شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
GUDDINA NABI MOHAMMED

duree

 KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
GUDDINA NABI MAHAMMED RABBI BIRAA QABU NAMAA IBSU

   
 

KUTAA TOKKOFFA`AA

1 - qooda Tokkoffaan : Waan Rabbiin nabi muhammad, nageenyi isarratti haa jiraatuu, addunyaa tanarratti guddiseen :

Barannaa  

 Waan Rabbiin addunyaa tanarratti nabi   Muhammadiin guddisee

 nageenyi isarratti haa jiraatuu     

Dhugumaan Rabbiin Nabi Muhammad, nageenyi isarratti haa jiraatuu .waan nam takkolleen anbiyootarraa  hin argatin kenneefii , guddise.

Wanni Rabbiin addunyaa tanarratti mataa nabi Muhammad badhaase , kan nama biraa hin badhaasin , waa sadeettamii oli .waan san kitaaba xiqqaa kana keessatti dubbannee fixuu hin dandeenyuu , haa tayuu garii waan Rabbiin mataa yookaa zaata nabiitii jecha , isaaf kennee gugurdo'orrattin gabaabbadha.yoo Rabbiin fedhe .Maalif jiruun nabi Muhammad , nageenyi isarratti haa jiraatuu, jiruu Rabbiin guute .tan odoo inni hin argamin guddisee  eega inni argamee bareeche. waan nama biraatii hin kennin isaa kennee .namni isa malee jiruu saniin wassafamu hin jiru. Rabbiitu zaata nabi Muhammadiifii sifa isallee guutee uume. rahmataafii , nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Wanni Rabbiin Nabi Muhammadiin guddise zaatuma  nabiitii  jecha, odoo inni hin argamin,yookaa hin dhalatin  , heddu'uu , sanirraa :

Tokkoffaan : Anbiyootafii ergamoota , nabi Muhammad duraa, hundarraa, baallama fuudhe: akka yoo nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu odoo isaan jiranuu ergame , jala deemanii guddisanii gargaaran Akkuma Rabbiin anbiyootarraa baallama fuudhe, anbiyoonninis ummata isaanirraa baallama fuudhe.Akka yoo nabi Muhammad odoo isaan jiranuu ergame, itti amananii gargaaran.Tanaaf ummanni hundi, nabi muhammad ergamuu eeguu ture.itti  amananii gargaru'uu jecha.

Duuba hoggaa nabiin ergamu,itti amanuu yookaa dhugo'oomsuu didanii, dubbii waaqaa, dubbii anbiyoota isaanii dhagayuu didanii dilaayan .

Rabiin Guddaan ol taye akki je'e:

] وَإِذْ أَخَذَ اللَّهُ مِيثَاقَ النَّبِيِّيْنَ لَمَآ آتَيْتُكُم مِّن كِتَابٍ وَحِكْمَةٍ ثُمَّ جَآءَكُمْ رَسُولٌ مُّصَدِّقٌ لِّمَا مَعَكُمْ لَتُؤْمِنُنَّ بِهِ وَلَتَنصُرُنَّهُ قَالَ أَأَقْرَرْتُمْ وَأَخَذْتُمْ عَلَى ذلِكُمْ إِصْرِي قَالُواْ أَقْرَرْنَا قَالَ فَاشْهَدُواْ وَأَنَاْ مَعَكُمْ مِّنَ الشَّاهِدِينَ  [         سورة آل عمران آية { 81 }

Ma'naan isaa : { Gaafa Rabbiin baallama anbiyootarraa fuudhe dubbadhu , wanni je'een : Waanin kitaabafii, hikmaa isinii kenneef, yoo ergamaan kiyya , kan kitaabban an isinii kenne dhugo'oomsu isinitti dhufe,yoo dhaqqabdan ,Itti amantanii dhugo'oomsitanii beekhaa ,Ammallee isaaf tumsitanii beekhaa je'een. Ergamaan sun nabi Muhammadi Rabbiin anbiyootan akki je'e : Baallaman isin seensise kana qeebaltanii ? Eeyee Eehamnee qeeballee je'an . Duuba Rabbiin anbiyootan akki  je'e: akka qeebaltan ragaa walitti bayaa. anis warra akka isin qeebaltan ragaa bayurraayii. Rabbiin anbiyoota ergu hunda hoggaa ergu , nabiyyicha maqaan isaa Muhammad, yookaa ahmad , je'amuutu dhufaa, yoo dhaqqabde itti amani, ummata keetille'eef akka itti amanan dhaami, je'aan. tanaaf jecha ergamoonni Rabbii hundi kan akka nabi Muusa'aa, nabi Iisa'aa ummata isaanii , akka nabi Muhammaditti amanan baallama seensisan .

Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:

 } انى عند الله لخاتم النبيين وإن آدم مجندل فى طينته. وسأخبركم بأول أمري .أنا دَعْوَة إبراهيم ، وبشارة عيسى ، ورؤيا أمي .التى رأت حين وضعتني ـ وقد خرج منها نور ساطع أضاءت منه قصور الشام {

 Ma'naan isaa : {An Rabbi biratti maayyii anbiyootati an , gaafa aadam bordoda isaa keessa ciisu. kan lubbuun ittin afuufamin , nabiyyii tayu`un ture .

An jalqaba dubbii tiyyarraan waa isinii hima : an du'aa'ii nabi ibraahiimi , kan  رَبَنَا وَابْعَثْ فِيْهِم رَسُولاً مِنْهُم ...}  je`ee , ma`naa isaa Yaa Rabbi ergamaa sifti isaa akkanaa gabroottan keetii ergi je'ee , khadhate .

 Ammoo bishaara Iisa'aa tayuun , waan rabbiin iisa'arraa nuu odeesse. hunoo akkana je'ee:

] وَمُبَشِّراً بِرَسُولٍ يَأْتِي مِن بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَد [  سورة الصف آية رقم { 6 }

Ma'naan isaa : { Wanni iisan ummata isaatin je'e : anaa ergamaa Rabbii  kan maqaan isaa ahmadii kan na booda dhufuun isin gammachiisun isitti dhufe.Yookaa isinitti ergame. duuba yoo isinii jiru inni ergame itti  amanaa dhugo'oomsaa je'een.

Ammoo wanni haati isaa hoggaa isa deessu garte nuura isi`irraa baye kan akkaan ifu kan fooqii mandara shaam keessa jirtu hunda ibse .

Lammaffaan : Yahuuda'aafii nasaaran , yookaa kiristaanni, nabi muhammad, odoo innin dhalatin , odoo inni hin ergamin , beekhuu turan .

Isaan bakka nabiin itti ergamu, bakka itti hijraa bayu, yookaa godaanu akka sifa isaa , kitaabban isaanii keessatti, rabbiin dubbate, yookaa buusetti, akka isa dhiisii dubbiin  ummata isaatuu , kitaabban isaanii keessa  jirtu , beekan .

Rabbiin akki je'e :

] وَلَمَّا جَآءَهُمْ كِتَابٌ مِّنْ عِندِ اللَّهِ مُصَدِّقٌ لِّمَا مَعَهُمْ وَكَانُواْ مِن قَبْلُ يَسْتَفْتِحُونَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُواْ فَلَمَّا جَآءَهُمْ مَّا عَرَفُواْ كَفَرُواْ بِهِ فَلَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى الْكَافِرِينَ  .[                                               سورة البقرة آية رقم  { 89 }

Ma'naan isaa : { Hoggaa kitaabni Rabbirraa isaanitti dhufe , hoggaa qur'aanni nabi Muhammadirratti bu'e , Kan waan kitaaba yahuudi'ii keessa jiru , kan Rabbiin nabi muusa'arratti buuse dhugo'oomsu, kan Odoo nabi Muhammad ergamee qur'aanni irratti hin bu'in dura, yahuudan maqaa Muhammadiin gargaarsa Rabbirraa barbaaduu turte, odoo nabi Muhammad hin dhalatin dura, hoggaa yahuuda'aafii kuffaarri kuun wal lole,yahuudan orma kuffaaratiin akki jettu,nuti warra kitaaba qabuu, nabiyicha tokkootu ergamu'uu taa'aa, gaafa inni ergame,isaatti amanneeti isaan wajji isin fin'a je'aniin. ammas yahuudan akki jettee ; Rabbi khadhatuu turte , hoggaa kuffaaran wal lolan yaa Rabbi nabiyyicha zamana boodaa keessa ergamu, kan milikkata isaa towraat keessatti nuu himte sanii je'iitii nuu dirmadhu je'aniiti, dirmachuu Rabbirraa barbaadan.  

-          { yastaftihuuna } jechuun; dirmachuu barbaadan jechu`. Duuba hoggaa nabi Muhammadiin , isaan milikkataan akka ilmoo isaanii beekhanitti beekhan , kan isatti amanu'uu jecha eegan dhufe ,takkaa ergame, moromaniiti itti amanuu didan. Duuba badiin Rabbii isaanifii warra akka isaanitti kafare hundarratti haa jiraattu,wanni yahuudan ,nabi Muhammadii duraanuu asxaadhan beytu, kan eega inni ergamee milikkata, yookaa asxaa Rabbiin towraat keesatti dubbate irratti agarte itti amanuu diddeef , yahuudan hoggaa duraa wanni yaaddu , nabiyyichi ergamu yahuuda'arraa tayu', duuba nabi Muhammad arabarraa tayuu garraan , akkamitti nabiyyicha yahuudaa hin tayinitti amanna je'anii qeebaluu didan. maalif akka isaan yaadanitti isaanirraa malee Rabbiin gosa birarraa anbiyaa hin ergu jechuu.

Ammas Rabbiin  akki je'e :

 ] الَّذِينَ يَتَّبِعُونَ الرَّسُولَ النَّبِيَّ الأُمِّيَّ الَّذِي يَجِدُونَهُ مَكْتُوباً عِندَهُمْ فِي التَّوْرَاةِ وَالإِنْجِيلِ يَأْمُرُهُم بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَاهُمْ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُحِلُّ لَهُمُ الطَّيِّبَاتِ وَيُحَرِّمُ عَلَيْهِمُ الْخَبَآئِثَ وَيَضَعُ عَنْهُمْ إِصْرَهُمْ وَالأَغْلاَلَ الَّتِي كَانَتْ عَلَيْهِمْ فَالَّذِينَ آمَنُواْ بِهِ وَعَزَّرُوهُ وَنَصَرُوهُ وَاتَّبَعُواْ النُّورَ الَّذِي أُنزِلَ مَعَهُ أُوْلَـئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُون  [ سورة الأعراف آية رقم 157

 Ma'naan isaa { Warra ergamaa Rabbii Kan katabbii malee qara'u dhugo'oomsee jala deemu , ergamaan Rabbii kan katabbii malee qara'u sun nabi muhammadii . nageenyi isarratti haa jiraatuu,Kan yahuuda'aafii nasaaraa biratti katabamee argan. Towraatifii injiil keessatti , bifa isaatifii maqaa isaa argan. Nabiyyicha waan gaari'itti isaan ajajee waan hamtu'urraa isaan dhoowwu. Ergamaa Rabbii, kan waan mi'ooytuu , towraatifii injiil keessatti isaanirratti haraam godhamte, halaal isaanii godhu.Kan waan hamtuu isaanirratti haraam godhu , kan akka bakhtii nyaatu'uu faa. Kan heera ulfaataa isaanirraa buusu, takkaa waan ulfaatu isaanirraa lafa kaayu. Kan waan jajjabduu , heera jajjabaa isaanirraa lafa kaayu. Kan shari'aa ulfaattuu jajjabduu towraat keessatti isaanirra kaayamte isaanirraa buusu, wanni ulfaattun itti dalaguu turan , yoo dilii dalaganii araara barbaaduu fedhan, if ajjeessan malee, araara hin argatan, ammas yoo waan akka wayaa isaanii najaasan, xuriin, tuyxe, bakka san muranii darban malee hin xahaaramtu  duuba kana hunda Rabbiin sababaa nabi muhammadiin irraa lafa kaaye ,yookaa irraa dhiisee.Duuba orma yahuuda'aatifii nasaara'arraa namni nabi Muhammaditti amane , Warri isa guddise , Kan isaaf tumsee isa gargaare , warri nuura nabii kan nabi Muhammadiin wajji buufame jala deeme,nuurri qur'aanaa , namni qur'aana jala deemee nabi muhammad jala deemee hadiisa isaa qabate , warri milkaaye isaanuma , nama biraatii mitii .                                 

Ammas Rabbiin akki je'e :   

 ] الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَاءَهُمْ وَإِنَّ فَرِيقاً مِّنْهُمْ لَيَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَهُمْ يَعْلَمُونَ [  .                            سورة البقرة آية رقم { 146 }

Ma'naan isaa :  { Warri mushafa yookaa kitaaba isaanii kennine yahuuda'aafii nasaaran,akka nabi muhammad ergaa Rabbii taye ,akka karaan isaa haqa taye ni beekhan ,Akkuma ilmaan isaanii beekhanitti , wanni beekhaniin: alaamaa yookaa milikkata Rabbiin kitaaba isaanii keessatti dubbate,tan nabi Muhammadirratti arganiini .qaalichi yahuudi'ii kan abdullaahii ibnu salaam je'amu kan islaamaye tokko, akki je'e, nabi Muhammad ,argumaanin,akkuman ilma kiyya beekkuttin beekhe . inumaa beekkomsan an nabi Muhammad, argumaan ergamaa Rabbii tayuu isaa beekhetu, beekkomsan an ilmi kiyya ilmuma kiyya tayuu beekhurra caala,takkaayuu jabaa .maalif, akka nabi Muhammad ergamaa Rabbii taye , Rabbiitu naaf akeeke, wanni Rabbiin dubbate , maman qabduu , ammoo ilmi kiyya ilmuma kiyya tayuu haadha isaatu naa hime, tanaaf jechan beekkomsin an nabi Muhammad ergamaa Rabbii tayuu beekhu beekkomsan ilmi kiyya dhugumaan ilma kiyya tayuu beekhurra akkaan jaba je'e , aalimtichi warra Rabbiin kitaaba kenneef kan  abdullaahii ibnu salaam je'aniin ,Haa tayuu warra kitaaba kennamerraa warra gari'iitu jira, warra odoo beekhuu haqa dhoysu , kanneen odoo akka nabi Muhammad ergamaa Rabbii taye alaamaa isaa kitaaba isaanii keessatti arganuu bira dabran takkaayuu haqanii namarraa dhooysantu jira.

Sadaffaan : nabiMuhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu , odoo aadamitti ruuhin hin afuufamin isaa bordadaa , nabiyyii tayuu ture .

] وعن ميسرة الفجر رضى الله عنه قال قلت: يارسول الله متى كنت نبيا ؟ وفى لفظ متى كُتبتَ ؟ قال وآدم بين الروح والجسد [ رواه احمد ، والحاكم وصححه وغيرهما

Ma`naan isaa { yaa ergamaa Rabbii gaafam nabiyyii taate je`ee Sahaabichi kun gaafannaa , nabiin akki je`een an nabiyyii tayuun yookaa katabamuun gaafa aadam ruuhi`iifii qaama jidduu bordoda keessa jiru .

 

Afraffaan : Nabi Muhammad nageenyi  isaanirratti haa jiraatuu nama nama hunda dura islaamaye .

Dhugumaan Rabbiin  akka nabiin nageenyi  isarratti haa jiraatuu nama dura dursoo islaama taye nuu odeesse .

Rabbiin akki je'e :

] قُلْ أَغَيْرَ اللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيّاً فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَهُوَ يُطْعِمُ وَلاَ يُطْعَمُ قُلْ إِنِّي أُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ أَوَّلَ مَنْ أَسْلَمَ وَلاَ تَكُونَنَّ مِنَ الْمُشْرِكَينَ [ . سورة الانعام آية رقم { 14 } 

Ma'naan isaa :{Si waan Rabbin tayinan Rabbi godhee gabbaraa ? hin godhuu hin gabbaru jechuu, Rabbiin kiyya kan sami'iifii dachii uume, Inni kan rizqii namaa hiru, Kan rizqiin isaaf hin hiramne , kan wahayyuu gara isaa haajamtu, kan ifii waa takkalleedhattin haajamne ,An nama dura dursoo ummata kanarraa Rabbitti amane tayu'uttin ajajame je'iin , Warra Rabbitti kafarerraa hin tayin , warra Rabbiif hiriyaa godherraa hin tayin.

Ammas Rabbiin akki je'e

  ] قُلْ إِنَّ صَلاَتِي وَنُسُكِي وَمَحْيَايَ وَمَمَئاتِي للَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ  * لاَ شَرِيكَ لَهُ وَبِذلِكَ أُمِرْتُ وَأَنَاْ أَوَّلُ الْمُسْلِمِينَ  . [       سورة الأنعام آية رقم { 162 – 163 }

Ma'naan isaa : { Ammas akki jettuun ; salaata kiyyaafii  Ibaadan tiyya , Ammallee jiruun tiyyaafii, Duuti tiyya ,Ta Rabbii waa hunda uumeti . Rabbii tokkicha lammeysaan qabne,An waan kanattin ajajame, An nama  dura dursoo Rabbitti amane ji'iin , gaafa Rabbiin ruuhii namaa hunda uumee, dudda aadamirratti walitti qabee , an Rabbii keessanii mitii ? je'een,ruuhin dura dursoo amantee, eeyee jette, Ruuhii nabi muhammadi , nageenyi isaanirratti haa jiraatuu }.

Ammas Rabbiin akki je'e :

] قُلْ إِنِّي أُمِرْتُ أَنْ أَعْبُدَ اللَّهَ مُخْلِصاً لَّهُ الدِّينَ * وَأُمِرْتُ لأَنْ أَكُونَ أَوَّلَ الْمُسْلِمِينَ [ .                                 سورة الزمر آية رقم { 11 12 }

Ma'naan isaa : {Wanni orma kuffaaratiin jettu : an wannin itti ajajame Rabbi ibaadu`u. waan inni je`u dhagayuu, Diin kiyya isaaf qulqulleessee. kanin waanin dalagu fuula isaatii je`ee dalagu.kanin waa takka isatti hin qixxeessine. yookaa hin qindeessine .Ammallee nama , ummata kanarraa , dura dursoo amane yookaa islaamaye , tayu`uttin ajajame , ji`iin .

Shanaffaan: nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu maayyii yookaa  xumara anbiyootati .

Dhugumaan Rabbiin ergaa isaatifii ergamoo ta isaa nabi Muhammadiin xumure.kan isa booda ergamaan isaa kan biraa haaroyni hin dhufne .akkuma Rabbiin diin isaa diin islaamatiin xumure . kan diin isaa diin islaamaa booda hin dhufne.

Rabbiin ol taye  akki je'e

  ]مَّا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَآ أَحَدٍ مِّن رِّجَالِكُمْ وَلَـكِن رَّسُولَ اللَّهِ وَخَاتَمَ النَّبِيِّينَ [                                                                      سورة الاحزاب آية { 40 }

Ma'naan isaa : Nabi Muhammad dhiira teessan takkalle'eefuu abbaa dhalee miti , ilmaan isaa sadeen{ Qaasimiifii ,Abdullaahii , Ibraahiim } joollumma'atti du'anii, Haatayuu nabi Muhammad ergamaa Rabbiiti .Kan ergaan Rabbii tan aadamirraa kaate isarratti  dhumte .tanaaf jecha ilmi dhiiraa guddaan bakka gaye nabirraa hin  hafne . silaa odoo hafee nabiyyii tayaa , akka irra hedduu anbiyoota duritti.sababaan kanaa Rabbiitu akka nabi Muhammad booda , nabiin biraa hin dhufne mure , silaa odoo nabiin biraa kan dhufu tayee, ilmaan isaati irraa hambisaa.akka anbiyoota duritti .tanaaf jecha namni eega nabi Muhammadii an nabiyyii ifiin je'u , takkaa eega nabi Muhammadii nabiin biraa , haaroyni , shari'aa haarawaan ni dhufaa, yaadu jallina keessa jira. wanni Rabbiin . nabiyyii tokko booda, nabiyyii biraa erguuf, nabiyyii duraati gosa takka qofatte, heera zamana san gaxxamuun erge, takkaa waan nabiyyiin duraa barsiisetu irraanfatame . kan nabiyyii biraa ergu'utti haajamsiisu , haarayoomsu'uuf , yookaa bali'isu'uuf .

Ammoo nabi Muhammad gosa takka qofatti hin ergamne. heera zamana tokko qofatti gabaabbatuun hin ergamne. shari'aa isarraa waa takka hin irraanfatamne ,wanni namni hundi hanga guyyaa qiyaama'atti itti haajamu , waa takka irraa hin ir'anne. tanaaf jecha , nabiyyiin haaroyni eega nabiitii dhufu'utti, haajan hin jirtu, nabi{ kgiisan } gaafa bu'u heera islaamatiin dalaga , wanni aayanni tun buutef, yahuuda'aatu Muhammad intala ilmi isaa hiikhe fuudhe je'e.hoggaa san Rabbiin Muhammad abbaa zeyditii mitii, abbaa dhiira gurguddo'ootii mitii,ergamaa Rabbiitii, ammallee maayyii anbiyootati , je'e. akkana jechuun odoodhan booddee anbiya'aa isa godhuu baadhee, silaa ilma isa dhaalun isaaf godha jechuu . Rabbiitu beekhaa ,Rabbiin kan waa hunda beekhuu.

Nabi Muhammad Hadiisa B.M. odeesse keessatti akki je'e:

 ( مثلي ومثل الأنبياء من قبلي ، كمثل رجل بنى بنياناً فأحسنه وأجمله إلا موضع لبنة فى زاوية من زواياه ، فجعل الناس يطوفون به ويعجبون له ويقولون هلا وضعت هذه اللبنة ؟  قال فأنا اللبنة وانا خاتم النبيين)          متفق عليه

Ma'naan isaa : {haala kiyyaafii haalli warra Rabbiin na dura ergee , akka haala nama tokkoo kan mana jaaree bareecheti. kan waa takka irraa hin ir'atin bakka dhagaa tokko kaayan malee .duuba namni bayee mana isaa daaw'atanii isaan dinqe haa tayuu wanni isaan je'an mana kana wanni isarraa ir'ate hin jiru, bakka takkittii tana dhaqaa tokko kaayuu  maleedhaa, maalif dhagaa kana bakka tana hin kaayin je'an ! nabiin akki je'e: bakkeen mana ergaa Rabbiitirraa ir'atti ergaa tiyyaa,wanni Rabbiin bakka ir'atteen guute anaa. an dhuma anbiyootati anaan jaarmayni ergaa Rabbii guutame .na booda ergamaan biraa hin dhufu je'an . }

 hadiisa kana bukhaariidhafii muslimtu odeesse. 

Ammas nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu  hadiisa cinqii warra dirree qiyaama'arraa dubbatu keessatti akki je'an :                              

  أنا سيد ولد آدم يوم القيامة ...الحديث، وفيه ، فيأتوني فيقولون يا محمد أنت رسول الله وخاتم النبيين وقد غُفر لك ما تقدم من ذنبك        وما تأخر ، اشفع لنا إلى ربك ...                      الحديث...  متفق عليه .          

Ma'naan isaa : {An guyyaa qiyaama'aa gooftaa ilmaan aadami .Aadamiifii warri isa boodaa hundi gaaddisa kiyya jala taa'an. Ummanni dirree qiyaama'atti oow'i itti jabeessee cinqii arge ,akkan cinqii san jalaa isaan baasuf ergaa natti erganii wanni naan je'an : yaa caalaa ilmaan aadam yaa Muhammad ati ergamaa Rabbiitii, ammallee booddee ergamoota Rabbiitii Rabbiin dilii tee ta dabarteefii  ta boodallee siif araamee, cinqii keessa jirru ni gartaa Rabbii keetirra araara nuu  barbaadi naan je'an .

Jahaffaan : Nabi Muhammad Nageenyi  isarratti haa jiraatuu nabiyyii islaamaa tayuu.

Dhugumaan Rabbiin nabi Muhammad akka nabiyyii islaamaa ammallee ergamaa islaamaa tayu filate. Diin islaamaa kan Rabbiin ifiif jaalate ,kan isa malee diin biraa namarraa hin qeeballe .Diin islaamaa kan anbiyoonni isa qabatanii irratti du'uuf hawanii ummata isaanii itti yaaman 

Rabbiin akki je'e:

] إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الإِسْلاَمُ [        سورة آل عمران  آية رقم { 19 }

Ma'naan isaa : { Diin haqaa kan isa malee Rabbiin diin biraa nam tokkorralle'ee hin jaalanne diin islaamati}.

Ammas Rabbiin akki je'e                              

]وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الإِسْلاَمِ دِيناً فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ  [          سورة آل عمران آية رقم { 85 {                                        

 Ma'naan isaa : { Namni diin, diin islaam hin tayin qabatu'uu barbaadu , diin sun irraa hin qeebalamu. inni aakhira'atti warra baderraayi } .

Ammas Rabbiin akki je'e  :

 ] وَجَاهِدُوا فِي اللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِ هُوَ اجْتَبَاكُمْ وَمَا جَعَلَ عَلَيْكمْ فِي الدِّينِ مِنْ حَرَجٍ مِّلَّةَ أَبِيكُمْ إِبْرَاهِيمَ هُوَ سَمَّاكُمُ الْمُسْلِمِينَ مِن قَبْلُ وَفِي هَـذَا لِيَكُونَ الرَّسُولُ شَهِيداً عَلَيْكُمْ وَتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى النَّاسِ فَأَقِيمُواْ الصَّلاَةَ وَآتُواْ الزَّكَـاةَ وَاعْتَصِمُواْ بِاللَّهِ هُوَ مَوْلاَكُمْ فَنِعْمَ الْمَوْلَى وَنِعْمَ النَّصِيرُ  [                 سورة الحج آية رقم { 78 }

Ma'naan isaa :{Diin Rabbii jabeessu'uu jecha , qabsoo godhaa, Qabsoo dhuga'aa , qabsoon dhuga'aa tan humna takkallee irraa duuban kaayamne.Rabbiitu isin filatee ummata jiddu  jireysa isin godhe, akka diin isaa  jebeessitaniif, jihaanni lama : tokko xiqqa'aa,tokko gudda'aa. Xiqqaan: jihaada kuffaarati, akkaatan jihaada isaanii beekkamaa  sun humna isaanin sodaachisan qabaatuu. Ammoo jihaadni guddaan: jihaada nabse'eetifii hawa'aafii , sheyxaanati. akkaatan jihaada kanaa waan nabseen itti nama yaamtu didu'u , jihaanni kuffaaraa wanni xiqqaa je'ameef : lolli kuffaaraa ni dhumaa kuun hin dhumu , kuffaarri yoo si mooyatee si ajjeese, jannata seenta ammoo yoo nabseen tee si mooyattee si ajjeefte ibidda seenta , ammas kuffaarri diina mul'ataa kuun dhokhata' , diina mul'atuun lolu'uutu, kan hin mul'anneen lolu'urraa laafaa, Rabbiin diinaa islaamaa keessatti waan jabduu,isin dalaguu hin dandeenyetti, isin hin ajajne,takkaa  heera jabaa isinirraa hin keenye , akka ummata duritti. ummanni dur, yoo huccuun najifamte bakka najifamti san muraniiti darban ammoo islaama keessatti bishaanin dhiqan .ummanni dur yoo dilii dalage , adda isarratti katabamti, ammoo islaama keessatti Rabbiin ni sattaraa ,addunya'atti irraa hin mul'attu. Ummanni dur yoo dilaaye , towban isaanii if ajjeessuu. Islaama biratti akkasii miti . ammas diin islaamaa keessatti, dachiin masjida , ammas salaata raka'aa afurii lama lama godhuun imalaaf ni gaya , yoo bishaan dhaban tayammumni ni gaya. yoo waan nyaatan dhaban bakhtii nyaatun namaaf gaya .Imalaafii dhukkubaaf.ammallee hoosisaaf soomana furanii eegasii qadaa baasun ni gaya. waan dubanneefii kan biralle'eef jecha diin islaamaa diin Rakkoon keessan jirre. laafaa kan namuu hanga dandayutti qabatu. kan dhaabatuu hin dandeenye taa'ee yookaa ciisee salaatee. Islaamni kun, akka diinaa abbaa keessanii Ibraahiimi, towhiidafii laafina keessatti,Rabbiin isa kan { muslimiina} je'ee maqaa kanaan isin yaame  kitaabban dur buuse keessatti , Qur'aana keessattis Rabbiin{ muslimiina } je'eeti isin yaame . duuba waan Rabbiin maqaa kanaan isin yaamef  jecha,muslima jechuun kan dubbii Rabbii dhagayu jechu'uu,dubbii Rabbi dhagayaa,Rabbii keessan ibaadaa .waan inni itti isin ajaje dalagaa .waan inni irraa isin dhoowwerraa dhoowwamaa .Akka nabi Muhammed ragaa isinii Bayu guyyaa qiyaama'aa diin itti geessee qabatan, je'ee fuula Rabbii duratti .Akka isin ummata isin duraa hundarratti ragaa baatan. Ergamoonni isaanii waan ergamaniin itti geessan jettanii waan qur'aanni nabirratti bu'ee itti dalaydan isinii odeessef jecha keessattuu  ergamoonni diiddamii shanan qur'aanni maqaa dhayee nuu odeesse. duuba Rabbiin warra ummata hundarratti ragaa bayu,kan anbiyootaf ragaa bayu , isin godhuun , guddina guddaadhaa, badhaasa likkiin qabnee,galata isaaf galchaa ,Salaata guuta'aa salaataa namni tolchee , salaata shanan salaatee sunnaa heddommeyse dhugumaan Rabbiif galata galchee. Zakaata isinirratti wajabe baafadhaa. nama haqa  godhatuu kennaa .Waa hunda keessatti, abdii Rabbii jabeessaa isumatti irkadhaa .Rabbiin isuma aanan keessanii kan hoggaa mara akka maratti isin gargaaru. kan amriin teessan harka isaa jirtu .Inni waa aanaa gaari'ii Ammallee inni waa dirmataa keessan gaari'ii .

Duuba Rabbiin muslimiin je'eeti isaan yaame Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu nabiyyii islaamati . namni rabbiin isa qajeelchuu fedhe islaamatti isa qajeelcha. Namni islaamaa inni ifaa rabbirra jira

Rabbiin ol taye akki je'e:

 ] فَمَن يُرِدِ اللَّهُ أَن يَهْدِيَهُ يَشْرَحْ صَدْرَهُ لِلإِسْلاَم [     سورة الانعام آية 125

Ma'naan isaa : { Rabbiin nama qajeelchuu fedhe qalbii isaati islaamaf banee islaama seensisa jechuu }

Ammas Rabbiin akki je'e :

 ] أَفَمَن شَرَحَ اللَّهُ صَدْرَهُ لِلإِسْلاَمِ فَهُوَ عَلَى نُورٍ مِّن رَّبِّهِ فَوَيْلٌ لِّلْقَاسِيَةِ قُلُوبُهُمْ مِّن ذِكْرِ اللَّهِ أُوْلَـئِكَ فِي ضَلاَلٍ مُّبِينٍ [ .         سورة الزمر آية  { 22 }

Ma'naan isaa : {Si namni Rabbiin,qoma isaa banee bal`isee, islaamni seenee, keessa qubatee qajeele, Kan ifaa Rabbii, beekkomsa isarra jiru, namni akkanaa kun, akka nama Rabbiin qoma isaa cufee iimaanni karaa seenun dhabee ,dukkana kufri`ii keessa jiruutii ? akka tokkoo miti jechu`.Warra qalbiin isaanii zikrii Rabbirraa goggoydeef , laga azaabatu jira . warra qur`aana qeebaluu dideef , azaabatu jira Isaan jallina mul`ataa keessa jiran . 

Dubbiin ummata nabitti rarraatu lakkooysa 68 keessatti siif dhufti yoo Rabbi je'e.

Torbaffaan : { Nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu isaatu nama hundarra anbiyootatti aana .Nama biraa dhiisii ummata isaanirralle isaatu isaanitti aana

Yahuuda'aafii nasaaran nabi ibraahiim, nurraayi je'anii himannaan, Rabbiin isaan kijibsiisee dubbiin akkasii  miti je'ee ibsee akki

je'e :

]  مَا كَانَ إِبْرَاهِيمُ يَهُودِيّاً وَلاَ نَصْرَانِيّاً وَلَكِن كَانَ حَنِيفاً مُّسْلِماً وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ [ .                                          سورة آل عمران آية 67      

Ma'naan isaa : { Ibraahiim yahuudi'ii miti, ammallee nasaara'aa miti, kan akka yahuuda'aafii nasaara'atti ,waan Rabbi hin tayiniin , Rabbi je'uu miti, Haa tayuu inni nama karaa jallaa hunda dhiisee, karaa diinaa qajeela'aa , kan tokkummaa Rabbii yaadu'uu qabate. Inni kan Rabbii je'ee lubbuu ifii kenne. kan waan Rabbiin itti ajaje hunda dalage,Nabi Ibraahiim, warra Rabbitti waa qindeessurraa hin taane , akka yahuudan{ uzeyri } ilma Rabbiiti jettee nasaaran{ iisan } Rabbi jettee, waan Rabbi uume ,Rabbitti fakkeessitetti, yookaa qindeessitetti. nabi ibraahiim nama tokkummaa Rabbii isaa yaadu,kan Rabbii isaa waan isaan hin malle hundarraa qulqulleessu.

Rabbiin akki je'e: 

 ]إِنَّ أَوْلَى النَّاسِ بِإِبْرَاهِيمَ لَلَّذِينَ اتَّبَعُوهُ وَهَـذَا النَّبِيُّ وَالَّذِينَ آمَنُواْ[ سورة آل عمران آية رقم 68

Ma'naan isaa : { Warri karaa nabi ibraahiim qabate kan isatti aanuu irra haqa godhatu , Warra zamanaa isaa isatti amanee, isa jala deeme , Ammas warri karaa nabi ibraahiim himatuu haqa godhatu, nabi Muhammadiifii warra nabi Muhammaditti amane isinii mitii yaa orma  yahuuda'aa, nasaarotaa , Rabbiin warra isatti amanee tokkummaa isaa yaade tiyseeti gargaara .ammoo yahuuda'aafii nasaaran nabi ibraahiim jala hin deemne. isaan diin isaanii jirjiiraniiti Rabbitti kafaran  inni isaanirraa  qulqulluu .

Nabi Muusa'aafii iisan eega ibraahiimii dhufan .isaan warra sabri'iiti isaan anbiyoota banii israa'iil keessaa kan akkaan beekkaman .

Duuba nabi muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akka isaan lamaanitti,ummata isaan lamaanirra aanu ibsee jira. inumaa akka ummanni Nabii nabi muusa'aafii nabi iisaadhatti aanuu ummata isaan lamaanirra haqa godhatan Rabbiin nuu addeessee jira. Muusa'aafii Iisan  waan ummanni isaanitti dalagerraa qulqulluu.

Tanaaf jecha nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e hadiisa abuu hureyran odeesse keessatti:

( أنا أولى الناس بعيسى ابن مريم فى الدنيا والآخرة   )  متفق عليه ، واللقظ للبخاري

Ma'naan isaa : {An irra caalaa nama iisaa ilma maryamitti aanuu haqa godhatu,addunya'aafii  aakhira'attillee  }.       hadiisa kana B.M.odeesse.

  Hadiisni ibnu abaas nuu odeesse akki je'u

وعن ابن عباس  dقال ( قدم رسول الله iالمدبنة ، فوجد اليهود يصومون يوم عاشوراء ، فسئلوا عن ذلك ، فقالوا : هذا اليوم الذى أظهر الله فيه موسى وبني إسرائيل على فرعون ، فنحن نصومه تعظيماً له ، فقال النبي i{ نحن أولى بموسى منكم } ... وفى لفظ{ نحن احق وأولى بموسى منكم }....

وفى لفظ  {أنا أولى بموسى منهم } ،

وفي لفظ ( أنا أولى بموسى منهم ( متفق عليه )     

Ma'naan isaa : { gaafa nabi muhammad madiina'atti godaane nageenyi isarratti haa jiraatuu, wanni arge Yahuudaa madiina'aa tan guyyaa aashuura'aa {kurneessaa} baatii muharram soomantu. Duuba maalif soomantan je'ee gaafannaan ,guyyaa kana Rabbiin muusa'aafii banii israa'iil fir'awnarra aanse. duuba guyyaa san guddisu'uuf  soomanna je'an. jennaan , nabiin nuutu isinirra nabi muusa'atti aanuu haqa godhata je'anii soomanan.       Silaa akkamitti

Nabiin muusa'aafii iisa'atti hin aanne ? Yahuuda'aafii nasaaran kitaaba isaan lamaanii jirjiiraniiti  waan isaan hin je'in isaantu je'e je'anii kijiba irra kaayan .ajaja isaan lmaanii dalaga'arra oolchuu didan.waan isaan lamaan itti isaan ajajanirraa tokko : nabi Muhammaditti amananii jala deemanii gargaaru'uu . duuba irra hedduun isaanii san ni  dide.

Saddeeteffaan :Nabiin warra amane hunda lubbuu isaanirra isaanitti aana.beerri nabii haadha warra Rabbitti amane hundaati.eega isaanitii isaan fuudhun hin gayu ,nageenyi isaanirratti haa jiraatuu .

Rabbiin akkuma nabi Muhammad nama anbiyootatti irra aanu godhe, nama mu'mintootatti,irra aanu isa godhe .kan lubbuu isaanirrallee isaanitti aanu godhe .akkuma beera isaanii fuudhuu nama mu'minarratti dhoowwama godhe,eega isaan dabranille'ee. waan isaan. Rabbiin isaanirraa haa jaalatuu . jannata keessatti beera isaanii tayaniif jecha

Rabbiin akki je'u :

 ]  النَّبِيُّ أَوْلَى بِالْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنْفُسِهِمْ وَأَزْوَاجُهُ أُمَّهَاتُهُمْ [ سورة الاحزاب آية رقم 6

Ma'naan isaa : { Nabiyyiin rabbii , Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu , isaatu lubbuu mu'minarra mu'minatti aana , haqa nabiitu haqa lubbuu mu'minarra caala , haqa nabiitu haqa  joollee,beera, horii isarra jabaadha , yoo nabseen tee wahitti si yaamtee nabi Muhammad wahitti si yaame, tee dhiifteti ta nabii qabatta .maalif wanni nabi Muhammad je`u waan Rabbiin je`i je`uunii waan if biraa,jaalala nabsee isarraa kaasee je`uu miti . Beerri Nabi Muhammad Mu`minaaf akka haadhati. isii fuudhun , haraam tayu`uufii , kabajuu keessatti. ammaa laalu'uufii waan kana fakkaatu keessatti mitii . san keessatti akka alaga`aatii

Ammas Rabbiin akki je'u

  ] وَمَا كَانَ لَكُمْ أَن تؤْذُواْ رَسُولَ اللَّهِ وَلاَ أَن تَنكِحُواْ أَزْوَاجَهُ مِن بَعْدِهِ أَبَداً إِنَّ ذلِكُمْ كَانَ عِندَ اللَّهِ عَظِيماً  [.                               سورة الاحزاب آية  53

Ma'naan isaa : { Yaa warra Rabbitti amane  ergamaa Rabbii Muhammad miidhuu hin qabdan .ammallee beera isaa eega isaatii fuudhuu hin qabdan. Wanni sun Rabbi biratti dilii guddo`oo }.

Hadiisa Muslim abuu hureyra'arraa odeesse keessatti nabiin  nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e

ما من مؤمنٍ إلا وأنا أُولَى به في الدنيا والآخرة ، واقرؤوا إن شئتم { النَّبِيُّ أَوْلَى بِِِِالمُْؤمِنيِّنَ مِنْ أَنْفُسِهِمْ )  

Ma'naan isaa : { nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'an : {mu'mina hunda anaatu addunya'aafii aakhira'attillee ,lubbuu isarra isatti aanaa  yoo feetan aayata qur'aanaa ta nabi Muhmmad mu'mina nabsee isaanirra isaanitti aana jettu qara'aa  yookaa dubbisaa. sun :

] النَّبِيُّ أَوْلَى بِالْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنْفُسِهِمْ وَأَزْوَاجُهُ أُمَّهَاتُهُم [  سورة الاحزاب آية 6

Ma'naan isaa :{ Nabiin mu'minatti aanu'uu, isaanii yaaddayuu.waan addunya'aafii aakhira'atti isaanii tolu dalagu'uuf bololuu.yoo isaan miidhaman isaanii rifatuu , isaanii nayuu , rahmata isaanii godhuu, keessatti lubbuu isaanirra isaanif caala  .

Akka Rabbiin aayaata biraa keessatti nuu odeesse

 ]  لَقَدْ جَآءَكُمْ رَسُولٌ مِّنْ أَنفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُمْ بِالْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ [ .      سورة التوبة آية 128

 Ma'naan isaa :{Dhugumaan ergamaan Rabbii kan isinirraa taye, isinitti dhufe. inni nabi Muhammadii , kanuma Rabbiin ilmaan namarraa maraxee ilmaan namaa haa qajeelchu'uuf erge. Kan,Wanni isin dhibu hundi isatti jabaatu .ergamaa waan isin miidhu hunda isinirraa eegu. kan wanni isinitti ulfaattu , isattis ulfaattu .Kan isin eegu'uu jecha, isin qajeelchu'uu jecha ,carraaqu. yookaa halkanii guyyaa rakkatu. Kan mu'minaaf akkaan qalbii jiidhu.Kan mu'minaaf waan gaarii hunda yaadu. takkaa jaalatu.duuba nabiyyii gaarii kanatti amanaa, waan gaarii argattanii }.

Saylaffaan : { Nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu badhaasa Rabbiin gabroota isaa badhaasee, isaanittiin dhaaddatu .

Dhugumaan Rabbiin nabiyyicha caalaa kana gabroottan isaatii kennee kennaa isaatin isaanitti dhaaddate .haala kana isa malee nabiyyii tokkolle`eef hin kennine.

Rabbiin akki je`u .

 ] لَقَدْ مَنَّ اللَّهُ عَلَى الْمُؤمِنِينَ إِذْ بَعَثَ فِيهِمْ رَسُولاً مِّنْ أَنْفُسِهِمْ يَتْلُواْ عَلَيْهِمْ آيَاتِهِ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَإِن كَانُواْ مِن قَبْلُ لَفِي ضَلالٍ مُّبِينٍ [ . سورة آل عمران آية  164

Ma'naan isaa : Dhugumaan Rabbiin mu`mintoota badhaasee jira gaafa ergamaa isaa isaanumarraa isaanitti ergee kan qur`aana isaanirratti qara`u kan najisa kufri`irraa kan dili`irraa isaan qulqulleessu kan qur`aana isaan barsiisu .kan hikmaa isaan barsiisu hikmaan hadiisa beekkomsa faaydaa qabu ormi mu`minaa odoo nabi Mohammad isaanitti hin ergamin dura badii mul`attuu keessa turan dukkana wallaalaa, kan kufri`ii keessa turanii eegasii ifaa islaamaa kan beekkomsatti bayan .

Ammas Rabbiin akki je`e :

 ]يَمُنُّونَ عَلَيْكَ أَنْ أَسْلَمُواْ قُل لاَّ تَمُنُّواْ عَلَيَّ إِسْلاَمَكُمْ بَلِ اللَّهُ يَمُنُّ عَلَيْكُمْ أَنْ هَداكُمْ لِلإِيمَانِ إِنُ كُنْتُمْ صَادِقِينَ [ .         سورة الحجرات آية رقم 17 

Ma'naan isaa : Gosti arabaa gariin nuti islaamoyne je`anii nabbitti dhaaddannaan Rabbiin nabiin akki je`e jara saniin akki jettu islaamayuu keessaniin natti hin dhaaddatinaa kan isinitti dhaadatuu haqa godhatu Rabbii na ergee iimanatti isin qajeelchee yoo kan dhuga`aa deemtan taatan

Hadiisa mu`aawiyaan nuu odeesse keessatti wanni dhufe

  ان الرسول I خرج على حلقة من أصحابه فقال : ما اجلسكم ؟ قالوا جلسنا نذكر الله ونحمده على ما هدانا ومَنَّ علينا بك .. الحديث وفى آخره ان الله عز وجلَّ يباهى بكم الملائكة        .                                رواه مسلم

 Ma`naan isaa : nabiin nageenyi isarratti haa jiraatu asaabota isaa kanneen wal gayanii tattaa`anitti dhufee  maaltu as isin tetteessise je`anii gaafannaan wanni je`aniin wanni as tatteenyuf rabbi zakkaru`uufi waan si nuu kennii nu qajeelchef galata isaaf  galchu`uufi , hadiisani dheera'aa dhumarratti nabiin akki isaanin je`e Rabbiin  isiniin malaaykaa isatti dhaaddata .

Kurnaffaan : Nabi Muhammad  caalaa waan Rabbiin uumee , gooftaa ilmaan aadam tayuu. Rahmata nageenyi isarratti haa jiraatu .

Rabbiin ol taye nabiyyii isaa Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu , waan uume hunda keessaa maraxatee filatee , bakka ol aantuu namni biraa hin dhaqqabne kaaye. Nama hundatti diin islaamin ergee , imaama anbiya`aa isa godhee. irra jaalatamaa khalqi`ii isa godhe. Kun  hundinuu kennaa Rabbiiti .

Hadiisa { Waasilatu binul`asqa' واثلة بن الأسقع   odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu  akki je`e:

 ان الله اصطفى كنانة من ولد اسماعيل ، واصطفى قريشا من كنانة ، واصطفى   من قريش بني هاشم ، واصطفانى من بنى هاشم }    رواه مسلم .

Ma'naan isa : { Rabbiin ilmaan ismaa`iilirraa gosa kinaana`aati maraxate. gosa kinaana`arraa qureyshii filate .gosa qureyshi`irraa gosa haashim maraxate. Haashimirraa na maraxati je`an}.  Muslimtu odeesse

Hadiisa Muxxalib ibni abii { waddaa`aa } keessatti Nabiin  nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:

 أنا محمد بن عبدالله بن عبدالمطلب ، إن الله خلق الخلق فجعلني في خيرهم فرقة ، ثم جعلهم فرقتين ، فجعلنى في خيرهم فرقة ، ثم جعلهم قبائل فجعلني في خيرهم قبيلة ، ثم جعلهم بيوتا فجعلني في خيرهم بيتا،وخيرهم نفسا } رواه الترمذى وحسنه.                                                    

Ma`naan isaa:{An Mohammad ilma abdullaahii ilma abdulmuxxalib { Rabbiin waa hunda uumeti bakka lamatti qoodee,qooda lamaanirraa kan irra caala`aa keessa na godhe. ammas bakka lamatti baasee gama irra caala`aa keessa na godhe.eegasii gosa gosa godhee gosa irra caaltu keessa na godhe.eegasii mana mana godhee mana irra caalu keessa na godhe.warra gaarii. lubbuun isaanii gaari'ii }.                                       tirmizi`iitu odeesse .

Hadiisa muslimiifii tirmiziin odeessan keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e :

   أنا سيد ولد آدم ولا فخر  

Ma`naan isaa : { An goftaa ilmaan aadamii dhaaddanna`aafii miti jechuu.

Hadiisa Ahmad abuu bakrissiddiiqirraa odeesse keessatti nabiin akki je`e :

   أي رب ! خلقتني سيد ولد آدم  

Ma`naan isaa :{yaa Rabbi caalaa ilmaan aadam gooteti na uumte. kanin saniin dhaaddatu`uu hin jenne} .

Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu . goofta nama hundaati. kan warri duraatifii warri boodalleen galata isaa galchu. isa faarsu .aadamiifii namni isaa asii hundi, guyyaa qiyaama`aa gaaddisa isaa jala taa`an , nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Kudha tokkoffaan: Nabi dhagayuun Rabbi dhagayuu Nabi harka dhawatuun Rabbi harka dhawatuu nageenyi isarratti haa jiraatuu

Rabbiin nabi Muhammad dhagayuu matuma isa dhagayu'uuti godhe. akkuma nabi jala deemuu , waan jaalala Rabbii namaa raggaasisu godhe .haalli kun anbiyoota isa dura dabreef godhamuu hin beynu.kun haala kopha'aa kan nabi Muhammad qofaaf godhame ,Nageenyi isaafii anbiyoota hundarratti haa jiraatuu.

Rabbiin ol taye akki je'e:

 ] مَّنْ يُطِعِ الرَّسُولَ فَقَدْ أَطَاعَ اللَّهَ وَمَن تَوَلَّى فَمَآ أَرْسَلْنَاكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظاً  [  سورة النساء آية رقم { 80 }                                               

Ma'naan isaa :{Namni rasuula Rabbii dhagayu, kan waan inni je'utti dalagu Dhugumaan waan Rabbi je'u dhagayee rabbiif gad je'e , maalif wanni ergamaan Rabbii itti ajaju,wanni inni irraa dhoowwu,waan Rabbiin gabroottan isarraa barbaade. tanaaf ergamaa Rabbii dhagayuun Rabbi dhagayuu taate,Yaa ergamaa kiyya Muhammad namni dubbii tee dhagayuu dide , waa takka sin yaachisinii ifirraa itti dhiisi , Isaan eeydee waan isaan dalagan laaltee, akka hamtuu isaan dalaganirratti isaan qixaaxxu'uuf sin ergine ,sun dalagaa teenyaa, wanni si ergineef akka nama qajeele jannataan gammachiiftee, nama jallate qixaaxan sodaachiftuufi si ergine , kun odoo lolatti isaan hin kaasini

Rabbiin ol taye  akki je'e

 ]إِنَّ الَّذِينَ يُبَايِعُونَكَ إِنَّمَا يُبَايِعُونَ اللَّهَ يَدُ اللَّهِ فَوْقَ أَيْدِيهِمْ فَمَن نَّكَثَ فَإِنَّمَا يَنكُثُ عَلَى نَفْسِهِ وَمَنْ أَوْفَى بِمَا عَاهَدَ عَلَيْهِ اللَّهَ فَسَيُؤْتِيهِ أَجْراً عَظِيماً  [ 
   سورة الفتح آية رقم 10

Ma'naan isaa : {Warri, si wajjiin lolu'urratti , harka si qabatee, baallama siif seene, sun { baallama Ridwaanii },Jarri sun, Rabbumaaf baallama seenan. Harki Rabbii harka isaan, harka nabii gubbaa kaayan hundaa,olii , baallama isaan seenan,quba qabaa, ni eega, galata, warra baallama san guutef , galcha.

Duuba namni baallama san diige,Ifumatti diige .waan balaan sanii,isa tuyxuuf jecha,Ammoo namni baallama Rabbiif seene guute ,Rabbiin galata guddaa isaaf kenna}.

Ammas Rabbiin akki je'e :   

 ] قُلْ أَطِيعُواْ اللَّهَ وَالرَّسُولَ فإِن تَوَلَّوْاْ فَإِنَّ اللَّهَ لاَ يُحِبُّ الْكَافِرِينَ [

 سورة آل عمران آية 32

Ma'naan isaa : { dubbii Rabbiitifii dubbii ergamaa isaa Muhammad  dhagayaa ji'iin. Ammoo  yoo dhagayuu didanii irraa gara galan, isaan warra Rabbitti kafaree , Rabbiin warra isatti kafare hin jaalatu. ni qixaaxa jechuu }

Ammas Rabbiin ol taye akki je'e:

 ] وَأَطِيعُواْ اللَّهَ وَالرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ [.         سورة آل عمران آية  132

Ma'naan isaa : { Rabbiifii Rassuula dhagayaa  akka Rahmata argattan}

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ]وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَيَتَعَدَّ حُدُودَهُ يُدْخِلْهُ نَاراً خَالِداً فِيهَا [  

سورة النساء آية 14

Ma'naan  isaa :{Nama Rabbiifii ergamaa isatti  balleesse kan heera  sirna  isarraan tarkaanfate, ibidda seensisa . ibidda zalaalamii keessa taa'ee gubatu .

Ammas Rabbiin akki je'e:

 ]قُلْ إِن كُنتُمْ تُحِبُّونَ اللَّهَ فَاتَّبِعُونِي يُحْبِبْكُمُ اللَّهُ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ [ . سورة آل عمران آية رقم 31       

Ma'naan isaa : {Yoo jaalala rabbii barbaaddan yookaa jaalattan na jala deemaa waanin an Rabbirraa isinitti fide qabadhaa. Jala deemaa. gaafas Rabbiin isin jaalataa. dilii yookaa cubbuu teessan isiniif araaramaa} .

Kudha lammaffaan : Nabi muhammaditti amanuu  Rabbitti amanu'utti qindeessuu .

Wanni Rabbiin nabi Muhammadiin guddise: isatti amanuu Rabbitti amanu'utti qindeessuu .Tanaaf jecha namni Rabbitti amanee nabi Muhammadittin amanin iimaanni isaa fayyaa hin tayu. haala kana Rabbiin nam tokkolle'eef hin kennine nabi Mohammad malee nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Rabbiin akki je'e :

]   يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُواْ آمِنُواْ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ [ سورة النساء آية 136

Ma'naan isaa : {Yaa Warra amane Rabbiifii Rasuula isatti amanaa  itti amanuu itti fufaa }.

Ammas Rabbiin akki je'e

  ]آمِنُواْ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَأَنفِقُواْ مِمَّا جَعَلَكُم مُّسْتَخْلَفِينَ فِيهِ  [سورة الحديد آية   7

Ma'naan isaa : { Rabbiifii Rasuula isatti amanaa. Horii Rabbiin khaliifaa godhee keessa isin kaaye baasa'aa nama gargaaraa .karaa Rabbiitii je'aa baasaa }

Ammas Rabbiin akki je'e :  

 ] إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ آمَنُواْ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ثُمَّ لَمْ يَرْتَابُواْ [   سورة الحجرات آية  15

 Ma'naan isaa :{ Mu'mina guutuu jechuun kan Rabbiifii rasuula isaa dhugo'oomse. kan waa takka hin shakkin }.

Ammas Rabbiin akki je'e:

] فَآمِنُواْ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ النَّبِيِّ الأُمِّيِّ الَّذِي يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَكَلِمَاتِهِ  [

سورة الاعراف آية   158

Ma'naan isaa :{yaa ilmaan Aadam Rabbitti amanaa. Ergamaa isattis amanaa. Nabiyyicha katabee hin qaraane. kan rabbiifii kitaaba isaa  qur'aanatti amanutti  amanaa}.               

 Ammas  Rabbiin akki je'e:

]   يأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُواْ هَلْ أَدُلُّكمْ عَلَى تِجَارَةٍ تُنجِيكُم مِّنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ * تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَتُجَاهِدُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِأَمْوَالِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ ذَلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ  سورة الصف آية  { 1011 } [.                             

Ma'naan isaa:{ yaa warra Rabbiifii, ergamaa isaa   dhugo'oomse Naggada, yookaa daldala , azaaba isin laalessurraa nagaya isin baasutti,isin qajeelchuu ? Nagganni sun ,Rabbiifii ergamaa isaa muhammad dhugo'oomsu'urratti jabaatuu , Diin Rabbii tiysu'uuf , takkaa jabeessu'uuf jihaada godhuu,Horii keessaniifii, lubbuu teessaniin, Iimaanafii jihaada godhuu santu , waa hundarra isiniif caalaa, Yoo waan isiniif irra caalu beytan , isa kanatti jabaadhaa, qabsoo haqatti jabaadhaa . Rabbiin dilii teessan hunda isiniif araaramaa , Jannata manneenifii masnoo isaa jala lagootin olii gad yaatu isin seensisa.Manootii gaggaarii jannata, teessumaa keessaa, isinii kennaa, milkiin guddoon sanii beekaa } .

Kudha sadaffaan : { Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu,Rahmata waan Rabbiin uume hundaati . nagaya isaaniti.

Rabbiin dhugumaan nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu rahmata namaa jinni'ii, kan malaayka'aa, godhe. inni Rahmata addunya'aa aakhiraati . keessattuu kan ummata islaamatiif nayee ,rahmata  isaanii godhu .

Rabbiin ol taye akki je'e: 

 ]وَمَآ أَرْسَلْنَاكَ إِلاَّ رَحْمَةً لِّلْعَالَمِينَ [ .   سورة الانبياء آية 107

Ma'naan isaa:{yaa ergamaa kiyya Muhammad akka rahmata addunya'aa aakhira'aa  taatuf si ergine malee waan biraatii sin ergine }.

Hadiisa Abuu Hureyra'aa kan Haakim odeesse keessatti nabiin  nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e :

  انا رحمة مهداة   

Ma'naan isaa : { An rahmata rabbiin waa hunda badhaase yookaa waa hundaa gumaache}.

                              { haakimtu } odeesse.

Ammoo nabi Muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu Rahmata ummata kanaa tayuun waan rabbiin qur'aana keessatti nuu odeesse.

Rabbiin akki je'e :

 ] لَقَدْ جَآءَكُمْ رَسُولٌ مِّنْ أَنفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُمْ بِالْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ [ .                       سورة التوبة آية 128

 Ma'naan isaa : { Dhugumaan ergamaan Rabbii, kan isinirraa taye, isinitti dhufe. inni nabi muhammadii ,kanuma Rabbiin ilmaan namarraa maraxee, ilmaan namaa haa qajeelchu'uuf erge, kan Wanni isin dhibu hundi isatti jabaatu. ergamaa waan isin miidhu hunda isinirraa eegu. kan wanni isinitti ulfaattu isattis ulfaattu. kan isin eegu'uu jecha, isin qajeelchu'uu jecha, carraaqu, yookaa halkanii guyyaa rakkatu. kan mu'minaaf akkaan qalbii jiidhu, Kan mu'minaaf waan gaarii hunda yaadu, takkaa jaalatu. Tanaaf jecha nabiyyii gaarii kanatti amanaa, waan gaarii argattanii.

Ammas Rabbiin akki je'u:

  ] وَمِنْهُمُ الَّذِينَ يُؤْذُونَ النَّبِيَّ وَيِقُولُونَ هُوَ أُذُنٌ قُلْ أُذُنُ خَيْرٍ لَّكُمْ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَيُؤْمِنُ لِلْمُؤْمِنِينَ وَرَحْمَةٌ لِّلَّذِينَ آمَنُواْ مِنكُمْ وَالَّذِينَ يُؤْذُونَ رَسُولَ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ [ سورة التوبة  آية  61

Ma'naan isaa : { Orma munaafiqootarraa nama rasuula Rabbii afaanin miidhu, takkaa hamatuutu jira. Kanneen Hoggaa namni: nabi Muhammad tuquu dhiisaa, waan isin jettan kana dhagayuun ooluu isaanin je'e , wanni  isaan je'an: eeyee bar inni gurraa, waanuma dhagaye hunda dhugo'oomsaa yoo nuti lakkii waan kana hin jenne, jennee kakanneef numa dhugo'oomsa je'an, akkana jechuun isaanii inni nama qalbiin isaa gaari'ii, kan namaaf dagamu jechu'u, duuba Rabbiin akki nabi muhammadiin je'e ; Rasuulli Rabbii ,gurra waan kheyri'ii,kan waan gaarii dhagayu ,kan hamtuu hin dhageenye, gurra waan dhagayamuun barbaadamu dhagayu ,Rasuula ,Rabbii isaa dhugo'oomsu, kan itti amanu,Kan waan mu'minni itti odeessu dhugo'oomsu, waan namni biraa itti odeessuu mitii, waan mu'minni hin kijibneef jecha ,Rasuulli Rabbii, rahgmata warra isinirraa dhuga'aan amaneeti, kan kufri'irraa isaan baasee, karaa jannataa isaan seensisu, kan guyyaa boruu isaan shafa'u ,je`iin Warra rasuula Rabbii miidhuf, azaaba addunya'aafii aakhira'atti isa laalessuutu jira, addunya'arratti bala'aan, aakhira'atti ibiddaan.

asxaan rabbiin ummata kanaa rahmata godhu'uu  nabiyyiin isaanii isaan dura du'uu. akka isaan dura dabree waan gaarii isaanii qopheessu takkaa isaanii abuuru.

Hadiisa muslim abii muusaa ash'ari'irraa odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e  : 

إذا أراد الله رحمة أمة من عباده ، قبض نبيها قبلها ، فجعله لها فَرَطاً وسلفا بين يديها ، وإذا أراد هَلَكَةَ أُمةٍ عذبها ونبيُّها حي ،  فأهلكها وهو ينظر ، فاقر عينه بهلكتها حين كذبوه وعَصوا أمرَه              رواه مسلم

Ma'naan isaa : { Rabbiin yoo ummata tokkoof Rahmata godhuu fedhe nabiyyii isaaniti isaan dura ajjeessee akka isaan dura dabree waan gaarii isaanii qopheessu yookaa abuuru godha.Ammoo Rabbiin yoo ummata tokko balleessuu fedhe , odoo nabiyyiin isaanii jiruu isaan qixaaxee isaan balleessa . odoo nabiyyiin isaanii laalee arguu .duuba isaan balleessu'uun qalbiin Nabiyyichaa das jettee, ijji isaa gammaddi. waan isa kijibsiisanii dubbii isaa dhagayuu didaniif } .                hadiisa kana Muslimtu odeesse

Rabbiin jiruu nabi Muhammad tan addunya'aatifii tan aakhirallee bakka rahmataati ummata isaatif godhe .akka hadiisa ibnu mas'uud  keessatti dhufe.

Hadiisa ibnu Mas'uud keessatti nabiin akki ja'e: nageenyi isaanirratti haa jiraatuu :

  حياتي خير لكم ، تحدثون ويحدث لكم . ومماتى خير لكم ، تعرض عَلَىَّ أعمالكم ، فما رايت من خير حمدت الله عليه ، وما رأيت من شر استغفرت الله لكم .                    رواه البزار رجاله رجال الصحيح   

Ma'naan isaa : Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu  {wanni je'e jiruun tiyya kheyrii isinii qabdi. tola isiniif qabdi.maalif waan feetan naaf odeessitanii  anis isiniifan odeessa .akkasuma duuti tiyya kheyrii isiniif qabdi maalif dalagaan teessan narra fidamtii yoon xalayaa dalagaa teessanii keessatti waan gaarii arge, sanirrattin Rabbii kiyyaaf galata galcha. ammoo yoon waan hamtuu keessatti arge  araaran Rabbirra isiniif barbaada}.

kudha afreessan : Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu nagaya ummata isaati kan isaan tiysu

Dhugumaan nabi Muhammad ummata isaa keessa jiraatun azaabarraa nagaya isaan godhuu taye. waan isaan ummata isaanii keessa jiraniin azaabni isaanitti hin bu'u. akka anbiyoota dabreetii mitii. ummanni dur kanuma nabiyyiin isaanii isaan keessa jiru azaabni  isaanitti bu'a . ammoo nabi Muhammad akkasii miti .

Rabbiin ol taye akki ja'e:

] وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنتَ فِيهِمْ وَمَا كَانَ اللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ  [ 

                                                               سورة الانفال آية 33

Ma'naan isaa : { Rabbiin kan isaan azzabu, yookaa azaaba guddaa isaanitti buusu hin taane, waan ati isaan keessa jirtuun.ammallee waan isaan gara Rabbii deebi'anii araara isarra barbaadaniin kan balaa isaanitti buusu hin taane}.

Aayanni tun wanni buutef : abuu jahli, kan matootii kuffaara makkarraa tayeetu dubbii as deemtu tana je'e:

( اللَّهُم إنْ كَانَ هَذَا هُوَ الْحَقَّ مِنْ عِنْدِكَ فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارِةً مِنَ السَّمَاء أَو ائْتِنَا بِعَذَابٍ أّلِيَّمٍ   )

Ma'naan isaa:{yaa Rabbi,yoo diin Muhammad dhufeen, diin islaamaa kun haqa taye, dhagaa sami'ii nutti roobsi ,takkaa azaaba nu laalessu nutti fidi jechuu }.

Hadiisa abuu muusa'aa keessatti nabiin akki je'e :

  النجومُ أَمَنَةُ السماء ، فإذا ذهبت النجومُ اتى السماءَ ما توعد ، وأنا أّمَنَةٌ لأصحابي  ، فإذا ذهبتُ اتى أصحابى ما يوعدون ، واصحابي امنة لأمتي  ، فإذا ذهب أصحابى أتى أمتي ما يوعدون    .      رواه مسلم

Ma'naan isaa : { Urjiin tiysitee sami'iiti. yoo urjiin sami'ii deemte badiin sami'ii baallamamte sami'itti dhufte . an tiysitee asaabota kiyyaati .yoon an asaabota kiyya keessaa dabre badiin isaan baallamaman isaanitti dhufte .asaabonni kiyya tiysitee ummata kiyyaati . duuba yoo asaabonni kiyya ummata kiyya keessaa dabre, badiin ummanni kiyya baallamame isaanitti dhufte }

                              Hadiisa  kana muslimtu odeesse

Ammas nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu du'aa'ii salaata kusuufaa keessatti akki je'an :

 يارب اَلم تُعدني أن لاتعذ بهم وأنا فيهم ؟ الم تعدني ان لاتعذبهم وهم يستغفرون                رواه ابو داوود والنسائى

Ma'naan isaa:{Yaa Rabbi waanan isaan keessa jiruun akka ummata kiyya hin balleessine baallama naan seennee ?ammallee akka waan isaan araara sirra barbaadaniin, isaan hin balleessine baallama naan seennee } jechu'.    Hadiisa kana abuu daawuudifii nasa'iitu odeesse .

 Khudha shaneessun : Rabbiin nabi Muhammad nama hundatti isa erguu. nageenyi isarratti haa jiraatuu.

Waan Rabbiin nabi muhammad qofaa kennerraa tokko : nama hundatti isa erguu nageenyi isarratti haa jiraatuu  kun waan anbiyootafii ergamoonni isa duuraa hin kennamin. isaanirraa namuu  gosa isaa qofatti ergamuu ture.

Rabbiin ol taye  akki je'e:

 ] وَمَآ أَرْسَلْنَاكَ إِلاَّ كَآفَّةً لِّلنَّاسِ بَشِيراً وَنَذِيراً [      سورة سبأ آية 28

Manaan isaaa:{Yaa ergamaa kiyya Muhammad, nuti nama hundaaf si ergine malee, nama gari'iifii miti .Akka warra amane jannataan gammachiiftee ,Warra amanuu didee, dinniina kennitee ibidda azaabatiin sodaachiftuufi si ergine. Haa tayuu irra  hedduun namaa san hin beekhu }

Ammas rabbiin ol taye akki je'u :

] وَمَآ أَرْسَلْنَاكَ إِلاَّ رَحْمَةً لِّلْعَالَمِينَ [ .   سورة الانبياء آية 107

Ma'naan isaa: {Yaa ergamaa kiyya Muhammad, nuti wanni si ergineef waan biraatifii mitii, akka rahgmata kgaalama hundaaf taatufi ,akka rahgmata waan Rabbiin uume maraa taatufi.Nabi Muhammad rahgmata namaati, kan jinni'iiti, kan malaayka'aati, kan mukaa cita'aati, kan kaafiraatifii, mu'minaati. inni nama isatti amaneef rahgmata addunya'aa aakhira'aati. Ammoo nama hin amaniniif inni rahgmata addunya'aa qofa Rabbiin nabi muhammadii jecha balaa akka ummata dur, kan hoggaa dilii dalagan, lafarraa fixuu, isaanitti hin buusu. odoo diliin san daranii, bakka hundatti dalagamtuu. kan dur yoo gandi tokko qofti dalage dachiin  isaanin gara galchu } .

Hadiisa jaabir odeesse keessatti nabiin akki je'e:

  أُعطيت خمساً لم يعطهن احد من الأنبياء قبلي . كان كل نبي يبعث الى قومه خاصة ، وبُعثت الى كل ابيض واسود وفى رواية بعثت الى الناس عامة. وأُحلت لي الغنائم ، ولم تحل لأحد قبلى ، وجُعلت لي الأرض طيبة طهوراً ومسجداً ، فأيما رجل أدركته الصلاة صلى حيث كان ، ونُصرت بالرعب بين يدي مسيرة شهر ، واعطيت الشفاعة                   .متفق عليه    

Ma'naan isaa : { waa shan kan anbiyoonni na duraa hin argatinan Rabbii kiyyarraa argadhe. waan nam tokkolle'eef hin kennin naa kenne . shanan sun :

1  Nabiyyiin na duraa hundi gosa isaa qofatti ergama. an nama hundattin ergame .nama adi'ii gurraachattin ergame.

2  Waan diinarraa boojiyame yaatun halaal naa godhame.

3  Dachiin xaahira ,masjida naaf godhamte . namni salaanni bakka feetetti itti geesse, dachi'irraa bakka  fedhetti salaatuu dandaya

4  Hanga amna baatii takkatti, Rabbiin xilaata kiyyarratti  na gargaara. qalbii diina kiyyatti sodaa darbee  

5  Shafaa'aa  nama hunda wal geessu naa kenne .}

   hadiisa kana bukhaari'iifii muslimtu odeesse        

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com