
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin nabi muhammadiin
guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
.
Torbaatamii
saylaffaan
:Fakkeessan yookaa
tilmaamni ummata kanaa kitaabban Rabbiin buuse
kan dabre keessa jiraatuu .
Wanni Rabbiin
ummata kana guddiseen nabiyyii isaanii
guddisu'uu jecha, fakkeessaa isaanii kitaabban
sami'ii buuse, kan dur keessatti
dubbatuu,tanaaf jecha, warri kitaaba qabu hundi,
ummata kana guutu'utti akeekkaa isaanii , if
biraa qaban.hanga hoggaa isaan argan beekanitti.
Rabbiin akki je'e:
]
مُّحَمَّدٌ رَّسُولُ اللَّهِ
وَالَّذِينَ مَعَهُ أَشِدَّآءُ عَلَى الْكُفَّارِ
رُحَمَآءُ بَيْنَهُمْ تَرَاهُمْ رُكَّعاً سُجَّداً
يَبْتَغُونَ فَضْلاً مِّنَ اللَّهِ وَرِضْوَاناً
سِيمَاهُمْ فِي وُجُوهِهِمْ مِّنْ أَثَرِ
السُّجُودِ ذَلِكَ مَثَلُهُمْ فِي التَّوْرَاةِ
وَمَثَلُهُمْ فِي الإِنجِيلِ كَزَرْعٍ أَخْرَجَ
شَطْأَهُ فَآزَرَهُ فَاسْتَغْلَظَ فَاسْتَوَى
عَلَى سُوقِهِ يُعْجِبُ الزُّرَّاعَ لِيَغِيظَ
بِهِمُ الْكُفَّارَ وَعَدَ اللَّهُ الَّذِينَ
آمَنُواْ وَعَمِلُواْ الصَّالِحَاتِ مِنْهُم
مَّغْفِرَةً وَأَجْراً عَظِيماً
[
سورة
الفتح آية { 29 } .
Ma'naan isaa :
{
ergamaa Rabbii Nabi Muhammadiifii,Warri isaan
wajji jiru asaabonni isaa , Kuffaaratti garaa
jabaatanii,hin nayaniif , rahgmata hin godhaniif.
Ammoo isaan wal jiddu'utti rahgmata waliif
godhan. wal jaalatan. akka abbaadhafii ilmo'otti
.ati Isaan garta. isaanii rukuukga godhee
sujuudu. isaan guyyaa dhiira lolaatii, halkan
dhiira ibaada'aati jechu'. Isaan ibaadaa
isaanitiin rahgmata Rabbiiti barbaadan. Ammallee
Rabbiin isaanirraa jaalatee,jannata isaan
seensisuu barbaadan.Asxaan, yookaa alaaman
isaanii fuula isaanirra jirti. sun ifaa guyyaa
qiyaama'aa , fuula isaanirraa mul'atuu. kan
saniin, addunya'arratti salaatun isaanii
beekkamu .sun faana isaan sujuuda
heddommeysu'uutii ,takkaa siimaa
سيماهم }
jechuun : qaaxiraa ibaadaa heddommeysu'urraa,
guyyaa fuulli isaanii addaatu jechu'. alaaman
adda lafatti if rirrigu'uun argamtu alaamaa
qur'aanni dubbate tanaa miti natti fakkaata waan
fuula isaanii je'eef. haa tayuu isiinis asxaa
salaatati takkaa{ siimaa } jechuun: sodaa Rabbii,
tan fuula isaanirraa mul'attu.jechu'.Kuffaaratti
garaa jabaatanii mu'minaaf garaa laafun, salaata
heddommeysun ,Sifa, takkaa tilmaama
isaaniti.sifa orma islaamaa tan towraat
keessatti dubbatamte. Ammoo tilmaamni orma
islaamaa kan nabi muhammadiin wajji jiru kan
injiil iisa'aa keessatti dubbatamte , Akka firii
midhaanii ta facaafamtee, magartee hedda lafatti
hidhatte .Duuba mayri sun jabaatee Furdatee ,
damee heddommeysee ,guddatee ,Somayyoo isarra
dhaabbatee lalise.Kan warra isa facaase,
arga'aafii heddomminaan, gammachiisu. Injiil
nabiyyicha maqaan isaa{ AHMAD } je'amuutu
ergamaa, hoggaa inni ergame, itti amanaa je'eeti
ummata isaatii dhaamee, sifa inni beekkamuun
hedduu isaanii hime .sanirraa nabiyyicha
saniifii { nabi Muhammadiifii} asaabonni isaa,
akka firii takkitti lafatti darbanii magartee
heddommaattee ,nama qote gammachiiftuti ,je'e.Dhugumaan
fakkeessan kun nabiifii asaabaa isarra bu'e.
maalif duraan nabi Muhammad, kophaa isaati
islaamatti nama yaamuu .jalqabe .isaa laafa'aa
sun akka firi'iiti eegasii heddummaatee jabaate.
duuba wanni Rabbiin nabi muhammadiifii diin isaa
jabeessef ,wanni akkanatti fakeessef.Akka
sababaa saniin kuffaara aarsufi ,Rabbiin warra
amanee waan gaarii dalageef ,Ummata nabi
muhammadirraa, Akka dilii isaanif araaramu,
Ammallee jannata, qananii guddoo keessatti
argatu seensisu'uuf if qabee jira. yaa Rabbi
isaanirra nu godhi.}
وعن
ابى الدرداء رضى الله عنه قال :سمعت ابالقاسم
I
يقول : { ان الله عز وجل يقول : ياعيسى إني باعث
من بعدك أمة ، إن أصابهم ما يحبون حمدوا وشكروا ،
وإن أصابهم ما يكرهون احتسبوا وصبروا ، ولا حلم
ولاعلم قال يا رب كيف هذا لهم ولاحلم ولاعلم ؟ قال
اعطيهم من حلمى وعلمى }. رواه احمد والطبرانى فى
الكبير والأوسط برجال الصححيح
Ma'naan isaa:{abbaan
dardaa' akki je'e : Abaa
qaasim
nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
isaa hunoo akkana je'un dhagaye: { Rabbiin
jabaan guddatee akki nabi iisa'aan je'e : an si
booda ummata tokkon erga .ummata yoo waan
jaalatu argate Rabbiif galata galchu . kan yoo
waa jibbu mudate rabbiif jecha obsu. kan
beekkomsi ammallee obsi achi hin jirre. jennaan
iisan akki je'e: yaa Rabbi akkamitti haalli kun
taya ? kan ilmi'iifii hilmiin hin jirre.Jennaan
Rabbiin akki je'een: hilmii tiyyaafii ilmii
tiyyarraan isaanii kenna }. ahmadiifii
Xabaraani'iitu odeesse.
وعن الفلتان بن عاصم رضى الله عنه قال : كان النبى
فى المجلس فشخص بصره الى رجل فى المسجد يمشى فقال:
{ أيا فلان } قال لبيك يا رسول الله ، اتشهد انى
رسول الله قال: لا. قال: { اتقرأ التوراة قال:
نعم.قال : { والإنجيل } قال : نعم. قال: {
والقرآن ؟ } قال : والذى نفسى بيده لو أشاء لقرأته
،ثم ناشده:{هل تجدنى فى التوراة والإنجيل ؟ } قال
: نجد مثلك ومثل مخرجك ومثل هيئتك، فكنا نرجو ان
يكون فينا فلما خرجت خفنا ان تكون انت هو فنظرنا
فإذا لست انت هو. قال { ولم ذلك ؟ } قال: معه من
امته سبعون الفا ليس عليهم حساب ولاعذاب ، وانما
معك نفر يسير، والذى نفسى بيده لأنا هو، وانهم
لأمتى وانهم لأكثر من سبعين الفا وسبعين الفا }
رواه البزار ورجاله ثقات
Ma'naan
isaa : { Sahaabtichi faltaan je'amu
tokko rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e :
Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu
,odoo masjida keessa jamaa'aadhan wajji jiranuu
nama tokko kan masjida keessa demu arge ,
arginaan yaa { abalu} je'ee yaame .yaamnan
labbeyka yaa rasuulallaahi je'e. jennaan nabi
Mohammad akki je'een akkan an ergamaa Rabbii
taye ragaa baataa je'een , lakkii hin bayuu je'e
. jennaan nabiin tawraat dubbiftaa je'een ee
nan dubbisa je'e. ammas injiil dubbiftaa je'een
ee nan dubbisa je'een. ammas qur'aana dubbiftaa
je'een Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuun
khakhadhee odo'on fedhee nan qara'a yookaa nan
dubbisa je'e. duuba nabiin namicha khaysiisee
akki je'een : Tawraatifii injiil keessatti na
gartaa je'een. ee nama akka keetii,kan akka
keetitti hijraa bayu, kan isin fakkaatu ni garra
inni nurraa tayuu khajeella .duuba ati
mul'annaan ati isa nuti beynu san tayuu dhabuu
sodaannee ,ifirraa laallee, ati isa mitii beyne
je'een. duuba nabiin maalifii je'een .jennaan
namichi yahuuda'aa akki je'e : nabii nuti eeynu
san,wajji nama gaafatamu'uufii, qixaaxamu'uun
male'etti jannata seenutu, ummata isarraa ,kum
torbaatamni wajji jiraa ati nama xiqqa'aatu si
wajji jiraa tanaaf ati waa kan nuti eeynuu miti
je'e . jannaan nabiin akki je'e Rabbii nafseen
tiyya harka isaa jirtuun khakhadhee nabiin isin
ergamuu isaa eeydan sun Ana. ummanni isin eedan
ummata kiyya. isaan kuma torbaatamiifii kuma
torbaatamii oli. je'e .} hadiisa kana Bazzaartu
odeesse karaa dhuga'aatin
Saddeettammaffaan:Ummanni
Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu walii
galatti beelan hin dhumu ammallee diinni isaan
hin tayin, kan hunda isaanii lafarraa fixu,
isaanirratti hin mooyu .
فعن ثوبان رضى الله عنه قال قال رسول الله
I
: { ان الله زوى لى الأرض ، فرأيت مشارقها
ومغاربها ،وإن أمتى سيبلغ مُلْكُها ما زوى لي منها
، وأُعطيت الكنزين الأحمر والأبيض ، وإني سألت ربى
لأمتي ان لايهلكها بسَنَةٍ عامة وان لايسلِّط
عليهم عدوا من سوى انفسهم فيستبيح بيضتهم ، وان
ربى قال يا محمد قضيت قضاء لا يرد وانى اعطيتك
لأمتك ان لا اهلكهم بسنة عامة وان لايسلط عليهم
عدوا من سوى انفسهم يستبيح بيضتهم ولو اجتمع عليهم
مَن بأقطارها – او قال من بين أقطارها حتى يكون
بعضهم يهلك بعضا و يسبى بعضهم بعضا . } رواه
مسلم
Ma'naan isaa :
Hadiisa kana keessatti nabiin akki je'e :
Rabbiin dachii naa mareetan bayaa dhiya isi'ii
arge. Duuba mootummaan ummata kiyyaa hanga naa
marame san ni geessi. ma'dana yookaa alboodaa
diima'aafii adilleedhan kenname. an ummata
kiyyaafan Rabbi kadhadhe, akka abaar, addunyaa
hunda wal gayuun, isaan hin fin'e .Ammallee akka
diinni isaan hin tayin ,isaanirratti mooyee ,
mootummaa isaanii deemsisee , lafarraa isaan hin
hayn'en isaanii khadhadhe. duuba Rabbiin kiyya
wanni naan je'e :yaa Muhammad an yoonan waa mure
murtiin tiyya hin deeffamtu. An sii jecha ummata
kee akkan oolaa yookaa abaar biyya hunda wal
gayuun hin fin'e baallama sii seene. ammas akka
diinni isaan hin tayin mootummaa isaanii hin
balleessine odoo biyya hundaa itti walitti
qabamanille'ee,akka lafarraa isaan hin hayn'e,
baallama sii seene.yoo gariin ummata keetii
garii balleessuu taate malee hanga gariin
isaanii garii isaanii boojiyutti}. hadiisa kana
M. odeesse .
عن سعد بن ابى وقاص رضى الله عنه ان رسول الله
I
اقبل ذات يوم من العالية ، حتى اذا مر بمسجد بني
معاوية دخل فركع فيه ركعتين ، وصلينا معه ، ودعا
ربه طويلا ، ثم انصرف الينا فقال
I
{سألت ربى ثلاثا ، فأعطانى
اثنتين ، ومنعنى واحدة ، سألت ربي الا يهلك امتى
بالسَّنَةَ فأعطانيها . وسألته الا يهلك امتى
بالغرق فأعطانيها . وسألته ان لايجعل بأسهم بينهم
فمنعنيها } رواه
مسلم.
Ma'naan isaa :
{
Ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa
jiraatuu,ganda aaliyaa je'amurraa mandara
madiina'aa seenu'uu odoo yaa'anuu,masjida ilmaan
mu'aawiya'atti dhufanii seenanii raka'aa lama
salaatan . nutis wajji salaanne nabiin du'aa'ii
dheertuu godhee Rabbi khadhate. isaa qibla'atti
gara galu.eegasii nutti as garagalee wanni je'e,
nageenyi isarratti haa jiraatuu { waa sadiin
Rabbii kiyya khadhee , lama naa kennee takka na
doowwe. Wannin an kadhadhe kan naa kenne: ummata
kiyya oolaadhan yookaa abaarin fixuu dhabuu.
ammas bishaanin isaan fixuu dhabuu. tana lamaan
Rabbiin naaf kenne. akka ummanni kiyya gara gara
bayee walin dhooyne khadhannaan na dhoowwe ,
je'an } hadiisa kana Muslimtu odeesse.
وعن خبَّاب بن الأرت رضى الله عنه انه راقب رسول
الله
I
الليلة كلها،فلما سلم رسول الله من صلاته جاءه
خبّاب فقال يارسول الله ، بأبى انت وامي ، لقد
صليت الليلة صلاة ما رأيتك صليت نحوها، فقال رسول
الله
I
{ أجل، انها صلاة رغب ورهب
سألت ربى ان لايهلكنا بما اهلك به الأمم قبلنا
وعند الترمذى:ان لايهلك امتى بسنه فأعطانيها
،وسألت ربى ان لايظهرعلينا عدوا من غيرنا ،
فأعطانيها، وسألت ربى أن لا يلبسنا شيعا فمنعنيها
}
رواه
الترمذى وصححه_ والنسائى واللفظ له
Ma'naan isaa :
{ Khabbaab Rabbi irraa haa jaalatuu halkan tokko
nabi Muhammad bira bulee waan isaan halkan
guutuu dalagan eega'aa bule, hanga subiin
gayutti. duuba hoggaa nabiin salaata isarraa
salaammatu khabbaab nabitti dhufee akki je'een
yaa ergamaa Rabbii haadhaa abbaa khiyyaan si
bitee, halkan idaa salaata takkaa an sii salaata
akkasii salaatu hin argin salaatte je'een. ee
dhugaa isiin salaata khajeella'aa ta soda'aatii
je'een .an Rabbii khiyya waan ummata duriin
fexe , beelan oola'aan nun fixin je'eetan
khadhe. duuba Rabbiin khadhaa tiyya naa qeebale.
ammas diina nun tayin nurratti moosisuu
dhabuudhan khadhe .duuba Rabbiin naaf eehame .
ammas gamaa gamana baanee, wal nu dhooysisuu
dhabu'un rabbii kiyya khadhe. Duuba san
khadhatu'urraa rabbiin kiyya na dhoowwe }
Saddeettamii
tokkoffaan :{
ummanni kun qofti salaata ishaa'iidhaa kennamuu.
kan ummanni biraa isii hin salaanne
فعن عبد الله بن عمر رضى الله عنهما قال مكثـنا
ذات ليلة ننتظر رسول الله
I
لصلاة العشاء الآخرة ، فخرج الينا حين ذهب ثلث
الليل او بعده فلا ندرى أ شيء شغله فى اهله أو
غير ذلك فقال حين خرج : { انكم تنتظرون صلاة ما
ينتظرها اهل دين غيركم } . متفق عليه واللفظ
لمسلم
Ma'naan
isaa :
{halkan tokko salaata ishaa'iidhaa salaatu'uuf
nabi muhammad keeyna . duuba eega halkan harka
sadiyirraa harki tokko dabree, takkaa eegasii
nutti gad bayan .nuti waan isaan qabate warra
isaanirraa, takkaa waan birarraa hin beynu.
duuba hoggaa nutti gad bayan akki je'an : isin
salaata warri diin keessan hin qabne warri diin
biraa qabatu hin eeyne eeydan.} B.M. odeesse
ammoo jechi kun ka muslimi.
وعن ابى موسى رضى الله عنه قال :{... إعتم النبى
I
بالصلاة حتى ابهار الليل ، ثم خرج رسول الله
I
فصلى بهم ، فلما قضى صلاته ، قال لمن حضره { على
رِسْلِكُم . أعْلِمُكم، وابشروا أن من نعمة الله
عليكم انه ليس من الناس أحد يصلى هذه الساعة
غيركم، أو قال ما صلى هذه الساعة احد غيركم} متفق
عليه واللفظ لمسلم
Ma'naan isaa : {
gaaf tokko nabiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu salaata ishaa'iidhaa dukkaneeffatan
.jalqaba waytii isi'itti hin salaannee.hanga
walqixa halkanitti booda aansanitti, ammoo eega
sanii bayanii isaanin salaatan. duuba hoggaa
salaatarraa raaw'atan, nama achi dhufe kan galaa
jarjareen akki je'an: { mee suuta ,hin
jarjarinaa. Wahin isin barsiisaa, gammadaa waan
rabbiin isiniin qananiiserraa,isin malee yaroo
tana namni salaatu hin jiru.takkaa nam
tokkolleen isin malee yaroo tana hin salaanne }
B.M. odeesse.
وفى رواية عن معاذ رضى الله عنه عن النبى
I
قال : أعتموا بهذه الصلاة فإنكم قد فُضِّلتم بها
على سائر الأمم ولم تصلها امة قبلكم }
رواه
احمد وابو داود
Ma'naan isaa :
{Nabiin hadiisa mu'aaz irraa nuu odeesse kana
keessatti akki je'e: nageenyi isarratti haa
jiraatuu{salaata ishaa'iidha kanaan
dukkaneeffadhaa .booda aansaa jechuu. isin
salaata ishaa'iidhaa kanaan ummata hundarra
caaltanii. salaata ishaa'iidha kana isin dura
ummanni tokkolleen hin salaanne.} Hadiisa
kana{Ah} abuu{D} odeesse
Saddeettamii
lammaffan
ummanni Muhammad anbiyoota hundatti amanuu .
Wanni Rabbiin
ummata kana qofaa kenne. Ummanni kun anbiyoota
dabre hundatti amana. isaan hundi gabroota
Rabbiitii, isaan obboleeyyanii yaadanii
dhugo'oomsan. Ammoo ummanni dabre akka isaanitii
miti. fakkeessa'aaf Yahuudan nabi iisa'atti hin
amantu nabi muhammadittis nageenyi isaan
hundarratti haa jiraatuu hin amantu.ormi
kiristaanatis nabi Muhammaditti hin
amanu.nageenyi isarratti haa jiraatuu Ammoo
ummanni islaamaa kun anbiyoota hundatti amanan,
nama anbiyootarraa maqaan isaa dubbatame maqaa
dhawanii, nama maqaan isaanii hin dubbatamin
guutu'utti, Rabbiin anbiyoota hedduu qaba
je'anii amananii. rahmataafii nageenyi isaan
hundarratti haa jiraatuu }.
Rabbiin ol taye
akki je'e :
]
آمَنَ الرَّسُولُ بِمَآ أُنْزِلَ إِلَيْهِ مِن
رَّبِّهِ وَالْمُؤْمِنُونَ كُلٌّ آمَنَ بِاللَّهِ
وَمَلائِكَتِهِ وَكُتُبِهِ وَرُسُلِهِ لاَ
نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّن رُّسُلِهِ
وَقَالُواْ سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا غُفْرَانَكَ
رَبَّنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ
[.
سورة البقرة آية { 285 }
Ma`naan
isaa :
{ Ergamaan Rabbii
Muhammad qur'aana Rabbiin isarratti buuse
dhugo'oomsee jira takkaayuu itti amanee jira
.Mu'mintoonninis itti amananii jiran, Hundinuu
Rabbiifii,malaaykaa isaatifii, kitaabban inni
ergamoota isarratti buusefii,ergamoota isaa
hundatti amananii jiran,yookaa waan kana hunda
dhugo'oomsanii jiran , mu'mintoonni waan
akkanatti amanan akki je'u, Ergamoota Rabbii
addaan hin babaafnu,takkaayuu hin layyanuu
,hunda isaanitti amanna, akka yahuuda'aafii
nasaaran ergamoota Rabbii addaan babaaftee,
gari'itti amantee, garii moromtetti, nuti ormi
mu'minaa addaan hin babaafnuu itti amannaa
je'an.Ammas wanni je'an: yaa Rabbi waan ati itti
nu ajajje hunda dhageenye. Waan ati itti nu
ajajjeef gad jenne,Yaa Rabbii keenya araarama
sirra barbaanna,eega duunee, kaaneti gama kee
deebinaa nuu araarami je'anii rabbi kadhatan .
Rabbiin ol taye
akki je'e:
]
وَقَالُواْ كُونُواْ هُوداً أَوْ نَصَارَى
تَهْتَدُواْ قُلْ بَلْ مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ
حَنِيفاً وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ *
قُولُواْ آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَآ أُنْزِلَ
إِلَيْنَا وَمَآ أُنزِلَ إِلَى إِبْرَاهِيمَ
وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ
وَالأَسْبَاطِ وَمَآ أُوتِيَ مُوسَى وَعِيسَى
وَمَا أُوتِيَ النَّبِيُّونَ مِن رَّبِّهِمْ لاَ
نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ
مُسْلِمُونَ
[.
سورة البقرة آية { 135 –136 }
Ma'naan isaa :
{ Yahuudan orma islaamatiin akki jette; yahuudaa
tayaa, hoggaa san qajeeltanii, ormi kiristaanaa
yookaa nasaara'aa wanni orma islaamatiin je'e ;
nasaaraa, takkaa kiristaana tayaa , hoggaa san
qajeeltanii je'aniin. hoggaa san Rabbiin
isaanirratti deebisu'uu jecha, akki je'e ,Wanni
yahuuda'aafii nasaara'aan jettan; karaan nuti
qabannu, karaa keessanii mitii, karaa nabi
ibraahiimi je'aadhan, nabi ibraahiim karaa
jallaa hunda dhiisee karaa qajeelaa qabate,Nabi
ibraahiim nama Rabbitti kafaree miti ,
hiriyaa Rabbiif godhee takkaayuu ilma isaaf
godhee, akka yahuudan { uzeyri } ilma Rabbiiti
jettee , nasaaranis {iisa'aan} ilma Rabbiiti
jettee kafartetti. nabi ibraahiim waan Rabbi
uume Rabbitti qindeessu'uun hin kafarre, inni
nama tokkummaa Rabbitti amane, kan Rabbitti waa
fakkeesu'urraa fagaate, duuba kanumaan wajji
yahuuda'aafii , nasaaran karaan keenya karaa
nabi ibraahiimi jettee falamaa dhiisuu dinnaan
,Rabbiin yaada isaanitiifii ,yaada orma islaamaa
addaa fooyu'uu jecha, orma islaamatiin akki je'e
: Rabbii tokkichatti amanne je'aa , Qur'aana
nuuf buufametti amanne, Kitaaba nabi
Ibraahiimirratti buufamettis amanne,takkaa waan
Rabbirraa gara nabi ibraahiim dhufetti
amanne,waan nabi ismaa'iil,ishaaq, ya'quub,
ilmaan isaa asbaaxirratti buufamettis
amanne,waan nabi muusa'arratti buufamettis
amanne,takkaayuu waan isaaf kennametti amanne ,
kan akka towraat,Waan nabi iisa'aa kennamettis
amanne,kan akka injiil, Waan ergamoonni Rabbii
isaanirraa argatan hundatti amanne,akkuma
anbiyoota hundatti amanne ,Anbiyoota Rabbii
addaan hin baafnu ,gari'itti amannee gari'itti
kafarree,akka yahuuda'aafii nasaaran ,garii
ergamoota Rabbii dhugo'oomsanii ,garii isaanii
kijibsiisanii kafaranii, adda babaasanitti nuti
ormi islaamaa ergamoota Rabbii addaan hin
baafnu, hundinuu gabroottan Rabbii tayuu yaanna,
hunda isaanii ni jaalanna . Nuti Rabbumaaf gad
jenna ,Rabbii tokkicha gabbarra je'aatii
yahuuda'aafii nasaaraa beysisaa je'een Rabbiin
orma islaamatiin.
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]
قُولُواْ آمَنَّا بِاللَّهِ
وَمَآ أُنْزِلَ إِلَيْنَا وَمَآ أُنزِلَ إِلَى
إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ
وَيَعْقُوبَ وَالأَسْبَاطِ وَمَآ أُوتِيَ مُوسَى
وَعِيسَى وَمَا أُوتِيَ النَّبِيُّونَ مِن
رَّبِّهِمْ لاَ نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّنْهُمْ
وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ
[
سورة البقرة آية { 135136 }
Ma'naan isaa : {
Yahuuda'aafii , nasaaran, yoo kan Rabbitti
amanuu didan taate,wanni isaanin jettu,Nuti
Rabbitti amanne,waan Rabbiin nurratti
buuse,qur'aanatti amanne, waan nabi
ibraahiimirratti buufamettis amanne. waan nabi
ismaakgiiliifii ishgaaqirratti buufamettis
amanne, waan nabi yakgquubifii, ilmaan isaa
kanneen { asbaax } je'amurratti buufamettis
amanne ,waan nabi muusa'aafii nabi iisa'aaf
kenname.waan isaanirrattis buufametti amanne,
waan anbiyoonni biraa hundi Rabbii isaanirraa
argatanitti amanne. Anbiyoota Rabbii tokkoo
isaanii kaanin addan baafnuu,hunda isaanii itti
amanna,garii isaanitti amannee dhugo'oomsinee
kaanitti kafarree kijibsiifnee adda isaan hin
baafnu,akka yahuuda'aafii nasaaran garii
anbiyootaa , kan akka nabi muusa'aatifii
iisa'atti amananii, garii isaanii kan akka nabi
Muhammaditti kafaranii, anbiyoota Rabbii adda
baasanitti, nuti ormi islaamaa addaan isaan hin
baafnu, hundi isaanii ergamoota Rabbiitii
,gabroottan isaatii, karaa qajeelaa tokkummaa
Rabbii yaadu'utti nama yaamu'uu ergaman jechaa
yaanna, je'iin ,Nuti Rabbii tokkicha gabbarra,
isaaf gad jenna, isa malee waan biraatin Rabbi
hin jennu, islaama jechuun akkana}.
Ammas Rabbin akki
je'e:
]
وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَقَفَّيْنَا
مِن بَعْدِهِ بِالرُّسُلِ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ
مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ
الْقُدُسِ أَفَكُلَّمَا جَآءَكُمْ رَسُولٌ بِمَا
لاَ تَهْوَى أَنْفُسُكُمْ اسْتَكْبَرْتُمْ
فَفَرِيقاً كَذَّبْتُمْ وَفَرِيقاً تَقْتُلُونَ
*وَقَالُواْ
قُلُوبُنَا غُلْفٌ بَل لَّعَنَهُمُ اللَّهُ
بِكُفْرِهِمْ فَقَلِيلاً مَّا يُؤْمِنُونَ
*
وَلَمَّا جَآءَهُمْ كِتَابٌ مِّنْ عِندِ اللَّهِ
مُصَدِّقٌ لِّمَا مَعَهُمْ وَكَانُواْ مِن قَبْلُ
يَسْتَفْتِحُونَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُواْ
فَلَمَّا جَآءَهُمْ مَّا عَرَفُواْ كَفَرُواْ بِهِ
فَلَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى الْكَافِرِينَ
[.
سورة البقرة آية { 87 – 89 }
Ma'naan isaa
:}
Rabbiin aayatoota tana keessatti haala ilmaan
israa'iilifii, badii isaan nabi muusa'aafii nabi
iisa'aafii nabi muhammaditti, akkasuma anbiyoota
biratti dalagan nuu dubbata .Rabbiin akki je'e:
Nabi muusa'aaf kitaaba towraat je'amu dhugumaan
kenninee jirra. Eega isaatii anbiyoota hedduu
ergine , ergaa isa faana deemsifne jechu'u,Nabi
iisaa ilma maryamiif waan ergamaa Rabbii tayuu
isaa baysisu kenninee jirra,Jibriilin isa
jabeessinee jirra , kan bakka nabi iisan deemu
hunda wajji deemu, Si isin yaa ilmaan israa'iil
? hogguma ergaan keenya isinitti dhufte
hunda,Waan lubbuun teessan hin jaalanneen ,Mataa
ol qabataniiti, waan isaan isinittiin dhufan
eehamuu diddanii ? Garii isaanii kijibsiiftanii
, kan akka nabi iisa'aa, Garii isaanii
ajjeeftanii, kan akka nabi zakariyya'aa ..Nabi
Muhammad yahuuda'aan amanaa jennaan , yahuudan
akki jette ;qalbiin teenya daboollaa, yookaa
qolofa qabdii,waan ati jettu hin dhageessu
je'an, isan akkana jennaan Rabbiin wanni je'ee
isaanirratti deebise,Yaa ergamaa kiyya Muhammad
ormi yahuuda'aa kun karaa ati itti yaamtu
dhagayuu dhabuun isaanii, waa qalbiin isaanii
daboollaa qabaatu'uufii mitii, wanni dhagayuu
diddeef sababaa kufrii yookaa balleessaa
isaanitiifi, Rabbiin rahmata yookaa karaa
gaariidharraa isaan fageesse.Tanaaf jecha namni
yahuuda'arraa islaamayu nama xiqqa'a , takkaa
iimaanni isaanii xiqqa'.Hoggaa kitaabni
Rabbirraa isaanitti dhufe , hoggaa qur'aanni
nabi Muhammadirratti bu'e,Kan waan kitaaba
yahuudi'ii keessa jiru, kan Rabbiin nabi
muusa'arratti buuse dhugo'oomsu,Odoo nabi
Muhammad ergamee qur'aanni irratti hin bu'in
dur,yahuudan maqaa muhammadiin gargaarsa
Rabbirraa barbaaduu turte, odoo nabi Muhammad
hin ergamin dura,hoggaa yahuuda'aafii kuffaarri
kuun wal lole , yahuudan orma kuffaaratiin akki
jettu ; nuti warra kitaaba qabuu, nabiyicha
tokkootu ergamu'uu taa'aa, gaafa inni ergame,
isatti amanneeti isaan wajji isin fin'a je'aniin
, ammas yahuudan akki jettee ; Rabbi khadhatuu
turte,hoggaa kuffaaran wal lolan yaa Rabbi
nabiyyicha zamana boodaa keessa ergamu, kan
milikkata isaa towraat keessatti nuu himte sanii
je'iitii nuu dirmadhu je'aniiti dirmachuu
Rabbirraa barbaadan ,{yastaftihuuna} jechuun;
dirmachuu barbaadan jechu`u. Duuba hoggaa nabi
Muhammadiin ,isaan milikkataan akka ilmoo
isaanitti beekhan , kan isatti amanu'uu jecha
isa eegan dhufe , takkaa ergame , Moromaniiti
itti amanuu didan. Duuba badiin Rabbii isaanifii
warra akka isaanitti kafare hundarratti haa
jiraattu, wanni yahuudan nabi Muhammadii
duraanuu asxaadhan beytu, kan eega inni ergamee
milikkata,yookaa asxaa Rabbiin towraat keessatti
dubbate irratti agarte itti amanuu diddeef ,
yahuudan hoggaa duraa wanni yaaddu, nabiyyichi
ergamu yahuuda'arraa tayu', duuba nabi Muhammad
arabarraa tayuu garraan, akkmitti nabiyyicha
yahuudaa hin tayinitti amanna je'anii qeebaluu
didan .maalif akka isaan yaadanitti isaanirraa
malee Rabbiin gosa birarraa anbiyaa hin ergu ,
duuba Rabbiin akki je'e: abaarsi Rabbii warra
dubbii Rabbii moromurratti haa jiraatu}.
Amma Rabbiin akki
je'e:
]
الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ
كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَاءَهُمْ وَإِنَّ فَرِيقاً
مِّنْهُمْ لَيَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَهُمْ
يَعْلَمُونَ
[.
سورة البقرة آية { 146 }
]
الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ
كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَآءَهُمُ الَّذِينَ
خَسِرُواْ أَنْفُسَهُمْ فَهُمْ لاَ يُؤْمِنُونَ
[.
سورة الانعام آية { 20 }
Ma'naan isaa :
{Warri mushafa yookaa kitaaba isaanii kennine,
yahuuda'aafii nasaaran, akka nabi Muhammad ergaa
Rabbii taye , akka karaan isaa haqa taye ni
beekhan . Akkuma ilmaan isaanii beekhanitti,
wanni beekhaniin: alaamaa yookaa milikkata
Rabbiin kitaaba isaanii keessatti dubbate ,tan
nabi Muhammadirratti arganiini beekan. Qaalichi
yahuudi'ii kan abdullahii ibnu salaam je'amu ,
kan islaamaye tokko, akki je'e, nabi Muhammad,
argumaanin, akkuman ilma kiyya beekkutti beekhe.
Inumaa beekkomsan an nabi Muhammad, argumaan
ergamaa Rabbii tayuu isaa beekhetu , beekkomsan
an ilmi kiyya ilmuma kiyya tayuu beekhurra caala
, takkaayuu jabaa. Maalif, akka nabi Muhammad
ergamaa Rabbii taye, Rabbiitu naaf akheekhe.
wanni Rabbiin dubbate maman qabdu ammoo ilmi
kiyya ilmuma kiyya tayuu haadha isaatu naa hime
, tanaaf jechan beekkomsin an nabi Muhammad
ergamaa Rabbii tayuu beekhu beekkomsan ilmi
kiyya dhugumaan ilma kiyya tayuu beekhurra
akkaan jabaa je'e, aalimtichi warra Rabbiin
kitaaba kenneef kan abdullaahii ibnu salaam
je'aniin akkas je'e, Haa tayuu warra kitaaba
kennamerraa warra gari'iitu jira, kan odoo
beekhuu haqa dhoysu, kanneen odoo akka nabi
Muhammad ergamaa Rabbii taye alaamaa isaa
kitaaba isaanii keessatti arganuu bira dabran
takkaayuu haqanii namarraa dhoysantu jira. Warri
yahuuda'aafii nasaara'aa kanneen odoo nabi
Muhammad beekhanuu qeebaluu didanii, lubbuu ifii
galaafatan , azaaba haqa godhatu'uun , Isaan sun
nabi Muhammaditti hin amanan , isaan warra
beekha'aa didu kan qalbiin isaanii goggoydee
}
Saddeettamii
sadeessan
:
Rabbiin ol taye , ummata kana haqa waaqaa
balleessu'urraa , ammallee ir'isu'urraa tiysuu .
Yahuuda'aafii
nasaaran wasana Rabbitti dabranii Rabbitti
balleessa : ilmoo qaba , jaartii qaba, shariika
yookaa hiriyaa qaba , Rabbiin faqiira, isaan
dureeyyii ,harki Rabbii hidhaa je'anii. Rabbiin
harka isaanii haa hidhuu.
Ammoo Rabbiin
ummata kana balleessaa ummanni dur keessa bu'e
hundarraa tiyse. tanaaf jecha isaan Rabbii
isaanii shariikafii,jaarti'iifii , ilmo'orraa
qulqulleessan.
Rabbiin akki je'u
:
]وَقَالَتِ
الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى نَحْنُ أَبْنَاءُ
اللَّهِ وَأَحِبَّاؤُهُ قُلْ فَلِمَ يُعَذِّبُكُم
بِذُنُوبِكُم بَلْ أَنتُمْ بَشَرٌ مِمَّنْ خَلَقَ
يَغْفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ
وَللَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَمَا
بَيْنَهُمَا وَإِلَيْهِ الْمَصِيرُ
[
سورة المائدة آية { 18 }
Ma'naan isa :
{ Yahuudi'iifii nasaaran akki je'an : nuti
ilmaan Rabbiitii , ammallee jaalalloota isaati
je'an , akkana jechuun isaanii Rabbiin akka
ilmaan isatti nu laalaata. Nama hundarra nu
jaalata jechu',Yaa ergamaa kiyya Muhammad wanni
isaanin jettu : yoo ilmaan Rabbiitifii
jaalallee isaa taatan maalif hoggaa isin cubbuu
dalaydan yookaa dilii dalaydan isin qixaaxa ,
addunya'arratti isin ajjeessu'uun, aakhira'atti
ibidda isin seensisu'uun,akka isinuu hanga
guyyaa afurtamaa ni gubannaa yaaddan, abbaan
ilman qixaaxuu, jaalli jaallan dhibu, maalif
Rabbiin ibiddaan isin guba yoo kan dhugaa
dubbattan taatan ? tanaaf jecha nuti ilmaan
Rabbiitin ammallee jaalalloota isaatin isin
jettan kijibaa , dhugaan isin ilmaan Rabbiitii
mitii, ilmaan namaa kan Rabbiin uume , isin
waanuma ilmaan namaa qaban qabdan , toltuu
taatuu hamtuu taatuu , Rabbiin nama fedheef ni
araarama , nama fedhe ni qixaaxa , namni waan
inni dalagu dura dhaabbatuu dandayu hin jiru
,Sami'ii dachiin, ammallee wanni isaan lamaan
jidduu jiru hundi waan Rabbiiti , isaatu uumee
isaatu qaba ,Wanni hundi gara isaati deebitii
waan isaan dalagan hundarraa isaan gaafatu'uu
jiraata. }
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]
وَقَالَتِ الْيَهُودُ عُزَيْرٌ ابْنُ اللَّهِ
وَقَالَتْ النَّصَارَى الْمَسِيحُ ابْنُ اللَّهِ
ذلِكَ قَوْلُهُم بِأَفْوَاهِهِمْ يُضَاهِئُونَ
قَوْلَ الَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَبْلُ
قَاتَلَهُمُ اللَّهُ أَنَّى يُؤْفَكُونَ
*
اتَّخَذُواْ أَحْبَارَهُمْ وَرُهْبَانَهُمْ
أَرْبَاباً مِّن دُونِ اللَّهِ وَالْمَسِيحَ ابْنَ
مَرْيَمَ وَمَآ أُمِرُواْ إِلاَّ لِيَعْبُدُواْ
إِلَـهاً وَاحِداً لاَّ إِلَـهَ إِلاَّ هُوَ
سُبْحَانَهُ عَمَّا يُشْرِكُونَ
*
[
سورة
التوبة آية 30 31
Ma'naan isaa :
{ Yahuudan namni { Uzeyri } je'amu tokko ilma
Rabbiiti jette,Nasaaranis { iisan } ilma
Rabbiiti jette, { masiihg } iisaadhaa yookaa
yasuu'I ,Wanni isaan je'an sun , waanuma afaan
isaanitiin je'an, kan dhugaa hin tayin, kan waan
itti irkatanii je'an hin qabne. Dubbiin isaanii
tun, waan warri kafare, kan isaan dura dabre
je'u fakkaatti , akkuma isaan kafaranitti
kafaran, san jala deemanii , kan dhuga'aafii
kijiba addaan hin laalin,{ yudgaahi'uuna
يضاهئون }
jechuun
; fakkaatan jechu', makgnaan isaa;
nasaaran iisa'aan ilma Rabbiiti jechuun
yahuudan {uzeyrin} ilma Rabbiiti je'uu fakkaata,
yahuuda'arratti laallattee, nasaaran akkas
jette,waan yahuudan isaan dura dabartee , uzeyri
ilma Rabbiiti jetteef .ormi kiristaanaa iisan
ilma Rabbiiti je'e, Rabbiin isaan haa
balleessuu, yookaa isaan abaaree , Mee laali
akka itti haqarraa fagaatan , yookaa deeffaman ,
odoo haqa tayuu arganuu.
Warri yahuuda'aa :
kan {uzeyri} gabricha Rabbiitin , ilma Rabbii
je'u sun , karaa khabiirrotii isaaniti qabatan
,Warri nasaara'aatis kan iisa'aan ilma Rabbiiti
je'u , karaa qeessota isaaniti qabatan.Rabbii
gudda'aa achitti isaan Rabbi godhatanii, waan
khabiirroti'iifii , qeessowwan haraam
godhaniifii, waan isaan halaal godhan qabatanii,
waan Rabbiin je'u didan , Iisaa ilma maryamis
Rabbii achitti Rabbi godhatanii , karaa
Rabbirraa bayan, Isaan akkatti Rabbii achitti
waan biraa gabbaran sun, towraatifii , injiil
keessatti,Rabbii tokkicha malee waan biraa
ibaadu'utti yookaa gabbaru'utti hin ammaramne,
yookaa hin ajajamne .duuba kanumaan wajji
yahuudan uzeyrin ilma Rabbiiti jettee, nasaaran
yookaa ormi kiristaanaa iisa'aan Rabbi yookaa
ilma Rabbii je'anii Rabbitti waa qindeessan
.Rabbi malee Rabbiin biraa hin jiru. Rabbiin
waan kuffaarri yahuuda'aatifii, kiristaanni itti
qindeessurraa qulqullu'u , inni tokkichaa lama
jechaa hin qabu.}
Ammas Rabbiin akki
ja'e
]وَقَالَتِ
الْيَهُودُ يَدُ اللَّهِ مَغْلُولَةٌ غُلَّتْ
أَيْدِيهِمْ وَلُعِنُواْ بِمَا قَالُواْ بَلْ
يَدَاهُ مَبْسُوطَتَانِ يُنفِقُ كَيْفَ يَشَآءُ
وَلَيَزِيدَنَّ كَثِيراً مِّنْهُم مَّآ أُنزِلَ
إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ طُغْيَاناً وَكُفْراً
[
سورة
المائدة آية { 64 }
Ma'naan isaa :{Yahuudan
akkuma namaan wajji adaban qabne,Rabbiin wajjis
adaban qabne. tanaaf jecha hoggaa Rabbiin
sababaa isaan nabi Muhammaditti kafaraniif
rooba irraa kutee, horiin duraan kenneef , duraa
dhumee , hiyyooman akki jetti;harki Rabbii waa
kennu'urraa hidha'a , takkaa maraa jette akkana
jechuun isaanii Rabbiin doyn'a jechu', Rabbiin
waan isaan je'anirraa qulqullaaye , haa tayuu
akkana jechuun isaanii adaba dhabu' , mee
akkamiin Rabbiin isaan uumee, mata'aa, miila,
gurraa, ija, ammallee waan biraa isaanii kenne
doyn'a taya ? duuba Rabbiin akki je'ee
isaanirratti deebise, Harki isaanii haa hidhamu
dalagaa kheyri'ii hundarraa harki isaanii haa
qabamu je'ee isaan abaare , Sababaa isaan dubbii
hamtuu tana Rabbiin je'aniif, Rabbiin isaan
abaare, rahgmata isarraa isaan fageesse ,
Dubbiin akka yahuudan jettuu mitii, harki Rabbii
bal'a'a , akkana jechuun ; Rabbiin arja' jechu',
Kan akka fedhetti waa kennu ,kan fedhetti
bal'isee,kan fedhetti dhiphisee,waan dantaan
gabricha isaa, kennaa yookaa dhoowwaa keessa
jiraatu beekuf jecha, maalif nama meeqaatami kan
yoo quufe Rabbii ifii irraanfatu , tanaaf jecha
namni bakka afuritti qoodama;
1Nama
durumma'aafii hiyyummaa keessatti Rabbi sodaatu,
2Nama
durumma'aafii hiyyummaa keessatti Rabbi hin
sodaanne,
3Nama
yoo duroome Rabbi sodaatu, kan yoo hiyyoome
Rabbi hin sodaanne,
4Nama
yoo duroome Rabbi hin sodaanne, kan yoo hiyyoome
Rabbi sodaatu, Rabbiin kana hunda beekhaa
kanatti bal'isee kaanitti dhiphisa,
Yaa ergamaa kiyya
Muhammad qur'aanni sirratti buufame kun orma
yahuuda'arraa nama heddu'utti jallina , ammallee
kufrii ida'a , waan qur'aanatti amanuu didaniif
jecha, }
Ammas waaqni akki
je'e :
]لَّقَدْ
سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّذِينَ قَالُواْ إِنَّ
اللَّهَ فَقِيرٌ وَنَحْنُ أَغْنِيَآءُ سَنَكْتُبُ
مَا قَالُواْ وَقَتْلَهُمُ الأَنبِيَاءَ بِغَيْرِ
حَقٍّ وَنَقُولُ ذُوقُواْ عَذَابَ الْحَرِيقِ
*ذلِكَ
بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ
لَيْسَ بِظَلاَّمٍ لِّلْعَبِيدِ
[.
سورة آل عمران آية { 181 – 182 }
Ma'naan isaa : {
Rabbiin jecha, warra Rabbiin hiyyeessaa nuti
dureeyyii je'uu , dhagayee jira , warri akkana
je'e, yahuuda'aa.waan isaan je'an katabneeti ol
keenya, kitaaba dalagaan namaa itti katabamtee
ol kaayamtu keessatti , Ammas ajjeechaa isaan
anbiyoota haqa male'etti ajjeesanis katabneeti
ol keenya, malaaykan dalagaa namaa katabdu
katabdee,Ibidda azaabaa kan nama gubu
seensifnee, dhandhamaa isaanin jenna , guyyaa
boruu . Qixaan'i nuti isin qixaan'u sun ,
Sababaa waan isin dalaydaniitifi , waan harka
keessaniin dalaydanii dabarsitantu , sababaa
isinitti taye , Rabbiin gabroota isaa hin
miidhu, waan isaan hin dalaginiif nam tokkollee
hin qixaaxu .}
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]لَّقَدْ
كَفَرَ الَّذِينَ قَآلُواْ إِنَّ اللَّهَ هُوَ
الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَم
[
سورة المائدة آية { 17 }
Ma'naan isaa :{Warri
nasaara'aa kanneen iisan ilmi maryam Rabbi je'u
, yookaa Rabbiin ilma maryami je'u :dhugumaan
kafare .dhugumaan Rabbii isaa morome }
Ammas Rabbiin
akki ja'e:
]لَّقَدْ
كَفَرَ الَّذِينَ قَالُواْ إِنَّ اللَّهَ ثَالِثُ
ثَلاَثَةٍ
[
سورة المائدة آية { 73 }
ma'naan isaa :
{ Warri Rabbiin sadii je'u , yookaa {iisan}
Rabbi je'u , yoo waan je'an sanirraa
dhoowwamanii, tokkummaa Rabbii yaaduu baatan,
Warra isaanirraa {iisan} Rabbi yookaa Rabbiin
sadii je'uudharraa deebi'uu dide, azaabni isaan
laalessu isaan tuqa , sun ibiddi isaan gubuu ,
yoo isaanii{ iisan } Rabbi yookaa Rabbiin sadii
jechaa yaadu du'an.
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]
وَإِذْ قَالَ اللَّهُ يعِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ
أَأَنتَ قُلتَ لِلنَّاسِ اتَّخِذُونِي وَأُمِّيَ
إِلَـهَيْنِ مِن دُونِ اللَّهِ قَالَ سُبْحَانَكَ
مَا يَكُونُ لِي أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِي
بِحَقٍّ إِن كُنتُ قُلْتُهُ فَقَدْ عَلِمْتَهُ
تَعْلَمُ مَا فِي نَفْسِي وَلاَ أَعْلَمُ مَا فِي
نَفْسِكَ إِنَّكَ أَنتَ عَلاَّمُ الْغُيُوبِ
[.
سورة المائدة آية { 116 }
Ma'naan isaa : {
Yaa
ergamaa kiyya muhammad, waan guyyaa qiyaama'aa
Rabbiin nabi iisa'aan je'u dubbadhu. wanni
Rabbiin guyyaa qiyaama'aa nabi iisa'aan je'u
ummata isaa xixuudhaa jecha : Si siitu ummata
keetin Rabbii guddaa dhiisaadhaa,anaafii haadha
tiyya Rabbii lama godhaa je'ee ? tanaaf jecha na
dhiisanii siifii haadha tee {maryam} Rabbi
godhatanii gabbaranii ? je'een ,Jennaanin nabi
iisan rifatee akki je'e , Yaa Rabbi si malee
Rabbi jiraatu'urraa sin qulqulleeysa,waan siin
hin malle hundarraa sin
qulqulleeysaa,{subhgaanaka}jechuun; sin
qulqulleeysa jechu'uu,Waanin je'uu haqa itti hin
qabne , namaan je'uun naaf hin tayu , namaan
Rabbi na godhaa haadha tiyya Rabbi godhaa ,
Rabbii naafii isin uume dhiisa'aa jechuun haqa
kiyyaa miti,Yaa Rabbi odo'on akkas je'ee, silaa
atuu beeyte, akkan an Rabbi na godhaa orma
kiristaanatiin hin je'in atuu beytee jirta
jechuu ,Waan nabsee tiyya keessa jiru hunda ni
beyta ,Waan ati beytu an hin beekhu ,Ati kan
waan namarraa dhokhate hunda beekhuu . }
Ammoo aqiidan
islaamaa tan ormi islaamaa yaadu Rabbiin kan
waa hunda uume kan waa takka hin fakkaanne. kan
waa takka isan fakkaanne.dureessa waa takkatti
hin haajamne. kan wanni hundi gara isaa
haajamtu
Rabbiin akki
je'e:
]
لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ وَهُوَ السَّمِيعُ
الْبَصِيرُ
[
سورة الشورى آية {11{
Ma'naan isaa:
{Wanni Rabbi fakkaataa takkalleen hin
jirtu,Rabbiin fakkaataa hin qabu. yoo sheyxaanni
fakkii akkanaati qaba siin je'e jalaa didi namni
Rabbiin wahi fakkaata je'e, namni Rabbiin
wahitti haajama je'e namni Rabbiin haala
tokkorraa haala tokkotti jirjiirama je'u
kaafira.waan qur'aanafii hgadiisarraa dhufe,kan
makgnaan isaa gubbaa yoo laalan, makgnaa aayata
kanaatin aayata dabarsineen wal dhabu , akkuma
inni dhufetti qaraana. Rabbiin waa takka hin
fakkaatuu yaadu'uun wajji..Rabbiin kan waa
takkan fakkaanne, kan waa takka isan fakkaanne
sun ,kan waa dhagayu kan argu kan waa takka
isarraa hin dhukhanne , Rabbiin dhagayaa argaa,
dhageeyti'iifii argaa isaan maltu .tan wanni
takkalleen isan fakkaanne.}
Ammas Rabbiin akki
je'e:
]قُلْ
هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ
*
اللَّهُ الصَّمَدُ
*لَمْ
يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ
*وَلَمْ
يَكُنْ لَّهُ كُفُواً أَحَدٌ .
[
سورة
الاخلاص آية { 14 }
Ma'naan isaa: {
Suuran tu suuratul'ikhlaas je'amti isiin eega
suuratunnaasii buute .sababaan isiin buutef
orma kuffaaratiitu nabi Muhammadiin mee waan
Rabbiin kee taye nuu hime inni dhaga'arraa
tolfamemoo ziqiyarraa,yookaa mukarraayimoo, nama
haati gara'atti ba'attee dhalte ? je'anii
gaafannaan Rabbiin suuraa tana buusee wanni
nabiin je'e : yaa ergamaa kiyya muhammad orma
kuffaaraa saniin akki jettu : Rabbiin kiyya
tokkicha waan isa fakkaatu hin qabne kan namni
dalagaa akka dalagaa isaa dalagu hin jirre .kan
namni beekkomsa akka beekkomsa isaa qabu hin
jirre. kan namni humna akka humna isaa qabu hin
jirre .inni kan hiriyaa hin qabne .waa takka
keessattillee. maalif Rabbiin odoo lama tayee
wal didda'aatu dhafa .wal diddaan dhufnaan
badi'iitu dhufaa. wanni argamaa hin jirtu.wanni
qajeelee deemulleen hin jirtu .haa tayuu wanni
nuti laallee garru uumaa bareedduu dabiinsan
qabne .tan wal dhabiinsan qabne .tan namni isii
uume tokko tayuu himtu kan beekkomsa qabu jiraa
duuti isaan hin malle kan waan uume hunda hin
daganne kan waan guutuu malee ir'uun isaan hin
malle .Rabbiin isa namuu itti haajamu. kan wanni
isarraa duroomu hin jirre . kan ilmoon garaa
haadhaa keessatti itti haajamtu .kan qurxummiin
bishaan keessatti itti haajamtu.kan namni
dhukkubsatu fayya'aaf itti kan rooba haa nuu
roobsu'uuf itti haajamnu.{ sgamad } jechuun kan
namaa saani itti haajamu dureessa wahitti hin
haajamne kan wahayyuu isatti haajamu jechuu.
Rabbii waan dhalle. maalif ilmoon jaarti'itti
haajamti wanni jaartii fuudhanii cinqii isi'ii
ba'atanii wajji jiraatu'utti geessu haajaadhaa
haajan sun ilmoo yoon dulloome na gergaartu haa
naa dhaltu'uu jecha itti haajamanuu waan
biraatii jecha itti haajamanuu. duuba kun
hundinuu ir'ummaadhaa waan Rabbiin maluu miti.
Rabbiin kan wanni uumame hundi gabroota isaa
taate , duuba akkamiin gabra namaa tayu'uufii
ilma namaa tayuun walitti qabamti .Rabbiin kan
guyyaa keessaa dhalatee miti. kan eega hin
jirree argamee miti. kan duruma jiru .Wanni eega
dhabamaatii argame waaqa yookaa Rabbi hin
je'amu. Maalif namni eega dhabamaatii argame
nama isa argamsiisutti haajama. Wanni haajamu
inuma Rabbi hin je'amtu Rabbiin dureessa waa
takkatti hin haajamnee. tanaaf jecha wanni
guyyaa keessaa argame, takkaa dhalate, haadha
qofarraa uummuu kan akka nabi iisa'aa. Takkaa
abbaa qofarraa uumamuu tan akka hawwa'aa tan
aadamirraa uumate. takkaa nama haadhaa abbaa
malee uumame tayuu kan akka Aadam. takkaa nama
haadhaa abba'arraa uumame tayuu, kan akka
keenyaa.takkaa waan ibiddarraa uumame tayuu kan
akka jinni'ii kun hundinuu waan haajamaa , kan
guyyaa keessaa argamee Rabbi hin je'amu. Rabbiin
tokkicha waa takka keessatti hiriyaa takkaa
fakkaataa hin qabne.kan dalagaa isaa keessatti
ammallee sifa isaa keessatti nama isa fakkaatu
hin qabne, namni waan isa fakkaatu qabu hundi
Rabbi hin je'amu maalif wanni ati laaltee gartu
hundi waan Rabbiin uume takaa dalage.duuba
Rabbiifii wanni inni uume akkamiin wal fakkaatan
? tanaaf jecha Namni waaqa tayuu hin dandayu
nama akka isaatu jiraa kan isa dura argame
takkaa isa booda argame kan bakka inni dhalateen
dhalate.kan nama isa nyaachisee obaasutti
haajamu.kan nama xilaata isarraa dhoowwutti
haajamu. ammas mukni Rabbi waaqa tayuu hin
dandayu muka akka isaatu jiraa.Ammas sibiilli
rabbi hin je'amu sibiila akka isaatu jiraa
.ammas jinniin Waaqa hin je'amtu jinnii akka
isaatu jiraa. Hundi isaanii gabroottan
Rabbiiti.waytii fedhe isaan uumee .Rabbin
je'aman .isallee hin fakkaatan. Rabbiin waa
hunda uume fakkaataa hin qabu.Inni tokkichan
haajamne kan gargaarsifanne.
Saddeettamii
afraffaan:
waan Rabbiin ummata kana badhaaserraa
jallinarratti hundi isaanii walii galuu dhabuu
.odoo hangamuu wal dhabanii tuutti takka
isaanirra mootee haqarratti jiraatuu hin ooltu
hanga qiyaaman dhaabbattutti. hanga kan
isaanirraa boodaa dajjaalin lolutti.
Hadiisni dubbii
tana keessatti dhufe hedduu namni dhugaa
dubbatu,hedduun odeesserraa tokko hunoo kana
:
قال
I
{ لا تزال طائفة من أمتي ظاهرين على الحق ،
لايضرهم من خذلهم حتى يأتى أمرالله وهم كذلك }.
والحديث
فى الصحيحين وغيرهما عن :جابر ومعاوية بن ابى
سفيان ، والمغيرة بن شعبة ، وعقبة بن عامر ،
وسعدبن ابى وقاص ، وجابر بن سمرة ، وثوبان ، وابى
هريرة ، وأبي أمامة ، وعمر بن الخطاب ، وجبير بن
نفير وغيرهم رضى الله عنهم.
Ma'naan isaa:
{ Nabi Muhammad akki je'e nageenyi isarratti haa
jiraatuu: tuutti haqarratti mul'attu takka
jiraatu'urraa, ummanni kiyya qullaa hin tayu.
Tuuta namni isaan gargaaruu diduun isaan hin
laaffifne isaan hin dararre. kanneen haqarraa
hin deebine. hanga qiyaaman dhaabbattutti.hanga
kan isaanirraa boodaa dajjaalin lolutti
B.M. nama
biralle'eetu odeesse .asaabota nabii hddu'urraa
Wanni biraa kan
Rabbiin ummata kana badhaase haqa nabiyyii
isaanii keessatti wasanaa bayuu dhabuu. Rabbi
godhatanii takkaa ilma Rabbiiti je'anii.wasanaa
bayuu dhabuu.
qixaan'i isaanii
addunya'arratti tayuu .
Ammas afdalli
isaan keessa jiraatuu.
Ammas waan nabiin
isaan keessa jiruun azaabni ittin bu'u.
Ammas waan isaan
istighfaara odhaniin azaabni isaanitti hin bu'u. |