WALALOO FAARUU
AFAAN OROMO`OO
yaa afaan
oromo'oo Rabbiin si guddisee
nama
siin dubbatuu sumaaf heddommeysee
sii, afaan
gaari'ii-kkatti si bal'isee
nama
xiqqa'aa guddaa hunda siin guddisee
addunya'a-ssi
beekaa nulleen si wallaallu
karaa
keetin malee nu-mmoo alaan galluu
ormi
addunyaadhaa yoo dubbii tee kaasee
afaan moosiiqaadhaa je'eeti si faarsee
yaa afaan
gaalla'aa yaa ka zalaalamii
kan sii je'ee du'uu
hammamii hammamii
yaa afaan
oromo`oo yaa ka zalaalamii
kan sii je'ee du'uu
hammamii hammamii
ganaa waa si
gannuu durillee wallaalluu
waan ati jaalattuu
waa sii godhuun oolluu
mee-kkamiin si
gannaa nuti siin mul'annaa
nuti yoo si dhabnee
matumaan dhabamnaa
karaa kan kee
kanaan harka tokko taanaa
sumaan gurgurannee
walirraa bitannaa
yoonif karaa
bannee siin kara'a-ddeebinaa
yoonif
dhukkubsannee sumaan wal gaafannaa
yaa afaan
oromo'oo mee-kkamiin si gannaa
salaamtaa jaalalaa
siin walii erginaa
yaa afaan
gaalla'aa mee-kkamiin si gannaa
si
gannu mee-kkamiin ilmaan kee je'amnaa
nuti yoo si
gannee matumaan dhabamnaa
mee
miidhuma teenyaa akkamiin himamnaa
turjumaanan
kaatee yoonif waa himattee
rakkoo
addunyaadha mata'aan keessa buutee
takkaa sii
balleessaa yookaa turjumaanaa
yoom
jiruu dunyaadhaa akkanaan hubannaa
yaa afaan
oromo'oo yaa haadhaa guddinaa
ar'aafii
borullee nuti siin mul'annaa
gooytan haa
guddisuu warra si mul'isee
dachii haa
seensisuu warra si saphliisee
namni si
saphlisee Rakkatu'uuf jiraataa
gaafa
ta saa geessuu biiluu tee irraa baataa
yaa afaan oromoo
bar ati dureessaa
woma
dhabden qabduu waan beekkomsaa keessaa
afaan arabaatuu
bar sumarraa ka'ee
iramiif
oromoon eenyu adda je'ee
maqaan kee
heddu'uu akka adaa teetii
sabni kee gudda'aa
ol nuu deemi atii
aaraamii iramis
maqaa oromo'ootii
kan adda siin
je'uu dhiisi firraa atii
afaan arabaa kun
iramirraa ka'ee
eega sanii laalii
waan ya'rub ida'ee
katabbiin arabaa
iramirraa kaatee
waan ammaatii mitii
taariikha-dubbatee
oromoodha-hhafee
aaraamiyyootarraa
afaanis akkasii
beekhi ammumarraa
gooytaadh-ddubbatee iramil'imaadii
takka-si'iin
uumamnee baraa olii gadii
Rabbiin nuu
odeessee iraml'imaadii
lam yukhlaq
misluhaa qaxxu filbilaadii
yaa afaan oromoo
nu sumaan as eeynee
taariikhafii aadaa
teenya sumaan beynee
taariikhni
oromo`oo akkasi-bbeekkomee
adoo ati
baddee inninis dhabamee
heera oromoodhaa
tapha hin seyinaa
waaqa-dduuba
jiraa ittin taphatinaa
adduyaadha-ffaarsee heera isaanitii
kan beekhu gaafadhuu yoo
wallaalte atii
heerri
oromoodhaa heera-kkaan beekkamee
inuu heerri-kkasaa
eessatti argamee
namumtin
dubbatin heera isaanirraa
baraa ni
takkataa orma addunya'arraa
ingiliiz biratti
silaawuu beekkamaa
aksofoordumattuu
baraa qara'amaa
yaa afaan
oromo'oo eenyumaan nu himaa
odoo ati baddee namuu ni
dhabamaa
yaa afaan
gaalla'aa yaa aduu nuu baatee
dukkana
addunya'aa hunda nuu ibsitee
yaa afaan
oromo'oo yaa aduu nuu baatee
dukkana
wallaala sabarraa ariitee
beekkomsa waa
hunda mana nuu seensiftee
saba oromoodha
mara waa barsiiftee
dhiirafii
dhalaadhan hunda gamma chiiftee
heellee
bareedduudhan bar qalbii tolchitee
mirriysu'uu
maymaakhan dubbii nuu galchitee
geyraraa
weeddu'uun akkaan nu tooyattee
yaa afaan
oromo'oo ajaa'ibni kan kee
lakkooysan
hin dhumuu akka namuu arkee
yaa afaan
oromo'oo wannin si dhaammadhuu
yoonin du'ee dabree
takka na yaadadhuu