شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba insaafa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

GABAABAA SABABAA ASAABA`AAFII
WARRI ASAABAA BOODA DHUFE FIQHII KHEESSATTI WAL DHABEEF NAMAA IBSU

   
 

 

Baaba kana keessatti haala namaa kan bara afur duraati dubbanna ammallee waan warri duraatifii warri boodaa mazhaba tokko jala deemu`uufii deemuu dhabuu keessatti wal dhabeef dubbanna ammallee waan sababaa wal dhaba ulamaa`iidhaa kan mujtahida guutuu tayu`uufii mujtihada mazhabaa tayu`utti rarra`u dubbanna akkasuma wanni dubbannu waan darajaa mujtahida guutu`uufii mujtihida mazhabaa adda namaa baasu yoo rabbi je`e .

 Wanni ati beekhuu qabdu ummanni islaamaa bara hijra`aa kan duraatifii kan lammeysa`aa keessatti mazhaba tokko qofa qabatu`urratti walii hin galle wanni namni tayuu ture ulamaa`umaafii , awaama ma`naan kanaa warra waa beekhufii warra waan beeyne jechuu warri waan beyne haala jiruu isaanii keessatti waanumaa nabirraa isaan gaye jala deeman akkaataa waduu`atiifii dhiqatu`uu heera,salaataa heera zakaataa haadhafii abbaa isaanirraa baranii dalagan .

Yoo wanni dur hin jirre isaanitti argamte , nama fedhan warra waa beekhurraa gaafatanii waan inni je`utti dalagan kan mazhaba kana hin jenne .

Ammoo ulamaan warri waa beekhuu haala lamarratti jiraatuu turan isaanirraa nama qur`aanafii hadiisa jala qoqqotee laalatu jira hanga beekkomsi jabaan isaaf argamee waan namni isa gaafatu hunda himuu dandayutti kan namni biraa himuu yookaa deebisuu hin dandeeyne duuba namni akkanaa kun mujtahida je`ama wanni darajaa tana gayaniin hadiisa walitti qabu`uuf namni tattaafata guddaa godhuu maalif ? irra hedduun waan heera irra gaafatuu hadiisafii waan asaaba`aafii warra isaanitti aanurraa argame keessatti ergamaa waan aaqilli irraa hin maaramneen wajji sun afaan arabaatifii gara dubbiin deemtu beekku`uu ammallee waan namni hadiisa beekku irraan maaramneen wajji sun waan wal dhabe wal taasisuu beekuudhaa ammallee akkaataa daliila yookii raga itti kaayan yookaa fudhatan beekku`uun argama waan kana fakkaatun wajji namni yaroo san keessatti haala kana qabu imam ahmadiifii ishaaq ibnu raahawyhiti .

Hoggaa wanni beekkomsa cima`attiin gayan waan sheekkotii isaanirraa dhagayan qabatanii karaa hadiisafii aathaararraa hanga barbaadamu qabatanii waan namni isaan gaafatuuf deebisaa kennu` namni haala akkana qabu abuu yuusufiifii , Muhammed ibnul hasan , asaabota abuu haniifa`aati .

Ulamaadharraa nama hadiisa baree,fiqhiidharraa mas`alaa hedduu baree waan irraa gaafatamu irra hedduu deebisuu dandayee garii dadhabee irraa dhaabbatee ulamaadhan mariyatu`utti haajamuutu jira inni waan garii keessatti mujtahida je`ama ammoo waan garii keessatti muqallida yookaa nama jala deemaa je`ama .

Wanni karaa shakkiin qabneen nu gaye asaabaadhafii warri isaan dhaqqabe hoggaa hadiisni nabii isaan gaye waa takka hin gaafatanii ittuma dalagan .

Ammoo eega barri lamaan dabree wanni mul`ate ummanni mazhaba sheekkoti`ii adda addaan qabatuu jalqabu hanga namni mazhaba nama tokkoo qabatee irratti hin deemne takkatetti kun waan zamana san dirqama taye sababaan sanii namni fiqhii baratu haala lamarraa qullaa hin tayu

1 – haalli tokkoffa`aa waan warri isa duraa daliilan wajji dubate baratee , dubbii isaanii qoqqotee lallaalee laafa`aafii jabaa addaan baree yaada kana kaanirra caalchisuu tun dalagaa jabdu`uu yoo imaama jabaa tokko jala deeman malee hin guutamtu maalif ? imaamni sun mas`alaa fiqhi`ii baaba hunda keessatti daliilan wajji fidee duratti gad naqee dalagaa sanii nama isa booda dhufurraa buusee , yookaa laaffisee namni isa booda dhufu isaan gargaarsifatee dubbii iimaamtichaa jala laalee  xaliilchuu qufaaf jaatanii godha waan namni biraa dalagee bilcheesse haarayatti lafaa kaasee mas`alaa fiqhi`ii barbaadun , akka imaamni isa dura dalagetti ma`naan qabu yoo if cinquu taate malee maalif ? sun waan laaftuu dhiisanii waan jabduu dalaguu je`ama duuba wanni irraa hafiinsi hin jirre namni nama isa dura dabre hordufu waan inni je`e akkaan jaalatee waan garii kan inni hin dubbatin if biraa itti ida`uu .

Duuba yoo wanni inni dubbii imaama isarraa jaalatee qabate waan inni ida`ee dubbaterra hedduu taate wanni inni if biraa dubbii imaamatti ida`ee sun mazhaba imaamticha sanirraa fuula tokko je`amteeti lakkaawamte .

Yoommoo wanni inni ida`e dubbii imaamticharra heddommaatte mazhaba isarraa fuula tokko je`amtee hin lakkaawamtu haa tayuu inni ulamaa`ii mazhaba imaamticha sanirraa lakkaawama , akka nama nazhaba biraa jalaa deemee hin tayuu namni akkanaa kun waan garii tan namni isa dura dabre irraa hin dubbatin tan baasu qaba waan hulaan ijtihaadaa banaa taatef waan dubbiin haaroyni wal duraa duuban dhuftuuf inni qur`aanafii hadiisarraa ammallee waan ulamaan isa duraa dubbate yookaa dalagerraa mala fudhatee deebisaa yookaa murtii waan haaraya argamuuf kenna kan yaada imaama isaa qofarratti hin irkanne haa tayu sun waa xiqqo yoo waan namni isa dura dabre je`een walitti laalle inni kun mujtahida guutuu mazhabaati je`ama .

2 – wanni namni waa beekhu itti yaaddayu  waan namni irraa gaafatu hunda baruu barbaaduu waan namni isa duraa waan sanirraa hin dubbatin duuba namni kun deebisaa waan namni isa gaafatuu dandayu`uuf imaama isa dura dare kan karaa isaa qabatee dubbii isarratti laallatu qabatuun waan namni kun akkaan itti haajamu nama tokkoffa`aa kan reefu dubbannee dabarsinerra maalif dubbiin fiqhiidhaa wal keessa seentii dameen isi`ii hunde`etti rarraatii duuba odoo mazhaba warra isa duraa qabtuu baatee tuqee,diigu`utti seenee waan hin dandeenyetti seenee umrii isaatuu fixuu hin dandayu tanaaf jecha inni waan imaamni isa dura dabre je`e laalee , irraa dubbii dameeffatuu malee hulaa biraa hin qabu .

Namni akkanaa kun qur`aanafii hadiisa, waan ulamaan dur je`e ammallee qiyaasa laalee waan imaamni isaa hin je`in baasun ni argama haa tayuu wanni inni if biraa fidu waan isa keessatti imaama isaa qalladerra xiqqo tanaaf jecha inni mujtahida garaa mazhabaati je`ama .

Ammoo haalli sadeessa`aa waan namni isa dura dabre dubbate baru`uuf akkaan jaatanii godhuu eegasii , waan isaan dubbatanirraa kan jaalate filatee eegasii waan filate sanirraa dubbii dameessee bal`isuu haa tayuu dalagaan tun waan laaftu`utti isaaf taatuu miti waan zamanni inni keessa jiru zamana nabirraa fagaatef

Wanni aalimni hundi waan beekuu isarraa hafiinsi hin jirre keessatti itti haajamu hadiisa isa dura odeeffame matnii isaatifii sanada isaatifii fayyaa qabaatuu isaatifii fayyaa dhabuu isaa baruu waan wal dhabe akka itti wal taasisu beekuu waan warri isa duraa odeesse hedduu wal dhadhabdu beekhun eega waan san beekee odeessee daliilarra fidee aadaa isaatiin waan fudhatamuufii , waan hin fudhatamne adda baasuu duuba yoo waan kanatii umrii fixe yoom eegasii waan filaterratti fiqhii jaaree dameessuu dhaqqaba ? lubbuun namaa odoo hangamuu qara taatelle`ee beekkomsa wasana qabu kennamte kan achi bira dabruu hin dandeenye , dalagaan tun warra duraa kan ijtihaadaa godhee kan zamanni isaanii achi dhiyaatu kan beekkomsi adda faca`ee yaanni hin heddommaatin sanuu nama tokko tokkoof malee , nama hundaaf hin laaftu isaanii sanumaan wajji sheekkotii isaanirraa hin citin kan beekkomsa keessatti isaanirratti irkatan haa tayuu waan dalagaan isaanii heddommaattee waan beekkomsaa keessatti sheekkotii isaanii caalaniif jecha , isaan mujtahida guutuu kopha`aa tayan .

Walii galatti mazhaba warra ijtihaada godhee qabatuun sirri rabbiin ulamaa`ii keessa kaayee imaama mazhabaa san jala deeman isaanii if quba qabu takkaa isaanii if quba hin qabne. raga waan dubbannerraa tokko waan sheekh ibnu ziyaad shaafi`iidhaa fatwa isaa keessatti dubbate mas`alaa lamaa tan sheekni { bulqiinii } je`amu irraa gaafatamee duuba bulqiinin deebisaa , mas`alaa lamaanii karaa mazhaba shaafi`iidhatiin kenne duuba namni tokko sheekh ibnu ziyaad gaafate maalif bulqiinin mas`alaa lamaan san karaa mazhaba shaafi`iidhatiin deebisaa kenne ? maalif if biraa kaasee deebisaa hin kennin ? je`een ibnu ziyaad aalima shaafi`iidha kan biya yaman keessatti akkaan beekkame jennaan ibnu ziyaad nama gaafate saniin akki je`e ati dubbii sheekh bulqiini`ii gara qabdu hin beytu yoo bakka bulqiinin beekkomsa keessatti gaye beyte malee imaamulbulqiinin mujtahida guutuu kan murtii qur`aanafii hadiisarraa akka fedhetti fudhatuu dandayu haa tayuu inni mazhaba shaafi`iidhatti maxxana kan yoo qawlin shaafi`ii heddommaatte takkaa takkarra caalchisuu dandayu kan dubbii waan shaafi`iin je`e fakkaattu shaafi`iidharratti laallatee baasuu dandayu ma`naan mujtahinni tokko odoo mujtahida guutuu tayuu mazhaba tokko qabatee jala deemu`uu kanuma yaada mazhaba saniin wal dhabu filatee qabu mazhabarraa kophaa bayuu dhabee mazhaba saniin wajji deemu haalli kun haala ulamaa`ii shaafi`iidhaa gurguddaa duriifii kan booda dhufellee akka tartiibni darajaa ulamaa shaafi`iidhaa siif dhufu nama { sheekh bulqiinin } mujtahida guutuu mazhaba shaafi`iidhaa keessaa jiru je`erraa tokko darasaa isaanii kan { abuu zar`aa } je`amu inni akki je`e wannin sheekha khiyya bulqiini`iin je`e maltu { taqiyyuddiinissubkii } ijtihaada godhee mazhaba biraa baafatu`urraa dhoowwe ? waan ijtihaanni barbaachisu hunda guuttatee jiraa akkamitti mazhaba shaafi`iidhaa qabata ? abuu zar`aan akki je`e sheekha kiyyaan maaltu ijtihaadarraa si dhoowwe hin jenne kabaja`aaf ammallee waanin sababaa subkii ijtihaadarraa dhoowwe dubbadhuuf duuba abuu zar`aan akki je`e sheekhni kiyya{ subki`irraa } gaafannaan naan deebifnee  cal`ifnaan wannin je`een wanni taqiyyuddiin ijtihaada godhu`urraa dhoowwe waan biraatii mitii dalagaa warra fiqhii beeku tan mazhaba afraniif godhamte namni mazhaba afranirraa baye dalagaa hin argatuu qaadii hin tayuu  namni ilmi isan gaafatuu nama bid`aadhati isaan je`an duuba sheekhni kiyya  an akkana jennaan dubbiin taatefii seeqe je`e abuu zar`aan sheekh abnu ziyaad akki je`e waan abuu zar`aan yaadu kana hin yaadu waan inni dubbate santu ijtihaadarraa isaan  dhoowwa hin je`u isaan sanii  jecha ijtihaada dhiisu`urraa goddo`oo kun waan nam tokkolleen isaanitti yaaduu miti wanni irra guddaan ulamaa`iidhaa yaadu waan akkasii keessatti ijtihaanni wajjabu`uu akkamitti abuu zur`aan dubbii san isaanitti irkisuu dandaye ? akkasuma akkamitti isaaf laafee sheekhni isaa yaada isaa isaan wajji qabaatuu itti irkisuu dandaye ?

Imaamussuyuuxin sharhii { tanbiihaa } keessatti akki je`e baaba xalaaqaa keessatti warra ijtihaada godhurraa wanni argamu malli isaanii jirjiiramuu bakka hundatti waan ijtihaanni isaanii isaan garsiise muruu waytii keessa jiran keessatti dhugumaan abbaan{ tanbiiha } abuu ishaaqisheyraazin ijtihaada keessatti bakka gudduu namni diduu hin dandeenye gaye nama heddu`uutu ulamaa`iidharraa abbaan tanbiihifii , ibnussabbaaghifii imaamulhgarameyni`iifii imamulghazaalin , darajaa ijtihaada guutu`uu gayan je`e .

Ammoo wanni dubbii ibnussalaah sheekh imaamunnawawi`ii keessatti argame kan jarri dubbanne sun darajaa ijtihaada guutu`uu hin geenye darajaa ijtihaada mazhabaati gayan malee je`u wanni itti fedhe darajaa ijtihaada guutu`uu hin qaban jechu`uu mitii , darajaa ijtihaada kophaa bayu`uu hin qaban jechuu , isaantu kophaa bayuu hin fedhinii isaan warra ijtihaada guutu qabu kan sanumaan wajji mazhaba shaafi`itti irkatu maalif ijtihaanni guutun kopha`aa akka ibnussalaah kitaaba { adabul fatwaa } adaba fatwa`aa je`amu keessati dubbate ammallee nawawiin sharxii muhazzab keessatti dubbate gosa lama tokko mujtahida guutuu kophaa bayu mazhaba kopha`aa baafatee mujtahinni akkanaa kun mataa bara dhibba afurirratti citee argamuun hin mijjaayu. lammeysan mujtahida guutuu mazhaba keessatti argamu inni hanga guyyaa qiyaama`atti deemaa , hin dhaabbatu hin citu mazhaba keessatti waan haaraya argamu keessatti ijtihaada godhuun waajiba yoo san dhiisan ni dilaayan ijtihaanni akkana kun fardu kifaayaa je`ama yoo warri gadaa { jaarraa } tokkoo walii galee dhiise hundi isaanii dilaaye yookaa cubbaaye akka ulamaan keenya je`e kan akka{ maawardi`ii } kan akka { ruuyaani`ii } kan akka{ baghawi`ii } ammallee kan akka nama biraa duuba ijtihaada akkanaa kanaan dhaabbatuun ijtihaada guutu`uun ergama malee ijtihaada ir`uu hidhama`aanii miti kan akka ibnussalaahifii nawawiin je`eesuyuuxin akki je`u mas`alaa tana kitaaba kiyya { arraddu alaa man akhlada fil`ardi wa jahila annal`ijtihaada fii kulli aasrin fard } keessatti dubanne ma`naan maqaa kitaaba kanaa { nama dachii lixee ijtihaanni gadaa hunda keessatti godhamu cite je`urratti deebisus } hin cinnee ni deema jennee daliilan yookaa raga`aan wajji je`e .

Duuba ijtihaanni guutun ulamaan mazhabaa qabdu kun mazhabarraa isaan hin baasu akkuma ibnussalaahifii , nawawiin je`an kitaaba ulamaa`ii shaafi`iidhaa walitti qabu keessatti kan ibnussubkiinis isaan jala deemee akkas je`e tanaaf jecha ulamaan ijtihaada guutuu qaban sun kan akka abbaa { muhazzab } kan akka ibnussabbaagh mazhaba shaafi`iidhaa keessatti kitaaba hedduu barreessanii allafanii qaadii tayanii fatwa godhan akka abbaan muhazzab mana barmootaa kan { nizaamiyyaa } je`amu kan shaafi`iidhaa keessatti { ramadame } maddabame akkuma imaamulharrameynin ammallee imaamulghazaalin { niisaabuuri`itti } mana barmoota kan { nizaamiyyaa } je`amu keesattii waa barsiisuu ture akkuma { ibnu abdissalaam} jaabiyaadhafii saalihiyyaadhatti shuumame sun mana barmootaa kan maqaama imaamishaadi`iidhaa bira biyya misraa qaahiraa keessa jiru akkuma faadiliyya`aafii kaamilliyyaadhatti shuumame ammo namni darajaa ijtihaada kophaa bayu`uu gaye ulamaa mazhaba shaafi`iidhaa tayu`urraa ni baya dubbiin isaa mazhaba shaafi`iidhaa keessatti hin dubbatamtu nama darajaa tana gaye abuu je`afar ibnu jariirixxabarii malee ni jiraa hin beeku maalif inni shaafi`ii tayuu tureeti eegasii mazhaba kopha`aa baafate tanaaf jecha raafi`iidhafii namni biralleen akki je`e dubbiin inni kopha`aan baye mazhaba shaafi`i`iidharraa hin lakkaawamtu dubiin suyuuxi`ii dhumti ibnu ziyaad akki je`e dubbiin tun na biratte waan { waliyyichi abuu zar`aa } je`amu je`erraa gaarii haa tayuu dubbiin suyuuxi`ii umaamuxxabariin shaafi`iidhaa miti jecha kenniti ammoo sun waan isarratti deeffamu  imaamurraafi`iin sharhii wajiiz jalqaba baaba zaka`aa keessatti wanni je`e { ibnu jariir } yoo dubbii kophaadhan bayate dubbiin isaa fuula mazhaba shaafi`iidhaa taatee hin lakkaawamtu odoo inni ulamaa mazhaba shaafi`iidharraa kan lakkaawamu tayelle`ee } nawawiinis tahziib keessatti akki je`e { abuu qaasimil`abbaadin } abuu ja`afar ibnu jariirixxabarii ulamaa shaafi`irraa lakkaawee akki je`e inni ulamaa`ii teenyarraa tokko inni{ rabbi`imuraadi`iifi }hassanuzza`faraanini`irratti } fiqhii shaafi`iidhaa qara`e dubbiin isaa asitti dhumti ma`naan xabariin shaafi`iidhatti moggaafamu`uu inni hoggaa ijtihaada godhuu karaa shaafi`iiti deeme jechuu inni waan daliila taye hunda walitti qabeeti walitti laalee kan irra jaba`aa fudhatuu keessatti ijtihaada shaafi`ii gaxxame ammoo yoo hogiin isaan wal dhabe sun waan karaa shaafi`irraa isa baasuu miti sun waa xiqqoo waan mazhaba shaafi`iidharraa isa baasuu miti .

Nama kana fakkaaturraa tokko{ Muhammed ibnu ismaa`iilil bukhaariidha } inni ulama`aa shaafi`iidharraa tokko nama ulamaa shaafi`iidharraa isa lakkaayerra tokko sheekh taajuddiinissubkii kitaaba isaa kan ulaama`ii shaafi`iidhaa hunda walitti qabu zamana isarraa qabee hanga shaafi`ii gayuti kitaabni isaa gudda`aa mujallada saddeet ni gaya inni faaydaa guddoo  qaba kitaaba san keessatti dubbate wanni inni je`e { bukhaarin fiqhii humeydi`irratti qara`e humeydin fadiiha shaafi`iitii sheekhni keenya bukhaarin shaafi`ii tayu`urrati wanni raga godhate  wanni ulamaa shaafi`ii lakkaayu bukhaarii ulamaa shaafi`iidharraa lakkaayuu dubbiin nawawiin tan dabarsine saniif raga .

Taajuddiin kitaaba isaa kan { xabaqaaushaafi`iyyaah } je`amu keessatti akki je`e { qawliin takkaa mas`alaan aalimni shaafi`iidhaa tokko waan shaafi`iin je`erratti laallatee if biraa kaasee je`u waan san je`eef hin himin akkanumatti gad lakkisee dubbate ixlaaqa godhee wanni sun yoo nama mazhaba qabaatuun injifaturraa taye kan akka { ghazaali`ii } kan akka { qaffaal } wanni isaan je`an mazhaba shaafi`iidharraa lakkaawama ammoo yoo nama mazhabarraa bayuun isaa heddommaaturraa argame kan akka Muhammadoota afaranii isaan .

1 – Muhammed ubnu jariir

2 – Muhammed ibnu khuzeymaa .

3 – Muhammed ibnu nasri .

4 – Muhammed ibnulmunzir ,

Wanni isaan je`an mazhaba shaafi`iidharraa hin lakkaawamu yoo kan mazhabaan wal dhabuu taate ammoo{muzaniin } eega isaatii { ibnushureyhi } haalli isaanii jiddu jireysa darajaa lamaan jidduu jiran isaan akka Muhammedootatti mazhabarraa hin baane akka ulamaa`ii iraaqifii ulamaa`ii khuraasaanitti mazhabatti hin hidhamne

Nama taajuddiin kitaaba isaa kan { xabaqaatu shaafiyyaah je`amu keessatti ulamaa`ii shaafi`irraa tokko godhe { abulhasil ash`ariyyi } imaamu ahlissunnaati wal jamaa`ati wanni inni je`e { abulhasanil`ash`ariin ulamaa`ii shaafi`irraayi maalif inni sheekh abuu ashaaqilmarwazi`irraa barate} wanni ubnu ziyaad je`e asitti dhumtu .

Ammoo ragaan waan inni dubbatee waan kitaabul`anwaar keessa jiru wanni inni je`e warri mazhaba shaafi`iidhaa takkaa mazhaba abii haniifa`aa takkaa mazhaba maalik takkaa mazhaba hanbali`ii jala deemu gosa sadii ,.

1 – warra beekkomsa shari`aadhaa hin qabne { wallaalaa } awaama isaan waanuma namni mazhaba shaafi`iidhaa beekhu qabu qaban .

2 – warra darajaa ijtihaada guutu`uu qabu duuba namni ijtihaada guutuu qabu nama ijtihaada guutuu qabu jala hin deemu wanni kanuma mazhaba san jala hin deemne mazhaba sanirraa lakkaawamuuf , ijtihaada isaan lamaanitu wal gaxxame jecha`aaf

3 – warra jiddu jireysa darajaa ijtihaadaa hin gayin kanneene qaayda imaama saanii akkaan baranii waan inni je`u hunda akkaan beekanii waan inni hin je`in waan inni je`erratti laallatanii waan muran muran warri akkanaa { muqalidoota } je`aman warra nama jala deemu jechu`uu akkasuma warri waan isaan je`aniin qabatus imaamuma mazhabaati qallade isaanii mitii waan isaan moqalidoota tayaniif awaamni warri shari`aa hin beyne nama beeku gaafatee waan inni je`utti dalaguun dirqama .

 Yoonif akkamitti wanni takkittiin yaroo takka keessatti wajjabdee yaroo biraa keessatti dirqama tayuu dhabdi jette , shari`aan takka tayu`uun wajji tanaaf wanni ati jettu qalladuun yookaa nama jala deemun waajiba tayuu hin turree eegasii dirqama taye jechuun kee dubbii wal didduu akkamitti dubbiin siif qajeelti jette ?

Wannin deebisaa gaafii tanaatif je`u waajibni asiin yookaa hundeen , namni fiqhii daliilan adda babaasee beeku ummata keessa jiraatuu kanarratti warri haqaa marti walii gale qaaydan wanni waajibatti nama geessu , waajiba yookaa dirqama yoo wanni waajiba yookaa dirqama taye karaa hedduu kan qabu taye karootii sanirraa tokko argamsiisun dirqama kan  , kana hin jenne yoo karaan tokko keessaa argame karuma tayeenuu haa tayuu waajibni guutame yoommoo hundi dhiifame dilii yoommoo waajibni karaa tokko malee kan hin qabne taye karaa tokkicha san argamsiisun dirqama .

Fakkeessan dubbii tanaa namni tokko yoo beela isa ajjeeftu beelaye duuba beela san ifirraa deemsisu`uuf karaa hedduu qabaate , kan akka waan nyaatu bitatu`uu midhaan mukaa bosonaa guuratu`uu waan nyaadhamu { nyaatamu } bineensarraa al`oollatu`uu waan kanarraa tokko argamsiisee du`arraa if oolchun dirqama yoommoo bakka bineensi hin jirre , kan midhaan mukaa hin jirree jiraate karaan tokko qofti dirqama isarratti taye sun horii qabaatu baasee waan nyaatu bitatu`uu .

Duuba akkasuma ormi islaamaa kan duraa diin baratuudhaf karaa hedduu qaban kan karaa sanirraa tokko filatanii waajiba argamsiifatan ammoo eega isaanii karaan waajiba sanittiin gayan tokko malee hundi ni cufame duuba karaa tokkicha san deemun waan irraa hafiinsi hin jirre taye warri salafaa kan nabitti achi aanu yookaa warri islaamaa kan duraa hadiisa nabii hin katabin ammoo zamana keenya kana hadiisa katabuun waajiba taye waan karaa hadiisa odeessu`uutin malee yookaa kitaabban hadiisaa baru`uutin malee karaan biraa hin jirreef akkasuma ormi islaamaa kan duraa nahwi`iifii lughaa baratuudhaa hin carraaqan waan afaan isaanii afaan arabaa tayeef ilmi akkanatti hin haajaman ammoo zamana keenya kana afaan arabaa baratuun dirqama taye waan zamanni keena arabaa durirraa fagaatef wanni waan nuti dubbanne kana fakkaatu heddu`uu akkaan bal`aa .

Karaa yookaa mazhaba imaama tokkoo qabatanii deemun waajiba tayuu waan dubbannee dabarsine kanaan laalun ni barbaadama maalif karaa imaama tokkoo qabatanii rabbi ifii ibaadun hogiin dirqama hogiin dirqamaa miti yoo namni waan beyne tokko biyya hindii keessa jiraate takkaa biyya ruusiya`atti aantu , takka afaghaanistaan keessa jiraate kan namni mazhaba shaafi`iidhaa yookaa maalikiidhaa yookaa hanbaliidhaa beeku keessa  hin jirre, kan mazhabni abuu haniifa`aa qofti keessatti argamu kan kitaabban hanafi`ii malee kitaabban mazhaba biraa keessa hin jirre namni biyyoota mazhaba abuu haniifa`aa malee mazhabni biraa keessa hin jirre keessa jiru mazhaba abuu haniifa`aa qabatuun isarra jira isarraa bayuun isarratti dhoowwama maalif isarraa bayuun beekkomsa shariidharraa bayuu je`amaa , wallaalan waaqa ibaaduu yookaa gabbaruu je`amaa akkasumaa bitti mazhaba shaafi`ii malee yookaa mazhaba maaliki`ii yookaa mazhaba hanbali`ii malee mazhabni biraa keessa hin jirre haalli awaama biyya san keessa jiruu , akkuma haala awaana biyya hindii keessatti argamuuti inni mazhaba biyya isaa keessa jiru qabatee rabbi ibaadun isarra jira waan namni mazhaba jibbu je`u dhagayuu dhabee maalif namni mazhaba jibbu waswaasa sitti darbee qalbii takkaan rabbi ibaaduu si dhoowwuu malee waa takka sin fayyaduu ummanni islaamaa irra hedduun isaanii karuma mazhaba afran kanaatin tokko keessaa maraxatanii rabbi ibaadan gabbaran .

Ammoo namni makkaa madiinaa keessa jiru mazhaba tokkicha qabatuun isarratti hin jiru iratti hin wajjabu waan mazhaba fedhe baruun isaaf laafuf jecha achitti mazhaba fedhe qabatuu qaba haa tayuu mazhaba abaluutii sayu`uun kan hubantii hin qabne jala deemun hin gayuu afaan nama waan baynerraa diin baratuun takkaa fudhatuun hin gayu kun hundinuu waan kitaaba maqaan isaa { annahrulfaa`iq sharhu kan ziddaqaa`iqa } je`amu keesatti dubbatame

Waa takka beekhi namni { mujtahida muxlaq } yookaa mujtahida guutuu je`amu nama beekkomsa waa shanii qabu akka imaamunnawawiin{ minhaal } keessatti dubbate wanni inni je`e { qaadin nama islaamaa kan saalfate bilisa , dhiira qajeelaa , dhagayaa argaa dandayaa mala baasaa tayuun sharxii mala baasaa jechuun mujtahida tayuu jechu sharxiin mujtahidaa afuri :

1 – qur`aanafii hadiisarraa waan fiqhii yookaa murtii beeku`utti isa geessu beekhuu kan akka murtii qur`aanafii hadiisaa tan nama garii qabattuufii , tan nama hunda qabatu beekhu`uu kan akka waan jumla`atti rarra`uufii waan adda babaafame beekhu`uu kan akka waan heerri isaa dhumee heerri biraa dhufee bakka isaa bu`ee adda baru`uu waan hadiisarraa karaa bal`aadhan dhufeefii kaan adda baru`uu hadiisa namni walitti dhaabbatee odeessufii kaan adda baru`uu waan kana fakkaatu isaan lamaanirraa baru`uu

2 – arabaa akkaan beekhuu kan akka sarfiifi nahwi`ii balaagha`aa

3 – Waan ulamaa`in asaaba`aafii warri isaan booda dhufe irratti walii galeefii , waan isaan irratti wal dhaban beekhuu .

4 – Waan gosa qiyaasaa taye hunda beekhuu qiyaasa fudhatamuufii kan fudhatamne adda beekhuu .

Eegasii wanni beekhuu qabdu mujtahinni dubbanne kun hogiin nama kophaa bayee yaada isaa oofatu taya hogiin nama mazhaba tokkotti irkatee yaada isaa oofatu taya .

Mujtahinni kopha`aa waa sadiyiin nama biraatin adda taya haalli sadeen mazhaba shaafi`iidhaa keessatti mul`ata , haalli sadeen sun :

1 – Asliidhafii qaaydaa fiqhiin irraa fuudhamtu gad qabee laalee irraa dalaguu akka shaafi`iin kitaaba isaa kan umni je`amu keessatti dubate kan waan warri isa duraa dalage akkaataa isaan heera qur`aanafii hadiisarraa itti fudhatan laalee lakkaayee waan itti ida`uun barbaachisu kan isaan duraa ir`ate ida`ee karaa ijtihaadaa diriiraa baase

Wanni karaa fayyaa qabuun nu gaye imaam Muhammed ibnu idriisashaafi`iin wanni je`e asliin yookaa hundeen heera diin islaama qur`aanafii sunna` yoo heerri dubbii argamtee isaan lamaan keessa hin jiraatin heera waan sanii waan isaan lamaan keessatti dhuferratti qiyaasan yookaa laalan akka wal fakkaatun hadiisni nabii yoo karaa warri odeesse warra dhuga`aa kan walitti dhaabbate kan addaan hin citiniin nu gaye inni hadiisa nabiitii ni qabanna ulamaan islaamaa warri zamana gadaa tokkoo hundi dubbii takkarratti walii galuun, hadiisa namni tokko qofti odeesserra jabaadha hadiisni nabi karuma ma`naan isaa mul`atutti fassarama yoommoo ma`naan isaa wal fakkaate ma`naan irra mul`atu isaaf kennamu`uuf irra caalchifama hadiisni yoo wal qixxaate kan sanadni isaa irra fayyaa qabuutu durfama hadiisni warri odeesse walitti dhaabbatuu dhabee , adda cite inni wahuu miti yoo hadiisa ibnulmusayyib taate malee asliin asli`irratti hin qiyaafamu asliidhan maalif akkana taye akkamitti akkana taye hin je`amu sun waan far`iidhan  je`amuu yoo dame yookaa far`ii asli`irratti qiyaasun fayyaa tayee argame sharxiin qiyaasaa argamtee , isa raga godhatuun fayyaa taya inni ragaa shari`aati .

2 – haala mujtahida guutu`uu hadiisafii waan asaaba`arraa dhufe hunda walitti qabuu fiqhii yookaa heera irraa fudhatu`uu jecha waan isaanirraa wal dhabuun namatti mul`atu wal taasisee takkaa garii gari`irra durfamuu haqa godhatu dursee waan isaan isaan itti fassaruun malu garii himee wanni dubbanne kun ilmi shaafi`iidhaa harka sadiyirraa harka lamatti ni dhiyaata  akka garrutti rabbiituu beekhaa .

3 – dubbii warri isa duraa kan zamana barakaa qabu keessa jiru irraa hin dubbatin tan yaroo yookaa zamana isaa argamtee irraa gaafatame adda babaasee dameessee hiikkaa yookaa furmaata isi`ii baasuu yookaa kennuu .

4 – ammas haala afreessa`aatu haala sadeenm san booda dhufa sun rabbiin jaalal ilmi shaafi`iidhaa sami`ii buusuu kan warri qur`aana fassaru warri hadiisa warri usuulaa warri kitaabban fiqhiidhaa haffazu yookaa qomaa qabu , ilmi  shaafi`iidhatti gara galee baruu qeebalu`uufii itti gara galuu tanarra zamanni dheeran dabree hanga ilmiin isaa onnee namaa seentetti .

Mujtahidni guutun kan akka shaafi`ii kana kan mazhaba tokko jala hin seenne mujtahidni guutun mazhaba tokko jala seenu nama haala duraa keessati sun qaayda`aafii usuula baasu`uu imaama isaa jala deemuu kan isarraa hin mayn` kan haala lammeysa`aa keessatti akka imaamni isaa dalage  dalagee waan dur hin jirre karaa isarrati deemee baasu .

Ammoo mujtahidni guutuu hin tayin kan mazhaba keessatti ijtihaada godhu kan haala duraatifii haala lammeysa`aa hin qabne kan imaama isaatii dhiisee dubbii dameessuu keessatti yookaa mala baasuu keessatti karaa imaama isarratti deemu .

Mee fakkeessaa mujtahida guutuu kopha`aatifii fakkeessaa mujtahida mazhabaa haa sii finnu .

Namni qoricha godhu hundi yaroo ammaan tanaa biyya teenya keessatti haala lamarraa  qullaa hin tayu :

1 – takkaa kitaabban alaa dhufe qara`ee nama wal`aanuu .

2 – takkaa waan biyya teenya keessatti jarrabameen nama wal`aanuu .

Duuba waan jaatanii yookaa ijtihaada godhee biyya teenya keessaa baasen yoo kan nama wal`aanu taate inni mujtahida guutuu kopha`aati je`ama yoo kan tizkiraa abuu daawuud qara`ee sanirratti laallatee aylii isaatin waan inni hin fidin fedee dhukkuba inni hin dubbatin dubbatee sababaa sanii himee , dawaa isaa fidee kan wal`aanu taate , inni mujtahida guutu warra duraa jala deemu je`ama ammoo yoo waan warri alaa je`u takkaa abuu daawuud je`u akkuna isaan je`anii walitti qabee kan heddommeysuu malee waa takka ittin idaane nama wal`aane , inni akka mujtahida mazhabaati .

Akkusuma namni walaloo je`u yoo kan nama birarratti hin laallatin je`e inni akka mujtahida kopha`aati je`ama ammoo yoo nama isa durarratti laallatee je`e kan waan haaraya hin fidin heddommeysuu malee inni akka mujtahida mazhabaati .

Duuba ilmiin hundi akkasi tan tafsiiraa tan tawhiidatiifii ta biralleen

Yoonif maalif warri duraa usuula fiqhii haalan hin dubbatin kan shaafi`iin dhufee usuulalfiqhii kaayee dubbii gaarii dubbatee nama fayyadee tolchee nama fayyise jettee gaafatte .

Wanni je`u sababaan sanii namuu warra durirraa hadiisa biyya isaa keessa jiru qofa if biraa qaba hadiisni biyya biraa isa bira hin jiru hadiisni biyoota biraa keessa jiru hundi isa biratti walitti hin qabamne tanaaf jecha namni tokko yoo daliilii hadiisa biyya isaa keessatti isarratti wal dhabe hanga dandayutti yaaduma isaatin dubbii laalee mura .

Eegasii zamana shaafi`iidhaa hadiisni biyya hunda bakka takkatti walitti qabame duuba hadiisa biyya biraatifii murtiin sheekkotiin odoo hadiisa san hin argin murte hoggaa lama wal dhabde hoggaa takka hadiisa biyya adda addaatin wal dhabe  hoggaan lammeysa`aa hadiisuma biyya takkaatifu wal dhabe  namuu waan sheekhni isaa odeesse malee waan sheekha biraa jiru dhiisee waan yaada isaatin wal dhabuf tanaaf wal dhabni baayate waan godhaan wallaalanii dhama`aanii hafan hanga rabbiin isaanii dirmatee shaafi`ii yaachisee qaaydaa waan wal dhabe hadiisa wal dhabe walittin qaban isaanii kaayee hulaan nama shaafi`ii booda dhufe hundaaf banamtetti usuula fiqhi`ii kaayefii .

Namni mazhaba abii haniifa`atti irkatee ijtihaada godhu  eega bara dhibba sadiyiiti hin argamne maalif namni ijtihaada godhu sharxiin isaa hadiisa beeku`uun beekkamuu ammoo  isaan hadiisatti shaaghaluun waa xiqqo namni isaan keessatti argamu nama garaa mazhaba isaanii keessatti ijtihaada godhu  tanaaf jecha namni mujtahida mazhaba isaanii tayuu fedhe  sharxiin isa kitaaba { mabsuux } je`amu kan saahibni abuu haniifa`aa

Muhammed ibnulhasan allafe haffazu akkasuma namni mazhaba maalikitti irkatee ijtihaada godhu nama xiqqaa namni garaa mazhabaa keessatti ijtihaada godhu yaanni isaa fuula haaraya mazhaba saniif hin dandayu kan akka ibnu abdilbarri kan akka ibnul`arabi`ii ammoo mazhabni ahmed duriifii ammallee xiqqa namni mazhaba ahmed keessatti ijtihaada godhu odoo deemuu bara sayleessa`aa keessatti cite mazhabninuu xiqqaate hanga biyyoota hunda  keessaa dhabamuuf gaye takkatti yoo waa xiqqo misraafii baghdaad keessatti argame malee ııı}ı wanni mazhabni ahmad mazhaba shaafi`iitif tayu akka mazhabni abuu yaasufiifii mazhabni Muhammed saahibni abii haniifa`aa mazhaba abii haniifa`aatif tayu haa tayuu wanni jerri sadeen je`e bakka takkatti katabameeti maqaa sheekha isaanii abuu haniifa`aatin yaamame ammoo mazhabni ahmasdiifii mazhabni sheekha isaa shaafi`iidhaa bakka takkatti kitaaba tokko keessatti hin katabamnee akka jara abuu haniifa`atti tanaaf mazhabni ahmed mazhaba shaafi`iidhaa hin je`amne imam ahmad irra guddaa  darasaa shaafi`ii kan mazhaba shaafi`ii { qadiim } baghdaaditti shaafi`iidharraa naqqale.

Ammoo mazhabni shaafi`iidhaa mazhaba hundarra nama  kophaa bayee ijtihaada godhuufii nama garaa mazhabaa keessatti ijtihaada godhu heddommaata akkasuma mazhabni shaafi`iidhaa ilmal`usuulifii ilmal`kalaam ammallee warra qur`aana fasaruufii warra hadiisa sharrahu warra isnaadafii  riwwayaa jabeessu , warra waan imaamni isaanii je`e akkaan qabatu  , kan waan imaani je`eefii waan asaabonni isaa je`e akkaan adda baasee beysisu kan waan jechi imaama takkaa asaaaba isaa keessatti heddommaate daliilan wal caalchisu  mazhaba hundarra akkaan heddommaatu .

Asaabonni shaafi`iidhaa warri duraa kophaa bayanii ijtihaada godhuu turan kan waa takkattillee ijtihaada isaa jala hin  deemne hanga sheekhtichi ibnu shureyh je`amu dhufee qaaydaa itti  imaama imaama jala deemanitti qaayaa waan  imaamni dubbaterratti laallatanii mala baasan kaayetti eega  isattii namuu kanuma itti deemee karaa isaa qabate tanaaf mataa nama bara dhibba lamarratti dhufee amrii haarayooserraa lakkaawama rabbiitu beekhaa .

 Akkasuma wanni nama mazhaba beekhurraa hin dhokhanne wanni mazhabi shaafi`iidhaa irraa fuudhame kitaabban hadiisaa kan katabamee beekkame haalli mazhaba biraatii hin  aragamne kitaabban shaafi`iin irratti irkatee mazhaba isaa jaarerra tokko { muwaxxa` } inni odoo shaafi`ii dura argamelle`ee shaafi`iin waan isa keessa jiru fudhateeti mazhaba isaa jaare waan biraa itti ida`ee wanni mazhaba shaafi`iidhatiif ragaa tayuu waan sahiiha bukhaari`ii sahiiha muslim ammallee kitaabban  abii daawuud kan tirmizi`ii ibnu maajah daara mii musnad shaafi`ii sunanumnisaa sunana beyhaqi`ii kan baghawi`ii, keessa jiruutu ragaa isaa taya

 Ammoo bukhaarin odoo mazhaba shaafi`ii qabatee fiqhii  keessatti kan isa jala deemullee tayee haa tayuu waa hedduu keessatti mazhaba  shaafi`ii khallafa yookaa irraa maqa tanaaf mas`alaan inni kopha`aan bayate mazhaba shaafi`iidharraa hin lakkaawamtu ammoo abuu daawuudifii tirmizi`ii ibnu maajahiifii  daarimiin mazhaba ahmadiifii ishaaqitti irkatan

Ammoo muslimiifii abbaasil`asamni inni nama musnada shaafi`iidhaa walitti qabee isaan lamaan mazhaba shaafi`iidhati  jabeessan .

Duuba waan sii dubbanne kana yoo gad qabdee laalte , wanni ifa sii galu namni mazhaba shaafi`iidharraa gore mazhaba ijtihaada kopha`aa dandayurraa hoongaye odoo hadiisellee beekhee .

 

Dr /  Muhammed Rashaad Kabiir Abdullee Kabiir Muummayyaa

carcar  harar

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com