
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin nabi muhammadiin
guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
.
barbaanni
duraa
Waan rabbiin nabi
Muhammadiin guddise , addunyaa tanarratti ummata
isaa keessan nageenyi isarratti haa jiraatuu
.
Jahaatamii
torbaffaan :
Rabbiin ummata nabii irra caalaa ummata hundaa
godhuu.
Ammallee ummata
nabii tayu'uuf isaan filatuu akka ummata jiddu
jireessa tayanii ummata dabre hundarratti ragaa
bayaniif.
Rabbiin akki
je'e
]كُنْتُمْ
خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ
بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ
وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّه[
سورة
آل عمران آية 110
Ma'naan isaa:
Rabbiin akki je'e:Yaa ummata nabi muhammad isin
irra caalaa ummataa,kan namaa tolu'uuf argame {isin
ummata hundarraa caaltan} jechu, wanni ummata
birarraa caaltaniin ,waan gaarii dalagu'uutti
nama gorsitan,waan hamtuu dalagu'urraa nama
dhoowwitan, Rabbitti amantan,yookaa akkaan
diinaa Rabbii jabeessitan .waan kanaan ummata
biraa hundarra caaltan.
Rabbiin ammas
akki je'e
]
وَكَذَلِكَ جَعَلْنَاكُمْ أُمَّةً وَسَطاً
لِّتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى النَّاسِ وَيَكُونَ
الرَّسُولُ عَلَيْكُمْ شَهِيداً
[
سورة
البقرة آية 143
Ma'naan
isaa:{ Rabbiin akki je'e : yaa ummata
Muhammad akkuma karaa diinaa islaamaa isin
qajeelchine ummata maraxamaa jiddu jireessa
xaliila isin goone akka ummata isin dura
dabrerratti ragaa baataniif.akka anbiyoonni
isaanii waan Rabbiin itti geessaa je'ee isaan
ajaje itti geessan anbiyootaf ummata
isaanirratti ragaa baatan .akka Rabbiin qur'aana
keessatti isinii himetti . akka nabi Muhammad
nageenyi isarratti haa jiraatuu isiniif ragaa
bayu. akka isin dhugaadhan anbiyootaf ummata
dabrerratti ragaa baatan . takkaa akka nabi
muhammad,waan Rabbiin isinitti geessi je'ee isa
ajaje isinitti geesse je'ee isinitti ragaa
bayuuf jecha.}
Ammas Rbbiin akki
je'e:
]وَجَاهِدُوا
فِي اللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِ هُوَ اجْتَبَاكُمْ
وَمَا جَعَلَ عَلَيْكمْ فِي الدِّينِ مِنْ حَرَجٍ
[
سورة الحج آية { 78 }
Ma'naan isaa :{
Diin Rabbii jabeessu'uu jecha, qabsoo
godhaa,Qabsoo dhuga'aa, qabsoon dhuga'aa:tan
humna takkallee irraa duuban kaayamne ,Rabbiitu
isin filatee ummata jiddu jireysa isin godhe,
akka diin isaa jebeessitaniif, jihaanni lama:
tokko xiqqa'aa, tokko gudda'aa, xiqqaan: jihaada
kuffaarati, akkaatan jihaada isaanii beekkamaa
sun humna isaanin sodaachisan qabaatuu, ammoo
jihaadni guddaan: jihaada nabse'eetifii
hawa'aafii, sheyxaanati, akkaatan jihaada kanaa
waan nabseen, sheyxaanni itti nama yaaman
didu'u, jihaanni kuffaaraa wanni xiqqaa je'ameef
: lolli kuffaaraa ni dhumaa kuun hin dhumu .
kuffaarri yoo si mooyatee si ajjeese, jannata
seenta ammoo yoo nabseen tee si mooyattee si
ajjeefte ibidda seenta , ammas kuffaarri diina
mul'ataa kuun dhokhata', diina mul'atuun
lolu'uutu,kan hin mul'anneen lolu'urraa laafaa
,Rabbiin diinaa islaamaa keessatti waan jabduu,
isin dalaguu hin dandeenyetti, isin hin ajajne,
takkaa heera jabaa isinirra hin keenye, akka
ummata duritti ummanni dur, yoo huccuun
najifamte bakka najifamti san, muraniiti darban.
Ammoo islaama keessatti bishaanin dhiqan.
ummanni dur yoo dilii dalage, adda isarratti
katabamti,ammoo islaama keessatti Rabbiin ni
sattaree ,addunya'atti irraa hin mul'attu
.ummanni dur yoo dilaaye, towban isaanii if
ajjeessuu . islaama keessatti akkasii miti.
ammas diin islaamaa keessatti, dachiin masjida,
ammas salaata raka'aa afurii lama lama godhuun
imalaaf ni gaya. bishaan dhaban tayammumni ni
gaya.yoo waan nyaatan dhaban bakhtii nyaatun
namaaf gaya.imalaafii dhukkubaaf.ammallee
hoosisaaf soomana furanii eegasii qadaa baasun
ni gaya .waan dubbanneefii kan biralle'eef jecha
diin islaamaa diin Rakkoon keessan jirre. laafaa
namuu hanga dandayutti qabatu. kan dhaabatuu hin
dandeenye taa'ee yookaa ciisee salaatee.}
Hadiisa bahaz ilma
hakiim
keessatti wanni dhufe
انه سمع النبى
I
يقول فى قوله تعالى {كنتم خير امة اخرجت للناس }
قال { انكم تتمون سبعين امة انتم خيرها واكرمها
على الله رواد احمد.
Ma'naan isaa :{Sahaabichi
kun wanni nabirraa dhagaye isaa aayata
dabarsinerraa dubbatu.nabiin akki je'e: isin yaa
ummata kiyya ummata torbaatama guuttan duuba
ummata san hundarra isintu caala isintu Rabbi
biratti irra guddifama }. ahmaddiifii
tirmizi'iifii haakimtu odeesse
Jahaatamii
saddeeteffaan :Rabbiin
ummata muhammad , Muslimiina je'ee yaamuu.
ammallee islaaman isaan kophxeessuu.
Wanni rabbiin
ummata kana qofaa kenne , qur'aana keessatti
muslimiina je'ee isaan yaamuu. akkuma kitaabban
dur buuse keessatti muslimiina je'ee isaan
yaamee, diinaa islaamaa isaanii jaalate .
Rabbiin ol taye
akki je'e
]
مِّلَّةَ أَبِيكُمْ إِبْرَاهِيمَ هُوَ سَمَّاكُمُ
الْمُسْلِمِينَ مِن قَبْلُ وَفِي هَـذَا لِيَكُونَ
الرَّسُولُ شَهِيداً عَلَيْكُمْ وَتَكُونُواْ
شُهَدَآءَ عَلَى النَّاسِ فَأَقِيمُواْ الصَّلاَةَ
وَآتُواْ الزَّكَـاةَ وَاعْتَصِمُواْ بِاللَّهِ
هُوَ مَوْلاَكُمْ فَنِعْمَ الْمَوْلَى وَنِعْمَ
النَّصِيرُ
[.
سورة
الحج آية { 78 }
Ma'naan isaa :{Islaamni
kun,akka diinaa abbaa keessanii
Ibraahiimiti,towhiidafii laafina keessatti ,
Rabbiin isa kan{muslimiina} je'ee maqaa kanaan
isin yaame. Kitaabban dur buuse keessatti,
Qur'aana keessattis Rabbiin {muslimiina} je'eeti
isin yaame .duuba waan Rabbiin maqaa kanaan isin
yaamef jecha muslima jechuun kan dubbii Rabbii
dhagayu jechu'uu ,dubbii Rabbii dhagayaa. Rabbii
keessan ibaadaa waan inni itti isin ajaje
dalagaa. waan inni irraa isin dhoowwerraa
dhoowwamaa .
Akka nabi Muhammed
ragaa isinii bayu, guyaa qiyaama'aa diin itti
geessee qabatan, je'ee, fuula Rabbii duratti.
Akka isin ummata isin duraa hundarratti ragaa
baatan .ergamoonni isaanii waan ergamaniin itti
geessan jettanii waan qur'aanni nabirratti
bu'ee itti dalaydan isinii odeessef jecha
keessattuu,ergamoonni diiddamii shanan qur'aanni
maqaa dhayee nuu odeesse.duuba Rabbiin warra
ummata hundarratti ragaa bayu, kan anbiyootaf
ragaa bayu, isin godhuun ,guddina
guddaadhaa,badhaasa likkiin qabnee, galata isaaf
galchaa ,Salaata guuta'aa salaataa namni
tolchee,salaata shanan salaatee sunnaa
heddommeyse ,dhugumaan Rabbiif galata
galchee.Zakaata isinirratti wajabe baafadhaa
nama haqa godhatuu kennaa .Waa hunda
keessatti,abdii Rabbii jabeessaa isumatti
irkadhaa .Rabbiin isuma aanan keessanii kan
hoggaa mara akka maratti isin gargaaru kan
amriin teessan harka isaa jirtu .Inni waa aanaa
gaari'ii .Ammallee inni waa dirmataa keessan
gaari'ii }.
Ammas Rabbiin
akki je'e :
]
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ
دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي
وَرَضِيتُ لَكُمُ الأِسْلاَمَ دِيناً
سورة المائدة آية { 3 }
[
Ma'naan isaa :
{ Guyyaa ar'aa kanasun guyyaa arafa'aatii
heera, shari'aa teessanii isiniif guute,
aayaanni tun hajjii dhaamanna'aa, tan nabi
Muhammad godhe keessatti isarratti buute, eega
sanii aayanni waa halaal gootufii tan waa haraam
gootu hin buune .Qananii diinaa kiyyaa isiniif
guute.makka qabatu'uun ,namni karaa hundaan
bakka hundaa islaamatti seenu'uun, Karaa diinaa
islaamaa isiniif maraxee isiniif jaaladhee isa
qabadhaa,
Hadiisa
haarisil'ash'ari'irraa
odooffame keessatti nabiin akki je'e :
ومن دعا بدعوى الجاهلية فهو
من جُثا جهنم قالوا يارسول الله وان صلَى وصام ؟
قال : وان صلّى وصام وزعم انه مسلم ، فادعوا
المسلمين بأسمائهم بما سماهم الله عز وجل :
المسلمين، المؤمنين عبادالله عزوجل } رواه أحمد
واللفظ له والترمذى وابن خزيمة والحاكم وابن حبان
وصححه .
Ma'naan isaa:{
Nabiin akki je'e namni karaa islaama hin
tayiniin dalagu yookaa deemu inni jamaa'aa
ibiddaati .jennaan asaabonni wanni nabiin
je'an:odoo salaatee soomanelle'ee warruma
ibiddaatii? jennaanin odoo salaatee soomanee ana
muslimaa ifiin je'elle'ee, wannin isiniin je'u :
nama islaama maqaa isaanitin isa yaamaa yoo
beytan. yoo wallaaltan maqaa Rabbiin isaanin
yaamen, yaamaa. sun: {almuslimiin ,Almu'miniin
,ibaadallaahi} je'aadhaa ,yaamaa}
hadiisa kana
ahmadiifii haakimiifii nama biralle'eetu
odeesse
Jahaatamii
saylaffaan:
Rabbiin ummata nabii kanaaf diinifii ni'maa ,
isaanii guutuu.
kun ummata kanaaf
malee ummata biraatif hin argamne.
Rabbiin akki je'e:
]
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ
وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ
لَكُمُ الأِسْلاَمَ دِيناً
[
سورة المائدة آية { 3 }
Ma'naan isaa :
{ ar'a diin keessan isinii guute. Qananii tiyyas
isinii guute , diin islaamaa isiniif jaaladhe
Haalli kun ummata
kanaaf malee ummata biraatif hin taane .
وعن عمر بن الخطاب رضى الله عنه ان رجلا من اليهود
قال له يا امير المؤمنين ! آية فى كتابكم تقرؤونها
، لو علينا معشر اليهود نزلت لاتَّخذنا ذلك اليوم
عيداً ، قال ايّ آية ؟ قال :
]
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ
وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ
لَكُمُ الأِسْلاَمَ دِيناً
[
سورة المائدة آية { 3 }
قال عمر قد عرفــنا ذلك اليوم ، والمكان الذى
نزلت فيه على النبى
I
: وهو قائم بعرفة ، يوم جمعة
متفق عليه واللفظ للبخارى
وفى لفظ لمسلم {فقد علمتُ اليوم الذى انزلتْ ،
والساعة واين رسول الله صلى الله عليه وسلم حين
نزلتْ }
Ma'naan isaa:{wanni
asaab umarirraa odeeffame namni yahuuda'aa tokko
akki asaab umariin je'e: yaa qondaala
mu'mintootaa aayanni takka tan kitaaba keessan
keessatti qaraatan silaa odoo nu ummata
yahuuda'arratti buutee guyyaa san iida godhanna.
jennaan aayanni sun tamii je'een? jennaanin
aayanni su
]
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ
وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ
لَكُمُ الأِسْلاَمَ دِيناً
[
سورة المائدة آية { 3 }
Jennaan asaab
umar akki je'e: guyyaa aayanni tun buutefii,
bakka isiin nabirratti itti buute beynee jirra .
sun guyyaa jum'aadhaa nabi Muhammadii arafaa
dhaabbatu nageenyi isarratti haa jiraatuu
irratti buute} B,M.odeesse jechi kan
Bukhaari'iiti
Torbaatammaffaan:Waan
jajjabduu diin keessatti ummata durirra kaayamte
ummata kanarraa fuudhuu .
Wanni rabbiin
ummata kanaan kuphxeesse : rakkoo ummata durirra
jirtu isaanirraa fuudhuu. diin isaanii laafaa
namatti hin ulfaanne. kan rakkoon keessa hin
jirre. kan nama hundaa , kan zamana hundaa tolu,
kan xabii'aa rabbiin irratti nama uume gaxxamu.
Rabbiin akki
je'e:
]
هُوَ اجْتَبَاكُمْ وَمَا جَعَلَ عَلَيْكمْ فِي
الدِّينِ مِنْ حَرَجٍ
[
سورة الحج آية { 78 }
Ma'naan isaa :
{Rabbiin isaatu isin filatee ummata nabi
Muhammad isin godhe. Rabbiin diin keessan
keessatti waan isin dalaguu hin dandeenyetti
isin hin ajajne
.
Ammas Rabiin akki
je'e
]
مَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيَجْعَلَ عَلَيْكُم مِّنْ
حَرَجٍ
[
سورة
المائدة آية { 6 }
Ma'naan isaa :
{ Rabbiin isin rakkisuu hin fedhu}
Ammas rabbiin akki
je'e :
]
يُرِيدُ اللَّهُ بِكُمُ الْيُسْرَ وَلاَ يُرِيدُ
بِكُمُ الْعُسْرَ
[
سورة البقرة آية { 185 }
Ma'naan isaa :
{ Rabbiin waa hunda isinitti laaffisuu fedha
malee, isirratti jajjabeessuu hin fedhu}.
Fakkeessan waan
ummata durirratti jajjabeesse,kan ummata
kanarratti laaffise, waan as deemu kana:
Ummanni dur yoo
waa balleessee, towbatuu fedhe, tawban isaanii
if ajjeessuu.
Akka Rabbiin
qur'aana keessatti je'e :
]وَإِذْ
قَالَ مُوسَى لِقَوْمِهِ يَاقَوْمِ إِنَّكُمْ
ظَلَمْتُمْ أَنْفُسَكُمْ بِاتِّخَاذِكُمُ
الْعِجْلَ فَتُوبُواْ إِلَى بَارِئِكُمْ
فَاقْتُلُواْ أَنفُسَكُمْ ذَلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ
عِنْدَ بَارِئِكُمْ فَتَابَ عَلَيْكُمْ
[
سورة
البقرة آية { 54 }
Ma'naan isaa
:{ Nabi muusan wanni ummata isaatin je'e : yaa
ummata kiyya,isin dibicha rabbi godhattanii,
gabbaru'uun,if miitanii jirtanii, gara Rabbii
keessanii deebi'aadhaa, nabsee teessan ajjeesaa
santu Rabbii keessan biratti irri isiniif
caalaa. duuba rabbiin tawbaa teessan isinirraa
qeebalee isinii araarame. Rabbiin kan rahmata
namaa godhee namaa araaramuu .Ammoo tawban
islaama biratti: sheenayuu,dilii san dhiisu,
waan waajibaa kan dhiise dalaguu. araarama
rabbirra barbaadee, dilii sanitti hin deebi'u
je'ee muratuu.
Ammas ummanni dur
yoo huccuu isaa yookaa qaama isaa najifni akka
fincaanii faan tuqe,maqasaan bakka san muranii
darban.
Hadiisa abuu
muusa'aa kan muslim waa'ilirraa odeesse
keessatti ,waa'il akki je'e:
كان
ابو موسى يشدد فى البول ،ويبول فى قارورة ،ويقول
:ان بنى اسرائيل كان اذا اصاب جلد احدهم بول قرضه
بالمقاريض ،فقال حذيفة لوددت ان صاحبكم لا يشدد
هذا التشديد فلقد رأيتنى انا ورسول الله نتماشى
،فأتى سباطة خلف حائط ،فقام كما يقوم احدكم فبال
فانتبذت منه فأشار الى فجئت فقمت عند عقبه حتى فرغ
}
Ma'naan isaa :
{Saahibtichi abuu Muusaa je`amu tokko ,
fincaanirraa if eeguu keessa, wasanaa bayuu ture
,hanga qaruuraa {birillee} keessatti fincaayee ,
ifirraa fageesutti. akka qaama isaa hin tuyn'eef
.wanni inni je'uu ture: ummanni israa'iil yoo
qaama tokkoo isaanii fincaan tuqe,maqasaan
ifirraa muree darba. Duuba huzeyfan saahibni
nabii tokko dalagaa abuu muusa'aa dhageenyan
ummata haala abuusa'aa itti odeessen akki je'e:
saahibni keessan abuu muusan odoo akkatti
jajjabeesuu baateen jaaladha. huzeyfan akki
je'e: gaaf tokko anaafii ergamaan rabbii
nageenyi isarratti haa jiraatuu, odoo wajji
yaanuu bakka dikhee itti haran dallaya tokkotti
dhufe. duuba ergamaan rabbii akka tokkoon
keessan dhaabbatutti dhaabbatee fincaaye. hoggaa
isaan fincaayu'utti seenan irraan achi fagaadhe.
hoggaa san akkan irraa hin fagaanne naa
akheekhan. duuba dhufee isaan duuba dhaabbadhee
dawuu tayeef .wanni nabiin dhaabbatee haajaa
bayeef,duddaatu yookaa jilbaatu dhukkuba'aafi.
Takkaa dhaabbatanii haajaa bayuun ni gayaa nu
beysisu'uufi. keessattuu yoo dachiin laaftuu
najisaatu isi'irraa nu tuqaa sodaatan taate
.
Ummanni dur waan
fincaan tuqe muraniiti darban ammoo islaama
biratti bishaanumaatu xahaarsa.wanni Rabbiin
ummata durirratti jabeesse, kan nurratti
laaffise, heddu'uu , gariin waan dubbannee
dabarsine keessa jirti .
Torbaatamii
tokkofaan :
Nabi iisan gaafa zamana boodaa sami'ii bu'e,
dajjaal ajjeesee imaama ummata kanaa, duuban
salaatuu.
Qaallichi aaburrii
je'amu :manaaqiba shaafi'ii keessatti akki je'e:
oduun namni hedduun kijibarratti walii galuun
isaanii hin malle odeesse, akki jettu : Mahdiin
zamaanul'aakhir dhufu, ummata kanarraayi. nabi
iisan, isa duuban salaata .
Hadiisa muslim
jaabirirraa
odeesse : keessatti jaabir akki je'e:
سمعت
رسول الله
I
يقول : لا تزال طائفة من أمتي يقاتلون على الحق
ظاهرين الى يوم القيامة . قال :فينزل عيسى بن
مريم
I
فيقول اميرهم : تعال صلّ بنا ، فيقول :لا، ان
بعضكم على بعض امراء تكرمة الله هذه الأمة
} رواه مسلم
Ma'naan isaa :
{
jaabir Nabi Muhammad hunoo kan akkana je'un
dhagaye: wanni isaan je'an :tuutti takka, tan
ummata kiyyarraa taate, tan haqarratti loltu,
tan Rabbiin isii gargaaru, jiraatuu hin ooltu
hanga guyyaa qiyaama'atti. duuba tuutti akkanaa
ummata kiyya keessa odoo jirtuu ,{ iisan } ilmi
maryam sami'ii bu'a.duuba mataan tuuta haqaa
wanni iisa'aan je'u, koottaa nuun salaati. duuba
iisan wanni je'u: lakkii garii keessan garii
keessanirratti Rabbiin mataa godhee, ummata
Muhammad guddisu'uu jechaa , nuun salaati
je'aan.
Hadiisa
bukhaari'iifii muslim abuu hureyra'rraa
odeessan keessatti abuu hureyran akki je'e
قال
رسول الله
I:
كيف أنتم إذا نزل ابن مريم فيكم ، وامامكم منكم
متفق
عليه
Ma'naan isaa :
{Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad nageeny
isarratti haa jiraatuu akki je'e : mee isin
akkam jirtan. gaafa ilmi maryam sami'ii isin
keessatti bu'e ,kan imaamni keessan isinirraa
taye }
Torbaatamii
lammaffaan
Salfiin ummata Muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu akka salfii malaayka'aa godhuu
Hadiisa muslim
huzeyfa'arraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je'e :
جُعلت
لنا الأرض كلها مسجداً وجعلت تربتها لنا طهوراً
اذا لم نجد الماء وجعلت صفوفُنا كصفوف الملائكة
رواه مسلم
Ma'naan isaa :{
Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
akki je'e : waa sadiyiin namarra caalle .sadeen
: saffiin teenya akka salfii malaayka'aati
godhamte .dachiin hundinuu masjida nuu taate
.biyyeen isi'ii yoo bishaan dhabne waan nu
xahaarsu nuu taate je'an } .
M.odeesse
Hadiisa M.jaabir
ilma samura'arraa odeesse : keessatti jaabir
akki je'e :
خرج
رسول الله
I
فقال ألا تصفون كما تصف الملائكة عند ربها قلنا يا
رسول الله وكيف تصف الملائكة عند ربها ؟ قال يتمون
الصفوف الأول ويتراصون فى الصفوف} رواه
مسلم
Ma'naan isaa :
{ Jaabir akki je'e Ergamaan Rabbii gaaf tokko
nutti gad bayee akki je'e: si akka malaaykan
Rabbii isaanii biratti salfii dhaabbattutti
salfii hin dhaabbattanii ? jennaan akkamitti
malaaykan salfii dhaabbatti jenneen.Jennaanin
saffoota duraati guutan. ammallee dhaaba
tolchaniiti salfii diriirsanii dhaabbatan
je'an}. M.odeesse .hadiisa biraa heddu'uun
wajji.
Torbaatamii
sadaffaan :Wanni
Rabbiin ummata kana qofaa kenne waan boojiyan
nyaatun isaanii gayuu .maalif ummanni nu duraa
bakka lamatti qoodama :
Tokkoffaan
: isaanirraa warra jihaadatti hin ajajamintu
jira . tanaaf jecha dubbiin waan boojiyamee
isaan bira hin jirtu .
Lammaffaan :
warra jihaadatti ammarame,isaan yoo waa boojiyan
waan boojiyame san,walitti qabaniiti bakka takka
kaayan.duuba yoo isaanirra qeebalame ibiddaatu
sami'ii buu'ee guba.
Ammoo nuti Rabbiin
jihaadatti nu ajajeeti , waan boojine nyaatuu
halaal nuu godhe. galanni kan isaatii.
Rabbiin ol taye
akki je'e :
]فَكُلُواْ
مِمَّا غَنِمْتُمْ حَلاَلاً طَيِّباً
[
سورة الانفال آية { 69 }
Ma'naan isaa :
{ wanni diinarraa boojitan isiniif halaalii ,
waan gaari'ii nyaadhaa jechuu }.
Hadiisa
B,M.Jaabirirraa
odeesse keessatti wanni dhufe:
قال
رسول الله
I
: أعطيتُ خمساً لم يعطهن احد قبلي... واحلت لى
الغنائم ولم تحل لأحد قبلى ...} متفق عليه
Ma'naan isaa: {
Nabiin akki je'e : waa shan kan namni na duraa
,hin argatinan Rabbirraa argadhe. sanirraa waan
boojiyame nyaatun halaal naa godhame. kan na
dura nam tokkolleeef halaal hin godhamin } B. M.
o.
Hadiisa abuu
hureyra'aa kan B,M.
odeesse keessatti wanni dhufe :
قال
I
{ فلم تحل الغنائم لأحد من
قبلنا. ذلك بأن الله تبارك وتعالى رأى ضعفَنا
وعجزَنا فطيَّبَها لنا فأحلها لنا }
Ma'naan
isaa :
{Nabiin akki je'e: waan boojiyame nyaatun nu
dura nam tokkolla'eef halaal hin godhamne .
maalif Rabbiin laafinaafii dadhabbii teenya
argeeti, halaal mi'aayaa nuu godhe} .
Torbaatamii
afraffaan:Tayammumaafii
dachi'irrati salaatuu, ummata kanaaf kennuu.
Wanni Rabbiin
ummata kana qofaa kenne ,dachii masjida isaanii
godhee, biyyee xaahira isaanii godhuu. namni
islaamaa tokko yoo salaanni itti gaye , yoo
bishaan argate wadda'ateeti bakka fedhetti
salaata. yoo bishaan dhabe biyyi'een tayammuma
godhateeti salaataa, salaanni isaa fayyaa taati.
Hadiisa jaabir
kan nuu dabre tokko keessatti nabiin akki je'e
}وجُعلتْ
لي الأرض طيبة :طهوراً ومسجدا فأيما رجل ادركته
الصلاة صلى حيث كان .....} . متفق عليه
Ma'naan isaa :
{ Nabiin akki je'e nageenyi isarratti haa
jiraatuu ,dachiin, waan, gaarii, naa godhamte :
xaahiraafii masjida naaf godhamte. namumti
salaanni itti gaye bakka fedhetti salaatuu qaba
...}B.M. odeesse
Hadiisa ahmad
sanad sahiihan
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je'e :
وجُعلتْ
لي الأرض مساجداً وطهوراً اينما ادركتنى الصلاة
تمسحت وصليت وكان من قبلى يعظمون ذلك،انما كانوا
يصلون فى كنائسهم وبيعهم } رواه احمد عن
ابن عمر .
Ma'naan isaa:dachiin
masaajidaafii xaahira naa godhamte. bakka
salaanni natti geesse hundatti biyyeedhan
haqadheetan Tayammuma godheetan salaata warri
na duraa,sun itti ulfaata. sun waan guddo'otti
lakkaawan. Isaan kaniisaadhafii biya'a
بيع
keessatti
malee alatti hin salaatan
.} Ahmaddu
ilma umarirraa odeesse
وعن ابى هريرة رضى الله عنه ان رسول الله
I
قال: { فُضِّلتُ على الأنبياء بست : اعطيت جوامع
الكلم .ونصرت بالرعت واحلت لي الغنائم. وجعلت لي
الأرض طهوراً ومسجداً وارسلت الى الخلق كافة.
وخُتم بى النبيون} رواه مسلم
Ma'naan isaa :
{
hadiisa kana keessatti nabiin akki je'e : waa
jahaanan anbiyoota hundarra caalchifame : dubbii
gabaabduu ma'naa dheeraa qabdun kenname .
nyaabni kiyya hanga amna baatii takkatti na
sodaatu'uunan gargaarsifame. waan boojiyame
nyaatun halaal naa godhame. dachiin xaahira,
masjida, naaf godamte ammas khalqii hundattin
ergame. ammas nabiyyummaan naan xumuramte. } M
.odeesse.
Torbaatamii
shaneesson :
Rabbiin ummata muhammad qofaaf guyyaa jum'ataa
kennuu .
Waan Rabbiin
ummata kan qofa badhaaserraa guyyaa jum'aadhatti
isaan qajeelchuu. guyyaa jum'aadhaa kan caalaa
guyyoota amataa yookaa baraa taye. kan Rabbiin
warra isaan duraa irraa mayse .
Akka hadiisa abuu
hureyra'aatifii hadiisa huzeyfa'aa keessatti
dhufe Rabbiin isaanirraa haa jaalatuu .
Ergamaan Rabbii
hadiisa
san keessatti akki je'e :
أضل الله عن الجمعة من كان قبلنا ، فكان لليهود
يوم السبت ، وكان للنصارى يوم الأحد ، فجاء الله
بنا ، فهدانا الله ليوم الجمعة } رواه مسلم
Ma'naan isaa :
{Nabiin
akki je'e:Rabbiin warra nu duraa jum'aadharraa
mayse.duuba sabtiin ta yahuuda'aati taate.
alhadni kan nasaara'aati taye. duuba Rabbiin nu
fidee guyyaa jum'aadhatti nu qajeelchi.} M.
odeesse.
وفى لفظ للشيخين عن ابى هريرة رضى الله عنه عن
النبى
I
قال: { نحن الآخرون السابقون يوم القيامة ، بيد
انهم أوتوا الكتاب من قبلنا، واوتيناه من بعدهم ،
وهذا يومهم الذى فُرض عليهم ، فاختلفوا فيه فهدانا
الله له فهم لنا فيه تبع .....} الحديث
Ma'naan isaa :
{ Abuu hureyran wanni nabirraa odeesse kan
nabiin je'e { nuti warra boodati . kan guyyaa
qiyaama'aa yahuuda'aafii, nasaaraa dura dabru
.haa tayuu isaan kitaaba nu dura kennaman. nuti
kitaaba isaan booda kennamne guyyaan jum'aadhaa
kun , guyyaa isaanii kenname . haa tayuu irratti
wal dhaban .duuba Rabbiin itti nu qajeelcheti
arganne . tanaaf jecha isaan guyyaa jum'ataa
keessatti nu jala deeman.}
Torbaatamii
jahaffaan :
{Sa'aa du'aa'in keessa qeebalamtu, ta guyyaa
jum'ataa ummata kana qofaa kennuu.
فعن ابى هريرة رضى الله عنه ان رسول الله
I
ذكر يوم الجمعة فقال : { فيه ساعة لايوافقها عبد
مسلم وهو قائم يصلى يسأل الله تعالى شيئا الا
اعطاه اياه واشار بيده يُقَلِّلُها } متفق عليه
واللفظ للبخارى
Ma'naan isaa
{Abuu hureyran akki je'e ergamaan Rabbii
nageenyi isarratti haa jiraatuu, guyyaa jum'ataa
dubbatee akki je'e : guyyaa jum'ataa keessa
saa'aa xiqqoo takkaatu jira tan yoo namni
islaamaa tokko kan dhaabbatee salaatu isii
keessa rabbirra waa barbaade yookaa khadhate
isaa kennuu hin oolle . saa'an sun xiqqoo
tayu'utti nabiin akheekhee jira } . B.M. o.
عن
ابى هريرة رضى الله عنه قال : قال : رسول الله
I
{ خير يوم طلعت عليه الشمس يوم
الجمعة فيه خلق آدم... وفيه ساعة ، لا يصادفها
عبد مسلم ، وهو يصلى يسأل الله شيئا الا أعطاه
اياه } رواه مالك
Ma'naan isaa : {
ergamaan rabbii hadiisa kana keessatti
akki je'e: irra caalan guyya'aa kan aduun
isarratti baate , guyyaa jum'ataati. isa keessa
aadam uumame. guyyaa jum'aadhaa keessa , yaroo
xiqqoo takkaatu jira. tan yoo isii keessa namni
islaamaa tokko, isaa dhaabbatee salaatu, Rabbi
waa khadhate,waan san isaa kennuu hin oolle}.
Rawaahu maalik.
Torbaatamii
torbaffaan:
{ Rabbiin ummata kanaaf, halkan laylatulqadri
je'amu kennuu. kan isaan dura nam tokkolleen hin
argatin.
Rabbiin akki je'e:
]
إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْرِ
*وَمَآ
أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ
*لَيْلَةُ
الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ
*تَنَزَّلُ
الْمَلاَئِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْنِ
رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ
*سَلاَمٌ
هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ
[.
سورة القدر آية { 15 }
Ma'naan isaa
:{nuti qur'aana lawhalmahfuuzirraa fuuneti
,walii gala isaa, halkan qadrii qabu keessa ,
samii dachi'itti gad aantutti buufne , achi
keenye. waan halkan qadrii taye maaltu si
beysise ? waan inni taye nuut si beysisaa,
halkan dalagaan takkittiin isa keessa dalagan,
dalagaa baatii kuma tokko keessa dalaganirra
caaltu. halkan san malaaykan sami'ii dachi'itti
gad buuti. ammallee jibriil ashkara isaatin
wajji bu'a. ajaja rabbiitin. waan rabbiin mureen
.halkan sun halkan nagayaati.hanga guyyaan
bariyutti. halkan salaamta'aati. kan malaaykan
sami'ii buutu hundi, nama mu'minarratti
salaammattu malee, biran dabarre hanga fajriin
bayutti }.
عن ابى هريرة رضى الله عنه عن النبى
I
قال : { من قام ليلة القدر ايمانا واحتسابا غفر له
ما تقدم من ذنبه } متفق عليه
Ma'naan isaa:{namni
rabbitti amanii sawaaba rabbirratti hisaabbatee
halkan laylatulqadrii dhaabbatee salaate, diliin
isaa ta dabarte marti isaaf dhiifamti }.M.O.
Torbaatamii
saddeeteffaan :Ummanni
nabii Ragaa Rabbii kan dachii tanarra jiru.
kan Rabbiin misikkirii isaanii qeebalee, waan
isaan je'aniin dubbii muru.
فعن انس بن مالك رضى
الله عنه قال : مروا بجنازة فأثنوا عليها خيرا
فقال النبى صلى الله عليه وسلم: {وجبت } ثم مروا
بأخرى فأثنوا عليها شرا فقال : { وجبت } فقال عمر
بن الخطاب رضى الله عنه ما وجبت ؟ قال :هذا أثنيتم
عليه خيرا فوجبت له الجنة . وهذا اثنيتم عليه شرا
فوجبت له النار . أنتم شهداء الله فى الأرض }.متفق
عليه واللفظ للبخارى .
وفى لفظ للبخارى { المؤمنون شهداء الله فى الأرض
}.
وعند
مسلم { من اثنيتم عليه خيرا وجبت له الجنة ، ومن
اثنيتم عليه شرا وجبت له النار . انتم شهداء الله
فى الأرض ، انتم شهداء الله فى الأرض ، انتم شهداء
الله فى الأرض.
Ma'naan isa :
}sahaabichi anas binu maalik je'amu tokko Rabbi
isarraa haa jaalatuu akki je'e : gaaf tokko nuu
nabiin wajji bakka takka jiru janaazaa takkaan
nu bira dabran . duuba namni hundi waan
gaari'iin janaazaa san dubbate . hoggaa san
nabiin { wajabat } je'e . ammas janaazaa
biraatin nu bira dabran. Duuba namni hundi
hamtu'uun isii dubbate .hoggaa san nabiin {wajabat}
je'e .jennaan asaab umar akki je'e: yaa ergamaa
Rabbii {wajabat} jechuun maali je'e ? jennaan
nabiin akki je'e: janaazaa duraa isin waan
gaari'iin dubbannaan jannanni isi'iif
wajabe.yookaa ragga'e .janaazaa boodaa isin waan
hamtu'uun isii dubbannaan ibiddi isi'ii wajabe
yookaa Ragga'e. isin Ragaa Rabbii kan addunyaa
tanarra jiru .B,M. O.
Riwaayaa
bukhaari'ii takka keessatti : nabiin akki je'e :
mu'mintoonni addunya'arratti ragaa Rabbiiti .
Riwaayaa muslim
takka keessatti : nabiin akki je'e : yaa ummata
kiyya namni isin kheyri'iin dubbattan jannanni
isaaf wajabe . namni isin hamtu'uun dubbattan
ibiddi isaaf wajabe. isin yaa ummata kiyya
addunyaa tanarratti ragaa Rabbiiti. isin adunyaa
tanarratti ragaa Rabbiiti. isin addunyaa
tanarratti ragaa Rabbiiti. je'an } .
وفى حديث ابى هريرة رضى الله عنه عند النسائى عنه
I
قال : { الملائكة شهداء الله فى السماء ، وانتم
شهداء الله فى الأرض }
Ma'naan isaa :
{ Malaaykan ragaa Rabbii kan sami'iiti. isin yaa
ummata kiyya ragaa Rabbii kan dachi'iiti jechuu}.
|