شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

  

نصيحة أخيرة

Dhaamsa gorsaa kan irraa boodaa, kanan obboleeyyan kiyya kanneen, wallaalan, nuti salafa ifiin je'uu dursu, hunoo akkana je'a:

1 – si , fitnaa,yookaa tashwiisha, mas'alaa, yookaa waan xixiqqo'oo jecha ,ummata, yookaa orma islaamaa jiddu'utti kaasun, manaaqiba, yookaa siiraa salafarraayii? Haala ulamaa'ii durarraayii?.

2 – si ,ummatatti jallina muruun ,ulamaa'ii ummataa ,warra duriifii, warra ammallee wallaalan darbatuun ,isaan humaan beekanii, nuutu ,waa beekha jechuun ,ulamaa'in nu duraa sunna'arraa maqan je'anii bid'aadhan isaan darbatuun dalagaa salafussaalihiinatii ?.

3 – Si ,mala kopha'aatin deemun , jamaa'aa islaamarraa kophaa bayuun, yaada ulamaa'ii zamanaa kanneen yaada kopha'aatin qabatanii, akka isaanitti kophaa deemun, manaaqiba , yookaa taariikha, yookaa karaa salafarraayii ?

Yaa dardaroota keenya, Rabbi sodaadha'aa , haqa ummata islaamaa eegaa.wanni isin hamiltanii deemtaniif,dhugaa yaaduu, dhugaa je'uu, dhugaa dalaguu haa tayuu ammallee karaa salafussalihiin qabatuu, lala deemuu, haa tayuu . beekkamu'uufii, mul'atuu jaalatuu,  jalala nafse'ee, jala deemu'uu mitii .

Yaada kophaa deemu'uu, kan haala salafarraa alaa, kana, dhiisaa. jatanii teessan hunda, warra nama kafarsiisu dura dhaabbatu'utti  gara galachaa .

Rabbi sodaadha'aa haqa ummata keessanii eegaa , tokkummaa isaanii tiysaa, Adda babayuun, adda qoodamuun,nuti keessa jirruu ,nu geessii,ummata adda qooduu biraa, dhiisaa. waan ummata islaamaa dura dhaabbatu, humna roorro'uu deemsisu'uuf dalaguunuu, nu geessii ummata adda facaasu'uuf, jaatanii godhuu  dhiisaa. warra nama kafarsiisu ummatarraa deebisaa .

Nuti zamana danbaliin fitna'aa nama fuutu keessa jirra, yaroo lolli kufri'iifii iimaa jiddu'utti ka'e keessa jirra.yaroo lolli sunna'aafii bid'aa jiddu'utti ka'ee mitii .

Ummanni yoo fedhe taraawiiha saddeeti haa salaatuu, yoo fedhe diiddama haa salaatuu  dhiisaa .adda addaan, takkaa tuuta tuutan walitti qabamanii Rabbi haa zakkaranii dhiisaa .bakka ,bakka taphaa dhaqan ,bakaa namni zikri'ii je'ee walitti qabamu haa dhaqanii itti diisaa . yoo kan dhuga'aan, garaa gaari'iin karaa salafussaalihiinaa, deemuu feetan taatan .

Ibaadaa keessatti nama hin shawwashinaa . ulamaa'in bid'aa dalayde hin je'inaa, mataa heera islaamaa wallaaluu keessaniitif takkaa mataa daliila,yookaa ragaa ulamaa'in qabatte wallaaluu keessaniitif .

Maqaa warra hadiisaa jala deemna'aatin fiqhii hin arrabsinaa .mee warri hadiisaa ,kan isin jala deemtanii fiqhii arrabsitan eenyu?  Bukhaari'ii? Bukhaarin fiqhii keessatti mazhaba shaafi'iiti qabata.yoo mas'alaa takka taakkaan kophaa baye malee. beyhaqiin shaafi'ii , ahmamad ibnun hanbal shaafi'ii. ibnu khuzeyman shaafi'ii.  imaam muslim silaa shaafi'ii .nawawiin shaafi'ii ,ibnu hajar shaafi'ii. akkasuma warri kutubussittaa  allafe kuunis mazhaba fiqhi'ii kan jala deemu qaba. namni isaanirra .kitaaba isaa akka mazhaba warra hadiisaa tayuuf allaf hin jiru.hundi isaanii haa warri fiqhi'ii daliila irraa fudhatu'uuf kitaaba isaa allafe takkaayuu bareesse .

Duuba mee  eenyi jala deemtan ? Nabseen isinitti taphattee arba'iina nawawi'ii qaraatanii takkaa riyaada isaa qaraatanii minhaaja isaa kan ahkaama sharii'aa islaamaa ibsu hin arrabsinaa  fiqhii hin arrabsinaa nawaawinuu kan isinirra  usuula beekhu kan isinirra afaan arabaa,tafsiira musaxalaha , hadiisa, ismaa'urrijaal beekhu fiqhii hin dhiifnee mee isin akkamumatti fiqhii tuyxan. waa takka beekhaa  namni dura fiqhii shaafi'iidha tuquu nama barsiise, nama alaa biyyatti gale kan mazhaba shaafi'iidhaa maqaa hadiisatiin baleessee, odoo dandayee mazhaba ifii deemun nama barsiisuu fedhu. inni maqaa mazhaba deemmatuun hin himuu ni dhoysa

Namni tokko, odoo silaa Namni tokko ,odoo salalanama barsiisuu fedhu .  inni maqaa mazhaba deemmatuun hin himuu ni dhoysa

Namni tokko,odoo silaa Namni tokko, odoo salalanama barsiisuu fedhu.inni maqaa mazhaba deemmatuun hin himuu ni dhoysa

Namni tokko,odoo sala Namni tokko, odoo salaata nama Namni tokko, odoo salaata nama ba  Namni tokko, odoo salalanama barsiisuu fedhu.inni maqaan Namni tokko, odoo salaata nama barsiisuu fedhu  inni maqaa Namni tokko,odoo salalanama barsiisuu fedhu.inni maqaa mazhlo'otti nu deebisuu Rabbiin karaa salafussaalihiinaa nu deemsisee, fiqhii diin keenyaa nu haa barsiisu, akka wanni nuti murru  argaa guutu'uufii , yaada qajeela'arratti  jaaramtu.

Waaqni isuma kan karaa gaarii nama qajeelcuu.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com