شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

التمسك بسنة عمر رضي الله عنه تمسك

بسنة رسول الله صلى الله عليه وسلم

karaa asaab umar baase qabatuun karaa nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu qabatuu e'am

Wanni warra zamanaa,kan ijtihaada himatu ,kan sanii jecha ulamaa'ii dabarte ,xiqqeessun jennu : wanni asaab umar dalage ,takkaa diin keessatti itti ajaje ,inni dalagiin  bid'aa jalloo fidu'uu miti.inumaa sun karaa nabii qabatuu,sunnaa ergamaa rabbii  jala deemuu je'ama .sababaa heddu'uuf jecha

Tokkoffaan :Nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu asaab umar Faaruuq je'eeti yaame. Waan Rabbiin sababaa isaatin haqaafii baaxil, qajeello'oofii jallina ,adda baasef jecha.rabbi isaraa haa jaalatuu .

Lammaffaan :Asaab umara nama Rabbiin qalbii isatti haqa darbu.kan waan kheyrin keessa jirtu malee waan biraa hin dubbanne. Yookaa hin jenne. qalbiin isaa iftuu qulqulluu ,tayu'uu jecha

Nabiin nageenyi isarratti haajiraatuu akki je'e :

}ان الله جعل الحق على لسان عمر{

    Ma'naan isaa {Rabbiin ol taye arraba umariifii qalbii isarra haqa kaaye } jechuu .

Ammas nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e :

}لقد كان فيمن قبلكم من الأمم محدثون اى ملهمون  فإن يكن فى أمتى احد فإنه عمر{

Ma'naan isaa {Ummata isin dura dabre keessa warra waa himee wanni inni hime taatutu jira. Rabbiin qalbii isaatti waan dhufaa taa'u darbee, duuba yoo namni tokko kan akkasii ummata kiyya keessa kan jiraatu taye inni umar taya}B.o

qur'aanni bakka heddu'utti mala umar gaxxamee bu'uu ture .

  }فقد روى البخارى عن عمر بن الخطاب أنه قال : وافقت ربى فى ثلاث :فى مقام ابراهيم  وفى الحجاب وفى أسارى بدر . قلت يارسول الله لو اتخذنا من مقام ابراهيم مصلى  فنزلت {واتخذوا من مقام ابراهيم مصلى } قلت يا رسول الله ان نساءك يدخل عليهن البر والفاجر فلو امرتهن ان يحتجبن ؟ فنزلت آية الحجاب { واذا سألتموهن متاعا فاسألوهن من وراء حجاب } واجتمع نساء النبى صلى الله عليه وسلم عليه فى الغيرة فقلت  {عسى ربه ان طلقكن ان يبدله ازواجا خيرا منكن }فنزلت كذلك .             

Ma'naan isaa{ Bukhaarin wanni asaab umarirraa odeesse { an waa sadii keessattin Rabbii kiyya gaxxame .sun: maqaama ibraahiimifii, dhalaan alaga'arraa hagooggatu'uufii,dubbii warra badritti boojiyamee keessatti.Wannin an nabiin je'e: yaa ergmaa rabbii ,odoo bakka nabi ibraahiim irra dhaabbatee ka'baa jaare kana bakka itti salaatan godhannee jennaanin aayanni  bakka ibraahiim dhaabbate bakka salaataa godhaa jettu buute.

Ammas wannin nabiin je'e : yaa ergamaa Rabbii ,mana kee, kan beerri kee keessa jiru kana ,nama gaari'ii ,hama'aatu seenaa,odoo beera kee hagooggatu'utti ajajjee ,jennaanin aayanni hijaabaa yookaa girdo'oo buute.aayaanni hoggaa beera nabii waa gaafattan girdoo duuban gaafadhaa jettu   buute.

Ammas beerri nabii, nageenyi isarratti haa jiraatuu,isarraa hinaafu'utti walii gallaan , wannin beera isaatin je'e:yoo isin hiikhi Rabbiin bakka teessan beera isin caalu isaa kennuun ni khajeelama.jennaanin aayaanni akkas jettu buute}B.o

Duuba yoo qur'aanni, kan asaab{ umar } gaxxamee bu'u taye, akkamiin asaabonni waan asaab umar je'u  fudhatanii, mala isarratti walii galuu oolan ?

*Hadiisa tirmiziin ilma umarirraa odeesse keessatti ilmi umar akki  je'e:

}ما نزل بالناس امر قط  فقالوا فيه وقال فيه عمر بن الخطاب الا نزل فيه القرآن على نحو ما قال عمر{

Ma'naan isaa:{wannummaan takka ,tan nama yaachiftu, ummata islaamatti buutee ,irraa wal mariyatanii ,yaanni nama hundaa gara tokko goree, yaanni umar qofti gara tokko gore , Qur'aanni kan dubbii san keessatti,waan yaada umar  gaxxamuun kan bu'u  malee hin taane }.

Afreessan ergaman Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatuu, orma islaamaa asaabota isaa, yaada yookaa mala matoota isaanii, kan akka abii bakrii kan akka umar kan akka usmaan kan akka aliyyii qabatu'utti ajajee jira.tanaaf jecha nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je'an:

}وإنه من يعش منكم فسيرى اختلافا كثيرا فعليكم بسنتى وسنة الخلفاء الراشدين  المهديين عضوا عليها بالنواجذ{

Ma'naan isaa yaa asaabota kiyya namni isinirraa umriin isaa dheerattee,wal dhaba hedduu,isin jiddu'utti argaa waanin an karaa isinii godhe qabadhaa.yoo dhabdan waan khulafaa'onni kiyya gaggaarin karaa isinii godhe ,qabadhaa.waan san ,A'oodhan ,takkaa qarrinfuudhan ,ciniina'aa qabadhaa. gadin dhiisina'aa, jabeessa'aa qabadhaa }jechuu .                      D.T.odeesse .

Ammas nabiin nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je'an :

 }إقتدوا بالذين من بعدى : أبى بكر وعمر{

Ma'naan isaa:{nama lama ,kan na booda dhufutti , hidhadhaa. jala deemaa. Isaan :Abuu bakriifii , Umarii } jechuu.

Abdullaahii ilma mas'uud akki je

من كان مستنا فليستن بمن قدمات فإن الحى لاتؤمن عليه الفتنة أولئك اصحاب محمد صلى الله عليه وسلم ،} كانو افضل هذه الأمة ، أبرها قلوبا ،وأعمقها علما ،وأقلها تكلفا، اختارهم الله بصحبة نبيه ، ولأقامة دينه ، فاعرفوا لهم فضلهم ، واتبعوههم على اثرهم ، وتمسكوا بمااستطعتم من اخلاقم وسيرهم ، فإنهم كانوا على الهدى المستقيم}   بن عبد البر فى جامم بيان العلم وفضله

Ma'naan isaa :Namni nama jala deemuu fedhu, nama du'e jala haa deemuu ,namni jiru gara galuun ni sodaatamaa.warri jala deemuu haqa godhatu ,isaan asaabaa nabi muhammadi, nageenyi isarratti haa jiraatuu, asaabonni isaanii ,irra caalaa ummata kanaati , kanneen qalbiin isaanii ,irra nagaya qabdu ,kan beekkumsi isaanii irra dheeratu ,kanneen waan hin dandeenyetti if hin dirqine ,kanneen Rabbiin asaabaa nabiyyii isaa isaan godhu'uuf isaan filate, kanneen diin isaa dhaabu'uuf ,isaan maraxate . isin guddinaafii, kabajaa asaabonni nabii qabu,isaanif beekaa.faana isaanii jala deemaa.haala isaanii hanga dandeessanitti qabadhaa .isaan warra karaa qajeela'arra jiruu }ibnu abdulbarriitu odeesse .

Duuba wannin je'u :mee eenyuma namni  jala deemu'utti ,karaa inni deeme deemu'utti Abuu bakriifii,Umarirra caalu ? ammallee irra haqa godhatu ? eega nabiitii nageenyi isarratti haa  jiraatuu .mee akkamitti waan umar islaamaf karaa godhe qabatuun ammallee jalaa deemun bid'aa jalloo, taya. akka warri waan beyne kan beekkomsa himatu je'utti. Rabbiin warra asaabaa tuqu jalaa ,nagaya nu haa baasuu.isaan warra badee nama balleessuu.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com