WALALOO BIYYAA
NAMNI BARREESSE
BARRA { 1964 }
DR MUHAMMED
RASHAAD
KABIIR ABDULLE`EETI
joollee
oromoodhaa isin yaammannaa
baraa waa hundaafuu
isin abdannaa
isin
guddisuudhaa lubbuu khenninaa
nu wajjin jiraadhaa
bareedan isin
baraa isiniin
hayn'i nuu mul'ataa
waa beekhu'uun bar sabni nuu guddataa
nu yoo lollee
eenyu-kka'ee dubbataa
mataa biyya teenyaa
numaan ol qaban
tokkummaa biyyoo
teenyatiif ol je'ii
xilaatan lolu'uu bakka hundaa
ka'ii
dargoo
oromoodhaa dafii sosso'ii
baraa biyya fiitii akkaan
hojjatan
tolaan oromoota
walii galchina
xilaata nu keessaa dirqi'iin
darbinaa
biyyoo teenya
hundaa waliif tumsinaa
baraa biyya hundaa isin yaammatan
harkaafii
garaadhan waliin ol ka'aa
biyyoo teenya jaarraa dafaa
sosso'aa
jiruu saba
keenyaa je'aatii du'aa
baraa biyya hundaa isin
abdatan
ilmaan oromootaa
jaynootii ka'aa
ni deemna karaa guddinaa nuun bu'aa
mataan keenya
haa guddatuu ol je'aa
baraa dhiira fiitin biyoo
eeggatan
nu bar oromoota
isaan guddatuu
qeyron biyya teenyaa ol haa mul'atuu
mataan orma
keenyaa nuu haa dubbatuu
isaan saba miidhan biyyaa haa bayan