شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

 

ΗαΡΘΗ

RIBAA { HORII DHALAA }

Dalagaa riba`aa dalagu`uufii rabaa nyaatu`uufii ammallee fudhatu`uufii katabu`uufii raga tayulleen haraami .

Ziqiya meetatti gurguruun meeta ziqiyatti gurguruun riba`aa haraami yoo gurgurri gateeti`itti taye , sun akka ziqiya meetaee boru naa fidda je`uudhatii .

Takkaa yoo walitti gurgureanii odoo wal hin qabsiisin adda yaa`an sharxii lamaan kanaan ribaa taya sun qaaxaro`oon walitti gurguruu takkaa wal qabsiisuu dhabu`u odoo addaan hin yaa`in .

Yoo ziqiya ziqiyatti gurgure takkaa meeta meetatti gurgure sharxiin gurgurri ribaa tayuun yoo qaaxaro`otti walitti gurguran takkaa wal caalchisanii walitti gurguran takkaa eega walitti gurguranii odoo walin qaqbsiisin adda yaa`an .

Waan nyaadhamu garii gari`itti gurgurun hin gayu yoo sharxiin gurgurri fayyaa tayuun argamte malee yoon argamin ribaa taya , akkuma ziqiyaafii meetaa . tanaaf jecha yoo waan nyaadhamu kan gosa gosaa walitti gurguran sharxii lamaan gurgurri fayyaa taya sun akka qamadii garbu`utti gurguru`uutii sharxiin lamaan :

1 – harkarratti tayuu qaaxaro`otti hin tayinii .

2 – odoo adda hin yaane walirraa fudhatu`

Ammo yoo waan nyaadhamaa gosa takkitti walitti gurguran sun akka qamadii qamadi`itti gurguruutii inni akka ziqiya ziqiyatti gurguru`uutii sharxii sadiyiin gurgurri fayyaa taya sharxiin sadeen .

1 – qaaxaro`oon tayuu dhabee harkarratti tayuu

2 – odoo addaan hin baane wal harka khaayu`u

3 – wal qixxeessuu .

Sharxii sadeen tanaan malee walii jirjiirun hin gayu ribaa tayaa .

Waan as deemu kana bari :

1 – waan bitate kan takkaa harka isaa hin seenin gurguruun hin gayu .

2 – ammas foon foonitti gurguruun hin gayu .

3 – ammas deynii deyni`itti gurguruun hin gayu sun akka waan khaalidirraa qabu nuurif dhabbatti gurguru`uuti kan nuur baatii takka booda maallaqa isaaf fidu. kun mugoota mugootatti gurguruu je`amaa halaalii miti .

4 – akkasuma waan waan isaa hin tayin kan wakiil;a hin tayin gurguruun haraami takkaa hin gayu .

5 – ammas waan hin argin gurguruun hin gayu haa tayuu qawiin shaafi`ii takka yoo akkaan wassafame yookaa akeekame ni gaya jetti

6 – ammas namni baaligh aaqil hin tayin waa gurguruun fayyaan tayu kan akka joollee hin qaanfatinii takkaa hin saalfatinii akka ammallee maraata`aa haa tayuu mazhabni imam maalik joollen if barte waa gurguruun ni gaya je`e .

7 – ammas waan nama harka khaayuu hin dandeenye gurguruun hin gayu kan akka khaniisa samii keessa bararuu faa .

8 – ammas waan faaydaa hin qabne kan akka firii qamadi`ii takkittii gurguruun hin gayu .

9 – gurgurri sii gurgure sirraa bite jechu`uun male`etti fayyaan tayu haa tayuu ulamaa garii birati walirraa jaalatu`uun kan afaanin hin dubanne gurguraa bitin fayyaa taya .

10 – ammas waan harka namaa seenuu hin taane kan akka balisaa ammallee tan akka dachii takkaa namni hin jiraachisinii tan ummanni hundi waliin qabu gurguruun hin gayu .

11 – ammas waan hin beekkamne gurguruun hin gayu .

12 – ammallee najisa akka dhiigaa gurguruun hin gayu .

13 – ammas waan nama macheessu hunda gurguruun hin gayu .

14 – ammas meeshaa taphaa tan haraamii gurguruun hin gayu .

15 – ammas waanuma halaal taye xaahira nama waan saniin rabbitti dilaayaa beytuf gurguruun fayyaan tayu takkaayuu haraami sun akka nama farshoo godhuuf inaba takkaa garbuu  gurguru`uufii akkasuma miya lolaa nama miya saniin namatti roorrisuu isaa beytuf gurguruun haraami

16 – ammas waan farshoo hin tayin kan nama macheessu gurguruun haraami sun waan akka al koolo`oo takkaa isbeerto`oo fa`aa odoo waan dhugaatii hin tayiniif itti haajamelle`ee namni waan sanitti haajame karaa { biti`ii gurgurii } hin tayiniin argatuu haa barbaaduu sun akka birillee sibirtoon keessa jirtu tana naa gurguri sibeertoo bilaashittin itti fayyadadhaa je`uuti .

17 – akkasuma waan fafa takkaa badii qabu kan fafa qaba je`ee nama bitutti hin himne gurguruun haraami .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com