walaloo booya
sheekh abuu bakri sabaloo
oda`aa rabbiin
rahmata isaa haa godhuu
namni barreyse
dr/ Mohammed
rashaad kabiir abdullee
kabiir
muummayya`aa
khaliifaa sheykh
abuu bakrii
rabbiin rahmata
isaafii abbootii isaatii haa godhuu
16/4/1980 gaafa
isaan du`an
addunyaan
hamtuudhaa hamtuudhaa ba`attii
hamtuu ifii deemtun si bira qubattii
laalaa
addunya`aa kan agarrin jiruu
namuu ni eeggataaa
waan waaqni saa hiruu
quufafii
beeltinis haala addunya`aatii
du`aafii jirullee
beeki akkasitti
mi`aan
addunyaadhaa hadhaadha ba`atti
abbaadhafii ilmaan adda
adda baaftii
kan gaarii
dalaguu hamtuu dura dhaabdii
nama ol hiitatuu
gadiin gara galtii
gammachuu
jiruudhaa naasu`uu keessa jiraa
jiruu addunyaadhaa du`aa
waliin jiraa
addunyaan tun
baraa mana kheenyaa mitii
baraa manni dhuga`aa
kan du`a boodatii
mee warra dur
dabree qalbii godhii laalii
kan nurra jaboodhaa
gad kutan mee olii
hundi du`aan
dabree gara aakhira`aatii
lubbuun rabbiin
uumee fedhii saatin baatii
irra guddaan
saanii rasuula rabbiitii
isaanuu dabranii
gara rabbii fiitii
xiqqaafii
guddaanis khara kana yaa`aa
namuu du`a baataa waan
dadhabu ba`aa
namni gaarin
du`u hundaatu rifataa
mmoo badaan
du`uu eenyumtu mil`ataa
duuti
haadhaa-bba`aa ilmoo rifachiiftii
duuti beekaa biyyaa ummata naasiftii
naasuu guddoo
guddo`oo mata`aa gad bu`ee
sheeykha bakriin sapaloo beekan biyyaa du`ee
ummata boochiftee duuti isaanitnii
akkamiin hin
booynee utubaa saanitii
utubaadhan jigee
ummata keenyarraa
baraa ifa`aa
dhaamee diinaa islaamarraa
duutii saanii
baraa du`a taanin addaa
eeyee duuti saanii
du`a biyyaa hundaa
namni ka isaanii
kan namuu jaalatuu
kan xiqqaafii guddaan karaa saa abdatuu
waan ergamuun
sayuu biyya teenyarrattii
zalaalamiin abbaatuu
laalan du`a saatii
sheekh bakriin
sapaloo abbaa ummataatii
kan isaan qaceelchuu
karaa guddinaatii
kan isaa
barsiisuu karaa warraaqatii
dirqiidhan
argatu`uuf haqa isaanitii
qabsoo
jabeessanii diddaa xilaatatii
dhiigan magarsanii
qabsoo taariikhatii
taariikha
ummataa isaanumaa jaaree
odoo isaan
dhabnee yoom ifumaa barree
kitaabban
isaanii mee dubbisii laalii
ajaa`iba gartaa kan sii himee olii
( irsaalu
sawaariikh ) kitaaba saanitii
Kan gad qabee himuu seenaa ummataatii
Walaloon (
shaalda`aa ) tan isaan tolchanii
Tan isiidhan namuu
qabso`otti kaasanii
Waan
ajaa`ibaatii mee dubbisii barii
Hoggaa san agartaa
qabsoo abii bakrii
Bara kudha
torbaan durattii tolchanii
Kan achirraa qabsoo
ittuma fufanii
Walaloo
shalda`aa xiqqo`orraa dhagayaa
Waan isaan
tolchanii isi`iin nadha bayaa
Cunqursaa
amaaran ( dassitaa ) je`anii
Ammoo kaanin boruu
barmaami je`anii
Dassitaan
qabeeffe`ataa boruu barmaamii
Mala saa karaa yoo
beyte sii tilmaamii
Fi`amuu didii
hanalee tanaan ciri yaa baruu
Dassitaa badaa
xilaata diin islaamii
Jahataan malii
fe`amuu jalaa bahan eeginii
Akka
jazaa`irii adanii cinqii feetanaamii
Du`an oolanii
du`a faa sodaa matumaa gatii
Inumaa dafee
fedhuu haa dhufuu as yaamii
Dhabama`aa jiruu
bilisaa dhabee fe`amuu fedhaa
An ifiii ka`ee yoo
feeti waa na dhaamii
Lafumaa kha`ee
dhagumaa mancaa qarameen lolii
Mogolii
hamaa si ka`ee horiin san haamii
Dassitaa dagii
man meesha`aa lolumaan banii
Miya saa jabaa kha
lolaa ol khaayan saamii
Goda faa galii
bararaa lolaa lafumaa dhayii
Bararaan
capuun kh khoree dhufeen altaamii
Jahatii loltii
miya kee qabii bosumaan litii
Malaa doofa`aa didi yaa boruu barmaamii
Lolumaa hulaa
jiru`uu namaa bana yaa boruu
Si dhabee
kharaa oofamee si jaamii
Shakhafii khutii
lolumaan jiruu ti busheessi yaa
Baqatee
galuu gama goondarii goojjamii
Khan nu uume yaa
dassitaa garuu biri sii mitii
Yooma
roomni kee tayi mee huboo nun caamii
Si namuu kha`ee
khanumaan buruu taye maa rafaa
Asaboot korii yoo khee
oeeaatan yaami
Kan dhageessaa
kunii dubbii sheekh bakriitii
Kanumarraa beekhaa
qabsoo isaanitii
Bara khudha
saniin duratti je`amii
Diddaa amaaratiif dhiira dammaysanii
Harfin afaan
kheenyaa tun isaan khaayanii
Waan ummata fiitin
guddisuu yaadanii
Banuu yaada
khanaa isaan duran yaannee
Isaanumaan baraa
mataa ol qabannee
Isaa karaa banee
dhiira dalayduufii
Isaan toltuu
fidee biyya isaatifii
Tokkumaan
ummataa isaanin magartee
Dubbiin walii
galu`uu isaan jalqamtee
Sheekh kheenya
guddaa dalaguu isaanii
Waan
himneen dandeenyee baraa lakkoysanii
Kan je`uu
dandeenyuu dirree babaafnetii
Isaanumaa cabsii
yaada amaaratii
Dhiira ammaan
tanaa isaani gudisee
Isaanumaa kharaa
jiruudhaa beysisee
Kan
qaceelchanirraa bar tokko anumaa
Kan lafaa na kaasee
baraa isaanumaa
Jennummaan
sheekh bakrii kan fakkaataan qabnee
Ummataaf
yaddawuun waan wasanan qabnee
Cunqursa`aan
mokkoruu itti jabeessanii
Argadhaa dhageyti`iin
isumaa jibbanii
Meeqaatam
marfamoo dirree dhawaadhattii
Akka irraan
baanef gara biraatittii
Haatayuu
dirmachuun rabbi biraa dhuftee
Cunqursaa ummata
harkaa futi fatee
Ajjeechaa
amaaraa jalaa ni bayanii
Hararii
kha`aniiti hargiisa dhufanii
Hargeessarraa
biyya hireen geeffamanii
Bakka san qubatee
ummataan wajjinii
Ummata isaanii
kan biyyaa baafamee
Kan manaafii
horiin isaa zarrafamee
Achiw-wal
gayanii biya hireenitti
Sheekh bakriin
sapaloo ifaa isaanitii
Kan isaan
ammatuu kan namuu abdatuu
kan halkanii guyyaa
isaan tottooyatuu
odoo rakkoon
jabddun isaanitti jirtuu
ummataaf yaaddawaa tan
ifiin yaadatuu
qilleensatu
tuqee miila sanii
sanumaan du`anii
guddinaan wajjinii
gaafni isan
du`an kumaaf dhib sagalii
bara saddeettanis
ittuma dabalii
guyyaan
aakhiraman guyyaa arbi`aatii
baatii ibriilii
keessaa sayleessaa isiitii
dhaloonni
isaanii kumaaf dhib saddeetii
saddeettamii tokko
itti iddatetii
maqaamni isaanii
biyuma hireenii
kabajaa guddo`oon
baraa qabramanii
ulamaan ummataa
achi wal gayanii
kakka
sheekh bilisa`aa kaka sheekh usmaanii
gaafa inni du`ee
dachiin garaan galtee
ummata isaanii
itti dukkanooytee
ifaadhasatu
dhaamee biyya hireenirraa
lakkii ifaan
dhaamun biyyuma hundarraa
baraa isaan
du`uun miidhaa addunya`aatii
kan bakka saa bu`uu
waan agartuu atii
eenyumaatu saraa
sheekh abuu bakrirraa
ummata saa dhiisii
orma addunya`arraa
sheekh bakriin
sapaloo ifaa dukkanaatii
kan nama qaceelchuu
karaa guddinaatii
qaamni saa
godaanuu lubbuun saa ni jirtii
tan ummata yaamtuu
karaa jiruudhattii
sha`bii biya
teenya lubbuun saanii bakrii
dalagaa isanii
qalbi`iin laalii barii
qabriin sheekh
bakri`ii qalbii tee haatuu
akka zalaalamii si
wajji jiraatuu
diinaa keetif
du`ee kan akkaan qabtuu
biyya teetif du`ee
odd-kkaan jaalatu
namni biyyaaf
du`ee inni baraan duunee
qalbii saba
saatii abduu waan baanee
yaa rabbi
teessisii janata kee kheesssaa
nuufis
sabrii kennii waan nu qabanneessaa