
KUTAA TOKKOFFA`AA
1
-
qooda Lammaffaa :Waan Rabbiin Nabi Muhammad ,
nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti
guddiseen.
Shantamii
saylaffaan :Liwaa'ulhamdi{لواء
الحمد
nabiif
kennamuu.
Tanaan dura
hadiisa ubaadaa
ilma saamit keessatti wanni nabiin je'e {
guyyaa qiyaama'aa xilaan gaaddisaa harka kiyya
keessa jira } jechuu.
Ammas hadiisa ilma
abbaas
keessatti wanni dhufe : jecha nabii {
liwaa'lhamdi gaafas harka kiyya keessa jira
dhaaddanna'aaf hin je'uu } jechuu.
Hadiisni nabiin
liwaa'ul hamdi keessatti dubbate sahiihni hedduu.
Jahaatammaffaan:kursiidhatu
nabi muhammadiif nageenyi isarratti haa jiraatuu
mirga arshi'ii kaayama.
Inni kun nabiif
malee nama biraatif hin kennamne isa malee
namni biraa bakka san hin dhaabbatu .
Hadiisa abuu
hureyra'arraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu akki je'e :
فأُكسى
حلة من
حلل الجنة ، ثم اقوم عن يمين العرش ، ليس لأحد من
الخلائق يقوم ذلك غيرى رواه
الترمذى وحسنه .
Ma'naan isaa :
{nabiin wanni je'an : Faaya jannataatin
uwwifama.eegasii mirga arshi'iitin dhaabbadha .na
malee nam tokkolleen khalqiidharraa, namni bakka
san dhaabbatu hin jiru }.
hadiisni kun
hadiisa nagaya qabuu T.odeesse,
Abdullaahii ilma
salaam
Rabbi isarraa haa jaalatuu hadiisa isarraa
odeeffame keessatti akki je'e:
إن أكرَم خلق الله على الله أبو القاسم
I
ثم قال : فإذا كان يوم القيامة بعثَ اللهُ
الخليقةَ أمةً أمةً ، ونبياً نبياً ، حتى يكون
أحمدُ وأمتُه آخر الأمم مركزاً، قال: فيقوم
،فيتبعه أمتُه بَرُّها وفاجِرُها، ثم يوضع جسرُ
جهنم، فيأخذون الجسر فيطمس الله أبصارَ أعدائه ،
فيتهافتون فيها ، من شمال ويمين ، وينجو النبي
I
والصالحون معه ، فتتلقاهم الملائكة،فتريهم منازلهم
من الجنة :على يمينك ،على يسارك حتى ينتهى الى
ربه عزوجل فيُلْقى له كرسى عن يمين الله عز وجل،
ثم ينادى مناد : أين عيسى وأمته ...الحديث } رواه
الحاكم وصححه واقره الذهبى.
Ma'naan isaa :
{ irra caalan khalqi'ii Rabbi biratti abbaa
qaasimi nageenyi isarratti haa jiraatuu
.Abdullaahii ibnu salaam akki je'e :gaafa
qiyaaman taate Rabbiin nama hunda ummata
ummataan kaasa. nabiyyii nabiyyi'iin kaasa.
hanga warri booda achi dhufu Ahmadiifii ummata
isaa tayutti. duuba nabi muhammad ka'eeti deema.
duuba ummanni isaa gaari'iifii hamaan ka'eeti
jala deema .duuba eegasii dildilli iibidda
jahannam gubbaa kaayama. duuba nabiifii ummanni
isaa dildila kuran duuba Rabbiin warra badaa ija
baysee .dildila sanirraa mirgaa bita'aan ibidda
jannamitti harca'an.Ammoo nabiifii warri gaarin
isaan wajji jiru nagaya bayan, duuba malaaykan
isaan afaan baatee, mana isaanii kan jannata
keessa jiru, mirgaa bita'aan isaan garsiisan
hanga bakka Rabbiin isaanii fedhe gayanitti.
duuba kursiin nabiif kaayamteeti ,taa'an
.eegasii namni lallabu'utti ajajame lallaba,
Iisa'aafii ummanni isaa eessa jiran je'ee }.
hadiisa kana
haakimiitu odeesse inni hadiisa fayyaa qabu
Jahaatamii
tokkoffaan :
Nabiin nama anbiyoota hundarra guyyaa
qiyaama'aa,ummata yookaa nama isa jala deemu
heddommaatu .
Hadiisa Muslim
Anasirraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je'e :
أنا
اكثر الانبياء تبعا يوم القيامة } وفى رواية { لم
يُصدَّق نبيٌّ من الانبياء ما صُدِّقت ، وان من
الانبياء نبيا ما يصدقه من امته الا رجل واحد
رواهما مسلم
Ma'naan isaa : {
an guyyaa qiyaama'aa nama anbiyoota hundarra
ummata heddommaatu, nabiyyiin tokkolleen akkan
an dhugo'oomfametti hin dhugu'oomfamne.
Anbiyootarraa nama nam tokko malee namni ittin
amaniniitu hin dhugo'oomsiniitu jira}
hadiisa
kana M. odeess
Hadiisa Muslim ilm
abbaasirraa
nuu odeesse keessatti nabiin akki je'e
عُرضتْ
عليَّ الأمم ، فرأيت النبي ومعه الرُّهيط ، والنبي
ومعه الرجل والرجلان ، والنبى ليس معه أحد ، اذ
رفع لى سواد عظيم فظننت انهم امتى فقيل لى هذا
موسى
I
وقومه ، ولكن انظر الى الأفق ، فنظرت فإذا سواد
عظيم ، فقيل لي انظر الى الأفق الآخر فإذا سواد
عظيم فقيل لى هذه امتك ،ومعهم سبعون الفا يدخلون
الجنة بغير حساب ولا عذاب } متفق عليه واللفظ
لمسلم.
Ma'naan isaa :
{nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatu,
akki je'e : suuran ummata hundaa na dura
fidamteetan arge. wannin arge nabiyyii tokko kan
namni xiqqaan wajji deemu .Ammas nabiyyii tokko,
kan namni tokko yookaa namni lama qofti wajji
jiru ,nabiyyii tokko kan nam tokkolleen wajjin
jirren arge. duuba odo'on akkasitti jiruu nama
hedduu gurraachumu argee jarri akkasitti
heddu'uu sun ummata kiyya tayuu seye .duuba
wanni naan je'ame tuutti guddoon tun,
Muusa'aafii nageenyi isarratti haa jiraatuu
ummata isaati.haa tayuu mee gama kana achi laali
naan jennaan laalee, tuuta hedduu dachi'iifii
samii jidduu guuttu tan heddommina keessa
gurraachomtun arge .Ammas mee gama kaan achi
laali naan je'ame yoon achi laalu tuuta guddoo
dachi'iifi samii jidduu guuttu tan heddommina
keessa gurraachumtun arge duuba wanni naan
je'ame Tuutti hedduun tun ummata keeti. isaanin
wajji kum torbaatamaatu gaafi'iifii yakkamaan
male'etti jannata seena}.
hadiisa kana M. odeesse jecha kanaan.
Hadiisni kun
heddommina
nama nabi jala deemuti addeessa .
Jahaatamii
lammaffaan:Nabiin
guyyaa qiyaama'aa gooftaa warra duraatifii warra
boodallee nageenyi isarratti haa jiraatuu.
Wanni Rabbiin nabi
Muhammad qofaa kenne: guyyaa qiyaama'aa nama
hundaa mul'ise sayyid yookaa caalaa warra
duraatifii warra boodaa isa godhuu.
Hadiisa Muslim
abuu hureyra'arraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je'e :
أنا
سيد الناس يوم القيامة وهل تدرون بِم ذاك ؟ يجمع
الله يوم القيامة الأولين والآخرين فى صعيد
واحد فيسمعهم الداعى وينفذهم البصر ، وتدنو الشمس
فيبلغ الناس من الغم والكرب ما لايطيقون وما
لايحتملون } ثم ذكر حديث الشفاعة وكيف يأتون
الأنبياء واحدا واحدا ثم ما يكون منه صلى الله
عليه وسلم وسجوده تحت العرش وشفاعته صلىالله عليه
وسلم ...} الحديث بطوله متفق عليه واللفظ لمسلم
Ma'naan isaa :{nabiin
akki je'e : An guyyaa qiyaama'aa caalaa warra
duraatifii warra boodati Wannin caalen maali
beytuu ? anaatu isinii himaa: wannin caalen
Rabbiin guyyaa qiyaama'aa warra duriifii warra
boodallee dirree takka keessatti walitti qaba
kan namni hunda saanii dhagayu. kan ijji hunda
saanii gartu. kan Aduun mataa isaanitti gad
dhiyaattu.kan namni cinqii isaan ba'atuu hin
dandeenye keessa jiru. Duuba cinqii tana
keessaa bayuu barbaadan odoo gara ibiddallee
oofamanii. duuba ka'aniiti aadamitti dhaqanii
ati abbaa keenyaa waan keessa jirru ni gartaa
Rabbi nuu khadhu, haa asumaa nu oofuu je'aniin .
jinnaanin an ifiifuu soda'an qabaa, Rabbiin
dallansuu takkaa hin dallanin dallanee jiraa
,mee Nuuh bira dhaqaa haa isinii Rabbi
khadhatuu,Nuuhis anaa mitii Ibraahiim bira
dhaqaa, ibraahiimis naa mitii Muusaa bira
dhaqaa. Muusanis anaa mitii iisaa bira dhaqaa.
Iisanis anaa mitii an ifiifuu soda'an
qabaa,Rabbi je'eeti namni Rabbii achitti na
gabbaree, ar'a namni khalqii furu nabi Muhammad
malee hin jiruu nabi Muhammaditti dhaqaa je'aan.
Akkasitti nabi muhammaditti dhaqanii rakkoo itti
himatan. hoggaa san Nabi Muhammad ar'a dubbiin
tiyyaa anaatu Rabbirra araara isinii barbaadaa
Rakkoo tana keessaa ni baatanii abshiiruu
gammadaa je'aan. achirraa {MUBASHIR} je'ame
.duuba ka'eeti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu Arshii jalatti sujuuda . duuba Rabbiin
nabi Muhammadiin sujuudarraa mataa ol fudhuu
waan feetu khadhadhuu argadhu .duuba nabiin yaa
Rabbi gabroottan kee kan asitti cinqame kana,
namuu gara waan inni haqa godhatuu oofi je'ee
Rabbi khadhata. Akkasitti Rabbiin warra dirree
qiyaama'atti waliin cinqame adda baasee adda
yaasa .akkanatti nabiin rabbi biratti caalaa
khalqi'ii tayuun namuufuu beekkame .
Jahaatamii
sadaffaan :
Nabi muhammad nama dura dursoo nama shafa'u. kan
shafaa'an isaa qeebalamtu.
Waan Rabbiin nabi
muhammad qofaa kennerraa ,inni nama dura dursoo
dirree qiyaama'aa keessatti nama shafa'u.
ammallee nama dura dursoo jannata keessatti nama
shafa'u.kan shafaa'an isaa qeebalamtu . kun waan
namuu anbiya'aafii. namni biralleen beekhu.
Hadiisa Muslim
abuu hureyra'arraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je'e :
أنا
سيد ولد آ دم ، واول من ينشق عنه القبر، واول
شافع ، وأول مشفع
رواه
مسلم
Ma'naan isaa :
{An nama Rabbiin caalaa ilmaan aadamaa
godhe,ammallee an nama dura dursoo qabriin
irraa baqayxu. ammallee an nama dura dursoo nama
shafa'u. kan shafaa'an isaa qeebalamtu}
muslimtu odeesse .
Hadiisa anas kan
Muslim
odeesse keessatii nabiin akki je'e :
}أنا
أول الناس يشفع فى الجنة. } وفى رواية {انا أول
شفيع فى الجنة } رواه مسلم
Ma'naan isaa :
{An nama dura dursoo jannata keessatti nama
shafa'u jechuu }M.o
Jahaatamii
afraffaan
Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu
gammachiisaa warra duraatifii, warra boodati.
Wanni Rabbiin
nabi muhammadiif kenne, kan nama biraatii hin
kennin akka namni hundi , anbiya'aafii namni
biralleen shafaa'aa barbaadaf gara isaa jigee,
nabiin isaan shafa'ee, rahmata Rabbiitin isaan
gammachisu godhu'uu .
Hadiisa anas
saahibni Rasuula nuu
odeesse keessatti anas akki je'e
حدثنى نبى الله
I{انى
لقائم انتظر امتى تعبر على الصراط ، إذ جاءني عيسى
(عليه السلام) فقال : هذه الأنبياء قد جاءتك
يامحمد يشتكون او يجتمعون اليك يدعون الله ان يفرق
جمع الأمم الى حيث يشاء الله لغم ما هم فيه
،والخلق ملجمون فى العرق ،واما المؤمن فهو عليه
كالزكمة .واما الكافر فيغشاه الموت قال: قال: عيسى
انتظر حتى ارجع اليك، فذهب نبى الله
I
حتى قام تحت العرش ،فلقى ما لم يلق ملك مصطفى ولا
نبى مرسل فأوحى الله عز وجل الى جبريل :اذهب الى
محمد فقل له ارفع رأسك سل تعط ،واشفع تشفع . قال
فشفعت فى امتى .. }
رواه
احمد بسند صحيح.
Ma'naan isaa :{Anas
akki je'e:Ergamaan Rabbii wanni naa odeesse ,
guyyaa qiyaama'aa anaa dhaabbatee ummata kiyya
siraaxirra dabruu eegu, Iisan nageenyi isarratti
haa jiraatuu natti dhufee wanni naan je'e: yaa
Muhammad hunoo anbiyoonni kun, sitti dhufanii
sirratti wal gayanii ,rakkoo himatan,Rabbiin
warra dirree qiyaama'atti wal gayee rakkate,
asumarraa gara Rabbiin fedhe oofamuu khadhatanii
, rakkoon jabaatuu keessaa , namni kuffaaraa
huurka'aan luugamee.Ammoo mu'minni akka waan
dunfafne qabee itti tayee, kan kaafira duuti isa
hagooydu. duuba nabiin nabi iisa'aan akki je'e :
asitti na eegi sittin deebi'aa je'ee, biraa
deemee, arshii jala dhaqee, sujuudee waan
malaayan tokko, ergamaan tokko , takkaan argatin
Rabbiin kenneefii, du'aa'ii san dura hin beyne
itti banee du'aa'ii saniin Rabbi khadhate. Duuba
rabbiin jibriil nabitti ergee wanni je'een
sujuudarraa mataa kee ol fuudhii waan feete
khadhdhu .sirraan qeebalaa siifan kennaa je'een
.duuba nabiin akki je'e: Rabbii kiyya kadheetan
ummata kiyya shafa'a}.
hadiisa kana
Ahmadiitu odeesse karaa fayyaa qabuun
Jahaatamii
shanaffaan
waan Rabbiin nabi mahammad barsiisu hoggaa
arshii jalatti sujuudu waan takkaa isa dura nam
tokkollee hin barsiisin kan isa boodallee nam
tokko hin barsiifne.
وعن ابى بكر الصديق رضى الله عنه قال: { اصبح
رسول الله
I
ذات فصلى الغداة ، ثم جلس ، حتى إذا كان من الضحى
ضحك رسول الله
I
، ثم جلس مكانه حتى اذا صلى الأولى والعصر
والمغرب كل ذلك لايتكلم ،حتى صلى العشاء الآخرة ،
ثم قام الى اهله ، ثم قال الناس لأبى بكر ألا
تسأل رسول الله
I
ما شأنه ؟ صنع اليوم شيئا لم يصنعه قط .قال فسأله
فقال: {نعم} عرض على من امر الدنيا وامر الآخرة
فجمع الأولون والآخرون فى صعيد واحد ..} ثم ذكر
طلب الناس من الأنبياء ان يشفعوا لهم ..وفيه قال
:فيذهب ليقع ساجدا فيأخذ جبريل عليه السلام بضبعيه
{عضديه اوتحت ابطيه } فيفتح الله عز وجل عليه من
الدعاء شيئا لم يفتحه على بشر قط .} رواه احمد
واللفظ له وابويعلى بنحوه ، والبزار ، ورجاله ثقات
Ma'naan isaa :
{ Abuu bakrissiddiiq akki je'e : gaaf tokko nabi
Muhammad hoggaa bariyu salaata subi'ii salaatee
taa'e hanga yaroon waari'ee geessutti. Duuba
kuflanii ka'anii duhaa salaatanii bakka
isaanitti deebi'anii taa'an. hanga zuhriin
gayutti. duuba ka'anii salaata zuhri'ii
salaatanii bakka isaanitti deebi'anii taa'an
ammas salaata asri'ii ,salaata maghribaa
salaatan .kan waa takka hin dubbanne hanga
salaata ishaa'iidhaa salaatanii ka'anii warra
isaanii dhaqanitti. duuba ummanni,wanni abuu
bakriin je'e: ar'a nabiin waan takkaa hin
dalagin dalagee maa waan akkas dalaganiif hin
gaafanne je'aniin. duuba akkasitti gaafatee mee
waan dalaydan kana nuu addeessaa je'een :duuba
tole je'anii wanni je'aniin :amriin addunya'aa
aakhira'aa hundi narra fidamte, kan warri duraa
boodaa dirree takka keessatti walitti qabaman.
duuba nabiin rakkoo warri dirree qiyaama'aa
keessa jiru, akka isaan anbiyootarra isaan
shafa'uu barbaadanii ,anbiyoonni teenyafuu
sodaannee, Rabbiin ar'a dallansuu takkaa hin
dallanin dallanee deema'aa Muhammaditti dhaqaa
je'anii ummata gorsan .duuba hoggaa nabitti
dhufanii rakkoo itti himatan, nabi Muhammad
Wanni je'e: {ana lahaa ana lahaa} ana namni isin
shafa'u .ana namni isin shafa'u je'anii Rabbiif
sujuudaf lafa dhawan. Duuba jibriil irree
isaanii lamaan qabe. yookaa bobaa isaanii lamaan
qabe. duuba Rabbiin du'aa'ii takkaa nam
tokkollee hin barsiisin na barsiisa je'an}
hadiisa kana
ahmadiifii abuu ya'la'aafii bazzaartu odeesse.
Hadiisa anasirraa
nuu
odeeffame keessatti nabiin akki je'e :
يُطوَّل
الله يوم القيامة على الناس فيقول بعضهم لبعض
:انطلقوا الى آدم ابى البشر فيشفع لنا الى ربنا
عز وجل فليقض بيننا ....} الحديث وفيه { فأخرُّ
ساجداً فأحمد ربي بمحامد ، لن يحمده بها احد كان
قبلي ، ولا يحمده بها احد كان بعدي فيقول: ارفع
رأسك وقل يُسمع منك ، وسل تعطه ، واشفع تشفع
....} الحديث . رواه احمد واللفظ له واصل
الحديث عند البخارى ومسلم
Ma'naan isaa :
{guyyaa qiyaama'aa Rabbiin namatti dheeressa.
duuba gariin isaanii gari'iin akki je'u: Mee
deema'aa abbaa keenya aadamtti dhaqaa haa rabbi
nuu khadhatuu. akka firdii godhee, cinqii tana
keessaa gara fedhe nu oofu.duuba aadam an
tiyyaafuu balleessa'an qaba, je'ee Rabbi isaanii
khadhatuu dida eegasii nabi nuuhitti dhaqan.
inninis ni dida. eegasii ibraahiimitti dhaqan
inninis ni dida .eegasii muusa'atti dhaqan
inninis ni dida .eegasii nabi iisa'atti dhaqan
inninis an tiyyaafuu soda'an qaba. namni Rabbi
je'eeti Rabbii achitti na gabbaree nabi
Muhammaditti dhaqaa je'aan.duuba hoggaa nabi
Muhammditti dhaqan: nabiin ana saahibni
shafaa'aadhaa anaatu Rabbi isinii khadhataa ,Rabbiin
akka narraa qeebalu baallama naa seenee,
gammadaa je'eenii,gammadan.duuba nabiin sujuudaf
bu'ee faaruu takkaa namni isa dura Rabbi hin
faarsiniin kan isa boodallee faaruu saniin
Rabbin faarsineen sujuuda keessatti nabiin Rabbi
faarsee, duuba Rabbiin, nabiin sujuudarraa mataa
ol fuudhii, waan feetu nan je'i siifan dhagayaa
waan feete na gaafadhu siifan kenna abbaa feete
shafa'i siifan qeebalaa je'eeni. duuba nabiin
warra dirree qiyaama'atti gubate san jiddu'utti
dubbii laalee , namuu gara waan inni haqa
godhatuu oofuu Rabbi khadhate .duuba Rabbiin
irraa qeebalee, warra dirree qiyaama'atti gubate
san adda baase . kan jannata haqa godhatu gara
jannataa yaasee ,kan azaaba haqa godhatu gara
azaabaa yaasa .yaroo xiqqoo keessatti{hadiisa
kana ahmadiitu ,odeesse. Bukhaari'iifii muslim
keessallee ni jira
Jahaatamii
jaheessun
Minbari isaanii kan isaan addunya'arratti irra
dhaabbatanii dubbatuu turan .hawdii isaanii
gubbaa dhaabatuu .rahmataa nageenyi irratti haa
jiraatuu .
Hadiisa abuu
hureyra'arraa odeeffame keessatti nabiin akki
je'e:
ما
بين بيتي ومنبري روضة من رياض الجنة ، ومنبرى على
حوضي متفق عليه
Ma'naan isaa :{
mana kiyyaafii minbara kiyya jidduu caffee,
caffee jannatarraa taatetu , jira.Minbarri kiyya
guyyaa qiyaama'aa, hawdii kiyya gubbaa
dhaabbata }. Hadiisa kana bukhaari'iifii
muslimtu O.
Ammoo eega namuu
jannata seenee dalagaan hawdi'ii alatti dhumtee,
minbarri nabii tura'aa maagada guddaa jannata
keessa jiru gubbaa dhaabbata.
Hadiisa abuu
hureyra'arraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu akki je'e:
منبري
هذا على ترعة من ترع الجنة
Ma'naan isaa :
{
minbarri kiyya kun maagada jannata keessa jiru
gubbaa dhaabbata jechuu.}
hadiisa kana
beyhaqi'iifi ahmaddu odeesse.
Ammas Hadiisa ummu
salama'arraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti ha
jiraatuu akki je'e
ان
قوائم منبري هذا رواتب فى الجنَّة
Ma'naan isaa :{
Nabi Muhammad akki je'e: miilli Minbara kiyyaa
biyyee jannatarraa fuudhamte gubbaa dhaabbata}
nasaa'iidhafii ahmaddu
|