Duuba warri dur
gaallan gaafa humna qabdu miite gaalla humna
dhabde argatanii biyya gaalla'aa tan isaanitti
aantutti duulanii, cabsanii gaallaa walii hin
dirmanne arganii, ammas biyya gaala'a taanitti
siqan hanga biyya gaalla'aa hunda qabatanitti.
hanga waan isaan biyya gaalla'aa godhan hunda ,
akkaataa isaan itti cabsan hunda, akka itti isaan
gabroonfatan hunda, barreessanii ilmaan isaanii
barsiisanitti. hang Waan isaan biyya gaalla'atti
dalagan hunda, taareiikhni addunya'aatifii,
taariikhni warra gaalla'aafii biyya gaalla'aa
gabroonfate barreessetti . kan waa takka irraa hin
dhiisin. maqaa isaanii kan gaafa san qabaniin
barreessan, sun: (gaallaa) jechu'u.
Duuba ilmaan
oromo'oo waan warri abbootii isaanii gabaroonfate
barreesse, dubbisanii yookaa qara'anii, akkasuma
waan taariikhni addunya'aa gaalla'aafii warra
gaallaa gabroonfaterraa barreesse, yookaa katabe,
biyy alatti qara'anii yookaa dubbisanii, hoggaa
biyya isaanitti deebi'an kan akka taaddasaa
birru'uu, ummata isaanii waan dhuysa'aan alatti
baratn kan taariikha Gaalla'aa yookaa oromo'o'tti
rarra'u, ummata isaanii barsiisan dhoysa'aan.
maaliuf mangistiin akkasitti abbootin isi'ii gaallaa
miite taariikha gaalla'aatifii aadaa isaanii
baratanii barsiisuu dhiisii maquma gaalla'aatuu
maqaa dhawuu hin feetu hin eehamtu.
Haa tayuu
dargaggoon oromo'oo ta maqaa mangistii isaan
gabroonfattuutin biyya alatti waa barateefii tan
biyya keessatti taariikha Gaalla'aatiifii, taariikha
warra isaan gabroonfatuu qorattee laaltu akkasuma
ummanni bal'aan, kan akka Mangistuu nawaay, kan akka
janaraal taaddasaa birru'uu , kan akka tuuroo
abdulle'ee, ammallee warri biraa hedduun, Mangistii
isaan bulchituun, ummanni gaalla'aa miidhama guddaa
keessa jiraa, haqa biyyaa kan isaan haqa godhatan
kenna'aaf, sanirraa afaan isaan akka baratanii
barsiisanii ittiin dalagan godha'aaf . afaan
isaanii Radiyoona seensisaa ja'anii irra barbaannan
mangistiin dhiira oromo'oo saniin akki jette: mee
amma eegu waan akkanaa kana barbaadaa. waan akkanaa
barbaadun, ummata isyoobiyaa keesa jiru hunda, waan
akkana barbaadu'utti kaasuu jea'amaa mitii?
jennaanin wanni je'aniin ummata xiqqa'aa jecha,
ummata bal'aa miidhun wahi akkaa? hayn'i yookaa
dhugaan ummanni bal'aan, ummata xiqqa'aa je'ee, haqa
isaa hin dhabu. ummanni xiqaanis ummata bal'aa
keessatti, haqa isa fakkaatu hin dhabu. maalif
ummnni bal'aan yoo haqa isaa argatee, qalbii takkaan
hin dalagin, bitti hin hortu .duuba gaafas ummnni
biyya, xiqqaadhaa guddaan, ni rakkata.maalif
hormaanni dalaga'atti haajama dalagaan beekkomsatti
haajamti. duuba ummanni bal'aan, yoo warra biyyaa
bakka afuritti qoonne harka sadii gayu, yoo afaan
isaanitiin, baratu'urraa hoongayee, wallaalatti hafe
maal dalaga? ummanni xixiqqaan ummata bal'aa waan
beeyne keessatti, odoo hangamuu waa baree, yoo
isti'maara gabbisuu taate malee, biyyaafii ummata
bal'aadhaa bu'aa hin fidu, mee ummata xiqqaa kibba
afrika'aa keessa jiraatuu ture, adaadii laali,
ummata bal'aa waan beyne , kan haqa isaa dhabeef,
maal tare? maal fayyade? maal bu'aan isaan biyya
sanii fidan? ammoo eega ummanni bal'aan, biyya
sanii, haqa argatee, haqa isaanitiifii, haqa nama
birallee baratee, ummanni bal'aadhafii, ummanni
xiqqaan, biyya sanilleen qoofe. Roodiisiyaanis
akkasuma.
Ammallee mangistiin
ummata xixiqqaa ummata bal'aa dura dhaabdu, tan
dantaa ummata bal'aadhaa, qooqa gosa xixiqqo'ootin,
balleessitu yookkaa kuffiftu ,isiin haala
isti'maararratti deemti. maalif mangistii haqaa
biratti hayn'i ummta bal'aadhaa, durfamuu qaba.
akkuma hayn'i ummata xixiqqa'aa taiyfamuu qabu.
ummanni keenya eega isti'maarri dur irraa ka'ee,
haqa isaaanii hedduu deeffatan. ammoo hangi hafe
karaa jira (hayn'i abbaan barbaadu duuba jiru hin
badu) jecha'aatu jiraa.
Wannin tanaan dura
isiniin je'e: ummanni keenya birkii taariikha
isaanii jabduu keessatti, maqaa Gaallaa'aatin nama
miidhee isaanii gaalla'aan yaamamu miidhame. mee
fakeessa'aaf jalqaba jaaraa islaamaa kan saddeetii 8
keessatti qabsoo isaaniii akkasuma taariikhni
isaanii, kan mqaa Gaalla'aatin barreeffame, sababaa
warra maqaa isaanii kana diduun awwaalametti yookaa
irraanfatmetti hanga gariin warra beekkomsa himatuu
naannoo Hararitti ummanni oromo'oo takkaa hin
argamne je'utti. inni nama oromoon gaalla'aa miti,
gaallan oromo'oo miti je'u. namni kun dubbiin
isaatifii innilleen waan laalan hin qabu. inni
takkaa galtu'uu takkaa diina takkaa wallaalaa
takkaa dantaa wahiiti diddaa san keessaa qabaa.
Ammoo gaallan gama
dhiyaatifii bitaadhatiin, warri gaafa duraa gaallan
zamana dhiiraa gaarafii, godatti galchite hiree
argatanii, meeshaa lolaa faranji'irraa
argannaan,kan akka qawwe'ee madaafaa faa ummata
gaalla'aa, warra farado'uun lolutti, duulanii biyya
gaalla'aa hunda qabatanii miidhaa, jabduu biyyaafii
ummatallee miidhan.diin keenyafii aadaa teenyafii
afaan keenya, qabadhaa. diinifii aadaa teessan
dhiisaa je'een. tokkummaa ityoopiya'aa eegu'uu
jecha akka diin tokko malee diin biraa ityoobbiyaa
keessatti hin dhaabbanne je'aniin.
Ammas warri
Gaalla'atti roorrise wanni dalage, Maqaa gaallaa
je'u tuffatuu ilmaan gaalla'aa jibiisii su`uu jecha
.duuba warri oromoo gabroonfate maalif kana dalage?
si maqaan kun gaafa gaallan waan gaafa afrika'aa
taye hunda bulchitu, jibbamemoo gaafa isaan
gabroonfaman jibbame. yoo maqaan Gaallaa je'amu
Gabra jechuu kan je'an taate, gaafa gaallan isaan
gabroonfattu ma'naan Gaallaadhaa mal taya?
gooftaa taya jechuu.
Waa takka haa beynuu,
maqaan ummata tokkoo, ummanni sun, diin tokko dura
dhaabbate'eef jecha hin jibbamu. hin dhiifamu. mee,
arabni, islaama dura dhaabbate'eef Maqaan isaanii
wahi jibbamee. yookaa dhiifamee. akkasuma gaallan
yookaa oromoon, diin islaamaa dura, yookaa diin
kiristaanaa dura, dhaabbatani'iif, maqaan isaanii
hin jibbamu hin darbamu.
Duuba wanni arabni
aadaa gaalla'aa jaalatu'uun wajji, maqaa isaanii
jibbeef, akka tokkummaan gaalla'aa hin deebineefi .
maqaan haada , ummata walitti hidhuu. wanni arabni,
aadaa gaalla'aa jaalatuu beynen, gaafa arabni
jabhaa gaalla'aa ta carcar jabse, jahaan gaalla'aa
ta asaaboot, tan mootii isaanii Fantaalle eeydu,
jabhaan tun, Mootii arabaa kan (sabruddiin)
je'amutti, gumaata ergite. gumaanni isaan erganiif,
waan moototaan kabajan heddu'uufii, dubara
babbareedaa dhibbaafii kudhan. duuba mootichi
arabaa waan biraa beekhee , dubra dhibbaafii kudhan
, maalif nuu ergitan? jennaanin wanni isinii
ergineef , akka khudhan ati fuutee , dhibba,ashakara
keetii heerumsiiftu , akka suddaa walii taanu
je'aniin. jennaan mootichi arabaa wanni je'een: nuti
jihaadatti jirraa waa lamarraa tokko maraxadhaa
filadhaa , takkaa islaamayuu . takkaa lola.
akkasitti ergaan jabhaa oromoo asaboot , asabootitti
eebitee , waan mootichi je'e, hayyoota asbootitti
himte. ammas ergaa biraa tan kum afur geessu,
muutichatti erganii wanni je'aniin: nuti harka
khenninee nama waa nu barsiisufii, nama nu bulcu,
nuu ergi, je'aniin.
Akkasitti nama waa
isaan barsiisu, nama diin isaan qabsiisu ergeefii,
nama isin bulchu, isintu wal beekaa if keessaa
filadhaa.nama afurtama barlamaanaf filadhaa, ammas
nama afuur gola gubba'aatif filadhaa, aadaa
teessaniin wal bulchaa. sharxii islaama hin
khallafneen. yookaa islaaman wal hin dhabneen
akkanatti arabni aadaa oromo'oo jaalatee, aadaa
isaanitti dalagatuu isaanii, sharxii heera
islaamatiin wal hin dhabneen.
Achirraa heerri
oromo'oo muuxatuu jalqabe. achirraa heerri
asabootitti jalqabame kun, biyya oromiya'aa hunda
keessa faca'e, sababaa kanaaf oromiyaa hunda keessaa
Asabootitt erganii heera haaraya barbaadanii, waan
hayyoonni asaboot je'u dhagayan. sababaa hayyoonni
Asaboot qondaalonni oromo'oo beekkosa isaanii
guutuu sanirraatti beekkomsa islaamaa guutuu
ida'ataniif jecha.
Ammoo warri gaalla
gabroonfate wanni maqaa gaalla'aa jibbuuf isaatu
jibbuu haqa godhata'aafii miti. akka inni maqaa
buruja qabu, kan namni isa dhagaye akka inni maqaa
ummata jaba'aa taye beekhu , ni beekhanii , haa
tayuu wanni maqaan gaalla'aa hafuu jibbaniif,
dantaa isaanitiitu san keessa isaanii jira'aafi.
ammoo maqaan kun hafuun balaa isaanitti kaasa.
maalif yaanni isaanii tokkummaa gaalla'aatifii
tokkummaa warra isaa gabroonfatuu argamsiisuu sun
gaallan waan ist'maarri isaan godhe irraanfatuudhan
argama. gaallan san irraanfatuun isaanii hin
mijjaayu, yoo maqaan gaalla'aa saba oromo'oo keessa
jiraate. tanaaf jecha warri isaan gabroonfate sun,
maqaa gaalla'aa kana, dhoowwama haa goonuu je'anii
wal mariyatan. ammas wanni waliin ja'an Orom'o'oofii
Gaallan maqaa ummata tokkoo tayuu haa dinnuu, akka
ummanni nuti itti roorrifne sun gaallaadha malee
Orom'o'oo miti jechaa, nama fudhachiifna karaa
hundaan.
Tanaaf jecha warri
gaallaa gabroonfate, wakka maqaan gaalla'aa
dhoowwama tayu, awaajii dhawan. warri an gaallaa
ifiin je'u takaa namaa ati gaallaa je'u qixaan'i
isaa akkana akkana je`anii awaajan.
Duuba warri alaga'aa,
ammallee warri waan beyne kan ormo'oo, ammllee
warri san keessaa dantaa qabu, awaajii isti'maaraa
tanaaf dibii dhawamnii, harka dhawanii afaan
bananiifii, yaada isti'maaraa kana , facaasan.
dabballee tayaniifii.
Yoo oromoonni,
ilmaan gaalla'aa, kan amma oromumma'aan beekkaman,
warra isaan gabroonfatuun, isin abbootii teenya
warra walluu, warra wallaggaa warra jimmaa, warra
arsi'ii , warra baalee, warra harar, warra gaalla
sidaamo'oo, miidhaa jabduu miitan je'eeti,
taariikhni isin barreessitaniifii, taariikhni
addunyaan barreessite hundi dubbataa dubbiin sun
jirtii je'anii nu gaafatan nuti warri isaan
gabroonfate wanni jennuun, akkasuma isin wrri
awaajii teenya dhageessan dabballoonni keenya, wanni
jettaniin warri biyya isin maqaa dhooytanii sun, kan
nuti fi'e abootii teessanii miti. isaan gaallaadhaa.
isin Oromoo. nuti oromoo hin gabroonfanne.namni
nuti gabroonfanne, Ummata badaa tokko kan gaallaa
je'amuu isin oromoodhaa maaltu walitti isin hidhe.
amma eegu waan akkanaa kana hin gaafatinaa.wanni
maqaa Gaalla'aatin barreeffame taariikha tayuu,
aadaa tayuu maymaaka tayuu geyrara tayuu, mirriysuu
tayuu, weedduu tayuu, heellee tayuu wanni biraa
hundi waan oromo'ootii miti jennaan. akkana je'eeti
isti'maarri Gaalla'aafii oromoo adda muruu fedha.
faana. balleessaa isaanii dhoyfatu'uu jecha. haa
tayuu namni ilmaan oromo'orraa isaan dhugo'oosu hin
jiru. maalif wanni oromoonni beekhee yaadu , gallaan
abbootii teenyaa mitii yaadun ,Taariikha Oromo'oo,
kan maqaa gaalla'aatin barrffamee argame hunda didu.
ammallee dachiin maqaa gaalla'atti hidhamte takkaa
gaallaa walloo gaallaa shawa'aa faan, dachii
oromo'ootii mitii yaadu. oromoonni ar'a alaa
dhufanii yaaduu. duuba eenyu mee namni waan kana
eehamu? oromoon wanni yaaddu : (gaallan, ilmi ormaa,
oromoon , ormi , aaraam iram, wadaay) hundi, maqaa
isaaniti. wanni maqaa isaanitiin dhufe hundi , kan
isaaniti, taariikha tayuu, waan biraa tayuu .
hiikkan alagaan maqootii teenyaf keessu, takkaa
hiiytu oromoo biratti, hin fudhtamu. maqaan ummataa
akkuma dhagayametti qeebalama yookaa fudhatam.
maqaan ummataa heddommaatun, fafaa miti. yaroo takka
maqaan tokko, maqootii ummataa keessaa mul'atuun,
taariikhni isaan bareeffamuun, waanuma jiru. warri
misraa kan amma araba misraa je'amu, dur qibxii,
ammallee faraa'ni naa je'amuu turan.ona yookaa
araddaa maqaa faraa'ina'aatin dachii jalatti
awwaalamte, qotanii , baasaniiti dhaaddataniin.
Obboleeyyan keenya
taariikha biyya teenyatiifii taariikha ummata keenya
jabeessun nurratti jira. an waanan quba qabu, garii
taariikhaa, kan ummata keenyafii, dachii teenya
keessatti argame waan dhuga'aa isin yaadachiise.
Waa takka namuu haa
beekhuu:
Taariiikhuma jechuun
bar waan dabre himuu
hamaadhafii gaarii waanuma argamuu
Ammas wanni beekhun
nurra jiru: diinni, yookaa nyaabni ummataa,
taariikha ummatarraa waan hamtuu malee, waan gaarii
hin himu, ummata qalbii caphsu'uu jecha. akka
ummanni sababaa waan isaan kijibaan odeessaniif
jecha, if jibbee, maqaa ifii jibbee akka waan takkaa
biyya sanitti hin argaminii if seye, hanga ummnni
keenya maqaa tokko, kan yoo yaamamaniin ummanni
hundi maqaa keenya je'ee, owwaatu dhabe, takkatti.
yoo maqaa gosaa takkaa, maqaa dalaga'aa taate malee,
gaafas maqaan bakka hundatti dhagayamu, kan
kitaabban taariikhaa keessatti bareeffame, kan
dachiin isaani isatti qindeeffamte, maqaa
gaalla'aati. sanumaan wajjin yoo ati gaallaa
jetteen an gaalla'aa miti. inumaa si dhawu'uuf
sitti utaala, haatayuu Rabbiin naa laaffisee,
radiyoonarra maqaa tokko qabatu'utti yaame yaamnan
afaan qottu'uu malee maqaa biraa hin qeeballu hin
eehamnu, je`e warri baya harar akkasittan faraqaa
afaan qottu'uu jecha'aan raadiyoona Maqdisho'orraa
dabarsuu ture duuba odo'on akkasitti oofuu janaraal
taaddasa gabreen qundaal waraanaa kan mootummaa
haylasillaase'ee, jumhuuriyyaa soomaalie'ee daaw'ii
dhufee, jaallee ziyaad barree dubbisee akki je'een
afaan kun afaan Gaalla'aati je'ama malee afaan
qottu'uutii , miti. achirraa jaallee ziyaad xalayaa
natti ergee, barnaamija qottu'uu barnaama
Gaalla'aatti jirjiiraa nuun je'e, akkasitti
barnaamja afaan gaalla'aa jennee, raadiyoona
maqdasho'orraa dabarsuu turre.
Gaafas wannin ummata
keenyan je'uu ture :
taariikha oromo' oo
hunoo sinii himee
irrumaan tuttuqee
yoomin hundaa himee
bakka hundaa namuu
walumatti kaasee
biyya hundaa
namuu waan f edhhu argatee
xiqqa'aa gudda'aan
baraakkaan jabaatee
wanni
jabaataniin harka tokko tayu
bakka hundaa namuu
mariin takka tayuu
ilmaan oromoodhaa
wanni saan eeggatuu
bakkuma marattuu harka
wal qabatu
abbaan saanii
tokkoo afaan saanii ajjii
ammas hundi saanii waliin qaban
hujii
taariikhni oromo
'oo tokko tayuu garree
ee maa bakka hundaa
isaan walin barree
maqaan saanii
tokko dachiin saanii takaa
mee namni akkanaa rakookkamiin arkaa
yaa ilmaan
oromoo dubii too dhagayaa
maqaafii afaanin harka tokko tayaa
namni afaan
keetii inni shannyii teetii
qoqqoteen gaafatin maali goost teeti
dhiisaa maqaa
gosaa ka dhiyoo argamee
isa dur qabdhaa
kan akkaan baramee
bar maqaan
durattii isaawwali – qqabaa
gosa sabaa hundaa
taariikhs ni qabaa
yoo isin wal
taatan xiqqa'aafii gudda' aanii
dhiirafii dhalaadhan walis
jaalattanii
baraa nam
tokkolleen isin duran bayuu
dhiirummaa teessanis
namuu haa dhagayuu
qananiin
teessanii isunuu beytanii
biyya teessan
jaaraa bakkuma jirtanii
waa takka haa
beekhuu bakka hundaa namuu
kan oromoo miidhuu
numa miidha namuu
nam tokkolleen isaan
miidhuu waan dandayuu
oromoon feenee
biyyarraa haa bayuu
kan oromoo mormoo
takkaayuu diinumaa
takkaayuu galtu'uun sudaatinanaa homaa
oromoon guddinaa
nama hundee qabuu
nama heddumminaaf dachii gudoo qabuu
kan isin
guddisee gooytuma keessanii
takkaan galchaa mee
Waaqa keessanii
kan isin
kabajuu galata argataa
namni isin tuquu borutti
rakkataa
yaa Rabbi
jabeessii gaallaa islaamattii
walis jaalachiisii bakkuma hundatti
dilii teenya
hundaa mee nuu araaramii
Muhammadii je'ee
mootiilma aadamii guddinas da'ii nagayalee buusii
nabiyyiidharrattii jaalalleetti aansii
waanuman dubbadhes
nama jaalachiisii
adhafii
gaarii addumaan beysisii