شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba insaafa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

GABAABAA SABABAA ASAABA`AAFII
WARRI ASAABAA BOODA DHUFE FIQHII KHEESSATTI WAL DHABEEF NAMAA IBSU

   
 

 

ÇáÅãÇã ÇÈæ ÍäíÜÝÜÜÜÜÜÜÜÜÉ ÇáäÚãÇä Èä ËÇÈÊ ÑÍãå Çááå

Abuu haniifaa , annu'maan binu thaabit

 Ammoo abuu haniifan nama mazhaba ibraahiim annakha'iidhatiifii , mazhaba hiriyoota isaa warra  iraaq keessaa akkaan qabatu . kan mazhaba isaanirraa gara biraa hin gorre . hanga yookaa waan Rabbiin fedhetti malee .

Abuu haniifan mazhaba ibraahiimannakha'irratti jaaree , dubbii biraa irraa baqayfatuu keessatti , nama jabaa. waan dubbii isarra baqayfatu keessatti laalcha jabaa qajeelaa qaba. inni baaba fiqhi'ii akka guutu'utti seenee bal'ise.ibraahiimannakha'iidharratti laallatee .

Yoo akka abuu haniifan ibraahiimannakha'ii jala deemu baruu feete,mazhaba ibraahiim kan kitaaba ý{ýkitaabul'aathaarýý}ý je'amu kan Muhammed ibnulhasan allafe , akkasuma ý{ýjaami'a abdurrazzaaqýý}ý akkasuma kan ý{ýMusannaf abuu bakri ibnu abii shayba'aaýý}ý je'amu keessatti dubbatame akkaan qulqulleessii laali.eegasii waan saniifii mazhaba abuu haniifa'aa walitti laali akka abuu haniifan karaa ibraahiimannakha'iidharraa hin maan'e , agartaa . yoo waa xiqqo taate malee .hanguma san keessattuu waan ulamaa'in kuufaa ý{ýiraaqýý}ý jetterraa hin bayu.

Irra beekkamaan jamaa'aa abuu haniifa'aa ý{ýabuu yuusufiifii ýý}ý ý{ýMuhammed ibnulhasani.ýý}ý .Abuu yuusuf gaafa muutin islaamaa haarunarraiid taye , qaadii guddaa godhame.kan sababaan , saniin mazhabni abuu haniifa'aa biyya iraaqifii biyya khuraasaanifii , biyya laga duubaa keessa faca'e. bitti laga duubaa biyya bukhaaraa je'amtu fa'a Ammoo Muhammed hasan, nama majlisa dhaabee , karaa waa barsiisu'uu qabatee, akkaan nama barsiise. oduu isarraa wanni nu gaye : inni abuu haniifa'aafii , abuu yuusufirratti fiqhii bare . biyya kuufaa tan iraaqitti .eega sii imaam maalikirraa madiina'atti barate. kan kitaaba maalik Muwaxxa' isarratti qara'e. duuba eegasii biyya isaa kuufatti deebi'ee , fiqhii abuu haniifa'aatifii , fiqhii  jamaa'aa isaa, ammallee  fiqhii warra madiina'aa , keessattuu ý{ýmuwaxxa'arraaýý}ý ba aba baaban , mas'alaa mas'ala'aan ,fidee , laale. Duuba yoo fiqhiin isaanii waan muwaxxa' keessa jiru gaxxamte tolte . yoo gaxxamuu baatte, yoo nama asaab a'aafii taabi'iyyootarraa karaa san deeme arge ni fudhata . yoo mala jamaa'aa isaanii kan hadiisa fayyaa qabuun wal dhabu arge . mala yookaa qiyaasa isaanii kan irra hedduun ulama'aa didu san dhiiseti karaa warri isa dura dabre deeme, kan mala kanarra caalaa yaadu  qabata. haa tayuu abuu yuusufiifii Muhammed hasan karaa ibraahiimannakha'iidhaa gad hin dhiifne. isaan akkuma abuu haniifan dalage dalagan.haa tayuu waa lama keessatti wal dhaban .sanirraa kan duraa sheekhni isaanii abuu haniifan dubbii ibraahiimirraa baqayfatee mala baasee isaanis dubbuma ibraahiimirraa fudhatanii yaada yookaa mala , mala abuu haniifa'aatin wal dhabu kan kanaatu irra caalaa yaadan baasan kan lammeysa'aa :ibraahiimifii , jamaa'an isaa mala hedduu mas'alaa takka keessatti qabaatuu turan .duuba maloowwan san garii isaanii gari'irraa caalchisuu keessatti yaanni isaan lamaanitiifii yaanni abuu haniifa'aa wal dhaba .yoo waan lamaan kana keessatti taate malee , jarri sadeen wal hin dhabu.

Duuba sheekhtichi Muhammed hasan je'amu kun , kitaaba allafee yookaa barreessee ,yaada jara sadeenituu walitti qabe .yaada isaatifii kan abuu haniifa'aatifii ,kan abuu yuusuf walitti qabe .duuba akkasitti ummata hedduu fayyadee , asaabonni yookaa jamaa'an abuu haniifa'aa kitaabban inni barreesse san qara'uudhafii qaraasisu'utti jiganii , gabaabsanii dheeressanii bal'isanii , dhiphisanii raggaasaa fidanii raggaasisanii dhiyeessanii biyya keessa facaasanii barsiisan.akkasitti wanni sun hundi mazhaba abuu haniifa'aa  je'amee yaamame .Rabbi rahmata isaanii haa godhuu .

Wanni mazhabni abuu haniifa'aatifii mazhabni abuu yuusufiifii mazhabni Muhammed hasan mazhaba tokkotti lakkaawameef Rabbiin hunda isaanitiif rahmata haa godhuu, odoo abuu yuusufii, Muhammed warra akka abuu haniifa'atti ijtihaada godhe , kan yaada keessatti hedduu wal dhaban tayanuu , mazhaba isaan sadeenitiitu bakka takkatti kitaaba tokko keessatti katabame .yookaa barreeffame .ammallee akka mazhabni isaan sadeenii itti kaayameetu akka tokko. sun waan fuqahaa'ii biyya kuufarraa arganii dhagayan filatu'uu. keessattuu karaa ibraahiimannakha'iidhaa .kitaabni mazhabni jara sadeenii keessatti barreeffame kitaama ý{ýMabsuuxýý}ý je'amuufii  kitaaba ý{ýaljaami'ulkabiir ýý}ý je`amu.             

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com