seenaa kutaa duraa kan
SHEEKH MUHAMMED RASHAAD KABIIR ABDULLEE
KABIIR MUUMMAYYAA
DHALOOTA KIYYAA :
Ammoo taariikhni
dhaloota kiyyaa akkan harrigutti bara kum tokkoofii dhibba sagaliifii soddomii
afuri akka taariikha faranji`itti yaroo xaaliyaan harar seenuu jalqabde yaroo
san hoggaa ashkara xalyaana duraa kara`arraa baqatu`uu yaanu abbaan kiyya kabiir
abdullee kabiir mummayyaa umar jaarraa jiloo dirba aleeloo mayyuu limmoo
gurmu`urrattti naan deema kan hogiin lafa na kaayanii miila kiyyaan deemu duuba
akkan seyutti yaroo san bara afur gayuu hin oolu haati tiyya faatima abbaan
kiyya abdulle`eeti .
Warri keenya gama
abbaadhattin warra diinii imamman biyyaati sheekh aaw aliifii abbaan kiyyaa
dubriidhaa
Ammoo gara
haadhatiin hayyoota biyyaati abbaan haadha tiyyaa nama heera irraa baru`uu warri
biyyaa itti fe`atuu inni gosa gaamotii akkaan umrii dheerate kan dhibbaafii
soddomii ol gaye kan ayliin isaa hin tuqamin du`ani isaa hoggaa hunda { yaa
hafiiz yaa salaam sallimnaa minal balaa } jechuu wannin isarra qabadhe kan gorsa
naaf taye { nama suuta deemu qoreen suuta waraanti } jechuu maqaan shurra ahmed
yuusuf haati tiyya faaximaa shurraa ahmed .
BARMOOTA KIYYA
KAN DURAA
Barmoota kiyya kan
duraa abbaa kiyya kabiir abdullee kabiir muumay-ya`arrattiin baradhe alifirraa
qabee waan abbaan kiyya kabiir biyyaa tayeef . abbaan kiyya rabbi rahmata haa
godhuufii kan gargaarsatti haajamu kan na malee nama isa garsaaru hin qabne kan
dubra shan keessaa dhiirti ana qofaa kanan guddadhee isa gargaaruu jalqabe buna
dhaabu`uufii lafa qotu`uufii mana jaaruu mawlida qara`uufii waan kana fakkaataa
hundaan isaaf dhaabbatuu gaye narraa maaramee deemii waanan an si barsiisuu hin
dhaqqabne fagaadhuu ilmi`ii si kennee baradhu naan je`ee na eebbise duuba
isaanirraa fagaadhee waa baratu`uuf hirna dhaqe . duuba hirnatti sheekh aliyyii
badru`urratti ilmii fiqhi`ii jalqabe wannin dura dursoo isaanitti qajeelef
adeera kiyya sheekh muusaa untur isarratti qara`e an { mukhtasara } sheekh
muusa`arrattin qara`ee duuba isaa sheekha isaa sheekh aliyyii badruu faarsu
dhageenyan qalbiin gara isaanii gara na galtee hirna dhaqee fiqhii isaanirratti
jalqabee baafadliifii umdaa isaanirratti qara`e tawhiidarraa ummulbaraahiin
nuuruzzalaam irratti qar`ee eegasii biyya sheekh muhammed jaldii { dhidhiibama }
dhaqee ilma isaanii sheekh ahmad sheekh muhammed jaldi`irratti zubad qara`ee
eegasii biyyatti ol deebi`ee sheekh ibraahiim bakharraa { tawshiiha qara`ee
haadhaa abbaa kiyya irraa hanga bara diiddamaa alan deemaa eehama naa khennaa
je`eenii barbaadee duuba aayyun odoo boochuu eehama naa kennite kan ijaan na
laaluu hin dandeenye ammoo aabaan duraanuu iznii naa godhe akkasitti isaan biraa
deeme abbaan kiyya hoggaa san galma sheekh umaree aaw`aliiti ajjeeru`utti jiraa
manuma gubba`aa gad na laalaa harkafuudhu hin dhaqqabne isaan hangan ana kaarra
qaaru manuma gubba`aa na laalu duuba eega bara afurtamaatii malee waliin agarre
akkasittin biyya teenya laga arbaatii bakha dhaqee qabrii sheekh ismaa`iiloo
bakhaa saahiba ammallee sheekha akhaakhiyyee kiyyaa waliyyii rabbii kan
akhaakhiyyee khiyyaa du`aa`ii godhee ilma ilma keetii keessatti na eegi je`een
duuba qabrii isaa ziyaaree intala isaanii tan sheekh ahmed yuusufe`ee irraa
du`etti wannin dhaame akka kitaabban abbaan isaanii sheekh ismaa`iloon allafe
takkaayuu barreesse tiysii baduu dhoowwi je`een hoggaa san ilma obboleessa
isiitifii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaatu na wajji jira duuba eegasii
baabura hadiidaa yaabbannee harar dirrii dhawaa dhayne eegasii addeellee sheekh
muhammed rashaad saahiba sheekh muusaa addeelle`ee bira dheyn`e eegasii madiinaa
harar dhayn`ee qabrii abaadir ziyaarree ammalee qabrii sheekh haashim harari`ii
ziyaarree akkasuma qabrii sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaarree qabriin
isaanii abaadir duuba jirti saahiba isaanii tokkootu itti nu qajeelchee sheekh
ibraahiimin kun haadha tiyyaaf abaabiyyee taya inni carcaritti dhalate qabriin
abbaa isaa khaara barkallee madii bakka khaarra gurbayyee jecha`aan beekhamte
jirti khaarritti barkalleetifii khaarritti gurbayyee bakkuma takka isii hoggaa
eel tokkerraa gara carcar deeman itti dhufan hoggaa khaarra barkalle`erraa gad
bu`an kharaan bakka sadiyitti addaan baya tokko bitaa gara saqa jiillee gora
tokko mirga gara habro`oo gora duuba qabriin umar gurbayyee karaa kana keessa
jirti ammoo karaan jiddu jereysaa qajeeletuma haratti nama geessa duuba umar
gurbayyee kun ilmaan kudhan qaba inni ashraafarraayii ilmii jaalata ilmaan isaa
kurnanirraa ilma isaa ibraahiim deemee harar dhaqee haa ilmii baratuu je`ee
zakaa kennate akkasitti ilmi isaa ibraahiim joollee itu`uu heddu`uun wajji
barmootaf magaalaa harar dhaqan duuba isaanii achi jiru amaarri itu`utti duule
jechaa dhagayan dhageenyan darasaan itu`uu amaaran loltee ummata isaanirraa
deebisu`uu jecha ilmii dhiisanii biyya itu`utti qajeelan sheekh ibraahiim umar
gurbayyee malee ammoo sheekh
ibraahiim abbaan kiyya ilmi`iif zakaa na baafatee ilmii hin dhiisu je`ee
magaalaa hararitti hafe hanga aalima tayee qeessota amantii kiristaanatiin fuula
iyyaasu`uu duratti qabsoo ilmi`ii walii bayanii sheekh ibraahim qeessota
hundarraa aane liji iyyaasun harka isarratti amanee waliyyumma`aan beekkametti
duuba ilmii baassee gaara beekkomsaa bahara ilmii tayee harar keessatti
ilmi`iifii karaama`aan beekkamee sababaa isaatin mootin islaamaa liji iyyaasun
islaamaye . qabriin isaa qabrii abaadir duuba jirti magaalaa harar keessa nama
muriida isaanii kan harka isaatin isaan awwaallee maqaa irratti katabeetu na
garsiise eegasiin an khortoo biyya sheekh abuu bakri usmaan oda`aa kan sheekh
abuu bakri saphalootin beekkame bira dhaqee ilmii awfaaqatiifii manxiqaa
ammallee ilmal hisaab irratti jalbee waan isaan khaliifaa sheikh umar aliyye`ee
tayaniif xariiqaa qaadiriyya`aa irraa fuudhe eega khalwaa na seensisanii eegasii
sheikh yuusuf ahmed bareedarratti fadisitti qaraatii jalqabee minhaaj nawawi`ii
irratti qara`e
HAJJI`IIFII
ZIYAARAA NABII NAGEENYI
ISARRATTI
HAA JIRAATUU
Duuba odo`on fadis
jiruu wannin ifiin je`e odoo deemtee makka dhayxee hajji gootee madiinaa dhayxee
nabi Muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu hin ziyaarin yoo duute guyyaa
boruu maal himatta ? maaltu sanirraa na dhoowwe jetta je`ee garaan na kaase .
duuba ka`eetin mandara harar dhaqee qabrii abaadir ziyaaree akkasuma qabrii aw
haashim ziyaaree akkasuma qabrii akaakiyyee kiyyaa kan gamaa haadha tiyyaa
shariif sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaare .
Harar keessatti
sheekha tokko kan muriida sheekh ibraahiim umar gurbayyee tokkoon qunname
Waan ajaa`ibaa
kanin magaalaa harar keessatti argarraa namni tokko kan yoo laalte maraataa
fakkaatu wanni naan je`e hajji dhaqi hajji dhaqi an gaafas sinqii yookaa gala
hajji`iin dhaqu hin qabu ammas wannin sheekkota hararirraa dhagaye { bishu diimu
jechuun bi`saddamu jechuu namni maqaa kana baasef aw abaadir je`an sun gaafa
burtugaal hararatti duulte abaadir ashkara fudhatee bisho diimotti afaan bayee
cabsee dhiiyni kuffaaraa laga yaa`e hoggaa san dhiiga san laalee aashkara
isaatin bi`sa haazaaddamu je`e achirraa biisho diimotti arrabni namaa gara
galche .
WAAN BIYYARRAA
DHAQU`UTTI NA KEESERRA TOKKO
Ammas waan biyya
arabaa na geessarraa tokko gaafan biyya harar keessa olii gad deemu ashkarri
mangistii sanii kan karaa eegu nu sodaachisee nu arrabsee karaa dabruu nu kuta
sanirratti ida`amee sareen isaanitis karaa dabruu nu kutti gaafan joolle`ee
ummanni gosa mangistii sanii horii isaanii ooyruu teenyatti qajeelchanii midhaan
nurraa nyaachisan gaaf tokko horiin isaanii midhaan keenyatti jigee nyaannan
tumee ooyruu keessaa yaase duuba haati horii sanii caya`aa dhuftee qottoo gama
duubatiin hanga dandeessu mataa kiyya sammuu keessa na dhooyte duuba abbaan
kiyya gadoo yookaa haluu yookaa biiluu irraa naa baasuu hin dandayu maalif
abbaan lafaa isaanirraayi ashkarri gosa isaanitti gosa isaanillee tayuu baatu
afaan isaanitti dubbata duuba kana hundaa jechaan sare`eefii ashkara isaanillee
jibbe tanaaf jechaan gaafan biyya arabaa deemu`uu ka`e ilma indooyyee tiyyaatin
mariyadhee wannin je`een biyya arabaa dhayne`eeti saa`aa bitannee gaafa san waan
nuti magaalaa hin dhayna`eef waan saa`an biyya teenya jirtu hin seenu keessattuu
saa`an ashkaraa ammas bombi bitanneeti biyya teenyatti deebinee nu lamaanirraa
tokko bombii ashkara mangisti`ii kan mandara ciroo keessa jirutti darbee nu
lamaanirraa tokko ashkara mangisti`ii kan harar jirutti darbee saa`aa takka
keessatti kana hunda dalaynee ashkara isaanii lafarraa fin`ee nagayaan karaa
dabarree nagayaan jiraanna je`een gaafas beekkomsi keenyi xiqaa tayuu keessa
waan ashkarri hangas malee bakka biraa jiru hin seenee ammas waan bombiin biyya
arabaa malee biyya biraa jirtu hin seene
MAGAALAA
HARARII AMNA JALQABUU
Akkasitti magaalaa
hararii kaanee kan sinqii waa xiqqo malee hin qabne karaa jijigaatin awbareen
zeyla`iin gaafas aw barreefii zeyla`I harka ingiliiz jirtii ziyala`ii baanee
jibuutii harka faransa`aa jirtu seenne . miilan dhoysa`aan halkan keessa .
ODUU SAFAARAA
HABASHA`AA
TA JIBUUTII
JIRTU
Duuba waan
baasaboortii harkaan qabneef safaaraa habasha`aa ta magaalaa jibuuti`ii keessaa
jirtu dhayn`ee safaara`aan baasaboortii nuu kenni biyya arabaati dhayn`aa
jenneen jennaanin tuyuu boqqolloo abbaa keessaniin wajji qotaa nuun je`e
jennaan boqoolloo qotu`uuf warri hafee ni gayaa jenneen karaa kanaan waan kaan
ifirraa nu deebisuu ijibbaannan safiirri wanni nuun je`e yoo biyya arabaa
dhayxan arabni isin khulaaseti gabra isin godhata nuun je`e jennaan arabni gosa
nabii keenyatii nageenyi isarratti haa jiraatuu nu miidhaa hin yaaadin je`een
hoggaa san namni soomaale`e kan safaaraa habasha`aa keessa dalagu tokko harka nu
qabee safiira biraa nu baasee qaadii jibuuti`ii kan { saqqaaf } je`amu bira nu
geessee dhaamsa gargaarsaa warra yamanitti katabiif je`eenii qaadichi dhaamsa
nuu katabe dhaamsi inni nuu dhaame wanni je`u jarri kun habasha`arraa deemaa
hajji`itti yaa`anii waan dandeessaniin gargaara`aa dubbii isaanii laaffisaa
jechu` .
JIBUUTI`IRRAA
DOONII YAMANITTI YAABBATUU
Akkasitti warra
jibuuti`irraa sinqii waan dooni`iin yaabbannu argannee doonii jibuuti`irraa
hanga ganda { dabaab } je`amu kan qarqara yamanirraa jirutti yaabbanne haa
tayuu odoo ganda san hin gayin abbaan dooni`ii waan nuti baasaboortii hin
qabneef qarqara baharitti nu buuse bakkeen inni nu buuse bishaan isi`ii gad
dheera`aa miti bishaan bahara nu liqimsuu gaye haa tayuu nu daddarbanii qarqara
bishaanitti nu baasan haa tayuu huccuun { daboo } je`amtu tan qoqqobbaa
meeqaatam qabdu tannin bara meeqaatam uffadhe bishaan bahar seenee harkisee
harkisee keessaa baasuu dadhabee bahara keessatti dhiise akkasitti nuti nama
afur ni geenyaa tokko soomale`ee tokko arusi`ii lama ituu carcarii odoo qarqara
baharirraa yaanuu maghriba ganda yaman kan baharirraa jiru kan { dabaab }
je`amu seennee bullee ganama magaalaa sanii baanee , karaa ganda yaman {
huseniyyaa } nu geessu yaa`utti seenne .
ASHKARRI YAMAN
KAN KARAA EEGU
Ashkarri yaman kan
qarqara baharaa eegu nuu yaa`u argee tulluu ilaalaa gubba`aa nutti bu`ee eessaa
biyya teenya seenu`uu yaatan biyya timiraa yaatan nuun jennaan habasha`arraa
yaana jenneen jennaan baasaboortii kennaa je`an jennaan mangistiin teenya nama
akka keenyaa kanaaf baasaboortii hin keenitu nuti warra biyya kessatti waa
baratuu turee mangistiin habasha`aa warra islaamaa kan biyya alatti waa
baratu`uu deemuf baasaboortii hin kennituu namni islaamaa kan biyya alatti waa
baratu hundi dhoysa`aan biyyaa bayanii diin islaamaa baratan . azhariifii
beytazzabiid fa`atti kan yoo baratanii deebi`an dalagaa mangisti`ii hin arganne
yoo diin islaamaa ganda keessatti barsiisuu taate malee yoo inuu hidhamanii hin
ajjeefamin waan iznii malee biyyaa bayanii waa barataniif jennaanin mootin
keessan haylasillaasse`ee nuun je`an hoggaa sana mootin keenya haylasalaasee
tayuu didda`aaf manzuumaa takka tan halasillaasin keenya nabi Muhammed malikiin
addunya`aa nabi muhammed jettu irratti qara`e gaafas manzuuma`an hedduu qara`aa
manzuuman sun afaan arabaatin akki jettu .
Malikilwajuud heylasilaasinaa ** yarasuulallahii yaa manba`alhanaa
Ashkarri yaman
hoggaa san dhagayu akka mootin keessan malilik eegasii haylasilaasee taye beynee
isin gad dhiifnaa maalaqa kennaa je`an hoggaa san oow`atu natti jiraa lolee si
nuti biyya kuffaaraa warra nu gabroonfatu biraa isinitti dhufnee bitti islaamaa
biyya teenyaa yaannaa inumaa maallaqa kennaa nun jettanii nuti nu gargaartanii
isinirraa khajeellaa isin horii nurra barbaaddanii je`een duuba achitti yaanni
biyya arabaa dhaqeetan saa`afii bombi bitadhee deebi`ee cunqursaa dhawaan mataa
keessa qabu arabni waan teenyan qabuu arge namuu biyya ifiiti tiyfataa arge
yaada kiyya xiqqaadhan duuba xalayaa qaadin jibuuti`ii { saqqaaf } nuu barreesse
tan jara kana gargaara`aa karaa dabarsaa jettu garsiifnee nu gad dhiisan
akkasitti ta`izirraa mayna`aa magaalaa { huseyniya`atti } qajeellee seenne .
MANDAROOTA BIYYA
YAMAN
Achirraa magaalaa
zabiid seenne magaalaa zabiiditti wannin arge warra dukkaana seene waan akka
sukkaraa diimaa bitatee afaanitti naqatee bayu duuba sukkara biyya yamani je`ee
hanga namnin arge bitee afaanitti naqatu takka anis bitee afaanitti naqadhe
naqannaan onnee na dhayee lafaan na dhaye hogga`an bayyaanadhu abbaa
dukkaanatiin siitu summii na nyaachise je`ee qabnaan naa mitii siitu waan hin
beynetti seenee if miidhe naan je`e warri waan san nyaatu hoggaa afaanitti
naqate garii liqimseeti garii tufaa wanni inni tufu udaan lukku`uuti fakkaata
tanaaf jecha karaadhafii dirreen mana biyya sanii waanuma lukkuun udaan itti
hayde fakkaatti akkan siyutti wanni sun haraami odo`on maqaa isi`illee beekhuu
baadhee keessattu nama amma isii nyaatuu jalqaburratti haraami . ammas masjida
guddaa mandara zabiid kan mazhabni afaran keessatti qara`amuu ture kan onee
adari`iifii shinbirroon biraa keessatti horte . gaafni sun { 1951 } duuba
achirraa beytalfaqiif achirraa zubeydaa seenne zubeydaa keessatti wannin arge
darasaa sheekharratti kitaaba qaraatu kanniin jecha inni hiikkuf hundarratti
rahimakallaahu rabbiin rahmata sii haa godhuu je`anii du`aa`ii isaaf godhanan
arge achirraa magaalaa mansuuraa achirraa mandara hudeydaa je`amu seenne
hudeydan dikkaa yookkaa miinaa magaalaa san`aadhaa kan gaara keessa jirtuuti
MANDAROOTA BIYYA
SU`UUDI`II
Hudeyda`arraa
jiizaanitti qajeelle haa tayuu magaalaa hin seennee irraa mayn`ee ganda
huseeniyyaa je`amu kan biyya su`uudi`itti qajeellee seenne ganda san orma
gurraachatu qubata ganda san keessatti nama arabaa kan shariifaa je`aniin
agarree bira qubanne namni sun wanni nuun je`e na biraan deeminaa dubra gabraa
gugurraacha kanan isinitti fuudhaa jennaan ilmi indooyyee tiyyaa aaree biyya
teenyattuu bilisa diddiimtuu fuunaa biyya arabatti gabroota gurraacha natti
fuutaa je`een inni diima`aa akkuma kiyya narra joolle`e malee akkasitti aaran
ganda saanirraa baane shariiftichi imaama ganda sanii sun kitaabni {
tashiilulmanaafi` } je`amu kan xibbi`ii ammallee manzuumaa molida`aa narraa
hanbise su`uudin kitaaba akkanaa hin feetu je`ee . achirraa karaa baddaa hijaaz
qabbanooytuu tan akka { baaha`aa } abha`aa keessa yaa`aadhaa xaa`if dhayne
anaafii ilmi indooyyee tiyaa . kana hundaa miilan kophee malee sinqii malee
yaane gammoojjii yookkaa barahaa yaman tan oow`aaf halkan malee guyyaa yaa`uu
hin dandeenye biyya bofaafii bineensaa keessa yaa`aadhaa biyya adda addaa keessa
rakkoo adda addaa mudata`aa xaa`if seenne rakkoo sanirraa gaaf tokko halkan
baadiyaa su`uudi`ii keessa odoo yaanuu warra baadiya`arraa namni tokko nutti
bayee nu qabe nu qabnaan nuti musaafiraa habasha`arraayii makkatti yaanaa nu
dhiisi jenneen haa tayuu horii kennitan malee je`ee nu gad lakkisuu dide horii
waan harkaa qabnu ni kennineef ammas huccuu baafadha`aa kennaa je`e hoggaa sanan
dirmachuu rabbi malee wanni nu dhaqabu hin jiruudhan qooqa ol fuudhee { yaa
arhamarraahimiin uhkum banyan wa bayna haazarra jul } je`e hogga`an akkana je`u
namichi rifateeti isaa hollatu waan nurraa fuudhe hunda nuu deebisee yaa`aa nuun
je`e yaroon halkan gama boodatii akkasitti nuu karaan beeyne bosona keessa
yaa`aadhaa bulle gandarra goruu sodaadhaf ganda arabaa kan biyya yaman
gariidharraa wanni agarre arjummaa daangaa hin qabne keessattu keessummaa
guddisus biyya gaari`irraa wanni argame kheessummaa tabbarraa takkaa mana fooqii
gubbaa tattaa`aniiti eegan duuba hoggaa nama karaa yaa`u argan itti wal duggoman
duuba kan dura bira gayeetu kheessummeessa haa tayuu ati khalee kheessummaa
argattee ar`a keessummaa tana naa dhiisi waliin je`aniiti wal khadhatan duuba
yoo nama hedduu taate adda qoodatan .
JAALOTA KIYYA
LAMAAN
Jara afran biyya
yaman wajji seennerraa tokko zabiiditti nu jalaa hafe qabrii abbaa soomale`ee
ismaa`iilal jabartii ziyaaru malee je`ee. tokko eega beytalfaqiih dabarreeyi nu
jalaa hafe anumaafii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaa ismaa`iil aliitu miilan
xaa`if seenee achirraa makiinaa yaabbannee makkaa seenne baatii shawaal keessa
eega baatii sadii miilan deemnee , xaa`ifiifu makka jiddu malee hoggaa makka
seennu warri makkaa huccuu jalaa gubbaa nutti bite duuba hanga hajjiin geessu
sinqii dalaganna jenneeti jidaa dhayn`e magaalan jiddaa gaafas xiqqoodhaa ni
oow`iti duuba shirkaa { abuu nasiib } takka bira waa xiqqo dalayne al waaha
markabni fidu bakka takkarra bakka taanitti guuru`uun haa tayuu oow`i
jabeessinaan dhiifnee makkatti deebine .
WAANIN MAKKA
KEESSATTI QUNNAME
Makka keessatti
sheeykh alawii abbaas maaliki`irrattin waa baratu`utti seene keessattuu {
iidaaha } manaasikaa kan imaamunnawawi`ii
Waanin makka
keessatti qunnamerraa tokko dubbii sheekh abdallaa tuqo`ooti sheekh abdallaahi
tuqo`oo harar naannoo fadisitti dhalate duuba eega hararitti fiqhii akkaan
baratee dawwee dhaqee achitti barmoota guddaa baratee eegasii xariiqaa fuudhee
ahwaalli itti ka`e eegasii makka dhaqee fiqhii shaafi`iitifii xariiqaadhafii
aqiidaa ash`ari`ii dhiisee da`waa muhammed abdulwahaabitti seenee makka kessatti
karaa muhammed abdul wahaabitti nama yamu`utti seene sheekh abdulqaadir warra
jimmaa tokkoon wajji wanni isaan dalagan nama biyya habasha`arraa dhufu karaa
isaanitti yaamuu nama hawaashii gadii dhufu abdullaahi tuqo`ootu qabii maxaysa
kan hawaashii olii dhufu abdulqaadir jimmaatu qabee maxaysa jara kana maddii
jamaa`aa biraatu jira kan karaa shaafi`iidhatti warra habasha`arraa dhufu yaamu
keessattu sheekkotiin soomaale`ee gaafa san da`waan sheekh muhammed abdulwahaab
akkaan hin bal`annee sun bara afurtamii shan dura duuba abdallaan tuqo`oo wanni
naan je`e fiqhii shaafiidhaa dhiisi an shaafi`ii ifiin hin je`in tawhiida
ash`ari`ii dhiisi an ash`arii ifiin hin je`in xariiqaa qaadiri`ii dhiisi an
qaadirii ifiin hin je`in hundinuu khuraafataa naan je`e hoggaa sanan mee akka
mazhabni shaafi`iidha waan badduu itti taye na fudhachiisi je`een duuba na
fudhachiisu dadhabe maalif an tawhiidafii fiqhii keessatti akkuma isaati yoo
mataa jabaatuu kiyya itti idaane an isa darani duuba hoggaa ifii na gara
galfatuu dadhabu sheikh abdulqaadir jimmaati natti fide sunis na ijibbaate
eegasii sheekhe daarul hadiisitti na geese ammas eegasii anaafii ilma indoonyee
tiyyaa ismaa`iil alii geessee ashaa yookaa hiraata yookaa dhiyana akka biraa nu
nyaachise hoolaa guutuu gorra`anii gogaa irraa fuudhanii waan garaa keessa jiru
hunda keessaa baasanii dhiqanii ruuza gaarii hawaaji`iin wajji itti takhashanii
itti hodhanii furnoo keessa kaayanii isaa bilchaatee urgaayu kan yoo harkaan
tuyxe foonifii ruuzni buqqa`ee si jala ka`u fidanii nu jiddu kaayan duuba
nyaannee nyaannee quufnee beelti baatii sadiyii nurraa baate hoggaa nyaatarraa
raw`annu sheekhni daarulhadiisa inni warra najdiiti maqaa isaa amma hin
yaadadhuu gorsa gaarii nu gorse akka abdallaa tuqo`otti fiqhii shaafi`ii hin
tuyn`e . duuba ganama hoggaa wal garru abdallaa tuqo`o wanni naan je`ee dubbii
sheekhaa dhageessee yaada keetirraa deebitee mitii ? jennaan wannin je`een
nyaanni waa yaada kiyyarraa nan deebisuu yoo kan bakka nyaataa san yaada
kiyyarraa na deebisu`uu kan na geessite taate an amma eegu achitti hin deebi`u
bakka sadaqaa ganamarraa dhaqanii biddeenafii ruuza irraa fudhatantu jiraa
tikiyyaa umar je`amtuu achi dhaqee waanin nyaadhu fudha biddeen tokkoofii ruuza
fal`aana tokko abdallaa tuqo`orraa maqee duuba abdallaan tuqo mataa bakka
sadaqa`aa sanitti dhaqee namni muhammed rashaad je`amu kun yaadaa isaa gad
dhiisee yaada keenyatti seenuu didee nyaata ittin kennin ruuzafii biddeena
daabboo sadaqaadhaa ittin kennin je`een tanaaf jecha mataan { tikiyyaa } sanii
na yaamee maaltu siifii nama abaddallaa tiqu`oo je`amu jidduu jira je`ee na
gaafate na gaafannaan waannin je`een inni warra biyyatiyyaatii mazhabni biyya
teenyatti itti dalagu mazhaba shaafi`iidhati akkuman an fiqhii shaafi`iidhaa
qara`etti inninis qara`uu ture duuba inni as dhufnaan mazhaba hanbali`ii qabatee
fiqhii shaafi`ii nama jibbisiisu`uttti seene an dhufnaan fiqhii shaafi`iidhaa
dhiisi naan je`e ammas salaata alannabiyyi`in heddommeysaa kitaaba tokkorraan
qara`aa sanis dhiisi naan je`e duuba hin dhiisuu je`een tanaaf hamtuu natti
yaadan je`een mataan bakka sanii sun hoggaa dubbii tana dhagayu irraa hammaatee
wanni naan je`e inni warra misraatii guyyaa hundaa koottaa nyaata hanga feete
fuudhu naan je`e akkasitti kan duraan furnoo yookaa biddeena firii takka qofa
naa kennan naa heddommeysanii ruuza hangan fedhu naa kennanii garii furno`oo
warra achitti namarraa bitutti gurguradhee maallaqa argadhee rabbiin natti
bal`ise inumaa rabbiin kiyya harama keessatti akkaan natti bal`isuu fiinan namni
an hin beyne tokko anaa guyyaa soomanee galgala furnoo goggoyduu bishaan
zamzamaa itti buufatee jiifatee itti faxaru garraan natti dhufee anaatu asitti
nyaata sii fidaa ati asii hin sossoo`in haramarraa hin bayin naan je`ee
akkasitti namni sun nyaate nyaata hoolaa daarulhadiis san caaltu kan gosa adda
addaa miya adda addaatin galgala hunda naa fida rabbi galata isaaf haa galchuu
akkasittan hajji eeggadhee baatii arafa`aa guyyaa saddeetii ganama hajji
hidhadhee makkaa bayee bakka { mina } je`amtu tan makkaafii arafaa jidduu jirtu
dhaqee achitti salaata zuhri`iitifii asri`ii magribaa ishaa`ii subhii guyyaa
sayleessaa baatii arafa`aa salaatee minarraa gara arafa`aa deemuu jalqabe namni
minarraa gara arafa`aa deemu dura bakka muzdalifaa je`amtutti dhufa eegasii laga
lolayaa kan waadii yookaa laga {namiraa } je`amutti dhufaa duuba bakka namirraa
je`amtu qubata masjida namiraa keessa takkaa ala isaa bakka arafaa hin tayin
qubata maalif masjinni namiraa takkaa masjinni ibraahiim cina`aan namira keessa
jiraa cina`aan diida arafaa keessa jiraa gama arafa keessa hin jirre taa`a hanga
zuhriin gayutti duuba hoggaa zuhriin gayu odoo diida arafa`aa hin seenne salaata
zuhri`iitifii salaata asri`ii raka`aa lama lama godhee wajji salaatee eegasii
dirree arafa`aa seenee hanga magribatti diida arafa`aa san keessa bakka fedhe
dhaabbatee booyee waan fedhu rabbi isaa kadhata duuba odoo magriba hin salaanne
hoggaa aduun seente gara muzdalifa`aa deema achitti magriba ishaa`iidhan wajji
walitti qabee salaatu`uuf duuba eega subii salaatee hanga aduun baatutti achi
taa`ee rabbi khadhatee achirraa dhagaa boollaa sheyxaanni zamana ibraahiim seene
sadeenirraa tan jamratul`aqabaa yookaa boollaa kaarraa je`amtu tan makkatti as
aantutti darbatu dhagaa xixiqqaa hanga firii baaqila`aa takkaa dhagaa biimbe`ee
gayu muzdalifa`arraa guurata duuba achirraa gara mina bakka boollitti sheyxaanaa
jirtu hanga boolla sadeenirraa kan boodaa gayutti hoggaa biraa gaye dhagaa
turban muzdalifa`arraa guurate tokko tokkoon boolla sanitti darba guyyaan kan
guyyaa iida arafa`aati guyyaa kana wanni dalagan tokko dhagaa boollatti darbatuu
tokko yoo qabaatan waa qaluu tokko mataa haaddatuu tokko makka dhaqanii
xawaafanii sa`yii godhuu waan dubbanne kanarraa yoo waa lama dalage akka dhagaa
darbatee mataa haaddatu`uufii takkaa mataa haaddatee xawaafu`uutii waan lamaan
kana dalagu`uun hiikkannaan hajji`ii lamaanirraa ta duraa argamtee wanni hoggaa
hajji hidhate isarratti haraam yookaa dhoowwamaa godhame hundi halaal isaa
godhamtee dalaguu qaba yoo beeratti ida`amuu taate malee ammoo yoo sadeenuu
dalage dhagaa darbatee mataa haaddatee xawaafee sa`yii godhe waan irraa dhowwame
mara dalaguun isaaf gayaa arkaana hajjiidhaa fixe waajibaatu irratti hafe malee
sun iida booda guyyaa lama yookaa sadii mina bulee boolla sadeenitti dhagaa
torba torba darbatuu hoggaa biyya isatti galu`uu ka`e xawaafa dhaammanna`aa
ka`ba`aan hoggaa torba naannawuu yookaa xawaafuu .
Wannin makka
keessatti dalage kanin yaadadhu kitaaba azkaaraa kan amaamunnawi`ii biteetan
du`aa`ii isaa keessa jirtu qara`ee ka`baa seenee salaatee rabbi khadhee yaa
rabbi hangan qur`aana kee ma`naa isaa baree nama barsiisu nan ajjeesin je`ee
itti wowwaadhe duuba waaqa galanni guddaan wasanan qabne haa gayuu du`aa`ii
tiyya san naaf qeebalee ammallee naa haa ida`uu kennaan isaa hin dhumtuu wanni
raga sanii tayuu rabbiin ma`naa qur`aanaa afaan oromo`otti deebisee barreessee
sajjaluu yookaa waraabuu na qunnamsiisee ummata keenya gayee bu`aa irraa argatuu
.
HAJJI`IRRAA
RAAW`ATUU
Akkanattin hajji
fixee madiinaa dhaqu`uuf karaa bu`e karaan madiinaa dhaqu kanin an deemu`uu
muradhe karaa nabi muhammed gaafa hijraa bayan deeman kan amma xariiqul hijraa
je`amu kan amma matoobiliin gamaa gamana keessa oriitee makkarraa nama fuutee
saa`aa afuritti yookaa saa`aa jahatti madiinaa nama geessitu kan gaafa nabii faa
guyyaa khudhanitti makkarraa ka`anii madiinaa dhaqan karaan kun gaafan an
deemu`uu ka`e matumaanuu namni deemuu dhiisee faanti isaatuu bade duuba karaa
akkanaa kanan faanan nabii jalan deema`aaf kanin sinqii yookaa galaa hin qabne
deemu`uu karaa bu`e duuba tan`iimirraan amna jalqabee odo`on deemuu nama tokko
kan gaala yaabbatee karaa kana deemu argadhe duuba odoo yaanuu biyya waadii
faaxima`aa je`amtutti dhufnee magaalaa sanirraa timira fudhee khaliixaa dur
biyyatti mahallii sharhii minhaaj keessa kaayatuu ture guuttadha ganda san
keessa madda bishaan mi`aaya`aa tan burqitu tan bombaa itti hidhanii jidda
geessanii bishaan isi`ii mi`aayaa mandarri jiddaa dhuguutu jira duuba ganda
waadii faaxima`arraa namicha arabaa kan hajji dhufee biyya isatti galu`uu deemu
saniin wajji amna itti fufne hanga odoo yaanuu halkan keessa bakka geenyetti
duuba namni sun wanni naan je`e an bitti tiyya asirraa gara bayaatii ati karaa
madiina`aati deemtaa rabbi si wajji haa jiraatuu nagayattu je`ee na biraa dabre
hoggaa inni na biraa dabru ormi hedduun namni ati dhiiftee biraa deemte sun
eenyu je`aniin jennaanin nama habasha`aa kan hajji godhee madiinaa ziyaaru`uu
deemuu je`een .
Hoggaa san dhufanii
naan marsan isaan nama heddu`uu wanni seyan nama horii guddaa harkaa qabu wanni
akkas siyaniif anaatu borsaa yookaa qandii goga`aa timira guutee kan kitaaba {
alfathurrahmaanii fissalaati alaa ashrafilnaw`il`insaanii } kan sheekh
haashimilharariin allafe malee wanni biraa keessan hin jiru khaliixa`aatu guddoo
malee kanin sharhii minhaaj { mahallii } keessa kaayatu`uu goga`arraa tolfadhe
haa tayuu ormi sun waanuman maallaqa ba`adhu seyan yaroon sun halkan
wal`akkaadha ammoo ji`aatu jiraa halkan ni ifa duuba odoo isaan afaanin natti
dubbatuu malee harkaan nan qabin rabbiin magaya na baasu`uu jecha matoobiliin
takka gaara duubaa luf as jette gaafas warri baadiya`aa matoobilii hin beekhuu
takka ashkara mangisti`ii kan baadiyaa keessa yaa`ee nagaya eegu seyanii hundi
isaanii gara matoobilii sanii gara galanii laalu`utti seenan hoggaa sanan isaan
jiddu`uu futtifadhee karaa ifaan matoobili`ii itti qajeellu keessa dhaabbadhee
itti iyyadhe hoggaa san harka na qabanii matoobili`irratti na darban duuba
matoobilii gubbaan bana`aa nuun fiiganii du`a jalaa rabbiin na baase galanni ka
saatii silaa odoo xiqquma sayyaaran yookaa matoobiliin san na dura dabartee
takkaa waa xiqquma turtee ar`a silaa an asin jiru oromolleen bu`aanarraa hin
argatu haa tayuu namni sheekha tokko akki naan je`e maalumaaf jarri sun si
kholaasee hayyuu arabaa tokkoo sin gurgurin silaa taabiyyaa argatteeti kafiila
nuu taataa je`ee hawwe duuba akka namni sun nama dantaa ifii malee dantaan tiyya
yookaa dantaan oromo`oo isan yaachifne asxaan sanii bakka heddu`utti naa
mul`attee jirti matoobiliin sun hoggaa jara san jiddu`uu na fuutee nuun fiydu
bakka deemtuf nuun dhayxe abbaan sayyaaraa sanii hogga`an dubbii tiyya itti
odeessu ni booye wanni naan je`e bakka tanatti hajjaajonni meeqaatamtu dhume
nama diiddamaa gadiin orma shifta`aa kana bira dabruu hin dandayan tanaaf jecha
karaan kun dhiifamee jiraa jiddatti si deebiseetan karaa saahil yookaa qarqara
bahar deemta malee gad sin dhiisu je`ee khakhate yoo sayyaaran sun eessaa dhufte
jettan abbaan sayaaraa sanii warra shaamii matoobilii lamaan jiddaa bayee gaara
qoraanii dhaqee achitti sayyaaran takka duraa baddee isii fayyaa qabduun
jiddatti deebi`ee waan isii baddetti jirjiirufii ogeessa fudhatee isaa jiddarraa
deebi`ee bakka matoobilii baddetti deemu halkan san bakka shifta`aa sanitti wal
qunnamne duuba hanga sayaaran sun tolfamtu gaara san keessa wajji teenyee nyaata
isaanii wajji nyaannee bishaan isaanii wajji dhuynee guyyaa meeqa booda jiddatti
ifiin wajji na deebise riyaala shan ka xalaya`aa wahiin nyaadhu je`ee naa kennee
.
Jidda keessatti
wannin arge nama adii tokko kan nama guraacha tumu hoggaa sanan utaalee harka
isaa qabe maa tumte je`ee hoggaa san na dhawu`uu natti gara gale hoggaa san
namni tokko utaalee narraa dhoowwee harka na qabee achi naan deemee namni kun
gabricha ifiiti tumaa ati maaltu siin gaye naan je`e .
JIDDARRAA AMNA
JALQABUU
WAANAN KARAA
JIDDATTI ARGE
Duuba jiddatti
asri`ii salaattan akka namichi shaam kan karaa kana hin deemtuu karaa saahil
deemta naan je`ettin karaa jiddaa ka`ee madiinaa dhaqu deemu`utti seene an mataa
kiyya keessa waa yaabbatuun hin jiru waanin miilan deemuu aadaa godhadheef
ammallee waanin sinqii hin qabneef jecha tanaafan karaa saahilaatin deemtaa
qaalichi shaam naan je`e san miilan deemu`utti fudhee karaa madiina`aa kan
jiddaa bayu deemu`utti seene gaafas karaan madiina`aa akka ammaa kanatti hin
tolfamne inumaa hoggaa san soqanii wal qixxeessuu jalqabanii bakka { raabigh }
je`amtuun gayan kan sanii achi matoobiliin ifumaa karaa baafattee deemtu .
Duuba karaa
diriiraa sayyaaran yaatu asri`irraa deemuu jalqabe odo`on deemuu aduun seente
eega maghribaati otobiisni mangisti`ii hin deemuu ni dhaabbata hammeenya
kara`aatif jecha ammoo sayyaaran sha`bi`ii akka koturbaandi`itti takkaa akka
hannatti ni yaati duuba karaa diida bal`aa keessa deemu kan sayyaaran tikka
deemtun kophaa tiyya deema akka yaada kiyyatti madiinan dhiyo`o duuba dukkana
karaa sanii ifaa sayaaraa na duubaa jiddarraa dhuftuutu naa ibsa karaan diriiraa
dheera`aa wanni na rakkise yayyee diida san guuttee bineensa sayyaaran ajjeeftu
nyaatu`uuf kara`atti oriitu kan karaa moggaa lamaanii iyyitu tan hoggaa sayaaran
dabartee dukkanti dhufte kara`atti oriitu kan hoggaa ifaan sayaaraa biraa dhufe
kara`arraa oriitu akkanatti ishaa`in dabartee sayyaaran takkittii hanga
sayyaaraa takka malee sayyaaran jiddarraa dhuftu tan karaa naa ibsitu
dhabamtetti hoggaa sanan yoo sayaaran tun dabarte yayyiin si nyaattee sayaaraa
tanatti iyyadhu ifiin je`ee hoggaa isiin natti dhiyaattu dura dhaabbadhee itti
iyyadhe duuba naan dhaabnee narraa maysaniiti dabarsan haa tayuu hoggaa waa
xiqqo narraa fagaattu sayyaaran duraa dhaamtee dhaabbattee irraa bubu`anii waan
taate laalu`utti seenan tana jidduu abbaan sayyaara`aa ceya`aa natti dhufee
harka na qabee na bubbuta`aa isaa yaa saahir koottaa sihrii baaburarraa hiikki
je`ee na arrabsu bakka baaburri dhaabbatuttiin naan qajeelee hoggaa baabura
biraa na gayu baabura seenii bakka tana dhaabbadhuu qabadhu je`ee ol na darbe
duuba hogga`an koree qalbiin na qabbanooytu baaburri odoo tutuqanuu ka`eefii
akkasitti baaburri deemsa itti fufe , hanga bakka raabigh je`amtu geenyetti
duuba abbaan baaburaa waan nuun je`e hara baafanneeti subhii dura kaanee deemnaa
sayyaara`arraa bu`aadhaa rafaa hoggaa san namuu bubu`ee baabura jalaafii maddii
rafan an ammoo sayyaaraadharraa fagaadhetin rafe anaa dadhabbii deemsa kara`aa
qabu duuba hoggaa sabhii salaatu`uu ka`u sayyaaraa if biraa hin agarre amma
lafti itti dachiin diidaa qiblaan gamanaamoo gamanaan hin beekkamu haa tayuu
ijtihaada godheetan qiblaan gamanamoo gamana je`ee gara qalbiin tiyya gamana
jettetti gara galee salaate maalif namni wanni lama itti wal fakkaatte akka
huccuun xaahiraatifii huccuun najifamte itti fakkaatu`uutii ta qalbiin isaa
xaahira jetti filatee salaatan duuba hogga`an salaata subi`ii salaatu amnaafin
yookaa adeemsaf karaa bu`ee odo`on deemuu nama sayyaaraa { londoroofar } oofu
argee madiinan dhiyo`oo je`ee gaafadhe gaafannaan lakkii madiinan dhiyo`oo miti
fagoo naan je`e ammas wanni naan je`e madiinan asirraa sayyaara`aan amna guyyaa
sadiyii ni geessii sanumaan wajji ati gara jiddaati deemu`utti jirtaa duuba
deebi`ii gara madiina`aa deemi naan je`e . wanni akkas na godhe aduun takkaa hin
baanee bayaa dhiya kaataa kibba yookaa mirgaa bitaan adda naan beekkamne .
akkasittan karaa madiina`aa deemuu jalqabe duuba hogga`an karaan madiina`aa
dheeraa tayuu hubbadhu matoobilii takka ta jiddarraa deemtu argee abbaa
isi`iitin na yaabbachiisi je`ee kadhe khadhannaan maallaqa kenni je`e jennaan
riyaala shan malee wa takkan qabuu na fattashii yoo garte fudhu je`een riyaalli
shaman sun kan shaamichi keli na kenne hoggaadhan akkas je`uun dhiifadhu
sayyaaraa kori naan je`e na korsiisee hajjaajota soodaanin wajji nyaata isaanii
nyaata`aa bishaan isaanii dhuga`aa guyyaa hedduu deemne waan karaan madiina`aa
hin tolfaminiif tolfamuu dhiisii soqamee wal hin qixxeeffamaniif kan sayyaaran
hundi karaa ifii baafattee deemtu hanga odoo yaanuu bakka itti baasaboortii
yookaa jawaaza nama gaafatan geenyetti achitti abbaan sayyaara`aa ati
baasaboortii hin qabduu na qabanii narraa bu`ii madiinan dhiyo`oo miilan deemi
naan je`ee irraa bu`e akkasitan halkan gama boodarraa adeemsa jalqabee suuta
deema`aa waytii yookaa yaroo waari`ee madiinaa nuuraa seenee gammachuu likii
yookaa daangaa hin qabne gammade duuba anaa salawaata alannabii akkaan
heddommeysu masjida nabii seenee raka`aa lama tahiyyatal masjid je`ee rawdaa
keessatti salaate rawdan bakka qabrii nabiitifii minbara isaanii jidduu jirtu
minbirri yooka maqidallaan bakka isaan irra dhaabtanii yookaa taa`anii khuxbaa
ju`aadhaa takkaa khuxbaa biraa qara`an nabiin akki je`e { qabrii tiyyaafii
minbara kiyya jidduu rawdaa jannataatitu jira
ما بين قبري ومنبري روضة من رياض الجنة
} je`an akkana jechuun ibaadan achi keessatti
dalagan salaata tayuu waan biraa tayuu waan jannata nama seensisu jechuu takkaa
bakkeen sun kutaa jannatarraa taate tan jannata seensifamtu jechuu duuba eegan
rawdaa keessatti tahiyyaa masjidaa salaate ka`eetan qabrii isaanii bira dhaqee
qabri`irraa waa xiqqo fagaadhee { assalaamu alayka yaa rasuulallaahi ashhadu an
laa ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka Muhammed rasuulullaahi wa ashhadu annaka
khaatimu rusulillaahi wa ashhada annaka qad ballaghtarrisaalaata wa
addeytal`amaanata wa nasahgtal`ummata fa jazaakallahu khayra maa jaazaa nabiyyan
an ummatihii } je`e
{
السلام عليك يا رسول الله اشهد ان لا اله الا الله واشهد انك محمد رسول الله واشهد
انك خاتم رسل الله واشهد انك قد بلغت الرسالة واديت الامانة ونصحت الامة فجزاك الله
خير ما جازا به نبينا عن امته }
Akkana jechuun
afaan oromo`ootin ergamaa rabbi nageenyi sirratti haa jiraatu an akka waaqa
tokko malee waaqni biraa hin jirre nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati
ergamaa rabbi kan boodaa kan nabiyyiin biraa haaroyni si boodan hin dhufne taate
nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati amaanaa rabbiin sirra kaayee
ummatatti geessi siin je`e ummatatti geessitee ummata kee qajeeljite nan beekhaa
raga`an baya rabbiin galata galata anbiyootaf ummata isaanirraa galchu caalu
ummata keetirraa sii haa galchu } je`een eegasii salaamtaa namni nabitti nuu
geessi je`e natti dhaammate itti geese abalu assalaamu alaykum siin je`aa
assalaamu alaykum minhu } je`ee .
Eegasii hanga
dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab abuu bakrirratti salaammadhe {
assalaam aleyka yaa abaa bakrissiddiiq yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu
anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami
kheyraljazaa` } je`e .
السلام عليك يا ابا بكر الصديق يا صاحب رسول الله ويا هليفة حبيب الله رضي الله عنك
وعن اصحاب رسول الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .
Akkana jechuun {
yaa saahiba ergamaa rabbi yoo khaliifaa jaalallee rabbii nageenyi sirratti haa
jiraatu rabbiin siifii asaabaa nabii hundarraa haa jaalatu islaamarraa galata
guddisee sii haa galchu } jechu` .
Eegasii hanga
dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab umarirratti salaamadhe {
assalaamu alayka yaa umarbnilkhaxaab yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu
anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami
kheyraljazaa`} .
السلام عليك يا عمر بن الخطاب يا خليفة رسول الله رضي الله عنك وعن بقية اصحاب رسول
الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .
Akkana jechuun {
yaa umarabnilkhaxxaab yaa khaliifaa nabii nageenyi sirratti haa jiraatu rabbiin
siifii asaabaa nabi hundarraa haa jaalatu rabbiin islaamarraa galata guddaa sii
haa galchu } jechuu
Eegan nabiifii
saahibaan isaanii lamaanirratti salaamadhee dhaabbadheetan waanan fedhe hunda
rabbii kiyya khadhe du`aa`in achitti ni qeebalamti .
QABRII NABII
ZIYAARUN SAWAABA
GUDDAA QABA
Qabrii nabii
nageenyi isarratti haa jiraatuu ziyaarun sawaaba guddaa qaba .odoo hadiisa abuu
daawuud odesse kan nabiin isa keessatti { nama dhufee qabrii tiyya bira
dhaabbatee narratti salaammate rabbiin iznii naa godheetan salaamtaa isaaf
deebisa } je`u malee hadiisni bira jiraatuu baatee hadiisni abuu daawuud kun
qofti qabrii nabii ziyaaru`uu jecha madiinaa dhufu`utti nama kaasu`uuf ni gaya
salaamtaa nabiin isarratti deebisu tana argatu`uu jecha nabiin namarratti
salaammatuun waan laaftuu if dabarsanii mitii saniin wajji hadiisni biraatis ni
jira hadiisni biraa wanni je`u { namni ziyaaraa tiyyaa jecha mana isaatii baye ,
kan ziyaaraa tiyya malee wanni biraa isan baafne guyyaa qiyaama`aa shafii`an
isaaf taya } je`an kunis waan namni aylii qabu if dabarsuu miti .
Gaafan madiinaa
dhaqe hoggaa san su`uudin masjida nabii bal`isuu jalqabde manootii naannoo
masjidaa diiydee alwaaha jaaraniin achitti tuultee kan masjidaa tan {
baabulmajiid } je`amtu diisu jalqaban anilleen dalagaa jaarmaya masjida nabii
sanirraa haa xiiqqaaffulle`ee qooda fudhe odoo alwaaha yookaa muka bakka
takkarraa takkatti guuruu takkaa sayyaara`arraa buusu`ullee taatee .
Hangan madiinaa
keessa jiru bakka ziyaaramtu hedduudhan ziyaare kan akka qabroota uhud kan
shuhadaa`otaa kan qabriin leenca rabbii hamza`aa keessa jirtu nabiin nageenyi
isarratti haa jiraatuu qabrii hamza`aa ziyaaruu akkasuma masjida qubaatis
ziyaaru`un ture inni masjida nabiin hoggaa madiina`atti galan dura dursoo jaaran
akkasuma masjidulqiblateynii ziyaaru`un ture .
Ammas hangan achi
jiru ulamaa`ii madiina`arraan waa baratuu ture keessattu lughaa arabaa .
ABJUU BAREEDDUU
Gaaf tokko odo`on
al waaha masjidaan jaaru`uu jecha walitti qaban gubbaa rafuu manaama bareedaa
tokkon arge manaamni nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu kan asaabaa
isaanii dura deeman kan diiminni isaanii akka wardi`ii kan asaabonni jala ya`u
kan karaa hulaa masjidaa tan baabussalaamin diidaa dhufanan argee itti ceyee
utaalee harka kiyya lamaanin morma isaanitti maramee miila lamaanin mudhii
isaanitti akka joollen abba`atti maramtutti maramee wannin je`e ashhadu an laa
ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka muhammdun rasuulullaahi hogga`an akkas je`u
wanni na garsiisan biyyaa bareedduu takka tan manneen isi`ii mukkeen dhedheeraa
keessan mul`atuti naa akeekan akka waan dhaqi naan je`anii .
Duuba abjuunan arge
kan waan an rabbi biratti ol kaayadhurraa irra guddo`oo tan namni hundi hawwuuf
maalif nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu manaaman arguun ni`maa
yookaa qananii guddoo nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki
je`an namni manaaman yookaa abjuuudhan na arge zaahiraan yookaa isaa dammaqa`aa
na arguu hin oolu je`an isaan arguun sun addunyuma tanarratti takkaa hoggaa
du`aa ka`an namni tokko warra dawwe`eetii manaama kana itti odeessinaan akka
biratti isaan argu`uu dharra`e yookaa hawwe rabbiin isa haa agarsiisuu .
Duuba odo`on
madiinaa taa`uu sheekh abdullaahi muhammadiin wal barre isaanii hajjii godhee
madiinaa dhufeen wal barre . duuba wanni naan je`e an shaamittan deemaa asitti
si dhiisuu hin fedhuu na wajji deemtaa ? jennaan gammadee ee nan deema je`een
gurbaan tokkos warra fadisii isiniin wajjin deema je`e .
Akkasitti sheekh
abdullaahi matoobillii yookaa baabura nuu kireessee madiina`aa baane duuba nuu
shaamitti yaa`u dura dursoo biyya imaam maalik tan { ulaa } je`amtutti dhufne
isiin biyya timiraati sheekhni timira qirbata tokko nuu bite ajaa`iba timira
sanii rifeensuma qofa maalif { qalqalloo } yookaa qarbata itti naqan san gama
rifeensatti naqanii itti hodhan an waan akkas godhaniif hin beyne haa
barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee duraa hin
barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee duraa hin
dhumne jecha`aaf akkas godhanii hin bayne an achittan warra timira zeyti`iin
tuqatee nyaatu arge .
Duuba odoo yaanuu
biyya nabi saalihitti dhufnee gaara ilmoon gala saalif kan ummanni isaa duraa
ajjeesse dheeysitee seentefii manneen isaan gaara keessatti jaaran eela isaanii
hunda garre . gaalli nabi saalih wanni irraa dhufe inni ummata isaa kan rabbitti
balleessee namatti balleessutti rabbiin isa ergee rabbi sodaadha`aa badii itti
jirtan tana dhiisaa an ergamaa rabbiiti na dhugo`oomsaa jennaanin mee yoo
dhuga`aan argamaa isaa . taate dhagaan kun odoo nutti garruu gaala haa dhaluu
je`aniin duuba gaalli odoo isaan arganuu ittanee ilmoo dhale dhallaan nabi
saalih akki je`een gaalli tun gaala rabbiiti hin tuqinaa je`een duuba bishaan
isaanii adda qoodanii guyyaa tokko gaalli isaanii dhugee guyyaa kaan gaalli
saalih kun dhugu kan aanan isiidhaa akka gaari`itti irraa dhugan duuba gaalli
isaa kophaa bishaan dhuguun horiin isaanii isii dheeysun isaanitti ulfaatee nama
tokko lam { qudaar ilma saalif } je`amu itti erganii ajjeesse hoggaa san ilmoon
gaala sanii dheysitee gaara nuti garre san seente ammoo ummata saalih kan isatti
amane malee rabbiin balaa itti buusee lafarraa dhuman ilmoon gaala sanii hoggaa
qiyaaman dhiyaatte gaara sanii takkaa safa keessaa baatee nama iimaana qabuufii
kaan mallatto`oon adda baafti .
MAGAALAA TABUUK
Eegasii tabuuk
dhayne`ee bishaan diida keessatti nabi muhammadiif baye agarre kun eega guyyaa
hedduu deemne yaroon sun yaroo qabbanaati hedduu rakkanne kan hunda kanuma
naafii gurbaan ibraahiim je`amu kan madiina`aa wajji baane kan warra fadis
jawaaza safaraa hin qabne yaana yoo namni baasaboortii nu gaafate wanni jennuun
nuti takruunni`ii qabrii nabi zakariyya`aa tan suuriyaa { jaami`a umwi`ii }
keessa jirtu ziyaarretti biyya teenyatti gallaa jennaanii numa dabarsan hanga
magaalaa { ma`aan } je`amtu tan biyya { ordon } seennee eegasii magaalaa guddoo
muummittii biyya ordon seennetti maqaan isaa { ammaanii } .
BEYTULMAQDIS
Ammas ammaanirraa
kaaneti magaalaa yookaa mandara { qudsii } dheyne gaafas mandarri qudsii harki
tokko sun mandara durii kan masjidaafii qubbatul sakhraan keessa jirtuu harka
mangistii ordun jira ammoo mandarri qudsii haaroyni harka yahuuda`aa yookaa
israa`iil jira ganduma tokkichaatu bakka lamatti qoodame jechuu kan ashkarri
ordoniifii ashkarri yahuudi`ii karuma tokkicharra gamaa gamana tattaa`u kun bara
{ 1952 } tt. duuba eegasii mandara { ibraahiimalkhaliil } ziyaarre eegasii
magaalaa ammaanitti deebine .
SHAAM { SUURIYAA
LOBNAAN }
Duuba sheikh
abdallaahi Muhammad magaalaa ammaanitti nu dhiisee suuriya`atti dabre baabura
hadiidatin waan baasaboortii qabuuf jecha ammoo nuti miilan ammaanii baanee
suuriya`atti qajeelle karaa ashkarri eegurraa maqa`aa hanga magaalaa guddoo
muummitti suuriya`aa dimishqa seennetti yaruun magaalaa dimishqaa geenye asrii
boodaa masjida guddaa jaami`ul`umawi je`amu seennee asrii salaannee tetteenye .
Duuba namni tokko
dullacha dhufee nu bira taa`ee nagaya nu gaafatee isin warra biyyaa hin
fakkaattanii eessaa baatan biyya tamii dhuftan nuun jennaan habasha`arraa dhufne
jenneen ka`aa nuun je`ee magaalaa nu geessee dukkaannotarraan nu gorree abbaa
dukkaana tokkootin ati nama kana uwwisi je`eenii namni sun huccuu qabbanaa na
uwwise yaroon yaroo qabbanaati huccuu qabbanaa hin qabuu ammas dukkana biratti
dabree nama kana uwwisi je`eenii sunis waahila kiyya ibraahiim huccuu qabbanaa
uwwise ammas nu fuudhee masjida sheekh hasan habannaka`aa kan mandaruma
dimishqaa keessaa ganda { miidaanii } je`amu keessa jiru nu geessee sheikh hasan
habannata`aan jara kana naa bulchaa ganaman dhufee fuudhaa je`eenii nu biraa
deeme .
Duuba rabbiin
ayyaana nu tolchuu keessa masjida sheekkotiin biyya teenya sheekh Muhammad
jiilletiifii sheekh Muhammad alii yahya`aa bara hedduu keessa taa`anii ummata
biyya sanii keessatti ilmi`iifii zikri`iifii waliyyumma`aan beekkaman keessa
rabbiin nu qubsiise warri masjida saniitifii warri mana barmootaa kan masjida
sanirraa laakkawamu gammadanii nu ashaman nutis haaluma sheekkotii isaan
beekaniiti qabnaa haatayuu nuti isaan bira hin teenyee odoo isaan nutti
rarra`anuu qaallichi achi nu fide borummaa nutti dhufee nu fuudhee madrasaa
yookaa mana barmootaa kan { madrasat fathul`islaamii } je`amu geese mataa mana
barmootaa sanitti nu kenne akkasitti mataan bakka sanii sheekh saalih farfuur nu
qeebalee nu dhiyeesse . ammas rabbiin nasiiba nu tolchuu keessa sheekhni keenya
abdallaahi kan ordonitti adda baane achi jiraa akkasitti walitti rabbiin nu
qabee gammanne .
Duuba mana
barmootaa sanittan waan barmoota islaamaa taye hunda waliin gaye hundee
kitaabban barmoota islaamaa kan nagaya qabu hunda sheekkotii gugurdoo
amanamtuudharratti qara`ee bara shan keessatti halkanii guyyaa itti fufee
sheekkotiin sun kan akka sheekh saalih furfuur kan jam`iyyaa yookaa wal daya wal
gargaarsaa dhabee mana barmootaa kan fathul`islaamii je`amu jaare rabbii rahmata
haa godhuufii ammas sheekkotii an irratti baradherraa tokko sheekh abdurrazzaaq
halabii sheekh saalif aqqaad kan shaafi`ii zamanaa je`amu kan mughnilmutaajif
hiikkaa yookaa haashiyaa kaaye ammas kan kifaayatul`akhyaarif haashiyaa kaaye
aalima taajira zaahidaa akkasuma sheekh hasan habannakaa akkasumaa sheekh hasan
kaftooroo akkasuma sheekh abdul`aziiz uyuunussuud kan teesson isaa { himsi }
taate inni bukhaarii ijaazaa naa kenne ammoo sheekh abdulqaadir iisen kan
teessun isaani halab taate kan kitaaba safwatuttasawuf allafe yookkaa barreesse
inni sheekha kiyya kan ruuhi`ii kan khalwaa na seensisee xariiqaa qaadiriyya`aa
tan isaanirraa kaatee ilma sheekh abdulqaadir abdurrazzaaqitti deebitu naa kenne
isiin tun karaa kiyyaan harar seente isii tana sheekhni itti dalagu`uufii itti
dalaysiisullee iznii guutuu naa kennani jiran isii hiruu naa eebbisan jechu
duuba anis isii tana itti dalagu`uufii hirullee nama haqa godhatuu iznii godhe
sheekh abdulqaadir suuruya`arraa madiina`atti galaniiti eegasii ordonitti
galu`utti dirqaman kan eegasii dhukkubsatanii turkiyaa dhaqanii achitti du`an
xariiqanin isaanirraa fuudhe ta biraa xariiqaa shaazaliyyaa darqaawiyyaa rabbi
rahmata isaanii haa godhuu . inni nama ruuhin isaa jabdu`uuti kan laalchumaan
nama qajeelchu .
Ammoo sheekhni
kiyya kan hadiisafii fiqhi`ii sheekh abdallaahi muhammed harar sheeybaanii kan
hadiisa nabii kum kudha lama haafazu kan sodaa rabbi keessa hoonga gaye kan
horii boki`iitifii horii shubaan keessa jiru hin nyaanne gaafa isaan suuriyaa
dhufan warri suuriya`aa akki isaan itti isa fudhatan akka sheekh abdallaahin kun
khaliifaa sheekha isaanii kan badruddiin je`amu kan { muhaddisa shaam } taye
inumaa muhaddisuddunyaa je`an taye maalif sheekh isaanii kanaatu namni ilmii
hadiisaa keessatti bakka tiyya tana dhaalu sheekha tokko kan habasha`arraa
dhufuu isa eeggadhaa je`aniin duuba isaanii mataa keessa kana qabu sheekh
abdallaahi suuriyaa dhufe dhufnaan alaamaa sheekh badruddiin je`e irratti argan
gama hundaan gama akhlaaqatiin gama hadiisa haffazu`uutin gama diin isaa waan is
ir`isurraa tiysu`uutin gama waan nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
dalagaa je`e dalagu`uutin gara waan inni dhiisaa je`e dhiisu`uutin gara waan
shari`aan dhoowwiterraa dhoowwamu`uutin laalte nama xaliila bara jahan khaddamee
takkaa naman hamanne yoo namni biratti nama hamate seeqaniiti harka afaanirra
kaayatan akka garaan kee hin hammaanne`eef isaan huccuu takkittii malee hin
uffatan yoo namni hadiyyaa fideef irraa hin fudhatan ati an waliyyii jecha`aaf
naa kennite je`anii deebisaniif yoo bira jiraate yoo namni sun lakkii ati
waliyyii jecha`aaf siin kenninee ati saahiba kiyya jecha`aafan sii kenne je`een
irraa fudhatan ammoo horiin hadiyyaa jaalalloonni isaa tujjaarri gugurdaan akka
haaji sabri`ii haaji khaliifa`aa karaa boosxa`aatin isaa ergu bara shan
keessatti duulaana habasha`aa kuma meeqaatam taaye kan waa takka irraa hin
nyaatin kan san biraa beelayan hoggaa garii shubhaan horiin kiyyatti seenetan
kiyyallee horii shubha`aa sanitti ida`ee tuulama karaa shubhaan nattin seenu :
yoo sheekhni waa xiqqo horii halaal argatee mee hoodhaa qarshii meetaa kanaan
sukkara nuu biti naan je`a duuba hogga`an dukkaana dhaqee qarshii meetaa itti
kenne sukkara kiiloo takkaafii nusa qarshi`ii meeta naa kenna hogga`an fidee
sheekha garsiise kun riba`aa deebisuu takkaa an kana sii kennee atis kan naa
kenni je`ii karaa hiba`aatin irraa nuu fuudhi takkaa sukkaraafii waan meeta hin
tayin sii kennuu karaa gurguraatin gaafin maallaqa isaanitiin sharxii guutee waa
bitee waan maallaqa isaanirraa hafe borsa qamisa kiyyaa keessa kaaya borsaa san
maallaqa kiyyaatu keessa jiraa kan hanganaa hin beyne duuba maallayni lamaan
walitti makamaa isaan ka isaanii waa biti naan hin je`an anis kiyya wahiin hin
bitu waan horiin kiyya ka isaanitiin walitti makameef hoggaa taan horii namatti
iznii malee dalagu`uutu argamaa akkasittan fuudhe horii kiyyaafii kan isaanillee
horii shubha`atti ida`a duuba horii tujjaarri habasha`aa karaa boosxa`aatin
isaanii ergu kan kuma hedduu gayu kana biraa sheekhni risaalaa obboleessa
isaanii kan dukkaana xiqqaa harar keessaa qabutti erganii maallaqa waanin
haaja`aan bayu naa ergi je`aniin hogga`an yaa sheekha maalif kana dalaydan
je`een horiin isaa halaal tayu`uun beekha je`an gaaf tokko namni tokko warra
hararii azharitti qara`aa muhammad mahdii je`aniinii inni fira kiyyaa maalif
inni kan faaximaa sheekh ibraahiim umara gurbayyeeti abbaan haadha isaa kun
adeera haadha tiyyaati duuba namni kun misrarraa dhufee dimishqatti nu ziyaaree
tuulaa maallaqa arge duuba maalif asitti tuultan je`ee na gaafate gaafannaan
horii shubha`aati je`een jennaanin isin mi`aa maallaqaa hin beytanii an gubadhu
haa gubadhuu je`ee fudhatee irraa qoofee turkiyaa dhaqee shirshiri`iin godhee
misrati deebi`ee barmoota isaa oofate mahdiin kun mana barmoota lolaa kan olii
kan biyya misrirraa bayee biyya soomale`etti deebi`e carcar keessatti warraaqa
haylasillaase`een lolu keessaa lola keessatti baka { xir`oo } je`amutti
ajjeefame { 1974 } karaa ashkara haylasillaase`eetin ilma sheekh muhammad
rashiid kan ahmad taqii je`amuun wajji mahdiin ilmaan jaharraa du`e intala
sulxaan ali nuur kan hawwiyya`aa fuudhee gaafas maqdishoo keessatti isaan dhiise
nazmiin taariikha sheekh ibraahiim umar gurbayyee qabdo isaan bira jirti .
Dubbiin tiya ta
gaafan suuriyaa keessa jirutti deebinaa gaaf tokko eegan subii salaatee manaama
tokkon arge wannin arge sheekh taqiyyiddiinissubki isaa mana dheera tokko maddii
bayee sheekh Muhammad rashaad manaa gadin bayu nagaya qabaa je`ee nama gaafatun
arge duuba wanni je`anin sheekh Muhammad rashaad dawaa fudhatu`utti jiraa nagaya
qabaa ni baya je`aniin hoggaa san hayyaa gaarii je`ee dabre duuba hogga`an
hirriibaa ka`ee mana barmoota dhaqu numa tattaa`u ashkarri suuriya`aa kan nagaya
eegu kan basaasaa mana barmootaa nutti seenee xalayaa teessu`uu kannaa nuun
je`an ammoo nuti xalayaa san hin qabnu duuba qabaniiti anaafii ibraahiim mana
hidha`aa nu geessanii nu hidhan hoggaa san warri nu beekhu hundi bakka jiruu
sossoo`ee guyyuma san saa`aa lama booda mana hidha`aati nu baasanii suuraa
shamsiyaa nu fuudhanii xalayaa teessumaa nuu baasanii mana barmootatti deebine
maalif namni nagaya eegufii warri mangistii keessa dalagu fira sheekkotii
teenyati an mataan kiyyaa obboleessi qondaala biyya keessaa halkan ishaa`ii
booda dhufeeti fiqhii shaafi`ii narratti qara`a .
Hangan suuriyaa
magaalaa guddoo muummittii biyya suuruya`aa jiru barmoota oofu`uun wajji garii
masjida dimishqaa keessattin imaamafii khaxiiba tayuudhan ture akkuman ulamaa`ii
biraa mandaroota biya suuriya`aa kan akka himsii hamaa halab keessatti ziyaaruu
ture akkasuman ulamaa`ii lubnaan dhaqee ziyaaruu ture kan akka sheekh
muhammadil`arabi`ii kan akka sheekh muhyiddinil`ajuuz .
Ammallee fiqhii
mazhaba shaafi`iidhaa barsiisee mazhaba hanafiidhaa baratuudhan ture naman an
fiqhii shaafi`ii barsiiserraa joollee sheekh sa`iidil ahmar muhammadiifii
ahmadi joolee tana isaanii tokko bara kudha lama tokko kudhaniitan biraa deemee
eega bara soddomaati biyya su`uudi`itti isaanin wal garre kan tokko makka taa`ee
tokko madiinaa taa`u lamaanuu tujaara saa`aadhati akkuma abbaa isaanitti sheekh
sa`iidil`ahmar abbaan isaanii jaala keenya jabaa kan mana isaa dhayne`ee
kitaabbaniifii waan biraa irraa argannu inni nama tolaa odoo sujuuduu du`e aadaa
isarraa dubra isaa darasaa malee nama biratti hin kennu waan ilmi`iifii warra
ilmi`ii jaalatuuf sheekh abdullaahi harar jaalallee isaatii dubra kiyyaa kanan
sii heerumsiisa je`ee khadhateen haa tayuu sheekhni ni dide waajiba nabsee
tiyaatu hin dandeenyeen waajiba lubbuu biraa ifitti ida`aa je`ee sheekh
abdullaahi wanni jaartii isaa biyyatti hiikhef hoggaa salaattu hirpha if dhoysi
jecha`arratti hiike tan ilma isaanii abdurrahmaan isaani dhalte adaaree yookaa
haadha isaa biraa magaalaa harar keessatti duuba mucaa isaanii magaalaa
hararitti dhiisaniti shaam dhaqan duuba hoggaa inni mana qur`aana geessuu gayuu
shaamirraa haadhafii obboleessa isaa abdulkariimitti xalayaa barreessee mucaa
kiyya qur`aana adare`ee narraan geessinaa je`een akka malee narraa qaraasisanii
ilmi isaa amma islaamatti nama yaamu`uuf awusturaaliyaa dhaqee biyya intalti
tiya faaximaa ilmaan isi`ii muhammadiifii abdulhakiimin haanim wajji jirtu jiru
aadaa sheekh abdullaahirraa afaan arabaa kan qur`aanafii hadiisaa malee hin
dubbatu sanuu guyya`aafii halkan keessatti hanga inni dubbate lakkaawuu
dandeessa arrabni hoggu takka zakri`irraa lafan bu`u yoo dirqiin goote malee
sheykha abdullaahi gaafa biyya jiru haylasilaasen qabu`uuf itti ka`ee ashkara
itti ergee sayyaaraa yaabbachiisan haa tayuu ummanni bayee sayyaaraa deemuu
dhoowwanii irraa buusan wanni mangistiin haylasillaase`ee isa barbaadduf ummanni
isa jaalatu`uufii bareedumina isaatifi wanni mangistiin hayle`ee seete inni ilma
mootii islaamaa kan hayleen mootummaa irraa fudhate kan { iyyaasuu } je`amu inni
oromicha ilma oromichaatii abaan isaa raas miikaa`iili kan adeera isarraa
mootummaa fudha`uuf kafare adeerri isaa abbaa waxooti je`amaa raa`isa warra
wallootii odoo hin kafarin sheekh Muhammad alii je`ama duuba harka axii
yuhaannisirratti kafaree kan eegasii intala mililik fuudhee mootummaan
habasha`aa hundi harka isatti deebitee eegasii mootummaan harka ilma isaa
iyyaasu`utti deebitee eegasii mootummaan harka haylasillaase`etti deebite
akkanatti raas miikaa`iil kafaree ashkara guddaa argatee wasiilaa isarraa
mootummaa fudatee dubbiin odoo deemtuu harka haylasillaase`ee seentetti
haylasillaasen isa kan sheekh abdallaahii harar biyyaa baase sheekh abdullaahi
wanni biyyaafii alattillee beekkamaniin waan gaari`itti nama kaasu`uufii waan
hamtu`urraa nama dhoowwu`uun jabeessuu namni qur`aanafii hadiisafii ijmaa`aa
ulma`aa khilaafu isa birratti nama badaa tanaaf jecha { qaadiyaaniyyoota } warra
nabi mahammad booda ergamaan biraa ni dhufa je`u kanneen nabi iisaa yahuudan
ajjeeftee rarraafte je`u dura dhaabbatee nasri`iifii isaanirratti deebisee
habashaa keessaa bakka dhaabbatan kute takkaa dhoowwe sheekhni eega shaamitti
hijraa bayanii bara hunda shaamirraa hajjii godhanii deebi`uu turan duuba bara
tokko warra biyya teenyarraa hajji dhuferraa wanni dhagayan haati tiyya na arguu
feetii haanaa dhufuu jechuu duuba hoggaa hajji`irraa deebi`u wanni naan je`e
haatee si yaaminsa isi`ii owwaadhu astaa`un kee haraamii gali haa si agartuu
naan jennaan tole je`een .
BIYYATTI
GALU`UUF QOPHAAYUU
Duuba eegan mana
barmootaa kan fathul`islaamii je`amu keessatti yaroo bara jahatti dhiyaattu
keessatti waa baradhee raga muftumma`aa fudhadhee bara 1957 karaa bahariin
beyruut mandara guddaa lubnaanirraa markaba yaabbadhee mandara biyya misraa
iskandariyya`atti bu`ee achirraa biyyaa ahmadalbadawi`ii { xanxaa } dhaqee
saahiba kiyya sheekh sayyid Muhammad naqashbandii kan qur`aana akkaan qara`u
kannabi akkaan faarsu kan raadiyoona misraa keessaa dabarsu bira guyyaa sadii
taa`ee achirraa qaahiraa mandara guddaa misraa kan azhara keessa jiru dhaqee
azhar keessa ruwaaqa jabarti`itti bu`ee miya achi kaayadhee qabrii
imaamushaafi`iidhaa ziyaaru`uuf baabura hadiidaa kan toromaayaa je`amu
yaabbadhee maqaama shaafi`ii dhaqee ishaa`ii achitti salaatee masjiduma keessa
taa`e kan musaafira tayuun narraa , mul`atu duuba namni tokko dhufee narratti
salaamatee maalin sii godha je`ee na gaafannaan baaburra azhar deemu na garsiisi
je`een baaburrin an dhufeen maqaama shaafi`iidharraa fagaateti dhaabbataa qooyxi
isaa hin dhagayamtu an maqaamarraa gam kana dhaabbataa hin beekhu duuba namichi
sun naan deemetti jara tokkorraan nu goree nyaata nuu kennanii isaan ashkarraa
isaanirraa namni tokko akki je`een jirma buuba kana naa kenni jennaanin abbaa
kiyyaatu naa dhaamee hin kennu je`een ammas akki je`e jamaalabdunnasreetu
dalagaa waa barsiisu`urraa na ari`ee dalagaa hin qabu je`e duuba jara san biraa
naan bayee karaa baaburri dhufuu mitii karaa biraatin na deemee gaara
shifta`aatin na seene kan gaara { muqaxxam je`amuun na seene bakkeen sun
qabroota durii lafee namaa tan nama shiftaan fixee malee bakkeen sun namumaanuu
wal quban qabdu shiftaa malee hattuu malee wanni qubatu hin jiru duuba namichi
sun horii meeqa qabda naan je`e jinne dhibbaafii diiddama je`een hogga`an an
akkas je`uun gammadee koottaa tabba tana achi tarkaafannaa je`ee bakka itti
dhayee na ajjeesutti achi tarkaanfatu qaamni na suukhannaayee waan inni naa
deemuf beekhee if maddii mil`adhee mil`annaan baabura azharitti deemu kan
fago`oo karaa qaxxaamurun arge anaa tabba gubbaa jiru agarraan ka`eetuman karaa
baaburri irraa naa mul`ate sanitti ceyiinsa itti if gad lakkise namichi sunis na
jala ceyuu itti if gad lakkese baaburri naa gara isaa ceyu halaalaa na garraan
naa dhaabee anaa hafuurri ciccitu baabura kore namicha sunis akkuma ceyuun na
jala baabura kore duuba wanni naan je`e maallaqa naa kenni naan je`e an siin
kennun je`een akkanatti karaa dheeraa na wajji deemee hoggaa miidaana azhar
geenyu na jala bu`eeti an biyyan beekku na ajjeesa je`ee maallaqa waa kenneefii
narraa bu`e hoggaa inni dabru anis bu`ee mana darasaa habasha`aa kan azhar
keessa jiru kan ruwaaqa jabarti`ii je`amu bakka meeshan tiyya jirtu qubadhe
akkanatti rabbiin du`a jalaa na baase galanni kan isaatii .
Namni dikkaa
beyruutitti na geegesse jaala kiyya jabaa sheekh muhyiddiinil`ajuuz qaadii
firdii beytii beyruuti { lobnaani } wannin achirraa gara misraa yabbaadheef
karaa saniin biyya hariritti galu`uu jecha kanan raga bormootaa kan zamanaa
harkaan qabne wannin an harkaa qabu ragaa ulamaan takkaa sheekkotiin namni kun
bormoota islaamaa hunda waliin gaye jettee naa barreessite kan mallattoo mana
barrmoota kan zamanaa firmaa harkaa malee hin qabne waa inni mana barmoota
zamanaa hin tayiniif gaafa san ulamaan suuriya`aa shahaadaa yookaa ragaa mana
bormoota zamanaa ni jibbiti wanni isaan je`an shahaadan tun waan barmoota guutuu
baratuu nama dhoowwu je`an dhugumaa namni kitaaba jalaa qabee hin buufne kan yoo
kitaaba tokko harka afurirraa harka tokko qara`e fixe je`anii ragaa baasu`uu
kennaniif , duuba namni kitaaba tokko baaba isaa hunda hin qara`in akkamitti
aalima je`ama haa tayuu dhabarraa nicaala .
DARASAA
HABASHA`AA TA MISRA JIRTU TA AZHARITTI WAA BARATU
Hoggaadhan misra
dhufee darasaa biyya teenyatiin wal garree wal odeeffannu waan an isaan dura
biyyaa bayef haala barmoota kiyyarraa na gaafatanii ragaa barmootaa kaniin
qaburraayis na gaafatanii wannin je`een : an ragaa barmoota jalqabaa kan
barmoota lammeeysa`a kan barmoota gubba`aa hin qabu wannin an harka qabu ragaa
ulamaa`in suuriya`aa namni kun barmoota islaamatiifii barmoota afaan arabaa fixe
je`un harkaa qaba je`een jennaanin hangana ala teessee shahaadaa yookaa ragaa
zamanaa malee biyyatti deebi`uun waan hin mallee azhar seenii shahaaduma
takkallee taatu mee argadhu odoo ta jalallee taatee naan je`an tanaafan iyyata
yookaa gaafii azharitti barreeffadhee duuba ulamaa`irraa warra gurguddaa hoonga
beekkomsa kiyyaa laalu filanii ilmii hundarraa na gaafatanii himeefii akkasitti
akkan an jaami`aa { yoniferistii } seenuu haqa godhadhu arganii haa tayuu
waannin ragaa sakandari`ii yookaa shahaadaa saanawiyya`aa hin qabneef akkan mana
barmoota kan saanawii azhar bara dhumatti jiru sii imtihaana fatanaa seenee
hoggaasan imtihaani yookaa leenjifni dhiyaatee shahaadaa saanawi`ii fudhee
jaami`aa seenu naa muran duuba imtihaana seenee qalama cabsee yookaa imtihaana
yookaa leenjisa baasee ragaa saanawi`ii argadhu .
Ammas darasaan
biyya teenyaa mala naa dhawuudharaa hin dhaabnee wanni naan je`an baga ragaa
sakandari`ii argattee amma biyya galu`urraa sin dhoowwinuu haa tayuu
jaami`aadhatti maqaa kee katabii deemii galii yoo bitti sii taate taa`i yoo sii
tayuu baatte deebi`ii bakka maqaan kee jiru seenii barmoota kee oofadhu naan
je`an akkasittan jaami`aa qaahira`aatifii jaami`aa azharitti maqaa kiyyaa
barreessee biyya deemu`uu muradhe haa tayuu mee akkaataa kuliyya`aa haa laaluu
je`eetan kulliyyaa aadaab ta jaami`aa qaahira`aatifii kulliyatu usuuliddiin
jami`aa azhar lachuu waliin oofuu jalqabe takka ganama dhaqee takka galgala
dhaqee . booda keessa kulliyya usuuliddiin jaami`aa azhar filadhee bara afuritti
fixee irraa baye wannin kulliyyaa azhar filadheef mangistii misraatitu namni
biyya alaatii dhufee misratti waa baratu bakka barmootaa lamaan biyya misraa
jirturraa gama tokkotti goree haa baratuu bakkeen barmootaa lamaan azhar takkaa
qondaala barmootatiifii guddisaatii bakkeen lachuu nama isii keessatti qara`uuf
damooza takka qallaba kenniti namni tokko bakka lamaanirraa damooza nyaatuu hin
qabu wanni isarra jiru lamaanirraa takka filatuu.
Tanaaf jechan mana
barmootaa kan zamanaa kan azhara je`amu filadhee seenee mana barmootaa kan olii
kan { kulliyyaa usuuliddiin } je`amu bara 1962 tti fixee irraa baye ragaa
beekkomsa gubba`aa { leseensi } yookaa { aalimiyyaa } je`amu irraa argadhee
ammas saniin wajji ragaa caalinsaa argadhe waanin jaami`aa { yoneviristii }
azhar kulliyyatu usuuliddiin keessatti tokkoffaa tayee bayeef jechan shahaadaa
yookaa ragaa caalinsaa argadhee ragaa caalinsaa san ayyaana yookaa iida
beekkomsaa tan bararraa biyya misraa keessatti godhan tan 8 keessattin harka
jamaal abdulnaasirirraa fuudhe haala kanarraa dhaabbadhee afaan biraatin akkaan
Akkuman
ragaa dukkoorumma`aa akkaadimiyyaa beekkomsaa tan afaanii tan biyya soomaale`ee
tan maqdishoo keessa jirturraa fudhadhe kitaaba afaan oromo`ootin afaan
soomale`ee walitti laalu takkaayuu waan walii tayu laalu barreessee kitaaba san
ergaa biyyaa ingiliizirraa deemtu tan afaan soomale`eetifii afaan oromo`oo
gaalla`aa baytu kan endorwiiskii itti mata`aa laaltee darajaa duktoorumma`aa
haqa godhataa murte inderoowiskin bareeffama hedduu afaan oromo`oo keessatti
barreesse odu doroon inni kitaabban isaa kan afaan oromo`oo keessatti barreesse
takka akki jettu dur ba`aan hoggaa yaman ifumaan deemtee dhufti namni hin
ba`atuu duuba gaaf tokko jaartin takka naatetii garaa laaftee ol fuutee deemten
eegasii ba`aan hoggaa yaaman dhufu didde duuba sun argamnaan manguddoon oromo`oo
baasatu dhalatee bayaa je`anii hayyoota walitti yaaman sun aadaa oromo`oo yookaa
gaalla`aatii kan hoggaa wanni haaroyni argamte hayyoonni isaanii wal gayu. duuba
hoggaa manni guutamu oduu ba`aadhaa walitti himanii waan dalaguun isaanirratti
jirurraa wal gaafatan duuba eega malli namuutu laalamee eega sababaa ba`aan akka
duritti dhufuu diddeef baranii wanni irratti walii galan akka jaartii ba`aa
balleessite tana yakkan inumas isii yakkuu qofarratti hin dhaabbannee waan
dhalaa tayee hunda yakkan waan ba`aa taye dhalumti haa ba`atuu je`anii .
GOSA BARMOOTAA
KIYYA
Barmoota kiyyatti
rarra`u waan an suuriyaa keessatti baradherraa beekkomsa akhlaaqaa hanga ihyaa
uluumiddiinitti . beekkomsa nahwi`ii hanga mughnillabiibitti . beekkomsa adabaa
hanga albayaan wattabyiinitti .beekkomsa tawhiidaa hanga musaayara`atti .
beekkomsa musxalaha hadiisa hanga tadriiburraawi`itti . beekkomsa hadiisaa hanga
jaami`ulusuulitti beekkomsa tafsiira hanga jalaaleyni`iifii nasafi`itii .
beekkomsa fiqhi`ii hanga { nazmii haawi`itti } beekkomsa taswufaa hanga {
risaalaa } qusheyri`itti .beekkomsa hikma`aa hanga { iiqaazulhikam }
sharhulhikamti . manxiqa hanga hawaashii sullamitti . beekkomsa usuulaa hanga
jam`uljawaami`itti akkasuma wannii hisaaballee qara`ee kanarrattin ijaazaa
ulamaa`iidhaa argadhe waanin hangan suuriyaa jiru dalagerraa kitaaba lama kan
sheekh abdullaahii waan harar naasirul`albaani`irratti deebisu`uu jecha
barreesse maxxansuu . yookaa xabba`uu kitaabni tokko { atta`aqqubulhasiis alaa
man xa`ana fiimaa sahha minal hadiis
التعقب الحثيث على من طعن فيما صح من الحديث
} wanni barreessef
naasirul`albaanin hadiisa safiyyaan warri nabii hoggaa tasbiiha gootu dhagaa
xixiqqaa walitti qabatteeti hanga tasbiiha goote lakkooyti je`u inni
da`iifsinaan sheekh abdullaahii harar harkatti qabee kitaaba kana itti barreesse
sheekh naasiriin kun warra albaniya`arraa suuri`atti gale gaafa shuyuu`in biyya
isaanii qabatte inni gaafa duraa nama goojjoo xiqqoo takka godhatee saa`aa badde
namaa tolchu . kan qaaxaroo namaa qabe hin dabarsini haa tayuu ulamaa`ii
suuriya`aatin wal hin tayuu tayu duuba majallaan { attamaddunul`islaamii }
je`amtu tan { zuheyra shaawiish } je`amu itti mata`aa horii argannaan nama waan
suufiyyootafii warri mazhaba afranii dalagu jala deemee balleessu isiidhaa
katabu yookaa keessatti isi`ii barreessu barbaaddattee naasiruddiin albaanii
kana argattee inni horii argannaan saa`aa tolchuu dhiisee mana kitaaba kan {
almakkatabatuzzaahiriyyaa } je`amtu seenee hadiisa da`iifa majallaa san
keessatti katabuu jalqabe wanni jalqabeen hadiisa safiya`aati . kan da`iifa
je`ee itti mure . hoggaa san sheekh abdullaahi hadiisni sun sahiiha je`ee
kitaaba dubbanne san itti barreesse duuba sheikh naasirul`albaanin waan kitaaba
sheekh abdullaahi keessa jiru fudhatuu dide sheekh abdullaahi waan kitaaba isaa
san tumsu barreesse kan { nusratuttaaqqubilhasiisa
نصرة التعقب الحثيث
} je`amu ammas wannin maxxanse barreeffama
xiqqaa tokko kan sheekh bakhiitilmuxii`in fuul duraa kitaaba taqiyyiddiin
subki`ii kan { shifaa`ussiqaam fii ziyaarati kheyril`anaam } je`amu kaaye duuba
duree yookaa muqaddimaa isaa sanin kitaaba sanirraa kophaa baasee maxxansee
maqaan isi`ii { taxhiirulfu`aad min danasil`itiqaad
تطهير الفؤاد من دَنِسَ الاعتقاد
}
ammas kitaaba xiqqaa tokko kan nabi ziyaaru`uuf fe`atanii bayuun ni barbaadama
je`amu kanin qur`aanafii hadiisafii ijmaa`afii qiyaasan raggaasisen barreesse
yookkaa allafe kitaabni sun amma soomaale`ee jira .
Ammoo wannin azhar
keessatti baradhe: manxiqa duriifii manxiqa amma kan waa tolchuu nama barsiisu .
falsafaa .towhiida usuulalfiqhii . ulumalhadiis musxalah , uluumalqur`aan ,
tafsiira , beekkomsa haala namaa kan laalchaa beekkomsa haala namaa kan
taliga`aa , nahwii heera taliga`aa , ilminnafsi , ilmil`ijtimaa`a , jograafiyaa
, ingilliiz , barmoota miya lolaa balaaghaa , taariikha islaama duraa taariikha
islaamaa taariikha amma kan zamana jiddu jireysatiin wajji taariikha warraaqota
addunya`aa .
Hangan misra jiru
kitaaba sadeen bareesse isaan :
1
– taariikha harar kan taariikha ahmad giraanyii
keessan namaa mul`atu .
2
– waajiba diinifii kan dunya`aa , kan biyyaa kan sheekkoti`iifi ,
dargaggeessarra jiru .
3
– walaloo hamilee dammaysu`uu inni manzuuma`a . akkasum manzuumaa faaruu nabii
nageenyi isaanirratti haa jiraatuu hedduudhan barreesse afaan oromo`ootifii
afaan arabaatin kitaabban kanaanan majisteera fudhee .
EEGAN AZHARIRRAA
BAYEE
MAALIN DALAGE
Eegan azharirraa
baye mana barmoota olii kan { ma`haduddirraa-saatul`islaamiyyah } je`amu seenetan
bara tokko keessatti waa baradhe , eegasii biyyatti galu`uu ka`ee haa tayuu waan
mangistii habasha`aatifii safaaraa isi`ii tan qaahiraa jirtuttu balleessineef
jecha , biyyatti deebi`uu hin dandeenye maalif nuti ormi islaamaa ka misratti
waa baratu hundi warra baasaboortii malee karaa soodaanin misra eega seennee
mangistiin misraa haala keenya nuu beytee baasaboortii malee waa baratuu nuu
eehamte duuba bakka addootin takkaa jabhootin afrika`aa tan bilisummaa barbaaddu
itti wal geessu hundatti haala keenyarraa dubbannee miidhama keenya himanna .
hoggaa haylasilaasen biyya misraa dhufu hunda salfii baanee miidhaa teenya itti
himanna safaaran yookaa imbaasin ummata addunya`aa tan qaahiraa keessa jirtu
marti barattoota biyya isi`iitif baati`irraa damooza kennitti .
Ammoo nuti
barattoonni islaamaa san hin argamu ammoo darasaan habasha`aa ta kiristaanaa tan
diin kiristaanaa baratu`uuf mangistiin habashaadhaa ergite safaara`arraa horii
guddaa argatti duuba Jamaal abdulnaasir bilisummaa barbaadaf sosso`utti nu
kaasee safaaraa habasha`aa marsineeti caccabsina haa tayuu humaa irraa hin
argannu .
Gama tokkoon
mangistiin warra hawaashii gadii maqaa harariin amatarraaa nama saddeet warra
baasaboortii malee misra dhufe qeebaltee barsiifti tanaaf jecha wal deenyi
barattoota barmoota harar jaaramee jira . duuba waanan warra qabuuf jecha
bakkeen waldeenyi kun taa`u mana kiyya nama nurraa barmoota isaa guuttatee
habasha`atti galu mangistiin haylasilaase`ee garii ni ajjeefti garii ni hiiti
garii dalagaa dhoowwattee mana isaa keessatti ittifti namni dhokatee jalaa bayee
biyya biraa dhaqe isaatu irra hiree tola tanaaf jecha warri mangistii habasha`aa
jalaa badee misra dhufee waa barate biyyatti deebi`uu sodaatee biyya biraa
dhaqee jiraatu`uuf tattaafata godha . isaanirraa nama biyyatti galee mangistiin
habasha`aa hiitee keessaa bayee biyya su`uudi`ii dhaqee hanga ammatti dammaam
jiruutu jira isaanirraa nama sufaraa`ota islaamaa kanneen misra jiranitti iyyata
kennatee biyya isaanitii dalagaa argatuutu jira . gariin su`uudi`irraa argatee
gariin maghribirraa gariin jazaa`irirraa gariin liibiya`arraa argatee akkanatti
bitti teenya warra waa baraterraa hoongoyte , sababaa warra biyya teenya harkaa
qabuutin .
Ammoo an waannin
irra caachise biyya tiyyarraa fagaatuu dhabu waanin kitaabban taariikhaa hedduu
barreessef waanin yaada warraaqaa guutameef waan sababaa biyya arabaa na
geessiterraa tokko biyya arabaa dhaqee saa`aa bitadhee bombii bitadhee biyya
tiyyatti deebi`ee ashkara biyya sanii lafarraa fixuu tayeef jecha waanin waan
lolaa biyya suuriya`atti baradheef jecha kan sheekh { abdulhakiim } khaxiibni
jaami`a umawi`ii guyyaa jum`aadhaa hunda naannoo masjida umawi`ii keessatti lafa
nu dhiichisiisee , waan lolli yahuuda`aa dhiyaatef ammallee waanin azhar
keessatti waan lolaa bareef jecha biyya tiyyatti deebi`ee biyya tiyyaafii ummata
kiyyarraa roorroo nyaabaa sanii deemsisuu , takkaa biyyatti dhiyaadhee waanin
mata`aa qabuufii waanan bareessee kitaaba keessaa qabu ummata kiyyaan gayee
dammeysuu sun waan an bombi`iifii saa`aa biyya arabaatii bitadhee deebi`ee
ashkara nyaaba fixa je`ee biyyaa tiyyaa bayeef sanirraa harka heddu`uun caaluu
ma`naan kanaa yaanni bilisumma`aa kan mataa ummata seenee isaan dammaysu kan
karaa bilisumma`aa isaan garsiisu xiyyi`iitifii bombi`iin nama fixu`urra caala
jechu`u
Duuba rabbiin
waanin yaade bakkeen naa gayu`uu jecha wal hedduu na qunnamsiise sanirraa tokko
rabbiin bilisummaa soomale`ee kennuu kan biyya soomale`ee kan isti`maararra
addaan qoqqooderraa harki lama bilisoome mangistiin soomale`ee dhalate bara 1960
yoo guyyaa tokkorratti hoggaa sanan jinsiyaa soomaale`ee fudhee wannin azharirra
barbaade akka biyya soomaale`etti na ergu barbaannan naa eehamee na erge
akkasittan bara 1963 baatii yuunyo`oo biyya soomaale`ee dhaqee waa barsiisuu
karaa azhariin jalaqabe hisaaba isarratti kan damooza kiyya kan naa kennuu mure
garii warra kiyya kannin misratti dhiisef kennee kaan soomaale`etti naa ergu
maalif an gaafan biyya suuriyaa jiru takkaa dhalaa ijaan hin agarre ammoo misra
dhufnaan saniin adda hoggaa saniin diin kiyya tiyfatu`uu jecha odo`on kulliyyaa
ussliddiin keessa jiruu intala takka tan { zahiira mahmuud hariidii hijaazii }
je`amtu mahrii godhee akka aadaa misratti fuudhe aadaa misraa ta dur namuu ni
beekha yoo amma dhiisan malee duuba ilma tokko naa dhalte eegasii wal dinnee
hiikhe .
Wanni wal dinneef
gaaf tokko odoo si`erra wajji ciceefnu waan naatu sirra bareedaa beysisu jette
isiin akkaan bareeddii wanni jette nuti warri misraa wanni jennuu { rabbi nama
bareedaa lama siree takkarratti walitti hin qabne } jette hoggaa san qalbii
tiyya keessaa baate anis waa gurraachaa mitii magaalaa haa tayuu isin bareedduu
duuba hoggaa sanan waan sheekhni keenye sheekh saalih furfuur suuriya`atti nuun
gorsuu ture yaadadhe waan isaan nuun je`uu turan dhalaa waa takkaan isinirra
caalu hin fuudhinaa jiruu isitti busheessitii . tanaafan tan naatu sirra bareeda
jettu hiikhe ammas haati isiidhaa dubra isii qofa qabdii intalti isi`ii na
wajjiin biyya tiyyatti galuu hin feene . ammas haati isi`ii dubbii teenya keessa
seenti yoon ganama waan kana godhi je`ee mana barmootatti dabre dhufteeti yaada
isi`ii gara galchitee . gaaf tokko isii mana kiyya jirtuun mana barmootarra gale
kanin eegan mana dheeraa fooqii shani bayee mana kiyya gaye hogga`an ol seenu
jaartin kaateti akkuma aada`atti kootii narraa baaftee fanniftee kophee narraa
baaftee bishaan na ubaafte hoggaa san haati isi`ii sheekh rashaad dubri keenye
shariifa`aa kophee namarraa hin baasu naan jette duuba dubbiin isi`ii tun natti
ulfaatte . maalif shariifaa kabajuun odoo barbaadamu haa tayuu kun wal gargaaruu
je`ama malee wal xiqqeessuu hin je`amuu akkamitti akkas jetteenii jaartii tiyya
natti balleessiti je`e aara jaba aare achirraa wal dheeysun walitti hammaatun nu
jiddu`utti argamte maalif intalti isi`ii joolle`ee yaada kiyyaafii yaada haadhaa
wal fudhachiisuu dadhabdee kan jala gortu wallaalte ammas sodaan intalti
isiidhaa na wajji biyya tiyyatti galuun haadha isi`ii qophaa dhiisun qalbii
haadhaa guuttee akkan intala isi`ii hiikuf dalaga`aafii haalalle`een fedhii
irratti arge . amas obboleeyyan isi`ii kan haadhan addaa haadha isi`ii jabaadhuu
ifirraa dhoowwi . tun mana kee dheessii addunya`aa ni diiydii yoo karaa biraatin
dadhabde boolisiidhan ifirraa dhoowwi nan je`an . an waal ilmaan masaanu`uu
tayuun akkas isaan jechiiftu hin seene . abbaan isaanii du`ee edaa isaan waan
masaanumma`aatu keessa jiraa dubbii walii akka hama`atti fudhatan akkasittan
meeshaa manaa hunda dhiisefii tiyaatifii meeshaa isi`illee fudhu je`een hiikef
ilma naa dhalte kan baatii sadiyii kan mahmuud je`amu fudhattee mana haadhatti
galtee naafii isiin addan cinne gurbaan kiyya sun isaa baatii saddeetiti
misratti du`e .
Adaa misrarraa
namni fuudha fedhu biiroo yookaa mana dhalaa dubraafii dubartii ganda isi`ii
keessa jiru hunda addaan beekhutu jiraa isi`itti dhaqee fuudhan fedhaa je`een
duuba wanni jettuun dubramoo dubartii qaali`imoo rakhisha dhiirti itti dhayxee
waan fuutu irra barbaadu dhalaan heeruma feedhus dhiira akkanaatan fedha jettee
waan adda nama dhalaa namatti fuudhuu godhan godhaniif yookaa kennaniif namni
alaga`aa mana biyyaa seenee dubra fedhu laallatuu hin dandayu tanaaf dhalaa nama
hunda beekhu kan mana hunda beekhuu dandayutti dhaqanii waan fedhan itti himatan
. duuba nama kana fuuteti mana hundaan seentee intalti qahwaa fiddii akkaan
laalladhu jettiin isi`iinis nama kanan sii fidee laalladhu jettiin duuba hoggaa
biraa bayan sii taatemoo siin taane jettiin yoo naa taate je`e gaafa kaan itti
deebi`an isi`iinis sii tayemoo siin taane jettee gaafatti . duuba yoo wal tayan
akkaataa hamartii itti kaayataniifii akkaataa fuudhaa itti guutan dalagan .
Hamartii isi`iifii
isattillee kaayan hamartii yookii qubee isi`irratti maqaa isaati barreessan
hamartii isarratii maqaa isi`itti barreessan ammoo yoo ta arge sun isaaf hin
tayin tan waliin galle faa taatee naan taane je`aanii mana biraa geessiteeti
dubra biraa garsiiftii hanga ta isaan maltu argitutti jalaa hin haftu maalif
isaafii warra intalarralle`ee horii fudhatti .
Duuba an dhala`an fuudhu barbaadafan biiroo jaartii takkaa dhaqe hogga`an dhaqu
wannin achitti arge nama intala heeromsiisuu fedhu qabu duuba waan inni nama
hayyuu jabaa tayuun isaa mul`atuuf jecha wanniin je`een mee intala san na garsii
si je`een duuba mana isaanii na geessee hogga`an argu qalbii na buute qissaan
intala sanii hunoo akkana maqaan isi`ii { haanim baashaa mabruuk } ilma eessuma
je`ama isi`iitu khadhatee meeshaa manaa uffata hunda akka gaari`itti
qopheessanii qaaxaruu fuudhaa qaban inni isii khadhate jaartii biraa qabaatuu
turee ni hiike malee . wanni duraan irratti walii galan jaartii hiikhe san
deeffatuu dhabuu . haa tayuu wanni dhageesse akka jaartii isaa deeffatu`uuf
jaatanii godhu`utti jiru odoo qaaxaroon sun hin gayin hoggaa san itti heerumuu
didde . inumaa diduu qofarrattiin dhaabbannee odoo qaaxaroon sun hin gayin akka
heerumtu dhiira isi`ii kan haadha isi`ii qabu tattaafata godhe akkasittin fuudha
daddaffi`ii argadhee fuudhe , kanan waa takka ittin baasin kun waanin jaartii
duraa saniif miya hunda dhiisef rabbiin fuudha baraka`aa kana bakka naa
buuse,maalif rabbiin nama waan takka rabbi je`ee dhiisef waan san caalu kennaa
jechu`uutu hadiisatti dhufee .wanni kana dalaganiif gurbaa eessuma isi`ii kan
baallama isi`itti diige san aarsu`uuf jecha . akka odoo inni jaartii isaa san
hin deeffanne heerumtu godhanii ammoo gama kiyyaan rabbiin naa dirmatu`uu jecha
san dalage rabbiitu beekhaa .
Akkanattin jaartii
tiyya tan { haanim baasha mabruukh } fuudhee barmoota kiyyarratti na gargaartee
barmoota kiyya fixe .isiin odo`on misra jiruu intala azzaa je`amtu naa deesse
wannin maqaa kana isii baasef , odo`on kitaaba akkaata ummanni keenya itti
guddatu dubbatu barreessuu takkaayuu allafuudhatti jiruu dhalatte jech`aaf ,
danboobafi gaafan biyyaa misrati hisaaba azharirratti baye , isi`iifii intala
tiyya azzaa misrattin dhiisee soomaalee dhaqe warra azhariin wajji dalagu`uu
jecha .duuba azhar damooza kiyyarraa warra kiyya haanimiifii azaadhaa waan
jiraataniin horii kenneefii waan isaanirraa hafe soomaale`etti naa erga hogga`an
dura biyya soomaale`ee mandara maqdadhoo`otin bu`e waan dirreen xayyaara`aa achi
jirtuuf , ammallee waan biiron { maktabni } azhar achi keessa jiruuf jechan
maqdasho`otti bu`e yaroon maqdishoo seene yaroo mawlidaati kan masjida sheekh
abdulqaadir keessatti ummanni wal gaye mataa biyyaa { aadam Abdullaahirraa }
qabanii hanga jalatti . duuba mataan barmoota azhar wal gaya yaadannaa mawlida
nabii kanarratti waan mawlidatti rarra`u dubbadhu naan je`e duuba dubbadhee
ummata sossoose .waanin achitti je`erraa { obboleeyyan kiyya yoo ar`a kan
yaadannaa mawlida yookaa dhaloota nabiitif kan asitti wal geenyu taane sun haqa
keenya maalif nabiinu guyyaa dhaloota isaa yaadatuu ture guyyaa san keessa
ibaadaa rabbi godhee galata rabbii galchee tanaaf guyyaa isniinaa hunda soomana
.tanaaf maalif guyyaa isniinaa soomanuu heddommeysitan je`anii gaaafannaan baraa
sun guyya`an keessa dhaladhee guyyaa rabbiin rahmata aalamaa na godhee na
mul`ise. ergamaan rabbi ni`maa dhaloota isaanitiin namaa mul`ate kanarratti
ibaadaa godhee rabbiif galata galche akkasuma qur`aana qara`anii nama
nyaachisanii yaadatuun ni barbaadama akkasuma guyyaa kudha lammeysaa
rabii`al`awwal lakkooysa isi`ii kanarratti ni`maa dhaloota nabiitin namaa
argamte yaadatuu shari`aan karaa nuu gootee jirti odoo guyyaan kudha lammeysa`aa
sun guyyaa isniinaa tayullee baatee . maalif asitti wanni laalamu lakkooysa
malee guyaadhaa miti tanaaf nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu
gaafa madiina`atti gale yahuudaa kurneessaa baatii muharram soomantu argee
maalif soomantan je`ee gaafannaan wanni soomannuuf kurneessaa kanaatu guyyaa
rabbiin muusa`aafii ummata isaa najaa baasee diina isaa fir`awnafii ummata isaa
bahara nyaachise tanaaf galata rabbi galchu`uuf jecha soomanna je`aniin jennaan
nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu nuutu waan obboleessa keenya
muusa`aa argamerratti rabbiif galata galchuu irra haqa godhata je`anii
kurneessaa ashuurra`aa soomananii soomanu`utti nu ajajan odoo guyyaan sun guyyaa
jum`aadhaa kan rabbiin isa keessa nabi muusaa nagayaa baase tayuu baatelle`ee
waan lakkooysi zamana ni`maan keessa argamtee laalamuuf jecha . guyyaa ni`maan
keessa argamtee mitii sun akkuma rabii`alwal kan guyyaan kudha lammeysa`aa
isniina tayuun hin laalamne
Duuba achirraa
{malaan malaan } yookaa mudiirri azhara bakka dalagaa itti naa qopheessan
bura`otti na erge akkan mana bormoota islaamaa kan bura`oo jirutti barsiisee
masjida guddaa mandara bura`oo keessatti khuxbaa jum`aadhaa qara`uuf jecha .
{bura`on } hargeysarraa gara bayaati jirti isiin biyya biyyeen isi`ii , namni
isi`ii dheenni isi`ii , foon isi`ii akkaan gaari`iiti . gaafas 1963 foon hin
mizaanan luka re`ee guddo`oo shilingii lamaan namaa kennan kan amma 1968 lukni
tokko shilingii kum diiddamii oliin bitamu azhar damooza kiyya { jinee diiddama
} godhe sanirraa kudhan naa ergee khudhan warra kiyyaa misratti kenna duuba eega
bara tokkootii azhar warra kiyya haanimiifii intala tiyya azzaa bura`otti naa
erganii isaan argee yaada baye kannin san dura yaanni intala tiyya azza`aa na
ajjeessuu gaye haala kiyyaafii haala isaanii keessatti walaloo afaan arabaa
heddu`un tolche wannin intala tiyya azza`aaf akkasitti maraadhef isii dhalattee
baatii lama geessen odo`on argaa isi`ii hin quufin biraa deeme akkasutti rabbiin
walitti nu qabee dalagaa tiyyaa qalbii takkaan ooffe buro`oodhaa ilmi kiyya
khaalid 1/11/1964 dhalate buro`oodhatti walaloo joollee oromoodhaa tolche isiin
joollee
oromoodhaa isin yaammannaa
baraa waa hundaafuu isin abdannaa
isin guddisuudhaa
lubbuu khenninaa
nu wajjin jiraadhaa bareedan isin
baraa isiniin
hayn'i nuu mul'ataa
waa beekhu'uun bar sabni nuu guddataa
nu yoo lolli
eenyukka'ee dubbataa
mataa biyya teenyaa numaan ol qaban
tokkummaa biyyoo
teenyatiif ol je'ii
xilaatan lolu'uu bakka hundaa ka'ii
dargoo oromoodhaa
dafii sosso'ii
baraa biyya fiitii akkaan hojjatan
tolaan oromoota
walii galchinaa
xilaata nu keessaa dirqi'iin darbinaa
biyyoo teenya
hundaa waliif tunsinaa
baraa biyya hundaa isin yaammatan
harkaafii garaadhan
waliin ol ka'aa
biyyoo teenya jaarraa dafaa sosso'aa
jiruu saba keenyyaa
je'aatii du'aa
baraa biyya hundaa isin abdatan
ilmaan oromootaa
jaynootii ka'aa
ni deemna karaa guddinaa nuun bu'aa
mataan keenya haa
guddatuu ol je'aa
baraa dhiira fiitin biyoo eeggatan
nu bar oromoota
isaan guddatuu
qeyron biyya teenyaa ol haa mul'atuu
mataan orma keenyaa
nuu haa dubbatuu
isaan saba miidhan biyyaa haa bayan
buro`oodhatti
kitaaba zaadussuwaar li tahriiril`aqxaar
زاد الثوار لتحرير الاقطار }
je`u tokkon tolche inni kitaaba guddaaa gaarii inni mujjallada lama ni gaya
maqaan isaa afaan oromo`otti { sinqii yookaa galaa warra biyyaafii ummata
bilisoomsu`uuf qabsoo godhuuti }jechu kan waan taariikhaa kan qabso`orratti
isaan gargaaru keessatti argatan inni biyya soomale`eti jira .
ammoo eegan bara
sadii azhariin wajji biyya soomaale`etti dalagee warra mangistii soomaale`eetin
wajji dalaguttin ida`ame yookaa seene sababaa lamaaf jecha .
tokkoffaan
: damoozni azhar naa kennu xiqqaadha wanni natti xiqqeessaniif biyya tiya
keessan jiraa yaadan akka isaan yaadanitti an gosa tiyya keessa qubadheetan
gaalafii ra`ee horii qabaa hangi naa kennan naaf gaya jechuu . haa tayuu an nam
tokkollee hin beekhuu waan isaan ni qabaa yaadan hin qabu .
lammaffaan :
mangistiin soomaale`ee nama mangistii
alarraa horii nyaatu ija hamtu`uun yookaa yaada hama`aan laalti .
saddaffaan :
mangistii alaa wajji dalaga`aa waan
biyyaa dubbatuun hin dandayamu an wannin biyya soomale`ee dhufeef waan biyyaa
dalagu`uufii duuba dantaa tanaa jechan azhariin wajji dalaguu dhiisee mangistii
soomaale`eetin wajji dalaguu barbaadee akkasitti soomaalen na fudhatte . akkan
mana barmoota soomaale`eetif kitaaban afaan arabaatifii diin namaa barsiisu
tolchuudhafan maddabame .
AFAAN KEENYA
RAADIYOO MAQDISHO`OO SEENSISUU
Duuba kanuman
dalagaa mangistii somaale`ee oofu sun mana barmootatiif allafu`uu waan ummata
oromo`ootif tolu dalagu`urraa gad hin teenye warri maqdisho`oo afaan keenya kana
hin beekanii hoggaa nuti afaan akaan dubata`aa karaa yaanu amaara nuu je`anii nu
arrabsan warri hargiisaa kan afaan keenya kana afaan beekhu afaan qottu`uu
je`eeti yaama nus qottu je`eeti yaama namni hedduun afaan kanaan dubbatuu
sodaata akka joolle`eefii warri waan beyne amaara je`ee isa hin arrabsineef
jecha an hogga`an warra misraatin wajji dalaguu dhiisu bu`ro`orraa ka`eetan
maqdishoo dhaqe hogga`an dhaqu tuuta yookaa dhaaba dantaa ummata bal`aadhatiif
dhaabbate tan { adda soomaalee galbeed } je`amtuttin ida`amee itti gaafatamaa
dardaraatifii beekkomsaa ammallee labsaa na godhan duuba achirraan waanan itti
gaafatamu kana dalaga`arra oolchu`uu hidhadhe waanin itti gaafatamurraa tokko
beekkomsa beekkomsi afaan hin tayu tanaaf jecha beekkomsi afaan ummata bal`aadha
tiin tayuun waan irraa hafiinsi hin jirre . tanaafan afaan keenya kana
raadiyoona seensisuu barbaadu`uuf iyyata barreessee mootummaa soomale`erraa
afaan keenya raadiyoo maqdisho`oo nuu seensisuu barbaade akkan waan beekkomsa
taye ummata keenyaa dabarsu duuba irraa argadhee raadiyoona maqdisho`orraa afaan
arabaatifii afaan oromo`ootin waan diinifii taariikhatti rarra`u hunda dabarsuu
ture bara 1965 – 1984 .
BARBAADA
TAARIIKHATIIF
BIYYA ARABAA
DHAQUU
Eegasii ergaa
taariikhaa tan akka arabni biyya gaafa afrika`aa itti seene . ammallee gaafam
seenan ammallee karaa kamiin seenan jechaa laaltun wajji filame sanii jecha
biyya yaman iraaq kuweyti su`uudii dhaqee eega dalagaa ergamneef sanirraa
raw`adhee maqdisho`otti hin deebinee su`uudii keessatti hafee afaan arabaatifii
afaan oromo`ootin kitaabban dantaa oromo`oo qabu barreessuu itti fufe .
WAANIN
AFAAN OROMOOTIFII UMMATA OROMO`OOTIFII DALAGE
Waaqni oromoo uume
waan oromo`oo tolu hedduu na dalaysiise sanirraa afaan isaanii kanaaf yaaddayuu
taariikha isaanitiif yaaddayuu waanan argee dhagayee barreessu`uun afaan
oromo`ootin .
Gaafan biyya
misratti waa baradhu taariikha oromoo jala deemee waan namni taariikha
isaanirraa barreesse laalee kan dabsan qajeelchee kan dhoysan mul`isee
barattoota oromo`oo warra misra jiru itti kaasee akka taariikha isaanitiin
dhaaddatan godhe .
Duuba ummata
oromo`oo maqaa isaanii isaan fudhachiisu`uuf rakkoo guddo`on arge yoon warra
taariikha ummata oromo`oo baruu barbaadun kitaabban warri addunya`aa katabe
yookaa barreesse ummata keenya kana maqaa gaalla`aatin yaamaa achi jalatti maqaa
oromo`ootifii maqaa ormaa ilma ormaa katabanii yookaa barreessanii kun hundinuu
maquma isaanitii kitaaba taariikha yookhaa jograafiyaa kan ormi addunya`aa
barreesse laala`aa taariikha keessan baradhaa isaanin je`e gariin wanni je`u
nuti islaamaa malee gaalla`aa miti oromo`oo sii miti je`a gariin nuti kiristaana
malee gaalla`a miti je`a duuba wannin je`uun yoo maqaa gaalla`aa diddan
taariikhuma keessanuu baru`uu hin deemtan maalif warri taariikhaa wanni irratti
walii galee { oromo`oofii gaallan maqaa ummata keenyati jechu haa tayuu wanni
isaan irratti wal dhaban maqaa lamaanirraa kamtu dura jechu` haa tayuu wanni
irratti walii galan gaafa ummanni oromo`oo biyya gaafa afrika`aa hunda bulchuu
ture . kan diina isaanitti akkaan roorrisuu turan maqaa gaalla`aatin beekkaman
ammas gaafa diinni isaanii humna argatee akka hama`atti ummata keenyatti
roorrisee maqaa gaalla`aatin beekkame gaalla shawaa gaalla sidaamoo gaallaa
harar gaallaa itu`uu gaalla aruusi`ii gaalla walloo gaallaa wallagaa gaalla
jimmaa . je`amaniiti beekkan orma addunya`aa biratti .
NAMNI
MAQAA GAALLA`AA JIBBU
TAARIIKHA IFII NI
BARAA
Sababaan
: gariin ummata keenya maqaa gaalladhaa jibbuuf yaada warri isaan miidhe
baasefii yaanni sun maal je`a yoo maqaan gaalla`aa kun maqaa oromo`oo tayuu
turuudhan beekkame ummanni oromo`oo laalaa waan nuti isaan goonetu itti
dhagayamaa maqaa gaalla`aa kana isaan haa jibbisiifnuu hanga oromoonni nuti
gaalla`aa mitii warri biyya teenya keessatti dur miidhame gaalla`a malee
oromo`oo miti namni oromoo miidhe kan dachii isaanii qabate hin jiruu yaadutti
haa tayuu akka maqaan gaalla`aa maqaa oromo`oo tayuu ture waan diinni isaanii
katabeefii waan namni biraa barreesserraa fudhatuun ni dandayama .
Ammas akka maqaan
ummataa heddommaatun waan rakkkoo fidu hin tayin beekuu qabna tanaaf jecha akka
maqaan { gaalla } je`uufii maqaan { oromoo } yookaa { ilma orma } je`u maqaa
orma keenyaa taye beekuu qabna haa tayuu yaroo garii maqaa gaalla`aatu mul`ata
yaroo garii maqaa oromo`ootu mul`ata .
Maqaan ummataa
jirjiiramuun aadaa ummata keenya qofa mitii aaduma ummata hundaati fakkeessa`aaf
ummanni misraa dur fir`awna eegasii ajibt , takkaa qibxi eegasii araba , duuba
sanumaan wajji taariikha isaanii kan maqaa ummata fir`awnatiin dur barreeffameen
dhaaddatuu hin dhiifne lakkii taariikha keenyaa miti hin jenne akka ummata
keenyatti hanga ummanni oromo`oo gariin maqaa ifii wallaalee takkaa warri isaan
miidhe maqaa isaanii isaan jibbisiisee hanga yoo ati gaallaa takkaa ati oromoo
jetteen si ajjeessu`uu sitti ceyu takkatti hanga ummanni keenya maqaa tokko kan
yoo yaamamaniin owwaatan dhabanii maqaa gosaatifii maqaa dalaga`aatin namni
isaan yaamu takkatti fakkeessa`aaf maqaa dalagaadhaa kan akka qottuu maqaa gosaa
kan akka ituu arusii maccaa tuulama booranaa je`ee namni isaan yaamu takkatti
maqaa guutuu ummataa walitti qabu dhabanii .
Duuba maqaa
gaalla`aa takkaa oromo`oo kan ummata keenya walitti qabu kana , ummata keenya
fudhachiisu`uuf jecha tarkaanfii heddu`un fudhe biyya alaa keessatti keessattuu
biyya soomaale`etti tarkaanfin duraa afaan kana raadiyoo maqdisho`oo akka naaf
seensisan xalayaa mangistii soomaale`etti barreessee akkin je`een afaan
gaalla`aa takkaa oromo`oo kun afaan , afaan soomaaleedharraa hiriiroo jabduu
qabuu akka raadiyoo maqdishoodhaa nuu seensiftanan barbaada je`een duuba
akkaataa itti mangistii soomaale`etti geessurraa wal gaafatu`uu jechan koree
ummata keenyaa kan maqdishoo jirturra mala fidee garsiise hunu afaan gaalla`aa
takkaa oromo`oo raadiyoona nuu seensisaa je`eetan mangistii soomaale`etti
barreessee nama na wajji itti geessu naa godhaammas afaan gaalla`aatimoo afaan
oromo`oo jenneeti barbaana je`een gaafa san warri koree san keessa jiru irra
hedduun warra hararii warra magaala`aatii wanni je`een nuti { gaalla`aa } miti {
oromo`ollee } mitii nuti islaamaa afaan qottu`uu je`ii itti geessi ammoo yoo
gaallaa takkaa oromoo jettee dabarsiite manca`aan wal fin`aa beekhi naan je`en
an gaafa san koree san keessatti itti gaafatamaa waayee dardaraatifii
beekkomsaati isaan diduu hin dandeenye mala kore`eetinan dalagaa malee mala
kiyya qofaa miti maalif hoggaa harka baasaa jennee harki laalamu kan afaan
qotu`uu je`uutu irra heddummaate ammoo nuti warri maqaa afaan oromo`oo yookaa
gaalla`aatin raadiyoo nuu naqaa jenna je`u ni injifatamne warra maqaa afaan
qottu`uutin haa barbaanuu je`uutu nurra heddommaate .
Duuba akkasittan
xalayaa barbaadaa yookaa iyyataa kan afaan qottu`uu je`ee jechu`uun afaan
xalayaanin barreefame kan koreen mure kan koreen murte san fuudhee qundaala
yookaa abbaa waayee beysisaatifii raadiyoodhaati geessee wajji haasawee haasawa
keessatti wanni naan je`e afaan kana yoo raadiyoo teenya galchine mangistiin
ityoobiya`aa addunya`arratti nu khasaasti yookaa nu himatti dubbii biyya teenyaa
keessa harka keessan jettee afaan kana raadiyoo seensisuun ityoophiyaa sossoosaa
nan jennaan wannin je`een kiiniyaan afaan kana raadiyoo isaanii seensiftee jirti
wanni seensisaniif gaafas warri kiinya`aatifii soomaalin enefdii keessatti wal
dhawan waan warri gara kiiniya`aa jiru afaan oromo`oo beekhuf jecha wanni
izaa`an dabarsitu ummata boorana`aa kan infidii taa`un soomaalen hargiisarraa
boorana`arraa isin kaaftee jenuuba ifriikiya`atti isin galchu`uuf inifdi`itti
isiniin looltii isin dhiiraa nitii eessatti dura oriitan dhaabbadhaa ifirraa
deebisaa jetti izaa`an sun duuba wanni izaa`aa sun jerttu warra afaan kanaan
dubbatu hunda mataa gara galchittii isii dura dhaabbatu`uu jecha raadiyoo
teessan seensisuu qabdan yoo ityoobiyaan isin kasaftre takkaa isin himate nuti
isinitti hin dubbannuu gara kiinya`aati achi dubbanna jettaniin je`een qundaalli
raadiyo`oo gaafas { yuusuf aadam } booka`aati yaroo kam raadiyoonni kiiniya`aa
afaan kanaan dubbii dabarsa naan je`e jennaan galgalarraa saa`aa torbatti je`een
hoggaa san mataa raadiyo`oo kan { jaama` khalaf } je`amu yaamee afaan kana afaan
qottu`uu je`ii guyya`arraa daqiiqaa kudhan raadiyoo keenya seensisi je`een
akkasitti afaan kun daqiiqaa kudhaniin raadiyoona moqdisho`orraa bayuu jalaqabe
.
Duuba bara { 1965
} rraa qabee odoo ida`ama`aa deemu bara { 1984 } saa`aa guute gaafan isa
seensiserraa qabee hanga bara 1983 yitti waa heddu`un ummata keenya dabarsuu
turre .
Namni oromoo hin
tayin afaan kana maqaa adda addaatin yaamuu ture tanaaf jecha gaafan dura afaan
akan raadiyoona seensisu afaan qottu`uu jecha`aan yaamu`utti koriin namni oromoo
hin tayin irra heddu`uu nu gidditee yookaa nu dirqite .
Duuba odoo
barnaamija afaan qottu`uu jennee oofnuu namni kabbadaa gabree je`amu inni
qondaala lolaa kan ityoobiya`aatii booqanna`aaf biyya soomaale`ee dhufee mataa
soomaale`ee { ziyaad barree } dubbisee afaan raadiyo`orra nuu dabarsitan
kanarratti galatoomaa haa tayuu afaan kun afaan { qottu`uuti } mitii afaan
gaalla`aati akka isinuu beytan je`een { kabbada gabree } kana shanyiin isaa
gaalla`aaa duuba abbaan biyyaa { ziyaad barreen } xalayaa xiqqoo takka natti
erge wanni xalayaa san keessatti barreeffame { itiz gaallaa not qottuu } jechu`
akkana jechuun afaan kun afaan gaalla`aati je`ama malee afaan qottu`uuti miti
jechuu isaati duuba achirraan barnaamija afaan gaalla`aa jechaadhan
raadiyo`orraa dabarsuu jalqabe afaan qottu`uu dhiisee warri na dhaggeeffatu kan
moqdishoo jiru hoggaa barnaamiga afaan gaalla`aa jechuu dhagayu sheekh mohammed
rashaad gaallaa nu godhe nuti gaalla`aa miti islaamaa je`anii jirma natti
guuratan ammoo an du`ullee homaa irran kaayanne duuba orma san hunda anumaatu
irra aane maalif wannin raadiyoo keessaa dubadhu nama hedduu dubbii dhuga`aa
fudhachiise tanaafan nama gaallaa gaafas jibbu bakka afurritti qoode akkan karaa
raadiyoonattin je`e .
kan oromoo diduu
takkaayuu diinumaa
takkaayuu galtu'uu tanaaf isaan moromaa
takkaa nin
laalinii taariikha saanitii
takkaa wahiif fedhaa baduu isaanitii
ammas ummata
gaalla`aa yookaa oromo`oo akka maqa tokko kan yoo isaan yaamaman maqaa isaanii
tayuu beekhanii hundi isaanii owwaatu godhu`uu jecha wannin je`e
yaa ilmaan
oromoo dubbii too dhagayaa
maqaafii afaanin harka tokko tayaa
namni afaan
keetii inni shanyii teetii
qoqqoteen gaafatin maali gosti teeti
maqaa gosaa
dhiisaa ka dhiyoo argamee
isa dur qabdhaa kan akkaan baramee
bar maqaan
durattii isaawwali qqabaa
gosa sabaa hundaa taariikhas ni qabaa
yoo isin wal
taatan xiqqa'aafii gudda' aanii
dhiirafii dhalaadhan walis jaalattanii
baraa nam
tokkolleen isin duran bayuu
dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu
akkanattan
maqaa gaalla`aa takkaa oromo`oo ummata fudhachiisu`uuf tattaafata godhe gaafa
maqaan kun diina keenya biratti dhoowwama`aa haatayuu ummata keenya biratti
maqaan gaalla`aa takkaa oromo`oo maqaa qottu`urra ni chaala ammoo diina biratti
afaan kun raadiyo`orraa bayuun maqaa fedheen haa tayuu ni naasisa tanaaf jecha
nu warra raadiyoo moqdisho`orraa afaan kanaan dubbatu nama nu ajjeesu nuti
erganii ayyuub abuubakri nurraa ajjeessan ammoo kan naaf ergame odoo na bira hin
gayin mangistiin soomaale`ee qabde ayuub abuu bakrii kun ituu { qaalluu } warra
carcar naannoo baddeesa`aati . namni isa ajjeesse isweedinirraa bitamee akka
ayuub ajjeessu biyya soomale`etti ergame mataa boolisii soomale`ee jeneraal
muhammad abshir bira qubate inni jaala isaatii ayuubisa jaala mataa boollisii
soomaale`eeti mana isaa dhaqee joollee isaan afaan injiliiz barsiisa duuba
achitti nama haylasillaasan erge saniin wal baran duuba gaaf tokko asrii mana
dhugaati`ii faranjichaan wajji seenanii eegas bahara dhaqanii huccuu
babaafatanii bakka huccuu kaayu`uuf jaaramte kaayatanii namnicha haylasilaasen
itti ergeen wajji bara seenan duuba bahara keessa waa xiqqo achi fagaatanii
namichi faranji`ii sun bahara lixee ayyuubii bahara jiru luka isaa qabee bishaan
bahara jala harkisa`aa bahara keessa faggeesse du`aa achitti dhiisee biraa baye
yaroo lafti golgolooyte duuba faranjichi sun huccuu ayuub fuudhee mataa boolisaa
soomaale`etti geessee halkanuma san qophaayee ganamaan xayyaaraa yabbatee biyya
soomaale`eetii baye ammoo reeffa ayyuub baharri qarqaratti darbee mangistiin
soomaale`ee fuutee mustashfaa { mana haakimaa } kan dikfer je`amu geessitee
achii fuunee irratti salaannee awwaalle duuba abbaan isaa gumaa isaa barbaadaf
biyya soomaalee dhufe akkuma obboleessi isaa rashiid abuu bakrii moqdishoo
dhufee raadiyoona moqdisho`oo keessa bakka ayyuub dalaguu jalqabe qophee afaan
gaalla`aa keessa .
ammas warri afaan
kana dura dhaabbatu karaa biraatin mangistii soomaale`etti dhaqanii afaan
gaalla`aa afaan kuffaaratii afaan islaamaa raadiyoona nuu naqaa je`aniin afaan
islaama kan isaan je`an afaan adare`eefi duuba mangistiin soomale`ee warra
beekkomsa afaan ityoophiyaa keessa jiru qabu walitti qabdee dubbii tanarraa
gaafannaan deebisan isiin argatte warri afaan adere`eetin dubbatu afaan
gaalla`aa yookaa oromo`oo yookaa qottu`uu ni beekaa zamanni afaan gaalla`aatii
kennamis xiqqa`aa addaan qottu hin tayuu tanaaf jecha amma hin haajamsiisu
jetteen mangistiin soomale`ee .
ammas warri afaan
kana dura dhaabbatu kharaa biraatin natti ka`an sun waanin an dubbadhu
dhaggeeffatanii yoo isaanii tayuu baate natti duulan maa kana jette maa kana
jette je`anii . duuba afaan kun akkuma natti jaba`aa dhiirti afaan kanaa tumsitu
na wajji dhaabbattee afaan kana du`uu dhoowwine . gaafa tokko wannin raadiyoona
moqdisho`orraa dabarsee bara kum tokkootii jahaatamii torbatti { 1967 } haasawa
dheeraa isa keessatti wannin je`e yaa ummata keenya rabbiin biyya gaarii isinii
kenne afaan gaarii isinii kennee rabbiin lafa teessanirratti isin heddommeyse
tun qananii guddo`oo kennaa bal`oo rabbii keessaniirraa qeebala`aa ittiin
qanani`aa namni biraa isinirraa fudhatuu ittin dhiisinaa qabsoo godha`aa warra
alaa dhufee waan rabbiin isinii kenne isin duraa nyaatu ifirraa deebisaa waa
takka beekhaa waan ajaanibni biyya teenya jiruun warri biyyaa hin quufu maalif
isin bara guutuu dalaga`aa baatan maallaqa xiqqa`aan isin harkaa dhadhawatatanii
kan waan isin dhibbatti gurguratu`uu magaalaa geessitan kudhan isin isinirraa
bitan watayanii kanneen meeshaa kudhaniin bitanii alaa fidan dhibbatti isinitti
gurguratan. duuba waan warri akkanaa biyya teenya jiruun deenaggeen teenya hin
guddattu waan diinaggeen teenya hin guddatiniin qabsoon isti`maaratii goonu
bakkan geessu maalif ormi ajaaniba yookaa alagaa basaasa mangistii isti`maarati
wanni akkana tayaniif mangistii isti`maaratiin wajji jiraatu`uutu mangistii
warra biyyaatin wajji jiraatu`urra isaanii caala tanaaf jecha naggadaa biyya
keessatiffi kan alallee waan ala ooftaniifii waan alaa fiddanillee ifumaa
harkattti qabadhaadhaa ajaanibatti rakkisaa duuba ummanni oromo`oo hoggaa dubbi
tana dhagayu kutaa biya isaanii hunda keessatti orma ajaanibaa warra buna bituu
dhoowanii wanni itti rakkisan namni biyya bookhe`ee ta carcara keessa moqdisho`o
dhufe tokko akki je`e magaalaa bookhe`ee keessa taajira adare`ee tokkootu jira
kan tujjaara biyyaa buna bituu dhoowwe maalif nama buna fidu hunda dhiirti isaa
kara`atti afaan baate dirqiidhan irraa buuftee waan tujjaarri biyyaa bituun
caalchisee kennaaf duuba warri biyyaa wal tayeeti taajirticha ashkara meeqaatam
qabu asan tumanii magaalaa isaanii keessaa baasan warri naannoo biraatis
akkasitti nama alaga`aa if keessaa baasanii waan naggada taye hunda harkatti
deeffatan warri biyya wanni balleesse nama afaan isaa hin beyne hundaan alagaa
jechuu kan akka adareedhaa takkaa warra akka alagaadhatti ummata miidhu hundaan
alagaa jechuu odoo warra biyyallee taatee .
duuba duubbin
tiyya orma adare`ee akka alaga`atti ummata biyyaa nyaatuu dhoowwinan dubbiin
tiyya ummata oromo`oo dammeyinaan rakkatanii dardara nama saddeet gayu
maqdisho`otti ergan bakkan irraa an dubbadhufti na cal`isiisu jecha duuba gal
gala tokko mana kiyyatti jigan haatayuu an hoggaa san manan jiruu mana saahiba
khiyyaa seenanii isa bira tattaa`an dhufa tiyya eegan duuba hogga`an dhufu
saahibni kiyya sheekh muhammed saalih sa`iid na yaamee jara kanaatu si himataa
waan isaan je`an irraa dhagu naan je`e jennaan dubbadhaa je`een duuba isaanirraa
kan maqaa isaanitiin dubbatu akki je`e afaan arabaatin nuti dardara biyyaafii
ummatarraa waan hamtuu deebisu ati raadiyoo keessaa waan ummata keenya miidhu
dubbattee waan dubbatte san yoo kaaseeta`atti marte nu dhageessisi yoo
xalaya`atti barreessite nurratti qara`i yookaa nuu dubbisi je`e jennaan wannin
je`een kaaseetta`aafii xalayaa itti dhiisa`aa maali wanni isin raadiyo`orraa
dhageessan jennaanin wanni je`e wanni ati jette waan alagaan yookaa waan
tujjaari ajaaniba yookaa alaga`ara kan waan isin magaalaa geeffattan rakhishaan
isinirraa bitee waan biyya alaa nuu qaali`itti gurguru biyya teenya jiruun
diinaggeen teenya hin guddatu qabsoon isti`maarri goonu bakkan geessu waan
basaasa tayanii isti`maara yookaa cunqursaa wajji dhaabbatanii waan dantaan
isaanii qursa`aan wajji jiraatun irra isaanif caaluf jecha jette je`e inni akkas
jennaan sheekh muhammed saalih maaltu kanarraa isin aarse jennaanin ajnabii
arrabsefa jennaan sheekh mohammed saalih akki je`ee si isin alaga`aa ajnabi`ii
je`een jennaanin lakkii nuti warra biyyati waxaniyyiin je`an jennaan sheekh
muhammed saalih akki je`een isin afaan oromo`oo hin beytanii yoo waa dhageessan
nama afaan oromo`oo beekhu gaafadha odoo waa takka hin dalayne .
ammoo mangistiin
ityoobiya`aa afaan kana raadiyoona soomaale`ee keessaa baassu`uu karaa hundaan
itti if laaltee dadhabnaan raadiyoonaa harar afaan oromo`ootif bantee afaan
duraan raadiyoona cabsaa je`anii raadiyoona addis ababa`aa naqu didan jecha
raadiyoona hararirra gad lakkisa.
Kutaa tokkoffa`aa
asitti dhume
Dr : Mohammed rashaad kabiir abdullee
Kabiir muummayyaa