شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

كلام الإمام الترمذي

Waan imaamuttirmiziin je'e

 

Imaamuttirmiziin kitaaba isaa kan {sunanuttirmzii } je'amu keessatti akki je'e:{irra hedduun warra waa beekhuu waan asaab umariifii , asaab aliyyiifii nama isaan lamaan hin tayinirraayis odeeffamarratti deeman sun taraawiini raka`aa diiddama } jechu`uu

Taraahni raka`aa diiddama jechuun , waan sufyaanussawrin ibnul mubaarak ,shaafi`iin, qabu shaafi`iin akki je`e akkanattin warra biyya teenya makkatti kanneen taraawiiha raka`aa diiddama  salaatan arge } 

                     dubbiin tirmi`ii hangana

abni rushdi ( ابن رشد  ) kitaaba isaa kan { bidaayatul mujtahid } {  يداية المجتهد  } je`amu keessatti akki je`e  .

{ Maalik yaada isaa lamaanirraa tokko keessatti ammallee abuu haniifan akkasuma ahmad , qiyaamni ramadaanaa raka`aa diiddama tayuu filate witrii malee . 

 *imaamunnawawiin{ الامام النووي  } ,kitaaba isaa , kan {Majmuu'مجموع } je'amu fuula 526 keessatti akki je'e :{ Mazhabni keenya Taraawiini raka'aa diiddama. salaamtaa kudhaniin .sun {taraawiihaa} shan je'amaa. taraawiihan takka raka'aa afur .salaamtaa lamaan .

Abuu haniifa'aafii ,asaabonni isaa, ahmadiifii, Daawuudifii, namni isaan hin tayinilleen akkasuma je'an

Qaadii {Iyaad} Taraawiihni raka'aa diiddama tayuu,irra hedduu warra diin beekhurraa odeesse .

Maalik taraawiihni,raka'aa soddomii jaha je'a .witrii malee 

Ulamaan keenya {taraawiihni} diiddama  jechu'urratti wanni ragaa godhate: waan beyhaqiin ,karaa fayyaa qabuun ,asaabticha { سائب بن يزيد   saa'ib ilma yaziidirraa} rabbi irraa haa jaalatuu odeesse .asaabtichi akki je'e :ormi islaamaa zamana asaab umar ilma khaxxaab Rabbi isarraa haa jaalatuu, baatii ramadaanaa raka'aa diiddama salaatan . Raka'aa diiddamman san keessatti qaraatii dheeressan .Aayata dhibba lamafaa qara'anii .zamana Asaab {usmaan} keessa, dhaabbatiinsi itti jabaatuu keessa,ulee isaanitti i'irkatanii dhaabbatan .

Akkasuma {Yaziid ima ruumaanirraa} wanni odeeffame :{ormi islaamaa zamana umar {rabbi isarraa haa jaalatuu}raka'aa diiddamii sadii salaatan halkan Ramadaanaa }

Hadiisa kana maalikiitu odeesse. Akkuma bayhaqiinis  odeesse. haa tayuu karaa adda  cita'aan. Maalif ? yaziid ilmi ruumaan  asaab umar hin dhaqqabne .

Beyhaqiin akki je'e:{hadiisa diiddama je'uufii hadiisa diiddamii sadii je'u lachhuu bakka qaba. waan dhabu. maalif kan diiddama je'e Taraawiiha qofa hime.kan diiddamii sadii je'e, Taraawiihafii witrii hime .

Ammas Beyhaqiin taraawiihni takaa qiyaamni ramadaanaa raka'aa diiddama tayuu asaab Aliyyi'irraa odeessee jiraa Rabbi isarraa haa jaalatuu.            majmuu' 526}

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com