شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba insaafa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

GABAABAA SABABAA ASAABA`AAFII
WARRI ASAABAA BOODA DHUFE FIQHII KHEESSATTI WAL DHABEEF NAMAA IBSU

   
 

 

waa takka beeki, gadaa {ilma musayyibiifii} ibraahiim annakha'iidhatiifii ,zuhri'ii , ammallee gadaa {maalikiifii} kan sufyaan , ammallee zamana isaan boodaa keessattillee warra malaan waa muru jibbuutu jira.qur'aanafii hadiisa qoqqotanii heera waan dur hin jirree baasuu ni sodaatan yoo dirqii irraa hafiinsi hin jirreef taate malee. wanni isaan itti yaaddawan, yaanni isaanii irra goddaan, hadiisa nabii odeessuu .Nageenyi isarratti haa jiraatuu.

Isaabtichi {abdullaahii ibnu mas'uud } je'amu tokko, namni waa isa gaafannaan akki je'e : an , waan Rabbiin sirratti haraam godhe .mala kiyyaan halaal siif godhuu ,waan Rabbiin halaal siif godhe haraam sirratti godhuu,yookaa dhoowwama sirratti godhuu ,nan jibba je'e.

Ammas asaabtichi {mu'aaz ibnu jabal}  je'amu tokko akki je'e :yaa ummata nabii, balaan odoo hin boone hin jarjarsiifatinaa. Ummanni islaamaa nama yoo waa argamanii heera isi'irraa gaafatame qajeelee deebisu hin dhabuu.tanaaf jecha, heera waan takkaa hin argaminii gaafatu'uun if hin dhibinaa. akkasuma waan takkaa hin argaminirraa gaafatuu jibbuun , asaab {umariifii ,asaab aliyyiifii , ibnu abbaasirraaa odeeffamee jira .

Ibnu umar wanni qaallicha {jaabir ibnu zaydii} je'amuun je'e {ati fuqahaa'ota Basra'aatirraayii,waan qur'aanni dubbatu,waan hadiisni dubbatuun malee,waan biraatin dubbii hin murin .ati yoo waan kana malee dalayde ,baddee balleessitee beekhi } je'een . qaallichi {abunnadri} je'amu tokkos akki je'e : gaafa asaabtichi {abuu salamaa} je'amu tokko {basra} dhufe ,anaafii hasanulbasriin, itti dheyn'ee ziyaarre. duuba abuu salamaan akki je'e :ati hasanulbasri'ii? An ,naman sirra arguu fedhu hin qabu. maalif ? wanni sirraa na gaye ati: mala keetin dubbii murta jechu'uu ,mala keetin fatwaa hin godhin.yoo qur'aana takkaa hadiisa nabiitin taate malee.mala keetin dubbii hin murin .. Qaallichi {abulmunkadir} je'amu tokko akki je'e :aalimni Rabbiifii gabroota isa jidduu seeneti,waa muraa, tanaaf jecha karaa lubbuu isaa baasu haa barbaaddatuu .Qaallichi {sha'bii } je'amu tokkos yoo namni waan shari'aadharraa  waa isin gaafate maal dalaguu turtan ? je'ee namni isa gaafannaan akki je'een: nama dubbii tana keessa beekhu gaafattee dhagayi . wanni dalaguu turre yoo namni tokko nama tokko gaafate,kan gaafatame sun ifirra dabarsee, saahiba isaatin akki je'u : deebisiif, takkaa fatwaa godhiif je'a. hanga odoo walirra dabarsanuu , kan duratti deebitutti.ammas {sha'biin} akki je'e: waan warri kun sii odeesse,  yoo hadiisa taate qabadhu.. yoo waan mala isaanitiin je'an taate ifirraa dhiisi . dubbii tana hunda {daarimi'iitu} odeesse.

Duuba achirraa hadiisafii, waan asaaba'arraa dhagayame kitaaba keessatti, yookaa xalayaa keessatti bareessun,takkaa nama barreesserraa dabarfatuun, biyya islaamaa keessa faca'e.hanga namni hadiisa odeessu, kan kitaaba hin katabin , takkaa xalayaa hin barreessin, yookaa waan namni biraa katabe hin dabarfatin , takkatu takkatti.

Tanaaf jecha namni gurguddaan zama na san dhaqqabe ,biyya makkaa ,Madiinaa, shaam,iraaq, misra, yaman, khuraasaan ,keessa olii gad naannawanii, kitaaba hedduu bareessanii ,kan namni biraa katabe barbaadanii dabarfatanii, hadiisa san dura dhukhate hunda barbaadanii qoqqotanii mul'isanii akkasitti hadiisafii taariikha asaaba'arraa, wanni warra isaan duraa biratti  walitti hin qabamin, walitti isaanii qabame .wanni  warra isaan duraatif hin laafin isaanii laafee

Tanaaf karaan hadiisaa hedduun isaanif qulqullaayee isaan gaye.hanga hadiisni hedduun karaa dhibbaa oliin odeeffamuun, isaanif mul'atetti . kan karaan hedduun hadiisni nabirraa odeeffameen sun , gariin isaa waan kaan keessa hin jirre  mul'isu.kan karaa saniin hadiisa dhukata'aafii hadiisa  faca'ee nama hunda biratti beekkame adda baran .kan ammallee karaa kanaan hadiisa ,ragaa biraa ,hadiisa birarraa qabuufii, hadiisa tumsa qabu , kan karaa biraatin dhufe laalanii baruun isaanif mijjaaye . hanga hadiisni hedduun fayyaa qabu , kan warra isaan duraa kanneen fatwaa godhuu turanii hin mul'atin isaanii mul'ate takkatti.

Tanaaf shaafi'iin ahmadiin isintu hadiisa fayyaa qabu beekhaa, yoo hadiisni fayyaa qabu jiraate, na beysisaa.akkan isa qabadhu. dubbii tana ibnul humaamitu dubbate .

Wanni shaafi'iin akkana je'eef hadiisa fayyaa qabu meeqaatamtu jira kan warra biyya takkaa malee warri biyya biraa hin odeessin.kan akka warri shaam qofti, yookaa warri iraaq qofti kopha'aan bayatee . takkaa warri tokko qofti odeessee. kan akka {buredan } abaabuu isarraa odeessuu. kan namni biraa hin odeessin . kan akka hadiisota {am rubnu shu'ayb} abaabuu isarraa odeessuu. takkaa asaabticha hadiisa odeessetu nama beekkamaa hin tayin .kan warri fatwaa godhuu ture dagatu takkaa isaan isa hin beyne. kan waan inni beekkamaa hin tayiniif jecha, namumti xiqqaan qofti hadiisa irraa odeessu. kan warri shaafi'iifaa duraa, kan fatwa'aaf gad taa'ee nama jiddu'utti dubbii laalu, irra hedduun isaanii quban qabne

Ammoo gadaa {ibnulmusayyibiifii} warra isaan booda dhufe biratti hadiisa nabiitifii,wanni asaabonni ammallee warri isaan dhaqqabe tabi'iyyoonni je'e yookaa dalage wal gaye .keessattuu fuqahaa'onni asaaba'aatifii fuqahaa'onni taabi'iyyootaa kan biyyoota adda addaa keessatti argame fatwaan isaanii hundi warra zamana hadiisa walitti qaban jiru biratti walitti qabame. kan san dura namni tokko hadiisa biyya isaatifii, hadiisa nama inni beekhuu malee, hadiisa biyya biraa yookaa nama inni hin beyne biratti argame, walitti qabu'urraa hin mijjeeffatin

Ammas warri zamana kana duraa warra hadiisa isaanii odeesse , maqaa isaanii baru'uufii, haala isaanii baruu keessatti , hanguma isaan gayeefii hanguma arganii dhagayaniifii ,waanuma haala isaanii isaanii akeekutti erkatan.ammoo warri zamana kana dubbii nama hadiisa odeessee akka gaari'itti gad qabanii laalaniiti ilmii kopha'aa {ilmii odeessituu hadiisaa} je'anii godhanii kitaaba itti kaayanii yookaa allafanii , hadiisni fayyaa qabaatu'uufii fayyaa qabaatuu dhabuu akkaan laalan

Duuba karaa kanaan hadiisni walitti dhaabbatee nabi gayuufii kan gariin warra odeessee dubbatamuu dhabee adda citu mul'ate..warri zamana kana duraa kan akka sufyaan ,kan akka wakii'ifii, sheekkotiin tabi'iyyootaa ,tan akka isaanii , hadiisa warri odeesse walitti dhaabbatee nabi gayu baru'uuf tattaafata guddaa godhan. haa tayuu hadiisa kumaa gad malee  hedduu hin argatan .akka {abuu daawuud} ergaa warra makkatti irge keessatti dubbate. ammoo warri gadaa tanaa hadiisa afurtamii ol odeesse .inumaa bukhaarinuu akka je'e :kitaaba isaa kan sahiiha bukhaari'ii je'amu , hadiisa kum dhib jaharraan gabaabse je'e .. abuu daawuud kitaaba isaa kan sunanu abii daawuuda je'amu hadiisa kum dhib shanirraan gabaabse je'e .. ammoo ahmed kitaaba isaa kan {Musnada} je'amu  miizaana hadiisni nabii beekkamuun godhe. ma'naan kanaa wanni isa keessatti argame odoo karaa tokkolle'een taatee hidda yookaa aslii qaba jechuu.

Matootin gadaa kanaa heddu'uu, isaa nirraa Abdurrahmaan ilma mahdii ,yahyalqaxxaan, Yaziid ilma haaruun ,Abdurrazzaaq abuu bakri ilma abii bakri ilma abii abii sheybaa, Musnadda .Hannaad ,ahmad ilma hanbal,ishaaq ilma raahawayhi, fadlii ilma dakiin ,Aliyyii ilma madiini'ii ,ammallee hiriyoota isaaniti.warra gadaa kanaa warra hadiisaa keessaa warra darajaa yookaa sadarkaa duraati . duuba isaanirraa nama eega akkaan dubbii hubatee,eega beekkomsa hadiisa odeessu'uutifii ,humna hadiisaa addaan baree gara fiqhi'ii deebi'uutu jira . yaanni jara kanaa mazhaba warra isaan dura dabree qabatuu dhabuu.odoo hadiisni mazhaba san diigu jiruu.tanaaf hadiisa nabiitifii, waan asaaba'arraa, akkasuma tabi'iyyootarraa, ammallee warra ijtihaadaa kan isaan  hunda xiinxalanii laalanii jala deemanii baruu eegalan . qaaydaa irratti deeman jabduu lafa kaayatanii  an karaa gabaaba'aan karaa isaan irratti deeman sii addeessa.

Isaan biratti yoo mas'alaa takka keessatti daliilli qur'aanaa argame , isarraa gara biraa hin maqan.isa dhiisanii waan biraa hin qabatan. ammoo yoo daliilli qur'aanaa kan karaa heddu'utti hiikkamuun  malu taye hadiisa ma'naa isaa himu barbaadan.. yoo qur'aana keessaa heera dubbii isaanii dhaban hadiisa keessa barbaadan.hadiisa faca'ee beekkame tayuu ,kan fuqaha'oota biratti beekkame ,takkaa  biyya takka keessatti , takkaa warra tokko biratti,takkaa karaa biraatin beekkamuu. asaabotaafii fuqahaa'onni itti dalaganuu,dalaguu baatanuu.yoo mas'alaa takka keessatti hadiisni argame yaanni asaabotaatifii,ijtihaanni warra ijtihaanni warra ijtihaada godhuu ni hafa .yoo hadiisa dhaban waan asaabotaafii taabi'iyoonni je'e qabatan .odoo abaluufii abalu hin jenne .takkaa yaada biyya abaluuti hin jenne. akka warri isaan duraa dalaguu turee mitii. yoo irra hedduun khaliifotaatifii foqahaa'otaa kan isaan duraa ,dubbii takkarratti walii galan , jala deemna. yoommoo wal dhaban , mala nama irra waa beekhuu ,kan irra Rabbi sodaatuti qabatan. Takkaa gama irra heddu'uuti goran . takkaa waan isaanirraa akkaan beekkame fudhatan.yoo dubbii takka keessatti yaanni lama kan wal qixaa argame ,dubbii keessa qawlii lamaatu jira jechaadharratti fudhatan.ammoo yoo waan san hundarraa tokkollee argatuu dhaban. waan qur'aannii takkaa hadiisni itti akeeku laalanii,waan wal fakkaatu walitti dhaqqabsiisanii ,dubbii waan haarayaa heera waan hadiisafii qur'aanarraa beekkamee kennaniifii itti muran ,yoo wanni haaroyniniifii wanni heerri isaa qur'aanafii hadiisarraa beekkame laalchuma duraatin wal fakkaatun isaan lamaanii kan mul'atu taate. isaan dalagaa tana keessatti , yaada lafa kaayatanii irratti hin deemanii, akkuma beekkomsi isaanii itti geessee , qalbiin isaanii itti gammaddetti murtii isaanii oofan. isaan biratti hadiisni akkaan beekkamuun nama hanganaatu odeessee hin qabu. Ammallee nama haalli isaanii akkanaatu odeessee hin qabu. wanni isaan laalan qalbumti isaanii fudhattee gammaduu . isaan haala kana keessatti waanuma asaabonni dalaguu turan dalagan

Mahraan ilmi maymuun akki je'e: asaab abuu bakri yoo namni isarratti wal himate,heera waan isaanii muruu qur'aana keessa laala . yoo isa keessatti argate isaan dubbii muraaf.yoo qur'aana keessaa dhabe hadiisa keessa laalee waan hadiisa keessatti argeen dubbii muraaf. yoo heera waan sanii isaan lamaan keessaa dhabe . bayeeti ummata islaamaa walitti qabee, gaafata .dubbii tana keessatti waan nabi Muhammed mureen beytuu je'ee.duuba gaafin namni hedduun isarratti wal gayeeti , eeyee ni beyna ., nabi Muhammed akkanatti mure je'aniinii itti himan .duuba asaab abuu bakri akki je'u: galanni kan waaqa nama beekkomsa nabiyyii keenyaa nuu qabate nuu keessa jiraachise je'eeti, waan nabi mureen saniin mura .yoo san dhabe nama jajjabaa matootii asaaba'aa walitti qabeeti mariyataan . duuba yoo malli isaanii karaa tokkorratti walii gale ,mala saniin dubbii mura .

Qaallichi {shureyh} je'amu tokko akki je'e : asaab umar xalayaa naa katabe takka keessatti  wanni naa dhaame, yoo murtii dubbi'ii kitaaba Rabbii keessatti gar te,sa niin dubbii muri.dhiirti sanirraa sin maysin . yoo dubbiin heerri isi'ii qur'aana keessa hin jirre , sitti dhufte ,heera isi'ii hadiisa nabii keessa laalii, saniin dubbii mure ..yoo wanni murtiin isi'ii qur'aanafii hadiisa keessa hin jirre sitti dhufte,waan ulamaa'in irratti walii galteen dubbii muri.yoo wanni murtiin isi'ii qur'aanafii hadiisa keessa hin jirre , kan heera isi'irraa si dura namni hin dubbatin sitti dhufte , waa lamarraa waa takka qabatuu ni qabda .

1  Takka mala dhooytee waan Rabbi si garsiisen dubbii murtee if dura deemuu

2  Takkaa muruu dhiiftee booda aanu . an wannin argu akka muruu dhabuun toltuu malee hamtuu siin qabne .naa je'e .

asaabtichi {ibnu mas'uud } je'amu tokko akki je'e: tanaan dura zamanni nuti isa keessatti waan murre nurra dabree jiraa amma achi hin jirru.waaqni waan mure muree dabarsee. zamana laaltanii gartan keessa geenyee. namni amma eegu dubbiin murti'itti haajamtu irra fidamte , waan kitaaba Rabbii ol tayee keessa jiruun dubbii haa muruu . yoo wanni kitaaba Rabbii keessa hin jirre , itti dhufte, waan nabi Muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu, mureen haa muruu . yoo wanni qur'aana keessa murtiin isaa hin jirre , kan murtiin isaa hadiisa nabii kee ssa hin jirre , itti dhufte , waan warri gaarin isa dura dabre mureen haa muruu.an muru'un sodaadha. an akkanan arga hin je'in . maali haraam ni beekkama . halaalis ni beekkama . qalbiin mu'minaa ni beyti . haraamifii halaal jidduu waan namatti wal fakkaatutu jira .waan shakkitu dhiisii waan hin shakkine qabadhu. je'e

Asaabtichi {ibnu abbaas} je'amu tokko , yoo waan qur'aana keessa jirurraa gaafatame ni hima . yoo waan qur'aana keessa hin jirre taate yoo nabirraa hadiisa itti qabaate ni hima. yoo waan isaan lamaan keessa hin jirre taate ,waan asaab abuu bakriifii asaab umar mureen hima.yoo waan san hunda dhabe mala isaatin hima.ammas ibnu abbaas akki je'e :si yoo hoggaa rassuulli akkana je'e san dhiiftanii abaluutu je'e jettan Rabbiin ibiddaan isin gubuu yookaa dachiin isin liqimsuu hin sodaattanii.

Qaallichi {qataadaa} je'amu tokko akki je'e : sheekhtichi {ibnu siiriin je'amu tokko  nama tokkotti hadiisa nabii odeessinaan namni sun akki je'e :abalu akka hadiisni je'u kanaa mitii akkanaafii akkana je'a je'een  jennaan ibnu siiriin dallansuu guddoo dallanee, si an ergamaan Rabbii akkana je'en siin je'aa ati abalu akkanaafii akkan je'e naan jettaa je'een

Qaallichi {awzaa'ii} je'amu tokko akki je'e : khaliiftichi {umar ilma khaxxaab je'amu , beysisa tokko baasee wanni je'e : nam tokkolleen waan qur'aanni je'e dura dhaabbatuu hin dandayu, wanni ulamaan dandeessu, waan firdiin isaa qur'aanafii hadiisa keessa hin jirre kaassatti mala baasuu. an, waan nabiin karaa godhe keessatti nam tokkolleen mala biraa baasuu hin argu. je'e.

Qaallicha {a'mash} je'amurraa wanni odeeffame :qaallichi {ibraahiimannakha'ii} je'amu tokko wanni barsiisuu ture ,namni tokko yoo nama kophaa salaatutti dhufe ,bitaa isaa dhaabbateeti itti hidhata , jechu'u. duuba hadiisa {ibnu zayyaat} ibnu abbaasirraa odeesse , kan inni dhufee nabi Muhammeditti hidhannaan nabi Muhammed mirga isaa na dhaabe je'u , itti odeessinaan yaada isaa kan bitaa dhaabbata je'urraa deebi'ee waan hadiisni nabii nageenyi isaanirratti haa jiraatuu je'u qabate .

Wanni abdullaahii ibnu abbaasifii, axaa'fii, mujaahideefii, maalik ibnu anas irraa odeeffame ,Rabbiin isaanirraa haa jaalatuu,{nam tokkolleen kan dubbiin isaa irraa qeebalamtu takkaa irratti deeffamtu malee hin jiru yoo ergamaa Rabbii taate malee nageenyi isarratti haa jiraatuu je'an .

Walii galatti, akka dubbanetti heera islaamatiif yookaa fiqhi'iif karaa baasan . dubbii warri isaan duraa dubbate , hadiisa walitti dhaabbatee nabirraa odeeffame,takkaa kan asaaba'arraa odeeffame, kan fayyaa qabu,takkaa dubbi'iin jabeeffatuu tayu, takkaa waan khaliifota nabii  abuu bakriifii umarirraa odeeffame,takkaa khaliifota birarraa odeefame, takkaa qaadota isaan durarraa argame , takkaa waan qur'aanafii hadiisni itti akeeku,takka isaan lamaan jala seenu arguu hin oolle. akkanatti sunna'atti dalaguu rabbiin isaanii laaffise

Namni jara zamana kanarraa irra gudda'aa kan irra oduu bal'atu ,kan irra hadiisa beeku , kan irra fiqhii gad qabee hubaterraa :imaam ahmed ilma hanbal. Eegasii ishaaq ilma raahaweyhi. akka dubbanne kanatti fiqhii beekun hadiisa nabiitifii,kan asaabota akkaan walitti qabanii beeku'utti haajamsiisa . ahmad ibnu hanbal gaafatanii, hadiisa kum dhib tokko beekhun muftii nama gootii jennaanin lakkii je'e. hadiisa kum dhib shan yoo jennaanin nan kajeela  je'e . ma'naan dubbii isaa akka isaan dubbii itti oofanitti jechuu.

Eega jara dubbaneetii Rabbiin ummata biraa ulamaa islaamarra fide.Warri jara dabre boodan dhufe wanni arge , akka ummanni isaan duraa cinqii hadiisa walitti qabuudhaa isaanirraa.Buuse akka ammallee fiqhiidha karaa godhan.tanaaf warri booda dhufe kun dalagaa biraa tan warri isaan dura dabre hin dalaginiif qulqullaayan. dalagaan sun hadiisa fayya qabu kan ormi gurguddaan warra hadiisaa kan akka yaziid ibnu haaruun odeesse, takka yahyaa ilma sa'iidqaxxaan ,takkaa ahmad, takkaa ishaaq, takkaa namni akka isaanii odeessefii kaan adda baasuu .Ammallee akka hadiisa warri isaan duraa fiqhii irraa fudhate walitti qabuu. ammallee hadiisa hunda fayyaa qabaatu'uufii fayyaa dhabu'urraa waan inni haqa godhatu itti muruu. ammallee hadiisa warri dur hin odeessin odeessuu .takkaa karaa isaan hin odeessinii karaa gabaabaa walitti dhaabbatu, takkaa karaa namni fiqhii beekhu nama fiqhii beekurraa odeesse,takkaa namni akkaan hadiisa haffazu nama akka isarraa hanga nabi gayutti odesse , ammallee waan kana fakkaatu ilmii hadiisarra dalagu'utti seenan.

Warri dalagaa hadiisaa tanaan dhaabbate: kan akka Bukhaari'ii, Muslim, abuu daawuud,abdubnihumayd, daarimi'ii, ibnu maajah,abuu ya'la'aa, tirmizi'ii,nasa'iidhaa, daara quxni'ii, haakim, beyhaqi'ii , khaxiib, deylami'ii,ibnu abdulbarriifii , jara akka isaaniti . na biratti  jara kanarraa namni akkaan ilmii irra bal'atu kan kitaabni isaa irra faaydaa qabu, dhiira afuri kanneen gada`aan walitti dhiyaatan . isaanirraa   : 

1  kan duraa { abuu abdullaah Muhammed ibnu ismaa'iil al bukhaariyyu}. Yaanni bukhaari'ii Hadiisa fayyaa qabu kan   karaa nagayaa fayyaa qabuun nabirraa odeefame walitti  dhaabbatee  kan  akkas hin tayinirraa fooyuu. fiqhi'iifii taariikhafii {sira'aafii} tafsiira irraa fudhatuu . tanaaf kitaaba isaa kan kan hadiisa fayyaa qabu, walitti qabu barreessee, waan yaade  dalagee guute  tanaaf  kitaabni bukhaari'ii  kun sahiihulbukhaarii} je'amu, kitaaba biraa hundarra sadarkaa ol aantuu argatee faarfame

2  kan lammeysa'aa {Mislim ibnulhajjaajinniisaabuuriyyi} inni wanni yaade: hadiisa fayyaa qabu  kan namni odeesse hanga nabitti walitti dhaabbatu kan fayyaa qabaatuu isaanirratti warri hadiisaa walii gale , kan shari'aan irraa madditu walitti qabuu. karaa dafee namaa galuun.akka gaari'itti tarreessee .hadiisa to kko kan karaa heddu'uun odeeffame,bakka takkatti walitti qabee . akka matniin hadiisaa wal dhabu'uufii ,sanadni yookaa karaan hadiisni odeeffameen wal dhabuun akkaan namaa  beekkamuun. kan karaa saniin nama afaan arabaa beeku sunna nabirraa gara galuu keessatti waan himatu dhoowwe.

3  Kan sadeessa'aa {abuu daawuudassajastaanii} inni yaanni isaa :hadiisa warri fiqhi'ii ragaa godhatu hunda kan ulamaan islaamaa heera islaamaa irratti jaarte hunda walitti qabuu. tanaaf jecha kitaaba hadiisa fayyaa qabuufii,kan nagaya qabu kan itti dalagu'uuf tolu hunda walitti qabee barreesse. abuu daawuud kitaaba isaa kanarraa nuu odeessee akki je'e: kitaaba kiyya kana keessatti hadiisa ulamaan diduudharratti walii galte hin finne. waanan hadiisa da'iifarraa dubbadhe waan isa laaffise dirree baasetan hima .had iisa tuqaa qabu karaa warri hadiisaa beekkanan ibsa inni hadiisa hundaafuu akeekkaa waan aalimni tokko hadiisa san itti fassaratuuti kaaya. takkaa akkeekka waan namni mazhaba qabu tokko hadiisa san itti fassareeti kaaya. tanaaf imamulghazaali'iifii namni biralleen :kitaabni abuu daawuud kun nama ijtihaada godhuuf irkoo tayuun ni gaya je'e.

4  Kan afreessa'aa {abuu iisaa tirmiziyyi} inni kitaaba allafee isa keessatti karaa bukhaari'iifi muslim deeme ibsee,karaa abuu daawuud deemes deemee, hadiisa aalimni tokko ulamaa islaamarraa qabe hunda dubbatee ,karaa lachuu walitti qabe . sanerratti deemee wanni inni ida'e: Mazhaba asaaba'aa kan taabi'iyyootaa, kan fuqahaa'ota isa dura dabree dubbatuu.tanaaf kitaabni isaa waa hedduu walitti qabe. inni hadiisa karaa heddu'uun odeeffame karaa isaa gabaabsuu gaarii gabaabsa .maalif inni hadiisa san keessaa tokko dubbateeti , kaan itti akeeka. inni hadiisa hunda kan fayyaa qabu takkaa nagaya qabu takkaa laafaa tayuu isaa ibsa yookaa hima . akkuma waan isa laaffise himu .akka namni hadiisa baruu barbaadu karaa ifeaa deemee hadiisa qabatamuufii,kaan adda baruuf jecha. akkasuma hadiisa akkaan beekkameefii kan hin beekkamin dubbatee,mazhaba asaaba'aatifii kan warra isaan booda dhufee maqaa dhayee . kan maqaa qoosa'aatin isa dubbatuun barbaadamu maqaa qoosa'aatin dubbatin dubbatee.hanga waan nama waa beekhurraa dhokhatu hin dhiisin takkatti .tanaaf jecha kitaabni iisaa kun nama ijtihaada godhuuf ni gaya . nama mazhaba qabatee jala deemus ni duroomsa .

Warra dubbanne kanneen akkasitti hadiisaf jecha jaatanii godhan kana maddi'itti zamana {maalikiifii} sufyaanussawri'ii ammallee nama isaan booda dhufee keessatti orma tokkootu jira kan gaafii hin jibbine. kan fatwaa godhuu hin sodanne. isaan warra diin fiqhi'irratti jaaramee fiqhii facaasaa je'u. isaan nabirraa nageenyi isarratti haa jiraatuu hadiisa odeessuu ni sodaatan .qaallichi sha'bii je'amu tokko akki je'e :nabiin akkana je'e jechu'urra,namni isaanii asii akkana je'e jechu'uutu nu biratti irra caala .maalif yoo ida'uufii ir'isuun keessa jiraatte nama isaanii asii sanitti dubbiin deebitii. Ibraahiimannakha'iin akki je'e {ibnu mas'uuddu} akkana je'e {alqama'aatu} akkana je'e jechu'uutu nabiratti irra jaalatama .{ ibnu mas'uud hoggaa hadiisa nabii odeessu nageenyi isarratti haa jiraatuu ,fuulli isaa ni jirjiirama.wanni inni je'u ,akkana je'e yookaa waan kana fakkaatu .Asaab umar jara tokko biyya kuufatti ergee wanni je'een isin biyya kuufati dhayxanii orma qur'aana gooyee qara'u duuba hoggaa isin argan,isinitti dhufanii ,asaabonni nabii nageenyi isaanirratti haa jiraatuu  dhufan je'anii. duuba isinitti dhufaniiti hadiisarraa isin gaafatanii ,nabirraa hadiisa odeessuu  xiqqeessaa  je'een 

Duuba hadiisa katabuun,fiqhii katabuun , waan namni isaan gaafatee deebisaniif katabuun jara kana biratti fuula biraatin argame .maalif isaan hadiisa akka warra hadiisatti fiqhii irraa fudhatuu dandayan hin qaban. ammas waan ulamaa'in biyya hundaa jette walitti qabanii laalanii bu'aa irraa fudhatuu qalbiin isaanii hin jaalanne .waan ,waan san hin dandeenyuu if dareemaniif jecha .wanni jarri kun yaadu akka sheekkotiin isaanii waa beekuu keessatti bakka hin dhaqqabamne geesse tanaaf jecha isaan sheekkotii isaanii sheekkotii biraa hundarra jaalatanii waan isaan je'an qofa qabatan .Akka alqamaan isaanirraa :namni Abdullaahirra caalu ni jiraa je'e..Ammas abuu haniifan akki je'e: sheekhni isaa ibraahiim saalimirra fiqhii beekha je'e.odoo ibnu umar saahiba nabii tayuu baatee ,silaa alqama'aatu ibnu umarirra fiqhii beekhan je'aa je'e. 

Jarri karaa warra hadiisaa hin gorin kun qarummaa qaban. dubbii takkarraa taan fudhatuu dandayan. dubbuma taatee haa taauu jawaaba isi'ii waan sheekkotiin isaanii jetterraa fudhatuu dandayan namuufuu waanuma uumameeftu laafaa .tuutti hundi waanuma ifii qabdutti mirqaantii . akkanatti fiqhii qaaydaa takhriijarratti jaaran. Qaaydan takhriijaa waan dubbiin sheekha isaanii akiiktu laalanii , murtii waan isaanitti argamee irraa baqayfatuu. tanaaf jecha namuu kitaaba namni waan sheekhni isaanii je'e beekhu bareesse. kan dubbii sheekha isaa walirra caalchisuu keessatti laalcha diriira qabu  .duuba murtii inni wahitti mure laalee waan inni waan sanitti murtii san mureef gad qabee laalee ,hoggaa inninis waan san fakkaaturraa gaafatame waan sheekkota isarraa dhagayee qabate keessaa jawaaba takkaa deebisaa waan sanii argata yoo deebisaa adii hin argatin tattaafata godheeti waan dubbiin isaanii laaltun ,takkaa akeektu dubbii mura. takkaa sababaa waan inni waan sanitti murtii san mureef laalee yoo sababaan sun waan inni irraa gaafatame keessatti argamte muroma saniin inninis dubbii mura . yoo warri isa dura dabre dubbii takka keessatti murtii lama qabaatu murtii yookaa jecha isaa lamaanirraa kan raga'aan injifatu laalu'uuf tattaafata godhan. jarri kun hoggaa takka takka dalagaa imaama isaanii takkaa cal'isuu isaaniti qabatanii ragaa godhatan . dubbiin dabarsini tun warra mazhabaa biratti {takhriija} je'amti. waan warri isa dura dabre je'erraa dubbii baqayfatu'. Irratti laallatanii, dubbii baasuu. Gaafana  dubbiin tan jecha abalurraa fuudhamte je'amti .takkaa dubbii mazhaba abalurratti , takkaa qaaydaa, takkaa qawlii abalurratti jawaabni dubbii tanaa akkana je'ama. warra akkatti dubbii ulamaa'ii isaanii wal horsiisu kanaan {mujtahida mazhabaati } je'an .kan yaada haaraya fidu hunda dubbii warra isa dura dabrerraa fudhateeti, muree isaanumatti waan mure irkisa. namni { mabsuux} haffaze , takkaa qomatti qabate , inni mujtahida jechaa isatti wanni fedhe inni {mujtahida mazhaba abuu haniifa'aati} jechu` .maalif inni waan kita aba {mabsuux} je'amu keessatti abuu haniifa'aafii, Muhammed hasaniifii abuu yuusuf dubbatanirraa waan muru fudhata .inni mujtahida mazhaba isaaniti je'ama odoo beekkomsa hadiisaa matumaanuu qabaatullee baatee. akkanatti waan imaamni isaanii dubbate qabatanii isarratti laallatanii dubbii oofun mazhaba hunda seente.duuba mazhabni dhiira ilmi'ii beekkamtuu qabu hundi kabajamee dalagaa qaadumma'aa kan fatwaa godhu'uu dhiira isaa harka kaayanii  jarri sun kitaaba barreessanii nama qaraasisanii yookaa barsiisanii, biyya hunda keessa faca'ee,ammallee  faca'umatti jira . ammoo mazhabni dhiira jajjabduu qaadumma'aafii fatwaan harkan kaayamin , kan nama hin barsiisin waa xiqqo booda badeeti dhabama .

Waa takka beekhi dubbii ulamaan duraa jette jala deemanii laalanii dubbii irraa baqayfatuun,akkasuma hadiisa barbaadanii jala deemanii qabatuun waanuma diin keessaa hidda qabu. ormi ulama'aa kan akkaan waa xaliilchu gadaa hunda keessatti haala lamaan kanatti dalaguu turan dubbii. dubbii sheekkotii isaanii laalanii xaliichu'uufii, hadiisa barbaadanii qabatuu turan. haa tayuu isaanirraa nama gamana guddisee gamana xiqqeessutu jira. gariin isaanii kan kana xiqqeessee kana guddisuutu jira .duuba isaan lamaanirraa tokko matumaanuu dhiifamuun hin barbaachisu akka irra hedduun isaanii gama lamaanirraayuu dalagu. Karaan  qajeelan haalli lamaan walitti qindeeffamuu, wanni kanarraa ir'ate kanaan guutamuu. sun waan qaallichi {hasanulbasrii} je'amu  je'e . wanni inni je'e :waaqa isa malee waaqni biraa hin jirreen isinii kakadhee karaa keessan kan haqaa kan isaan lamaan jidduu jira. Nama keessa wasanaa bayeefii nama bakka hanqate jidduu jira . Namni warra hadiisarraa taye waan ifii filate warra ijtiha adaa {taabi'iyyootafii}  warra isaan booda dhuferra fiduun ni barbaadama warri mazhaba qabatee waan imaamni isaa je'u jala deemus hadiisarraa waan hadiisa fayyaa qabu didu'urraa isa dhoowwu baratuun ni barbaadama akka diin Rabbii keessatti odoo hadiisni nabii jiruu mala isaatin fatwaa godhu'utti hin seenne. namni hadiisaa tokko qaaydaa warri hadiisaa kaaye kan ragaa ittin qabne keessa fagaatun hin barbaadamu. akka qaaydaa isaan kayan san qabatee hadiisa yookaa qiyaasa fayyaa qabu didu'utti isa hin geessine . akka,  hadiisa {irsaalli } yookaa {inqixaa'ni} keessa waa xiqquma jiru qeebaluu didu'uu . akka { ibnu hazmi} dalage. akka hadiisa {ma'aazif} qeebaluu didu'uu. waan waa xiqqo {inqixaa'ni} keessa seenef .karaa bukhaarin odeessen . odoo inni hadiisa fayyaa qabu kan karaa biraa kan walitti dhaabbatee hanga nabi gayuti odeeffamee jiru . hadiisa akkanaa diduun yoo karaa lamaan dhufee ,tokko kan irsaala hin qabne taye , gaafas kan irsaala qabu ni dhiisan.akka amma qaaydaa isaanii abalu abalurra hadiisa abaluu qomaa qaba jew'anii saniin hadiisa isaa hadiisa nama birarra caalchisan . odoo karaan biraa kan hadiisa kaanirra isa caalchisu keessa jiruu .

Irra hedduun warra hadiisa ma'naadhan odessuu wanni laalu,mata mataa ma'naadhati. kan waan warri afaan arabaa keessatti cimee hoonga gaye laalu hin laalle . sun akka harfii jecha keessatti argamte  tan akka {F} tan akka {W} ma'naan isiin afaan arabatti kennitu laalanii san ragaa godhatu'uu. waan akkasii san warra afaan arabaa  akkaan beekhu malee, warri biraa beekhuu hin dandayu. tanaaf jecha hadiisa namni ma'naadhan odeessu, kan sirrii afaan arabaa akkaan hin beyne san namni biraa kan sirrii afaan arabaa beekhu  hoggaa odeessu harfii takka bakka harfii biraa kaaya akka harfii {waaw} bakka harfii {fa'aa} kaayu'uu. sanimaan wajji wanni warri hadiisaa odeessu  hundi wanni irraa nuu mul'atu ,inni waan nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu ,dubbate tayuu. yoo hadiisni yookaa daliilli biraa dhufe malee, kan akka dubbii nabiin hin je'in addeessu. gaafana gara isaa deebi'anii isa qabatuun dirqama .

Namni mazhaba tokko jala deemu if biraa , dubbii ulamaan mazhaba sanii hin jenne fiduun hin barbaadamu .waan dubbiin isaanii akka aadaa ulamaadhatiifii, akka afaan arabatti dubbiin warra mazhaba sanii hin beysifne je'uun qabu. wanni fidu waan jecha imaama isaa jala seenu,kan jecha imaamarraa baqyfatee je'u tayuu .takkaa mas'alaa akka ma'alaa isaanii fiduu . dubbii takkitti fuula hedduu qabdu , tan warri fuula dubbi'ii laalu keessatti wal dhabu . kan odoo mas'alaa sanirraa asaabonni isaa gaafatamee, waan wal fakkaatu san , akka inni muretti hin murre . waan wanni sanerraa dhoowwu kan isaan biratti beekkame argameef . kan dubbii fuula inni laalenii mitii fuula biraatin laalan .kan sababaa inni laalee muree mitii sababaa biraa himatan.duuba waan akkanaa keessatti yaada qabu mazhaba keessatti baasuu. . wanni yaada akkanaa baasun gayuuf, isaatu mazhaba  jala deemaa je'amaadhafi . yaada akkanaa baasun gayuun ,yoo yaada dubbii imaama isarraa beekkamu taye ,hoggaa taan hin gayuu.

Wanni nama mazhaba tokko qabaturraa hin barbaadamne hadiisa sahiiha yoo arge kan qaaydaa imaamni isaa kaayen wal dhabu qaaydaa mazhaba kiyyaa hin gaxxamne je'ee qabatuu diduu dhabuu .maalif qaaydaa mazhabaa eegu'urra hadiisa eegu'uutu waajibaa yookaa dirqamaa .

Dubbii tanatti akeekee shaafi'iin akki je'e {An waanuman je'ee yoonan je'ee, qaayduman kaayee yoonan kaayee, eegasii hadiisni dubbii tiyyaan wal dhabu isin gaye ,hayn'i waan ergamaan nabiin je'ee nageenyi isarratti haa jiraatuu beeka'aa isa qabadhaa . dubbii tiyya godaan dhawaa je'an }

Haa tayuu namni kana beeku dhiira hadiisa waliin geesse kan akka nawawi'aa faadha. Rabbi isaanirraa haa jaalatuu.

Isaan dhugumaan waa imaani isaanii je`etti hanga dandayanitti dalagan masaa`ila fiqhi`ii hadiisarra fidanii

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com