GORSA
JAALALLE`EE
NAMNI BARREESE
DR / MUHAMMED
RASHAAD
KABIIR ABDULLE`EE
{ 1967 } TOLCHE
an galatan
galchaa gooytaa nu uumefii
kan anbiyaa ergee toltuu nuu himeefii
ammoo eega tanaa
wannin nuu dubbadhuu
gorsa
jaalalle'eetii akkumaan qabadhuu
yaa jaalallee
kiyyaa gad teenyet haasoynaa
odoo nuu mijjooyte jiruu wal gaafannaa
akkumaan wal
barraa eessumaan wal garraa
arganii wal baru'uu caala waa
hundarraa
yaa jaalallee
kiyyaa qalbiidhan wal yaannaa
waa
nuu tolu hundaa walitti dhaammannaa
namni keenya
guddaan xiqqaa keenyaf nayaa
dubbii
nama gudda'aa xiqqaan ni dhagayaa
beekhan nama
keenyaa kan beyni barsiisaa
kan waa irraanfatee kaantu yaadachiisaa
qananii jiru'uu
waliif dabarsinaa
kan harka nu toleef galata galchinaa
hamtuu nama
keenyaa irra dabarraafii
yoo aylii qabaatee sun
gorsa tayaafii
baraa namni
hamtu'uun lammii ifii laalu
abaduun milkaayuu inuu
alaan galuu
waan biraatii
mitii gorsaafin dubbadhaa
kan jaalattaniifii kaanis
dhaggeeffadhaa
waa hunda
aylumaan laala'aa adda baasaa
aylii malee deemun hubadhaa du'iinsaa
beekkumsa waa
hundaa ayli'itti dabalaa
ayli'iifii waa beekhu'uun
namni alaa galaa
ayli'iifii waa
baru'uun samii keessa ceetaa
takkaa bahar lixxee hoggaa
feete baataa
kan beekkomsan
qabnee aylillee qabaatuu
yaroo ammaan, tanaa baraa
waan jiraatuu
tanaaf xiqqa'aa
gudda'aan ka'anii baranii
waan addunyaan gootuu
isinuu gartanii
wanni atin
feenee heddu'uu si mudataa
beekkomsaafii
obsaan hunda jalaa baataa
waan itti
haajamtu barbaadin taa'inii
bakkuman taa'utti naa dhuftiin
eeginii
danfa ifii
nyaatun bar gurra dhiiratii
harka namaa eegun waa siin
maluu mitii
dalaguma
taatee atin hifatinii
qooda waaqa keetii
jaal'un tuffatinii
eega
Rakkoodhatii bal'otti bayanii
yoo ar'a hiyyooman boru
ni quufanii
Rabbii khee
khadhadhuu dalaga'aa hidhadhuu
dalagaadhan malee waan heltuu hubadhuu
dalagaan
dardaraa bar waa baratuudhaa
eega ifii baran nama barasiisuudhaa
namni waa
baratee cinqii jalaa bayee
bakka dhiirti-kkasaa geessu dafee
gayee
dalagaan
ulama`aa ummata gorsuudhaa
karaa
diinii dunya'aa nama qajeelchuudhaa
ulamaan ifaadhaa
yoo if dhaamsan malee
beekkomsa anbiya'aa isaanumaa-haalee
waan dalaydu
tolchuun sumaaf gurra qabdii
galata waaqafii namarraa sii fiddii
waan dalaydu
hundaa bareechii dalagii
jarjarteen dabsinii qaanii firraa
eegii
nama onnee
qabuu-wwahayyuu dandayaa
namni
onneen qabnee yoom wahittuu gayaa
kan du'a
sodaadhaf wahayyurraa dheysuu
dhufee
keessa bu'aa gaafa ta saa geessuu
jeyna jechuun
baraa nama dhugaan dinnee
nama bakkayyuttuu waaqa ifiin gannee
sodaan waaqa
keetii hamtu'urraa si eeydii
waan jabaate hundaa laaftu'utti sii fiddii
ni'maan
addunyaadhaa ayli'ii ijaanii
gurraafii harkaanii ammallee miilanii
kanaafii
kaanillee waaqumaa nuu kennee
kan
gubboon fudhatin arjumma'aan nuu kennee
qananii
takkittii odoo dhaadhessanii
tan akka ijaa faa biti'iin hin arganii
qananii
gooyta'aa lakkooyneen dandeenyuu
odoo nu
dhoowwatee kan nuu kennu eenyuu
samii nuu ol
fuudhee utubaadhan malee
dachii nuu bal'isee horii nuu dabalee
waaqni keenya
guddaan tokkichan haajamnee
waan fedhe hojjataa kan gargaarsifannee
isaat hunda
uumee dandeeytii saatinii
isaat hundaa hiraa beekkomsa
saatinii
kan waaqni
jaalatuu gabroottan saatirraa
nama gaarii akkaan fagaatu hamtu'urraa
galata
galchiifii isuma sodaadhuu
haqa namaa sa'aa
ifirraa eeggadhuu
hayn'i namaa
sa'aa baraa taphan tayuu
kan isa balleessee waaqa jalaan bayuu
namni haqa
hundaa ifirraa eeggatuu
ar'aafii borullee waa
takkan sodaatuu
yoo ar'a
jabaatte boru ni laafattaa
jaba'aa-ssitti
dhufaa hoggaa san laalattaa
mee warra dur
dabre qalbii godhii laalii
kan nurra jaboodhaa gad kutan moo olii
kan duraan nu
uumee eegasii nu ajjeessuu
ammallee isumaa kan qabri'ii nu kaasuu
eega qabri'ii
kaanee namuu ijaan argaa
waan ifii dalagee hin barbaadu ragaa
kan gaarii
dalagee galata argataa
jannata waaqa saa keessuma qubataa
yoo hamtuu
dalagee borutti rakkataa
ibidda qixaaxaa keessa
gangalataa
guyyaa boruu
jechuun eega duunee kaanee
eega waan dalayneen dirree
wali-baanee
baraa guyyaan
boruu guyyaa qiyaama'aati
waan laaftu'uu mitii baraa cinqiin
saatii
yaa gabricha
Rabbii dafii dalagadhuu
boru ni haammattaa ar'a facaafadhuu
odoon lubbuun
tantee baatee sirraan kunnee
gara
waaqa siidhaa si biraan deebinee
wanni sirraa
hafee sii tolu yoo duutee
beekkomsaa, ilmo'oo waan ati kennatte
sadeen kana
malee waa hundarraa cittee
eega lubbuun
tantee qaama keessaa baatee
yoo nama
barsiiftee takkaa ilmoo hortee
takkaa Rabbii jettee waa takkaa waqqaftee
galanni siif
deemaa hanga qiyaama'attii
kanaatu siif tolaa hin taa'in
ifittii
qajeelii dalagii
khara'arraa maqinii
sheyxaanafii nabsee tee jala deeminii
shayxaanafii
nafseen ergaa azaabatii
sirraan jaalatanii karaa jannataatii
waaqni dachi'ii
samii uume nu badhaasee
karaa gaari'ii hamaa adda nuu babaasee
karaan Rabbii
haqaa obsi isarrattii
hanga Rabbii kan kee biraan
si gayuttii
waan namaafii
sa'aan tollen dalaginii
wanni namaa sa'aa tolu sin dabrinii
waan ifiin
jaalanne namarraa fageessa
ammoo waan jalattu namaafis dabarsii
nama ifii toleet
ollaa fiitii tolaa
nama olla'aa toluut biyya fiitii
tolaa
warri biyya
teetii haqa sirraa qabaa
isaan
hundaa nayuun bar gurra,siif qabaa
hayn'i biyyaa
jaba'aa ifirraa tooyadhuu
tariikhafii
afaan akkasii hubadhuu
yoo heera
eeggattee harkaa fuula toltee
jette jettee namaa
jalaa ati baatee
namni odoo qabuu
nama fii dhoowwatuu
namaafii
Rabbirraa toltuu waan eeggatuu
naman tuffatinii
hangamuu guddattuu
yaada
kee dhuyfadhuu hangamuu jibbituu
arraba kee eegii
waan gaarii dubbadhuu
waan afaanin jettuu harkaanis
hojjadhuu
wannin an sii
dhaamuu jiruu tee kheessattii
nama khijiburraa fagaadhu-kkaan atii
namni
si-kkijibuu hallayaa si geessaa
waan takkaan argamin ka'ee sii odeessaa
kan jaala
godhattuu akkaan maraxadhuu
yoo qara argatte harka-tti maradhuu
namni fuula
lamaa jaala siin tayinii
bakka takkattillee isan abdatinii
yoo jaala kee
gartee xilaata kee wajji
inninuu akhumaa hin
deddeemin wajji
yoo xilaata
kheetin wal afaan dhuftanii
ooltee bultee je'ee
ammoon amaninii
jiruun
addunyaadhaa ajaa'iba qabdii
waan ati ifirraan eeyne
sitti fiddii
yoo hamtuu
mudattee qalbii if jabeessii
waaqumaa-ssi furaa isimatti
dheysii
waa takkalleen
fidhii isaa maleen taatuu
akkamiin rakkataa odoo
kana beytuu
gorsa koo
dhagayii hiriyaa jabeessii
waan ifii dhageessee kaanifis
odeessii
yaa jaalallee
kiyyaa amma adda kaanaa
yoo waaqni nuu fedhee walitti
deebinaa
nagayaan
jiraadhuu waan feetu argadhuu
Rabbii
kankee guddaa wahayyuuf abdadhuu
nagayaan
jiraadhaa waan feetan argadhaa
waaqa
keessan guddaa wahayyuuf abdadhaa
akka ati baytuu
an muhammad Rashaadii
kan
argaa teessaniif hawwu olii gadii
du'aa'ii
teessaniin nan irraanfatinaa
kheyrii
Rabbii gudda'aa walumaan argannaa
namni obboleessa
saa fago'otti yaadatee
kan
du'aa'ii godhee Rabbi saaf khadhatee
Rabbiin ni
qeebalaa waan inni khadhatee
Isaafii isalle'ee Rasuula-ddubbatee
fayyaafii
qanani'iin Rabbiin haa hagooguu
xiqqaa
guddaa keessan balaa-rraa haa eeguu
jaalalaa
tokkumaa isin haa qabsiisuu
dhiiraa
dhalaa keessan hunda haa badhaasuu
kan ilmaafii
ilmoo dhabe haa horsiisuu
kan
Rakkoo mudatee rakkoodhaa haa baasuu
Rabbiin jannata
saa waliin nu haa geessu
Rahmataa nagayaa nabitti haa buusuu