
KUTAA TOKKOFFA`AA
1
-
qooda
Tokkoffaan : Waan Rabbiin nabi muhammad,
nageenyi isarratti haa jiraatuu, addunyaa
tanarratti guddiseen :
Soddamii
shaneessan
: Rabbiin furaa
addunya'aa , yookaa rizqiidhaa hunda, nabi
muhammad harka kaayuu. akka waan rabbiin isaa
kenne, kan anbiyoota biraatii hin kennin kanaan
waan dachii keessa jiru, baafatee addunyaa tana
keessa qanani'iin, yaroo dheertuu jiraatee
eegasii jannata seenu'uufii, amma du'ee jannata
seenuu jidduu filatuu Rabbiin isaa kenne . haa
tayuu nabiin amma du`ee waan rabbii isaa bira
isaa jiru arguu maraxate. yookaa filate.
Nageenyi isarratti haa jiraatuu .
Hadiisa abuu
hureyran odeesse keessatti
nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki
je`e .
بينما
أنا نائم اتي بمفاتيح خزائن الأرض ، فوضعت في يدى
قال ا بو هريرة فذهب رسول الله
I
وانتم تنتشلونها
متفق
عليه .
Ma`naan isaa :{Anaa
rafu na kaasanii furaa rizqii dachii keessa
jirtuu na harka kaayan. abuu hureyran akki je`e
:nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu odoo
addunyaa tanarraa, waan fedhu hin fudhatin
dabree, isin ammoo wallitti guuratu`utti jirtan
}B.M.O
Uqbaan
عقبان ilma
aamir hadiisa muslim irraa oddeesse keessatti
akki ke`e
:
إن
رسول الله
I
خرج يوماً ، فصلى على أهل أُحد صلاته على الميت ،
ثم انصرف الى المنبر فقال إنى فرط لكم ، وانا شهيد
عليكم ، واني ، والله لأنظر الى حوضى الآن وانى
فقد اعطيت مفاتيح خزائن الأرض }
رواه مسلم .
Ma`naan isaa:{gaaf
tokko nabi Mohammad bayeeti, qabroota uhud
dhaqe, salata janaaza`aa irratti salaatee
eegasii minbara koree dheertu dubbatee akki je`e
: an nama isin dura dabree waan isinii tolu
isinii qopheessu .An nama ragaa isinirratti
bayu. An wallaahii amma howdii tiyya laaletin
arga. an miftaahni addunya`aa naa kennamee jira
, je`an} . M .Odeesse .
Soddomii jahaffaan
:jennichi nabi Mauhammad ,nageenyi isarratti haa
jiraatuu islaamayuu,.
Waan rabbiin nabi
Mohammadiin guddiserraa tokko waahelli isaa kan
jinni`ii islaamayu`. tanaaf jecha waahelli isaa
kan jinni`ii sun, waan gaari`itti malee waan
hamtu`utti isan kaasu. rahmanni rabbii
nabirratti haa jiraatuu .
Hadiisa muslim
ilma mas`uudirraa
odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu akki je`e
ما
منكم من أحد الا وقد وُكِلَ به قرينُه من الجن ،
قالوا وإياك يارسول الله ؟ قال وإياي إلا أن الله
اعانني عليه ، فاُسلم فلا يأمرني إلا بخير
رواه مسلم .
Ma`naan isaa:
{nam tokkolleen isinirraa hin taane, yoo kan
jinniin waahela isaaf godhame taye malee. nama
hunda jinni`iitu wajji jira kan akka dhiiyni
qaama namaa keessa yaa`utti , qaama namaa seenee
wajji jiraatu je`an . jennaan asaabonni :
isinilleen akkasumatti isiniin wajji jiraa yaa
ergamaa Rabbii je`aniin. jennaan eeyee jinniin
naan wajji ni jira. haa tayuu jinniyyicha
kiyyarratti rabbiin na gargaaree islaamayee,
waan gaari'itti malee waan hamtu'utti nan kaasu
je`an} . M .O
Hadiisni dubbii
tanatti rarra`u heddu'uu hanganuma irraa
dubbbnna.
Soddomii
torbaffaan:
{Diinni yookaa nyaabni isaanii hanga amna baatii
takkatti isaan sodaatu'uun Rabbiin isaan
gargaaruu.
Waan rabbiin nabi
muhammed qofaa kennerraa nageenyi isarratti haa
jiraatuu hanga amna baatii takkatti nyaaba
isaanii sodaachisee isaan gargaaruu.
Hadiisa
bukhaari`iifii muslim
abuu hureyra`arraa odeesse keessatti nabiin akk
je`e .
فضلت
على الانبياء بستّ . ونصرت بالرعب
.
Ma`naan isaa :
{waa jahaanan anbiyoota hundarra ,caalchifame.
sanirraa diinni kiyya hanga amna baatii takkatti
na sodaatu`uun gargaarsifamuu .
Soddomii
sadeeteffaan:Rabbiifii
malaaykan ragaa isaa bayuu
Waan rabbiin nabi
muhammed guddiseenirraa Rabbiifii
malaaykan,akka qur`aanni haqaan nabirratti
buufame, akka nama hundatti ergame, akka diin
isaa diin hundarra aanee mul`atu ragaa
bayuu.waan nabi muhammad diin haqaatin ergameef
jecha .
Rabbiin akki je`u
]لَّـكِنِ
اللَّهُ يَشْهَدُ بِمَآ أَنزَلَ إِلَيْكَ
أَنزَلَهُ بِعِلْمِهِ وَالْمَلائِكَةُ يَشْهَدُونَ
وَكَفَى بِاللَّهِ شَهِيداً
[.
سورة النساء آية { 166 }
Ma`naan isaa :
{Rabbiin akka ati ergamaa isaa taate ragaa siif
baya,Waan sirratti buusen ragaa siif baya.
Qur'aanafii mukgjiza'aan. mukgjizaan waan
aada'atti hin argamne nabi muhammadii
kennu'.waan nabi Muhammad je'u dhugo'oomsu'uu
jecha, akka nama du'e isaaf jiraachisu'uu, akka
mukni isarratti salaammatu'uu, akka
bineensi,isaanirratti salaammatu'uu, ammallee
bineensi itti amanu'uu , kan kuffaarri san argee
islaamayu, wanni Rabbiin waan aada'atti hin
argamne nabi muhammadii argamsiisuf, akka inni
ergamaa isaa taye ragaa isaa bayu'uufi, akka
nabi muhammad waan dubbatu hunda keessatti
dhugaa dubbatu beysisu'uufi, silaa odoo nabi
muhammad dhugaa dubbatuu baatee, Rabbiin
mukgjiza'aan isa hin jabeessu, irra guddoon
mukgjiza'aa qur'aana Rabbiin nabi
muhammadirratti buuse .Kan beekkomsa isaatin
buuse, akka nabi muhammad isarratti buusuu haqa
godhatu beekaadhaa ,ammallee akka qur'aana
isarratti buusuu keessa dantaan gabroota isaa
jirtu beeka'aa, isarratti buusee, akka inni
ergamaa isaa taye ragaa isaa baye, Malaaykan
Rabbiitis akka ati ergamaa Rabbii taate ragaa
siif baati, Rabbiin qofti akka ati ergamaa
isaa taate qur'aanafii waan biralle'een ragaa
bayuun ni gayaa ragaan biraa hin barbaadamu.
wanni Rabbiin aayata dabarsine tana buusef nama
arabaa kan islaamayu'uu deemu tokkootu orma
yahuudi'iitin, muhammadiin ergame kun, kan isin
bifa isaa towraat keessatti agartanii? je'ee,
gaafannaan ragaa bayuu didanii, aayata
nabiyyummaa nabi muhammad dubbattu, tan towraat
keessa jirtu dhoysan, duuba hoggaa san Rabbiin
isaanirratti deebisee akki je'e; yoo isaan ragaa
bayuu didan, Rabbiifii malaaykan isaa, akka nabi
muhammad ergamaa Rabbii taye ragaa tayanii,
ragaan biraa hin barabadamu. Ragaan Rabbii
qoftinuu ni gaya, je'een.}
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]
وَأَرْسَلْنَاكَ لِلنَّاسِ رَسُولاً وَكَفَى
بِاللَّهِ شَهِيداً
[.
سورة
النساء آية 79
Ma`naan isaa :
{Yaa ergamaa kiyya muhammad ilmaan namaa
qajeelchi'iifi si ergine, Akka ati ergamaa taate
waaqni ragaa bayuun qofti ni gayaa, ragaan biraa
hin barbaadamu}.
Ammas Rabbiin akki
je`e :
]
هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَى
وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى الدِّينِ
كُلِّهِ وَكَفَى بِاللَّهِ شَهِيداً
[.
سورة الفتح آية { 28 }
Ma'naan isaa :{Rabbiin
isa ergamaa isaa muhammad beekkomsa faaydaa
qabuun erge. qajeello'oon .Ammallee diin yookaa
shari'aa haqaatin erge, sun diin islaamatii
,Diin islaamaa kana diin hundaa ol godhu'uuf.
Maalif shari'aan islaamaa waan shari'aa taye,
tan isii dura dabarte,hunda, ni shaarti. waan
islaamni, waan shari'aa, isa dura dabarte keessa
jiru, hunda walitti qabatee, waan isii keessa
hin jirre, hedduu ida'ateef jecha. hanga
shari'aa, isa duratti, namni hin haajamne
takkatti. Aadaa Rabbirraa, yoo nabiyyii takko
erge, yoo inni nabiyyii shari'aadhan dhufe,
taye, shari'aan, haaroyni, inni dhufeen,
shari'aa nabiyyii isa duraa ni jirjiirti. namni
dura dursoo shari'aadhan dhufe, nabi {nuuhgi
نوح
nabiyyiin
shari'aa isaa jirjiire, nabi Ibraahiimi, namni
shari'aa isaa jirjiire nabi muusaa . namni
shari'aa isaa jirjiire, nabi kgiisaaعيسى,
namni
shari'aa isaa waan haarawa fidee jirjiire nabi
muhammadi. tanaaf diin isaa diin hundaa ol
taye.Akka nabi muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu, diin diin hundaa oliitin ergame
Rabbiin ragaa bayuun ni gayaa, ragaan biraa hin
barbaadamu}.
Soddomii
saylaffaan:
{beytulmaqdisitti imaama tayee Anbiya`aan
salaatuu ,isaafii isaanirrattillee rahmataafii
nageenyi haa jiraatuu .
Wanni nabi
mohammed anbiyoota hunda dura durfamuu nu
garsiisuu halkan israa`aa beytulmaqdisitti
imaama tayee anbiya`aan salaatuu. maalif namni
imaama tayee namaan salaatu nama caalaa , beekaa
gutuu ,tayuu .
Hadiisa muslim
Abuu Hureyra'arraa
odeesse keessatti nabiin akki je'e nageenyi
isarratti haa jiraatuu :
لقد رايتني في الحِجر ، وقريش تسألني عن مسراى ..}
الحديث ، وفيه { وقد رأيتني في جماعة من الأنبياء
....فحانت الصلاة فأممتهم ، فلما فرغت من
الصلاة،قال قائل : هذا مالِك صاحبُ النار فسلم
عليه ،فالتفت . فبدانى بالسلام }. رواه مسلم
Ma'naan isaa :{
hadiisa muslim kana keessatti nabiin akki je'e:
Ganama halkan israa'aa san hijrii keessattin if
arge . kan qureyshin amna halkan sanirraa waa na
gaggaafattu ...} hadiisni dheera'aa wanni isa
keessa jiru {nabiin akki je'e :
beytalmaqdisittin anaa jamaa'aa anbiyootaa
keessa jirun , if arge.duuba salaanni gayee,
jibriil na dursee imaama tayee,Anbiyootan
salaate . hogga'an salaatarraa raaw'adhu namni
tokko akki naan je'e : inni kun maalik saahiba
ibiddaatii irratti salaammadhu hoggaa sanin gara
isaa laale ,laallan dafee narratti salaammate}.
hadiisa kana muslimtu odeesse .
Hadiisa anas nuu
odeesse keessatti nabiin akki je`e
أُتيتُ
بدابة فوق الحمار ودون بغل ......} الحديث وفيه :
ثم دخلت بيت المقدس، فجُمع لي الانبياء عليهم
السلام فقدمني جبريل حتى أَمَمتُهم الحديث .
رواه النسائي .
Ma`naan isaa :
{
nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki
je'e : halkan makkarraa na fuudhanii beytal
maqdis na gessan { buraaqa} naa fidan. inni waan
: yaabbatan kan harre`ee olii , kan gaange`ee
gadiiti. duuba beytulmaqdis seenee anbiyoonni
walitti naa qabamanii waytiin salaataa geessee
jibriil na dursee imaama tayee isaanin salaate}
Hadiisa kana
nasaa`iidhatu oddeesse .
Hadiisni
israa`afii mi`raajaa hedduu beekkamaa, warra waa
beekhu biratti .
Afurtameessun:
jaarran nabi muhammed nageenyi isarratti haa
jiraatuu .irra caalaa jaaraa ilmaan namaa tayuu
.
Dhugumaan Rabbiin
zamana nabiin keessa argamee ergame, irra caalaa
zamana ilmaan namaa godhe .akkasuma zamanni
zamana isatti aanu irra caalaa zamana isa boodaa
taye .
Hadiisa obuu
hureyra`aa
keessatti nabiin akki je`e
بعثت
من خير قرون بني آدم قرنًا فقرنًا حتى كنت من
القرن الذي كنت فيه
رواه البخارى
Ma`naan isaa :
{ irra caalaa jaarraa ilmaan aadam keessan
deema'aa dhufe.hangan jaarra'an , an keessa
ergame gayutti } B..O
Qarniin yookaa
jaarran tokko bara yookaa amata dhibba tokko .
Hadiisa
aa`isha`arraa muslim
odeesse keessatti wanni dhufe:
سأل
رجل النبي
I:
ايّ الناس خير ؟ القرن الذى انا فيه ، ثم الثاني ،
ثم الثالث
رواه مسلم
Ma`naan isaa :{
namni tokko nabi Muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu irra caalaa namarraa gaafatee akki je'e
:yaa ergamaa rabbii jaarraa, yookaa zamana
namarraa, jaarraa kamtu irra caala je`een.
Jinnaan nabiin akki je`e : irraa caalan jaarraa
ilmaan aadam jaarraa an keessa jiru .eegasii kan
lammeysaa kiyyaati eegasii kan sadeessaa
kiyyaati. je`an. } M.O
Afurtamii
tokkofaan:
mana isaanitiifii minbara isaanii jidduu
rahmataa nageenyi isaanirratti haa jiraatuu:
caffeen jannataa jiraatuu
Ammas waan Rabbiin
nabi qofaa kennerraa garii masjida isaanii
jannatarraa godhuu. sun dachii mana isaanitiifii
minbara isaanii kan irra dhaabbatanii dubbatan
jidduu jirtu akkuma minbarri isaanii kun guyyaa
qiyaama'aa hawdii isaanii gubbaa dhaabbatu'uu
jiraatu akka dubbiin tun sii dhufu'uu teessu .
Hadiisa
abdullaahii ilmi zeydii maazini'irraa odeeffame
keessatti nabi muhammad Nageenyi isaanirratti
haa jiraatuu akki je'e:
ما بين بيتى ومنبري روضة من
رياض الجنة وفي رواية :ما بين القبر والمنبر روضة
من رياض الجنة
Ma'naan isaa:
{dachiin mana kiyyaafii takkaa qabrii tiyyaafii
minbara kiyya jidduu jirtu , caffee takkaa
rawdaa jannatarraayi . je'an}
Ammas hadiisa abuu
hueyra'aa :
keessatti nabiin akki je'an :
ما
بين بيتى ومنبرى روضة من رياض الجنة ومنبرى على
حوضي
Ma'naan isaa:
{dachiin mana kiyyaafii minbara kiyya jidduu
jirtu, caffee jannatarraayi. Minbarri kiyya
hawdii kiyyarra jira je'an} B. M O.
Afurtamii
lammaffaan:Nabii
je'ee jiini baqaquu. Nageenyi isarratti haa
jiraatuu .
Waan Rabbiin nabi
qofaa kennerraa, jiini isaa je'ee baqaquu. sun
gaafa kuffaarri makkaa nabiin : mee waan ati
ergamaa Rabbii tayuu nu beysisu, mu'jizaa nu
garsiisi, mee sanirraa jiini kun haa baqaquu
je'aniin . duuba odoo isaan arganuu baqaqee
bakka lamatti baye . hoggaa san nabiin jara
saniin arga'aa ragaa tayaa je'een.
Rabbiin akki je'e
:
]اقْتَرَبَتِ
السَّاعَةُ وَانشَقَّ الْقَمَرُ
*
وَإِن يَرَوْاْ آيَةً يُعْرِضُواْ وَيَقُولُواْ
سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ
*
وَكَذَّبُواْ وَاتَّبَعُواْ أَهْوَآءَهُمْ وَكُلُّ
أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ
[.سورة
القمر آية { 1 – 3 }
Ma'naan isaa:
{Qiyaaman dhiyaatte alaaman isi'ii dhufte
alaamaa sanirraa jiini baqaquu kuffaarri sitti
amannaa alaamaa ati ergamaa Rabbii tayu'uu nu
garsiisi jennaanin nabiin yaa rabbi akkan an
ergamaa kee taye ji'a kana odoo isaan arganuu
baqaysii garsiisi je'ee Rabbi khadhate. Hoggaa
san Rabbiin ji'a baqaysee cinaa tokko gaara
tokkorra cinaa kaan gaara kaanirra buusee
garsiise. haa tayuu hin amannee waan duraan
je'anirraa gara galanii , kun falfala walitti
dhaabbatu je'an . akkasitti alaamaa Rabbiin
isaan garsiise kijibsiisanii waan nabseen
isaanii feetu jala deeman. duuba Rabbiin akki
je'e :dubbiin hundi bakka itti dhumtu qabdi
,kufriin jara kanaa bakka itti dhumu qaba sun
azaabaa}.
Hadiisa
B,M.odeesse keessatti anas Rabbi isarraa
haa jaalatuu akki je'e:
إن أهل مكة سألوا رسول الله
I
أن يريهم آية فأراهم انشقاق القمر شقتين حتى رأوا
حراء بينهما
رواه البخارى
Ma'naan isaa:
{warri makkaa ergamaa Rabbirra wanni barbaade,
mu'jizaa inni ergamaa rabbii tayuu beysiftu,
isaan garsiisuu.duuba Rabbiin ji'a bakka lamatti
baqaysee kan gaarri hiraa'a je'amu fottoqqee
ji'aa lamaan jiddu'uun mul'atu isaan garsiise}.
Hadiisa muslim
ibnu mas'uudirraa
odeesse keessatti ibnu mas'uud akki je'e:
بينما
نحن مع رسول الله صلى الله عليه وسلم بمنى إذ
انفلق القمر فلقتين فكانت فلقة وراء الجبل وفلقة
دونه فقال رسول الله
I
اشهدوا
متفق
عليه
Ma'naan isaa
{nuu nabi muhammadiin wajji nageenyi isarratti
haa jiraatuu mina jirru, jiini bakka lamatti
baqaqee, cinaan tokko gaara duuba bu'ee , cinaan
tokko gaaraa as bu'e. duuba nabiin nageenyi
isarratti haa jiraatuu akkaan laala'aa ragaa
tayaa nuun je'e}
وعن جبير بن مطعم رضى الله عنه قال: {انشق القمر
على عهد النبي
I
حتى صار فرقتين على هذا الجبل
، وعلى هذا الجبل ، فقالوا سحرنا محمد ، فقال
بعضهم لئن كان سحرنا ما يستطيع ان يسحر كل الناس
} رواه الترمذى وابن حبان...
وزاد رزين { فكانوا يتلقون الركبان فيخبروهم انهم
قد رأوه فكذبوهم }
Ma'naan isaa :
{ jubeeri, ilmi mux'im akki je'e :zamana nabii
nageenyi isarratti haa jiraatuu, Jiini bakka
lamatti adda baye. gamni tokko gaara kanarra
bu'ee, gamni tokko gaara kanarra bu'e. duuba
warri makkaa kuffaarri wanni je'e Muhammad nu
falfale. ammoo gariin isaanii wanni je'e yoo nu
falfale nama hunda falfaluu dandayaa? mee warra
baadiya'arraa makka seenu afaan baya'aa ji'a
baqaqe gartanii je'aadhaa gaafadhaa waliin
je'an.duuba gaafannaan ee Garre je'nii itti
himan duuba kuffaarri makkaa isaan kijibsiise .
Afurtamii
sadaffaan
Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu if
duubatti waa arguu .
Waan Rabbiin
ergamaa isaa muhammad qofaa kennerraa , nabiin
waan isa duuba jiru, akkuma waan fuula isaa dura
jiru argutti arguu . nageenyi isarratti haa
jiraatuu
Hadiisa Muslim
Abuu hureyra'arraa odeesse keessatti nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e
هل ترون قبلتي ها هنا ؟ فو
الله ما يخفى عَلَىَّ خشوعكم ولا ركوعكم ، إني
لأراكم من وراء ظهري وفى رواية { قال ابو هريرة
رضى الله عنه صلى بنا رسول الله
I
يوما ثم انصرف فقال : يا فلان الا تحسن صلاتك ؟
ألا ينظر المصلي اذا صلى كيف يصلي ؟ فإنما يصلى
لنفسه ، انى والله لأبصر من ورائي كما ابصر من
بين يديّ .
Ma'naan isaa :
{nabiin akki je'e: qiblaan kiyya fuula kiyya
duraa ni gartanii mitii ? Rabbiin isiniif,
kakhadhee khushuu'a keessaniifii rukuu'ni
keessan narraa hin dhukhatu . an dudda kiyya
duubanan isin argaa.
Karaa biraatin
abuu hureyran rabbi isarraa haa jaalatuu akki
je'e: gaaf tokko ergamaan Rabbii nageenyi
isarratti haa jiraatuu nuun salaataniiti
ka'anii wanni je'an : yaa abalu salaata kee
tolchitee hin salaattuu ? si namni salaatu
hoggaa salaatu akka itti salaatu hin laaluu ?
namni wanni salaatuf dantaa isaatifii. An
Rabbiin khakhadhee , akkuman if duratti waa
argun if duubatti waa arga je'an .} hadiisa kana
B , M ,O
Imaamunnawawiin
sharhii sahiiha muslim keessatti akki je'e:
{ma'naan nabiin akka if duratti waa argutti if
duubatti waa argu'uu: Rabbiin humna wahiin argu
khilliyyuu keessatti isaaf uumu. tanuma akka
ijaa.karaa aada'arraa maqeen waa arguun isaanii,
Mu'jizaa. yookaa karaamaa je'ama. kun waan
ayli'iifii shari'alleen,didduu miti. Rabbiin
waan karaa aada'arraa maqe,kan kana daranii
nabiif kennee jiraa qeebaluun dirqma .
Afurtamii
afreessan:
{Nabi Muhammad manaaman yookaa abju'uun arguun
dhugaa tayuu. nageenyi isarratti haa jiraatuu.
Wanni Rabbiin nabi
muhammad qofaa kenne, namni manaaman isa arge
dhugumaan isa arge. Sheyxaanni isatti fakkaatuu
hin dandayuu. sheyxaanni isaan fakkaatee
mul'atuu hin dandayuu. inumaa namni manaaman
nabi arge, isaa dhagayu isaan arguu hin oolu .
kun , hundinuu , waan Rabbiin ergamaa isaatin
guddise .
Hadiisa abuu
hureyra'arraa odeeffame keessatti nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e :
} من
رآني فى المنام فقد رآنى فإن الشيطان لايتمثل بى
{
متفق عليه
Ma'naan isaa :{namni
manaaman na arge , dhugumaan na arge.sheyxaanni
natti if fakkeessuu hin dandayuu} .B.M.o.
Ammas hadiisa
bukhaarin anasirraa odeesse keessatti nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki
je`e
من
رآنى فى المنام فقد رآنى فإن الشيطان لا يتمثل بى
ورؤيا المؤمن جزء من
ستة وأربعين جزءا من النبوة رواه
البخاري
Ma'naan isaa
{Namni abju'uun na arge dhugumaan na arge.
sheyxaanni natti if fakkeessuu hin dandayuu .
abjuun mu'minaa yoo nabiyyummaa bakka afurtamii
jahatti qoonne nabiyyummaadharraa harka tokko
taati} .
Hadiisa bukhaarin
abuu hureeyra'arraa odeesse keessatti nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:
}
من رآني فى المنام فسيرآني فى اليقظة ولا يتمثل
الشيطان بي
رواه البخاري
Ma'naan isaa :{
namni manaaman na arge, dammaqattis na argu'uuf
taa'a. sheyxaanni natti if hin fakkeessuu}.B.o.
Afurtamii
shanaffaan:
Anbiyoonni hundi ummata isaanitiin wajji, irra
fidamuu. rahmataa nageenyi isarratti haa
jiraatuu .
Hadiisa ilma
abbaasirraa bukhaarin odeesse keessatti nabiin
nagayaa rahmanni isarratti haa jiraatuu akki
je`e:
}
عُرضت عَلَّىَ الأممُ ، فأخذ
النبي يمر معه الامة ، والنبى يمر معه النفر،
والنبي يمر معه العشرة، والنبي يمرمعه الخمسة ،
والنبي يمر وحده
{
رواه البخارى
Ma`naan isaa :
{Nabiin, nageenyi isarratti haa jiraatuu akki
je`e: Rabbiin ummata dabre hunda,suuraa isaanii
narra fideeti, na garsiise. wannin arge,
nabiyyii tokko, kan ummanni hedduun wajji
jiruutu narra dabre. Ammas nabiyyii tokko kan
namni xiqqaan wajji jiruutu narra dabre. Ammas
nabiyyii tokko kan namni kudhan qofti wajji
jiruutu narra dabre.Ammas nabiyyii tokko,kan
namni shan qofti wajji jiruutu narra dabre.
Ammas nabiyyii tokko kan nam tokkolleen wajjin
jirreetu kophaa , isaa narra dabre }.B.o.
Afurtamii
jaheessan :{
Rabbiin hamartii dhuma nabiyyumma'aa , ceekhuu
nabii lamaan jidduu kaayuu .
Waan rabbiin nabi
qofaa kennerraa, ceekhuu isaanii lamaan jidduu
hamartii inni dhuma anbiyootaa tayuu himtu
kaaye. nabiin hamaetii dhuma anbiya`aati ba`ata
.....Hamartii tanaan dhawamuun,eega
dhalataniiyi. isaa Haliimaa sa'diyyaa bira jiru
. biyya diyaar bakrii je`amtutti biyya ilmaan
sa`dii .
Hadiisa muslim
saa`ib ilma yaziidirraa
odeesse keessatti sahaabitichi kun akki je`e .
ذهبت بى خالتي الى رسول الله
I
فقالت يارسول الله ان ابن اختي وجع فمسح على رأسي
، ودعا لي بالبركة ، ثم توضأ فشربت من وَضوئه ، ثم
قمت خلف ظهره فنظرت الى خاتمه بين كتفيه مثل زر
الحجلة متفق عليه واللفظ لمسلم
Ma`naan isaa:
{indooyyen} obboleettin haadha tiyyaa ergamaa
rabbii bira na geessitee wanni jette: ilmi
obboleettii tiyyaa kun ni dhukkubsataa, mee
du'aa'ii godhiif jetteen. duuba mataa kiyyaa na
shukkuumee yookaa na haqee barakaa argadhu
je`ee , du`aa`ii naa godhe. duuba ergamaan
rabbii wadda`atee bishaan waduu`a isaanii san
dhuge. eegasii isaan duuba dhaabbadhee hamartii
isaanii tan ceekhuu isaanii lamaan jidduu jirtu
laalee tan akka zirii hajala`aa arge} .
hadiisa kana
B.M. odeessee jechi kan muslimi.
Hadiisa muslim
jaabir ilma samura`arraa
odeesse keessatti jaabir akki je`e .
رأيت
خاتماً فى ظهر رسول الله كأنه بيضة حمام . وفى
رواية ورأيت الخاتم عند كتفه مثل بيضة الحمامة
يشبه جسده
.رواه مسلم
Ma`naan
isaa: { Jaabir hadiisa isarraa odeeffame
keessatti akki je'e : dudda nabii keessatti
hamartii khillee adari`ii fakkaattun arge..
karaa biraatin akki je`e ceekhuu isaanii lamaan
jddu`uttin hamartii arge .tan akka khillee
adari`ii.tan qaama isaanii fakkaattu .} M.
odeesse
Hadiisa Ahmed
Utbaa ilma abdirraa
odeesse keessatti
utbaan akki je`e.
ان رجلا سأل رسول الله
I
كيف كان اول شأنك يا رسول الله قال : I
}
كانت حاضتى من بنى سعد بن بكر ....} الحديث وفيه
ذكر رضاعه وشق صدره
I
ثم قال احدهما لصاحبه حصه فحاصه {خاطه } وختم
عليه بخاتم النبوة وقال {حيوة فى حديثه : حصه
فحصه واختم عليه بخاتم النبوة .} رواه احمد
Ma'naan isaa : {
namni tokko ergamaa Rabiitin akki je yaa
ergamaa Rabbii jalqabni jiruu teessanii akkami
? jennaanin : namni na hoosise haliimaa intala
sa'dii ilma bakrirraa taate. akkasitti,nabiin
hodhiinsa isaatifii akka haliimaa biratti qoma
isaa baqaysan dubbatee wanni je'e: jarri lamaan
tokko qoma tiyya na baqaysee, tokkoon isaanii
kaanin akki je'e : hodhii hamartii nabiyyumma'aa
irra kaayi yookaa itti farrami je'een. akkasitti
na hodhee hamartiidhan na dhaye je'an} .
hadiisa kana
ahmad . inni hadiisa fayyaa qabu
Afurtamii
torbaffaan :
Nabiin waan dhufaa taa'u hunda beekhuu. waan
Rabbiin ifiin kophaa bayate malee .
Waan Rabbiin nabi
muhammad qofaa kennerraa kan nabiyyii
tokkolleedhaa hin kennin, waan dabre hunda
odeessuu .akkuma waan dhufaa jiraatu hunda isa
beysise. Inuumaa Rabbiin nabi muhammad waan
dabreefii waan dhufaa taa'u, hanga warri
jannataa jannata seenee, warri azaabaa azaaba
seenutti, argamu hunda Rabbiin isa beysise ,
nageenyi isarratti haa jiraatuu .
Hadiisa B. M. ilma
umarirraa odeessan
keessatti ilmi umar akki je:
قام
رسول الله
I
فى الناس فأثنى على الله بما هو اهله ، ذكر
الدجال فقال : إني لأنذركموه ، ما من نبى إلا وقد
أنذره قومه ، لقد انذره نوح قومه ولكني اقول لكم
فيه قولا لم يقله نبي لقومه .تعلموا أنه أعور
وان الله تعالى ليس بأعور } متفق عليه
.
Ma'naan isaa :
{ ibnu umar akki je'e: Nabiin gaaf tokko ka'eeti
asaabota isaa dubbise.eega Rabbi faarsee waan
inni haqa godhatuun isa dubbatee. eega snii
nama{ Dajjaal } je'amu tokko dubbatee wanni
je'e.An nama dajjaal je'amu ,kan an rabbi ifiin
je'u, kan wanni inni tayi je'uun taatunan isin
sodaachisa . Nabiyyuma tayee kan dajjaal ummata
isaa hin sodaachisin hin jiru. Nabi Nuuh ummata
isaa dajjaalin sodaachisee yookaa dinniinee
jira. haa tayuu An waan nabiyyiin na duraa
tokkolleen ummata isaatin hin je'inan isiniin
je'a wannin isiniin je'u : dajjaal ija takka hin
qabu, balla'a. ammoo Rabbiin keessan balla'aa
mitii . duuba sanumaan akka dajjaal Rabbi hin
.tayin beekhaa}. B.M,o.
وعن
انس رضى الله عنه قال قال رسول الله
I
{ ما من نبي الا وقد انذر أمته
الأعور الكذاب . ألآ انه أعور ، وان ربكم ليس
بأعور ومكتوب بين عينيه { ك ف ر }
متفق
عليه واللفظ لمسلم
ma'naanisaa
:ergamaan Rabbii nabi Muhammad nageenyi
isarratti haa jiraatuu : akki je'e : Nabiyyuma
tayee kan ummata isaa namicha kijibaa, ballaa
dajjaal je'amu hin dinniinin hin sudaachisin
hin jiru. isin yaa ummata kiyya dajjaalin waan
ajaa'ibaa dalagu , balla'aa, yookaa ija takka
hin qabuu , Rabbiin keessan balla'aa mitii
beekhaa. Dajjaalii kana , adda isaa ija isaa
lamaan iddu'utti
ك . ف. ر }
} jecha'aatu
katabamee hubadhaa .B.M. O
وعن
عمربن الخطاب رضى الله عنه قال :{ قام فينا النبي
I
مقاما ، فأخبرنا من بدء الخلق حتى دخل اهلُ الجنة
منازلَهم وأهلُ النار منازلَهم وحفظ ذلك من حفظ
ونسيه من نسيه
رواه
البخارى
Ma'naan isaa
:{asaab umar akki je'e : { gaaf tokko nabiin nu
keessa dhaabbatee dubbii dheertuu dubbate .
gaafa Rabbiin waa uumuu jalqaberraa qabee ,
hanga warri jannataa jannata seenee warri
azaabaa azaaba seenutti. Dubbii isaanii san
namni qabate qabatee, warri irraanfate
irraanfate }.B. odeesse.
وعن حذيفة رضى الله عنه قال { قام فينا رسول الله
مقاما ، ما ترك شيئا يكون فى مقامه ذلك الى قيام
الساعة ، الا حدث به ، حفظه من حفظه ، ونسيه من
نسيه ، وقد علمه أصحابي هؤلآء ، وانه ليكون منه
الشيء قد نسيته ، فأراه فأذكره كما يذكر الرجل
وجه الرجل اذا غاب عنه ، ثم اذا رآه
عرفه}
متفق عليه واللظ لمسلم .
Ma'naan isaa:
{ huzeyfan rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e
:{gaaf tokko nabiin, nageenyi isarratti haa
jiraatuu nu keessa dhaabbatanii, dubbii dheertuu
nuu dubbatan. kan waan bakka isaan dhaabbatan
sanirraa qabee hanga qiyaaman dhaabbattutti kan
waan argamu'uu taa'u, waa takka irraa hin
dhiisin nuu odeessan. kan namni qabate qabatee
kan irraanfate irraanfate. asaabonni kiyya kun
waan san beekhanii jiran .hoggaa garii waanan
irraanfadhe santu argama.duuba waan isaan nuu
odeessan,kanan irraanfadhe san hoggaa inni
argamee ijaan arge nan yaadadha. akka namni
tokko fuula nama tokkoo, kan isa biraa deemee
fagaatee eegasii hoggaa arge beekhuttin waan
isaan nuu odeessan beekha .} B.M. O.
وعن عَمرو بن اخطب رضى الله عنه قال { صلى بنا
رسولُ الله الفجرَ ، وصعد المنبر ، فخطبنا حتى
حضرت الظهر ، فنزل فصلى، ثم صعد المنبر ، فخطبنا
حتى حضرت العصر ، ثم صعد المنبر فخطبنا حتى غربت
الشمس ، فأخبرنا بما كان وبما هو كائن ،
فأعلمنا احفظنا} رواه مسلم.
Ma'naan isaa :
{sahaabtichi amrii ilma akhxab je'amu wanni
je'e: nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu
gaaf tokko subii nuun salaatanii , ka'anii
minbara koranii dubbii dheertuu nuu dubbatan.
hanga odoo hara hin baafatin zuhriin gayetti.
duuba bu'anii zuhrii salaatanii ammas minbara
koranii dheertuu nuu dubbatan hanga asriin
gayetti . duuba bu'anii asrii salaatanii ammas
minbara khuranii dubbii dheertu'utti yookaa
khuxba'atti deebi'an.hanga aduun lexxetti.
Akkasitti nabiin waan dabreefii, waan dhufaa
taa'u hunda nuu odeessan.duuba irra beekhan
keenya nama waan nabiin guyyaa dheeraa
dubbata'aa oole qabate yookaa haffazi .} M.
odeesse .
وعى حذيفة رضى الله عنه قال { أخبرنى رسولُ الله
I
بما هو كائن الى يوم القيامة ، فما منه شيء الا
سألته ، الا انى لم أسأله ما يُخرج أهلُ المدينة
من المدينة ؟ } رواه مسلم
Ma'naan isaa:
{huzeyfan Rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e
ergamaan Rabbii waan hanga guyyaa qiyaama'atti
argamu'uu taa'u hunda naa odeesse. Waanuma
taatee haa taatuu tanin irraa isaan hin gaafatin
hin jirtu. waan warra madiina'aa madiina'arraa
baasun hin gaafatin malee } M .o.
Hadiisni waan
Rabiin
addunyarratti kenne dubbatu heddu'uu wanni
feene waan xiqqoo dubbanneen hadiisa hedduu hin
dubbataminitti akeekuu.Maalif wanni Rabbiin
addunyaa tanarratti nabiif kenne ,yookaa nabiin
Rabbirraa argate heddu'uu, namni dubbatee fixuu
hin dandayu .
|