TAARIIKHA OROMO`OO
Galata galchinaa gooytaa nu uumefii
Nagayaa rahmanni
isa nuu argeefii
Ammoo eega tanaa wannin nuu dubbadhuu
seenaa oromo'ootii akkumaan qabadhuu
waanin arge malee kan argin waan himuu , taariikha
isaanii numa beekha namuu ammas waanin himuu
kitaabarraan fuudhaa
waan hidda hin qabne eenyumaatu fedhaa
wannumtin himulleen taariikhuma durii
kan ammaan
tanallee numan hima garii
bar tariikha kan kee baratuun si qabee
namni
seenaan qabnee nama jiruu dhabee
bar taariikha ifii baratuun wajabee
kan taariikhan qabnee nama bakka dhabee
yoo taariikhni kan kee isa jabaa tayee
bara ati dureessaa nama samii bayee
yoo amanti'iin dura ati jabaa taatee
eega amanti'iitii
sumaaf aduun baatee
nabiin akki je'an namni dur dureessaa
isumaat jabaatee islaamas jebeessaa
mee
qureyshii laalii islaaman durattii
eega islaamatii
bakka akkam jirtii
akkasi gaallanis islaaman durattii
eega islaamatii bakka
gaarii jirtii
waa takkaa haa beekhuu bakka hundaa namuu gaallaafii
oromoon maqaa waan beekkamuu qureyshin maqumaa islaaman
durattii
Eega islaamatii wahi jirjiiramtii
eega islaamatii gaallanis gaallumaa
kan islaamatiifii
kaanille'ee maqumaa
akkas oromoonis olumaa gaditti
maqaa
akkaan beekkamee biyya oromo'ottii
arabuma jechuun gariin saa islaamaa
gariinis
kaafiraa eenyumaa si mormaa
duuba hundi saanii harkuma tokkichaa
Wanni firraa eegan nyaaba saanii bichaa
akkas oromoonis bakkuma hundattii
mee daaniyyii laalii
dhiira gaalla'aatii