شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
GUDDINA NABI MOHAMMED

duree

 KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
GUDDINA NABI MAHAMMED RABBI BIRAA QABU NAMAA IBSU

   
 

 

KUTAA LAMMAFFA`AA

         qooda lammaffa`aa : waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti .

Sagaltamii lammaffaan : Rabbiin nabiyyii isaa akka ummata isaa keessatti gammadu godhuu. waan inni fedhu ummata isaatii kennee

Waan Rabbiin ummata kana qofaa godherraa waan isaan miidhun isaan tuqee , nabiyyi isaa garaa hin balleessu .yookaa hin hammeessu. waanuma nabiyyii isaa gammachiisu yookaa jaalachiisu isaanitti dalaga .yookaa isaanii kenna .kun nabiyyii isaa guddisuu keessa hoonga gayuu je'ama .

Rabbiin akki je'u :

 ] وَلَسَوْفَ يُعْطِيكَ رَبُّكَ فَتَرْضَى [.               سورة الضحى آية { 5 }

Ma'naan isaa :{yaa ergamaa  kiyya muhammad Rabbiin kee waan ati feetu sii kennu'uuf taa'a .kan waan nuti sii kennine san jaalattee gammaddu .

عن عبد الله بن عمرو بن العاص رضى الله عنهما ان النبي I تلا قوله عز وجل فى ابراهيم { رَبِّ إِنَّهُنَّ أَّضْلَلْنَ كَثِيْراً مِنَ النَّاسِ فَمَنْ تَبِعَنِي فَإنَّهُ مِنِّي } الآية  وقال عيسى عليه السلام { إِنْ تُعَذِّبْهُمْ فَإنَّهثمْ عِبَادُكَ ، وَإنْ تَغْفِرْ لَهُمْ فَإنَّكَ أنْتَ العَزِيزُ الحَكِيمُ }  فرفع يديه وقال { امتى أمتى  .وبكى . فقال الله عز وجل : يا جبريل اذهب الى محمد  وربك اعلم فسله ما يبكيك فأتاه جبريل عليه الصلاة والسلام فسأله فأخبره رسول الله I بما قال  وهو اعلم فقال الله تعالى يا جبريل اذهب الى محمد فقل  انا سنرضيك  فى امتك ولا نسوؤك }.رواه مسلم

Ma'naan isaa: { gaaf tokko nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu waan Rabbiin nabi ibraahiimirraa odeesse qara'ee yookaa dubbisee sun : Yaa Rabbii kiyya asnaamni yookaa taabonni nama hedduu jallisee, namni taabota gabbaruu dhiise, karaa kiyya, kan tokkummaa kee yaadu'uu qabatee, na jala deeme, inni narraayi, jam'aata kiyyarraayi. ammas nabiin waan Rabbiin nabi iisa'arraa dubbate qara'ee sun: yaa Rabbi ummata kiyya yoo qixaaxxe isaan gabroottan keetii , akka feete isaan godhuu dandeessa ati jabaa hikmaa qabuu, kan dalagaan tee akka malee hin taane .Duuba Nabiin, nageenyi isarratti haa jiraatuu, hoggaa dubbi lamaan tana qara'u, harka ol fuudheti yaa Rabbi  ummata kiyya yaa Rabbi ummata kiyya yaa rabbi ummata kiyya je'ee , booya itti gad lakkise . duuba rabbiin jibriilin akki je'e  odoo beekhuu  deemii waan Muhammad boochisu gaafadhu. duuba jibriil nageenyi isarratti haa jiraatuu , nabitti dhaqee gaafannaan nabiin waan isa boochisu itti odeesse. rabbiin waan isa boochisu ni beekhaa  duuba rabbiin jibriilin akki je'e deemii Muhammaditti dhaqii , nuti ummata keetitti waan si gammaciisu malee , waan ati irraa hammaattu hin dalaynu ji'iin , je'een }.M.o

وعن حذيفة رضى الله عنه قال :{  غاب عنا رسول الله I يوماً ، فلم يخرج حتى ظننا انه لن يخرج ، فلما خرج سجد سجدة فظننا ان نفسه قد قبضت منها ،فلما رفع رأسه قال : { ان ربى تبارك وتعالىاستشارنى فى امتى ماذا افعل بهم ، فقلت ما شئت أى رب ، هم خلقك وعبادك ، فاستشارنى الثانية فقلت له كذلك فقال :لا احزنك  وفى مجمع الزوائد  لانخزيك فى امتك يا محمد ، و بشرنى ان اول من يدخل الجنة من امتى سبعون الفا مع كل الف سبعون الفا ليس عليهم حساب. ثم ارسل الى فقال ادع تجب وسل تعط ،فقلت لرسوله او معطى ربى سؤلى ؟ فقال ما ارسلنى اليك الا ليعطيك ولقد اعطانى ربى عز وجل ولا فخر ، وغفر لى ما تقدم من ذنبى وما تأخرو انا امشى حيا صحيحا، واعطانى ان لا تجوع امتى ولا تغلب واعطانى الكوثر وهو نهر من الجنة يسيل فى حوضى ، واعطانى العز والنصر والرعب يسعى بين يدى امتى شهرا ، واعطانى انى اول الأنبياء ادخل الجنة ،وطيب لى ولأمتى الغنيمة ، واحل لنا كثيرا  مما شدد على من قبلنا ولم يجعل علينا من حرج }  رواه احمد بسند حسن

فهذه الأمة،منها من يدخل الجنة بغير حساب ولا عقاب ومنها من يدخل الجنة بعد الحساب والباقى يدخلون الجنة بالشفاعة حتى يكون جميعهم فى الجنة .   الجنة بالشفاعة حتى يكون جميعهم الى الجنة 

Ma'naan isaa { saahibtichi nabii tokko kan huzeyfaa je'amu akki je'e : gaaf tokko ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatuu nurraa ture , nutti gad hin baane , hanga inumaa nutti gad hin bayanii seenu takkatti. duuba hoggaa nutti gad bayu sujuuda tokko sujuude sujuuda dheeraa sujuudan hanga ruuhin isaan keessaa fuudhamte jechaa seenutti. duuba hoggaa sujuudarraa mataa ol fuudhu, wanni nuun je'e: Rabbiin kiyya waan ummata kiyyatti dalagu keessatti naan mariyate. naan mariyannaan yaa Rabbi  isaan gabroottan keetii waan feeti isaanitti dalagi je'een.  Ammas lammada naan mariyate. duuba akkuman duraan je'eenan je'een, jennaanin wanni naan je'e : Yaa Muhammad ummata kee keessatti sin xiqqeessu. sin rifachiisu je'ee , wanni naan gammachiise : namni dura dursoo ummata keetirraa jannata seenu kum torbaatam. kan kuma hundaan wajji kumni torbaatam jiru , akkana jechuun kum torbaatama bakka kum torbaatamaati jechuu. Duuba jarri hundi gaafatamu'uun male'etti jannata seenan .ammas nabiin akki je'e rabbiin eega akkatti na gammachiisee ergaa natti erge. inni natti ergame wanni naan je'e waan feete rabbii kee kadhadhu. duuba ergaa Rabbiitin akkin je'e: si waanin fedhu hunda yoon kadhe, Rabbiin anumaaf kennaan je'een. jennaanin wanni naan je'e : Rabbiin waan biraatii sitti nan ergine waan ati feetu sii kennu'uufi malee . jannaan nabiin akki je'een dhugaa baanta , Rabbiin waa hedduu naa kanne dhaaddatu'uuf hin jennee. Rabbiin kiyya anaa fayyaa qabu anaa  jiru kan addunya'arra deemu, dilii tiyya ta dabarteefii ta dhufaa teessullee naaf araarame.ammallee akka ummanni kiyya hundi beelan hin dhumne, akka diinni alaga'aa lafarraa isaan hin fin'e.baallama naa seene.ammallee laga jannata keessa jiru , kan kawsar je'amu, kan bishaan isaa hawdii tiyyatti yaa'u naa kenne. akkasuma jabeenya mooyannaa, diinni sodatun fuula ummata kiyyaa dura deemuu nuu kenne. ammas anbiya'arraa nama dura dursuu jannata seenu Rabbiin na godhe . ammallee waan boojiyame nyaatuu naafii ummata kiyyaa halaal godhe.ammallee waan hedduu ummata durirratti jajjabeesse nuu halaal godhee nuu laaffise. Ammallee diin keenya keessatti waan nu cinqu yookaa nutti ulfaatu nurran keenye.}

 Ahmadtu karaa nagayaatin odeesse .

Ummanni kun isaanirraa nama hisaabafii iqaaban male'etti jannata seenu . gariin kan eega hisaabamee seenu. Gariin kan shafaa'aadhan seenu.hanga ummanni kun hundi jannata keessatti wal gayutti .

Sagaltamii sadaffaan Dalagaa xiqqo'orratti ummata kanaaf sawaaba heddommeysuu.

Waan Rabbiin ummata kana qofaaf godherraa dalagaa xiqqo'orratti sawaaba guddaa isaanii kennuu. Kanuma dalagaan ummata kanaa dalagaa ummata durii gadii . kanuma, umriin isaanii umrii warra durii gadii, warra durirra sawaaba guddaa argatan.

عن ابن عمر رضى الله عنهما عن رسول الله I قال {انما أجَلُكُم فى أّجَلِ من خلا من الأمم ما بين صلاة العصر الى مغرب الشمس واما مثل اليهود والنصارى كرجل استعمل عمالا فقال من يعمل لى الى نصف النهار على قيراط قيراط ؟ فعملت اليهود الى نصف النهارعلى قيراط قيراط . ثم قال من يعمل لى من نصف النهار الىصلاة العصر على قيراط قيراط ؟ فعملت النصارى من نصف النهار الى صلاة العصر على قيراط قيراط ثم قال من يعمل لى من صلاة العصر الى مغرب الشمس على قيراطين قيراطين ؟ الا فأنتم الذين يعملون من صلاة العصر الى مغرب الشمس على قيراطين قيراطين. الا لكم الأجر مرتين فغضبت اليهود والنصارى فقالو نحن اكثر عملا واقل عطاء  }  قال الله هل ظلمتكم من حقكم شيئا: قالوا : لا.قال فإنه فضلى أعطيه من شئت } رواه البخارى

Ma'naan isa : { Hadiisa ibnu umar ergamaa rabbirraa odeesse keessatti ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatu akki je'e : {isin yaa ummata kiyya ajalli keessan ,hangi isin addunyaa tana geessa teessan , yoo ajala  ummata dabreetin wal maddii qabnee laalle hanga salaata asri'iitifii seensa adu'uu jiddu'uuti. Ammoo yahuuda'aafii nasaaran wanni fakkaatan ,akka namicha dalayduu dalaysiifatee nama hanga wal'akkaa guyya'atti dalageef qiiraaxa tokko tokkon kenna je'e duuba yahuudan hanga wal'akkaa guyya'atti dalaydee , qiiraaxa tokko tokko fudhatte.ammas wanni je'e : nama wal'akkaa guyya'arraa hanga salaata asri'itti naa dalage qiiraaxa tokko tokkon kenna. duuba nasaaran wal'akkaa guyya'arraa hanga salaata asri'itti dalayde .ammas akki je'e : eenyutu salaata asri'irraa hanga maghribatti yookaa lixa adu'utti qiiraaxa lama lamaan naa dalaga? nabiin akki je'e :dhagayaa isin ummanni kiyya warra salaata asri'irraa hanga aduun seentutti dalagu qiiraaxa lama lamaan dhagayaa isin yaroo xiqqo'orratti mu'uya guddaa argattan. duuba yahuuda'aafii nasaaran dallananii akki je'an : nuti dalagaa guddoo dalagu'uun wajji mo'oya xiqqaa argannee isaan dalagaa xiqqoo dalagu'uun mo'oya guddaa argatan je'anii himatan! jennaan rabbiin akki je'een haqa keessanirraa waa takka wahin isin duraa er'isee ? jennaan lakkii hin ir'ifne je'an .jennaan sun waan kiyyaa , naman fedheefin kenna je'een.} hadiisa kana  bukhaari'iitu odeesse .

وعن ابى موسى الاشعرى رضى الله عنه عن النبى I قال:{ مثل المسلمين واليهود والنصارى كمثل رجل استأجر قوما يعملون له عملا يوما الى الليل على اجر معلوم  فعملو له نصف النهار  فقالوا لاحاجة لنا الى اجرك الذى شرطت لنا وما عملنا باطل  فقال لهم لا تفعلوا اكملوا بقية عملكم وخذوا اجركم كاملا فأبوا وتركوا،واستأجر آخرين بعدهم فقال اكملوا بقية يومكم هذا  ولكم الذى شرطت لهم من الأجر فمعلوا حتى اذا كان حين صلاة العصر قالو لك ماعملنا باطل .ولك الاجر الذى جعلت لنا فيه فقال لهم اكملوا بقية يومكم فان ما بقي من النهار شيء يسير فأبوا واستأجر قوما ان يعملوا يومهم فعملوا  بقية يومهم حتى غابت الشمس واستكملوا اجر الفريقين كليهما فذلك مثل المسلمين الذين قبلوا هدى الله وما جاء به رسوله ومثل اليهود والنصارى تركوا ما امر الله}

Ma'naan isaa : {Hadiisa abbaan muusaa ash'ari'ii  nabirraa nuu odeesse keessatti nabiin akki je'e : nageenyi isarratti haa jiraatuu { Fakkeessan orma islaamatiifii ,yahuuda'aafii nasaara'aa,akka namicha jara tokko kireeffate , akka guyyaa guutuu ganamarraa hanga galgalatti isaaf dalaganiif  mo'oya beekkama'aan . duuba cinaa guyya'aa dalaganiifii,maallaqa ati nuu maqaa dhooyte hin feenu, wanni dalayne haa lafa  badduu je'aniin. jannaanin akkana hin dalagina'aa guyya'arraa hanga hafe dalaga'aa mu'uya keessan guutuu fudhadhaa je'eenii didanii dhiisan . duuba  jara biraa kireeffatee guyya'arraa hanga hafe dalagaa waan jarri dide silaa fudhatu fudhattanii je'een. Duuba hanga salaata asri'itti dalaganii  waan dalayne bilaashitti sii dalaynee je'aniin duuba jara biraa kireeffatee guyya'arraa hanga hafe dalagaa je'een. duuba dalaganii, waan jarri lamaan duraa haqa godhatu hunda haqa godhatanii fudhatan. sun fakkeessaa yahuuda'aafii nasaara'aa kanneen waan rabbiin itti ajaje didaniifii,orma islaamaa kanneen qajeelloo rabbii dhagayanii, waan ergamaan Rabbii dhufeen dhugo'oomse }.

jarri duraa yahuuda'a. jarri lammeysa'aa nasaara'a. jarri sadeessa'aa kan mo'oya harka lama argate orma islaamati.

 Sagaltamii Afraffaa : Ummanni kun hundi jannat seenuu.

Waan Rabbiin ummata kana qofaa kennerraa ,ummanni kun cufti yookaa duffunni, yookaa marti, jannata seena .kan ummanni biraa  gariin jannata seenee gariin ibidda seenu .                                              

فعن ابى هريرة رضى الله عنه قال قال رسول الله I { كل أمتي يدخلون الجنة الا من ابى } قالو يا رسول الله ومن يأبى قال {من اطاعنى دخل الجنة  ومن عصاني فقد ابى } رواه البخارى

Ma'naan isaa:{Hadiisa abuu hureyran odeesse keessa Nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je'e : Ummanni kiyya hundi jannata seena  nama jannata seenuu dide malee} jennaan asaabonni yaa ergamaa Rabbii eenyu namni jannata seenuu didu je'aniin .jennaanin {namni na dhugo'oomse jannata seene. namni na dhugo'oomsuu didee natti dilaaye, dhugumaan jannata seenuu dide .} B. o.

وعن ابى موسى رضى الله عنه قال قال رسول الله I { تحشر هذه الأمة على ثلاثة اصناف :صنف يدخلون  الجنة بغير حساب وصنف يحاسبون حسابا يسيرا ثم يدخلون الجنة وصنف يجيئون على ظهورهم امثال الجبال الراسيات ذنوبا فيسأل الله عنهم وهو اعلم بهم فيقول ما هؤلاء ؟ فيقولون هؤلاء عبيد من عبادك فيقول حطوها عنهم واجعلوها على اليهود والنصارى  وادخلوهم برحمتى الجنة } رواه الحاكم وصححه على شرط الشيخين.

Ma'naan isaa : {Hadiisa abii muusan odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e : {Ummanni kun  guyyaa qiyaama'aa gosa,aynata sadii : gosti takka tan hisaaba malee jannata seentu.gosti takka tan waa xiqqo hisaabamtee yookaa gaafatamtee jannata seentu . Gosti takka tan dilii akka gaara gugurda'aa ba'attee dirree qiyaama'aa dhuftu. duuba Rabbiin odoo beekhuu jarri kun maali je'ee isaanirraa gaafata .duuba wanni je'aniin jarri kun gabroottan gabroota keetirraa taye . ummata muhammmadi ,kanneen diliin itti guddatte .duuba Rabbiin akki je'u dilii isaanii tana, irraa fuudha'aa, yahuuda'aafii nasaara'arra kaaya'aa  Rahmata kiyyaan jannata isaan seensisaa .} hadiisa kana haakimiitu odeesse sharxii B . M

Sagaltamii shanaffaan:Warri nama shafa`u ummata kana keessa heddommaatu .

waan rabbiin ummata kanaan guddeserraa gariin isaanii nama hedduu shafa`u .

وعن الحارث بن اقيش رضى الله عنه  قال قال رسول الله I :{ إن الرجل من أمتي من يدخل الجنة بشفاعته اكثر من مضر }

رواه الحاكم  وصححه على شرط مسلم .

Ma'naan isaa : { Hadiisa haaris ilmi uqaysh  nuu odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e: nama tokkichaatu ummata kiyyarraa guyyaa qiyaama'aa dhufa kan shafaa'aa isaatin namni  gosa arabaa tan mudar je'amturra heddu'uu jannata seenu }. Haakimiitu hadiisa kana odeesse sharxii muslimiin

وعن ابى سعيد الخدرى رضى الله عنه ان رسول الله I قال {ان الرجل من امتي ليشفع  للفئام من الناس فيدخلون الجنة بشفاعته وان الرجل ليشفع للقبيلة من الناس فيدخلون الجنة بشفاعته . وان الرجل ليشفع للرجل واهل بيته فيدخلون الجنة بشفاعته}.                  رواه احمد والترمذى وحسنه.

Ma'naan isaa : { hadiisa Abbaan sa'iidilkhudri'ii odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e: namni tokkichi ummata kiyyarraa taye jamaa'aa  hedduu shafa'a. kan shafaa'aa saniin jannata seenan . ammas namni tokko gosa namaa guddoo  shafa'a. kan sababaa saniin jannata seenan. ammas namni tokko nama tokko ni shafa'a .ammallee warra isaa ni shafa'a . kan shafaa'aa isaatin  jannata seenan.}

hadiisa kana Ahmadiifii tirmizi'iitu odeesse inni  hadiisa naggaya qabu .

وفى حديث ابى امامة رضى الله عنه قال سمعت رسول الله I يقول ليدخلن الجنة بشفاعة رجل ، ليس بنبيَّ مثلُ الحيَّين ربيعة ومضر } فقال رجل يارسول الله أو ما ربيعة من مضر ؟ فقال إنما اقول ما اقول } رواه احمد والطبرانى برجال الصحيح .

Ma`naan isaa: { hadiisa abbaa umaama`aa kana keessatti  nabiin akki je`e: shafaa`aa nama tokkoo kan nabiyyii hin tayiniin gosti guddoon, gosa lamaan guddoo , Rabbi'iifii mudar je`amtu geessutu , jannata seena, jennaan namni tokko yaa ergamaa Rabbii gosti ra`bii`aa je`amtu Mudarirraayi ? jennaanin nabiin akki je`e { an waanin je`un je`a }. namni odeesse ahmadiifii xabaraani  kharaa fayyaa qabuun .

Sagaltamii jahaffaan:Kuffaari ummata kanaaf akka isaanitti islaama tayu`uuf hawuu .

Waan Rabbiin ummata kana qofaaf kennerraa kuffaarri hoggaa waan Rabbiin ummata kanaan guddise argu ,odoo ummata kanarraa taanee waan isaan argatan argannee je`aniiti hawwan .waan ummanni kun argete argatu`uuf jecha .

Rabbiin ol taye akki je'e

 ]الرَ تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ وَقُرْآنٍ مُّبِينٍ  * رُّبَمَا يَوَدُّ الَّذِينَ كَفَرُواْ لَوْ كَانُواْ مُسْلِمِينَ  *  [.                   سورة الحجر آية 1  2

Ma'naan isaa : { Jecha }  الم }  kana Rabbiitu waan itti fedhe beekha,

 Aayaanni sun , takkaa suuran tun , Aayaata kitaabati, takkaa qur'aanati .Isiin Aayata qur'aana haqa ibsuuti, takkaa mul'isuuti.Warri Rabbitti kafare, yookaa morome, guyyaa qiyaama'aa hoggaa azaaba kuffaaratiifii jannata mu'minaa argan, odoo addunya'arratti aslaamoynee, azaaba ormi kuffaaraa mudate jalaa baanee , jannata ormi islaamaa argate argannee, je'aniiti hawwu'uu jiraatan .

Sagaltamii torbaffaan: Ummanni kun addunya'arratti warra booda argame. ammoo aakhira'atti qabri'ii kaafamu'uufii jannata seenuu keessatti warra duraati.

Wanni Rabbiin ummata kana qofaa godhe isaan argamiinsa keessatti ummata hunda booda .isaan ummata hunda dura qabri`ii kaafamanii gaafatamanii jennata seenan .

فعن ابى هريرة رضى الله عنه انه سمع رسول الله I يقول {نحن الآخرون السابقون يوم القيامة ، بيد انهم أوتوا الكتاب من قبلنا ، واوتينا من بعدهم } متفق عليه

Ma'naan isaa: { abuu hureyran Rabbiin irraa haa jaalatuu akki je'e: ergamaa Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatuu kan hunoo akkana je'un dhagaye.{nuti addunya'rratti ummata hunda booda.ammoo aakhira'atti ummata hunda dura dabarra. haa tayuu ummanni nu dura dabre, nu dura kitaaba argatanii, nuti isaan booda arganne malee } , je'anan  dhagaye je'e}         hadiisa kana B.M,O.  

عن ابى هريرة وابى حذيفة رضى الله عنهما  قالا : قال رسول الله I {.....نحن الآخرون من اهل الدنيا ، والأولون يوم القيامة ، المقضى لهم قبل الخلائق } روامسلم

Ma'naan isaa : {Hadiisa abuu hureyra'aafii abbaan huzeyfa'aa nuu odeessan keessatti ,nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e :{nuti warra addunya'arraa warra boodati. ammoo guyyaa qiyaama'aa  nuti warra duraati. nuti warra dura kaafamu,warra dura gaafatamu, warra dura dubbiin isaanii laalamtu.isaan warra dura jannata seenu} . M.o.

Sagaltamii saddeeteffaan : Namni hedduun isaanirraa hisaaban, yookaa gaafatamu'uun , male'etti jannata seenuu.

Waan Rabbiin ummata kana qofaa kennerraa nama hedduu hisaabafii azaaban male'etti jannata seensisuu. warra fuulli isaanii akka adu'utti , takkaa ji'a goobanetti , ifu.

Hadiisa sahlii ilma sa'dii odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:

 ليدخلن الجنة سبعون الفااو سبعمائة الفمتماسكون آخذ بعضهم بعضا ، لايدخل اولهم حتى يدخل  آخرهم ووجوههم على صورة القمر ليلة البدر } متفق عليه واللفظ لمسلم

Ma'naan isaa: { Nabiin akki je'u :ummata kiyyarraa  nama kum torbaatamaatu takkaa kum dhib torbaatamaatu jannata seena isaanii wal qabatu kanneen gariin isaanii garii isaanii qabatu .kan namni isaanirraa dura deemu jannata hin seenne. hanga kan boodaa seenutti. kan fuulli isaanii akka ji'a halkan kudha afuritti ifu } .

hadiisa kana B.M. odeesse jechi ka M.

وعن ابى امامة رضى الله عنه قال: سمعت رسول الله I يقول : { وعدني ربى ان يدخل الجنة من أمتي سبعين ألفا لا حساب عليهم ولاعذاب ، مع كل الف سبعون الفا وثلاث حثيات من حثياته}. رواه الترمذى وحسنه كما رواه ابن ماجه واحمد والطبرانى وابن حبان

Ma'naan isaa:{hadiisa abbaa umaama'arraa nuu odeeffamae, keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e :{Rabbiin kiyya ummata kiyyarraa nama kum torbaatama kan kuma hunda wajjiin  kum torbaatam jiru , kan hammaarrin isaa sadii wajji jirtu, kan hisaabafii azaaba hin qabne, jannata naa seensisu'uuf baallama naa seene } je'an .

tirmi'iitu odeese karaa  naya qabuun akkasuma ahmadis odeese .

Sagaltamii sagalaffaan: ummanni kun asxaa rabbii isaanii beekhaniin qaban guyyaa qiyaama'aa  .

عن ابى هريرة رضى الله عنه ان ناسا قالوا لرسول الله I: يارسول الله هل نرى ربنا يوم القيامة ؟ فقال رسول الله I {هل تضارون فى رؤية القمر ليلة البدر .....الحديث، وفيه فإنكم ترونه كذلك ، يجمع الله الناس يوم القيامة فيقول من كان يعبد شيئا فليتبعه فيتبع من كان يعبد الشمس الشمس ويتبع من كان يعبد القمر القمر ويتبع من كان يعبد الطواغيت الطواغيت  وتبقى هذه الأمة فيها منافقوها  فيأتيهم الله تبارك وتعالى فى صورة غير صورته التى يعرفون فيقول انا ربكم فيقولون نعوذ بالله هذا مكاننا حتى يأتينا ربنا فإذا جاء ربنا عرفناه فيأتيهم الله  تعالى فى صورته التى يعرفون، فيقول انا ربكم  فيقولون انت انت ربنا فيتبعونه. }الحديث متفق عليه واللفظ لمسلم

Ma'naan isaa :{Abuu hureyran rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e : Jarri tokko  ergamaa rabbiitin akki je'e : yaa ergame Rabbii guyyaa qiyaama'aa Rabbii keenya ni garraa ? jennaanin nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'een: Je'a goobanaa arguun wahi isin dhibaa? arguu isaa barbaadaf wahi walitti maxxantanii wal rakkiftanii namuu kaan rakkisu'uun male'etti argaa mitii ? akkasitti rabbii keessan agartan. Ammas nabiin akki je'e guyyaa qiyaama'aa rabbiin nama hunda walitti qaba . duuba wanni isaanin je'u :namuu waan addunya'arrtti gabbaruu yookaa ibaaduu ture jala haa deemu. duuba namni aduu gabbaruu ture aduu jala deema. warri ji'a gabbaruu ture j'a jala deema. Namni sheyxaana gabbaruu ture sheyxaana jala deema .ammoo ummanni kun, munaafiqa isaanitiin wajji bakka jiranitti hafan. duuba rabiin suuraa isaan hin beynen itti dhufee , an rabbii keessani je'aan. duuba lakkii ati rabbii keenyaa miti . nuti sirraa rabbitti maganfanna. nuti bakka jirru tanaa hin kaanu  hanga rabbiin keenya  dhufutti. Rabiin keenya yoo dhufe, ni beyna . duuba rabbii suuraa isaan beekhaniin itti dhufee. an rabbii keessan je'aan. ee dhugaa ati rabbii keenya je'aniin. duuba akkasitti isa jala deeman....} hadiisa kana B.M. odeesse.jechi kan muslimi.

dhibba: Ummat kana keessa gooftota warra jannataatu jira .Rabbiin ummata kanarraa jara lama matoota dardara  warra jannataati godhe .ammallee jara lama matoota waataroota warra jannataati godhe. ammallee ummata  kanarraa giiftii yookaa gooftitti dhalaa jannataati godhe.

عن ابى سعيد الخدرى رضى الله عنه قال : قال رسول الله I : { الحسن والحسين سيدا شباب اهل الجنة } .     رواه الترمذى وصححه واحمد.

Ma'naan isaa: {nabiin nageenyi isarratti haa jiraartuu akki je'an: { hasaniifii huseen mataa dardaroota warra jannataati }. tirmizi'iifii ahmadtu odeesse

وعن انس رضى الله عنه قال : قال رسول الله I لأبى بكر وعمر {هذان سيدا كهول اهل الجنة من الأولين والآخرين الا النبيين والمرسلين } رواه الترمذى وحسنه

Ma'naan isaa : { Ergamaan Rabbii nageenyi isaanirratti haa jiraatuu hadiisa anasirraa nuu odeefame keessatti akki je'e:{ asaab abuu bakriifii asaab umaritti akeekee { isaan lamaan kun , matoota Waataroota warra jannataati kan duraatifii kan boodalle'eef  waan anbiya'aafii ergamoota Rabii hin tayin .}                     

hadiisa kana timizi'iitu odeesse karaa nagaya qabuun

وعن فاطمة رضى الله عنها قالت : أسرَّ إلَّى رسولُ الله I { ان جبريل كان يعارضني القرأن كل سنة مرة ، وانه عارضنى العام مرتين ، ولا اراه الا حضر اجلي ، وانت اول اهل بيتي لحاقا بي } فبكيت فقال { اما ترضين ان تكونى سيدة نساء اهل الجنة او نساء المؤمنين  فضحكت لذلك }  رواه البخارى ومسلم واللفظ للبخارى                                   

  Ma'naan isaa : { sitti faaximaan intalti nabi Muhammad Rabbi isi'irraa haa jaalatuu akki jette: Abbaan kiyya nabi Muhammad wanni natti hasaasee naan je'e : { yaa bitii  Jibriil  bara hunda hoggaa takka Qur'aana  narra fidaa ,ammoo bara kana hoggaa lama narra fidee sun wanni na garsiisu, waan biraatifii mitii, du'a tiyyaatu dhiyaate jecha'aafi..namni aalii tiyyarraa dura du'ee na dhaqqabu, saye naan  je'an. hoggaa sanan booye.an boonyan wanni naan je'an : mataa beera warra jannataa yookaa beera mu'minaa tayuu hin jaalattuu naan je'an hoggaa sanan gammadee khofle}.  B. M. odeesse   

عن  حذيفة رضى الله عنه قال رسول الله I : { نزل ملك من السماء فاستأذن الله أن يسلم عليَّّ لم ينزل قبلها فبشرنى : ان فاطمة  سيدة نساء اهل  الجنة} رواه الحاكم وصححه

Ma'naan isaa :{ hadiisa huzeyfa'arraa nuu odefame kana keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e : malaaykichi tokko kan takkaa sami'ii hin bu'in sami'ii bu'ee narratti salaammatu'uuf iznii yookaa eehama rabbirraa barbaadee, wanni naan gammachiise , faaximaan gooftittii beera warra jannataati. jechuu .}  rawaahul haakimu  wasahhahuu.

 

Dr mahammed rashaad kabiir abdullee

kabiir muummayya

 

 

 
 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com