شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

 

نصيحتى  الى الشباب

Wannin dargaggeessaa dhaamu

 

Eega waan salaata taraawiihatti rarra'u, adda babaafnee ,isinii addeessinee, gorsa as deemu kanan obboleeyyan kiyya, kan islaamatiif ,keessattuu dardara isaanitiif ,dabarsa .yoo rabbi je'e

Gorsi Tokkoffaan : Wanni nama islaamarraa barbaadamu wanni  deemuf haqa tayuu .wanni dalaguuf jaalala Rabbii argatuu tayuu. jaalala lubbuudhaa jala deemu'uufii mitii. nama biratti beekkamuu barbaadu'uufii mitii. namni gariin  namaan wal dhabee ,karaa namni isa dura dabre  deeme ,deemuu dhiisee, mul'atuu jaalalaaf deema. odoo diin isalleen sababaa saniin duraa tuqamee. haa tayuu sun,waan dudda isaa cabbsu . mul'inni karaa malee argamu  mul'inaa mitii mulqina

Gorsi Lammaysan :Hundi keenya ummata keenya harka tokko godhu'uuf carraaquu .Rabbiin adda babayu'urraa ,nu dhoowwee, tokkumma'atti nu yaamee jiraa. Akkuma badii wal dhabu'uufii, adda babayuun qabdu, nuu addeessee jiru 

Rabbiin  akki je'u

] (#qßJÅÁtGôã$#ur È@ö7pt¿2 «!$# $Yè?ÏJy_ ?wur (#qè%§?xÿs? [

                                                              سورة آل عمران

Ma'naan isaa : {hundi keessan haada Rabbii qabadhaa. diin isaa qabadhaa. addan babayinaa .} jechuu.

 

Ammas rabbiin akki je'e:

] ?wur (#qçRqä3s? tûïÏ%©!$%x. (#qè%§?xÿs? (#qàÿn=tF÷z$#ur .`ÏB Ï?÷èt/ $tB æLèeuä!%y` àM»oYÉi?t6ø9$# 4 y7Í´¯»s9'ré&ur öNçlm; ë>#x?tã ÒO?Ïàtã ÇÊÉÎÈ  [ سورة آل عمران

Ma'naan isaa :{akka warra adda babayee wal dhabee hin tayinaa.kanneen eeguma karaan qajeello'oo, ifaan, isaanii dhufee adda babayan. jara saniif, azaaba gudda'aatu jira . } tokkummaan jannataa, adda babayuun azaabaa .

     Ammas Rabbiin akki je'e :

] (#qãè?ÏÛr&ur ©!$# ¼ã&s!qß?uur ?wur (#qããt»uZs? (#qè=t±øÿtGsù |=ydõ?s?ur ö/ä3çt?Í ( (#ÿrç?É9ô¹$#ur 4 ¨bÎ) ©!$# yìtB ?úïÎ?É9»¢Á9$# ÇÍÏÈ  [سورة الانفال

Ma'naan isaa:{Rabbiifii ergamaa isaa dhagayaa.walin didinaa. walin dhabinaa ni khashaftanii, humniti teessan ni deemtii, ni dhabamtii ,laafinaatu isin seenaa tokkumma'arratti obsaa. Gargaarsa Rabbirraa argattanii.Rabbiin warra obsuun wajji gargaarsa isaatin jiraa}

Gorsi Sadeessan : salfii jamaa'aadhaa keessa jiraadhaa. Yaada jamaa'aadhaa,karaa ulamaan islaamaa deemerraa hin maqinaa Rabbiin yaada jamaa'arraa bayu'rraa nu dhoowwee jiraa .

Rabbiin akki je'u :

] `tBur È,Ï%$t±ç? tAqß?§?9$# .`ÏB Ï?÷èt/ $tB tû¨üt6s? ã&s! 3y?ßgø9$# ôìÎ6­Ft?ur u?ö?xî È@?Î6y? tûüÏZÏB÷sßJø9$# ¾Ï&Îk!uqçR $tB 4¯<uqs? ¾Ï&Î#óÁçRur zN¨Yygy_ ( ôNuä!$y?ur #·??ÅÁtB ÇÊÊÎÈ [                                                 سورة النساء

  Ma'naan isaa :{Namni rasuula rabbii dide. kan karaa isaa deemuu dide,eeguma hayn'i isaaf ifa galee haqa beekhee , ammas karaa warra amanerraa maqee, karaa  biraa baafatee , karaa ulamaa'in islaamaa  dabarterraa maqee , yaada yaada ulamaa duraatin wal dhabu baafate,inni jallatee, akka inni jallatetti isa jallifna. jallina inni filate keessatti isa dhiifna. eegasii ibidda jahannam isa sensifna . yaa hammeenya ibidda sanii} jechuu.

Yaada jamaa'aa islaamarraa kophaa bayuun badii. namni kophaa baye, akka re'ettii re'erraa kophaa baatee biyya bineensi  jiru keessatti deemtuti.bineensi dura dursoo isuma fuudhaa mitii? Nabi muhammad, nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:           

 }فإنما يأكل الذئب من الغنم القاصية{

Ma'naan isaa:{ yayyiin ri'ettii, re'erraa kophaa baatee  deemtu , dura qabdee, nyaatti} . jechuu .  

Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki  je'e hadiisa fayyaa qabu keessatti

}عليكم بالجماعة فإن يد الله معا لجماعة  ومن شذ، شذ فى النار {

Ma'naan isaa:{jamaa'aadhatti harka maradhaa harki Rabbii Rabbii, gargaarsi isaa ,jamaa'aadhan wajji jiraa. namni kophaa baye, ibiddatti kophaa bayee.} jechu'.

Gorsi Afreessan: Wanni kun je'ame'eefii ,kana je'ee , yookaa jette jettee, ifirraa dhiisaa falamaa ,yookaa moromaa, heddommeessuu dhiisaa.falama'aafii moromaan dubbii diin keessatti ummata balleessitii  .

Nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu  akki je'e :

} ما ضل قوم بعد هدى كانو عليه الا اوتو الجدل {

Ma'naan isaa:{ Ummanni tokko, eega qajeello'orra jiraatuu turee, hin badu, yoo falamaa kenname malee }

Eegasii nabiin ,nageenyi isarratti haa jiraatuu, wanni qara'e : jecha rabbii ol tayee, kan hunoo akkana je'u :

] $tB çnqç/u??Ñ y7s9 ?wÎ) Kwy?y` 4 ö@t/ ö/ãf îPöqs% tbqßJÅÁyz ÇÎÑÈ [

  سورة الزخرف                                                  

Ma'naan isaa:{ormi kuffaaraa, waan je'u siin hin je'u, falama'aafi malee. isaan warra moroma'aatii}{t}O

Ammas nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'an :

إنما هلك من كان قبلكم باختلا فهم فى الكتاب

Ma'naan isaa:{Wanni ummata isin duraa balleesse kitaaba isaanii keessatti wal dhabuu }.  M.o.

Shaneessan : Hoggaa gara Rabbii nama yaamtan , karaa irra nama yaamu'uun maluu ,deemaa .karaa laafaa naman dubchisiifne ,kan hikmaa qabu. waan dalaydan hunda garaa laafu'uun yookaa nmaa nayu'uun dalagaa

Nabiin keenya akki  je'e :

} إن الرفق لا يكون في شئ الا زانة ولا ينزع من شئ الا شانه {

Ma'naan isaa :Namaa nayuun, yookaa garaa namaa laafun , waan keessatti argame hunda, ni bareecha .yookaa ni faaya. Ammoo garaa jabaatun, haala hammaatun, waan keessatti argame hunda, ni fokkisa ni hammeessa }. echuu.

Yaa dardaroota islaamaa , wanni isin jiruu teessan keessatti itti hamiltan jaalala Rabbii argatuu, qalbii orma islaamaa jaalalarratti walitti qabuu  haa tayuu.

Waan diin keessatti,waa jajjabeessitanii wasanaa bayuu , yaadan kophaa bayuu dhiisaa .

Nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'an :

هلك المتنطعون هلك المتنطعون وكررها ثلاثا

   Ma'naan isaa: {namni amrii diin jajjabeessee karaa  jiddu jireysa deemuu dhiisee, wasanaa bayu bade } je'an. hoggaa sadii deddeebisanii .

Yaa dardaroota keenya,karaa nabi muhammad nu qajeelche deemaa. nageenyi isarratti haa jiraatuu.

Nabiin hoggaa jara tokko asaabaa isaanirraa dubbii takkaaf bakka takkatti ergan, wanni isaanii dhaaman takkaa wanni je'aniin:

بشروا ولا تنفروا ويسروا ولاتعسروا{

  Ma'naan isaa:{nama diinitti yaamtan gammachiisaa . hin baaraysina'aa.namarratti waa laaffisaa irratti hin jajjabeessina'aa } je'aniiti gorsan jechu'.

waan Nabiin keenya nageenyi isaanirratti haa jiraatuu, asaabaa saatin je'an, isaan barsiisanii qajeelchu'uu jecha,mee dhagayaa .Wanni isaan je'aniin:

}إنكم فى زمان  من ترك فيه عشر ما أمر به هلك . ثم يأتى زمان من عمل بعشر ما عمل به نجا{

 

 Ma'naan isaa:{ isin yaa asaabota kiyya zamana yookaa gadaa namni isa keessa kurneessaa waan itti ajajamee dhiise badu keessa jirtan.ammoo eegasii gadaa biraatitu dhufa. kan namni isa keessa kurneessaa waan itti ajajamee dalage nagaya bayu }.  T.O.

    Jaheessan: waanan dardara itti gorsuu: waan ulamaan warri , diin isaanii jebeessu je'u, imaamman warra ijtihaadaa, kan mazhaba afranii jala deemuu.isaan warra diin islaamaa ummata islaamatii addeessu'uuf if qabee. Rabbiin isaan gaxxamsiisee

Ar'a ummanni islaamaa bakka jiran hundaa karaa mazhaba afaraniitin qur'aanafii hadiisa beekhanii Rabbii isaanii ibaadan. ulamaa'ii mazhaba afranii jala deemaa .isaan warra dhuga'aan beekkomsa dhuga'aa qabuu .kanneen jaalala nabsee isaanii , hawaa isi'ii jala hin deemne. Kanneen hori'ii ja'anii hin jallanne kanneen haa namni nu beekhu'uuf hin dalayne .

Tanaaf jecha waan isaan je'an dhugo'ommsaa. Warra fedhii nafsee isaanii jala deemu, kanneen beekkomsa himatan . kanuma beekkosa dhoga'aa hin qabne ,kanneen mazhaba imaamman gugurda'aa dhiisu'utti isin ajajan. Takkaa fiqhii isaanii jibbu'utti isin yaaman .mazhaba islaamaa jala deemun jallina je'anii.akka yaada isaanii kan yaada ulamaa islaamaa beekkamaadhan wal dhabu ,yaada isaanii kan yaada irraa hedduu ulamaa'ii islaamaa, warra duraatifii, warra boodalle'een, wal didu.yaada isaanii badaa, kan isin fudhachiisu'uuf deemanii tanaaf mazhaba afraniifii fiqhii islaamaa arrabsanii , yaada isaanii , badaa jala hin deeminaa. isaan haqaaf hin deemanii. ulamaa'ii khilaafanii ,yaada karaa isaanirraa maqanii,mul'atu'uuf deemanii.Rabbiin warra dhuga'aan waa beekhu ,waa gaafatu'utti isin ajajajee jiraa .warra qur'aanafii ,hadiisa fiqhii qur'aanafii, hadiisarraa ,ammallee ijmaa'afii, qiyaasarraa fuudhamte beekhu,  warra mas'alaa ulamaan islaamaa, irratti walii galteefii, waan isaan irratti wal dhaban beekhu, jara akkasii san waan diinirraa gaafadhaa. warra zamanaa kan maqaa hadiisatiin, fiqhii arrabsu waa takka hin gaafatinaa  isaan beekkomsa garillee qabaatan eega fiqhii jibbanii  kheyrii  hin qabanii 

Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e:

 }من يرد الله به خيرا يفقهه فى الدين  {

Ma'naan isaa:{rabbiin nama waan gaarii isaan fedhe fiqhii islaamati barsiisa }jechuu.

Rabbiin ol taye akki je'u :

(#þqè=t«ó¡sù ?@÷dr& Ì?ø.Ïe%!$# bÎ) óOçGYä. ?w tbqçHs>÷ès? ÇÍÌÈ   سورة النحل

ma'naan isaa: warra beekkomsa dhuga'aa qabu waan hin beynerra gaafadhaa }

 Ammas  Rabbiin akki je'e:

] öqs9ur çnr?u n<Î) ÉAqß?§?9$# #?n<Î)ur Í<'ré& Ì?øBF{$# öNåk÷]ÏB çmyJÎ=yès9 tûïÏ%©!$# ¼çmtRqäÜÎ7/ZoKó¡o? öNåk÷]ÏB [                                    سورة النساء

}  ولو ردوه الى الرسول والى أولى الأمر منهم لعلمه الذين يستنبطونه منهم {

Ma'naan isaa: {odoo waan irratti wal dhaban gara ergamaa Rabbii deebisanii,  ammallee gara matoota isaanii,gara ulamaa'ii isaanii deebisanii,waan isaan je'an eeganii. silaa namni heera,yookaa hukmii, qur'aanafii, hadiisarraa fuudhuu beekhu, laaleti jawaaba waan isaan irratti wal dhabanii san , akka malutti isaanii kenna} jechuu .          

Imaamman, warri ijtihaada godhee ,akkaataa ibaada'aa ummataaf addeesse, isaan ifaa qajeello'ooti. ifaa diin islaami .

Mee yoo imaam maalik, imaamni madiina'aa, yoo imaamushaafi'iin, imaamni makkaa, Yoo imaam ahmad imaamni warra sunna'aa , yoo imaam abuu haniifan  kan ilmiin isaa lafa guuttee nama wal geesse 

Yoo imaamman beekkamoonni kun, {saafussaalih} hin tayin,yoo isaanitti  hidhannee amrii shari'aadhatiifii, diin keessatti isaan jala hin deemin,mee eenyutti hedhamnee jala deemna? Isaan warra ilmii nabii dhaalee ba'atee ummataan gayee?

Si warra amma lafaa ka'ee ulamaa warra isaan dura dabre hundaan moromu'uu bololutti hidhannee, jala deemnaa ? warra fatwaa, warra isaan duraa hunda qeebaluu  didanii fatwaa ulamaa gugurdo'oo kheessattuu fatwaa  sheekh ibnu teymiya'aa kan fatwaa isaatin haqa mul'isee ,dubbii taraawiihaa keessatti.adda nama galche.

Mee akka warri zamanaa kun waan ulamaan islaamaa  jettuun wal dhaban  dubbii as deemtu keessatti laali  . Fakkeessa'aaf

Hoggaa warri fiqhi'ii dhalaan ziqiya uffatuu ni qaba'arratti walii gale,wanni warri zamanaa  je'u: lakkii haraami uffatuun hin gayu  ,waan wanni{muhallaq} haraamessu dhufee jiruuf ,hin gayu je'an  .

Hoggaa warri fiqhi'ii qur'aana tuqu'uuf  xahaaratuun waajiba jechu'urratti walii gale, isaan wanni je'an qur'aana tuqu'uuf xahaaratuun hin wajjabu je'an . ajaja nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu, kan.

والايمس القرآن الا طا هر                        

Nama xahaaraa qabu malee qur'aana hin tuqu je'u irraanfatanii.

Hoggaa warri fiqhi'ii namni janaabtaa qabu Qur'aana qara'uun hin gayu je'e, lakkii  namni janaabtaa qabu qur'aana qara'uun ni gaya, nabiin haala hundatti, zikrii godhuu turee, akka {aa'ishaan} odeessitetti .je'an .akka nama qur'aana qara'uufii zikrii godhuun adda tayuu hin beynee if godhanii .!!!

Beekkomsa isaanii badaa kanarratti deemnee, namni janaabtaa qabu jum'aa salaatuu ni qaba  waan Rabbiin je'eef :

] (#öqyèó?$$sù 4n<Î) Ì?ø.Ï? «!$#   [

Ma'aan isaa :{ gara zikrii Rabbii yaa'aa je'eef.wanni zikri'itti asitti fedhamee khuxbaa dhaggeeffatanii salaata jum'aadhaa salaatuu. Akka warri tafsiiraa itti walii galetti .

Hoggaa ulamaan islaamaa nama ziyaaraa namatti dhufeef dhaabbatuun ni gaya jette ,wanni isaan je'a, lakkii hin gayu. Dhaabbatiinsi dalagaa salaatarraayii .namni namaa dhaabbate akka nama isa ibaadetii  hin gayu je'an..yaa wallaala isaanii,  yaa gara malee waa baruu isaanii  

Akka isaan,namaa dhaabbatuu salaataa dhaabbatu'utti fakkeessan, takkaa qiyaasan kanarratti deemnee, qaraati'iifii teessumas haraamessuun ni barbaadama. isaan lamaan dalagaa yookaa arkaana salaatarraayii !!

{ jiraadhu rajabaa ni garta ajabaa. عش رجبا ترى عجبا

Ammas yoo ulamaan islaamaa warri jajjabaan mas'alaa takkarratti wal dhabe, daliila,yookaa ragaa qur'aanatiifii hadiisaa  laaluu keessatti, ragaa tokkicha ,kan ma'naa hedduu qaburraa heera fudhatuu keessatti wal dhaban.Namuu warra ijtihaada godhuu dandayurraa mas'alaa adda addaa arge. kan tokkoon isaanii , dalagaa jechuu  daliilarraa beekhe, kan kuun hin dalaginaa jechuu beekhe,duuba mas'alaan tun ,waan ulamaan irratti wal dhabde je'amtii, mas'alaa  akkanaatii jecha,warri zamanaa balaa ummata jiddu'utti buusee ,alaafii masjidatti ummata waliin dhayee, tokkummaa ummataa balleessa. kan silaa waajibni isaa, eega wanni irratti wal dhaban mazhaba islaamaa beekkamaa,  tokko gaxxamee  itti dhiisuu taye .

Yaa dargagoota isalaamaa, wanni isinirraa barbaadamu,waa muru'utti ,heera muru'utti ,jarjaruu dhabuu. ilmi'iifii fiqhii warra beekkamaa, ilmi'iifii diin isaa amantanirraa baradhaa .

Imaamuzzuhriin akki je'e

 } إن هذا العلم دين فانظروا عمن تأخذون دينكم{

Ma'naan isaa: {ilmiin islaamaa diinii, nama diin keessan irraa barattan laalaa}  jechuu.

Tanaaf jecha sheekkotii beekkamtuu warra fiqhii beekhu malee ,nama birarraa hin baratinaa. maalif warra fiqhi'iin beekkamerraa yoo baratte,ilmii isaati amanta .maalif yoo inni akka malee sii hime, nama kara'arratti si deebisu hedduu argatta. Fakkeessa'aaf: yoo inni fiqhii shaafi'iidhaa sii hime  , yoo inni gufate, namni fiqhii shaafiidhaa beekhu meeqaatami .ka qaraati'iin beekhufii kan dhageeyti'iin beekhufii kan arga'aan beekhu jidduu malaayiina argatta .. ammoo yoo nama keessa isaa hin beyne, takkaa mazhaba isaa , takkaa eenyummaa isaa hin beynerraa barattan,yoo gufatee isin gufachiise, nama kara'arratti isin deebisu  hin argattan. Ilmiin nama mazhaba biyyarraa alaga'arraa baree nama  barsiisu, ilmii biyya waliin dhooytu  malee tan tokkummaa jabeessituu miti  ilmii beekkomsa dhiphiftu malee ilmii beekkomsa bal'iftuu miti

Tanaaf jecha yaa dardaroota biyyaa ,kanneen tokkummaan biyyaa isin maraartu yookaa isin yaachifu, warra ilmiin beyne ,kan ilmii bena je'ee mul'atuu barbaadu, kanneen ulamaa'ii teessan warra ahkaama shari'aadhaa, fiqhii mazhaba biyyaa beekhu,kan ammaatifii, kan durillee tuqu, ifirraa eegaa .biyyaafii ummatarralle'ee eegaa.Warri akkasii sun afaan qaba malee  beekkomsa dhuga'aa,kan biyyaafii,ummata fayyadu,hin qabanii. hangi qaban ilmii mazhaba keessaniitii mitii .isaan odoo mazhaba keessan arrabsanuu mazhaba isaanii isin barsiisuu fedhan .mazhaba isin keessan beyne .Ammoo mazhabni keessan ulamaan gurguddoon irratti wal eeydu jiraatu'uun wajji, warri biyyaa hundi arga'aafii dhagetiidhan beekha. 

Fakkeessa'aaf nama bismillaa mul'suu dhiise takkaa qunuuta sub'ii dhiise namni hundi kan qara'uufii kan qaraanelleen harkatti dida duuba mazhaba namuu beekhu dhiisanii odoo inni haqaa beekhanuu, mazhaba isaan hin beyne,isaan barsiisun , ilmii bal'isuu je'amamoo dhiphsuu je'ama?. warra mazhaba biyyaa hin khabajne warri biyaatis mazhaba isaa hin kabaju inis hin qeebaluu duuba ummanni wlaalatti hafa . 

An wannin sodaadhu akka zamana warri waan beyne isa keessatti mataa tayee ,wallaalatti ummata oofu,kan nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu nuu himan, hadiisa bukhaarin odeesse keessatti . wanni nabiin je'an :

إن الله لايقبض العلم انتزاعا ينتزعه من صدور العباد ولكن يقبض العلم بقبض العلماء  حتى اذا لم يبق عالما اتخذا الناس رؤوسا جهالا فسئلوا فأفتوابغير علم فضلوا وأضلوا

Ma'naan isaa {Rabbiin ilmii hogguma takkatti buutee , qoma gabroottan isaa keessaa hin fuudhu . haa tayuu ulamaa'ii nama keessaa ajjeessu'uun, ilmii ummata keessaa fuudha. hanga hoggaa inni ulamaa'ii nam tokko, hin hanbisin ,ummanni nama waan beeyne mataa godhatee, imaama godhatee , duuba matootin sun waan diinirraa, ammallee waan birarra gaafatamtee , wallaalan deebisaa namaa kennetee, akka malee fatwaa gootee, duuba ifii jallatanii namallee jallisan} jechuu.

An zamana san keessa jirran siya.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com