شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba insaafa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

GABAABAA SABABAA ASAABA`AAFII
WARRI ASAABAA BOODA DHUFE FIQHII KHEESSATTI WAL DHABEEF NAMAA IBSU

   
 

  

Waa takka beekhi Rabbiin qajeelloo siif haa ida'uu ,Waaqni eega zamanni taabi'iyyootaa dabree ,warra beekkosaa dharra'ee , waa baru'uuf if kenne kan beekkomsa islaamaa ba'atu'uuf if qabe, fide.waan Rabbiin nabiif baallama seene guutu'uuf jecha .maalif nabi Muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu wanni nuu odeessee Rabbirraa nu beysisee { beekkomsa diinaa islaamaa kana ,warra booda dhufurraa warra haqaatu warra dabrerra ba'atee warra isa booda dhufuuf dabarsa

duuba warri taabi'iyyoota dhaqqabe , nama sheekkotaa kan dhaqqaberraa diin islaamaa barate.akka itti wadda'atan,itti dhiqatan, itti salaatan , itti fuudhan , itti guguranii bitatan .ammallee heera islaamaa kan biraa isaanirraa baratan hadiisa nabii isaanirraa odeessanii .waan qaadonni islaamaa isaan dura biyya adda addaa keessatti mure yookaa heere, warra isaan dura dabrerraa dhagayanii waan muftoonni asaaba'aatifii muftoonni taabi'iyyootaa fatwaa godhe , irraa baratanii. waan gaafatuun mijjaayu ifumaafuu sheekhotii taabi'iyyootaa tan dhaqqaban , gaafatanii. waan kana hunda keessatti jaatanii guddoo godhuu turan.hanga ifumaafuu sheekkotii tayanii imaama tayanii qaadii tayanii ,dalagaan ummataa diinifii dunyaa keessatti isaan harka kaayamtetti .duuba akkuma sheekkotii isaanitti , akkuma warra isaan dura dabretti jaatanii godhanii waan isaanii mul'ateen , waan irraa gaafatamaniif deebisaa kennanii dubbii namaa muranii, hadiisa odeessanii waan beekan nama barsiisan .wanni ulamaan gadaa kanaa dalage , wal fakkaata .maalif wanni irra hedduun isaanii dalaguu ture ,hadiisa nabii kan warri asaabaa dhaqqabe asaabaadharraa odeesse ,asaaban nabirraa odeessite kan warri hadiisa san odeesse hundi dubbatameefii , sun akka hadiisa {sa'iid ibnulmussayyib ibnu umarirraa odeessee ibnu umar nabirraa odeessu'uutii kan namni odeesse hundi hanga nabitti dubbatame .sun {hadiisa muttasil متصـــل  ‎‎} je'amaa .kan hiriiron odeessitu'uu hanga nabitti walitti dhaabbattu jechu'uu .ammallee hadiisa taabi'iyyiin nabi hin argin, asaabticha hadiisa nabirraa isaa odeesse maqaa dhayuu dhiisee,ifumaa nabirraa odeessu'uutii .sun hadiisa {ergamaa مرسل‎‎} je'amaa .ulamaan gadaa taabi'iyyoota booda boodaa hadiisa nabii gosa lachuu walitti qaban. Akkasuma waan asaaban jetteefii , waan warri asaabaa dhaqqabe je'e raga'aaf qabatan .wanni isaan yaadan: wanni taabi'iyyoonni je'u:

  takkaa hadiisa nabiiti taya isaantu gabaabse malee .akka { ibraahiimunnakha'i in‎‎} je'e. maalif inni hadiisa nabiin { muhaaqala'aafii muzaabana'arraa{ والمزابنة المحاقلة  } dhoowwe je'u nabirraa odeessinaan nabiin akkana je'e je'ee sanadaan finnaan wanni isaan je'ame ,hadiisa kana malee kan biraa nabirraa hin qabduu ? je'ameen .jennaanin eeyee nan qaba . haa tayuu hadiisuma nabirraa odeeffamen,nabiin akkan je'e,je'uu dhiisee ,hadiisa san saahibticha nabirraa nuu odeesse, takkaa taabi'icha asaabaa nabirraa nuu odeesserraa nuu odeessettin irkisa . saahibtichi { abdullaahii ilma mas'uudi‎‎} je'amu akkana je'e .takkaa taabi'ichi {alqamaa‎‎} je'amu akkana je'e je'eetan , jara kanatti irkisa je'e .ammas akki je'e an dubbii nabitti irkisu'urra, nama isaanirraa nuu ode essetti irkisuudhan jaaladha .

  Qaallichi sha'bii je'amu tokkos akki je'e : hadiisa odeessinu nabiitu akkana je'e jennee nabitti ol fuudhu'urra , takkaa isatti irkisu'urra nama isaanirraa nuu odeessetti irkisuu irra jaalanna je'e .maalif yoo dubbii yookaa hadiisa san keessa ida'uufii ir'isuun jiraatte warra nabii asiitu waan sanirraa gaafatamaa

 wanni dubbannee dabarsine wanni nuu ibsu ,warri gadaa tanaa waa lama jabeessanii qabatan:

 1  Hadiisa nabirraa odeeffame.

2  Waan asaabaadhafii taabi'iyyoonni je'e .wanni waan asaaba'aafii warri asaabaa dhaqqabi je'u qabataniif ,waa lamaafi sun wanni isaan je'an ,takkaa hadiisa nabiiti taya .isaantu ida'uudhafii ir'isuu soda'aaf nabiitu akkana je'e hin je'in malee .takkaa wanni isaan je'an waan hadiisafii qur'aanarraa beekan ijtihaada isaanitiin .haali dubbii isaanii haala lamaan kanarraa hin bayu . duuba gaafana waan isaan je'antu takkaa dalagantu waan namni isaan booda dhufe je'urra takkaa dalagurra gaarii qajeelaa .ammallee gada'alle'een irra caala yookaa dura.ammallee isaantu beekkomsa shari'aadha irra qabaata .tanaaf jecha waan asaabotaafii warri isaan dhaqqabe je'u ,qabatuun dirqaman .yoo isaan wal dhabanii hadiisni nabii kan dubbii isaanitiin wal dhabu taye malee ,wal dhabiinsa mul'ataa.

 Warri gadaa kanaa yoo dubbii takka keessatti wal dhabe qur'aanafii,hadiisa nabirra wal fidan ammoo yoo hadiisni dubbii takka keessatti wal dhabe tokko kan dubbii tana didu tayee ,kuun kan dubbii san eehamu tayee yoo hadiisni lama kan nabirraa dhufe akkatti wal afaan dhufe,waan asaabunni nabii je'e laalan .duuba yoo asaabonni hadiisa kanaatu ka boodati heerri duraa jirjiirame je'e,takkaa hadiisni kun ma'naan isaa akkana hadiisni kuun ma'naan isaa akkasi je'anii fassaran ,takkaa yoo asaabonni cal'isee wahuun jennee hadiisa lamaanirraa tokkolle'etti dalaguu dhiisan ,dhiisun isaanii sun illaan hadiisa san fudhatuu dhoowwitu itti jiraatuu beysisaa, takkaa nassakhamuu isaati beysisaa, waan san hunda keessatti asaabotaafii taabi'iyyoota jala deeman .sun waan imaam maalik je'u.

wanni imaam maalik hadiisa meeshaa sareen najifte torba dhiqaa,torbanirraa takkatti biyyee xaahira makaa je'u keessatti je'e: hadiisni kun dhufee jira.haa tayuu waan inni taye hin beekhu je'e .dubbii tana ibnulhaajitu maalikirraa odeesse. akkana jechuun maalik ,an tanaan dura ulamaa'ii hadiisa kanatti daleyde hin agarre jechu.

duuba asaaba'aafii warri isaan dhaqqabe hadiisatti dalaguu dhiisun hadiisni sun tuqaa qaba jechaa beysisa isaan biratti.

asaabonni yookaa taabi'oonni yoo dubbii takka keessatti wal dhaban wanni aalima gadaa tanaa biratti maraxamu yookaa filamee caalchifamu mazhaba ummanni biyya isaatifii sheekkotiin biyya isaa irratti deemtu .waan dubbii isaanii keessa beekuf jecha .laaftu'uu jabduu isi'ii .ammallee waan sheekkotii biyya isaa beekkomsa keessatti cimuu isaanii beekuf jecha .hanga qalbiin isaanii gara isaanii jallattu takkatti.

fakkeessa'aaf mazhabni asaab umar, kan asaab usmaan ,kan aa'isha'aa ,kan ibnu umar ,ammallee mazhabni ibnu kgabbaas kan zeeydii ilma thaabit , kan jaalluwwan isaanii kan akka sa'iid ibnulmusayyib  inni nama akkaan murtii umariifii hadiisa abuu hureyra'aa qomaa qabuu , akkasuma mazhabni ikrima'aa,kan Axaa', kan ubeydullaah ,ammallee mazhabni nama akka isaanii , mazhabni jara dubbannee warra madiina'aa biratti mazhaba biraa hunda dura durfamee caalchifama waan nabi Muhammed, waan madiinan guddifamteef keessatti isiin bakka diin itti jabaatu tayuu ibseef jecha.ammallee waan madiinan bakka fuqahaa'onni qubatu kan ulamaan zamana hunda itti wal geessu taatef jecha. tanaaf imaam maalik karaa warra madiina'aa qabata wanni maalikirraa duubatamee beekkame inni karaa warra madiina'aati qabata jechu.ammas wanni maalikarraa beekkame,waan warri madiina'aa dalagurratti yookaa dhiisu'urratti walii gale qabatu'.

Ammoo mazhabni abullaahi ibnu mas`uudifii jaallowwan isaa akkasuma murtiin asaab aliyyiin ammallee murtiin sheekhticha {shureyhg‎‎} je'amuu tan sha'bi'ii , ammallee fatwaan ibraahiimann-akha'iidhaa , mazhabni jara dubbanne kanaa warra kuufaa kan biyya iraaq biratti isaatu qabatuudhatti irra haqa.tanaaf warri {kuufaa‎‎} mazhaba jara sanii mazhaba biraa hundarra caalchisanii qabatan. kun yaada kgalqamaan qabu .inni warra kuufatii .wanni yaada isaa nuu ibsu,qaallichi ,{masruuq‎‎} je'amu tokko mas'alaa dhaala takka keessatti yaada zeydii ilma thaabit ,kan warra madiina'aa qabannaan qaalichi alqamaa je'aniin tokko wanni je'een :yaa masruuq si warra madiina'aa keessa nama sheekha keenya abdullaahii ilma mas'uud gayuutu jiraa kan mazhaba zeydii mas'alaa dhaalaa keessatti qabattuuf jennaanin hin jiruu,haa tayuu zaydi qufa mitii warra madiina'aa hundaatu mas'alaa tanarratti walii gale je'een,tanaaf jecha warri gadaa kanaa waan bitti isaanii irrattii walii galte qabatan .odoo bitti biralleen mazhaba biraa qabatelle'ee. kun waan maalik je'u. wanni inni je'uu ture sunnaan nam tokkolleen irratti wal hin dhabne,waan kana waan kana je'ee lakkaawa .warri gadaa tanaa yoo warri biyya isaanii kan isaani duraa mas'alaa takka keessatti wal dhaban qowlii yookaa yaada irra jaba'aa kan namni hedduun irra jiru ,kan qur'aanafii hadiisa yookaa qiyaasa gaxxamu qabatan kun waan akka maalik je'uuti yoo warra durarraa qowlii isaanii mas'alaa tana keessatti hin argin ifiif ijtihaada godhanii dubbii muran.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com