شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

من أول من صلى التراويح

Eenyu namni dura dursoo, taraawiiha salaate?

Namni dura dursoo salaata { taraawiihaa } salaate nabi Muhammadi. nageenyi isarratti haa jiraatuu.

Ibnu{qudaaman} hanbalichi tokko, kitaaba isaa  kan {mughnii}  je'amu keessatti akki je'e :

{Taraawiini: sunnaa jabeeffamtuu .Namni dura karaa godhee salaate, Nabi Muhammadi nageenyi isarratti haa jiraatuu.

A  Abuu hureyran akki je'e : Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu Ramadaana salaataf dhaabbatu'utti nu kaasee jira.nutti jajjabeessu'uun male'etti wanni inni je'uu ture :

}من قام رمضان ايمانا واحتسابا غفر له ما تقدم من ذنبه {

Ma'naan isaa  namni ramadaana salaataf dhaabbate isaa Rabbitti amanu, isaa galata Rabbirraa argatuu yaadu ,Rabbiin dilii yookaa cubbuu isaa tan dabarte, isaaf araaramti. yookaa isaaf dhiifamti }jechuu.

       { hadiisa kana muslimtu odeesse }

B  Giifti {Aa'ishaan} warri nabii akki jette : halkan tokko nabiin Ramadaana keessa, masjidatti, salaatulleyli salaannaan, asaabonni itti hidhatee ,wajji salaate .ammas halkan itti aanus  masjida dhaqanii salaatan .duuba namni halkan durarra heddommaatee , itti hidhatee wajji salaate. ammas halkan sadeessa'aa yookaa afreessa'aa. namni hedduun ,nabiin wajji salaatu'uuf wal gayanii qophaayan.haa tayuu nabiin masjida hin dhayn'ee, manumatti salaatan. duuba ganama itti gad bayanii wanni asaaba'aan je'an :

}قد رأيت الذى صنعتم فلم يمنعنى من الخروج اليكم الا انى خشيت ان تفرض عليكم{

Ma'naan isaa {wal gaya isin wal geessanii isinitti gad bayuu na eeydan ,dhugumaanin argee jira .duuba wanni isinitti gad bayu'urraa na dhoowwe waan biraatii mitii salaanni tun isinirratti wajjabdii sodatuu malee} je'an .    Muslimtu odeesse

                             

Hadiisa abuu hureyra`arraa odeeffame keessatti abuu hureyran akki je`e

} خرج رسول الله صلى الله عليه وسلم فإذ الناس فى رمضان يصلون فى ناحية المسجد فقال ما هؤلاء ؟ قيل هؤلاء ناس ليس معهم قرآن وأبي بن كعب يصلى بهم وهم يصلون بصلاته ، فقال النبي صلى الله عليه وسلم : اصابوا ونعم ما صنعوا  {         رواه ابو داود

Ma`naan isaa {  nabiin gaaf tokko halkan ramadaanaa bayanii wanni argan , asaabota isaa kan masjida keessaa bakka takka qabatanii ,jamaa`aadhan salaatan hoggaa san maali jarri kun je`ee gaafate gaafannaan wanni isaanin je`ame jarri kun warra qur`aana hin beynee ubayyii ilma ka`birratti walitti qabamaniiti isaan salaachisa jennaan nabiin wanni je`an tolchan wanni isaan dalagan waa tolee } je`an

Hadiisa kana abuu daawuuditti odeesse  

Warra hadiisa kana odeesse keessa nama muslima khaalid je`amuuti jira inni akka abuu daawuud je`e da`iifa haa tayuu hadiini kun dalagaa umariifii jecha umariin jabeeffame asaab umar dalaga`aafii jechallee nabirraa fudhatee asaabonni hundi qeebalee jaalate

Waan dabarsine kanarraa wanni gartu, salaata taraawiihaa namni dura dursoo, jamaa'aadhan salaate,nabi Muhammadi. Nageenyi isarratti haa jiraatuu.kan halkan sadii takkaa afur asaabotaan kan eegasii itti hin bayin Rahmata isaanii godhu'uu jecha .maalif isaan salaanni taraawiihaa tun isaanirratti wajjabuu sodaatan . 

Wanni dubbii tana jabeessu waan bukhaari'iifii muslim odeesse sun :

}أن رسول الله صلى الله عليه وسلم خرج من جوف الليل وذلك فى رمضان فصلى فى  المسجد فصلى رجال بصلاته ، فأصبح الناس يتحدثون بذلك فاجتمع أكثر منهم فخرج رسول الله صلى الله عليه وسلم فى الليلة الثانية فصلوا بصلاته فأصبح الناس يذكرون ذلك فكثر اصحاب المسجد من الليلة الثالثة فخرج فصلوا بصلاته فلما كانت الليلة الرابعة عجز المسجد عن اهله فلم يخرج اليهم رسول الله صلى الله عليه وسلم ، فَطَفِق َرجال يقولون :الصلاة الصلاة فلم يخرج اليهم رسول الله صلى الله عليه وسلم حتى خرج لصلاة الفجر فلما قضى الفجر اقبل على الناس ثم تشهد فقال :

 }اما بعد فإنه لم يخف على شأنكم الليلة ولكنى خشيت أن تفرض عليكم صلاة الليل فتعجزوا عنها{

ma'naan isaa {ergamaan rabbii nabi muhammad, nageenyi isarratti haa jiraatuu , halkan tokko ramadaana keessa ,mana isaanitii bayaniiti masjida keessatti salaatan. Duuba asaaba'arraa jarri tokko itti hidhatee salaate.asaaboonni waan halkan san argame walitti odeessanii,halkan lammeysa'aa namni hedduun wajji salaate .duuba namni hedduun san dhageenyan ,halkan sadeessa'a wajji salaatan.ammoo halkan afreessa'aa masjinni guutamee nama fuudhuu dadhabe. Duuba nabi wajji salaatu'uuf, gad bayuu isaanii eegan. haa tayuu itti gad hin baane. kan namni gariin {salaata salaata} je'u nabi yaadachiisu'uu jecha haa tayuu nabiin isaanitti hin baane. hanga salaata subi'iitii bayetti. Duuba hoggaa salaatarraa raaw'atu, asaabotatti as gara galanii,shahaadaa qabatanii, wanni je'an : eegan shahaadaa qabadhee wannin je'u : wanni isin eda dalaydan narraan dhokhanne. haa tayuu wannin isinitti bayee isiniin hin salaatiniif, salaanni halkanii tun isinirratti wajjabdee, yookaa dirqama isinirratti godhamtee ,duuba dadhabdanii soda'aafi 

Riwaayan takka akki jettu : nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu odoo haala kanarratti jiranuu du'an}  jechuu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com