شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
GUDDINA NABI MOHAMMED

duree

 KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda tokkoffaan : Waan Rab-biin nabi muhammad, nagee-nyi isarratti haa jiraatuu , addunyaa tanarratti guddiseen

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA TOKKOFFA`AA
qooda Lammaffaa : Waan Rabbiin Nabi Muhammad , nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti guddiseen.

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti

KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda tokkoffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
KUTAA LAMMAFFA`AA
qooda lammaffa`aa :
waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
GUDDINA NABI MAHAMMED RABBI BIRAA QABU NAMAA IBSU

   
 

 

KUTAA LAMMAFFA`AA

         qooda lammaffa`aa : waan rabbiin  nabi muhammadiin guddise ummata isaa keessan addunyuma tanarrtti .

 Barmoota lammaffa'aa kan:

 Waan Rabbiin nabi Muhammadiin guddisee. Sababaa  ummata isaa  aakhira'atti guddisu'uutin

Rabbiin Ummata kana aakhira'atti waa hedduuun guddise. nabiyyii isaanitii jecha rahmataa nageenyi isarratti haa jiraatuu. duuba san hunda dubbannee fixuu hin dandeenyuu haa tayuu garii dubbanna.

Saddeettamii shanaffaan: {Ummanni kun anbiyootaf ummata isaanirratti ragaa bayuu .

Rabbiin ummata kana warra anbiyootaf ragaa bayu godhe.hoggaa ummanni isaanii  isin diin Rabbii nun barsiifne, nun qajeechine, je'anii isaan morome. duuba ummanni kun  anbiyoonni diin Rabbii isin barsiisan je'ee anbiyootaf ragaa bayan.kun ummata kana guddisuu keessa hoonga gayuu je'ama  nabi Muhammadiif jecha nageenyi isarratti haa jiraatuu.

 Rabbiin ol taye akki je'e

 ] وَكَذَلِكَ جَعَلْنَاكُمْ أُمَّةً وَسَطاً لِّتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى النَّاسِ وَيَكُونَ الرَّسُولُ عَلَيْكُمْ شَهِيداً [   سورة البقرة آية { 143 }

Ma'naan isaa : {Akkuma karaa diinaa islaamaa isin qajeelchine,Ummata marxamaa jiddu jireysa xaliila isin goone, Akka ummata isin dura dabrerratti ragaa baatan , akka anbiyoonni isaanii waan Rabbiin itti geessaa je'ee isaan ajaje itti geessan,anbiyootaf ummata isaanirratti ragaa baatan .akka Rabbiin qur'aana keessatti isinii himetti. Akka nabi Muhammad isiniif ragaa bayu ,akka isin dhugaadhan anbiyootaf ummata dabrerratti ragaa baatan, takkaa akka nabi Muhammad waan Rabbiin isinitti geessi je'ee isa ajaje isinitti geesse je'ee isinitti ragaa bayuuf jecha,

 Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaataa ummanni kun anbiyootaf ragaa itti bayu nuu addeessee jira.

Hadiisa abii khudri'ii keessatti nabiin akki je'e:

 يُدعى  نوح يوم القيامة فيقول لبيك وسعديك يا رب .فيقول هل بلغت ؟ فيقول نعم فيقال لأمته هل بلَّغكم فيقولون ما أتانا من نذير. فيقول من يشهد لك ؟ فيقول محمد وامته فيشهدون انه قد بلَّغ ،  ويكون الرسول عليكم شهيداً

Ma'naan isaa:  { Guyyaa qiyaama'aa nabi nuuh ni yaamama.duuba labbeyka wasa'deyka yaa rabbi je'eet owwaata  duuba rabbiin wanni je'uun waanin siin erge ummatatti geessitee je'aan ee geesse yaa rabbi je'aani. duuba rabbiin ummata nuuhin isinitti geessee je'aani ? duuba lakkii ergamaan tokkolleen nutti hin dhufne je'an. duuba rabbii nuuhin akka: ati ummata keetitti geessite eenyutu ragaa sii baya je'aan ? duuba Muhammadiifii ummat isaati je'aani. duuba ummanni Muhammad ragaa bayaaf. nabi Muhammadis akka ragaan isaanii dhugaa taye, akka waan rabbiin qur'aana keessatti isaan beysiseen ragaa bayan , ummata isarratti ragaa baya}. B.o.

Saddeettamii jahaffaan : Ummanni kun warra dura siraaxirra dabru ,

Wanni hadiisa dheeraa Abuu hureyran odeesse keessatti dhafe.

 ويُضرب الصراط على متن جهنم فأكون أنا وأمتي أول من يجيز

Ma'naan isaa: {Dildilli laga jahannam gubba'atti dhawama yookaa jaarama . yookaa kaayama. akka isa gubba'aan jannatatti dabraniif. duuba warri dura dursoo isarra deemee gara jannataa dabru anaafii ummata kiyya  je'an} .

Ammoo gosti namaa tan dura dursoo :  ummata kanarraa siraaxirra dabartu orma islaamaa kan dura dursoo kuffaarri makkaa cinqee Madiina'atti godaane kanneen waan qabne { fuqaraa'. }

Wanni Hadiisa {Sawbaan} qissaa gaafii  yahuudichaa keessatti  dhufe.

  وفيه قال اليهودى اين يكون الناس يوم تبدل الأرض غير الأرض والسماوات ؟ فقال رسول الله I { هم فى الظلمة دون الجسر . قال فمن اول الناس اجازةً ؟ قال فقراء المهاجرين .....} الحديث  رواه مسلم ,

Ma'naan isaa:{Wanni yahuudichi nabi Muhammad gaafate: gaafa dachiin dachii biratti jirjiiramtu ,kan samiin samii bairatti jirjiiramtu , namni keessa jira ? jennaan nabiin wanni je'een namni gaafas dukkana takka , tan siraax dura jirtu keessa jiraatan. Ammas yahuudichii wanni je'e: eenyu namni dura dursoo siraaxirra dabru ? jinnaan nabiin akki je'een: namni dura dursoo irra dabru warra makkarraa madiina'atti dura dursoo godaane roorroo kuffaara makkaa dheefaf. Diin isaanii tiyfataaf, kanneen waan qabne ,kan kuffaarri waan isaan qaban hunda irraa fudhate . hadiisakana M. o.

Saddeettamii torbaffaan:Namni dura dursoo jannata seenu,Ummata Muhammadi nageenyi isarrti haa jiraatuu.

فعن ابى هريرة رضى الله عنه عن النبى I قال : { نحن الآخرون الأولون يوم القيامة ، ونحن أول من يدخل الجنة .}

               رواه مسلم بهذا اللفظ واصل الحديث عندهما .

Ma'naan isaa : { nabiin akki je'an nuti addunya'arratti warra boodati.aakhira'atti warra duraati.nuti warra dura dursoo jannata seenu  je'an} muslimtu karaa kanaan odeesse

وعن حذيفة عن النبى I قال {الجنة حُرمت على الأنبياء حتى ادخلها ، وحرمت على الأمم حتى تدخلها أمتى}          رواه الطبرانى بإسنادحسن.

Ma'naan isaa :{ nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e : { Jannanni anbiya'arratti haraam godhamte hangan an seenuu . ammas ummata hundarratti haraam godhamte. seenun dhoowwama. hanga ummanni kiyya seenuu je'an. }

hadiisa kana xabaraani'iitu odeesse karaa nagaya qabuun

وعن ابى امامة رضى الله عنه ، أن رسول الله I قال : { اذا كان يوم القيامة قامت ثُلّة من الناس يسدون الأفق ، نورهم كالشمس ، فيقال النبي الأمي ، فيتحشحش لها كل نبي ، فيقال محمد وأمته . ثم تقوم ثلة اخرى تسد ما بين الأفق نورهم مثل كل كوكب فى السماء فيقال النبي الأمي ، ثم يحثي حثيتين فيقال هذا لك يا محمد، وهذا مني لك يا محمد ، ثم يوضع الميزان ويؤخذ في الحساب}                     رواه الطبراني برجال وثقوا .

Ma'naan isaa : { nabiin akki je'an nageenyi isaanirratti haa jiraatuu.gaafa qiyaaman taate tuutti guddoon dachi'iifii samii jidduu cuftu  takka ni kaati,tan  nuurri isaanii akka adu'uu. duuba wanni je'amu  inni kun nabiyyil'ummiyyii ? duuba,nabiyyiin hindi lafaa ka'uuf sussu'a duuba wanni je'amu: isaan Muhammadiifii ummata isaati. Ammas tuuta biraa ta dachi'ii samii jidduu guuttu tanneen nuurri isaani akka urjii samii keessa jirtu hundaa fakkaatu. duuba wanni je'amu inni kun nabiyyil'ummiyyii. duuba nabiyyiin hundi ka'uuf sosso'a. eegasii hammaarrii lamaatu hammaarama.duuba takka naa kennanii tuni teeti yaa Muhammad naan je'ame. ammas hammaarrii taan naa kennanii wanni je'amu hammarrin tun narraa siif kennamte . eegasii miizaanni kaayamee hisaabatti seenan }.

xabaraani'iitu  karaa amanama'aan odeesse.

وعن ابي هريرة رضي الله عنه عن النبي I قال { إن أول زمرة تدخل الجنة  او  أول من يدخل الجنة   من امتى على صورة القمر ليلة البدر...... } متفق عليه

Ma'naan isaa : {warri dura duroo jannata seenu takkaa namni dura dursoo jannata  seenu ummata kiyyarraa fuulli isaa yookaa fuulli isaanii  akka ji'a halkan goobanatti ifa je'an }. bukhaari'iifii  muslimtu odeesse .

Saddeettamii saddeeteffaan: Ummanni kun jannatarraa , hulaa mirgaatin isaan qofti seenuu .

Wanni Rabbiin ummata kanaan guddise , isaanirraa , warri gaafatamaafii yakka hin qabne qofti , hulaa jannataa ta mirgaatin seenuu . kan huloota biraa namaan wajji seenuu qaban .

Saddeettamii saylaffaan : Rabbiin ummata kana ummata biraatin bituu .

Waan Rabbiin ummata kana qofaa kennerraa, nama ummata kanarraa, azaaba yookaa yakka haqa godhate, nama yahuuda'aatin, yookaa nasaara'aatin bituu nama islaamaa qixaaxarraa , nagaya baasu'uu jecha bakka isaa inni gubatuu. takkaa diliin muslimtichaa isarra kaayamuu

Hadiisa abbaan muusaa ash'ari'ii nuu odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e   

   اذا كان يوم القيامة ، دفع الله عز وجل الى كل مسلم يهوديا او نصرانيا فيقول هذا فكاكك من النار } رواه مسلم  وفى رواية اخرى {يقول الرسول I لا يموت رجل مسلم الا ادخل الله مكانه النار يهوديا اونصرانيا }،وفى رواية  قال الرسول I { يجيء يوم القيامة ناس من المسلمين بذنوب  امثال الجبال فيغفرها لهم ويضعها على اليهود والنصارى } .

Ma'naan isaa:{Nabiin akki je'e gaafa qiyaaman dhufte Rabbiin ol taye nama  muslimaa hundaaf nama yahuuda'aa takkaa nasaara'aa kennee , inni kun kan bakka tee gubatu je'aan } M. O.   

Karaa biraatin wanni nabirraa nu gaye :  { namni islaamaa tokko hin du'u , yoo kan Rabbiin  bakka isaa nama yahuuda'aa,takkaa nasaara'aa tokko bakka isaa  ibidda seensisu taye malee } .M. O.                       

Ammas wanni karaa biraatin nabirraa nu gaye ,nageenyi isarratti haa jiraatuu { guyyaa qiyaama'aa warra islaamatiitu dhufa kan dilii akka gaaraa ba'atu, duuba Rabbiin dilii isaanii isaanirraa fuudheti nama yahuuda'aa yookaa nasaara'arra kaayee  isaanii araarama } M. odeesse .

  Sagaltammaffaan :Ummanni kun guyyaa qiyaama'aa isaanii harka lamaanifii miilli lamaan adi'ii dhufuu. 

Humniti wuduu'af dhiqamtu hundi iftee.  haala kana isaan malee namni biraa hin qabu.

فعن ابى هريرة رضى الله عنه قال سمعت رسول الله I يقول { ان امتى يأتون يوم القيامة غرا محجلين من اثر الوضوء ، فمن استطاع منكم ان يطيل غرته فليفعل } متفق عليه

Ma'naan isaa : {Abuu hureyran wanni nabirraa dhagaye { ummanni kiyya guyyaa qiyaama'aa kanneen fuulafii, harka lamaanifii,miilli isaanii lamaan ifu, faana wuduu'arraa  dhufan . tanaaf jecha namni isinirraa bakka fuulafii harkaafii miilarraa dirquun dirqamarra ida'ee  dhiquu dandaye haa dhiquu. akka ifni guyyaa qiyaama'aa isaaf ida'amu } .B.M.odeesse.

وعن ابى هريرة رضى الله عنه أن رسول الله I قال  { إن حوضى ابعد من أيلة من عدن، لَهو اشد بيا ضا من الثلج ، واحلى من العسل باللبن،  ولآنيته اكثر من عدد النجوم وانى لأصد الناس عن حوضى  كما يصد الرجل ابل الناس عن حوضه قالوا يارسول الله أتعرفنا يومئذ؟ قال نعم . لكم سيما ، ليست لأحد من الأمم تردون علىَّ غرا محجلين من اثر الوضوء }   رواه مسلم

Ma'naan isaa:{nabiin  nageenyi  isarratti haa jiraatuu akki je'e : Hawdin tiyya iilaatirraa qabdee  hanga adanitti bal'atti . geebni isi`irra jiru lakkooysa urji'irra heddu'u. an hawdii tiyyarraa kuffaara nan dhoowwa akka namichi gaala namaa naanniga isarraa dhoowwutti .asaabonni nabii wanni nabiin je'an : yaa ergamaa Rabbii gaafas nu beytaa kaafiraafii muslima adda beytaa jechuu isaaniti ? jennaan eeyee isinan beekha  isin asxaa ummanni biraa hin qabne qabdanii . isinii fuulaa, harkaa, miilaa, balaccuu qabuutu, sababaa wuduu'arraa, natti  dhuftan je'an}.M. O.

وعن ابى هريرة رضى الله عنه ان رسول الله I { اتى المقبرة فقال السلام عليكم دار قوم مؤمنين ، وانا ان شاء الله بكم لاحقون ، وددت انا قد رأينا اخواننا فقالوا او لسنا اخوانك يا رسول الله ؟ قال انتم أصحابى ، واخواننا الذين لم يأتوا بعد  فقالوا كيف تعرف من لم يأت مِنْ أمتك يارسول الله فقال ارايت لو ان رجلاً له خيل غُرٌّ مُحَجَّلَةٌ ، بين ظهرى خيل دُهْم بُهْم الا يعرف خيله قالو بلى يارسول الله قال فإنهم يأتون غرا محجلين من الوضوء وانا  فرطهم على الحوض ....} الحديث رواه مسلم .

 Ma'naan isa : { ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatuu qabroota dhaqaniiti warra qabri'irratti salaammatan: yaa warra mana orma mu'minootaa nageenyi isinirratti haa jiraatuu nuti yoo Rabbi je'e isin dhaqqabna je'aniinii  ammas akki je'aniin wannin jaaladhe obboleeyyan keenya arguu ? jannaan asaabonni isaanin wajji jiru akki je'an: si nuti obboleeyyan keetii mitii yaa ergamaa Rabbii? jennaan wanni je'aniin isin asaabota kiyyaa obboleeyyan kiyya warra nu booda dhufu'uu taa'u.kanneen takkaa hin dhufin. jennaan yaa ergamaa Rabbii nama takkaa hin dhufin ummata keetirraa akkamitti beyta ? jennaan mee nama tokko naa odeessaa kan farda balaccuu qabu, qabu. kan faradoo gugurraatti keessa seene, namni sun farda isaa  hin beekhuu ? ni beekha yaa ergamaa Rabbii je'aniin .jennaan obboleeyan keenya isaanii fuulaa harkaa, miilli isaanii ifu yookaa booqaa qaban faana wuduu'arra achi dhufan  an hawdi'irrattan isaan eega . M. O.

Sagaltamii tokkoffaan:Ummanni kun irra hedduu warra jannataa tayuu .

Waan Rabbiin ummata kanaan guddiserraa  isaan irra hedduu warra jannata seenuti

 Hadiisa ilma mas'uud, kan B.M. irraa odeesse keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:

  ألا لا يدخل الجنة الا نفس مسلمة . اللهم هل بلغت ؟ اللهم اشهد. اتحبون ان تكونوا ربع اهل الجنة ؟ قالوا نعم يا رسول الله ، قال اتحبون ان تكونوا ثلث اهل الجنة ؟ قالوا  نعم يا رسول الله فال فانى لأرجو ان تكونوا شطر اهل الجنة ما انتم فى سواكم من الأمم  الا كالشعرة السوداء فى الثور الأبيض } متفق عليه.            

Ma'naan isaa : { nabiin akki je'e : { lubbuu islaama qabdu malee namni biraa jannata hin seenu. yaa Rabbi waan ummatatti geessun narra jiru geessee mitii ? yaa rabbi ragaa naa tayi  je'e . eegasii wanni ummata isaatin je'e : warra jannata seenu harka afurirraa harka tokko tayuu hin jaalattanii ? eeyee yaa ergamaa Rabbii ni jaalanna je'aniin. jennaan harka sadiyirraa harka tokko tayuu jaalattuu je'aniin ? eeyee ni jaalanna yaa ergamaa Rabbii je'aniin . jennaan nabiin akki je'e: an wannin  khajeelu cinaa warra jannataa tayuu . yaa ummata kiyya isiin ummata biraa keessaa akka rifeensa adii sangaa gurraacha keessa jiruuti  je'an }                              B.M.o. 

Hadiisni  Bureyda'aa kan as deemu kun ummanni kun warra jannataa harka sadiyirraa harka lama tayuu beysisa 

فعن بريدة رضى الله عنه قال قال رسول الله I { أهل الجنة عشرون ومأة صف ثمانون منها من هذه الأمة ، وأربعون من سائر الأمم }

اخرجه الترمذى  وحسنه وابن ماجه واحمد والحاكم وابن حبان وصححاه

Ma'naan isaa :{ nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e: Warri jannataa :saffii dhibbaafii diiddama .sanirraa saddeettamni ummata kiyya. afurtamni ummata biraati } je'an .

 T. ibnu maajah, Ahmad , H. ibnu hibbaan isaan sahhahanii jiran .

 

 
 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com