شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

ادلة الأ ئمة المجتهدين

Ragaa ulamaa'ii warra ijtihaadaa

 

Ulamaa'in mazhaba afranii taraawiihni raka'aa diiddama tayu'urratti, wanni ragaa godhatan: Waan beyhaqiin sanada yookaa karaa fayyaa qabuun, saa'ib ilma yaziidii saahiba nabii beekkama'arraa odeesse. wanni inni je'e:

} كانوا يقومون على عهد عمر بن الخطاب رضى الله عنه فى شهر رمضان بعشرين ركعة {

Ma'naan isaa {Ormi islaamaa zamana umar ilma khaxxaab rabbi isarraa haa jaalatuu ,Ramadaana keessa taraawiiha yookaa dhaabbatiinsa ramadaanaa raka'aa diiddama salaatan } .

                           unanulkubraa 2/694  

 B - Ammas waan maalik muwaxxaa keessatti odeessefii, waan beyhaqiin yaziid ilma ruumaanirraa odeesse, ragaa godhatan. inni akki je'e:

}كان الناس يقومون فى زمن عمر بن الخطاب رضى الله عنه بثلاث وعشرين ركعة                       {

Ma'naan isaa : namni gadaa umar ilma khaxxaab keessatti salaata taraawiihaa raka'aa diiddamii sadii salaata.} akkana jechuun : taraawiiha raka'aa diiddama salaataniiti witrii raka'aa sadii salaatan jechuu.

C - Ammas waan hasanirraa odeeffame Ragaa godhatan .wanni hasanirraa odeeffame:

}أن عمربن الخطاب رضى الله عنه  جمع الناس على أبى بن كعب فكان يصلى لهم ولا يقنت بهم الا فى النصف الثانى فإذا كان العشر الأواخر من رمضان  تخلف أبى فصلى فى بيته فكانوا يقولون أبق أبى{

Ma'naan isaa {asaab umar Rabbi isar-raa haa jaalatuu,  ramadaana keessa ubayyii ilma ka'birratti nama walitti qabee raka'aa diiddama ubayyi isaanin salaata .inni rama-daana kudha shanan boodaa malee qunuuta hin qara'u.duuba hoggaa kurnan boodaa seene ubayyi mana isatti hafeet mana isatti salaata .hoggaa inni manatti hafe , asaabonni wanni je'uu turee Ubayyi, nu jalaa bade je'an.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com