Baaba kana
keessatti haala namaa kan bara afur duraati
dubbanna ammallee waan warri duraatifii warri
boodaa mazhaba tokko jala deemu`uufii deemuu
dhabuu keessatti wal dhabeef dubbanna ammallee
waan sababaa wal dhaba ulamaa`iidhaa kan
mujtahida guutuu tayu`uufii mujtihada mazhabaa
tayu`utti rarra`u dubbanna akkasuma wanni
dubbannu waan darajaa mujtahida guutu`uufii
mujtihida mazhabaa adda namaa baasu yoo rabbi
je`e .
Wanni ati
beekhuu qabdu ummanni islaamaa bara hijra`aa kan
duraatifii kan lammeysa`aa keessatti mazhaba
tokko qofa qabatu`urratti walii hin galle wanni
namni tayuu ture ulamaa`umaafii , awaama ma`naan
kanaa warra waa beekhufii warra waan beeyne
jechuu warri waan beyne haala jiruu isaanii
keessatti waanumaa nabirraa isaan gaye jala
deeman akkaataa waduu`atiifii dhiqatu`uu
heera,salaataa heera zakaataa haadhafii abbaa
isaanirraa baranii dalagan .
Yoo wanni dur hin
jirre isaanitti argamte , nama fedhan warra waa
beekhurraa gaafatanii waan inni je`utti dalagan
kan mazhaba kana hin jenne .
Ammoo ulamaan
warri waa beekhuu haala lamarratti jiraatuu
turan isaanirraa nama qur`aanafii hadiisa jala
qoqqotee laalatu jira hanga beekkomsi jabaan
isaaf argamee waan namni isa gaafatu hunda himuu
dandayutti kan namni biraa himuu yookaa deebisuu
hin dandeeyne duuba namni akkanaa kun mujtahida
je`ama wanni darajaa tana gayaniin hadiisa
walitti qabu`uuf namni tattaafata guddaa godhuu
maalif ? irra hedduun waan heera irra gaafatuu
hadiisafii waan asaaba`aafii warra isaanitti
aanurraa argame keessatti ergamaa waan aaqilli
irraa hin maaramneen wajji sun afaan arabaatifii
gara dubbiin deemtu beekku`uu ammallee waan
namni hadiisa beekku irraan maaramneen wajji sun
waan wal dhabe wal taasisuu beekuudhaa ammallee
akkaataa daliila yookii raga itti kaayan yookaa
fudhatan beekku`uun argama waan kana fakkaatun
wajji namni yaroo san keessatti haala kana qabu
imam ahmadiifii ishaaq ibnu raahawyhiti .
Hoggaa wanni
beekkomsa cima`attiin gayan waan sheekkotii
isaanirraa dhagayan qabatanii karaa hadiisafii
aathaararraa hanga barbaadamu qabatanii waan
namni isaan gaafatuuf deebisaa kennu` namni
haala akkana qabu abuu yuusufiifii , Muhammed
ibnul hasan , asaabota abuu haniifa`aati .
Ulamaadharraa
nama hadiisa baree,fiqhiidharraa mas`alaa hedduu
baree waan irraa gaafatamu irra hedduu deebisuu
dandayee garii dadhabee irraa dhaabbatee
ulamaadhan mariyatu`utti haajamuutu jira inni
waan garii keessatti mujtahida je`ama ammoo waan
garii keessatti muqallida yookaa nama jala
deemaa je`ama .
Wanni karaa
shakkiin qabneen nu gaye asaabaadhafii warri
isaan dhaqqabe hoggaa hadiisni nabii isaan gaye
waa takka hin gaafatanii ittuma dalagan .
Ammoo eega barri
lamaan dabree wanni mul`ate ummanni mazhaba
sheekkoti`ii adda addaan qabatuu jalqabu hanga
namni mazhaba nama tokkoo qabatee irratti hin
deemne takkatetti kun waan zamana san dirqama
taye sababaan sanii namni fiqhii baratu haala
lamarraa qullaa hin tayu
1
– haalli tokkoffa`aa waan warri isa duraa
daliilan wajji dubate baratee , dubbii isaanii
qoqqotee lallaalee laafa`aafii jabaa addaan
baree yaada kana kaanirra caalchisuu tun dalagaa
jabdu`uu yoo imaama jabaa tokko jala deeman
malee hin guutamtu maalif ? imaamni sun mas`alaa
fiqhi`ii baaba hunda keessatti daliilan wajji
fidee duratti gad naqee dalagaa sanii nama isa
booda dhufurraa buusee , yookaa laaffisee namni
isa booda dhufu isaan gargaarsifatee dubbii
iimaamtichaa jala laalee xaliilchuu qufaaf
jaatanii godha waan namni biraa dalagee
bilcheesse haarayatti lafaa kaasee mas`alaa
fiqhi`ii barbaadun , akka imaamni isa dura
dalagetti ma`naan qabu yoo if cinquu taate malee
maalif ? sun waan laaftuu dhiisanii waan jabduu
dalaguu je`ama duuba wanni irraa hafiinsi hin
jirre namni nama isa dura dabre hordufu waan
inni je`e akkaan jaalatee waan garii kan inni
hin dubbatin if biraa itti ida`uu .
Duuba yoo wanni
inni dubbii imaama isarraa jaalatee qabate waan
inni ida`ee dubbaterra hedduu taate wanni inni
if biraa dubbii imaamatti ida`ee sun mazhaba
imaamticha sanirraa fuula tokko je`amteeti
lakkaawamte .
Yoommoo wanni
inni ida`e dubbii imaamticharra heddommaatte
mazhaba isarraa fuula tokko je`amtee hin
lakkaawamtu haa tayuu inni ulamaa`ii mazhaba
imaamticha sanirraa lakkaawama , akka nama
nazhaba biraa jalaa deemee hin tayuu namni
akkanaa kun waan garii tan namni isa dura dabre
irraa hin dubbatin tan baasu qaba waan hulaan
ijtihaadaa banaa taatef waan dubbiin haaroyni
wal duraa duuban dhuftuuf inni qur`aanafii
hadiisarraa ammallee waan ulamaan isa duraa
dubbate yookaa dalagerraa mala fudhatee deebisaa
yookaa murtii waan haaraya argamuuf kenna kan
yaada imaama isaa qofarratti hin irkanne haa
tayu sun waa xiqqo yoo waan namni isa dura dabre
je`een walitti laalle inni kun mujtahida guutuu
mazhabaati je`ama .
2 –
wanni namni waa beekhu itti yaaddayu waan namni
irraa gaafatu hunda baruu barbaaduu waan namni
isa duraa waan sanirraa hin dubbatin duuba namni
kun deebisaa waan namni isa gaafatuu dandayu`uuf
imaama isa dura dare kan karaa isaa qabatee
dubbii isarratti laallatu qabatuun waan namni
kun akkaan itti haajamu nama tokkoffa`aa kan
reefu dubbannee dabarsinerra maalif dubbiin
fiqhiidhaa wal keessa seentii dameen isi`ii
hunde`etti rarraatii duuba odoo mazhaba warra
isa duraa qabtuu baatee tuqee,diigu`utti seenee
waan hin dandeenyetti seenee umrii isaatuu fixuu
hin dandayu tanaaf jecha inni waan imaamni isa
dura dabre je`e laalee , irraa dubbii
dameeffatuu malee hulaa biraa hin qabu .
Namni akkanaa kun
qur`aanafii hadiisa, waan ulamaan dur je`e
ammallee qiyaasa laalee waan imaamni isaa hin
je`in baasun ni argama haa tayuu wanni inni if
biraa fidu waan isa keessatti imaama isaa
qalladerra xiqqo tanaaf jecha inni mujtahida
garaa mazhabaati je`ama .
Ammoo haalli
sadeessa`aa waan namni isa dura dabre dubbate
baru`uuf akkaan jaatanii godhuu eegasii , waan
isaan dubbatanirraa kan jaalate filatee eegasii
waan filate sanirraa dubbii dameessee bal`isuu
haa tayuu dalagaan tun waan laaftu`utti isaaf
taatuu miti waan zamanni inni keessa jiru zamana
nabirraa fagaatef
Wanni aalimni
hundi waan beekuu isarraa hafiinsi hin jirre
keessatti itti haajamu hadiisa isa dura
odeeffame matnii isaatifii sanada isaatifii
fayyaa qabaatuu isaatifii fayyaa dhabuu isaa
baruu waan wal dhabe akka itti wal taasisu
beekuu waan warri isa duraa odeesse hedduu wal
dhadhabdu beekhun eega waan san beekee odeessee
daliilarra fidee aadaa isaatiin waan
fudhatamuufii , waan hin fudhatamne adda baasuu
duuba yoo waan kanatii umrii fixe yoom eegasii
waan filaterratti fiqhii jaaree dameessuu
dhaqqaba ? lubbuun namaa odoo hangamuu qara
taatelle`ee beekkomsa wasana qabu kennamte kan
achi bira dabruu hin dandeenye , dalagaan tun
warra duraa kan ijtihaadaa godhee kan zamanni
isaanii achi dhiyaatu kan beekkomsi adda faca`ee
yaanni hin heddommaatin sanuu nama tokko tokkoof
malee , nama hundaaf hin laaftu isaanii sanumaan
wajji sheekkotii isaanirraa hin citin kan
beekkomsa keessatti isaanirratti irkatan haa
tayuu waan dalagaan isaanii heddommaattee waan
beekkomsaa keessatti sheekkotii isaanii
caalaniif jecha , isaan mujtahida guutuu
kopha`aa tayan .
Walii galatti
mazhaba warra ijtihaada godhee qabatuun sirri
rabbiin ulamaa`ii keessa kaayee imaama mazhabaa
san jala deeman isaanii if quba qabu takkaa
isaanii if quba hin qabne. raga waan
dubbannerraa tokko waan sheekh ibnu ziyaad
shaafi`iidhaa fatwa isaa keessatti dubbate
mas`alaa lamaa tan sheekni { bulqiinii } je`amu
irraa gaafatamee duuba bulqiinin deebisaa ,
mas`alaa lamaanii karaa mazhaba shaafi`iidhatiin
kenne duuba namni tokko sheekh ibnu ziyaad
gaafate maalif bulqiinin mas`alaa lamaan san
karaa mazhaba shaafi`iidhatiin deebisaa kenne ?
maalif if biraa kaasee deebisaa hin kennin ?
je`een ibnu ziyaad aalima shaafi`iidha kan biya
yaman keessatti akkaan beekkame jennaan ibnu
ziyaad nama gaafate saniin akki je`e ati dubbii
sheekh bulqiini`ii gara qabdu hin beytu yoo
bakka bulqiinin beekkomsa keessatti gaye beyte
malee imaamulbulqiinin mujtahida guutuu kan
murtii qur`aanafii hadiisarraa akka fedhetti
fudhatuu dandayu haa tayuu inni mazhaba
shaafi`iidhatti maxxana kan yoo qawlin shaafi`ii
heddommaatte takkaa takkarra caalchisuu dandayu
kan dubbii waan shaafi`iin je`e fakkaattu
shaafi`iidharratti laallatee baasuu dandayu
ma`naan mujtahinni tokko odoo mujtahida guutuu
tayuu mazhaba tokko qabatee jala deemu`uu kanuma
yaada mazhaba saniin wal dhabu filatee qabu
mazhabarraa kophaa bayuu dhabee mazhaba saniin
wajji deemu haalli kun haala ulamaa`ii
shaafi`iidhaa gurguddaa duriifii kan booda
dhufellee akka tartiibni darajaa ulamaa
shaafi`iidhaa siif dhufu nama { sheekh bulqiinin
} mujtahida guutuu mazhaba shaafi`iidhaa keessaa
jiru je`erraa tokko darasaa isaanii kan { abuu
zar`aa } je`amu inni akki je`e wannin sheekha
khiyya bulqiini`iin je`e maltu {
taqiyyuddiinissubkii } ijtihaada godhee mazhaba
biraa baafatu`urraa dhoowwe ? waan ijtihaanni
barbaachisu hunda guuttatee jiraa akkamitti
mazhaba shaafi`iidhaa qabata ? abuu zar`aan akki
je`e sheekha kiyyaan maaltu ijtihaadarraa si
dhoowwe hin jenne kabaja`aaf ammallee waanin
sababaa subkii ijtihaadarraa dhoowwe dubbadhuuf
duuba abuu zar`aan akki je`e sheekhni kiyya{
subki`irraa } gaafannaan naan deebifnee
cal`ifnaan wannin je`een wanni taqiyyuddiin
ijtihaada godhu`urraa dhoowwe waan biraatii
mitii dalagaa warra fiqhii beeku tan mazhaba
afraniif godhamte namni mazhaba afranirraa baye
dalagaa hin argatuu qaadii hin tayuu namni ilmi
isan gaafatuu nama bid`aadhati isaan je`an duuba
sheekhni kiyya an akkana jennaan dubbiin
taatefii seeqe je`e abuu zar`aan sheekh abnu
ziyaad akki je`e waan abuu zar`aan yaadu kana
hin yaadu waan inni dubbate santu ijtihaadarraa
isaan dhoowwa hin je`u isaan sanii jecha
ijtihaada dhiisu`urraa goddo`oo kun waan nam
tokkolleen isaanitti yaaduu miti wanni irra
guddaan ulamaa`iidhaa yaadu waan akkasii
keessatti ijtihaanni wajjabu`uu akkamitti abuu
zur`aan dubbii san isaanitti irkisuu dandaye ?
akkasuma akkamitti isaaf laafee sheekhni isaa
yaada isaa isaan wajji qabaatuu itti irkisuu
dandaye ?
Imaamussuyuuxin
sharhii { tanbiihaa } keessatti akki je`e baaba
xalaaqaa keessatti warra ijtihaada godhurraa
wanni argamu malli isaanii jirjiiramuu bakka
hundatti waan ijtihaanni isaanii isaan garsiise
muruu waytii keessa jiran keessatti dhugumaan
abbaan{ tanbiiha } abuu ishaaqisheyraazin
ijtihaada keessatti bakka gudduu namni diduu hin
dandeenye gaye nama heddu`uutu ulamaa`iidharraa
abbaan tanbiihifii , ibnussabbaaghifii
imaamulhgarameyni`iifii imamulghazaalin ,
darajaa ijtihaada guutu`uu gayan je`e .
Ammoo wanni
dubbii ibnussalaah sheekh imaamunnawawi`ii
keessatti argame kan jarri dubbanne sun darajaa
ijtihaada guutu`uu hin geenye darajaa ijtihaada
mazhabaati gayan malee je`u wanni itti fedhe
darajaa ijtihaada guutu`uu hin qaban jechu`uu
mitii , darajaa ijtihaada kophaa bayu`uu hin
qaban jechuu , isaantu kophaa bayuu hin fedhinii
isaan warra ijtihaada guutu qabu kan sanumaan
wajji mazhaba shaafi`itti irkatu maalif
ijtihaanni guutun kopha`aa akka ibnussalaah
kitaaba { adabul fatwaa } adaba fatwa`aa je`amu
keessati dubbate ammallee nawawiin sharxii
muhazzab keessatti dubbate gosa lama tokko
mujtahida guutuu kophaa bayu mazhaba kopha`aa
baafatee mujtahinni akkanaa kun mataa bara
dhibba afurirratti citee argamuun hin mijjaayu.
lammeysan mujtahida guutuu mazhaba keessatti
argamu inni hanga guyyaa qiyaama`atti deemaa ,
hin dhaabbatu hin citu mazhaba keessatti waan
haaraya argamu keessatti ijtihaada godhuun
waajiba yoo san dhiisan ni dilaayan ijtihaanni
akkana kun fardu kifaayaa je`ama yoo warri gadaa
{ jaarraa } tokkoo walii galee dhiise hundi
isaanii dilaaye yookaa cubbaaye akka ulamaan
keenya je`e kan akka{ maawardi`ii } kan akka {
ruuyaani`ii } kan akka{ baghawi`ii } ammallee
kan akka nama biraa duuba ijtihaada akkanaa
kanaan dhaabbatuun ijtihaada guutu`uun ergama
malee ijtihaada ir`uu hidhama`aanii miti kan
akka ibnussalaahifii nawawiin je`eesuyuuxin akki
je`u mas`alaa tana kitaaba kiyya { arraddu alaa
man akhlada fil`ardi wa jahila annal`ijtihaada
fii kulli aasrin fard } keessatti dubanne
ma`naan maqaa kitaaba kanaa { nama dachii lixee
ijtihaanni gadaa hunda keessatti godhamu cite
je`urratti deebisus } hin cinnee ni deema jennee
daliilan yookaa raga`aan wajji je`e .
Duuba ijtihaanni
guutun ulamaan mazhabaa qabdu kun mazhabarraa
isaan hin baasu akkuma ibnussalaahifii ,
nawawiin je`an kitaaba ulamaa`ii shaafi`iidhaa
walitti qabu keessatti kan ibnussubkiinis isaan
jala deemee akkas je`e tanaaf jecha ulamaan
ijtihaada guutuu qaban sun kan akka abbaa {
muhazzab } kan akka ibnussabbaagh mazhaba
shaafi`iidhaa keessatti kitaaba hedduu
barreessanii allafanii qaadii tayanii fatwa
godhan akka abbaan muhazzab mana barmootaa kan {
nizaamiyyaa } je`amu kan shaafi`iidhaa keessatti
{ ramadame } maddabame akkuma imaamulharrameynin
ammallee imaamulghazaalin { niisaabuuri`itti }
mana barmoota kan { nizaamiyyaa } je`amu
keesattii waa barsiisuu ture akkuma { ibnu
abdissalaam} jaabiyaadhafii saalihiyyaadhatti
shuumame sun mana barmootaa kan maqaama
imaamishaadi`iidhaa bira biyya misraa qaahiraa
keessa jiru akkuma faadiliyya`aafii
kaamilliyyaadhatti shuumame ammo namni darajaa
ijtihaada kophaa bayu`uu gaye ulamaa mazhaba
shaafi`iidhaa tayu`urraa ni baya dubbiin isaa
mazhaba shaafi`iidhaa keessatti hin dubbatamtu
nama darajaa tana gaye abuu je`afar ibnu
jariirixxabarii malee ni jiraa hin beeku maalif
inni shaafi`ii tayuu tureeti eegasii mazhaba
kopha`aa baafate tanaaf jecha raafi`iidhafii
namni biralleen akki je`e dubbiin inni kopha`aan
baye mazhaba shaafi`i`iidharraa hin lakkaawamtu
dubiin suyuuxi`ii dhumti ibnu ziyaad akki je`e
dubbiin tun na biratte waan { waliyyichi abuu
zar`aa } je`amu je`erraa gaarii haa tayuu
dubbiin suyuuxi`ii umaamuxxabariin shaafi`iidhaa
miti jecha kenniti ammoo sun waan isarratti
deeffamu imaamurraafi`iin sharhii wajiiz
jalqaba baaba zaka`aa keessatti wanni je`e {
ibnu jariir } yoo dubbii kophaadhan bayate
dubbiin isaa fuula mazhaba shaafi`iidhaa taatee
hin lakkaawamtu odoo inni ulamaa mazhaba
shaafi`iidharraa kan lakkaawamu tayelle`ee }
nawawiinis tahziib keessatti akki je`e { abuu
qaasimil`abbaadin } abuu ja`afar ibnu
jariirixxabarii ulamaa shaafi`irraa lakkaawee
akki je`e inni ulamaa`ii teenyarraa tokko inni{
rabbi`imuraadi`iifi }hassanuzza`faraanini`irratti
} fiqhii shaafi`iidhaa qara`e dubbiin isaa
asitti dhumti ma`naan xabariin shaafi`iidhatti
moggaafamu`uu inni hoggaa ijtihaada godhuu karaa
shaafi`iiti deeme jechuu inni waan daliila taye
hunda walitti qabeeti walitti laalee kan irra
jaba`aa fudhatuu keessatti ijtihaada shaafi`ii
gaxxame ammoo yoo hogiin isaan wal dhabe sun
waan karaa shaafi`irraa isa baasuu miti sun waa
xiqqoo waan mazhaba shaafi`iidharraa isa baasuu
miti .
Nama kana
fakkaaturraa tokko{ Muhammed ibnu ismaa`iilil
bukhaariidha } inni ulama`aa shaafi`iidharraa
tokko nama ulamaa shaafi`iidharraa isa
lakkaayerra tokko sheekh taajuddiinissubkii
kitaaba isaa kan ulaama`ii shaafi`iidhaa hunda
walitti qabu zamana isarraa qabee hanga
shaafi`ii gayuti kitaabni isaa gudda`aa
mujallada saddeet ni gaya inni faaydaa guddoo
qaba kitaaba san keessatti dubbate wanni inni
je`e { bukhaarin fiqhii humeydi`irratti qara`e
humeydin fadiiha shaafi`iitii sheekhni keenya
bukhaarin shaafi`ii tayu`urrati wanni raga
godhate wanni ulamaa shaafi`ii lakkaayu
bukhaarii ulamaa shaafi`iidharraa lakkaayuu
dubbiin nawawiin tan dabarsine saniif raga .
Taajuddiin
kitaaba isaa kan { xabaqaaushaafi`iyyaah }
je`amu keessatti akki je`e { qawliin takkaa
mas`alaan aalimni shaafi`iidhaa tokko waan
shaafi`iin je`erratti laallatee if biraa kaasee
je`u waan san je`eef hin himin akkanumatti gad
lakkisee dubbate ixlaaqa godhee wanni sun yoo
nama mazhaba qabaatuun injifaturraa taye kan
akka { ghazaali`ii } kan akka { qaffaal } wanni
isaan je`an mazhaba shaafi`iidharraa lakkaawama
ammoo yoo nama mazhabarraa bayuun isaa
heddommaaturraa argame kan akka Muhammadoota
afaranii isaan .
1
– Muhammed ubnu jariir
2 – Muhammed ibnu
khuzeymaa .
3 – Muhammed ibnu
nasri .
4 – Muhammed
ibnulmunzir ,
Wanni isaan je`an
mazhaba shaafi`iidharraa hin lakkaawamu yoo kan
mazhabaan wal dhabuu taate ammoo{muzaniin } eega
isaatii { ibnushureyhi } haalli isaanii jiddu
jireysa darajaa lamaan jidduu jiran isaan akka
Muhammedootatti mazhabarraa hin baane akka
ulamaa`ii iraaqifii ulamaa`ii khuraasaanitti
mazhabatti hin hidhamne
Nama taajuddiin
kitaaba isaa kan { xabaqaatu shaafiyyaah je`amu
keessatti ulamaa`ii shaafi`irraa tokko godhe {
abulhasil ash`ariyyi } imaamu ahlissunnaati wal
jamaa`ati wanni inni je`e {
abulhasanil`ash`ariin ulamaa`ii shaafi`irraayi
maalif inni sheekh abuu ashaaqilmarwazi`irraa
barate} wanni ubnu ziyaad je`e asitti dhumtu .
Ammoo ragaan waan
inni dubbatee waan kitaabul`anwaar keessa jiru
wanni inni je`e warri mazhaba shaafi`iidhaa
takkaa mazhaba abii haniifa`aa takkaa mazhaba
maalik takkaa mazhaba hanbali`ii jala deemu gosa
sadii ,.
1 –
warra beekkomsa shari`aadhaa hin qabne {
wallaalaa } awaama isaan waanuma namni mazhaba
shaafi`iidhaa beekhu qabu qaban .
2 –
warra darajaa ijtihaada guutu`uu qabu duuba
namni ijtihaada guutuu qabu nama ijtihaada
guutuu qabu jala hin deemu wanni kanuma mazhaba
san jala hin deemne mazhaba sanirraa
lakkaawamuuf , ijtihaada isaan lamaanitu wal
gaxxame jecha`aaf
3 –
warra jiddu jireysa darajaa ijtihaadaa hin gayin
kanneene qaayda imaama saanii akkaan baranii
waan inni je`u hunda akkaan beekanii waan inni
hin je`in waan inni je`erratti laallatanii waan
muran muran warri akkanaa { muqalidoota }
je`aman warra nama jala deemu jechu`uu akkasuma
warri waan isaan je`aniin qabatus imaamuma
mazhabaati qallade isaanii mitii waan isaan
moqalidoota tayaniif awaamni warri shari`aa hin
beyne nama beeku gaafatee waan inni je`utti
dalaguun dirqama .
Yoonif akkamitti
wanni takkittiin yaroo takka keessatti wajjabdee
yaroo biraa keessatti dirqama tayuu dhabdi jette
, shari`aan takka tayu`uun wajji tanaaf wanni
ati jettu qalladuun yookaa nama jala deemun
waajiba tayuu hin turree eegasii dirqama taye
jechuun kee dubbii wal didduu akkamitti dubbiin
siif qajeelti jette ?
Wannin deebisaa
gaafii tanaatif je`u waajibni asiin yookaa
hundeen , namni fiqhii daliilan adda babaasee
beeku ummata keessa jiraatuu kanarratti warri
haqaa marti walii gale qaaydan wanni waajibatti
nama geessu , waajiba yookaa dirqama yoo wanni
waajiba yookaa dirqama taye karaa hedduu kan
qabu taye karootii sanirraa tokko argamsiisun
dirqama kan , kana hin jenne yoo karaan tokko
keessaa argame karuma tayeenuu haa tayuu
waajibni guutame yoommoo hundi dhiifame dilii
yoommoo waajibni karaa tokko malee kan hin qabne
taye karaa tokkicha san argamsiisun dirqama .
Fakkeessan dubbii
tanaa namni tokko yoo beela isa ajjeeftu beelaye
duuba beela san ifirraa deemsisu`uuf karaa
hedduu qabaate , kan akka waan nyaatu bitatu`uu
midhaan mukaa bosonaa guuratu`uu waan nyaadhamu
{ nyaatamu } bineensarraa al`oollatu`uu waan
kanarraa tokko argamsiisee du`arraa if oolchun
dirqama yoommoo bakka bineensi hin jirre , kan
midhaan mukaa hin jirree jiraate karaan tokko
qofti dirqama isarratti taye sun horii qabaatu
baasee waan nyaatu bitatu`uu .
Duuba akkasuma
ormi islaamaa kan duraa diin baratuudhaf karaa
hedduu qaban kan karaa sanirraa tokko filatanii
waajiba argamsiifatan ammoo eega isaanii karaan
waajiba sanittiin gayan tokko malee hundi ni
cufame duuba karaa tokkicha san deemun waan
irraa hafiinsi hin jirre taye warri salafaa kan
nabitti achi aanu yookaa warri islaamaa kan
duraa hadiisa nabii hin katabin ammoo zamana
keenya kana hadiisa katabuun waajiba taye waan
karaa hadiisa odeessu`uutin malee yookaa
kitaabban hadiisaa baru`uutin malee karaan biraa
hin jirreef akkasuma ormi islaamaa kan duraa
nahwi`iifii lughaa baratuudhaa hin carraaqan
waan afaan isaanii afaan arabaa tayeef ilmi
akkanatti hin haajaman ammoo zamana keenya kana
afaan arabaa baratuun dirqama taye waan zamanni
keena arabaa durirraa fagaatef wanni waan nuti
dubbanne kana fakkaatu heddu`uu akkaan bal`aa .
Karaa yookaa
mazhaba imaama tokkoo qabatanii deemun waajiba
tayuu waan dubbannee dabarsine kanaan laalun ni
barbaadama maalif karaa imaama tokkoo qabatanii
rabbi ifii ibaadun hogiin dirqama hogiin
dirqamaa miti yoo namni waan beyne tokko biyya
hindii keessa jiraate takkaa biyya ruusiya`atti
aantu , takka afaghaanistaan keessa jiraate kan
namni mazhaba shaafi`iidhaa yookaa maalikiidhaa
yookaa hanbaliidhaa beeku keessa hin jirre, kan
mazhabni abuu haniifa`aa qofti keessatti argamu
kan kitaabban hanafi`ii malee kitaabban mazhaba
biraa keessa hin jirre namni biyyoota mazhaba
abuu haniifa`aa malee mazhabni biraa keessa hin
jirre keessa jiru mazhaba abuu haniifa`aa
qabatuun isarra jira isarraa bayuun isarratti
dhoowwama maalif isarraa bayuun beekkomsa
shariidharraa bayuu je`amaa , wallaalan waaqa
ibaaduu yookaa gabbaruu je`amaa akkasumaa bitti
mazhaba shaafi`ii malee yookaa mazhaba
maaliki`ii yookaa mazhaba hanbali`ii malee
mazhabni biraa keessa hin jirre haalli awaama
biyya san keessa jiruu , akkuma haala awaana
biyya hindii keessatti argamuuti inni mazhaba
biyya isaa keessa jiru qabatee rabbi ibaadun
isarra jira waan namni mazhaba jibbu je`u
dhagayuu dhabee maalif namni mazhaba jibbu
waswaasa sitti darbee qalbii takkaan rabbi
ibaaduu si dhoowwuu malee waa takka sin fayyaduu
ummanni islaamaa irra hedduun isaanii karuma
mazhaba afran kanaatin tokko keessaa maraxatanii
rabbi ibaadan gabbaran .
Ammoo namni
makkaa madiinaa keessa jiru mazhaba tokkicha
qabatuun isarratti hin jiru iratti hin wajjabu
waan mazhaba fedhe baruun isaaf laafuf jecha
achitti mazhaba fedhe qabatuu qaba haa tayuu
mazhaba abaluutii sayu`uun kan hubantii hin
qabne jala deemun hin gayuu afaan nama waan
baynerraa diin baratuun takkaa fudhatuun hin
gayu kun hundinuu waan kitaaba maqaan isaa {
annahrulfaa`iq sharhu kan ziddaqaa`iqa } je`amu
keesatti dubbatame
Waa takka beekhi
namni { mujtahida muxlaq } yookaa mujtahida
guutuu je`amu nama beekkomsa waa shanii qabu
akka imaamunnawawiin{ minhaal } keessatti
dubbate wanni inni je`e { qaadin nama islaamaa
kan saalfate bilisa , dhiira qajeelaa , dhagayaa
argaa dandayaa mala baasaa tayuun sharxii mala
baasaa jechuun mujtahida tayuu jechu sharxiin
mujtahidaa afuri :
1 –
qur`aanafii hadiisarraa waan fiqhii
yookaa murtii beeku`utti isa geessu beekhuu kan
akka murtii qur`aanafii hadiisaa tan nama garii
qabattuufii , tan nama hunda qabatu beekhu`uu
kan akka waan jumla`atti rarra`uufii waan adda
babaafame beekhu`uu kan akka waan heerri isaa
dhumee heerri biraa dhufee bakka isaa bu`ee adda
baru`uu waan hadiisarraa karaa bal`aadhan
dhufeefii kaan adda baru`uu hadiisa namni
walitti dhaabbatee odeessufii kaan adda baru`uu
waan kana fakkaatu isaan lamaanirraa baru`uu
2 –
arabaa akkaan beekhuu kan akka sarfiifi nahwi`ii
balaagha`aa
3 –
Waan ulamaa`in asaaba`aafii warri isaan booda
dhufe irratti walii galeefii , waan isaan
irratti wal dhaban beekhuu .
4 –
Waan gosa qiyaasaa taye hunda beekhuu qiyaasa
fudhatamuufii kan fudhatamne adda beekhuu .
Eegasii wanni
beekhuu qabdu mujtahinni dubbanne kun hogiin
nama kophaa bayee yaada isaa oofatu taya hogiin
nama mazhaba tokkotti irkatee yaada isaa oofatu
taya .
Mujtahinni
kopha`aa waa sadiyiin nama biraatin adda taya
haalli sadeen mazhaba shaafi`iidhaa keessatti
mul`ata , haalli sadeen sun :
1 –
Asliidhafii qaaydaa fiqhiin irraa fuudhamtu gad
qabee laalee irraa dalaguu akka shaafi`iin
kitaaba isaa kan umni je`amu keessatti dubate
kan waan warri isa duraa dalage akkaataa isaan
heera qur`aanafii hadiisarraa itti fudhatan
laalee lakkaayee waan itti ida`uun barbaachisu
kan isaan duraa ir`ate ida`ee karaa ijtihaadaa
diriiraa baase
Wanni karaa
fayyaa qabuun nu gaye imaam Muhammed ibnu
idriisashaafi`iin wanni je`e asliin yookaa
hundeen heera diin islaama qur`aanafii sunna`
yoo heerri dubbii argamtee isaan lamaan keessa
hin jiraatin heera waan sanii waan isaan lamaan
keessatti dhuferratti qiyaasan yookaa laalan
akka wal fakkaatun hadiisni nabii yoo karaa
warri odeesse warra dhuga`aa kan walitti
dhaabbate kan addaan hin citiniin nu gaye inni
hadiisa nabiitii ni qabanna ulamaan islaamaa
warri zamana gadaa tokkoo hundi dubbii
takkarratti walii galuun, hadiisa namni tokko
qofti odeesserra jabaadha hadiisni nabi karuma
ma`naan isaa mul`atutti fassarama yoommoo
ma`naan isaa wal fakkaate ma`naan irra mul`atu
isaaf kennamu`uuf irra caalchifama hadiisni yoo
wal qixxaate kan sanadni isaa irra fayyaa
qabuutu durfama hadiisni warri odeesse walitti
dhaabbatuu dhabee , adda cite inni wahuu miti
yoo hadiisa ibnulmusayyib taate malee asliin
asli`irratti hin qiyaafamu asliidhan maalif
akkana taye akkamitti akkana taye hin je`amu sun
waan far`iidhan je`amuu yoo dame yookaa far`ii
asli`irratti qiyaasun fayyaa tayee argame
sharxiin qiyaasaa argamtee , isa raga godhatuun
fayyaa taya inni ragaa shari`aati .
2 –
haala mujtahida guutu`uu hadiisafii waan
asaaba`arraa dhufe hunda walitti qabuu fiqhii
yookaa heera irraa fudhatu`uu jecha waan
isaanirraa wal dhabuun namatti mul`atu wal
taasisee takkaa garii gari`irra durfamuu haqa
godhatu dursee waan isaan isaan itti fassaruun
malu garii himee wanni dubbanne kun ilmi
shaafi`iidhaa harka sadiyirraa harka lamatti ni
dhiyaata akka garrutti rabbiituu beekhaa .
3 –
dubbii warri isa duraa kan zamana barakaa qabu
keessa jiru irraa hin dubbatin tan yaroo yookaa
zamana isaa argamtee irraa gaafatame adda
babaasee dameessee hiikkaa yookaa furmaata
isi`ii baasuu yookaa kennuu .
4 –
ammas haala afreessa`aatu haala sadeenm san
booda dhufa sun rabbiin jaalal ilmi
shaafi`iidhaa sami`ii buusuu kan warri qur`aana
fassaru warri hadiisa warri usuulaa warri
kitaabban fiqhiidhaa haffazu yookaa qomaa qabu ,
ilmi shaafi`iidhatti gara galee baruu
qeebalu`uufii itti gara galuu tanarra zamanni
dheeran dabree hanga ilmiin isaa onnee namaa
seentetti .
Mujtahidni guutun
kan akka shaafi`ii kana kan mazhaba tokko jala
hin seenne mujtahidni guutun mazhaba tokko jala
seenu nama haala duraa keessati sun qaayda`aafii
usuula baasu`uu imaama isaa jala deemuu kan
isarraa hin mayn` kan haala lammeysa`aa
keessatti akka imaamni isaa dalage dalagee waan
dur hin jirre karaa isarrati deemee baasu .
Ammoo mujtahidni
guutuu hin tayin kan mazhaba keessatti ijtihaada
godhu kan haala duraatifii haala lammeysa`aa hin
qabne kan imaama isaatii dhiisee dubbii
dameessuu keessatti yookaa mala baasuu keessatti
karaa imaama isarratti deemu .
Mee fakkeessaa
mujtahida guutuu kopha`aatifii fakkeessaa
mujtahida mazhabaa haa sii finnu .
Namni qoricha
godhu hundi yaroo ammaan tanaa biyya teenya
keessatti haala lamarraa qullaa hin tayu :
1
– takkaa kitaabban alaa dhufe qara`ee nama
wal`aanuu .
2
– takkaa waan biyya teenya keessatti jarrabameen
nama wal`aanuu .
Duuba waan
jaatanii yookaa ijtihaada godhee biyya teenya
keessaa baasen yoo kan nama wal`aanu taate inni
mujtahida guutuu kopha`aati je`ama yoo kan
tizkiraa abuu daawuud qara`ee sanirratti
laallatee aylii isaatin waan inni hin fidin
fedee dhukkuba inni hin dubbatin dubbatee
sababaa sanii himee , dawaa isaa fidee kan
wal`aanu taate , inni mujtahida guutu warra
duraa jala deemu je`ama ammoo yoo waan warri
alaa je`u takkaa abuu daawuud je`u akkuna isaan
je`anii walitti qabee kan heddommeysuu malee waa
takka ittin idaane nama wal`aane , inni akka
mujtahida mazhabaati .
Akkusuma namni
walaloo je`u yoo kan nama birarratti hin
laallatin je`e inni akka mujtahida kopha`aati
je`ama ammoo yoo nama isa durarratti laallatee
je`e kan waan haaraya hin fidin heddommeysuu
malee inni akka mujtahida mazhabaati .
Duuba ilmiin
hundi akkasi tan tafsiiraa tan tawhiidatiifii ta
biralleen
Yoonif maalif
warri duraa usuula fiqhii haalan hin dubbatin
kan shaafi`iin dhufee usuulalfiqhii kaayee
dubbii gaarii dubbatee nama fayyadee tolchee
nama fayyise jettee gaafatte .
Wanni je`u
sababaan sanii namuu warra durirraa hadiisa
biyya isaa keessa jiru qofa if biraa qaba
hadiisni biyya biraa isa bira hin jiru hadiisni
biyoota biraa keessa jiru hundi isa biratti
walitti hin qabamne tanaaf jecha namni tokko yoo
daliilii hadiisa biyya isaa keessatti isarratti
wal dhabe hanga dandayutti yaaduma isaatin
dubbii laalee mura .
Eegasii zamana
shaafi`iidhaa hadiisni biyya hunda bakka
takkatti walitti qabame duuba hadiisa biyya
biraatifii murtiin sheekkotiin odoo hadiisa san
hin argin murte hoggaa lama wal dhabde hoggaa
takka hadiisa biyya adda addaatin wal dhabe
hoggaan lammeysa`aa hadiisuma biyya takkaatifu
wal dhabe namuu waan sheekhni isaa odeesse
malee waan sheekha biraa jiru dhiisee waan yaada
isaatin wal dhabuf tanaaf wal dhabni baayate
waan godhaan wallaalanii dhama`aanii hafan hanga
rabbiin isaanii dirmatee shaafi`ii yaachisee
qaaydaa waan wal dhabe hadiisa wal dhabe
walittin qaban isaanii kaayee hulaan nama
shaafi`ii booda dhufe hundaaf banamtetti usuula
fiqhi`ii kaayefii .
Namni mazhaba
abii haniifa`atti irkatee ijtihaada godhu eega
bara dhibba sadiyiiti hin argamne maalif namni
ijtihaada godhu sharxiin isaa hadiisa beeku`uun
beekkamuu ammoo isaan hadiisatti shaaghaluun
waa xiqqo namni isaan keessatti argamu nama
garaa mazhaba isaanii keessatti ijtihaada godhu
tanaaf jecha namni mujtahida mazhaba isaanii
tayuu fedhe sharxiin isa kitaaba { mabsuux }
je`amu kan saahibni abuu haniifa`aa
Muhammed
ibnulhasan allafe haffazu akkasuma namni mazhaba
maalikitti irkatee ijtihaada godhu nama xiqqaa
namni garaa mazhabaa keessatti ijtihaada godhu
yaanni isaa fuula haaraya mazhaba saniif hin
dandayu kan akka ibnu abdilbarri kan akka
ibnul`arabi`ii ammoo mazhabni ahmed duriifii
ammallee xiqqa namni mazhaba ahmed keessatti
ijtihaada godhu odoo deemuu bara sayleessa`aa
keessatti cite mazhabninuu xiqqaate hanga
biyyoota hunda keessaa dhabamuuf gaye takkatti
yoo waa xiqqo misraafii baghdaad keessatti
argame malee ııı}ı
wanni mazhabni ahmad mazhaba shaafi`iitif tayu
akka mazhabni abuu yaasufiifii mazhabni Muhammed
saahibni abii haniifa`aa mazhaba abii
haniifa`aatif tayu haa tayuu wanni jerri sadeen
je`e bakka takkatti katabameeti maqaa sheekha
isaanii abuu haniifa`aatin yaamame ammoo
mazhabni ahmasdiifii mazhabni sheekha isaa
shaafi`iidhaa bakka takkatti kitaaba tokko
keessatti hin katabamnee akka jara abuu
haniifa`atti tanaaf mazhabni ahmed mazhaba
shaafi`iidhaa hin je`amne imam ahmad irra guddaa
darasaa shaafi`ii kan mazhaba shaafi`ii { qadiim
} baghdaaditti shaafi`iidharraa naqqale.
Ammoo mazhabni
shaafi`iidhaa mazhaba hundarra nama kophaa
bayee ijtihaada godhuufii nama garaa mazhabaa
keessatti ijtihaada godhu heddommaata akkasuma
mazhabni shaafi`iidhaa ilmal`usuulifii
ilmal`kalaam ammallee warra qur`aana fasaruufii
warra hadiisa sharrahu warra isnaadafii
riwwayaa jabeessu , warra waan imaamni isaanii
je`e akkaan qabatu , kan waan imaani je`eefii
waan asaabonni isaa je`e akkaan adda baasee
beysisu kan waan jechi imaama takkaa asaaaba
isaa keessatti heddommaate daliilan wal
caalchisu mazhaba hundarra akkaan heddommaatu .
Asaabonni
shaafi`iidhaa warri duraa kophaa bayanii
ijtihaada godhuu turan kan waa takkattillee
ijtihaada isaa jala hin deemne hanga
sheekhtichi ibnu shureyh je`amu dhufee qaaydaa
itti imaama imaama jala deemanitti qaayaa waan
imaamni dubbaterratti laallatanii mala baasan
kaayetti eega isattii namuu kanuma itti deemee
karaa isaa qabate tanaaf mataa nama bara dhibba
lamarratti dhufee amrii haarayooserraa
lakkaawama rabbiitu beekhaa .
Akkasuma wanni
nama mazhaba beekhurraa hin dhokhanne wanni
mazhabi shaafi`iidhaa irraa fuudhame kitaabban
hadiisaa kan katabamee beekkame haalli mazhaba
biraatii hin aragamne kitaabban shaafi`iin
irratti irkatee mazhaba isaa jaarerra tokko {
muwaxxa` } inni odoo shaafi`ii dura argamelle`ee
shaafi`iin waan isa keessa jiru fudhateeti
mazhaba isaa jaare waan biraa itti ida`ee wanni
mazhaba shaafi`iidhatiif ragaa tayuu waan
sahiiha bukhaari`ii sahiiha muslim ammallee
kitaabban abii daawuud kan tirmizi`ii ibnu
maajah daara mii musnad shaafi`ii sunanumnisaa
sunana beyhaqi`ii kan baghawi`ii, keessa jiruutu
ragaa isaa taya
Ammoo bukhaarin
odoo mazhaba shaafi`ii qabatee fiqhii keessatti
kan isa jala deemullee tayee haa tayuu waa
hedduu keessatti mazhaba shaafi`ii khallafa
yookaa irraa maqa tanaaf mas`alaan inni
kopha`aan bayate mazhaba shaafi`iidharraa hin
lakkaawamtu ammoo abuu daawuudifii tirmizi`ii
ibnu maajahiifii daarimiin mazhaba ahmadiifii
ishaaqitti irkatan
Ammoo muslimiifii
abbaasil`asamni inni nama musnada shaafi`iidhaa
walitti qabee isaan lamaan mazhaba
shaafi`iidhati jabeessan .
Duuba waan sii
dubbanne kana yoo gad qabdee laalte , wanni ifa
sii galu namni mazhaba shaafi`iidharraa gore
mazhaba ijtihaada kopha`aa dandayurraa hoongaye
odoo hadiisellee beekhee .
Dr / Muhammed
Rashaad Kabiir Abdullee Kabiir Muummayyaa
carcar harar