
KUTAA TOKKOFFA`AA
1
-
qooda Lammaffaa :Waan Rabbiin Nabi Muhammad ,
nageenyi isarrtti haa jiraatuu ,aakhira'atti
guddiseen.
البـــــــــــــاب الثـــــــانــــــــــى
kutaa lammaffa'aa
Kutaa lammeysa
tana keessatti Waan Rabbiin aakhira'atti nabi
muhammadii kenne dubbanna
Wanni Rabbiin
aakhira'atti nabi Muhammadiin guddise kan
anbiyaa biraatii hin kennin heddu'uu,
dubbannee fixuu hin dandeenyuu. haa tayuu garii
irraa dubbannaa, namni fedhe kitaabban dubbii
tana walitti qabu, haa dubbisuu .
Waan Rabbiin
aakhira'atti nabi muhammadii kennerraa waan as
deemu kana lakkooysa waan dabarsinerratti
jaarreee.
Afurtamii
saddeeteffaan:Nabi
muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu Nama
ragaa bayu tayuudhan tilmaamame nageenyi
isarratti haa jiraatuu
Rabbiin dhugumaan
nabi muhammad, nama anbiyoota durirratti ragaa
bayu,kan ummata isarratti ragaa bau godhe,
Rabbiin akki je'e
:
]يأَيُّهَا
النَّبِيُّ إِنَّآ أَرْسَلْنَاكَ شَاهِداً
وَمُبَشِّراً وَنَذِيراً * وَدَاعِياً إِلَى
اللَّهِ بِإِذْنِهِ وَسِرَاجاً مُّنِيراً
[..
سورة الأحزاب آية { 4546 }
Ma'naan isaa : {
yaa
ergamaa kiyya muhammad akka anbiya'aafii ummata
keetifii kaanirrattille ragaa taatu'uuf si
ergine. akka kan amane jannataan gammachiiftee
kan kafare azaaban sudaachiftu'uuf si ergine .akka
iznii Rabbiitin karaa Rabbitti nama yaamtee ifaa
ibsaa isaanii taatu'uuf si ergine} jechuu.
Ammas Rabbiin
akki je'e :
]
فَكَيْفَ إِذَا جِئْنَا مِن كُلِّ أمَّةٍ
بِشَهِيدٍ وَجِئْنَا بِكَ عَلَى هَـؤُلاءِ
شَهِيداً
[..
سورة النساء آية { 41 }
Ma'naan
isaa
: {gaafa ummata hundarraa nama isaanirratti
ragaa bayu finnee, atis, akka ummata keetirratti
ragaa baatu si finne dubbiin akkam taati? Jechuu}.
Ammas Rabbiin
akki je'e :
]
وَيَوْمَ نَبْعَثُ فِي كُلِّ أُمَّةٍ شَهِيداً
عَلَيْهِمْ مِّنْ أَنْفُسِهِمْ وَجِئْنَا بِكَ
شَهِيداً عَلَى هَـؤُلآءِ وَنَزَّلْنَا عَلَيْكَ
الْكِتَابَ تِبْيَاناً لِّكُلِّ شَيْءٍ
[.
سورة النحل آية { 89 }
Ma'naan isaa
:{Guyyaa Ummata hundarraa isaanumarraa nama
ragaa isaanirratti bayu finnee, akka ragaa
ummata khee khanarratti baatu si finne dubbadhu,
sun guyyaa qiyaama'aatii.yaa ergamaa kiyya
muhammad kitaaba qur'aanaa kan waa hunda ibsu
sirratti buufne} .
Ammas Rabbiin
akki je'e:
]وَكَذَلِكَ
جَعَلْنَاكُمْ أُمَّةً وَسَطاً لِّتَكُونُواْ
شُهَدَآءَ عَلَى النَّاسِ وَيَكُونَ الرَّسُولُ
عَلَيْكُمْ شَهِيداً
[.
سورة البقرة آية 143
Ma'naan isaa
: {isin
yaa ummata Muhammad ummata jiddu jireysa isin
goone akka namarratti ragaa baataniif akka
ergamaan kiyya muhammad isinirratti ragaa bayuuf
} jechuu.
Ammas Rabbiin akki
je'e :
]
هُوَ سَمَّاكُمُ الْمُسْلِمِينَ مِن قَبْلُ وَفِي
هَـذَا لِيَكُونَ الرَّسُولُ شَهِيداً عَلَيْكُمْ
وَتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى النَّاس
[.
سورة الحج آية { 78 }
Ma'naan isaa :
{ Rabbiin , isa kan maqaa islaamaa , tana ,dura
isiniif baase . ammas isa kan diin isaa kana
keessatti ,maqaa islaamaa isiniif baase.akka
ergamaan kiyya dalagaa teessaniin,isinirratti
ragaa bayu.akka isinis ummata hundarratti waan
dalaganiin ragaa baatan} jechuu.
وعن عقبة بن عامر رضى الله عنه ان رسول الله
I
خرج يوماً ، فصلى على أهل أُحدٍ صلاته على الميت ،
ثم انصرف الى المنبر ،{فقال إني فرط لكم ، وانا
شهيد عليكم ، واني والله لأ نظرالى حوضي الآن وإني
قد أعطيت مفاتيح خزائن الأرض .}
الحديث متفق عليه واللفظ لمسلم
Ma'naan isaa:
{guyyaa tokko ergamaan Rabbii bayee, warra gaara
uhud jalatti dhumerratti salaata akka salaata
janaaza'aa salaatee, eega sanii dhufee minbara
bakka irra dhaabbatanii khuxbaa godhan koree
wanni je'e : yaa ummata kiyya an nama isin dura
dabree waan isinii tolu isinii qopheessu .an
nama ragaa isinirratti bayu Rabbiinin isinii
khakhadhaa an amma hawdii kiyya naanniga warri
dirree qiyaama'atti dheebote bishaan isaa dhugee
dheebuu bayu laaletin if duratti arga an furaa
rizqii addunyaa tanarra jirtuu hunda Rabbiin
naa kennee jira}. M.o.
Ummanni nabi
muhammad
nageenyi isarratti haa jiraatuu anbiyoota
dabreef ,ummata isaanirratti ragaa baya . nabiin
ummata isaatif ragaa baya. nageenyi isarratti
haa jiraatuu . akkan dubbii tana sii dubbatu'uu
taa'u yoo Rabbi je'e
Afurtamii
saylaffaan
:shafaa'aa Rabbirraa argatuu. Nageenyi isarratti
haa jiraatuu .
Dhugumaan Rabbiin
nabiif shafaa'a hedduu kenne .tan hanga kudha
sadiyii geessu.tan namni biraa ummata isarraa
yookaa anbiyoota dabrerraa irraa qooda
fudhatuun wajji. Ammoo wanni nabi muhammad malee
namni biraa shafaa'aadharraa hin argatin
,hedduu. tan odoo hisaabni hin jalqabamin taatuu
, tan eega hisaabatii taatuu .sanirraa waan
hadiisa jaabir keessa jiru .
Hadiisa jaabir
keessatti
nabiin akki je'e :nageenyi isarratti haa
jiraatuu ,
اعطيت
خمسا لم يعطهن احد من الأنبياء قبلي...وأعطيت
الشفاعة
Ma'naan isaa :
{Waa shan kan anbiyoonni na duraa hin kennaminan
kenname . sanirraa tokko shafaa'aa guddoo tan
nama hunda wal geessu .
Shafaa'an nabii
heddu'u. sanirraa tan warra iimaanni xiqqishaan
hanga miizaana mixii xixiqqo'oo gayu, qalbii
isaanii keessa jiru, azaabarraa baasee, jannata
seensisuu . ammas warra dilii gugurdoo dalage,
takkaa dilii xixiqqoo dalage, kan hin tawbatin
shafa'uu. Ammas shafaa'aa hin deeffamne ,
shafaa'aa cinqii dirree qiyaam'arraa gara
jannataa takkaa azaabaa nama ooftu.kun
hundinuu waan hadiisa fayyaa qabuun dhufe .
Shantammeyson :
Nabi Muhammad nama dura dursoo qabri'ii kaafamu.
nageenyi isaanirratti haa jiraatuu .
Nabi Muhammad
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'an an
nama dura dursoo dachiin irraa baqayxee ,dura
dursoo qabri'ii kaafamu .kan namni hundi qabrii
keessa jiru .
Hadiisa abuu
hureyran nuu
odeesse keessatti nabiin akki je'an
أنا
سيد ولد آدم يوم القيامة ، وأول من ينشق عنه
القبر ، وأول شافع، وأول مشفع
رواه مسلم
Ma'naan isaa :
{An guyyaa qiyama'aa caalaa ilmaan aadami.An
nama dura dursoo qabriin irraa baqayxu. an nama
dura dursoo nama shafa'u ammallee nama dura
dursoo shafaa'an isaa qeebalamtu } M.
odeesse
Hadiisa abii
sa'iid khudri'ii
keessatti nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu
akki je'e :
أنا
سيد ولد آدم يوم القيامة، وبيدى لواء الحمد ولا
فخر،وما من نبى يومئذ : آدم فمن سواه،الا تحت
لوائى وأنا أول من تنشق عنه الأرض ولا فخر
رواه احمد والترمذى وابن ماجه
Ma'naan isaa :
{An guyyaa qiyaama'aa mataa ilmaan
aadami.baandiraan gaadisa qiyaama'aa harka
khiyya keessa jirti. dhaaddanna'aafii mitii
.waan Rabbiin naan qananiise odeessu'uufi
.Aadamiifii namni isa malee jiru gaaddisa kiyya
jala taa'an. guyyaa gaaddifni hin jirre san .an
nama dura dursoo dachiin irraa baqayxu
,dhaaddanna'aaf hin jennee}.
Hadiisa kana
ahmadiifii tirmizi`iitu ammallee ibnu maajahiitu
odeesse
Shantamii
tokkoffaan:
nabiin imaama anbiya'aati. Ammallee khaxiiba
isaaniti nageenyi isaanirratti haa jiraatuu.
Gaafa guyyaan
qiyaama'aa dhufe nabiin imaama anbiya'aati
.khaxiiba isaaniti. gammachiisaa isaaniti.
saahiba shafaa'aa isaaniti.kan dhaaddannaa hin
tayin kun hoonga isa guddisu'uuti. isa
ulfeessu'uuti .
Hadiisa anasirraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu akki je'e :
أنا أول الناس خروجا اذا بُعثوا ، وأنا خطيبهم إذا
وفدوا،وأنا مبشرُهم إذا أيسوا ، لواء الحمد يومئذ
فى يدى ، وأنا أكرم ولد آدم على ربى ولا فخر
رواه
الترمذى وحسنه
Ma'naan isaa :
{Nabiin akki je'e Gaafa namni qabri'ii
kaafamu.kan dura qabri'ii bayu ana, hoggaa
isaan Rabbitti dhaqan kan dubbatu ana ,gaafa
isaan wahirraa garaa muratan kan isaan
gammachiisu ana, kan xilaan gaaddisaa guyyaa
qiyaama'aa harka isaa keessa jira Ana. Anaatu
ilmaan aadam hundarra rabbi biratti irra
kabajamaa kanin boonu'uuf hin jenne} .
T. odeesse inni hadiisa fayyaa qabu .
Hadiisa ubayyii
ilma ka'birraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu akki je'e :
إذا
كان يوم القيامة كنت امام النبيين وخطيبهم ،
وصاحب شفاعتهم غير فخر .
Ma'naan isaa :{
gaafa qiyaaman dhaabbatte an imaama
anbiyootati,ammallee hayyuu yookaa dubbataa
isaaniti.ammallee saahiba shafaa'aa isaaniti.
kan shafaa'aa isaanitiif karaa banu. wannin
akkana je'uuf dhaaddanna'aafii mitii waan
Rabbiin naan qananiise odeessu'uufi} .
Ahmadiifii T. h. maajah..
Shantmii
lammeysan:{Anbiyoonni
hundi guyyaa qiyaama'aa xilaa yookaa liwaa'a
gaaddisa nabi Muhammad jala taa'anii
qabbaneeffatan. gaafa gaadifni hin jirre san
Kun guddina
Rabbiin nabi Muhammad guddise kan hoongan qabne
nu garsiisa. nageenyi isarratti haa jiraatuu,
Hadiisa ubaadaa
ilma saamitirraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu, akki je'e :
أنا سيد الناس يوم القيامة
ولا فخر ،ما من احد إلا هو تحت لوائى يوم القيامة
ينتظر الفرج ،وان معى لواء الحمد، انا أمشي ويمشي
الناس معي ، حتى آتي باب الجنة ، فأستفتح فيقال من
هذا ؟ فأقول محمد ، فيقال :مرحا بمحمد ، فإذا رأيت
ربى خررت له ساجدا انظر اليه } رواه الحاكم وصححه
على شرط الشيخين .
Ma'naan isaa :
{ nabiin akki je'n : an guyyaa qiyaama'aa mataa
nama hundaati. kanin saniin dhaaddatu'uuf hin
jenne. Rabbiitu waan Rabbiin siin qananiise
dubbadhu naan je'ee .Nam tokkollee kan gaaddisa
kiyya jala taa'u malee hin agartu. furmaata
rakkoo keessa jiranii, eegu'uuf jecha.xilaan
gaaddisaa kan namni hundi isarratti na faarsu na
wajji jira. yoonan deeme namni hundi na wajji
deema hangan hulaa jannataa gayee naa banuu
barbaadutti . duuba wanni je'amu : eenyu ati an
Muhammadin ja'aani . duuba hulaa jannataa naa
bananii, dhiyaadhu naan je'ama. Duuba hogga'an
Rabbii kiyya arge sujuudafin lafa dhawa anaa
isa laalu} B.M. odesse. Hadiisni
kun hadiisa fayyaa qabu kan haakim sharxii
Hadiisa abuuu
Hureyra'arraa odeeffami kheessatti nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e
:
فضلت
على الأنبياء بست ، لم يعطهن احد كان قبلي: غفر لي
ما تقدم من ذنبى وما تأخر .واحلت لي الغنائم ،ولم
تحل لأحد كان قبلي .وجُعلت امتى خير الأمم .وجُعلت
لى الأرض مسجداً وطهوراً .وأعطيت الكوثر .ونصرت
بالرعب . والذى نفسي بيده ان صاحبكم لصاحب لواء
الحمد يوم القيامة ، تحته آدم فمن دونه }
رواه البزار بإسناد
جيد
Ma'naan isaa :
{
nabiin wanni nuun je'e : Anabbiyootarra, waa
jaha ,kan namni na duraa tokkolleen hin
kennaminiinan caalchifame.Jahan :
1
diliin tiyya ta duraatifii ta boodalleen
araarama naaf godhamte.
2
wanni diinarraa boojiyame halaal naaf
godhamte kan nama na duraa tokkolle'eef halaal
hin godhamin.
3 Ummanni
kiyya irra caalaa ummataati godhame.
4
dachiin masjida,
xahaara naaf godhamte.
5
Laga jannata
keessaa hawdii tiyyatti yaa'un kenname.
6
diinni kiyya
fago'otti na sodaatu'uunan gargaarsifame. An
isa lubbuun tiyya harka isaa jirtuun khakhadhee
saahibni keessan if baananii saahiba xilaa
yookaa liwaa'a gaaddisa dirree qiyaama'aati kan
namni hundi irratti na faarsu .Aadamiifii namni
isaa gadii hundi gaaddisa kiyya san jala taa'a
}.
hadiisa kana
bazzaartu odeesse karaa jaba'aan.
Shantamii
sadaffaan:Nabi
Muhammad ,nageenyi isarratti haa jiraatuu,nama
dura dursoo , dildila siraaxirra gara jannataa
dabru Waan Rabbiin nabi Muhammad qofaa kennerraa
nama dura dursoo ummata isaa fudhatee siraaxirra
dabru isa godhuu.odoo nam tokko siraaxirra hin
dabarre .rahmataa nageenye isarratti haa
jiraatuu.
Abuu hureyran
hadiisa dhiiraa nuu
odeesse keessatti wanni je'e :
إن ناسا قالوا لرسول الله
I
يا رسول الله هل نرى ربنا يوم القيامة ؟ الحديث
وفيه { ويضرب الصراط بين ظهري جهنم ، فأكون أنا
وأمتي اول من يجيز ....الحديث } متفق عليه
واللفظ لمسلم ولفظ البخارى { فأكون اول من يجيز من
الرسل بأمته}
Ma'naan isaa :
{Abuu hureyran akki je'e : jarri tokko
dhufeeti,Nabi Muhammadiin: guyyaa qiyaama'aa ,
Rabbii keenya garraa je'anii gaafatan.ee ni
gartan je'een ammas nabi Muhammad wanni je'e :
guyyaa qiyaama'aa . dudda jahannam gubbaa
dildilli kaayama .kan dildila sanirra namuu gara
jannataa dabru .duuba namni dura dursoo didila
sanirraan gara jannataa dabru anaafii ummata
kiyya } B.M.odeesse .
Riwaayaa
bukhaari'ii keessatti wanni dhufe {an nama dura
dursoo ergamootarraa ummata isaatin siraaxirra
dabru je'an}.
Shantamii
afreessaan
:Nabiin
isa namni dura dursoo hulaa jannataa dhawu isa
kan hulaan jannataa banamtuuf. kan isa dura nam
tokkolleeef hin banamne .
Hadiisa anasirraa
odeeffame keessatti nabiin nageenyi iarratti haa
jiraatuu akki je'e:
أنا أكثر الأنبياء تبعا يوم القيامة ، وانا اول من
يقرع باب الجنة } رواه مسلم . وفى رواية لمسلم
عنه { قال رسول الله صلى الله عليه وسلم
آتــــــي باب الجنة يوم القيامة ، فأستفتح ،
فيقول الخازن : من أنت ؟ فأقول محمد ، فيقول بك
أمرت ، لا أفتح لأحد قبلك } رواه
مسلم.
Ma'naan isaa :
{An
guyyaa qiyaama'aa nama, warra isa jala deemu
heddommaatu , an nama dura dursoo hulaa jannataa
dhawu Riwaayaa biraa keessatti nabiin akki je'e
: Guyyaa qiyaama'aa hulaa jannataa dhufeetan
narraa banaa je'a duuba mataan yookaa tooyataan
jannataa ati eenyu naan je'a.duuba an Muhammadin
je'aan. duuba siifan hulaa jannataa banu'utti
ajajame.kanan si dura nam tokkolle'eef hin
banne. duuba naaf banan}. M.O.
Shantamii
shaneessan:Nabi
Muhammad nama dura dursoo jannata seenu.
nageenyi isarratti haa jiraatuu
Hadiisa dabarsini
keessatti wanni beyne, nabiin, nama dura dursoo
siraaxirra dabru ummata isaatin wajji . ammallee
nama dura dursoo hulaa jannataa dhawu. Akkasuma
inni nama dura dursoo jannata seenu .Rahmataafii
nageenyi isarratti haa jiraatuu.
Shantamii
jaheesson :
Wanni Rabbiin nabi Muhammadiin guddise {wasiila'aafii,fadgiilaa}isaa
kennuu .nageenyi isarratti haa jiraatuu wasiilan
bakka jannata keessaa ol aantu. tan nam tokko
malee isii hin arganne .namni isii argatu nabi
Muhammadi .kan namni duraatifii namni boodaa,
isaan darajaa tana argatu'urratti isaan faarsu .baga
argatte,Ati haqa godhatta je'anii. kan namuu
odoo waan akkanaa argannee je'ee hawwuuf .
Hadiisa abdullaahi
ilmi amrii
odeesse keessatti nabiin akki je'e :
إذا سمعتم المؤذن فقولوا مثل
ما يقول ثم صلوا على فإنه من صَلُّوا عليّ ، صلاة
صلى الله
عليه
بها عشرا ثم سلوا اللهَ لى الوسيلةَ فإنها منزلةٌ
فى الجنة لا تنبغى الا لعبد من عباد الله.
وأرجو ان اكون انا هو . فمن سأل لى الوسيلة وجبت
له شفاعتي } رواه مسلم
Ma'naan hadiisa
kanaa :
{Nabiin akki je'e : nama azaanu yoo dhageessan
akka inni je'u je'aa . eegasii Rahgmata narratti
buusaa. nama rahgmata tokkicha narratti buuse
Rabbiin Rahgmata tokkicha saniin rahgmata kudhan
isarratti buusaa.eegasii Rabbirraa wasiilaa naa
khadhaa .wasiilan bakka ol aantuu jannata keessa
jirtu. tan gabroottan Rabbirra nam takko malee
isii hin arganne.namni tokkichi sun ana tayu'un
kajeelaa namni wasiilaa san naa khadhate
shafaa'an tiyya isaaf raggaate je'an}.
hadiisa kana M.
odeesse
Ammas Hadiisa
jaabir keessatti wanni dhufe:
أن
رسول الله
I
قال من قال حين يسمع النداء اللهم ربَّ هذه
الدعوةِ التامة ، والصلاةِ القائمةِ آت محمداً
الوسيلةَ والفضيلةَ وابعثه مقاما محموداً الذي
وعدته ، حلت له شفاعتي يوم القيامة } رواه
البخارى
Ma'naan isaa
{ Ergamaan akki je'e : namni hoggaa azaana
dhagaye :Yaa Rabbii yaaminsa guutuu taye kanaa .
yaa Rabbii salaata dhaabbattu tanaa .nabi
muhammadiif wasiila'aafii fadgeelaa kenni.yaa
Rabbi bakka itti faarfamu isa dhaabi. kan
maqaama faarfama'aanin si kaasa jettee baallama
seentef } je'e ,shafaa'an tiyya guyyaa
qiyaama'aa halaal isaa teete } B.O.
Fadiila'atti wanni
fedhame,darajaa darajaa waan Rabbiin uume hundaa
oliiti.takkaa darajuma biraati .
Shantamii
totbaffaan:{Maqaama
faarfamaa isaa kennuu.nageenyi isarrati haa
jiraatuu Waan Rabbiin nabi muhammad qofaa
kennerraa maqaama yookaa haala khalqiin hundi
isa faarsun, isa kaasuu. bakka namni hundi nabi
Muhammad itti faarsu isa dhaabun nabi Muhammad
malee namni biraa hin arganne . sun waan Rabbiin
nabi qofaan baallama seene .
Rabbiin qur'aana
keessatti akki je'e :
]وَمِنَ
الْلَّيْلِ فَتَهَجَّدْ بِهِ نَافِلَةً لَّكَ
عَسَى أَن يَبْعَثَكَ رَبُّكَ مَقَاماً
مَّحْمُوداً
[.
سورة الإسراء آية { 79 }
Ma'naan isaa :
{Halkan qur'aana qara'ii tahajjuda salaati.
tahajjuda salaatun suma qofarratti wajaba.
Guyyaa qiyaama'aa bakka itti farfamtu si
dhaabaa }.
Hadiisa ka'bii
ilmi maalik odeesse keessatti wanni dhufe :
يُبْعث
الناسُ يوم القيامة فأكون أنا وأمتى على تَلَّ،
فيكسونى ربى تبارك وتعالى حلة خضراء، ثم يُؤذَن لى
فأقول ما شاء الله أن أقول ، فذاك المقام المحمود}
رواه احمد والحاكم وابن حبان وصححه.
Ma'naan isaa:
{guyyaa qiyaama'aa namni qabri'ii kaafameeti
akka duritti deefama .duuba anaafii ummanni
kiyya tulluu takkarra geeffamna.duuba Rabbiin
kiyya kan ol tayee guddate, uffata magarroo na
uwwisa eegasii akkan dubbadhu izniin naaf
godhamti duuba waanan Rabbiin je'uu naa fedhin
je'a sun maqaamal mahgmuud Rasbbiin baallama
naa seene }.
Hadiisa bukhaari
odeesse
keessatti nabiin akki je'e:
إن الشمس تدنو يوم القيامة
حتى يبلغ العرَق نصف الأذن ، فبينماهم كذلك
استغاثوا بآدم ، ثم بموسى ثم بمحمد
I
فيشفع ليقضى بين الخلق، فيمشى حتى يأخذ بحلقة
الباب ، فيومئذ يبعثه الله مقاما محمودا يحمده
اهل الجمع كلهم } رواه البخارى
.
Ma'naan isaa:{guyyaa
buruu dirree qiyaama'atti aduun mataa namatti
gad dhiyaatti.hanga huurkan namarraa bayu
wal'akkaa gurraa gayutti.isaanii cinqii san
keessa jiruutu, aadamitti dhaqanii:yaa abbaa
kheenya araara Rabbirra nuu barbaadi cinqii tana
keessa, gara fedhe haa nu oofuu, odoo gara
ibiddallee taatee, haa tayuu ni dide mataa
kiyyaafuu soda'an qaba je'ee .eegasii muusa'atti
dhaqan inninis ni dide. eegasii muhammaditti
dhaqanii nu shafa'i , araara Rabbirra nuu
barbaadi,firdii godhee cinqii tana keessaa haa
nu baasuu je'aniin.hoggaa san nabi Muhammad
ka'ee harka yookii gurra hula'aa yookaa hamartii
hula'aa qabatee, sujuudee Rabbi khadhatee
Rabbiin shafaa'aa irraa qeebalee, warra dirree
qiyaama'atti cinqame, jiddu'utti Rabbiin firdii
godhee, adda yaasa. guyyaa sani, Rabbiin bakka
namni hundi itti isa faarsun, yookaa
galatoonfatuun nabi Muhammad kaasee dhaabun, kan
warrii dirree qiyaama'atti wal gaye marti, isa
galatoonfatu ,sun waan Rabbiin nabi muhammad
guddisu'uuf dalage nageenyi isarratti haa
jiraatuu }.
Shantamii
saddeetessan:Nabiin
laga kowthar je'amu kennamuu.
Kawthar :
laga jannata keessaa bayee hawdii nabi
Muhammaditti yaa'u. hawdin jannatarraa ala jirti
{Naanniyni} kun jannataafii dirree qiyaama'aa
jidduu jira, kan warri dirree qiyaama'atti
dheebun gubde, iraa dhugee dheebuu bayu. geebni
dhuganiin kan naanniga kanarra jiru , heddommina
urjii sami'iiti caala . namni naanniga nabii
kanarraa dhuge abaduma dhiibuu hin argu.Rabbiin
harka nabii keenyatiin nageenyi isarratti haa
jiraatuu naanniga sanirraa dhugaatii eegasii hin
dheebonne nu haa obaasu.
Rabbiin akki je'e:
]إِنَّآ
أَعْطَيْنَاكَ الْكَوْثَرَ
[.
سورة الكوثر آية { 1 }
Ma'naan isaa:
{yaa ergamaa kiyya Muhammad nuti kawthar sii
kenninee jirra}.
Hadiisa anasirraa
bukhaarin odeesse keessatti nabiin nageenyi
isarratti haa jiraatuu akki je'e :
بينا
أنا أسير في الجنة ، إذا أنا بنهر حافتاه قباب
الدر المجوف ، فقلت ما هذا ياجبريل ؟ قال: هذا
الكوثرالذى اعطاك ربك، فاذا طيبه – او طينه مسك
أذفر}
رواه البخارى
Ma'naan isaa :{nabi
Muhammad akki je'ee : odo'on jannata keessa
deemuu wannin arge : laga tokko kan qarqara isaa
lamaanirra:qubbaan durri'ii tan keessi qaawaa
keessa dhadhaabbattu .yaa jibriil layni kun
maali jennaanin inni kun laga kawthar je'amu kan
Rabbiin siif kenne naan je'e .laallan bordonni
laga sanii miskii adii je'an }.
Hadiisa Bukhaarin
odeesse keessatti giifti aa'ishaan akki jette
isii kawthar fassartu :
هو
نهر أعطيه نبيكم
I
شاطئاه عليه دُرّمجوّف آنيته كعدد النجوم
Ma'naan isaa :
{kawthar jechuun: laga Rabbiin nabiyyii
keessaniif kenne. nageenyi isarratti haa
jiraatuu . kan moggaan isaa lamaan durrii iftu
uramtuu taate. Kaasonni laga sanii,heddomminni
isaa akka heddommina urji'iiti} jette .
Hadiisa Bazzaar
anasirraa
odeesse keessatti anas akki je'e :
سمعت رسول الله
I
يقول { يا معشر الأنصار موعدكم حوضى} رواه البزار
ورجاله رجال الصحيح .
Ma'naan isaa :
{Anas Rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e :
Ergamaa Rabbii, kan ansaarotaan: bakkeen itti
wal geenyu, hawdii tiyya, je'un dhagaye}.
bazzaartu hadiisa kana odeesse
Hadiisa Muslim
sahlii ilma sa'dirraa
odeesse keesstti sahli akki je'e:
سمعت رسول الله
I
يقول { أنا فَرَطُكم على الحوض ، من وَرَد وشرب لم
يظمأ أبداً....} الحديث
Ma'naan isaa :
{
Ergamaa Rabii kan yaa ummata kiyya an guyyaa
qiyaama'aa isin duran, hawdii tiyya dhaqaa,
bishaan qabbanaayaa,hoggaa isin dirree
qiyaama'aatii dhuftan isin obaasu,isinii
qopheessu'uu jechan isin dura dabraa. namni
dhufee bishaan hawdii tiyyaa san dhuge, abaduma
hin dheebotu, je'un dhagaye .} hadiisa kana M .
odeesse
|