شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
GUDDINA NABI MOHAMMED

duree

 KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
GUDDINA NABI MAHAMMED RABBI BIRAA QABU NAMAA IBSU

   
 

 

KUTAA TOKKOFFA`AA

1 - qooda Tokkoffaan : Waan Rabbiin nabi muhammad, nageenyi isarratti haa jiraatuu, addunyaa tanarratti guddiseen :

Soddommaffaan : israa`afii  mi'raaja

{Israa'a} jechuun :halkan tokko keessa makkaa ka'ee beytulmaqdis dhaquu. Ammoo { mi'raaja } jechuun  beyt-ulmaqdisirraa ka'ee  samii torbanii ol dabruu .halkanuma tokko keessatti.

Waan rabbiin nabi mohammadiin gddiserraa, isra-a`afii mi`raaja, waan halkan san isaa kanneen wajji. kan akka beytulmaqdisitti imaama tayee anbiyootafii ergamo-ota rabbiitin salaatu`uu.ammallee waan gugurdoo rabbiin uume isa garsiisu'uu .ammalle halkan san rabbii isaa arg-u`uu. Akkanaafii akkanaan male`etti. Jibriil isaan jidduu jiraatu`uun male`etti Rabbi dubbisuu .ammallee sidratul muntahaa arguu. jannata seenuu .ibidda arguu. samii tor-ban dabruu. darajaa anbiyootaa arguu nageenyi isarratti haa jiraatuu. salaalata shanan isaa kennuu. dhuma suuraa baqara`aa isaa kennuu .sawaabni waan gaari`ii dachaa go-dhamuu .jechi { walaa hgawla walaa quwwata illaa billaahi} je'u bakka arshii jala jirturraa fuudhee isaa kennuu. jibriil suuraa guddoo inni itti uuma-meen arguu. Anbiyoonni  hundi akka inni nabiyyii erga-maa taye arga'aan beekhuu,ammallee waan halkan mi`r-aajaa san rabbiin isa barsiisee garsiise kan rabbi malee nam tokkolleen malaayka`aafii nabiifii rasuulli hin beyne  isaa kennuu .

Israa`ni qur`aanan ragga`e. ammoo mi`raajni hadiisa namni hadduun odeessen ragga`e  .

Rabbiin akki je'e :   

 ] [.          { 1 }

Ma'naan isaa : { Rabbiin waan isaan hin malle hu-ndarraa qulqullaaye,Kan gabricha isaa Muhammad halkan keessaa deemsise , isaa dhagayu waytii xiqqoo keessatti Makkarraa, Hanga beytulmaqdisitti ,Masjidul'aqsgaa ,kan maddii isaatitti barakaa diiniifii dunya'aa buufne, lagoot-i'iifii ,midhaan isaa heddommeysinee ,bakka anbiyoonni itti heddommaatu goonee. Beytulmaqdis biyya shaam ji-raa, ammoo amma falasxiinin beekkamaa, hanga amna guyyaa afurtamaati dhaqaa galatti makkarraa fagaata, du-uba Rabbiin halkanirraa, waytii xiqqoo keessatti masjida makkaatii, nabi muhammad kaasee, malaaykan waan ya-abbatu, tan harre'ee olii ta gaange'ee gadii, tan buraaq je'-amtu, fiddeefii masjida beytulmaqdis je'amu dhaqee, achitti anbiyoonni  hundi dhufee, isaan qeebalanii, imaa-ma tayee, isaanin salaatee, achirraa ammas, wanni samii-dhan koru dhaabbamteefii, samii torban dabree, isaa warra samii keessa jiru, malaayka'aafii anbiyaa isa qeebalu'uuf salfii baaterratti salaammatu bakka takkaa malaaykan hin gayin,kophaa isaa gayee, Rabbii isaa argee, kan akkanaa-fii akkanattin argee himuu hin dandeenye, achitti Rabbiin waan beekkomsa taye hunda kenneefii, waan uume hunda garsiisee, jannataafii warra jannataa, ammallee azaabafii warra azaabaa garsiisee, halkanii guyyaa keessatti salaata shan kan sawaabni isi'ii shantamaa, irratti wajjabsiise, Ammas namni ummata keetirraa waan hamtuu dalagu'uu ka'ee, dalagu'urraa dhaabbate, homaa isarratti hin katabu, ammoo yoo dalage dilii takkitti'in isarratti kataba. ammoo nama waan gaarii dalagu'uu ka'ee, irraa oole, sawaaba to-kkon katabaafi,yoo dalage sawaaba khudhanan katabaaf je'ee gammachiisee akkasitti nabi muhammad karaa dha-qeen makkatti deebi'ee, ganama halkan sanii masjida ma-kkatti bayee waan halkan san arge warra makkatti odee-sse, odeysinaan ,abuubakri dura dursoo dhugo'oomsee achirraa {abuubakrissaddiiq } je'amee yaamame, saddiiq jechuun: dhugo'oomsaa jechu'uu. ammoo kuffaarri mak-kaa kan nabi muhammad kijibsiisuu ture, waan nabi mu-hammad je'u dhageenyan,ar'uma kijibsiifnaadhaf, akki je'an: Muhammad biyya shaam tan nuti hoggaa naggadaaf yaanu ,guyyaa afurtamatti dhayn'u, halkan tokkottan dha-qee gale, je'aa, bayaa je'aniiti irratti wal gayanii, mee be-ytilmaqdisii dheyxe san, akka isaa nuu himi je'aniin, nabi muhammad san dura hin dhayn'ee, ammoo weytiin amma dhaqes halkani, ormi kuffaaraa akkaan beytulmaqdis bee-kka, duuba hoggaa san jibriil suuraa beytulmaqdis nabi Muhammad dura qabee waan kuffaarri irraa gaafate, ta-kka takkaan himeef, duuba kuffaarri wanni nabi muha-mmad je'u dhugaa tayuu garraan waan biraa tan nabi Mu-hammadiin kijibsiisan barbaadaf, naggaadee isaanii,tan shammadaaf, shaam dheyxee,dhufaaf karaa jirturraa gaaf-annaan, bakka akkanattin bira dabree, guyyaa akkanaati saa'aa akkanatti kan gaalli akkana dura deemu makka see-ntii je'een, akkasitti eeganii, akkuma nabi muhammad je'etti galte , wanni Rabbiin waan dachi'ii samii keessatti uume hunda, halkan san nabi muhammad garsiisef nabi muhammad guddisu'uufi, akkasuma waan kuffaarri isa godherratti isa sabarsiisu'uufi, maalif nabi Muhammad kuffaara makkaa islaamatti yaameti, irraa qeebaluu did-anii, zamana dheeraa miidhaa guddoo isa miidhan, duuba nabi Muhammad ka'eeti diinaa Rabbii biyya biraa dhaqee facaasu'uu jecha, biyya {xaa'if } je'amtu dhaqee, na qub-siisa'aa, diin facaasu'urratti na gargaaraa je'een, haatayuu qubsiisanii gargaaruu dhiisii, joollee itti diraniiti dhag-a'aan tumanii, ari'an, akkasitti nabi Muhammad isaa miilli isaa dhiigan hallame, gara makka as gara gale, malaaykan Rabbii nabi muhammad kara'atti qeebaltee akki jetteen: warra akkatti si miidhe kana lafarraa fin'aa, iznii nu godhi je'aniin, jennaan nabi Muhammad Rabbiin ilmaan isaanii  kee-ssaa nama Rabbitti amanu baasuun ooluu, hin fixinaa je'een, duuba nabi Muhammad hoggaa deebi'ee makka seenu'uu ka'u, kuffaarri makkaa, makka seenuu dhoowwe, biyya xaa'if tan xilaata kheenyaa dhaqeeti nuun lolu'uu ka'e je'anii, haa tayuu jaalli isaa tokko seensisee, akkasitti dachiin nabi Muhammaditti rakkattee, warri lafaa isa qe-ebaluu dide. duuba nabi Muhammadii akkatti jiruu, Rab-biin eega warri dachi'ii kuffaarri najifni si qeebaluu dide warra sami'ii xaahiraatu si qeebalu'uu hawwaa, koottu je'ee yaamee, waa hunda waan ajaa'ibaa isa garsiise, tan-aaf Rabbiin akki je'e: Wanni gabricha keenya makkarraa qudsi geessinee ,qudsirraa samii torban dabarsinee, halk-anirraa waytii xiqqoo keessatti makkatti deebifneef akka ragaa dandeytii teenyaa isa agarsiifnu'uufi, waan qalbii isaa jabeessu, Rabbiin haala nabi muhammad ni beekhaa, waan inni je'u ni dhagayaa, waan inni dalagu ni argaa ,tanaaf israa'afii mikgraajan qananiisee, halkan san ulfina wasana yookaa daangaan qabneen isa guddise}.

Ammas Rabbiin akki je`e :

  ] * * * *   * * * * * * * * * * * * [  

                                                       { 3-18 }

Ma'naan isaa:{ nabi Muhammad waan dubbatu hun-da lubbuu isarraa kaasee hin dubbatuu. wanni er-gamaan kiyya dubbatu hundi waan Rabbiin isa barsiise .qur'aanni inni itti nama yaamu waan Rabbiin buuse .Qur'aana nama jaba'aatu Rabbirraa fidee nabi Muhammad barsiise. Jibri-ilin qur'aana nabi Muhammad barsiisu sun : kan hanga liphi'ii takkatti sami'ii bu'ee bayu. inni kan ayli'iifii qaa-mni isaa guutu'uuti . kan suuraa guddoo Rabbiin irratti  isa uumen nabi Muhammaditti mul'ate .isaa samii gara ba-yaatin cufee taa'u. jibriil nabi Muhammaditti gad dhiyaate. ammas akkaan itti dhiyaatuu ida'ee hanga afaan goobo'oo takkaa digaanaa lamaan walitti dhiyaatu, nabi Muhamm-aditti dhiyaate. takkaa sanirra itti dhiyaate. akkasitti jibriil gabricha Rabbii nabi Muhammaditti waan Rabbiin itti himi je'een hime.qalbiin nabi Muhammad waan ijji isaa agarte hin khijibsiifne. wanni ijji garte kan onneen isaanii hin kijibsiisin sun jibriil suuraa  malaayka'aatin arguu. kan goflaa dhibba jaha qabu.si isin yaa warra Rabbitti kafare waan nabi Muhammad arge kanarratti hin agarre jettanii nabi Muhammadiin moromtanii.isiniifan khakhadhaa nabi Muhammad argaa biraa jibriil argee jira isaa suuraa ma-laayka'arratti jiru. argaan tun ta gaafa nabi Muhammad sa-mii bayeeti. argaan duraa tan isaanii gaara hiraa'aa keessa jiru jibriil itti mul'atee argan. bakkeen nabi Muhammad argaa boodaa jibriil itti arge {sidratulmuntahaa} biratti. Sidratulmuntahaa jechuun : Muka qurqura'aa kan beekk-omsi namaa isa biratti dhumu. yookaa dhaabbatu.kan achi biran dabarre .kan malaayka'arraa nam tokko achi bira hin dabarre. muka qurqura'aa san bira jannata lubbuun warra Rabbi sodaatufii, lubbuun warra lola haqaa keessatti ajjee-fameefii, malaaykan galtuutu jira. layni hundi isa jalaa madda. firiin qurquraa sanii hanga qulu'uuti . baalli isaa hanga gurra arbaati .yaroon nabi Muhammad achitti jibriil arge yaroo sidratulmuntahaa sanitti, wanni nama dinqu takkaa nama ajaa'ibsiisu hedduun dhuftu .wanni ajaa'ibaa kan qurquraa sanitti dhufu, Billaacha ziqiyaa kan barar-a'aa dhufee irra qubatu. kan baala isaa hundarra malaay-kan tetteessu wanni odeeffame nabi Muhammad mukha qurqura'aa san kan nuurri ukkaamsu, kan ijji isa laaluu hin dandeenye, kan malaaykan akka girrisaa shinbirro'otti dhuftee irra qubattu, achitti Rabbi ibaadu'uu jecha . Nabi Muhammad halkan makkarraa ka'ee baytalmaqdis dhaqee achirraa samii baye san, waan san hunda arge .ijji nabi Muhammad nageeyi isarratti haa jiraatuu waan Rabbiin isa garsiiserraa gara waan biraa hin jallanne, hin laalle. ammallee ijji isaa hanga Rabbiin isa garsiise malee dab-artee waan biraa hin laalle. kun hadraa Rabbitti adaba ak-kaan eeggatuu isaaniti nu garsiisa. maalif.yoo namni waa si garsiise waan san dhiiftee waan biraa laalun adabaa miti. ammallee hanga si garsiiserra dabarsitee laalun ada-baa miti. Duuba nabi Muhammad halkan mi'raajaa san waan Rabbiin isa garsiiserraa ijji isaanii gara biraa hin mayn'e .ammallee hanga Rabbiin arguu isaaf wassanirraan tarkaanfattee ijji isaanii waan biraa hin laalle .Nabi Muha-mmad nageenyi isarratti haa jiraatuu halkan Mi'raajaa san aayata takkaa mu'jizaa,waan Rabbiin uume gugurdoo he-dduu arge.waan inni argerraa tokko: muka qurqura'aa, kan sidratulmuntahaa je'amu sani .ammallee baytulma'muuri .kan qixxee ka'ba'aatin samii keessa jiru kan malaaykan isaan xawaaftu.Ammallee jannata ammallee ibidda. Am-malle jibriil suuraa guddoo inni irratti uumameen arguu. ammallee samii torbaniifii anbiyootii isii keessa jirtu ar-guu. duuba  nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jira-atuu kana hunda arguun waan dandeytii Rabbii ammallee nabi Muhammad qofa waan saniin guddisuu nama gars-iisu kan nabi Muhammad ergamaa Rabbii tayuu jabeessee iimaanatti nama yaamu }.

Soddomii tokkoffaan: Rabbiin Mu`jizaa akka mu'-jizaa nabi Muhammadii kennee anbiyoota isa duraatii hin kennine  . nageenyi rabbii isarratti haa jiraatuu.

Ammoo nabi Muhammad Mu`jizuma taate haa taa-tuu, tan nabiyyichi tokko isa dura argate, tan inni  isii arg-ate malee hin taane .takkaa   kan mu'jizaa mu'jizaa sanirra guddo`oo argate malee hin taane .

Namichi umar ilma sawaad je`amu tokko akki je'e

Shaafi`iin rabbi rahmata haa godhuufii wanni naan je`e :

  I. .     .

Ma`naan isaa: { Rabbiin waan nabi muhammadiif kenni nageenyi Rabbii isarratti haa jiraatuu nabiyyii tokk-olle`eef hin kennine. jennaan namichi sun akki je'e : wan-nin shaafi 'iidhan je`e : rabbiin nabi iisa`aaf nama du`e jir-aachisuu kennee mitii, jennaan nabi muhammadiif muka jiraachisee booyuu kenne, je`e. muka duraan itti irkatee khuxbaa godhuu ture kan minbarri isaaf godhamnaan mu-ka san dhiisanii minbararratti khaxxabu`uu ka`an.hoggaa san mukni sun nabi Muhammadiin adda bayuun itti ulfaa-tee booye hanga qooqa isaa warri masjida jiru hundi dha-gayetti .duuba muka jiraachisu`uutu nama du`e jiraachi`-urra gudda`a naan je'e.

Mu`jizaan Anbiyoonni dabre kanname marti tan ya-ro`ooti. tan ijaan arganii hoggaa inni dabre isiinis dabartu .tan zalaalamii hin hafne. tan nabiyyiin sun du'uudhan da-bartu . mu`jizaa akkanaa, tana tan dhuftee dabartu , nabi Muhammadiif heddu`uutu argame. Sanirraa: jiini isaanii je`ee baqaquu.aduun isaanii jettee seenu`urraa dhaabb-atuu. bishaan qubbiin isaanii jiddu`uu burquu.nyaanni xi-qqaan heddommaatuu. bishaan hin jirre burquu .mukni isaan dubbisuu .kan akka mukaafii dhagaan isaanirratti salaammatu'uu. Dhukkubsataan fayyu`uu.du`aa`in isaaf qeebalamu`uu. Bishaan xiqqa`aan ashkara hedduu obaas-u`uu. waan,waan kana fakkaatu hedduu kenname, mu`ji-zoota tanarra mu'jizaa takka, yoo rabbi je`e bal`iseetan dubbadha .sun Jiini isaa  je'ee baqaqu`uu .

Mu`jizaan dubbanni tun, akka mu`jizaa anbiyoota isa duraa,tan yaro`ooti. odoo  nabi muhammed mu`jizoota he-dduu kopha`aan bayatelle`ee.haa tayuu eega isaan dabr-anii nageenyi isarratti haa jiraatuu faanti mu'jizaa sanii ni deemte. takkaa eega nama isii argeetii ni deemte .namni mu`jizaa hin argin san qeebalu, nama iimaanni isaa jab-aadhati. kan san dhugo`oomsu`uun iimaana ida`atu .

Ammoo mu`jizaan nabii nageenyi isarratti haa jir-aatuu tan anbiyaa hundarraa kopha`aan bayate,tan waan addunyaan hafteen haftu. qur`aana rabbiin nabirratti buuse , kan madditi ,isaa hin goggoyne.kan ajaa`ibni isaa hin dhumne , kan faaydan isaa addaan hin cinne .qur`aanni :kan tikka rabbiitin tiyfame .geeddaru`uufii jirjiiru`urraa, itti ida`uufii ir`isu`urraa tiyfame. inni qoma keessatti ,haf-fazamaa .kitaaba keessatti katabamaa. qorichaafii fayya`a-atu keessa jira.gorsaafii heeratu keessa jira.oduu warra dabreetu keessa jira. ammallee haala warra dhufaa taa`utu keessa jira .qur`aanni haada rabbii jaba'aati namni isatti  amanee  jala  deeme, dhugomaan  qajeele. namni qur`aana dhiisee irraa jallate,dhugumaan bade.dhugumaan  hoonga-yee  khasaarame

Hadiisa muslim abuu hureyra`arraa odeesse kee-ssatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e

  }                                                     .

Ma`naan isaa : {nabiyyuma tayee kan mu'jizaa, namni mu`jizaa akkasiitin amanu, hin kannamin, hin jiru. ammoo wannin an rabbirraa argadhe waan inni wahyii natti godhe. takkaa na barsiise sun qur'aanaa .wannin an khajeelu anbiyoota hundarra ,guyyaa qiyaama`aa, ummata heddommaatu  .                         hadiisa kana M. odeesse.

 

Soddomii lammaffaan : {Rabbiin diliin duraatiifii ta boodalleen nabi Muhamadiif araaramuu.

Waan rabbiin nabi mohammad qofaa kennerraa to-kko dilii dabarteefii tan dhuftulleen isaa araaramuu. isaa jiru ,isaa fayaa qabu. kan lafarra deemu .

Rabbiin akki je`e 

 ] * *  * [   1-3     

Ma`naan isaa :{Yaa ergamaa kiyya Muhammad  biyya hedduu dirqi'iin yookaa tolaan qabatuu sii kenninee jirraa. firdii siif goonee yookaa sii murree  jirra. akka qab-soo teetin fuul dura, biyya makkaa, kan kuffaarri harkaa qabu tana, qabattu. qabatiinsa mul'ataa siif murree daba-rsinee jira. Akka Rabbiin sababaa jihaada keetitiin darajaa tee ol sii fuudhu, dilii tee ta dabarte hunda siif araaramuuf ,Ammallee akka waan  dilii teetirraa booda aane  hunda  siif araaramuuf. Wanni Rabbiin nabiif araaramuu jihaada-tti rarraasef ummata isaa, jihaadatti mirqaansu'uufi. maalif nabiin dilii hin qabu Rabbiitu dilii hundarraa eegee jiraa. Akkuma anbiyoota biraa hunda dili'irraa eege, wanni akka dili'ii tan anbiyootarraa argamtu hundi, arga'aan dilii fa-kkaatti malee, keessi dili'ii miti. maalif odoo anbiyoonni waan dilii dalagan tayanii, diin Rabbii namatti geessu'uuf hin amanaman, Rabbiin isaan jala deemu'utti nama ajajee jiraa, odoo isaan dilii dalaganii Rabbiin diliidhatti nama ajaju'uutu dhufaa.haa tayuu Rabbiin waan hamtu'utti nam-an ajaju. tanaaf jecha Rabbiin anbiyaa, yookaa ergamoota isaa,dilii hundarraa qulqulleesse, araarri anbiyoonni Rabbi khadhatu, wanni isaanii fidu, darajaa isaanii ol fuudhuu malee, waan biraatii miti,Ammas wanni Rabbiin biyya qa-batuu sii mureef qananii isaa sii guutu'uufi, sitti dhangal-aasu'uufi, Akka jihaadan biyya si qabachiisuudhan, si qaj-eelchuufi, irratti si jabeessufi ,Karaa diriiraa, sun karaa islaamatii Ammallee akka jihaada keetin biyya makk-arratti si moosisuufi, Moosisiinsa jabaa }.

Wanni hadiisa shafaa`aadhaa keessatti dhufe

                   .

Ma`naan isaa: { anbiyoonni natti dhufanii wanni naan  je`an yaa muhammed ati ergamaa Rabbii dhuma anbiyootatii, diliin duraatifii ta boodaa siif dhiifamtee, ak-ka cinqii tana keessaa nu baasu Rabbii keetirra nuu barba-adi naan je`an je'e}                                 B.M. O.

Ammas hadiisa shafaa`aadhaa keessatti wanni dhufe 

      .

Ma`naan isaa :{ Warri dirree qiyaama'atti rakkate wanni  waliin je'an ,mee muhammaditti dhaqaa inni gabr-icha diliin isaa tan dabarteefii ta dhuftu isaaf dhiifamtee ha nu shafa'uu waliin je`an .

Kun waan anbiyoonni je`u. afaan iisa`aatin. isaatu akkana je`ee nabitti qajeelcha. nageenyi isaanirratti haa jiraatuu dubbii tana  keessatti hadiisni hedduudhaa amma-af hanganuma dubbanna  .

Soddomii sadaffaan: Rabbiin du`aa`ii nabii qee-balamtuu aakhira`atti isaa dabarsuu.

Waan Rabbiin nabi Muhammad qofaa kennerraa to-kko: nabi Mohammad nageenyii isarratti haa jiraatuu du-`aa`ii takka,ta Rabbiin addunya`arratti isaaf qeebale aakh-ira`atti achi dabarfatuu .akka achitti waan fedhe khadhatee argatu. rabbiin anbiyaa hundaaf du`aa`ii qeebalamtuu mu-ramtuu takka takka kenne .duuba  anbiyoonni hundi nabi muhammed malee addunyaa tanarratti waan fedhan kha-dhatanii haajaa itti bayan. isaanirraa nama du`aa`ii saniin ummata isaa fixuu rabbi khadhatee rabbiin isaan fixeetu jira. Isaanirraa nama du`aa`ii saniin adunyaa khadhatee argateetu jira. Ammoo nabi muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu du'aa'ii isaa aakhira`atti dabarfate .achitti waan ummata isaa fayyadu rabbi khadhatu`uuf ol kaayete .nageenyi isarratti haa jiraatuu.

Hadiisa Muslim abuu hureyra`arraa odeesse ke-essatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e .

                                 

 Ma`naan isaa :  { nabiyyiin hundi du`aa`ii qeeb-alamtuu rabbi biraa qaba .duuba nabiyyiin hundi ni jarj-arsiifate. du`aa`ii san addunya`arratti fudhate ummata isaa keessatti. an ammo hin fudhanee rabbi birattan dhiifadhe. Yookaa dhoyfadhe.guyyaa qiyaama`aa ummata khiyyaan shafa`uudhaa jecha}.M..o.

Soddomii afraffaan : Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu : jecha gabaabaa ma`naa heddomm-aatu kenname nageenyi isarratti haa jiraatu .

Waan rabbiin nabi Muhammadii kennerraa tokko: dubbii dheertuu jecha gabaabaadhan fixuu. nageenyi isar-ratti haa jiraatuu.

Hadiisa muslim abuu hureyraadharraa odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu  akki je`e :

  :                                                               

Ma`naan isaa: {waa jahaanan anbiyootarra caalchi-fame.{jawaami`al kalim}dubbii dheertuu jecha gabaaba-dhan walitti qabu`un kenname . bakka fago`orraa diinni na sodaatu`uunan gargaarsifeme.waanin xilaatarraa booj-iye nyaatun halaal naa godhamuu. dachiin masjida ,biy-yeen xaahira naa godhamuu .waan rabbiin uume hundatti na erguu .ergaan rabbii naan xumuramuu}

{Jawaami'alkalim} akka bukhaarin dubbatetti: ra-bbiin dubbii hedduu kitaabban isa duraa keessatti ba-rreefamte ,dubbii yookka amrii takka keessatti yookoo lama keessatti walitti isaaf qabuu.jecha xiqqa`aan dubbii dheertuu fiduu dandayuu . rabbiitu beekkaa }.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com