MAALI WANNI SABA
OROMO`ORRATTI
JIRU
taariikha oromo'
oo hunoo sinii himee
irrumaan
tuttuqee yoomin hundaa himee
bar taariikhni
saanii waan nama jabeessuu
bakka hundaa namuu walii haa odeessuu
kan beyne
gaafatee kan beeku barsiisee
bakka hundaa namuu walumatti kaasee
biyya hundaa
namuu waan fedhu argatee
xiqqa'aa gudda'aan baraa-kkaan jabaatee
wanni
jabaataniin harka tokko tayuu
bakka
hundaa namuu mariin takka tayuu
ilmaan
oromoodhaa wanni saan eeggatuu
bakkuma marattuu harka wal qabatuu
abbaan saanii
tokkoo afaan saanii wajjii
ammas hundi saanii waliin qaban hujii
taariikhni
oromo 'oo tokko tayuu garree
mee
maa bakka hundaa isaan walin barree
maqaan saanii
tokkoo dachiin saanii takaa
mee namni akkanaa rakoo-kkamiin arkaa
yaa ilmaan
oromoo dubii too dhagayaa
maqaafii afaanin harka tokko tayaa
namni afaan
keetii inni shanyii teetii
qoqqoteen gaafatin maali gosti teeti
dhiisaa maqaa
gosaa ka dhiyoo argamee
isa dur qabdhaa kan akkaan baramee
bar maqaan
durattii isaa-wwali-qqabaa
gosa sabaa hundaa taariikha ni qabaa
yoo isin wal
taatan xiqqa'aafii gudda' aanii
dhiirafii dhalaadhan walis jaalattanii
baraa nam
tokkolleen isin duran bayuu
dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu
qananiin
teessanii isunuu beytanii
biyya teessan jaaraa bakkuma jirtanii
waa takka haa
beekhuu bakka hundaa namuu
kan
oromoo miidhuu numa miidha namuu
nam tokkolleen
isaan miidhuu waan dandayuu
kan oromoon feenee biyyarraa haa bayuu
kan oromoo
mormuu takkaayuu diinumaa
takkaayuu galtu'uun sodaati naa humaa
oromoon guddinaa
nama hundee qabuu
nama heddumminaaf dachii guddoo qabuu
kan isin
guddisee gooytuma keessanii
galata akkaan galchaa mee rabbii keessanii
kan isin
kabajuu galata argataa
namni isin tuquu borutti rakkataa
yaa rabbi
jabeessii gaallaa islaamattii
walis jaalachiisii bakkuma hundatti
dilii teenya
hundaa mee nuu araaramii
muhammadii je'ii mootii ilma aadamii
guddinas
ida'ii nagayallee buusii
nabiyyii dharrattii jaalalleetti aansii
waanuman
dubbadhes nama jaalachiisii
hamaadhafii gaarii addumaan
beysisii
****************
14/12/ 1966
baatii Ramadaanaa takkaayuu Soomaanaa jalqaba
isi'ii waytii hiraabaa maqdashoo bilaaj arab.
namni tolchi
dr .muhammad
Rashaad kabiir abdullee kabiir muumayyaa umar
jaarraa jolo'ooti dhaloonni isaa carcar laga
arbaa ganda jarjare'ee 1934.
barmoonni isaa
harariifii hijaaz,shaam,misra azhar
(
jaami'atul'azhar,kulyyatu usuuladdiin)
achirraa fexee
bayuun (1962) m ..
dalagaan isaa kitaaba allafuu izaa'aa
maqdisho'orraa akkasuma raadiyoo
makkaa ta su'uudi'irraa hadiisafii tafsiira
qur'aanaa dabarsuu , inni nama dura dursoo
harfii oromo'oo tanan an kaayee wahiin katabee
qara'ee yookaa dubbise