شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

كلام ابن قدامة

dubbii ibnu qudaama'aa

 

sheekhtichi hanbali'ii kan ibnu qudaamaa je'amu tokko, kitaaba isaa kan {mughnii} je'amu keessatti wanni odeesse : ulamaan islaamaa asaaba'arraa qabdee taraawiiha raka'aa diiddama je'urratti walii galan , je'ee {Imaam maalik} kan qawlii isaa tan lammeysa'aa keessatti taraawiihni raka'aa soddomii jaha je'urratti deebise.

Wanni ibnu qudaaman je'e hunoo kana {taraawiiha Raka'aa diiddama salaatun sunnaa jabeeffamtuu. Namni dura dursoo karaa godhe ergamaa Rabbii nabi muhammadi nageenyi isarratti haa jiraatuu ..

Wanni taraawiiha asaab umartu karaa godhe je'aniif isaatu ubayyirratti nama walitti qabee ,ubayyi isaanin salaate jecha'aafi .ubayyi isaanin salaate salaate jecha`aafi malee isaatu dura salaate jecha`aafii miti

Wanni odeeffame asaab umar halkan tokko bayeeti masjida nabii seenee, wanni  arge, warra tuuta tuuta tayee, imaama adda addaa godhatanii salaatan .Duuba asaab umar wanni je'ee, odo'on jara kana hunda imaama tokkorratti walitti qabee, je'ee asaabaadhan mariyate. duuba akkasitti ubayyirratti walitti qabee, ubayyi nama hundaan salaate.

Ammas asaab umar halkan biraa bayee , masjida seenee warra imaama tokko boodan salaatu argee ,gammadee akki je'e: {bid'aan tun waa toltee} akkana jechuun isaa : wanni dur hin jirre kan an karaa godhe kun waa gaari'ii jechuu. Wanni isiin gaarii taatef isi'iitu diinirraa,hidda qaba,  jecha'aafi.

 hadiisa kana bukhaari'iitu odeesse .

Ammas ibnu qudaaman akki je'e :Imaam ahmad binu hanbal wanni filate Taraawiihni raka'aa diiddama tayuu .

Sawri'iifii, abuu haniifa'aafii shaafi'ii birattis diiddama. imaam maalik soddomii jaha je'a. dalagaa warra madiina'aatii jecha .

Ammoo guutun ulmaa'iidhaa wanni daliilfate ,yookaa ragaa godhate , gaafa asaab umar ubayyirratti nama walitti qabee raka'aa diiddama isaanin salaatuu ture . wanni imaam maalik Yaziid ilma ruumaanirraa odeesse akki je'u:

}كان الناس يقومون فى زمن عمر فى رمضان بثلاث وعشرين ركعة {                  

Ma'naan isaa {ormi islaamaa zamana asaab umar Ramadaana keessa Raka'aa diiddama salaatan } jechuu.

Wanni asaab Aliyyirraa odeeffame : inni Nama tokko raka'aa diiddama namaan salaatu'utti ajaaje .

Kun hundinuu akka waan ulamaa'in raka'aa diiddamarratti walii galu'uuti nu garsiisa .

Ammas ibnu qudaaman akki je'e :odoo warri madiina'aa hundinuu taraawiiha raka'aa sodomii jaha salaatun ragga'elle'ee ,waan asaab umar dalagee asaabonni zamana isaa irratti walii gale, jala deemu'uutu irra caala.

Garii ulama'aa akki je'u : wanni warri madiina'aa ramadaana keessa raka'aa soddomii jaha salaatuf ,warra makkatti qixxaatuu barbaadafi. Maalif warri makkaa raka'aa afur salaateti ka'ee xawaafa .duuba warri madiina'aa bakka xawaafa tokkoo raka'aa afur salaata. haa tayuu waan asaabonni nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu dalageetu irra haqa

Wanni asaab aliyyi'irraa odeeffame Rabbi isarraa haa jaalatuu halkan tokko masaajida tottooyatee baatii ramadaanaa keessa wanni arge , kan faanusni yookaa makhtuunni masjida guutee ibsu,kan ummanni islaamaa masjida guutee salaatu. san agarraan wanni je'e :

}نور الله على عمر قبره  كما نور علينا مساجدنا {

Ma'naan isaa {Rabbii umariif qabrii isaa haa ibsu akka inni masjida keenya nuu ibsetti }. jechuu.

Ahmad ilmi hanbal Rabbi rahmata haa godhuufii akki je'e :salaata halkan ramadaanaa salaatan keessatti waan namarratti saphlatu kan dheeressine kan ittin ulfaanne kan isaan hin dhibne qara'an.wanni laalamu waan qur'aanarraa qara'an keessatti waanuma namni imaama duuban salaatu dandayu qara'uu .

Qaadichi beekkamaan ulamaa'ii hanbali'irraa taye tokko akki je'e:

Wanni qur'aanarraa baatii ramadaanaa qara'an, qur'aana guutu'urraa ir'atuun hin jaalatamu .haa namni ramadaana keessa qur'aana hunda dhagayuu,ammallee sanirra ida'uu dhabuu.nama isa duuban salaatu cinquu jibbansaaf .

Dubbiin ibnu qudaaman kitaaba isaa kan faqhii, hanbali'ii, kan {mughnii} je'amu keessatti dubbate hangana .

An wannin je'u: qawlin beekkamtuun mazhaba imaam maalik keessatti : Taraawiihni raka'aa diiddama .

Tanaaf jecha ulamaa'in mazhaba afranii diiddamni, irra caalu'urratti, walii galan .

Kitaaba {Aqrabulmasaalik alaa mazhabi imaami maalik } je'amu, kan sheekhiddirdiirin barreesse, juuza duraa fuula {552} keessatti wanni dhufe : waan as deemu kana

{Taraawiihni Ramadaanaa raka'aa diiddama .ishaa'ii booda  raka'aa lama lamarratti salaammatan .Taraawiiha keessatti qur'aana buusun ni barabaadama. halkan hunda juuza tokko qara'ee .juuza soddoma raka'aa diiddamarra qoodee .Taraawiiha kophaa manatti salaatun sunna'a. yoo sababaa saniin,taraawiiha namni masjida keessatti salaatun hin dhabamin.ammoo yoo sababaa saniin jamaa'an masjidaa dhabamte masjidatti taraawiiha salaatu'uutu irra caala}}

dubbiin {dirdiiri'ii} asitti dhumte

Shaafi'iifii abuu haniifanis ,taraawiihni raka'aa diiddama je'an. waan asaabonni nabii zamana asaab umar , raka'aa saddeetirratti walii galeef .

Sheekhtichi {Abdulbarri} je'amu wanni je'e: {dubbiin dhuga'aa sahiihni, wanni ubayyii ilma ka'birraa nu gaye taraawiiha raka'aa diiddama isaanin salaate jechuu .kan khilaafni tokko asaabaa jiddu'utti hin argamin .

Mukhtasara muzani'ii keessatti wanni dhufe: {imaamushaafi'iin Rabbi rahmata isaa haa godhuu akki je'e :an warra madiina'aa, kan taraawiiha soddomii sagal salaatun .arge ammoo an wannin, irra jaaladhu raka'aa diiddama salaatuu. waan asaab umarirraa odeeffameef jecha. Akkasuma warra makkaa kanneen taraawiiha  raka'aa diiddama salaatun arge, kan san booda witrii raka'aa sadii salaatan} je'e.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com