KITAABA DHAALAFII DHAAMMATAA
ßÊÇÈ
ÇáÝÑÇÆÜÜÜÜÜÜÜÖ
æÇáæÕíÜÜÜÜÜÜÜÉ
Dhiirarraa namni nama dhaalu nama kudhani .
isaan:
1
- Ilma
2
- Ilma ilmaa . haa gadillee bu`uu.
3
- Abbaa .
4
- Akaakiyyee . odoo ol bayelle`ee .
5
- Obboleessa.
6
- Ilma obboleessa , odoo achillee fagaatee
7
- Adeera ( abbeera )( wasiilaa ).
8
- Ilma adeeraa odoo achillee fagaatee .
9
- Jaarsa .
10
- Nama nama bilisoomse .
Dhala`arraa namni nama dhaalu, nama torba. isaan
1
- Intala .
2
- Intala ilmaa .
3
- Haadha .
4
- Akkoo .
5
- Obboleettii
6
- Jaartii .
7
- Isii nama bilisoomsite .
Namni haala tokkottillee dhaalarraa hin kufne
nama shani. isaan :
1
- Jaarsa .
2
- Jaartii .
3 -
Haadha .
4
- Abbaa .
5
- Ilmoo gudeedati .
Namni haala tokkottillee hin dhaalle , nama
torba . isaan :
1
- Gabricha qulqulluu .
2
- Gabricha yoon an du`e , ati bilisa gooftan
je`een .
3
- Gabrittii goofta`aaf ilmoo dhalte.
4
- Gabricha maallaqa hangana naa kenni sin
bilisoomsaa gooftan je`eenii wal tayan .
5
- Nama nama du`e ajjeese .
6
- Warra diin adda addaati . akka kaafiraafii
islaamaa .
7
- Nama islaamarraa deebi'e.
Namni nama du`etti irra dhiyaatu, ilma. eegasii
ilma ilmaati . eegasii abbaa , eegasii abbaa
abba`aati . eegasii obboleessa haadhaa abba`aan
taye . eegasii obboleessa abba`aan taye .
eegasii ilma obboleessa haadhaa abba`aan taye
eegasii ilma obboleessa abba`aan taye . eegasii
adeera haadha abba`aan taye.eegasii adeera
(abbeera ) abba`aan taye. eegasii ilma adeera
haadhaa abba`aan taye . eegasii ilma adeera
abba`aan taye . yoo aanan dhabame nama isa
bilisoomse .
KUTAA QOODA DHAALAA
ÃÍßÇã
ÇáÝÑæÖ
ÇáãÞÜÜÜÜÜÏÑÉ
Qoonni dhaalaa , kan qur`aana keessatti
dubbatame jaha . jahan :
1
- Cinaa .
2
- Afurirraa tokko .
3
- Sadiyirraa tokko
4
- Sadiyirraa lama .
5
- Saddeetirraa tokko.
6
- Jaharraa tokko .
Cinaan qooda nama shaniiti . isaan :
1
- Intala .
2
- Intala ilmaati .
3
- Obboleettii haadhaa abba`aati.
4
- Obboleettii abba`aan taate .
5
- Jaarsa yoo isiin ilmoo hin qabaatin . ilmoo
isarraa dhalte taatuu , tan nama birarraa dhalte
taatuu .
Afurirraa tokko,
qooda nama lamaati. isaan;
1
- Qooda jaarsati . yoo isiin ilmoo qabaatte .
2
- Ammallee qooda jaarti`iiti . yoo inni ilmoo
hin qabaatin takkaa ilmoo ilmo`oo hin qabaatin .
Saddeetirraa
;
1
- Tokko qooda jaartii takkaati . takkaa
heddu`uuti . yoo ilmoo , yookaa ilmoo ilmoodhaa
dhiisee du`e .
Sadiyirraa harki lama qooda nama afuriiti.
isaan :
1
- Intala guddeedaa lama .
2
- Intala ilmaa lama .
3
- Obboleetti haadhaa abba`aa lama .
4
- Obboleettii abbaa qofaan taate . lama .
Sadiyirraa harki tokko, qooda nama lamaati,
isaan;
1 -
Haadha yoo irraa hin dhoowwamin.
2 -
Obboleeyyan lamaafii lamaa oli, kan haadhan
tayan.
Jaharraa harki tokko,
qooda nama torbaati
, isaan :
1
- Haadha ilmo`oofii ilmoo ilmo`ootin wajji,
takkaa obboleeyyan takkaa obboloowwan lamaa
oliin wajji dhaaltu .
2 -
Akkoo haadha hin jirree dhaaltu .
3 -
Intala ilmaa ,tan intalaan wajji dhaaltu.
4 -
Obboleettii abba`aan taate, tan obboleettii
haadhaa abbaadhan taaten wajji dhaaltu .
5 -
Abbaa ilmaan wajji dhaalu .
6 -
Akaakiyyee . abbaan jirree dhaalu .
7 -
Obboleessa yookaa obboleettii haadhan taate .
Haati akkoota hunda,
dhaalarraa dhoowwiti . abbaan akaakiyoota hunda
, dhalarraa dhoowwa . Obboleessi yookaa
obboleettin haadhan taate , nama afuriin
wajji hin dhaalan . isaan :
1 -
Ilmoo,
2 -
Ilmoo ilmo`oo.
3 -
Abbaa.
4 -
Akaakiyyee .
Namni sadii
obboleessa haadha abba`aan taye , dhaalarraa
dhoowwa . isaan :
1 - Ilma .
2 - Ilma ilmaa .
3 - Abbaa. Obboleessi abbaa qofaan taye
, jara sadeen kanaafii.
4 - Obboleessa haadhaa abba`aan tayeen
dhaalarraa dhoowwama.
Jarri afur obboloowwan
isaanitiin wajji dhaalan . isaan:
1 -
Ilma.
2 -
Ilma ilmaa.
3 -
Obboleessa haadhaa abba`aan taye .
4 -
Obboleessa abbaa qofaan taye .
Namni afur obboloowwan
isaanii malee dhaalan isaan :
1 -
Adeerran.
2 -
Ilmaan adeerranii.
3 -
Ilmaan obboleeyyanii.
4 -
Aanaa nama gabra bilisoomsee .
KUTAA NAMAA WAA DHAAMU`UU
ÃÍßÇã
ÇáæÕÜÜÜÜíÉ
Namaa waa dhaamun ni gaya . wanni dhaamaniif sun
, beekkamaa tayuu , akka mana kana abaluu dhaame
jechu`uu . waan hin beekkamne tayuu , akka
huccuu na-maa dhaamu`uu kan kana hin je`in .
akkasuma waan ar-gamee lafa jiruufii , waan hin
argamin namaa dhaamun ni gaya . sun akka waan
bunni kun dhalu`uu taa`u namaa dhaamu`uutii.
Wanni namni namaa dhaame kun eega inni du`ee ,
horii isaa bakka sadiyitti qoonnee , harka
tokkorraa baafamee , nama dhaamef sanii kennama
. yoo wanni inni dhaame sadiyirraa harka
tokkorra hedduu taye . hangi sanirra dabre ,
fayyaa tayuun , warri isa dhaalu eehamu`urraatti
dhaabbatti .
Nama isa dhaaluf waa dhaamun, hin gayu . yoo
warri isa dhaalu kuun , jaalate malee .
Waa dhaamun nama saalfate , aaqila , waan dhaamu
san qaburraa fayyaa taya . karaa Rabbii
keessatti .
KUTAA WAA NAMATTI DHAAMMATU`UU
ÇÍßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇã
ÇáÇíÕÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇÁ
Nama sifa shan qabutti , horii isaa, joollee
isaa , tooyatuu dhaammatuun fayyaa taya .sifti
shanan :
1 -
Islaama tayuu.
2 -
Saalfatuu .
3 -
Aaqila tayuu .
4 -
Bilisa tayuu .
5 -
Nama amaanaa jabeessu tayuu .
|