اجماع فقهاء الاسلام
Walii gala
ulamaa`ii fiqhii islaamaa
Walii galli
ulama`aa kan laalamu ulamaan zamana tokko
keessatti waan argame tokko keessatti yaanni
isaanii tokko tayuu murtiin ulamaa`iidhaa wal
gaxxamuu bakka hundaa .
Ammoo
awaamni
العوام
isaan gaxxamuun hin laalamu
ulamaa`ii walii galtutti wanni fedhame ulamaa`ii
fiqhi`iiti tanaaf jecha ulamaan usuulaa lugha`aa
yookaa ulamaan ilmii biraa isaan gaxxamuun hin
laalamu .
Dubbii
argamterratti walii galuu jechuun dubbii
shari`aati jechuu wanni ulamaan fiqhi`ii laalu
dubbii shari`aati malee dubbii biraatii miti
ammallee waan afaanitti miti sun waan ulaan
lugha`aa laaluu .
Waan
ulamaan ummata kanaa ummata nabi muhammed
jechu`uu irratti walii gale qabatanii jala
deemun dirqama walii galli isaanii hujja`aa
daliilaa raga`aa ammoo walii galli ulamaa`ii
ummata biraa akkasii miti waan nabiin nageenyi
irratti haa jiraatuu {
لا تجتمع امتي على ضلالة
} je`eef ma`naan isaa {
ummanni khiyya waan hamtu`urratti waliin galu }
jechuu hadiisa kana tirmizi`iifii nama
biralle`eetu odeesse .
Shar`iin islaamaa
{ ummanni khun khaxa`arraa tiyfamo`o jecha`aan
dhufte { hadiisa dubbanneef jecha .
Walii galli
ulamaa`ii gadaa tokkoo gadaa isa boodarratti
raga`a akkuma gadaa warra walii galee sanirratti
hujja`aa gaduma tayee haa tayuu gadaa
sahaaba`arraa qabee hanga guyyaa qiyaama`atti
hujjaa .
Walii galli
ulamaa fiqhi`ii hujjaa tayu`uuf warri walii gale
hundi ,dhumuun, sharxi`ii miti haa tayuu gariin
ulama`aa sharxii je`a gariin walii galee waan
irratti walii galan sanirraa deebi`uutu malaa
haa tayuu eega walii galanii irraa deebi`uun hin
gayuu tanaaf jecha hundi dhumuun sharxi`ii miti
jenna
Yoo warri walii
gale dhumuun sharxii walii galli hgujjaaa
tayu`uuti jenne , warri jiruu warra walii galee
keessatti dhalatee fiqhii baratee warra
ijtihaadarraa taye , waan warri sun irratti
walii galerraa deebi`uun ni laalama yookaa ni
gaya .
Walii galli
ulama`aa afaanin je`uudh-an ni argama akka wanni
kun ni gaya jechu`uu hundi saanii takkaa walii
galanii dalaguu takkaa gariin je`ee gariin
dalagee galanii dalaguu , takkaa gariin je`ee
gariin dalagee jechaafii dalagaan sun facaatee ,
namni hundi dhagayee warri dhagaye , jaalatee
irratti cal`isu`uu kun ijmaa`a cal`isu`uuti
je`ama .