GATII YOOKAA
DARAJAA SALAATAA
Salaanni gatii
guddoo qaba. kan Rabbiin mu`minarratti
wajjabsiisee sababaa isaatin waan hamtu`urraa
nama ittisee dilii hundarraa nama ittisee dilii
hundarraa nama xahaarsu .
Rabbiin keenya akki je`e :
{ اِنَّ الصَّلاَةَ كَانَتْ عَلَى المُؤْمِنِينَ
كِتَابًا مَوْقُوتاً
{
Makgnaan isaa:
{ salaanni waan mu`minarratti fardii godhame,kan
waytii keessatti dalagamu qabu ,kan dura
dabarsuun hin taane, kan irraa booda aansun hin
taane jechu` }.
Ammas Rabbiin akki je`e
:
{ اِنَّ الصَّلاَةَ تَنْهَى عَنِ الفَحْشَاءِ
وَالمُنْكَرِ
{
Makgnaan isaa:
{salaanni zinaa, yookaa gumnumma`arraa nama
eeydi, ammallee waan hamtuu biraa hundarraa,
nama eeydi. takkaa dhoowwiti {jechu`mee isinuu
laalaa: namni hoggaa masjida keessa jiru ,waan
gaarii malee,hin dubbatu,waan gaarii malee hin
yaadu, waan gaarii malee hin dalaguu, hin argu,
kun akka salaamni waan hamtu`urraa , nama
dhoowitu , nama garsiisa. Maalif salaanni
jamaa`aadhan wajji, salaatamtii , dubba nama
masjida keessatti hoggaa shan wal argan ,horii
isaa balleysun, jaartii isaa ,durba isaa, tuquun
ni ulfaata ,wanni biralleen akkasi .
Nabi Muhammad
nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`e
:
{ أَرَأَيْتُمْ لَوأَنَّ نَهْراً بِبَابِ
أَحَدِكُم يَغْتَسِلُ مِنْهُ كُلَّ يَومٍ خَمْسَ
مَرَاتٍ هَلْ يَبْقَى مِنْ دَرْنِه شَئً؟ قَالُوا
لاَ يَبْقَى مِنْ دَرْنِهِ شَئً.قَالَ فَذَلِكَ
مِثْلَ الصَّلَوَاتِ الخَمْسِ يَمْحُوا اللَّهَ
بِهِنَّ الخَطَايَا
{.
Makgnaan isaa:
{ odoo hulaa mana tokkoo keessanii dura layni
bishaanii yaa`ee kan hoggaa shan guyya`arraa
laga sanitti dhiqatu tayee, xurii qaama
isarratti wahi hambisaa je`ee ashaabaa isaa
gaafate . duuba hin hanbisuu je`aniin jennaan
nabiin akki je`e: salaanni akka laga saniitii
Rabbiin sababaa isi`iitin nama isii salaaturraa
dilii haqa { je`an } .
Salaanni shanan
utubaa diinii namni salaata shanan : SUBHII,
ZUHRII, ASRII, MAGHRIBAAFII, ISHAA`II salaatu
diinaa isaa gad dhaabee jabeesse, ammoo namni
hin salaanne diinaa isaa jiyse.
Salaanni waan
Rabbiifii gabricha isaa walitti hidhu .kan
gabrichi guyya`arraa hoggaa shan fuula Rabbii
isaa dura dhaabbatee waan fedhu khadhatu qalbii
takkitti`iin. salaanni waan qaama dhukkubarraa
qulqulleysee fayyaa namaa ida`ee nama jabeessu .
Salaanni asxaa
yookkaa alaamaa iimaanaa guddo`orraayi .
ammallee asxaa mul`attuu gabrichi galata Rabbiif
galchuu beysiftu , tan Rabbiif gad je`uu isaa
mul`iftu
.
|