Waa takka beekhi
Rabbiin qajeelloo siif haa ida'uu ,Waaqni eega
zamanni taabi'iyyootaa dabree ,warra beekkosaa
dharra'ee , waa baru'uuf if kenne kan beekkomsa
islaamaa ba'atu'uuf if qabe, fide.waan Rabbiin
nabiif baallama seene guutu'uuf jecha .maalif
nabi Muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu
wanni nuu odeessee Rabbirraa nu beysisee {
beekkomsa diinaa islaamaa kana ,warra booda
dhufurraa warra haqaatu warra dabrerra ba'atee
warra isa booda dhufuuf dabarsa
duuba warri
taabi'iyyoota dhaqqabe , nama sheekkotaa kan
dhaqqaberraa diin islaamaa barate.akka itti
wadda'atan,itti dhiqatan, itti salaatan , itti
fuudhan , itti guguranii bitatan .ammallee heera
islaamaa kan biraa isaanirraa baratan hadiisa
nabii isaanirraa odeessanii .waan qaadonni
islaamaa isaan dura biyya adda addaa keessatti
mure yookaa heere, warra isaan dura dabrerraa
dhagayanii waan muftoonni asaaba'aatifii
muftoonni taabi'iyyootaa fatwaa godhe , irraa
baratanii. waan gaafatuun mijjaayu ifumaafuu
sheekhotii taabi'iyyootaa tan dhaqqaban ,
gaafatanii. waan kana hunda keessatti jaatanii
guddoo godhuu turan.hanga ifumaafuu sheekkotii
tayanii imaama tayanii qaadii tayanii ,dalagaan
ummataa diinifii dunyaa keessatti isaan harka
kaayamtetti .duuba akkuma sheekkotii isaanitti ,
akkuma warra isaan dura dabretti jaatanii
godhanii waan isaanii mul'ateen , waan irraa
gaafatamaniif deebisaa kennanii dubbii namaa
muranii, hadiisa odeessanii waan beekan nama
barsiisan .wanni ulamaan gadaa kanaa dalage ,
wal fakkaata .maalif wanni irra hedduun isaanii
dalaguu ture ,hadiisa nabii kan warri asaabaa
dhaqqabe asaabaadharraa odeesse ,asaaban
nabirraa odeessite kan warri hadiisa san odeesse
hundi dubbatameefii , sun akka hadiisa
{sa'iid
ibnulmussayyib ibnu umarirraa odeessee ibnu umar
nabirraa odeessu'uutii kan namni odeesse hundi
hanga nabitti dubbatame .sun
{hadiisa
muttasil متصـــل
}
je'amaa .kan hiriiron odeessitu'uu hanga nabitti
walitti dhaabbattu jechu'uu .ammallee hadiisa
taabi'iyyiin nabi hin argin, asaabticha hadiisa
nabirraa isaa odeesse maqaa dhayuu
dhiisee,ifumaa nabirraa odeessu'uutii .sun
hadiisa {ergamaa
مرسل}
je'amaa .ulamaan gadaa taabi'iyyoota booda
boodaa hadiisa nabii gosa lachuu walitti qaban.
Akkasuma waan asaaban jetteefii , waan warri
asaabaa dhaqqabe je'e raga'aaf qabatan .wanni
isaan yaadan: wanni taabi'iyyoonni je'u:
takkaa hadiisa
nabiiti taya isaantu gabaabse malee .akka
{
ibraahiimunnakha'i in}
je'e. maalif inni hadiisa nabiin
{
muhaaqala'aafii muzaabana'arraa{
والمزابنة المحاقلة
}
dhoowwe je'u nabirraa odeessinaan nabiin akkana
je'e je'ee sanadaan finnaan wanni isaan je'ame ,hadiisa
kana malee kan biraa nabirraa hin qabduu ?
je'ameen .jennaanin eeyee nan qaba . haa tayuu
hadiisuma nabirraa odeeffamen,nabiin akkan
je'e,je'uu dhiisee ,hadiisa san saahibticha
nabirraa nuu odeesse, takkaa taabi'icha asaabaa
nabirraa nuu odeesserraa nuu odeessettin irkisa
. saahibtichi {
abdullaahii ilma mas'uudi}
je'amu akkana je'e .takkaa taabi'ichi
{alqamaa}
je'amu akkana je'e je'eetan , jara kanatti
irkisa je'e .ammas akki je'e an dubbii nabitti
irkisu'urra, nama isaanirraa nuu ode essetti
irkisuudhan jaaladha .
Qaallichi sha'bii
je'amu tokkos akki je'e : hadiisa odeessinu
nabiitu akkana je'e jennee nabitti ol
fuudhu'urra , takkaa isatti irkisu'urra nama
isaanirraa nuu odeessetti irkisuu irra jaalanna
je'e .maalif yoo dubbii yookaa hadiisa san
keessa ida'uufii ir'isuun jiraatte warra nabii
asiitu waan sanirraa gaafatamaa
wanni
dubbannee dabarsine wanni nuu ibsu ,warri gadaa
tanaa waa lama jabeessanii qabatan:
1
Hadiisa nabirraa odeeffame.
2
Waan asaabaadhafii taabi'iyyoonni je'e .wanni
waan asaaba'aafii warri asaabaa dhaqqabi je'u
qabataniif ,waa lamaafi sun wanni isaan je'an ,takkaa
hadiisa nabiiti taya .isaantu ida'uudhafii
ir'isuu soda'aaf nabiitu akkana je'e hin je'in
malee .takkaa wanni isaan je'an waan hadiisafii
qur'aanarraa beekan ijtihaada isaanitiin .haali
dubbii isaanii haala lamaan kanarraa hin bayu .
duuba gaafana waan isaan je'antu takkaa
dalagantu waan namni isaan booda dhufe je'urra
takkaa dalagurra gaarii qajeelaa .ammallee
gada'alle'een irra caala yookaa dura.ammallee
isaantu beekkomsa shari'aadha irra qabaata .tanaaf
jecha waan asaabotaafii warri isaan dhaqqabe
je'u ,qabatuun dirqaman .yoo isaan wal dhabanii
hadiisni nabii kan dubbii isaanitiin wal dhabu
taye malee ,wal dhabiinsa mul'ataa.
Warri
gadaa kanaa yoo dubbii takka keessatti wal dhabe
qur'aanafii,hadiisa nabirra wal fidan ammoo yoo
hadiisni dubbii takka keessatti wal dhabe tokko
kan dubbii tana didu tayee ,kuun kan dubbii san
eehamu tayee yoo hadiisni lama kan nabirraa
dhufe akkatti wal afaan dhufe,waan asaabunni
nabii je'e laalan .duuba yoo asaabonni hadiisa
kanaatu ka boodati heerri duraa jirjiirame
je'e,takkaa hadiisni kun ma'naan isaa akkana
hadiisni kuun ma'naan isaa akkasi je'anii
fassaran ,takkaa yoo asaabonni cal'isee wahuun
jennee hadiisa lamaanirraa tokkolle'etti dalaguu
dhiisan ,dhiisun isaanii sun illaan hadiisa san
fudhatuu dhoowwitu itti jiraatuu beysisaa,
takkaa nassakhamuu isaati beysisaa, waan san
hunda keessatti asaabotaafii taabi'iyyoota jala
deeman .sun waan imaam maalik je'u.
wanni imaam maalik
hadiisa meeshaa sareen najifte torba
dhiqaa,torbanirraa takkatti biyyee xaahira makaa
je'u keessatti je'e: hadiisni kun dhufee
jira.haa tayuu waan inni taye hin beekhu je'e .dubbii
tana ibnulhaajitu maalikirraa odeesse. akkana
jechuun maalik ,an tanaan dura ulamaa'ii hadiisa
kanatti daleyde hin agarre jechu.
duuba asaaba'aafii
warri isaan dhaqqabe hadiisatti dalaguu dhiisun
hadiisni sun tuqaa qaba jechaa beysisa isaan
biratti.
asaabonni yookaa
taabi'oonni yoo dubbii takka keessatti wal
dhaban wanni aalima gadaa tanaa biratti maraxamu
yookaa filamee caalchifamu mazhaba ummanni biyya
isaatifii sheekkotiin biyya isaa irratti deemtu
.waan dubbii isaanii keessa beekuf jecha .laaftu'uu
jabduu isi'ii .ammallee waan sheekkotii biyya
isaa beekkomsa keessatti cimuu isaanii beekuf
jecha .hanga qalbiin isaanii gara isaanii
jallattu takkatti.
fakkeessa'aaf
mazhabni asaab umar, kan asaab usmaan ,kan
aa'isha'aa ,kan ibnu umar ,ammallee mazhabni
ibnu kgabbaas kan zeeydii ilma thaabit , kan
jaalluwwan isaanii kan akka sa'iid ibnulmusayyib
inni nama akkaan murtii umariifii hadiisa abuu
hureyra'aa qomaa qabuu , akkasuma mazhabni
ikrima'aa,kan Axaa', kan ubeydullaah ,ammallee
mazhabni nama akka isaanii , mazhabni jara
dubbannee warra madiina'aa biratti mazhaba biraa
hunda dura durfamee caalchifama waan nabi
Muhammed, waan madiinan guddifamteef keessatti
isiin bakka diin itti jabaatu tayuu ibseef
jecha.ammallee waan madiinan bakka fuqahaa'onni
qubatu kan ulamaan zamana hunda itti wal geessu
taatef jecha. tanaaf imaam maalik karaa warra
madiina'aa qabata wanni maalikirraa duubatamee
beekkame inni karaa warra madiina'aati qabata
jechu.ammas wanni maalikarraa beekkame,waan
warri madiina'aa dalagurratti yookaa
dhiisu'urratti walii gale qabatu'.
Ammoo mazhabni
abullaahi ibnu mas`uudifii jaallowwan isaa
akkasuma murtiin asaab aliyyiin ammallee murtiin
sheekhticha {shureyhg}
je'amuu tan sha'bi'ii , ammallee fatwaan
ibraahiimann-akha'iidhaa , mazhabni jara
dubbanne kanaa warra kuufaa kan biyya iraaq
biratti isaatu qabatuudhatti irra haqa.tanaaf
warri {kuufaa}
mazhaba jara sanii mazhaba biraa hundarra
caalchisanii qabatan. kun yaada kgalqamaan qabu
.inni warra kuufatii .wanni yaada isaa nuu
ibsu,qaallichi ,{masruuq}
je'amu tokko mas'alaa dhaala takka keessatti
yaada zeydii ilma thaabit ,kan warra madiina'aa
qabannaan qaalichi alqamaa je'aniin tokko wanni
je'een :yaa masruuq si warra madiina'aa keessa
nama sheekha keenya abdullaahii ilma mas'uud
gayuutu jiraa kan mazhaba zeydii mas'alaa
dhaalaa keessatti qabattuuf jennaanin hin
jiruu,haa tayuu zaydi qufa mitii warra
madiina'aa hundaatu mas'alaa tanarratti walii
gale je'een,tanaaf jecha warri gadaa kanaa waan
bitti isaanii irrattii walii galte qabatan .odoo
bitti biralleen mazhaba biraa qabatelle'ee. kun
waan maalik je'u. wanni inni je'uu ture sunnaan
nam tokkolleen irratti wal hin dhabne,waan kana
waan kana je'ee lakkaawa .warri gadaa tanaa yoo
warri biyya isaanii kan isaani duraa mas'alaa
takka keessatti wal dhaban qowlii yookaa yaada
irra jaba'aa kan namni hedduun irra jiru ,kan
qur'aanafii hadiisa yookaa qiyaasa gaxxamu
qabatan kun waan akka maalik je'uuti yoo warra
durarraa qowlii isaanii mas'alaa tana keessatti
hin argin ifiif ijtihaada godhanii dubbii muran.