoota isarratti buusefii,ergamoota isaa hundatti amananii jiran,yookaa waan kana hunda dhugo'oomsanii jiran , mu'mintoonni waan akkanatti amanan akki je'u, Ergamoota Rabbii addaan hin babaafnu,takkaayuu hin layyanuu ,hunda isaanitti amanna, akka yahuuda'aafii nasaaran ergamoota Rabbii addaan babaaftee, gari'itti amantee, garii moromtetti, nuti ormi mu'minaa addaan hin babaafnuu itti amannaa je'an.Ammas wanni je'an: yaa Rabbi waan ati itti nu ajajje hunda dhageenye. Waan ati itti nu ajajjeef gad jenne,Yaa Rabbii keenya araarama sirra barbaanna,eega duunee, kaaneti gama kee deebinaa nuu araarami je'anii rabbi kadhatan .

Rabbiin ol taye  akki je'e:

] وَقَالُواْ كُونُواْ هُوداً أَوْ نَصَارَى تَهْتَدُواْ قُلْ بَلْ مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ حَنِيفاً وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ * قُولُواْ آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَآ أُنْزِلَ إِلَيْنَا وَمَآ أُنزِلَ إِلَى إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالأَسْبَاطِ وَمَآ أُوتِيَ مُوسَى وَعِيسَى وَمَا أُوتِيَ النَّبِيُّونَ مِن رَّبِّهِمْ لاَ نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ [. سورة البقرة آية { 135 –136 }

 Ma'naan isaa : { Yahuudan orma islaamatiin akki jette; yahuudaa tayaa, hoggaa san qajeeltanii, ormi kiristaanaa yookaa nasaara'aa wanni orma islaamatiin je'e ; nasaaraa, takkaa kiristaana tayaa , hoggaa san qajeeltanii je'aniin. hoggaa san Rabbiin isaanirratti deebisu'uu jecha, akki je'e ,Wanni yahuuda'aafii nasaara'aan jettan; karaan nuti qabannu, karaa keessanii mitii, karaa nabi ibraahiimi je'aadhan, nabi ibraahiim karaa jallaa hunda dhiisee karaa qajeelaa qabate,Nabi ibraahiim nama Rabbitti kafaree  miti ,  hiriyaa  Rabbiif godhee takkaayuu ilma  isaaf  godhee, akka yahuudan { uzeyri } ilma Rabbiiti jettee , nasaaranis {iisa'aan} ilma Rabbiiti jettee kafartetti. nabi ibraahiim waan Rabbi uume Rabbitti qindeessu'uun hin kafarre, inni nama tokkummaa Rabbitti amane, kan Rabbitti waa fakkeesu'urraa fagaate, duuba kanumaan wajji yahuuda'aafii , nasaaran karaan keenya karaa nabi ibraahiimi jettee falamaa dhiisuu dinnaan ,Rabbiin yaada isaanitiifii ,yaada orma islaamaa addaa fooyu'uu jecha, orma islaamatiin akki je'e : Rabbii tokkichatti amanne je'aa , Qur'aana nuuf buufametti amanne, Kitaaba nabi Ibraahiimirratti buufamettis amanne,takkaa waan Rabbirraa gara nabi ibraahiim dhufetti amanne,waan nabi ismaa'iil,ishaaq, ya'quub, ilmaan isaa asbaaxirratti buufamettis amanne,waan nabi muusa'arratti buufamettis amanne,takkaayuu waan isaaf kennametti amanne , kan akka towraat,Waan nabi iisa'aa kennamettis amanne,kan akka injiil, Waan ergamoonni Rabbii isaanirraa argatan hundatti amanne,akkuma anbiyoota hundatti amanne ,Anbiyoota Rabbii addaan hin baafnu ,gari'itti amannee gari'itti kafarree,akka yahuuda'aafii nasaaran ,garii ergamoota Rabbii dhugo'oomsanii ,garii isaanii kijibsiisanii kafaranii, adda babaasanitti nuti ormi islaamaa ergamoota Rabbii addaan hin baafnu, hundinuu gabroottan Rabbii tayuu yaanna, hunda isaanii ni jaalanna . Nuti Rabbumaaf gad jenna ,Rabbii tokkicha gabbarra je'aatii yahuuda'aafii nasaaraa beysisaa je'een Rabbiin orma islaamatiin.

Ammas Rabbiin akki je'e:

] قُولُواْ آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَآ أُنْزِلَ إِلَيْنَا وَمَآ أُنزِلَ إِلَى إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالأَسْبَاطِ وَمَآ أُوتِيَ مُوسَى وَعِيسَى وَمَا أُوتِيَ النَّبِيُّونَ مِن رَّبِّهِمْ لاَ نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ [              سورة البقرة  آية { 135136 }

Ma'naan isaa : { Yahuuda'aafii , nasaaran, yoo kan Rabbitti amanuu didan taate,wanni isaanin jettu,Nuti Rabbitti amanne,waan Rabbiin nurratti buuse,qur'aanatti amanne, waan nabi ibraahiimirratti buufamettis amanne. waan nabi ismaakgiiliifii ishgaaqirratti buufamettis amanne, waan nabi yakgquubifii, ilmaan isaa kanneen { asbaax } je'amurratti buufamettis amanne ,waan nabi muusa'aafii nabi iisa'aaf kenname.waan isaanirrattis buufametti amanne, waan anbiyoonni biraa hundi Rabbii isaanirraa argatanitti amanne. Anbiyoota Rabbii tokkoo isaanii kaanin addan baafnuu,hunda isaanii itti amanna,garii isaanitti amannee dhugo'oomsinee kaanitti kafarree kijibsiifnee adda isaan hin baafnu,akka yahuuda'aafii nasaaran garii anbiyootaa , kan akka nabi muusa'aatifii iisa'atti amananii, garii isaanii kan akka nabi Muhammaditti kafaranii, anbiyoota Rabbii adda baasanitti, nuti ormi islaamaa addaan isaan hin baafnu, hundi isaanii ergamoota Rabbiitii ,gabroottan isaatii, karaa qajeelaa tokkummaa Rabbii yaadu'utti nama yaamu'uu ergaman jechaa yaanna, je'iin ,Nuti Rabbii tokkicha gabbarra, isaaf gad jenna, isa malee waan biraatin Rabbi  hin jennu, islaama jechuun akkana}. 

Ammas Rabbin akki je'e:

 ] وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَقَفَّيْنَا مِن بَعْدِهِ بِالرُّسُلِ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ أَفَكُلَّمَا جَآءَكُمْ رَسُولٌ بِمَا لاَ تَهْوَى أَنْفُسُكُمْ اسْتَكْبَرْتُمْ فَفَرِيقاً كَذَّبْتُمْ وَفَرِيقاً تَقْتُلُونَ *وَقَالُواْ قُلُوبُنَا غُلْفٌ بَل لَّعَنَهُمُ اللَّهُ بِكُفْرِهِمْ فَقَلِيلاً مَّا يُؤْمِنُونَ  * وَلَمَّا جَآءَهُمْ كِتَابٌ مِّنْ عِندِ اللَّهِ مُصَدِّقٌ لِّمَا مَعَهُمْ وَكَانُواْ مِن قَبْلُ يَسْتَفْتِحُونَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُواْ فَلَمَّا جَآءَهُمْ مَّا عَرَفُواْ كَفَرُواْ بِهِ فَلَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى الْكَافِرِينَ [.          سورة البقرة آية { 87 – 89 }

Ma'naan isaa :} Rabbiin aayatoota tana keessatti haala ilmaan israa'iilifii, badii isaan nabi muusa'aafii nabi iisa'aafii nabi muhammaditti, akkasuma anbiyoota biratti  dalagan nuu dubbata .Rabbiin akki je'e: Nabi muusa'aaf kitaaba towraat je'amu dhugumaan kenninee jirra. Eega isaatii anbiyoota hedduu ergine , ergaa isa faana deemsifne jechu'u,Nabi iisaa ilma maryamiif waan ergamaa Rabbii tayuu isaa baysisu kenninee jirra,Jibriilin isa jabeessinee jirra , kan bakka nabi iisan deemu hunda wajji deemu, Si isin  yaa ilmaan israa'iil ? hogguma ergaan keenya isinitti dhufte hunda,Waan lubbuun teessan hin jaalanneen ,Mataa ol qabataniiti, waan isaan isinittiin dhufan eehamuu diddanii ? Garii isaanii kijibsiiftanii , kan akka nabi iisa'aa, Garii isaanii ajjeeftanii, kan akka nabi zakariyya'aa ..Nabi Muhammad yahuuda'aan amanaa jennaan , yahuudan akki jette ;qalbiin teenya daboollaa, yookaa qolofa qabdii,waan ati jettu hin dhageessu je'an, isan akkana jennaan Rabbiin wanni je'ee isaanirratti deebise,Yaa ergamaa kiyya Muhammad ormi yahuuda'aa kun karaa  ati itti  yaamtu dhagayuu dhabuun isaanii, waa qalbiin isaanii daboollaa qabaatu'uufii mitii, wanni dhagayuu diddeef sababaa kufrii yookaa balleessaa isaanitiifi, Rabbiin rahmata yookaa karaa gaariidharraa isaan fageesse.Tanaaf jecha namni yahuuda'arraa islaamayu nama xiqqa'a , takkaa iimaanni isaanii xiqqa'.Hoggaa kitaabni Rabbirraa isaanitti dhufe , hoggaa qur'aanni nabi Muhammadirratti bu'e,Kan waan kitaaba yahuudi'ii keessa jiru, kan Rabbiin nabi muusa'arratti buuse dhugo'oomsu,Odoo nabi Muhammad ergamee qur'aanni irratti hin bu'in dur,yahuudan maqaa muhammadiin gargaarsa Rabbirraa barbaaduu turte, odoo nabi Muhammad hin ergamin dura,hoggaa yahuuda'aafii kuffaarri kuun wal lole , yahuudan orma kuffaaratiin akki jettu ; nuti warra kitaaba qabuu, nabiyicha tokkootu ergamu'uu taa'aa, gaafa inni ergame, isatti amanneeti isaan wajji isin fin'a je'aniin , ammas yahuudan akki jettee ; Rabbi khadhatuu turte,hoggaa kuffaaran wal lolan yaa Rabbi nabiyyicha zamana boodaa keessa ergamu, kan milikkata isaa towraat keessatti nuu himte sanii je'iitii nuu dirmadhu je'aniiti dirmachuu Rabbirraa barbaadan ,{yastaftihuuna} jechuun; dirmachuu barbaadan jechu`u. Duuba hoggaa nabi Muhammadiin ,isaan milikkataan akka ilmoo isaanitti beekhan , kan isatti amanu'uu jecha isa eegan dhufe , takkaa ergame , Moromaniiti itti amanuu didan. Duuba badiin Rabbii isaanifii warra akka isaanitti kafare hundarratti haa jiraattu, wanni yahuudan nabi Muhammadii duraanuu asxaadhan beytu, kan eega inni ergamee  milikkata,yookaa asxaa Rabbiin towraat keessatti dubbate irratti agarte itti amanuu diddeef , yahuudan hoggaa duraa wanni yaaddu, nabiyyichi ergamu yahuuda'arraa tayu', duuba nabi Muhammad arabarraa tayuu garraan, akkmitti nabiyyicha yahuudaa hin tayinitti amanna je'anii qeebaluu didan .maalif akka isaan yaadanitti isaanirraa malee Rabbiin gosa birarraa anbiyaa hin ergu , duuba Rabbiin akki je'e: abaarsi Rabbii warra dubbii Rabbii moromurratti haa jiraatu}.

Amma Rabbiin akki je'e:

 ]  الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَاءَهُمْ وَإِنَّ فَرِيقاً مِّنْهُمْ لَيَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَهُمْ يَعْلَمُونَ      [.                   سورة البقرة آية { 146 }

] الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَآءَهُمُ الَّذِينَ خَسِرُواْ أَنْفُسَهُمْ فَهُمْ لاَ يُؤْمِنُونَ [.                                سورة الانعام آية { 20 }

Ma'naan isaa : {Warri mushafa yookaa kitaaba isaanii kennine, yahuuda'aafii nasaaran, akka nabi Muhammad ergaa Rabbii taye , akka karaan isaa haqa taye ni beekhan . Akkuma ilmaan isaanii beekhanitti, wanni beekhaniin: alaamaa yookaa milikkata Rabbiin kitaaba isaanii keessatti dubbate ,tan nabi Muhammadirratti arganiini beekan. Qaalichi yahuudi'ii kan abdullahii ibnu salaam je'amu , kan islaamaye tokko, akki je'e, nabi Muhammad, argumaanin, akkuman ilma kiyya beekkutti beekhe. Inumaa beekkomsan an nabi Muhammad, argumaan ergamaa Rabbii tayuu isaa beekhetu , beekkomsan an ilmi kiyya ilmuma kiyya tayuu beekhurra caala , takkaayuu jabaa. Maalif, akka nabi Muhammad ergamaa Rabbii taye, Rabbiitu naaf akheekhe. wanni Rabbiin dubbate maman qabdu ammoo ilmi kiyya ilmuma kiyya tayuu haadha isaatu naa hime , tanaaf jechan beekkomsin an nabi Muhammad ergamaa Rabbii tayuu beekhu beekkomsan ilmi kiyya dhugumaan ilma kiyya tayuu beekhurra akkaan jabaa je'e, aalimtichi warra Rabbiin kitaaba kenneef kan abdullaahii ibnu salaam je'aniin akkas je'e, Haa tayuu warra kitaaba kennamerraa warra gari'iitu jira, kan odoo beekhuu haqa dhoysu, kanneen odoo akka nabi Muhammad ergamaa Rabbii taye alaamaa isaa kitaaba isaanii keessatti arganuu bira dabran takkaayuu haqanii namarraa dhoysantu jira. Warri yahuuda'aafii nasaara'aa kanneen odoo nabi Muhammad beekhanuu qeebaluu didanii, lubbuu ifii galaafatan , azaaba haqa godhatu'uun , Isaan sun nabi Muhammaditti hin amanan , isaan warra beekha'aa didu kan qalbiin isaanii goggoydee }

Saddeettamii sadeessan : Rabbiin ol taye , ummata kana haqa waaqaa balleessu'urraa , ammallee ir'isu'urraa tiysuu .

Yahuuda'aafii nasaaran wasana Rabbitti dabranii Rabbitti balleessa : ilmoo qaba , jaartii qaba, shariika yookaa hiriyaa qaba , Rabbiin faqiira, isaan dureeyyii ,harki Rabbii hidhaa je'anii. Rabbiin harka isaanii haa hidhuu.

 Ammoo Rabbiin ummata kana balleessaa ummanni dur keessa bu'e hundarraa tiyse. tanaaf jecha isaan Rabbii isaanii shariikafii,jaarti'iifii , ilmo'orraa qulqulleessan.

Rabbiin akki je'u :

 ]وَقَالَتِ الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى نَحْنُ أَبْنَاءُ اللَّهِ وَأَحِبَّاؤُهُ قُلْ فَلِمَ يُعَذِّبُكُم بِذُنُوبِكُم بَلْ أَنتُمْ بَشَرٌ مِمَّنْ خَلَقَ يَغْفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ وَللَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَإِلَيْهِ الْمَصِيرُ [                         سورة المائدة آية { 18 }

Ma'naan isa : { Yahuudi'iifii nasaaran  akki je'an : nuti ilmaan Rabbiitii , ammallee jaalalloota isaati je'an , akkana jechuun isaanii Rabbiin akka ilmaan isatti nu laalaata. Nama hundarra nu jaalata jechu',Yaa ergamaa kiyya Muhammad wanni isaanin jettu : yoo ilmaan Rabbiitifii  jaalallee isaa taatan maalif hoggaa isin cubbuu dalaydan yookaa dilii dalaydan isin qixaaxa , addunya'arratti isin ajjeessu'uun, aakhira'atti ibidda isin seensisu'uun,akka isinuu hanga guyyaa afurtamaa ni gubannaa yaaddan, abbaan ilman qixaaxuu, jaalli jaallan dhibu, maalif Rabbiin ibiddaan isin guba yoo kan dhugaa dubbattan taatan ? tanaaf jecha nuti ilmaan Rabbiitin ammallee jaalalloota isaatin isin jettan kijibaa , dhugaan isin ilmaan Rabbiitii mitii, ilmaan namaa kan Rabbiin uume , isin waanuma ilmaan namaa qaban qabdan , toltuu taatuu hamtuu taatuu , Rabbiin nama fedheef ni araarama , nama fedhe ni qixaaxa , namni waan inni dalagu dura dhaabbatuu dandayu hin jiru ,Sami'ii dachiin, ammallee wanni isaan lamaan jidduu jiru hundi waan Rabbiiti , isaatu uumee isaatu qaba ,Wanni hundi gara isaati deebitii waan isaan dalagan hundarraa isaan gaafatu'uu jiraata. }

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ] وَقَالَتِ الْيَهُودُ عُزَيْرٌ ابْنُ اللَّهِ وَقَالَتْ النَّصَارَى الْمَسِيحُ ابْنُ اللَّهِ ذلِكَ قَوْلُهُم بِأَفْوَاهِهِمْ يُضَاهِئُونَ قَوْلَ الَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَبْلُ قَاتَلَهُمُ اللَّهُ أَنَّى يُؤْفَكُونَ *  اتَّخَذُواْ أَحْبَارَهُمْ وَرُهْبَانَهُمْ أَرْبَاباً مِّن دُونِ اللَّهِ وَالْمَسِيحَ ابْنَ مَرْيَمَ وَمَآ أُمِرُواْ إِلاَّ لِيَعْبُدُواْ إِلَـهاً وَاحِداً لاَّ إِلَـهَ إِلاَّ هُوَ سُبْحَانَهُ عَمَّا يُشْرِكُونَ *  [     سورة التوبة آية 30 31

Ma'naan isaa : { Yahuudan namni { Uzeyri } je'amu tokko ilma Rabbiiti jette,Nasaaranis { iisan } ilma Rabbiiti jette, { masiihg } iisaadhaa yookaa yasuu'I ,Wanni isaan je'an sun , waanuma afaan isaanitiin je'an, kan dhugaa hin tayin, kan waan itti irkatanii je'an hin qabne. Dubbiin isaanii tun, waan warri kafare, kan isaan dura dabre je'u fakkaatti , akkuma isaan kafaranitti kafaran, san jala deemanii , kan dhuga'aafii kijiba addaan hin laalin,{ yudgaahi'uuna يضاهئون }  jechuun ; fakkaatan jechu', makgnaan isaa; nasaaran iisa'aan ilma Rabbiiti jechuun  yahuudan {uzeyrin} ilma Rabbiiti je'uu fakkaata, yahuuda'arratti laallattee, nasaaran akkas jette,waan yahuudan isaan dura dabartee , uzeyri ilma Rabbiiti jetteef .ormi kiristaanaa iisan ilma Rabbiiti je'e, Rabbiin isaan haa balleessuu, yookaa isaan abaaree , Mee laali akka itti haqarraa fagaatan , yookaa deeffaman , odoo haqa tayuu arganuu.

Warri yahuuda'aa : kan {uzeyri} gabricha Rabbiitin , ilma Rabbii je'u sun , karaa khabiirrotii isaaniti qabatan ,Warri nasaara'aatis kan iisa'aan ilma Rabbiiti je'u , karaa qeessota isaaniti qabatan.Rabbii gudda'aa achitti isaan Rabbi godhatanii, waan khabiirroti'iifii , qeessowwan haraam godhaniifii, waan isaan halaal godhan qabatanii, waan Rabbiin je'u didan , Iisaa ilma maryamis Rabbii achitti Rabbi godhatanii , karaa Rabbirraa bayan, Isaan akkatti Rabbii achitti  waan biraa gabbaran sun, towraatifii , injiil keessatti,Rabbii tokkicha malee waan biraa ibaadu'utti yookaa gabbaru'utti hin ammaramne, yookaa hin ajajamne .duuba kanumaan wajji yahuudan uzeyrin ilma Rabbiiti jettee, nasaaran yookaa ormi kiristaanaa iisa'aan Rabbi yookaa ilma Rabbii je'anii Rabbitti waa qindeessan .Rabbi malee Rabbiin biraa hin jiru. Rabbiin waan kuffaarri yahuuda'aatifii, kiristaanni itti qindeessurraa qulqullu'u , inni tokkichaa lama jechaa hin  qabu.}

Ammas Rabbiin akki ja'e

 ]وَقَالَتِ الْيَهُودُ يَدُ اللَّهِ مَغْلُولَةٌ غُلَّتْ أَيْدِيهِمْ وَلُعِنُواْ بِمَا قَالُواْ بَلْ يَدَاهُ مَبْسُوطَتَانِ يُنفِقُ كَيْفَ يَشَآءُ وَلَيَزِيدَنَّ كَثِيراً مِّنْهُم مَّآ أُنزِلَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ طُغْيَاناً وَكُفْراً [                                         سورة المائدة آية { 64 }

        Ma'naan isaa :{Yahuudan akkuma namaan wajji adaban qabne,Rabbiin wajjis adaban qabne. tanaaf jecha  hoggaa  Rabbiin sababaa   isaan nabi Muhammaditti kafaraniif rooba irraa kutee, horiin duraan kenneef , duraa dhumee , hiyyooman akki jetti;harki Rabbii waa kennu'urraa hidha'a , takkaa maraa jette akkana jechuun isaanii Rabbiin doyn'a jechu', Rabbiin waan isaan je'anirraa qulqullaaye , haa tayuu akkana jechuun isaanii adaba dhabu' , mee akkamiin Rabbiin isaan uumee, mata'aa, miila, gurraa, ija, ammallee waan biraa isaanii kenne doyn'a taya ? duuba Rabbiin akki je'ee isaanirratti deebise, Harki isaanii haa hidhamu dalagaa kheyri'ii hundarraa harki isaanii haa qabamu je'ee isaan abaare , Sababaa isaan dubbii hamtuu tana Rabbiin je'aniif, Rabbiin isaan abaare, rahgmata isarraa isaan fageesse , Dubbiin akka yahuudan jettuu mitii, harki Rabbii bal'a'a , akkana jechuun ; Rabbiin arja' jechu', Kan  akka  fedhetti waa  kennu ,kan fedhetti bal'isee,kan fedhetti dhiphisee,waan dantaan gabricha isaa, kennaa yookaa dhoowwaa keessa jiraatu beekuf jecha, maalif nama meeqaatami kan yoo quufe Rabbii ifii irraanfatu , tanaaf jecha namni bakka afuritti qoodama;

1Nama durumma'aafii hiyyummaa keessatti Rabbi sodaatu,

2Nama durumma'aafii hiyyummaa keessatti Rabbi hin sodaanne,

3Nama yoo duroome Rabbi sodaatu, kan yoo hiyyoome Rabbi hin sodaanne,

4Nama yoo duroome Rabbi hin sodaanne, kan yoo hiyyoome Rabbi sodaatu, Rabbiin kana hunda beekhaa kanatti bal'isee kaanitti dhiphisa,

Yaa ergamaa kiyya Muhammad qur'aanni sirratti buufame kun orma yahuuda'arraa nama heddu'utti jallina , ammallee kufrii ida'a , waan qur'aanatti amanuu didaniif  jecha, }

Ammas waaqni akki je'e :

 ]لَّقَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّذِينَ قَالُواْ إِنَّ اللَّهَ فَقِيرٌ وَنَحْنُ أَغْنِيَآءُ سَنَكْتُبُ مَا قَالُواْ وَقَتْلَهُمُ الأَنبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَنَقُولُ ذُوقُواْ عَذَابَ الْحَرِيقِ  *ذلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلاَّمٍ لِّلْعَبِيدِ [.    سورة آل عمران آية { 181 – 182 }

Ma'naan isaa : { Rabbiin jecha, warra Rabbiin hiyyeessaa nuti dureeyyii je'uu , dhagayee jira , warri akkana je'e, yahuuda'aa.waan isaan je'an katabneeti ol keenya, kitaaba dalagaan namaa itti katabamtee ol kaayamtu keessatti , Ammas ajjeechaa isaan anbiyoota haqa male'etti ajjeesanis katabneeti ol keenya, malaaykan dalagaa namaa katabdu katabdee,Ibidda azaabaa kan nama gubu seensifnee, dhandhamaa isaanin jenna , guyyaa boruu . Qixaan'i nuti isin qixaan'u sun , Sababaa waan isin dalaydaniitifi , waan harka keessaniin dalaydanii dabarsitantu , sababaa isinitti taye , Rabbiin gabroota isaa hin miidhu, waan isaan hin dalaginiif nam  tokkollee hin qixaaxu .}

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ]لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَآلُواْ إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَم [

        سورة المائدة آية { 17 }

Ma'naan isaa :{Warri nasaara'aa kanneen iisan ilmi maryam Rabbi je'u , yookaa Rabbiin ilma maryami je'u :dhugumaan kafare .dhugumaan Rabbii isaa morome }

 Ammas Rabbiin akki ja'e: 

 ]لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُواْ إِنَّ اللَّهَ ثَالِثُ ثَلاَثَةٍ [ سورة المائدة آية { 73 }

ma'naan isaa : { Warri Rabbiin sadii je'u , yookaa {iisan} Rabbi je'u , yoo waan je'an sanirraa dhoowwamanii, tokkummaa Rabbii yaaduu baatan, Warra isaanirraa {iisan} Rabbi yookaa Rabbiin sadii je'uudharraa deebi'uu dide, azaabni isaan laalessu isaan tuqa , sun ibiddi isaan gubuu , yoo isaanii{ iisan } Rabbi yookaa Rabbiin sadii jechaa yaadu du'an.

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ] وَإِذْ قَالَ اللَّهُ يعِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ أَأَنتَ قُلتَ لِلنَّاسِ اتَّخِذُونِي وَأُمِّيَ إِلَـهَيْنِ مِن دُونِ اللَّهِ قَالَ سُبْحَانَكَ مَا يَكُونُ لِي أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِي بِحَقٍّ إِن كُنتُ قُلْتُهُ فَقَدْ عَلِمْتَهُ تَعْلَمُ مَا فِي نَفْسِي وَلاَ أَعْلَمُ مَا فِي نَفْسِكَ إِنَّكَ أَنتَ عَلاَّمُ الْغُيُوبِ [. سورة المائدة آية { 116 }

Ma'naan isaa : { Yaa ergamaa kiyya muhammad, waan guyyaa qiyaama'aa Rabbiin nabi iisa'aan je'u dubbadhu. wanni Rabbiin guyyaa qiyaama'aa nabi iisa'aan je'u ummata isaa xixuudhaa jecha : Si siitu ummata keetin Rabbii guddaa dhiisaadhaa,anaafii haadha  tiyya Rabbii lama godhaa je'ee ? tanaaf jecha na dhiisanii siifii haadha tee {maryam} Rabbi godhatanii gabbaranii ? je'een ,Jennaanin nabi iisan rifatee akki je'e , Yaa Rabbi si malee Rabbi jiraatu'urraa sin qulqulleeysa,waan siin hin malle hundarraa sin qulqulleeysaa,{subhgaanaka}jechuun; sin qulqulleeysa jechu'uu,Waanin je'uu haqa itti hin qabne , namaan je'uun naaf hin tayu , namaan Rabbi na godhaa haadha tiyya Rabbi godhaa , Rabbii naafii isin uume dhiisa'aa jechuun haqa kiyyaa miti,Yaa Rabbi odo'on akkas je'ee, silaa atuu beeyte, akkan an Rabbi na godhaa orma kiristaanatiin hin je'in atuu beytee jirta jechuu ,Waan nabsee tiyya keessa jiru hunda ni beyta ,Waan ati beytu an hin beekhu ,Ati kan waan namarraa dhokhate hunda beekhuu . }

Ammoo  aqiidan islaamaa tan ormi islaamaa yaadu  Rabbiin kan waa hunda uume kan waa takka hin fakkaanne. kan waa takka isan fakkaanne.dureessa waa takkatti hin haajamne. kan wanni hundi  gara isaa haajamtu

Rabbiin akki je'e:                                       

 ] لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ  [ سورة  الشورى آية {11{

Ma'naan isaa: {Wanni Rabbi fakkaataa takkalleen hin jirtu,Rabbiin fakkaataa hin qabu. yoo sheyxaanni fakkii akkanaati qaba siin je'e jalaa didi namni Rabbiin wahi fakkaata je'e, namni Rabbiin wahitti haajama je'e namni Rabbiin haala tokkorraa haala tokkotti jirjiirama je'u kaafira.waan qur'aanafii hgadiisarraa dhufe,kan makgnaan isaa gubbaa yoo laalan, makgnaa aayata kanaatin aayata dabarsineen wal dhabu , akkuma inni dhufetti qaraana. Rabbiin waa takka hin fakkaatuu yaadu'uun wajji..Rabbiin kan waa  takkan fakkaanne, kan waa takka isan fakkaanne sun ,kan waa dhagayu kan argu kan waa takka isarraa hin  dhukhanne , Rabbiin dhagayaa argaa, dhageeyti'iifii argaa isaan maltu .tan wanni takkalleen isan fakkaanne.}

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ]قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ * اللَّهُ الصَّمَدُ  *لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ *وَلَمْ يَكُنْ لَّهُ كُفُواً أَحَدٌ  . [                                              سورة الاخلاص آية { 14 }

Ma'naan isaa: { Suuran tu  suuratul'ikhlaas je'amti isiin eega suuratunnaasii buute .sababaan isiin buutef orma  kuffaaratiitu nabi Muhammadiin mee waan Rabbiin kee taye nuu hime inni dhaga'arraa tolfamemoo ziqiyarraa,yookaa mukarraayimoo, nama haati gara'atti  ba'attee dhalte ? je'anii gaafannaan Rabbiin suuraa tana buusee wanni nabiin je'e : yaa ergamaa kiyya muhammad orma kuffaaraa saniin akki jettu : Rabbiin kiyya tokkicha waan isa fakkaatu hin qabne kan namni dalagaa akka dalagaa isaa dalagu hin jirre .kan namni beekkomsa akka beekkomsa isaa qabu hin jirre. kan namni humna akka humna isaa qabu hin jirre .inni kan hiriyaa hin qabne .waa takka keessattillee. maalif Rabbiin odoo lama tayee wal didda'aatu dhafa .wal diddaan dhufnaan badi'iitu dhufaa. wanni argamaa hin jirtu.wanni qajeelee deemulleen hin jirtu .haa tayuu wanni nuti laallee garru uumaa bareedduu dabiinsan qabne .tan wal dhabiinsan qabne .tan namni isii uume tokko tayuu himtu kan beekkomsa qabu jiraa duuti isaan hin malle kan waan uume hunda hin daganne kan waan guutuu malee ir'uun isaan hin malle .Rabbiin isa namuu itti haajamu. kan wanni isarraa duroomu hin jirre . kan ilmoon garaa haadhaa keessatti itti haajamtu .kan qurxummiin bishaan keessatti itti haajamtu.kan namni dhukkubsatu fayya'aaf itti kan rooba haa nuu roobsu'uuf itti haajamnu.{ sgamad } jechuun kan namaa saani itti haajamu dureessa wahitti hin haajamne kan wahayyuu isatti haajamu jechuu. Rabbii waan dhalle. maalif ilmoon jaarti'itti haajamti wanni jaartii fuudhanii cinqii isi'ii ba'atanii wajji jiraatu'utti geessu haajaadhaa haajan sun ilmoo yoon dulloome na gergaartu haa naa dhaltu'uu jecha itti haajamanuu waan biraatii jecha itti haajamanuu. duuba kun hundinuu ir'ummaadhaa waan Rabbiin maluu miti. Rabbiin kan wanni uumame hundi gabroota isaa taate , duuba akkamiin gabra namaa tayu'uufii ilma namaa tayuun walitti qabamti .Rabbiin kan guyyaa keessaa dhalatee miti. kan eega hin jirree argamee miti. kan duruma jiru .Wanni eega dhabamaatii argame waaqa yookaa Rabbi hin je'amu. Maalif namni eega dhabamaatii argame nama isa argamsiisutti haajama. Wanni haajamu inuma Rabbi hin je'amtu Rabbiin dureessa waa takkatti hin haajamnee. tanaaf jecha wanni guyyaa keessaa argame, takkaa dhalate, haadha qofarraa uummuu kan akka nabi iisa'aa. Takkaa abbaa qofarraa uumamuu tan akka hawwa'aa tan aadamirraa uumate. takkaa nama haadhaa abbaa malee uumame tayuu kan akka Aadam. takkaa nama haadhaa abba'arraa uumame tayuu, kan akka keenyaa.takkaa waan ibiddarraa uumame tayuu kan akka jinni'ii kun hundinuu waan haajamaa , kan guyyaa keessaa argamee Rabbi hin je'amu. Rabbiin tokkicha waa takka keessatti hiriyaa takkaa fakkaataa hin qabne.kan dalagaa isaa keessatti ammallee sifa isaa keessatti nama isa fakkaatu hin qabne, namni waan isa fakkaatu qabu hundi Rabbi hin je'amu maalif wanni ati laaltee gartu hundi waan Rabbiin uume takaa dalage.duuba Rabbiifii wanni inni uume akkamiin wal fakkaatan ? tanaaf jecha Namni waaqa tayuu hin dandayu nama akka isaatu jiraa kan isa dura argame takkaa isa booda argame kan bakka inni dhalateen dhalate.kan nama isa nyaachisee obaasutti haajamu.kan nama xilaata isarraa dhoowwutti haajamu. ammas mukni Rabbi  waaqa tayuu hin dandayu muka akka isaatu jiraa.Ammas sibiilli rabbi hin je'amu sibiila akka isaatu jiraa .ammas jinniin Waaqa hin je'amtu jinnii akka isaatu jiraa. Hundi isaanii gabroottan Rabbiiti.waytii fedhe isaan uumee .Rabbin je'aman .isallee hin fakkaatan. Rabbiin waa hunda uume fakkaataa hin qabu.Inni tokkichan   haajamne kan gargaarsifanne.

Saddeettamii afraffaan: waan Rabbiin ummata kana badhaaserraa jallinarratti hundi isaanii walii galuu dhabuu .odoo hangamuu wal dhabanii tuutti takka isaanirra  mootee haqarratti jiraatuu hin ooltu hanga qiyaaman dhaabbattutti. hanga kan isaanirraa boodaa dajjaalin lolutti.

Hadiisni dubbii tana keessatti dhufe hedduu namni dhugaa dubbatu,hedduun odeesserraa  tokko hunoo kana :                               

قال I { لا تزال طائفة من أمتي ظاهرين على الحق ، لايضرهم من خذلهم حتى يأتى أمرالله وهم كذلك }.

 والحديث فى الصحيحين وغيرهما  عن :جابر ومعاوية بن ابى سفيان ، والمغيرة بن شعبة ، وعقبة بن عامر ، وسعدبن ابى وقاص ، وجابر بن سمرة ، وثوبان ، وابى هريرة ، وأبي أمامة ، وعمر بن الخطاب ، وجبير بن نفير وغيرهم رضى الله عنهم.

Ma'naan isaa: { Nabi Muhammad akki je'e nageenyi isarratti haa jiraatuu: tuutti haqarratti mul'attu takka jiraatu'urraa, ummanni kiyya qullaa hin tayu. Tuuta namni isaan gargaaruu diduun isaan hin laaffifne isaan hin dararre. kanneen haqarraa hin deebine. hanga qiyaaman dhaabbattutti.hanga kan isaanirraa boodaa dajjaalin lolutti

 B.M. nama biralle'eetu odeesse .asaabota nabii hddu'urraa 

Wanni biraa kan Rabbiin ummata kana badhaase haqa nabiyyii isaanii keessatti wasanaa bayuu dhabuu. Rabbi godhatanii takkaa ilma Rabbiiti je'anii.wasanaa bayuu dhabuu.

qixaan'i isaanii addunya'arratti tayuu .

Ammas afdalli isaan keessa jiraatuu.

Ammas waan nabiin isaan keessa jiruun azaabni ittin bu'u.

Ammas waan isaan istighfaara odhaniin azaabni isaanitti hin bu'u.

 
 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com