
KUTAA TOKKOFFA`AA
1
-
qooda
Tokkoffaan : Waan Rabbiin nabi muhammad,
nageenyi isarratti haa jiraatuu, addunyaa
tanarratti guddiseen :
kudha jahaffaan :
{Rabbiin
nabi Muhammad namni isa ajjeessu'urraa isa
tiysuu nageenyi isarratti haa jiraatuu
Qadriin nabi
muhammad Rabbi biratti guddoo tayuu wanni nu
beysisu Rabbiin nabi Muhammad tiysuu , balaa
hundarraa isa eeguu if qabsiisuu. tanaaf jecha
namni isa ajeesuu hin dandayu. nageenyi
isarratti haa jiraatuu.
Rabbiin ol taye
akki je'e:
]
يَـأَيُّهَا الرَّسُولُ بَلِّغْ مَآ أُنزِلَ
إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ وَإِن لَّمْ تَفْعَلْ فَمَا
بَلَّغْتَ رِسَالَتَهُ وَاللَّهُ يَعْصِمُكَ مِنَ
النَّاسِ إِنَّ اللَّهَ لاَ يَهْدِي الْقَوْمَ
الْكَافِرِينَ
[
سورة
المائدة آية 67
Ma'naan
isaa:{Yaa
ergamaa kiyya Muhammad waan Rabbii keetirraa
sirratti buufame, qur'aana ummatatti geessi
,isaan barsiisi, waa takka isaanirraa hin
dhoysin, waan isaan jaalataniifii, waan isaan
jibbanillee, ittuma odeessi, namaatu na miidha
jettee hin dhoysin.Yoo waan Rabbiin sirratti
buuse hunduma isaa , ummatatti geessuu baattee
garii dhoysite,Waan sirratti buufame matumaanuu
waan geessifne. maalif waan Rabbiin namaan erge
garii dhoysuun akkuma waan hunda isaa
dhoysu'uuti, Rabbiin nama si ajjeesu'uu deemu
hundarraa si tiysaa, waa takka hin sodatinii,
waan Rabbiin siin je'u dalagi,Rabbiin warra
kafare karaa milki'ii hin qajeelchu.
Odoo aayaanni tun
hin bu'in dura, asaabonni gariin mna nabii
bakka isaan bulan itti wal dabranii eeguu turan
waan yahuudan isaan ajjeessu'uuf mala dhayuu
turteef. Duuba aayanni rabbiin namarraa si
tiysa jettu buunan nabiin warra isa tiysuun
Rabbiitu na tiysaa isin ifirraa yaa'aa je'een
}.
Rabbiin akki je'e
:
]فَاصْدَعْ
بِمَا تُؤْمَرُ وَأَعْرِضْ عَنِ الْمُشْرِكِينَ
*إِنَّا
كَفَيْنَاكَ الْمُسْتَهْزِئِينَ * الَّذِينَ
يَجْعَلُونَ مَعَ اللَّهِ إِلـهاً آخَرَ فَسَوْفَ
يَعْمَلُونَ
[
سورة الحجر آية 9496
Ma'naan isaa:
{ Yaa ergamaa kiyya Muhammad, ammarraa qabii,
waan itti ajajamte, dirree baasii dalagi. Nabi
Muhammad san dura hanga bara sadiyii, dhuysa'aan
islaamatti nama yaamuu ture. duuba Rabbiin
aayata tana buusee, dirree baasi je'een.Warra
Rabbitti waa qindeessurraa gara galii, waan
isaan je'aniifii waan isaan dalagan hin dalagin
.Nuti warra si dhibe, sirraa deebifnee jirraa,
warri nabi Muhammad dhibe nama shani, isaan
waliid ilma mughiira'aa, aasii ilma waa'il,
kgadiyyii ilma qays, aswad ilma abdulmuxxalib,
aswad ilma abdiyaghuusi, isaan hunda Rabbiin
balaa itti buuseti fixe.Isaan warra Rabbitti waa
qindeessu,Warri Rabbitti waa qindeessu hundi,
hammeenya dalagaa isaanii beekhu'uuf jiraatan.
Ammas Rabbiin akki
je'e
]
وَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ
بِأَعْيُنِنَا
[
سورة الطور آية 48
Ma'naan isaa :
{ ajaja Rabbii keetii waan inni dalagi siin
je'erratti obsii, dalagaa diin barsiisu'uu,
itti fufi. waa takka hin sodaatinii . ati tika
keenya keessa jirtaa } .
Kudha torbaffaan :
Rabbiin diin nabi muhammad tiysu'uuf if qabuu
.kan diin anbiyoota duraa tiysu'uuf if hin
qabin. waan diin isa duraa guutuu hin tayiniif .
waan diin gosa hundaa hin tayiniif. akka diin
islaamitti .
Dhugumaan Rabbiin
diin islaamaa jirjiiramu'uufii , jallifamu'uufii
ir'ifamu'uufii,waa itti ida'uudharraa tiysuu if
qabsiisee jira. akkuma zalaalamii isa
jiraachisu'uuf if qabe .sun akka diin islaamaa
diin dhuga'aa kan fayyaa qabu kan diin hunda
caalu taye nu beysisu
Rabbiin akki je'e
]
إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا الذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُ
لَحَافِظُونَ
[
.
سورة
الحجر آية رقم 9
Ma'naan isaa :
{ Nuutu qur'aana buuse, nama biraatii mitii
Ammallee numaatu akka nuti, itti buufnerraa
jirjiiramu'uufii,itti ida'amu'uufii , irraa
ir'ifamu'urraa isa tiysa, Rabbiin qur'aana
tiysuu ifirra kaaye,if qabsiise. Tanaaf akka
Rabbiin buuserraa, hin jirjiiramne. ammoo
kitaabban isa dura bu'e, tika isaa ulama'atti
irkise, tanaaf irratti wal dhabanii, kitaabni
tokkichi Rabbiin buuse, kitaaba afur taye. kan
akka injiil, ammoo qur'aanni tokkichuma Rabbiin
buusee, waa takka irraa hin jirjiiramne ittis
hin ida'amnee irraayis hin ir'anne.
Mu'jizaan
anbiyoota nabi Muhammad duraa nageenyi
isaanirratti haa jiraatuu, akkasuma mu'jizaan
nabi Muhammad mu'jizaa yaro'ooti tan yaroo
keessa argamte san booda hin hafne .Mu'jizaa
nabi Muhammad ta qur'aanaa malee . mu'jizaan
qur'aanaa hanga guyyaa qiyaama'atti hafti
Rabbiitu tiysaa .
Rabbiin akki je'e:
]
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ
دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي
وَرَضِيتُ لَكُمُ الأِسْلاَمَ دِيناً
[
سورة المائدة آية 3
Ma'naan isaa :
{ Guyyaa ar'aa kanan sun guyyaa arafa'aatii
heera shari'aa teessanii isiniif guute.
Aayaanni tun hajjii dhaamanna'aa, tan nabi
muhammad godhe keessatti isarratti buute. eega
sanii aayanni waa halaal gootufii tan waa haraam
gootu hin buune. Ammallee qananii diinaa kiyyaa
isiniif guute .Makka qabatu'uun, namni karaa
hundaan, bakka hundaa islaamatti seenu'uun.
khudha
saddeeteffaan
Rabbiin jiruu nabi Muhammadiin khakhatuu.
nageenyi isarratti haa jiraatuu .
Rabbiin jiruu
nabi Muhammadiin malee jiruu anbiyaa biraatin
khakhatuu isaa hin beynu .
Rabbiin ol taye
akki je'e :
]
لَعَمْرُكَ إِنَّهُمْ لَفِي سَكْرَتِهِمْ
يَعْمَهُونَ
[
. سورة
الحجر آية 72
Ma'naan isaa :
{Rabbiin nabi Muhammadiin akki je'e: yaa
ergamaa kiyya Muhammad jiruu teetin kakadhee
ormi kuffaaraa sun machii isaanii keessa achi
dheeratanii. yookaa jallina isaanii keessa achi
fagaatanii, irraa hin deebi'an .inumaa
dhama'anii jallina keessa gara gaggalanii
akkamitti gorsa dhagayan}.
Ibnu Abbaas Rabbi
isaanirraa
haa jaalatuu hadiisa Beyhaqi'iifii namni biraa
irraa odeesse keessatti akki je'e.
ما
حلف الله بحياة أحد إلا بحياة محمد
I
قال { لعمرك }
Ma'naan isaa :{
Rabbiin jiruu nam tokkolle'eetin hin khakhanne
jiruu nabi Muhammadiin malee akki je'e {la'amruka
{لعمرك
wallaahi
jiruu teetin khakhadhe jechuu
Kudha saylaffaan:{Rabbiin
biyya nabiitin khakhatuu nageenyi isarratti
haa jiraatuu .
Rabbiin biyya
nabiitin kakatuun isa guddisuu je'ama . nageenyi
isarratti haa jiraatuu.
Rabbiin akki je'u
:
]لاَ
أُقْسِمُ بِهَـذَا الْبَلَدِ *وَأَنتَ حِلٌّ
بِهَـذَا الْبَلَدِ
[
سورة
البلد آية 12
Ma'naan isaa :
{ Yaa ergamaa kiyya Muhammad, Mandara
makkaatinan khakhadha, sii isa keessa jiru .kan
hajji'iifii umraa hin hidhatin, kan wanni duraan
haraamii isa keessatti halaal siif
godhamte.makka keessatti nama ajjeessun ,muka
isi'ii ciruun ,bineensa isi'ii al'oolun hin gayu.
haa tayuu saa'aa takka qofa rabbiin nabi
Muhammadiif, gaafa inni kuffaara makkatti duule
waan duraan irraa dhoowwaman san halaal godhee,
kuffaara makkaa dhawanii cabsan.Ammoo saa'aa
takkittii san booda akkuma duritt deebitee
haraam godhamte.duuba Rabbiin mandara
makkaatifii nabi Muhammadii hajjiidhafii umraa
hin hidhatin,kan wanni hundi isaaf halaalitiin
khakhatee jiraa, nabi Muhammadii hajji'iifii
umraa hidhate, kan makka keessa jiru, kan
wahayyuu isarratti haraamitiin , khakhatuun maal
haa tayu !.
DIIDDAMMAFFAAN :
{ Rabbiin nabii jecha guyya'aafii halkaniin
khakhatuu. nageenyi isarratti haa jiraatuu Kun
nabi guddisuu keessa hoonga gayuu .
Rabbiin akki je'e
]
وَالضُّحَى
*
وَاللَّيْلِ إِذَا سَجَى
*
مَا وَدَّعَكَ رَبُّكَ وَمَا قَلَى
*وَلَلآخِرَةُ
خَيْرٌ لَّكَ مِنَ الأُولَى
*
وَلَسَوْفَ يُعْطِيكَ رَبُّكَ فَتَرْضَى
[
. سورة
الضحى آية { 15 }
Ma'naan isaa :
{ yaa ergamaa kiyya muhammad jalqaba guyya'aatin
yookaa yaroo waare'eetin takkaa guyyaa hundaan
siif khakhadhee.ammallee halkan hoggaa
dukkanaayin siif khakhadhee , Rabbiin kee waa
sin dhiifne ,sin darbine .sitti hin dallanne ,
sin jibbine .
Wanni aayaanni tun
buutef , orma kuffaaratiitu hoggaa qur'aanni
hanga guyyaa kudha shanii bu'urraa dhaabbatu,
Rabbiin Muhammad jibbe. tanaaf qur'aanni akka
duritti bu'uudharraa dhaabbate je'e.hoggaa san
Rabbiin aayatoota tana irratti buusee, yaa
ergamaa kiyya Muhammad wanni ormi kuffaaraa je'u
sin yaachisin , Rabbiin kee eega si jaalatee sin
jibbine .eega si filatee sin darbine je'een.
ammas akki je'een :yaa ergamaa kiyya Muhammad
jiruu tee tan boodatiitu jiruu tee tan durarra
siif caala. mana aakhira'aatu mana addunya'arra
siif caala . waan Rabbiin aakhiraa mana
qanani'ii godheef jecha . ammallee waan Rabbiin
waan asitti sii kenne daran achitti sii kennu'uu
taa'uf jecha Yaa ergamaa kiyya Muhammad Rabbiin
kee waan gaarii hanganaa hin qabne sii kennu'uu
jiraata. Duuba hogaa Rabbiin waan ati feetu
hunda siif kenne jaalatteeti waan Rabbiin sii
kenne saniin akkaan gammadda . nabi Muhammad
akki je'e eega Rabbiin akkatti baallama naaf
seene ,waan ummata kiyyarraa namni tokkichi,
ibidda keessa jiruun qalbiin tiyya nan gammadduu
, duuba akkan isa shafa'un Rabbii kiyya khadhaa
naaf eehamaa, shafa'aa tiyyaan namni sun ibidda
keessaa bayaa, hoggaa sanan gammada je'an.
Nageenyi isaanirratti haa jiraatuu .
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]
وَالنَّجْمِ إِذَا هَوَى
*مَا
ضَلَّ صَاحِبُكُمْ وَمَا غَوَى
*
وَمَا يَنطِقُ عَنِ الْهَوَى
*إِنْ
هُوَ إِلاَّ وَحْيٌ يُوحَى
[
.
سورة النجم آية { 1 – 4 }
Ma'naan isaa:{urjii
hoggaa isiin guyyaa qiyaama'aa sami'ii harcaatin
isinii khakhadhee, saahibni keessan , kan isin
haala isaa beytan, ergamaan kiyya Muhammad ,
karaa qajeela'arraa hin mayn'e. ammallee inni
yaada hamaa qabatee hin jallanne. inni waan
dubbatu hunda, lubbuu isarraa kaasee, hawwii
nafsee isarraa hin dubbatu . wanni ergamaan
kiyya Muhammad je'u hundi, waan Rabbiin isa
barsiise, waan if biraa kaasee je'uu mitii.
Ammas Rabbiin akki
je`e
]
ن
وَالْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ
*
مَآ أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ *
وَإِنَّ لَكَ لأَجْراً غَيْرَ مَمْنُونٍ *
وَإِنَّكَ لَعَلَى خُلُقٍ عَظِيمٍ
[
سورة
القلم آية { 14 }
Ma`naan isaa: {
yaa ergaa kiyya Mohammed Nuunin siif khakhadhee,
ammallee qalama lawhalmahfuuz keessatti,waan
dabreefii, waan dhufaa jiru hunda katabeen, sii
kakadhee, ammallee waan malaaykan yookaa namni
waa katabu katabu hundaan sii khakhadhee yaa
ergamaa khiyya Muhammad , sababaa Rabbiin ni`maa
heddu`uun si guddiseef si qananiisef jecha ati
waa maraata`aa miti. ati nama guutu`u. kan gara
hundaan Rabbiin bareeche, ati yaa ergamaa kiyya
sawaaba yookaa galata guddaa addaan hin cenne
Rabbii kee biraa qabda.ammas yaa ergamaa kiyyaa
Mohammad ati haala guutuu gam tokkolle`een ir`uu
hin qabne, diinaa qajeelaa daban qabnerratti
jirta .
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]
يس
*
والقرآن الحكيم
*
إِنَّكَ لَمِنَ الْمُرْسَلِينَ
*عَلَى
صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ
[.
سورة
يس آية { 14 }
Ma`naan isaa :
{Yaa ergamaa kiyyaa muhammad qur'aana hikmaa
qabuun khakhadhee ati warra ergamerraayi tokko.
ati karaa qajeela`arra jirta.
Diiddamii
tokkoffaan:Rabbiin
nabi Muhammad maqaa isaatin hin yaamne. nageenyi
isarratti haa jiraatuu
Nabi Muhammad
Rabbii isaa biratti kabajaa guddoo qabatu`uuf
jecha, takkaa Rabbiin maqaa isaatin , isan
yaamne maqaa nabiyyumma`aa, takkaa maqaa
ergama`aa itti ida`a malee Ammoo anbiyoonni
biraa akkasii miti . isaafii isaan hundarratti
rahmanni rabbii haa jiraatuu .
Rabbiin akki je`e:
]
يَـأَيُّهَا الرَّسُولُ
بَلِّغْ مَآ أُنزِلَ إِلَيْكَ
[
سورة
المائدة آية 67
Ma`naan isaa :
{yaa ergamaa kiyya qur`aana sirratti buufame
ummatatti geessi. barsiisi .irratti qara`ee .
Ammas Rabbiin akki
je`e
]
يأَيُّهَا الرَّسُولُ لاَ يَحْزُنكَ الَّذِينَ
يُسَارِعُونَ فِي الْكُفْرِ
[
سورة المائدة آية { 41 }
Ma`naan isaa :{Yaa
ergamaa kiyya Muhammad warri kufri`itti
jarjaru je`uufii ,wanni isaan dalagan , sin
yaachisin .
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]يأَيُّهَا
النَّبِيُّ حَسْبُكَ اللَّهُ
[
سورة الانفال آية 64
Ma`naan isaa :
{Yaa ergamaa kiyya muhammad Rabbiitu wahayyuufuu
siif gayaa, isumatti irkadhu
.
Ammoo anbiyoota
biraa maqaa isaanitiin yaama akka
:
]قِيلَ
ينُوحُ اهْبِطْ بِسَلاَمٍ مِّنَّا
[
سورة هود آية 48
Ma`naan isaa :
{yaa Nuuhg safiina`arraa bu`i. nagaya keeyyan
wajji }.
Rabbiin aadamiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e :
]
يَاآدَمُ اسْكُنْ أَنْتَ وَزَوْجُكَ الْجَنَّةَ
[
سورة البقرة آية 35
Ma`naan isaa:
{yaa aadam siifii jaartin tee hawwaan , jannata
keessa qubadhaa} .
Nabi muusa`aan
nageenyi isarratti, haa jiraatuu akki je'e :
]
يمُوسَى إِنِّي أَنَا اللَّهُ
[
سورة القصص آية 30
Ma`naan isaa :
{ yaa muusaa an rabbi waaqa} .
Nabi ibraahiimin
akki je`e :
]يإِبْرَاهِيمُ
قَدْ صَدَّقْتَ الرُّؤْيَآ
[
.
سورة الصافات { 104105 }
.
Ma`nnan isaa :
{yaa Ibraahiim , manaama {abjuu} garti
dhugo`oomsiti.
Aayanni akkanaa
heddu`uu, tana akeekkumaaf dubbanne .
Diiddamii
lammaffaan
Rabbiin Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu, anbiyoota dura dursoo dubbatame hunda
dura, maqaa isaa dubbatuu. Nageenyi isaanirratti
haa jiraatuu .
Gaafa
anbiyootarraa baallama fuudhefii. gaafa ergaa
anbiyootaa dubbatu, dura nabi dubbatuun, gama
zamanaatin nabi Muhammad isaan booda tayu`uun
wajjiin, jihaa daraja`aatin isa dursuu je`ama .
Rabbiin ol taye
akki je`e :
]وَإِذْ
أَخَذْنَا مِنَ النَّبِيِّيْنَ مِيثَاقَهُمْ
وَمِنْكَ وَمِن نُّوحٍ وَإِبْرَاهِيمَ وَمُوسَى
وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ وَأَخَذْنَا مِنْهُمْ
مِّيثَاقاً غَلِيظاً
[.
سورة
الاحزاب آية 7
Ma`naan isaa
{gaafa
anbiyootarraa baallama fuune dubbadhu. sun gaafa
waan lubbuu namaa taye hunda dudda aadam keessaa
baafnee, An Rabbii keessanii mitii je`eenii,
hundinuu eeyee jette, kan baallama san siifii,
Nuuhii,Ibraahiimiifii,Muusa`aafii,Iisaa ilma
Maryamirraa fuune, akka tokkummaa kiyya
yaaddanii na gabbartanii diinaa kiyyatti nama
yaamtanii walis dhugo`oomsitaniif .kan baallama
saniratti baallama biraa jabaa ulfaataa
isinirraa fuune. Baallamni duraa khakhuudhan
malee, kan lameysa`aa khakhataniiti. akka waan
if qabsiisan guutan ballama seenan. jarri shanan
kun anbiyootaa keessaa warra obsaati je`aman.
Rabbiin anbiyoota mararraa baallama fuudhee ,
wanni jarra shanan kana maqaa dhayeef darajaa
yookaa kabajaa isaanii mul`isu`uuf}
.
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]إِنَّآ
أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ كَمَآ أَوْحَيْنَآ إِلَى
نُوحٍ وَالنَّبِيِّينَ مِن بَعْدِهِ وَأَوْحَيْنَآ
إِلَى إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإْسْحَاقَ
وَيَعْقُوبَ وَالأَسْبَاطِ وَعِيسَى وَأَيُّوبَ
وَيُونُسَ وَهَارُونَ وَسُلَيْمَانَ وَآتَيْنَا
دَاوُودَ زَبُوراً
[.
سورة
النساء آية { 163 }
Ma`naan isaa hunoo
akkana:
{ yaa ergamaa kiyya muhammad ergamaa keenya si
goonee jirra.Akkuma nuuh erginetti. ammallee
anbiyoota isa booda erginetti. Akkasuma nabi
Ibraahiimii, Ismaa`iilii, Ishaaqii Ya`quubii
ilmaan isaa Asbaax ,Iisaa ,Ayyuuba, Yuunus,
Haaruuna ,Suleymaana, jara kana hunda erginee,
Daawuudif zabuura kenninee jirra. akkuma
qur`aana siif kennine .
Jarri dubbanne kun
hundi nabi Muhammad dura. inni dhuma ergamoota
rabbiiti. Rabbiin darajaa isaa mul`isu`uuf isaan
dura isa dubbate .
Diiddamii
sadaffaan
: {
Nabi Muhammad maqaa isaatin yaamu`urraa dhoowwu`.
nageenyi isarratti haa jiraatuu.
Nabi Mohammad
darajaa guddoo Rabbi biraa qubaatuu wanni
beysisu, Rabbiin ummata isaa isa khabaju'utti,
isa guddisu`utti ajajuu. hanga maqaa isaatin hin
yaamne takkatti. namni tokko yoo yaamuu fedhe,
yaa ergamaa Rabbii, yaa rasulallaahi, yaa
nabiyyallaahi, je'a. haalli kun haala anbiyoota
duriin adda isaan godhu .anbiyoonni dur ,
ummanni isaanii maqumaan isaan yaaman. yaa
muusaa yaa iisaa je`anii . ammoo ummanne keenya
kanarraa dhowwame .
Rabbiin ol taye
akki je'u :
]لاَّ
تَجْعَلُواْ دُعَآءَ الرَّسُولِ بَيْنَكُمْ
كَدُعَآءِ بَعْضِكُمْ بَعْضاً قَدْ يَعْلَمُ
اللَّهُ الَّذِينَ يَتَسَلَّلُونَ مِنكُمْ
لِوَاذاً فَلْيَحْذَرِ الَّذِينَ يُخَالِفُونَ
عَنْ أَمْرِهِ أَن تُصِيبَهُمْ فِتْنَةٌ أَوْ
يُصِيبَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
[.
سورة النور آية { 63 }
Ma`naan isaa :
{yaa warra rabbitti amane, Nabi Muhammed akka
ifii wal yaamtanitti hin yaaminaa .Muhammad
abdallaahii faa jettanii Rabbiin nama isinirraa
bakka nabi jiruu bayu,dawoo wal godhata`aa,
dalagaa dheefaf ni beeka. duuba warri dubbii
nabii didu , balaan addunya`arratti isaan tuquu
haa sodaatanii. takkaa azaabni isaan laalessu
aakhira`atti isaan tuquu haa eeggatanii }.
Hadiisa Ibnu
Abbaasifii
Mujaahidirraa odeeffame keesatti wanni dhufe
كانوا يقولون يا محمد يا أبا
القاسم فنهاهم الله عز وجل عن ذلك إعظاماً لنبيه
I
، وأمرهم ان يقولوا يا نبي ،
الله يا رسول الله
Ma`naan isaa :
{ashaabonni nabii wannin je`uu turan: yaa
mohammed, yaa abalqaasim,duuba Rabbiin sanirraa
isaan dhoowwe,nabiyyii isaa guddisu`uu jecha,
wanni isaan itti ajaje. yoo nabi yaamuu fedhan :
yaa nabiyyallaahi yaa rasuulullaahi je`uu.ammoo
anbiyoota duraa ummanni isaanii Maqa`aan yaamuu
turan}.
Rabbiin ummata
Nuuhirraa nu
odeessee nageenyi isarratti haa jiraatuu akki
je'e :
]قَالُواْ
ينُوحُ قَدْ جَادَلْتَنَا فَأَكْثَرْتَ جِدَالَنَا
[
سورة هود آية 32
Ma`naan isaa:
{Yaa Nuuh nuun falamtee falamaa teenya
heddommeesite }
Ammas ummata
luuxxirraa nuu odeesee akki je`e:
]
قَالُواْ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يلُوطُ
[
سورة الشعراء آية 167
Ma`naan isaa : {Yaa
Luux, yoo diin itti nu yaamtu – liwaaxa dhiisuu
dhiirti dhiiratti dhaquu irraa nu dhoowwuu
dhiisuu baatte, yaa luux balaa nurraa sitti
dhuftu beekkadhu jechuu.}
Ammas Rabbiin
banii
israa`iilirraa nuu odeessee akki je'e :
]
قَالُواْ يمُوسَى ادْعُ لَنَا رَبَّكَ
[
سورة الأعراف آية { 134 }
Ma`naan isaa
:{Yaa Muusaa mee du`aa`ii nuu godhi jechu .}
Diiddamii
afreesson:
qooqa nabi Mohammadirra , qooyxi biraa ol
fuudhamuun dhoowwamuu, nageenyi isarratti haa
jiraatuu.
Waan Rabbiin nabi
Mohammadiin guddiserraa isa khabaju`uu jecha,
qooqa isarra qooqa ol fuudhuu dhabu.
Rabbiin ol taye
akki je'e:
]
يأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُواْ لاَ تَرْفَعُواْ
أَصْوَاتَكُمْ فَوْقَ صَوْتِ النَّبِيِّ وَلاَ
تَجْهَرُواْ لَهُ بِالْقَوْلِ كَجَهْرِ بَعْضِكُمْ
لِبَعْضٍ أَن تَحْبَطَ أَعْمَالُكُمْ وَأَنتُمْ
لاَ تَشْعُرُونَ
*
إِنَّ الَّذِينَ يَغُضُّونَ أَصْوَاتَهُمْ عِندَ
رَسُولِ اللَّهِ أُوْلَـئِكَ الَّذِينَ امْتَحَنَ
اللَّهُ قُلُوبَهُمْ لِلتَّقْوَى لَهُم
مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ عَظِيمٌ
*
إَنَّ الَّذِينَ يُنَادُونَكَ مِن وَرَآءِ
الْحُجُرَاتِ أَكْثَرُهُمْ لاَ يَعْقِلُونَ
*
وَلَوْ أَنَّهُمْ صَبَرُواْ
حَتَّى تَخْرُجَ إِلَيْهِمْ لَكَانَ خَيْراً
لَّهُمْ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
[
. سورة
الحجرات آية { 25 }
Ma`naan isaa :
{ Yaa warra Rabbitti amane, Hoggaa nabi Muhammad
biratti dubbattan qooqa teessan, qooqa nabi
Muhammadii ol , hin dabarsinaa ,hoggaa inni
dubbatu , Ammas hoggaa nabi Muhammad dubbiftan,
qooqaa ol fuutanii hin dubbisinaa, Akka ifii
walitti iyyitanii wal dubbiftanitti. maqaa
qulla`aan hin yaaminaa. akka ifii maqaa
qulla'aan wal yaamtanitti. yaa rasuulallaah,yaa
nabiyyallaahii je'aa, isa kabaju'uu jecha. wanni
aayanni tun buutef, arabaa baadiya'aatu, kanneen
nama guddaa kabajuu hin beyne, nabi Muhammad
maqaa isaatin yaamuu ture. duuba Rabbiin adaba
isaan barsiisu'uufi, aayata tana buusee, akka
ifii wal dubbiftanitti nabi Muhammad hin
dubbisinaa je'een ,Akka dalagaan teessan isin
duraa hin banne ,Isinii quban qabne. maalif nabi
Muhammad biratti wacanii,akka fedhanitti
dubbatuun isa kabajuu dhabuu, isa xiqqeessuu.
nabi Muhammad xiqqeessun kufri'i. nama kafare
dalagaan isaa duraa baddi. tanaaf jecha nabi
Muhammad kabajuun, diin isaa, sunnaa isaa, aalii
isaa, qur'aana guddisuun, kabajuun dirqama .waan
san guddisuun nabi guddisuu, waan san xiqqeessun
nabi xiqqeessuu.
Warri hoggaa nabi
Muhammad bira jiru qooqa gad qabatu,Isaan warra
Rabbiin qalbii isaanii soda'aaf, qulqulleesse.
kan sodaa Rabbiitif bal'isee irraa mul'attu,
Jarri sun araaramaafii, sawaaba guddaa Rabbi
biraa qaban sun jannataa, akkasuma hoggaa
qur'aanni qara'amu, hadiisni nabii qara'amu
kabaja'aaf qooqa gad qabatuu karaan isaa kanuma.
Warri ala, mana keetitii sitti lallabee, si
yaamu , Irra hedduun isaanii,inumaa hundi
isaanii kabajaa ati qabdu hin beekhan, adaba hin
qaban, inumaa ayliin qaban. Maalif ? ayliin
nabiyyii Rabbii dhiisii, namuma gurguddaa hunda
biratti, adaba qabaatu'utti nama kaaftii. wanni
aayanni tun buutef: odoo nama hunda
qabattuu,orma tokkootu warra baadiya'aatii, nama
torbaatama ni gayanii, dhufanii masjida
seenanii, nabi Muhammad, kan waytii zguhri'ii,
yookaa orra'aa mana seenee hara baafatu'utti
jiru , qooqa ol fuudhanii, akkuma aadaa warra
baadiya'atti naamusa malee, itti lallabanii,
nutti gad bayi je'aniin, nuti warra yoo nama
faarse, nama san ol fuudhuu, kan yoo nama
arrabsine, gad nama buusuu je'aniin. nabi
Muhammad akki je'e: odoo warri adaban qabne kun,
warra hegeree qabu, kan warra akkaan, namicha an
Rabbi ifiin je'u kan dajaal je'amuun lolu, tayuu
baatanii, silaa abaaretan, Rabbi itti kadhee,
Rabbiin isaan fixa je'an .Odoo jarri sun kabajaa
teetif obsanii, taa'anii, Hanga ati itti gad
baatu eeganii, santu isaanif, Rabbiifii nama
birattillee irra caala, Rabbiin nama isaanirraa
qajeelef ni araaramaa, rahgmata isaaf godha,
tanaafuu azaaba isaanitti hin buusin.}
Sahiiha
bukhaari`ii laali . kitaaba hiikkaa suuratul
hgujuraat sababaa aayanni tun buutef baru`uu
jecha. akka asgaab kgumar
عمرqooqa
itti gad qabatu bartaa
.
Diiddamii
shanaffaan :
Odoo nabi hin dubifne waa sadaqatuu . nageenyi
isarratti haa jiraatuu
Waan Rabbiin nabi
Mohammadiin gudiserraa tokko:namni isa dubbisuu
fedhe,dura sadaqaa kennatuu. Khabajaa nabi
Mohammadiif.gaafa duraa sadaqaa baafatuun
dirqama .eegasii dirqii tayuun hafee, sunnuma
taate .
Rabbiin ol taye
akki je'e :
]يأَيُّهَا
الَّذِينَ آمَنُواْ إِذَا نَاجَيْتُمُ الرَّسُولَ
فَقَدِّمُواْ بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَةً
ذَلِكَ خَيْرٌ لَّكُمْ وَأَطْهَرُ فَإِن لَّمْ
تَجِدُواْ فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
*
أَأَشْفَقْتُمْ أَن تُقَدِّمُواْ بَيْنَ يَدَيْ
نَجْوَاكُمْ صَدَقَاتٍ فَإِذْ لَمْ تَفْعَلُواْ
وَتَابَ اللَّهُ عَلَيْكُمْ فَأَقِيمُواْ
الصَّلاَةَ وَآتُواْ الزَّكَاةَ وَأَطِيعُواْ
اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا
تَعْمَلُونَ
[.
سورة المجادلة آية {1213 }
Ma`naan isaa :
{Yaa warra amane, yoo rasuulan wajji kophaa
haasayuu feetan,yoo kophaa maqoo bayee isiniin
wajji haasawuu feetan,odoo isaan wajji maqoo hin
baane. miskiinarratti waa sadaqatuu dursaa
,wanni Rabbiin sadaqa'atti ajajeef nama hundaatu
, asaabaa isaanirraa ,kopha'aan
bayatee,haasoysiisuu heddommeyse ,hanga namni
biraa ,maal haasawan je'ee yaaddayutti, hanga
warri maqoo nabi muhammadiin wajji bayuu
heddommeysu, waytii yookaa yaroo ,isaan duraa
fixe, yookaa balleesse takkatti .dalagaan isaan
eeggattu, heddommaatu'uun wajji. duuba akka
namni maqoo isaanin wajji barbaadu xiqqaatuf
jecha, namni kophaa isaan haasoysiisuu fedhu,
san dura sadaqaa hiyyeessaa kennu'utti ajajame,
kabajaa nabii Mul'isu'uuf , ammallee heyyeessa
fayyadu'uuf , ammallee munaafiqaafii nama
qulqulluu adda baasu'uuf, ammallee nama addunyaa
jaalatuufii, nama aakhiraa jaalatu, adda
fooyu'uuf, duuba eega sanii, nama xiqqaa malee
irraa dhaabbatan, inumaa asaab aliyyi, ana malee
namni biraa, sadaqaa tana, baafatee, nabi
Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
maqo'otti hin dubbifne je'e .Odoo nabi muhammad
hin dubbifne sgadaqaa baafatuun khayrii isinii
qaba, ammallee dili'irraa isin qulqulleessa,
takkaayuu isin xahaarsa, Yoo waan sgadaqattan
dhabdan takkaa argatuu baattan Rabbiin dhiifama
isinii godhee, dilii hin qabdanii, sgadaqa'aan
male'etti Nabi muhammed haasoysiisuu ni
dandeessan,Rabbiin kan namaaf araaramuu,kan
Rahgmata namaaf godhuu.Si yoo odoo Nabi hin
dubbifne, sgadaqaa kennattan, ni hiyyoomnaa
sodaattanii ? hin sodaatinaa, Rabbiitu rizqii
isinii hiraa. isin warri qabu sadaqadhaa ,Yoo
sgadaqaa itti ajajamtan dalaguu baattan,yoo
isinitti ulfaate,Rabbiin sgadaqaa isinirraa
kuffisee , sgadaqaa malee,dubbisuu isinii
baqqaasise ,geessise , Duuba san ifirraa
dhiisa'aa, salaatafii zakaa jabeessaa,
Rabbiifii, ergamaa isaa dhagayuu jabeessaa,
Rabbiin waan isin dalaydan hunda keessa beekaa.}
Diidamii
jahaffaan:Rabbiin
nabi muhammad nuura godhuu nageenyi isarratti
haa jiraatuu .
Waan Rabbiin nabi
Muhammadiin guddiserraa ifaa isa godhuu. ifaa
namni Rabbiin, jiruu gaarii addunya`aa
aakhira`aa isaaf dabarse, isaan qajeelu. ammoo
namni Rabbiin badii zalaalami`ii itti mure ifaa
saniin ibsatuu hin dandayu .
Rabbiin akki je`e
]
قَدْ جَآءَكُمْ مِّنَ اللَّهِ نُورٌ وَكِتَابٌ
مُّبِينٌ * يَهْدِي بِهِ اللَّهُ مَنِ اتَّبَعَ
رِضْوَانَهُ سُبُلَ السَّلاَمِ وَيُخْرِجُهُمْ
مِّنِ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ بِإِذْنِهِ
وَيَهْدِيهِمْ إِلَى صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ
[
.
سورة المائدة آية {
1516 }
Ma`naan isaa:
{ Dhugumaan Rabbirraa nuurri yookaa ifaan
isiniif dhufe, nuurri sun nabi Muhammadi, kan
karaa Rabbii namaaf ibsu, ammallee kitaabni
mul'ataan Rabbirraa isiniif dhufee jira. inni
qur'aana .Rabbiin qur'aanan nama jaalala Rabbii
jala deemu karaa nagayaa qajeelcha. Ammas
Rabbiin qur'aanan dukkanarraa ifa'atti nama
baasa, dukkana kufri'irraa ifaa iimaanatti nama
baasa ,Ammallee karaa qajeello'oo isaan
qajeelcha sun karaa diinaa islaamatii, ifaan
karaa islaamaa lama;sun qur'aanafii hadiisa nabi
Muhammad, namni isaan lamaan qabate dhugumaan
ifaa karaa Rabbii qabatee, kara'arraa maquu ifin
sodaatuu, nagayaan Rabbii isatti gaya} .
Ammas Rabbiin akki
je`e
]يأَيُّهَا
النَّبِيُّ إِنَّآ أَرْسَلْنَاكَ شَاهِداً
وَمُبَشِّراً وَنَذِيراً
*
وَدَاعِياً إِلَى اللَّهِ بِإِذْنِهِ وَسِرَاجاً
مُّنِيراً
*وَبَشِّرِ
الْمُؤْمِنِينَ بِأَنَّ لَهُمْ مِّنَ اللَّهِ
فَضْلاً كِبِيراً
[
.
سورة الأحزاب آية { 4547 }
Ma`naan isaa :
{Yaa ergamaa keenya Muhammad akka warra itti
ergemterratti ragaa baatufi si ergine, dalagaa
isaanii gaari'iifii hamtuu eeydee. dalagaan
ummataa gaafa jiruufii ,eega amri'amanille'ee
isaanirraa fidamtii, torbaanirraa guyyaa tokko.
duuba yoo dalagaan namaa kheyrii taate, galata
Rabbiif galcha. yoo sharrii taate araara
Rabbirraa barbaadaf, akkasuma guyyaa qiyaama'aa
mu'minaaf ragaa bayaa, kaafirarratti ragaa baya,
ragaan isaa qeebalama'aa inni anbiya'aaf, akka
waan ergamaniin ummatatti geessan ragaa baya,
ummata isaanitiif, dhugo'oomsu'uufii ,
kijibsiisuu isaanitiin ragaa baya.Sii nama si
dhugo'oomse jannataan gammachiisu takkaa akka
gammachiiftuf si ergine .Akka nama si
kijibsiise ibiddaan sodaachiftu .Kan karaa
Rabbitti iznii isaatin nama yaamtu .Ifaa
qajeello`oo si goonee , ati akka adu'uutii
mul'ata'aa, namni sin moromu. ati ifa'a. kan
dukkana kufri'ii keessaa bayaniin, nageenyi
Rabbii hoggaa mara isarratti haa jiraatuu .Waan
sifa shanan tanaan beekkamteef sun: { raga
,gammachiissaa, sodaachisaa, yookaa dinniinaa
,qajeelchaa, ifaa ibsaa } taatef warra sitti
amane gammachiisi, Badhaasa, yookaa kennaa
guddoo Rabbi bira isaanii jirtuun sun: jannataa,
kan waan fedhan hunda keessatti argatan }.
Hadiisa Anas ilma
maalikirraa
odeeffame keessatti anas akki je`e :
لما
كان اليوم الذي دخل فيه رسول الله
I
المدينة أضاء من المدينة كل شئ ، فلما كان اليوم
الذي مات فيه رسول الله
I
اظلم من المدينة كل شئ ، وما فرغنا من دفنه حتى
انكرنا قلوبنا
.
رواه احمد وابن حبان والحاكم وصححوه وابن ماجه
Ma'naan isaa :{
guyyaa nabi Muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu Madiinaa seene, wanni Madiinaa keessa
jiru hundi ni ifte. ammoo guyyaan isaan keessaa
du`aan godaanan, madiinan hundi ni dukkanooyte .odoo
awwaalcha isaanirraa hin raaw'atin if wallaalle
hanga qalbii teenya wallaalletti } .
Ahmadiifii nama
biralle`eetu hadiisa kana odeesse
Diiddamii
torbaffaan :
Rabbiin garii shari`aa nabii sami`itti muru .
Waan Rabbiiin
nabiin guddiserraa garii shari`aa isaa sami`itti
wajjabsiisuu. kan akka salaataa .anbiyoonni dur
shari`aan isaanii lafumatti isaanirratti buute.
Nabiyyicha tokkollee kan samii bayee lafatti
deebi`e hin beynu. nabi iisan amma samii jiru
kan sami`ii bu`uudhaa taa`u, shari`aa haarayaan
kitaaba haarayaan hin bu`u. wanni inni firdii
godhuun islaama islaama malee hin qeebalu
Rabbiin nabi Iisa`aan, diin islaamaa malee waan
diin taye hunda lafarraa dhabamsiisi je'een.
Waan Rabbiin samii
keessatti wajjabsiiserraa tokko salaata.
salaanni dura shantamaan wajjabde . eegasii
Rabbiin ummata kanaaf rahgmata godhu`uu jecha ,
shanitti deebise. halkanii guyyaa keessatti
Ammas waan Rabbiin
halkan samii baye san{ halkan mi`raajaa }san
nabi Muhammadii kenne, dhuma suuraa baqara'aati.
ammallee nama Rabbitti waan qindeessiniif dilii
gurgurdoo araaramuu .} M .
odeesse
Ammas waan halkan
san rabbiin isaa kennerraa sawaabni dalagaa
gaari'ii dachaa godhamuu. dalagaan gaarin
takkittiin kudhanitti inumaa hanga dhibba
torbatti namaa hisaabamuu.nama waan gaarii
dalaguu fedhee hin dalagin akka waan waan gaarii
dalagetti isaa hisaabamuu. Yoommoo dalage
kudhanitti isaaf lakkaawamti. yoo waan hamtuu
yaadee dalaguu baate akka waan gaarii takka
dalagetti isaaf hisaabamti. Yoommoo dalage dilii
takkittiidha isarratti hisaabamti. kun hundinuu
waan hadiisa fayyaa qabuun dhufe .
Ammas halkan san
rabbiin isaa akkanaafii akkanaan male'etti
dubbisuu .jibriil suuraa irratti uumameen arguu
rabbii isaa akkanaafii akkanaan male'etti arguu.
Samii torbanii ol dabruu . jannata seenuu.
sidratul muntahaa arguu. ammallee waan biraati
arge .
Diiddamii
Sadeytaffaan :
Rabbiin nabi
Muhammadirraa waan kuffaarri isaan je`u, arraba
isaan isa arrabsan irraa deebisuu.nageenyi
isarratti haa jiraatuu
Waan rabbiin zaata
nabi Muhammadiif godherraa yoo kuffaarri isa
arrabse irraa deebisuu .yoo isaan falfalaa
maraata je`aniin irraa deebisuu. ammoo anbiyoota
isa dura rabbiin isaanirraa hin deebisuu
isaanumaatu ifirraa deebisa .
Rabbiin nuuhirraa
nuu
odeessee akki je'e .
]
قَالَ الْمَلأُ مِن قَوْمِهِ إِنَّا لَنَرَاكَ فِي
ضَلاَلٍ مُّبِينٍ
*قَالَ
يَاقَوْمِ لَيْسَ بِي ضَلاَلَةٌ وَلَكِنِّي
رَسُولٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ
[
سورة الاعراف آية { 6061 }
Ma`naan isaa :{Matootin
ummata Nuuh akki isaan jette ; Nuti akka ati
jallina mul'ataa keessa jirtu si garra , wanni
kana nu garsiisu Rabbii tokkicha qofa gabbaraa
Rabbii biraa hin qabdanii nuun je'uu keeti
je'aniin .Jennaanin yaa ummata kiyya an waa
jallinni nattin jiru , Haa tayuu an ergamaa
Rabbii waa hunda uumeti. }
Ammas Rabbiin
huudirraa
nuu odeessee akki je`e
]
قَالَ الْمَلأُ الَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوْمِهِ
إِنَّا لَنَرَاكَ فِي سَفَاهَةٍ وِإِنَّا
لَنَظُنُّكَ مِنَ الْكَاذِبِينَ * قَالَ يَاقَوْمِ
لَيْسَ بِي سَفَاهَةٌ وَلَكِنِّي رَسُولٌ مِّن
رَّبِّ الْعَالَمِينَ
[
سورة الأعراف آية { 6667 }
Ma`naan isaa:{
Matootin ummata huudirraa kafarte akki jette ,Yaa
{ Huud } ati akkana nuun jechuun , rabbii
tokkicha ibaadaa nuun jechuun , akka ati doofaa
waan beyne taate nu garsiisa.{ safaahaa} jechuun
; wallaala jechu' , Wanni nuti yaannu akka ati
warra kijiburraa taate .Jennaan akki isaanin
je'e ; yaa ummata kiyya An waa doofummaan yookaa
wallaalli nattin jiruu , Haa tayuu an ergamaa
Rabbii waa hunda uumeti.
Ammoo nabi
Muhammadirraa deebisu'uu jecha Rabbiin akki je`e
]
وَمَا صَاحِبُكُمْ بِمَجْنُونٍ
*وَلَقَدْ
رَآهُ بِالأُفُقِ الْمُبِينِ
*
وَمَا هُوَ عَلَى الْغَيْبِ بِضَنِينٍ
*وَمَا
هُوَ بِقَوْلِ شَيْطَانٍ رَّجِيمٍ * فَأيْنَ
تَذْهَبُونَ * إِنْ هُوَ إِلاَّ ذِكْرٌ
لِّلْعَالَمِينَ
[
.
سورة التكوير آية { 2227 }
Ma'naan isaa :
{ Saahibni keessan muhammad kan nuti isinitti
ergine kan isin maraataa jettaniin waa
maraata'aa miti.inni waan Rabbii achitti
ibaaddan dhiisaa Rabbii dachi'ii samii uume
ibaadaa isiniin jennaan. arrabaaf jecha akkas
jettaniin malee, inni nama guutuu .kan jibriil
qur'aana barsiisu,akka nuti itti erginetti. Nabi
Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
dhugumaan jibriil sami'iifii dachii jiddu'utti
argee jira. isaa guflaa dhibba jaha qabu .
suuruma Rabbiin jibriil itti uume guddoo saniin
itti mul'atee. irra hedduu jibriil hoggaa
nabitti dhufu suuraa namaatin itti dhufa . waan
malaaykan waan feete fakkaatuu dandeessuf . haa
tayuu asitti suuraa itti uumameen itti mul'ate .Ergamaan
kiyya Muhammad waan isinirraa fago'oo kan narraa
isinitti odeessu keessatti nama doyn'umma'aan
hamatamuu miti . nama waanin an isinitti geessi
je'een garii isinitti odeessee garii doyn'oomee
isinirraa dhoysuu miti inni arjaa jechuu .Ammas
isiniifan khakhadhaa Qur'aanni kun waan
sheyxaanni warra raaga laaluu himuu miti. Rajiim
jechuun darbamaa jechuu .duuba isin yaa warra
Rabbitti kafare qur'aana kana qeebaluu diddanii
eessa deemtan ? yoo karaa qajeelaa qur'aanni
dhufeen qeebaluu diddan karaa qajeelaa biraa
eessaa argattan ? karaa isaa malee karaan biraa
kan najaa nama baasu hin jiruu Qur'aanni kun
waan biraatii mitii gorsa nama hundaati
qajeelchaa namaatifii jinni'iiti. maalif akkuma
ilmaan namaa kaafiraafii mu'mina qaban,jinniinis
kaafiraafii mu'mina qabdi. duuba qur'aanni waan
insi'iifii jinniin isaan gorfamanii isaan
qajeelanii akkamitti qeebaluu diddan ?! .
Ammas Rabbiin akki je'e
]
فَلاَ أُقْسِمُ بِمَا تُبْصِرُونَ * وَمَا لاَ
تُبْصِرُونَ * إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ
* وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ قَلِيلاً مَّا
تُؤْمِنُونَ * وَلاَ بِقَوْلِ كَاهِنٍ قَلِيلاً
مَّا تَذَكَّرُونَ
*
تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ
[.
سورة الحاقة آية { 3843 } .
Ma'naan isaa:
:
waan uumame,kan isin laaltaniinan isinii
khakhadhaa, ammallee waan isin laaltanii hin
agarreenan isiniif khakhadhaa, Qur'aanni kun
waan ergamaan Rabbii kabajamaan Rabbirraa
isinitti fide waan inni if biraa kaasee je'ee
mitii, qur'aanni kun waan wallisaan baasee miti.
sanumaan wajji isin ittin amantan , hin
dhugo'oomsitan Qur'aanatti amanuun keessan waa
xiqqo sanuu waan isin hin fayyanne isinii hin
tolle ammas qur'aanni kun waan warri raaga
laalu baasee miti. sanumaan wajji waan ergamaan
keenya dhufeenirraa waa xiqqo yaadattanii
qabattan .sun waan akka fira ifitti qabu'uu. kan
akka sadaqaadhaa .kan akka sharmuuxummaa
dhiisu'uu faa. Duuba sun waan nabi Muhammad
dhufeenirraa waa xiqqo waan isaan fayyaduu miti
. maalif waan islaamni dhufeen garii qeebalanii
yookaa eehamanii garii diduun akkuma waan hunda
didu'uuti Qur'aanni kun waan Rabbiin waa hunda
uume ergamaa isaa Muhammadirratti buuse. kan
nabi muhammad qur'aanatti waa takka hin ida'in
kan waanuma nurraa isarratti bu'e isinitti
geesse }
Ammas Rabbiin
akki je`e :
]
فَذَكِّرْ فَمَآ أَنتَ
بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِكَاهِنٍ وَلاَ مَجْنُونٍ
[.
سورة الطور آية { 29 }
Ma'naan isaa:
{qur'aanan nama gorsi, yaadachiisi. ati nama
guutuu Rabbiin qur'aana irratti buusee
qananiisee. ati nama raaga laaluu miti.
maraata'aa miti. ati nama Rabbiin haalaa amalaan
guute. isaanuu ni beekhanii . tanaafuu Muhammad
amanamaa je'anii si yaaman, bulchaa isaanii
keessatti} .
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]
وَمَا عَلَّمْنَاهُ الشِّعْرَ وَمَا يَنبَغِي لَهُ
إِنْ هُوَ إِلاَّ ذِكْرٌ وَقُرْآنٌ مُّبِينٌ
[
.
سورة يس آية { 69 }
Ma`naan isaa:
{Nuti nabi muhammad walaloo hin
barsiifne..walaloo je'uun, nabiif hin laaftu.
inillee walaloon isaan hin maltu . wanni nabi
muhammad isinittiin dhufe, waan biraatii miti .Zikriidha,
gorsa ,Qur'aana heerafii waan birallee mul'isu
ibsu.}
Diiddamii
saylaffaan
nagayaafii rahgmata isarratti buusun ,kan addaan
hin cinne tayuu. nageenyi isarratti haa
jiraatuu .
Waan rabbiin
nabiin guddiserra salaanni rabbiin isarratti
buusufii kan malaaykan irratti buuftu kan
zalaalami`ii kan addaan hin cinne tayuu. akkuma
Rabbiin wara amane hunda rahgmata isarratti
buusu'utti ajaje .rahgmataafii nageenyi
isarratti haa jiraatuu}
Rabbiin akki je`e
:
]
إِنَّ اللَّهَ وَمَلاَئِكَـتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى
النَّبِيِّ يأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُواْ صَلُّواْ
عَلَيْهِ وَسَلِّمُواْ تَسْلِيماً
[.
سورة الأحزاب آية { 56 }
Ma`naan isaa :{
Rabbiifii,malaaykan isaa , nabirratti salaata
buusanii,Yaa warra Rabbitti amane isinis
nabirratti rahgmataafii nagaya buusuu
heddommeysaa,{allaahumma sgalli wasallim
kgaleyhi } je'aadhaa ,Rabbiin nabirratti
salaata buusun rahgmata isaa godhee,isa guddisuu.
Rahgmanni Rabbiin nabirratti buusu,waan addaan
hin cinne. Ammoo rahgmanni malaaykan nabirratti
buuftu, yaa Rabbi rahgmata nabiif godhi jettee,
du'aa'ii isaaf gootee istighfaara yookaa araara
nabiif Rabbirraa barbaadu'. ammoo salawaanni
mu'minni nabirratti buusu, makgnaan isaa: ifii
rahgmata qabaatanii nabirratti hin buusanii yaa
Rabbii keenya nagayaafii, rahgmata
kee,nabiyyicha kee, kan isa, nuu ergitee, karaa
kee nu qajeelchiterratti buusi, jechu'u, wanni
mu'minni Rabbirra rahgmata isaa nabiif,
barbaaduf nabiitu haqa isaanirraa qaba
jecha'uufi, nabiyyiin rahgmata mu'minaati, isaa
je'eeti Rabbiin mu'minaaf rahgmata godha, nama
hoggaa takka nabirratti nagaya buuse, Rabbiin
hoggaa kudhan irratti buusa, nama hoggaa
du'aa'ii godhatu'uu ka'e bakka ifii du'aa'ii
godhatu, rahgmata nabirratti buuse, Rabbiin waan
addunya'aafii aakhira'arraa itti yaaddayee
barbaadu hunda isaaf kenna, salaata kgalannabiin,
irra caalaa ibaada'aati, ibaadan Rabbiin ifii
dalagu, tan malaaykan dalaydu, tan mu'mina itti
ajaje, salaata alannabiidha, nabi Muhammad
nageenyi isarratti haa jiraatuu, nama rahgmata
isarratti buuse, maqaa isaatifii kan abbaa
isallee beekhee, hoggasuma irratti deebisa,
ulamaan eega nabirratti salawaata buusun waajiba
jechu'urratti walii galee,hanga wajjabuufii,
bakka itti wajjaburratti wal dhaban.
Imaamusshaafi'iin halkanii guyyaa keessaa,
hoggaa shan salawaata irratti buusuu je'a, sun
salaata fardgi'ii hunda, tashahhuda boodaa
keessatti je'a, gariin ulama'aa umrii keessaa
hoggaa takka je'a, gariin isaanii teessuma hunda
keessatti je'a, gariin hoggaa maqaan isaanii
dhawame hunda je'a, gariin ulama'aa hangana
jechu'uun male'etti heddommeessuu je'a. nabi
muhammad wanni je'e: namni guyyaa qiyaama'aa
isinirraa akkaan natti dhiyaatu nama salaata
narratti buusuu irra heddommeysu..keessattuu
guyyaa jumkgaadhaa ,walii galatti
salaata'alanabiin, darajaa guddoo ibaadaa hunda
keessaa qaba, waan hogguma san nabitti
geeffamuuf jecha, inni maqbuuli namni bakhiila
yookaa dooyn'a je'amu nama hoggaa maqaa nabi
muhammad dhagaye rahgmata irratti hin buufne ,jarri
sheenayu:jara bakka takka wajji taa'ee, odoo
nabirratti rahgmata hin buusin, addaan yaa'u,
namni du'aa'in isaa hin qeebalamne : nama
du'aa'ii godhatee nabirratti, aalii isaanirratti
rahgmata hin buusini, namni salaata alanabii
dhiisu, nama haqa Rabbii kan nabi muhammad
balleesse, faa'idaan salaat alanabii afurtamii
oli itti jabaadhaa ni milkooytanii .
Jechi{
يصلون }ni
buusan je`u kun: irratti buusun haarayoomu`uu
zalaalamii deemuu beysiisa.
salaanni
rabbiin nabirratti buusu addaan hin citu jechuu
.
Sawaabni mu`minaa
hoggaa nabirratti rahgmata tokko buuse rabbiin
rahgmata kudhan irratti buusuu
hadiisa muslim
odeesse keessatti
nabiin akki je`e:
من صلى عَلَىَّ واحدةً صلى الله عليه عشرا
Ma`naan isaa:
{nama rahmata tokkicha narratti buuse, rabbiin
kudhan irratti buusa je`an}
Rabbiin gabricha
isarratti rahgmata buusun dukkana keessaa baasuu.
waan inni fedhu isaa kennu . M,odeesse
Rabbiin akki je`u
:
]هُوَ
الَّذِي يُصَلِّي عَلَيْكُمْ وَمَلاَئِكَتُهُ
لِيُخْرِجَكُمْ مِّنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ
وَكَانَ بِالْمُؤْمِنِينَ رَحِيما
[
سورة الأحزاب :43.
Ma'naan isaa:{
Rabbiin, isa isaafii malaaykan isaa salawaata
isinirratti buuftu dukkana keessaa isin baasu'uu
jecha . rabbiin rahmata isinii godha malaaykan
du'aa'ii isinii gooti} jechuu.
|