GORSA JOOLLE`EE
NAMNI TOLCHE
DR / MUHAMMED
RASHAAD ABDULLEE
dhaggeeffataa
kiyyaa dhaggeeffattuu tiyyaa
namaa saani keessan
isinii nagayaa
nu nagayaan
jirraa nagayaan jiraadhaa
ammoo eega tanaa dubbii too qabadhaa
ilmaanin nuu
gorsaa dhala'aa dhiiranii
akka waan baraniin boru nuu tolanii
yaa ilmaan
nagayaa onnee haadhaa-bba'aa
gorsa koo qabadhaa
nagayaan mayra'aa
gorsi inni duraa
haadhaa abbaa keetii
hayn'i saanii jaba'aa
firraa eegi atti
haqa
haadhaa-bba'aa Rabbumaa-gguddisee
haqa hunda keessaa
isa fitti aansee
yaa ilmoo
nagayaa haadhaa abbaa kan kee
jaaladhuu guddisii kenniif lubbuu tan
tee
isaantu si
fidee gara dunyaadhatii
siifii horiin kankee
kanuma saanitii
akkumaan
kabajii galata galchiifii
isaanifii gooytaa guddaa si uumefii
qananii
dunyaadhaa aakhira'aan wajjiinii
isaanumaa je'ee-nnuu kenna Rabbiinii
yoo
haadhaa-bbaan kan kee akkaan guddatanii
jabaadhuu
tooyadhuu karuma huda saanii
akkuma gaafa dur
kan ati joolle'etii
nyaataa dhugaati'iin si guddisanittii
qaaxiraa bulanii
si raffisuudhafii
ni dhukkubsatanii dhukkuba keetifii
wahayyuu
jaalalaan si dura kaayanii
ka ifii beelayan garaa si guutanii
hifannoota kan
kee inuman arginii
haadhaa abbaan kankee karuma maraanii
yoo karuma
hundaan isaan jabeeffattee
toltuu ilmaan keetii boru-kkaan abdattee
abboleeyyan
keetif ilmaan isaanittii
harkaa fuula tolii hunduma saanittii
adeerran
keetitii adaadonni keetii
akka haadhaa-bba'aa tayuu yaadi atii
indooyyen
akkasii eessumaan wajjiinii
nama kan kee cufaa guddisi akkaanii
namni namaa
toluu kan ifille'ee toluu
warra gaarii xiqqaaf guddaan walii galuu
warra gaarii
jechuun warra wal jaalatuu
kan hundi isaanii toltu'uun wal yaadatuu
warra-kkanaa
kanaa kan biyyi abdatuu
warra walin feenee nam tokkon jaalatuu
nama ifii
toluu ollaa fiitii tolaa
nama alla'aa tolee biyya fiitii
tolaa
yaa ilma
qajeelaa kunoo sii odeessee
haqa namoo teetii adda sii babaasee
nama waa baratee
kana hundaa beekaa
waan hidhame hundaa isumaatu
hiikaa
kan itti si
gorsuu jaalatamaa kiyyaa
waa hunda baruudhaa
sanii-jjaara biyyaa
namni waa
baratee jiraatee guddatee
ammoo ka waan barin xiqqeenya mudatee
namni waan
baratin mirqaanan ka'eetii
namaaf biyyaan toluu
akkuma hundattii
barmootuma
taatee ka'iitii baradhuu
yoonif danbaarroytee an waa sin
abdadhuu
harreefii
danbaarraa walitti qindeysaa
yoonif danbaarroytee eessuman si geessaa
barmootatti
fiigii jaalalaan baradhuu
kan jaalalan qabnee waan baruu hubadhuu
waan harkaan
dalayduu qalbii bira kaayii
hoggaa san tolchitaa dubbii too dhagayii
katabee-qqara'aa
warri aylii qabuu
kan qoree-qqaraanee jirumaa waan qabuu
taariikha
keetifii jograafiyaa biyyaa
baratuun
si qabee beekhi yaa ilma kiyyaa
karaa dalaga'aa
kan akka qonnaatii
hundumaa
baratuun beekhi waan dhiiratii
yaa ilma
bareedaa waan namni -kka keetii
baratu baradhuu hunda dura kutii
waa hunda
baradhuu abbee gammachiisii
jaalala biyyaatis qalbii if
seensisii
namni si
barsiisee inni si qajeelchee
bar du'a wallaalaa isaa-ssirraa oolchee
waan inni siin
je'uu dhagayii qabadhuu
inni-kka-bbaadhatii mee qalbii
godhadhuu
dhiyana
lubbuudhaa isaatu sii kennaa
isumaa-ssi baasaa dukkana
badi'irraa
isaa-ifaa biyyaa
kan ibsatu namuu
kan
homtuudhaa toltuu gargar namaa himuu
nama wajji
bartuu akkumaan jaaladhuu
haqa hiriyaadhaa akkumaan eeggadhuu
yaa ilma
qajeelaa akkaan if tooyadhuu
haala gaari'irrattii
hamtu'urraa fagaadhuu
nama guutuu
jechuun bar naman kijibnee
nama saba isaa
bakkayyuttin gannee
nama if qaqqabuu
kan qalbii bal'atuu
nama biyaa isaa abaduun
tuffatuu
yaa caalaa
ilmaanii akkumaan hojjadhuu
waan gaggaarii hundaa walitti qabadhuu
wanni namaa
sa'aa tolu sin dabrinii
waan ummata miidhuu ittin dhiyaatinii
ayliidhan
dalagii donqoorroon tayinii
dhiirti akka
keetii si duran bayinii
waan gooytan sii
hiree inuman jibbinii
waan kaanii kennellee duran dhaabbatinii
kan qananii
Rabbiin namaa kenne jibbuu
namaafii Rabbirraa inni haqan qabuu
waan ifiin
jaalattuu namaanis jaaladhuu
bakka dhiiraa gayii wahayyuu argadhuu
amma dubbii
gorsaa asumattin dhaabaa
waaqa nurraa qabii xilaata nya'abaa
kan kana
dubbatee muhammad Rashaadii
ol malee yaa ilma koo atin deemin gadii
%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%
gorsi joolle'ee
kan sheekh
muhammad Rashaad kabiir abdullee kabiir
muummayya'aa bara 1966 asitti dhaabbata
*****************
*********
*