DIINAA OROMO`OO
GAALLA`AA
ammoo diin
gaalla 'aa islaaman durattii
diinaa
namuu beekhuukka aduu baatattii
tanaaf akki
je'an diin ilmaan haamirraa
diin gaalla'aa qofaa kan hafe
isarraa
kan gaallan
guddiftuu zamaana durattii
waaqafii ateetee isarra xiqqaatii
bakki waaqni
jiruu gara samiidhatii
dandeytiin
saa guddo'oo akka yaadanittii
isaa-rrooba
roobsaa isumaan quufanii
waan gagaarii malee ittin
irkisanii
yoo zamanni
tolee bara waaqa je'anii
ammoo yoo hin tolin
abaari je'anii
ammas (aaw
jilichaa) goytittii saanitii
beeki kun hundinuu islaaman
durattii
abbaan warraa
akka waliyyi'iitii
horii ji'aaf qalaa
dhuma baati'iitii
akka horiin
isaa toltuu isaaf bayuu
isaafii warrilleen
ji'a biraa gayuu
bofaafii
naachallee numa guddisanii
garii mukhaatillee kan akka leymanii
kan akka
danbi'ii kakka ijarsaa
kan akka odaadhaa mukama
gaadisaa
aanan
jala-nnaqaa gaariin isaanitii
baatii hunda keessaa hanga
dandayuttii
gurraacha
kurbeysaa hujuba- qqalanii
amata hundarraa ni
danboobbatanii
waan dhufaa
jirullee numa odeessanii
moora horii qalmee akkaan
lallaalanii
shinbirroo
barartuun faala ni laalanii
urjillee eeganii waan fedhan
himanii
gaallan urjii
laaluu baraa hoonga geessee
akkaataa burujaa
gaalluma beysisee
jaarillee
dhawanii wal ni wal'aananii
silaa faala beekhuu bakkuma gayanii
dhagallee
laalanii ccallellee guuranii
qooqa waraabessaa
wahirraa himanii
khurbeessa
shayi'ii kha'anii qalanii
garii saa
nyaataniikkaan waaqaa kennanii
yoo-rraa
qeebalamee allaatteedha dhufaa
duuba
saniin beekhan roobni samii cufaa