TOKKOMMAA
OROMO`OOTIFII
SOOMAALE`EE
Gaalla'aafii
soomaalen tokko tayu barii
afaan
saanii tokkoo mee wahi gargarii
biyya saanii
hedduu maqaan wal gaxxamaa
maqaan namaa hori'ii silaa tokkichumaa
lakkooysi
isaanii tokkichumaa mitii
silaa ka gaalla'aatii maqaan waan qonnaatii
namni gariin
afaan saani adda seyaa
waa akkanaa mitii mee anaa dhagayaa
kan adda
fakkeessuu sumaafin dubbadhaa
waan biraatii mitii
qubee jirjiiruudhaa
kan mormaan
je'amuu afaan oromo'ottii
takkeedhammoo hedduu afaan soomaale'ettii
waan miimin
dubbatuu warri afaan ormaa
soomaalee biratti nuunin dubbatamaa
faafan yoo siin
je'an faafam tayuu barii
baallan yoo je'anis baallam tayuu barii
ammoo yoo soon
je'an soom tayuu saa barii
aadan yoo je'anis aadam tayuu barii
waan taa'in
dubbatuu ormi gaalladhatii
daalitti deeffamaa soomaalee birattii
mata jechuun
madah taa'iddaal dabalame
bitaa jechuun bidih haa'iddabalamee
kanumarraa
beekhaa alif haa godhamaa
dhagaan oromoon jettuu dhagah je'amaa
kan haa'in
je'amuu afaan oromo'ottii
haa'ijjirjiiramaa afaan soomaale'ettii
yoo wahi
je'anii wahi isaan je'ii
yoo heera je'anis heera isaan je'ii
waan alifiin
je'uu ormi gaalladhatii
aynitti deeffamaa soomaalee birattii
aanoo yoo
siin je' an aanan tayuu barii
wa'iluma jechuun wa'ilumaa barii
yoo eela je'anis
afaan gaalladhattii
kgeela isaan je'ii afaa soomaale'ettii
jaalka`yuma
jechuun gaallan ka'e jechuu
tokkummaan isaanii hundaafuu gammachuu
fakkaatan
heddu'uu sii himeen dandayuu
kan
dhuga'aa deemuu kanaan haa if gayuu