KITAABA BALLEESSA`AA
ßÊÜÜÜÜÜÇÈ
ÇáÌäÇíÜÜÜÜÜÜÇÊ
Ajjeechan gosa sadii,
1 -
Takka ajjeechaa beekkaa qofaan taate .
2 -
Takka ajjeechaa wallaala yoo danuu qofaan taate.
3 -
Takka ajjeechaa beekka`aafii danu`uun taate .
Ajjeechan beekkaa qofaan taate waan irra hedduu
nama ajjeessun ajjeechaa yaada`aa dhawee
ajjeesuu , gaafana nama akkatti nama ajjeeserra
wanni jiru , akka ajjeesetti ajjeefamuu . ammoo
yoo warri ajjeefatu ajjeechaa irraa dhiisee
gumaa irra barbaade wanni isarra jiru dad-daffi`itti
gumaa ulfaataa horii isarraa kennuu .
Ajjeechan danuu qulqullu`uun taate: bineensa
darbatee wanni inni darbate namarra buutee
ajjeessuu . namni kun hin ajjeefamuu gumaadhatu
irra jira . gumaa saphloo bara sadii keessatti
gosa isarraa fuudhamtu .
Ajjeechan beekka`aafii danu`uun taate : nama
tokko waan nama hin ajjeefnen dhawee namni sun
du`uu . namni kun hin ajjeefamuu gumaa gama
tokkoon ulfaattu`uu tan gama tokkoon saphlo`ooti
kenna . sun gaala qaalii bara sadii keessatti
gosti isaa kennu`uu .
Sharxiin namni namaa Ajjeese ajjeefamu`uu afuri
1 -
Namni beeka`aa nama ajjeese sun nama saalfate
tayuu.
2 -
Aaqila tayuu.
3 -
Abbaa nama ajjeefamee tayuu dhabuu .
4 -
Namni ajjeefame nama ajjeesee gad tayuu dhabuu ,
kufri`iifii gabrumma`aan .
Namni hedduun yoo walii galee nama tokkoo
ajjeese . hundi isaanii ni ajjeefaman .
Namni nama isa ajjeesef jecha ajjeefamu yoo
humna isaa mure akka isarraa muretti humniti
isaa muramti . sharxii namni muri saalfatu`uutin
. sharxii aaqila tayu`uuti . sharxii namni mure
abbaa nama muramee tayuu dhabu`uutin . sharxii
namni murame nama muree gad tayuu dhabu`uutin .
sharxii humniti lamaan maqaa koph-a`aa keessatti
wal gaxxamu`uutin . akka mirga muru mirgi
muramu`uu. bitaa muru bitaan. tanaaf jecha mirgi
bita'aaf hin muramu maqaa kopha`aatu walin
tayinii . odoo maqaa harka tayu`uutin wal
gaxxamanuu , ammallee sharxii tokkoon humna
lamaanii naafa tayuu dhabu`uutin .
Wanni qaama namarraa humnatti murame, nama
murerraa humniti akkasii ni muramti. waan humna
lama-an wal qixxeessun mijjaayuf. yoo harka
ciqil'e'etti nama-rraa mure . ciqile`etti
isarraa murama .
Waan madaa taye keessa madeessun hin mijjaayu
yoo tafa nama mogaele hin mogolamuu,horii kenna.
waan hanga inni mogole mogoluun nama dhibuuf
jecha . yoo madaa lafee geesse taate malee . yoo
mataa nama mogolee lafee addeesse akkasitti
mogolamee addeeffama . waan wal qixxoossun
mijjaayuf jecha .
KUTAA GUMMA`AA
ÃÍßÜÜÜÜÇã
ÇáÏíÜÜÜÜÜÜÉ
Gumaan bakka lamatti qoodama . furdifama`aafii
qal`ifamaa . gumaan furdifamaan gaalaa dhibba .
kan soddomni gaala bara afur guutii, soddomni
gaala bara shanii . afurtamni gaala ulfaa taye .
Gumaan xocheeffamaan qal'ifaan gaala dhibba. kan
diiddamni isarraa gaala bara afurii, diiddamni
gaala bara shanii, diiddamni gaala dhalaa bara
sadiyii. Diiddamni gaala dhiira bara sadiyii
.diiddamni gaala dhalaa bara lamaa taye. ma`naan
gumaan furdifamu`uu gaalli gosa sadiyirraa
fuudamuu . ammoo ma`naan qal`ifamu`uu: gaalli
gosa shanirraa tayuu .
Yoo gaalli dhabame gatii gaala dhibbaatitu
kennama . hanga geesse haa geessu . qawlin takka
akki jettu : yoo gaalli dhabame warri ziqiyaa
diinaara kuma kenna . diinaarri tokko cinaa
leeraa injilizirra waa xiqqoon caala . warri
meetaa dirhama kum kudha lama kenna , gumaan yoo
furdifame warri ziqiyaa dhibba sadiyiifii
soddomii sadiyiifii, wahi irratti ida`a. warri
meetaa dhibba afur ida`a . haa tayuu yaada
duraatitu irra jabaa sun gatii gaalaa hanga
geesse haa geessuu kennu`uu .
Gumaan ajjeechaa danu`uu wallaalaa, bakka
sadiyitti furdifama . sun yoo harama makaa
keessatti ajjeese . yoo nama fira isaa kan
fuudhun isarratti haraamii ajjeese . yoo baatii
afran kabajaa qabdu keessatti ajjeese . baatin
afran zilqi`daa.zilhijjaa. muharram rajjab. nama
baatii afarn kana keessatti danu`utti ajjeefame
gumaan isaa ni furdifama .
Gumaan dhalaadhaa cinaa gumaa dhiirati . gumaan
yahuudi`ii ammallee gumaan nasaara`aa sadeessaa
gumaa islaamati gumaan nama ibidda gabbaruu kan
majuusii je`amu , kurneessaa gumaa islaamarraa
harka lama
Yoo harka lama namarraa mure gumaa guutuu kenna
.miila lamaan funyaan , gurra lamaan , nyaara
afran , arraba ,hidhii lamaan dubbatuu dandayuu
deemsisuun, argaa deemsisuun , dhageytii
deemsisuun. foolee arguu deemsisuun, aylii
namarraa deemsisuun, saala dhi-iraa muruun ,
cidhaan lamaan muruun , gumaa guutuu
wajjabsiisa .
Madaan mata`aa tan gogaa murtee lafee addeessitu
ilkeen takkas gaala shan wajjabsiifti. madaan
curaa urtee garaa geessu , tan mataa urtee
surrii geessu sadeessaa guma`aati wajjabsiifti .
madaan lafee cabsitee bakkaa siysitu gaala kudha
shan wajjabsiifti . madaan lafee cabsitu tan
bakkaa hin siysine gaala kudhan wajjabsiifti .
Humniti faaydaa hin qabne kan akka harka naafaa
, kan akka quba ida`ama`aa , hukuumaa
wajjabsiifti . hukuuman: waan qaadin laalee muru
sharxii gumaa humna saniitii gad tayu`uutin
fakkeessa`aaf gumaan harka tokkoo kan fayya`aa
gaala shantama duuba horiin harka naafatii
kennamu sanii gad tayuu qaba .
KUTAA KAKUU DHIIGA
ÃÍßÇã
ÍáÝ ÇáÜÜÜÜÜÏ
ã
Yoo namni tokko abaluutu nama kiyya ajjeese
je`ee himate , yoo ragaa itti qabaate tolte ,
yoon qabaatin yoo asxaan haalaa takkaa asxaan
jechaa tan dubbiin isaa dhugaa tayuu beysiftu
jiraatte tan akka reeffiti isaa ganda diina isaa
keessatti argamu`uu sun asxaa haalatii takkaa
joollee, abaluu abalu ajjeesu garre jettu
dhagayu`uu kun asxaa jechaatii .asxaan lachuu
waan wanni inni himatu dhugaa tayuu qalbii namaa
keessa buusuu duuba namichi dhiiga himatu, kan
ragaa hin qabne kun akka hgayn`i isaa hin banne
hogga shantama kakateetii gumaa haqa godhata .
ammoo yoo asxaan haalaa, takkaa jechaa, achi hin
jiraatin nama inni himatuutu kakatee ifirraa
kuffisa .
Nama lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraam godhe
ajjeeserratti kaffaaraadhatu jira . kaffaaran
gabra mu`mina kan fafa dalaga`arraa isa dhoowwu
hin qabne bilisoo-msuu . yoo dhabe baatii lama
walitti dhaabee soomanuu .
|