يستحق الوكاة ثمانية اصناف
من الناس
ZAKAAN NAMA SADDETIF
KENNAMA
Zakaan
gosa saddeetirraa nama argameef kennama isaan :
1
Faqiirota faqiira takkaa
hiyyeessa jechuun : nama waa takka hin qabne
hori`iifii dalaga`arraa takkaa nama cinaa waan
itti haajamuutii gad argatuuti fakkeessa`aaf
nama yoo kudhanitti haajame shanii gad argatu .
inni faqiira yookaa deegaa je`ama .
2 –
Miskiinota miskiina takkaa deegaa jechuun . nama
hori`iifii dalaga`arraa waan isaa gayu hin qabne
akka nama kudhanitti haajamee cinaa waan itti
haajamootii ol torba faa argatuuti . kan waan
itti haajamu hundan arganne .
3 –
Warra dalagaa zaka`aa dalagu ka walitti qabu
kahisaabu ka qoodu ka zakaa eegu
4 –
Warra amma islaamaye kan niyyaan isaa laaftu`uu
kan orma islaamatiin waliin barin .
5 –
Gabroota if bilisoomsu`uuf hori`itti haajamu
kanneen gooftonniu isaanii yoo horii hangana
fiddan isin bilisa je`een .
6 –
Warra deynii takkaa mogoota fuudhee galchuu
dadhabe .
7 –
Warra rabbii je`ee karaa isaa jabeessu`uu je`ee
jihaada godhu kan damooza hin qabne karaa
rabbitti wanni fedhame nama waan gaarii dalagu
hundaaf kennama jechu`uu miti nama rabbiif jecha
lolu jechu`u .
8 –
Nama imaltuu jiru kan sinqqin yookaa galaan
duraa dhume jara dubbanne kanaaf malee nama
biraatif zakaa kennuun hin gayu .
|