شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

البدعة

alabid'aa

 

Sheekhtichi {ibnul'asiir} ja'amu tokko, akki je'e:{ wanni dur hin jirre, kan guyyaa keessaa argame, yoo kan waan Rabbiifii ergamaan isaa itti ajajeen wal didu, takkaa wal dhabu taye,inni sun waan jibbamaa diduu haqa godhatu.ammoo yoo kan waan guutu'utti Rabbiin itti yaame takkaa ergamaan isaa itti kaase jala kan seenu taye sun bakka faarfamu takkaa qeebalamu jira .sun akka waa arjoomu'uu, waan gaari'itti nama kaasu'uu, wanni akkanaa dalagaa faarfamtuu. waan kana hadiisa{ Muslim} kanaatu jabeessa. inni konoo kana :

}من سن فى الإسلام  سنة حسنة ، فله أجرها ، وأجر من عمل بها بعده ،من غير أن ينقص من أجورهم شىء .ومن سن فى الإسلام  سنة سيئة , كان عليه وزرها ،ووزر من عمل بها من بعده ، من غير أن ينقص من أوزارهم شىء. {واه مسلم

Ma'naan isaa :{namni waan gaarii karaa godhe , sawaaba isi'ii ammallee sawaabni nama  isa booda dhufee waan san isarratti laallatee dalagee marti isaaf deema. kan sawaaba nama dalagerraa waa takka hin ir'anne.akkasuma namni waan hamtuu karaa godhe, diliin nama isa booda dhufee, waan hamtuu san dalagee, marti isarratti deemti. kan dilii warra dalagerraa waa takka hin ir'anne .

Tanaaf jecha  asaab umar, rabbi isarraa haa jaalatuu, salaata taraawiihaa keessatti: {نعمة البدعة هذه }  je'e

Ma'naan isaa:{wanni nuti guyyaa keessaa  baafnee dalayne kun , sun jamaa'aadhaa walitti dhaabne halkan ramadaanaa hunda taraawiiha salaatun keenya kun waa toltee jechuun asaab umar dubbii dabarsine jabeessa .

Maalif ? dalagaan taraawiihaa tun dalagaa kheyri'ii tan bakka faaru'uu seentu. Tanaaf asaab umar{bid'aa je'ee}yaamee faarse .isiin odoo waan nabiin dalagellee taatee, haa tayuu ni dhiisan . irratti hin waarre. Namallee irratti walitti hin qane .

Duuba asaab umara, dalagaa taraawiihaa jabeessun,nama irratti walitti qabuun ,nama itti yaamun {Bid'aa} ,waan guyyaa keessa argame. haa tayuu isiin bid'aa  garii faarfatuu.

Wanni nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu taraawiiha eega jalqabee dhaabef, ummata isaatii rahmata godhu'uuf. silaa odoo itti fufanii taraawiihni isaanirratti wajaba takkaa dirqama isaanirratti tayaa .

Asaab umar nama taraawiiha waliitti dhaabanii Ramadaana hunda salaatu'utti nama keese. kan addaan hin kunne.Tanaaf jecha sawaabni nama taraawiiha salaatuu hundi hanga guyyaa qiyaama'atti isaaf  deema}

{jaami'ul'usul} {Fathulbaarii  فتح الباري} keessatti ibnu hajar akki je'e :{Bid'aa jechuun: waan guyyaa keessaa argame. kan shari'aadharraa waan isii dura dabre, kan isii fakkaatu hin qabne. bid'aan,yoo sunna'aan wal dura dhufte takkaa wal diide bid'aa hamtuu je'amti.

Haa tayuu{ bid'aa }dhuga'aan keessa isi'ii baruun akka asa deemu kanatti, yoo laalan argama .tanaaf jecha: bid'aan yookaa wanni guyyaa keessaa argame, yoo waan shari'aan gaarii   jettuun fakkaattee argamte, yookaa jala seente , isiin bid'aa gaarii yookaa sunnaa  je'amti . akka asaab umar taraawiihatti akeekee {bid'aan tun waa toltee نعمة هذه البدعة  } je'ee faarse .

Ammoo{bid'aan} yookaa wanni guyyaa keessaa argame, yoo waan shari'aan fokkattuu jettuun fakkaattee argamte, isiin bid'aa fokkattuu jebbamtuu je'amti

Ammoo yoo waan shari'aan faarsite hin fakkaatin, takkaa shari'aan arrabsite, hin fakkaatin, isiin bid'aa dalagu'uufii dhiisulleen wal qixaati.

Eegasii {Ibnu hajar}akki je'e: Ramadaanaa salaataf dhaabbatuun ni barbaadama. maalif asaab umar Rabbi isarraa haa jaalatuu dalagaa nabirraa nageenyi isarratti haa jiraatuu fudhateeti itti nama ajaje yookaa itti nama yaame .Nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu dalageeti dhiise.wanni dhiisef ummatarratti wajjabdii sodaadhafi .duuba nabi muhammad dabarraan, wajjabamuu dhabuun isi'ii, umar biratti amanamtee, imaama tokkorratti ummata walitti qabee  salaachisuun,adda adda bayanii salaatu'urra caalun Umariif mul'atee,nama hunda imaama tokkorratti walitti qabe.maalif ummanni adda adda salaatuu keessa ummanni addaan babayu'uutu jira .Ammas imaama tokkorratti nama walitti qabuun,akkaan warra salaatu  mirqaansa .

Hadiisa bukhaarin abdurrahmaanirraa odeesse tokko keessatti abdurrahmaan akki je'e :

}خرجت مع عمر بن الخطاب ليلة فى رمضان الى المسجد  فإذا الناس اوزاع متفرقون ، فقال عمر لو جمعت هؤلاء على قارئ واحد ، فجمعهم  على ابى بن كعب {

Ma'naan  isaa :{gaaf tokko halkan ramadaanaa, asaab umariin wajji,masjida dhayn'ee wanni garre, nama tuuta tuutan, adda adda babayee, imaama adda addaatin salaatu. duuba san garraan asaab umar wanni je'e :odo'on warra akkatti adda adda babayee jama'aa jamaa'aadhan salaatu kana, imaama tokko qofarratti walitti qabee je'ee ? asaab {ubayyii} ilma ka'birratti walitti qabe}

Riwaayaa tana keessatti, lakkooysi raka'aa taraawiihaa hin dubbatamne .

Tanaaf Raka'aan taraawiihaa hangamii? Keessatti wal dhabni argame.

Gariin: raka'aa kudha tokko je'aa , haa tayuu kudha tokkicha kana keessatti , qaraatii akkaan dheeressan .aayata dhibba lama faa qara'anii. Qaraatii dheeressuu keessa hanga dadadhabanii ule'etti irkatan takkatti .

Gariin: taraawiihni raka'aa kudha sadii je'a.

Gariin : raka'aa diiddama je'a .

Wanni imaam maalik{qaalicha يزيد بن  خصيفة yaziid ilma khuseyfaa} je'amurraa odeesse 

 }أن التراويح عشرون ركعة{

Ma'naan isaa{ taraawiihni raka'aa diiddama} jechu'. haa tayuu kun waan witrii hin tayinirra bu'a .

  Ammas :qaalichi {يزيد بن رومان  Yaziid ilma  ruumaan} je'amu  tokko,waan isarraa odeeffame keessatti akki je'e:

}كان الناس يقومون فى زمان عمر بثلاث وعشرين  ركعة{

Ma'naan isaa { ormi islaamaa, zamana umar , raka'aa diiddamii sadiyiin dhaabbatan} jechuu .

Qaalichiعطاء {Axaa'} je'amu tokko akki je'e:

}ادركتهم فى رمضان يصلون عشرين ركعة وثلاث ركعات الوتر {

Ma'naan isaa {wannin orma islaamarraa dhaqqabe isaanii , ramadaana keessa, taraawiiha, raka'aa diiddama salaatee, witrii raka'aa sadii salaatu }jechuu.

Duuba riwaayan adda addaa tun haalli namaa wal dhabu'urratti jaaramuun ni dandayama .wal dhabni sun : qaraatii dheeressu'uufii qaraatii gabaabsu'rraa dhufuun yookaa tayuun,ni mala. hoggaa qaraatii dheeressan raka'aan ni gabaabbata .yoo qaraatii gabaabsan raka'aan ni heddommaata} jechuu.

Dubbii tana ibnu hajartu Fathulbaarii {J4 252-253} keessatti dubbate .

Wannin je'u : wanni dubbannee darsine kun , dubbii ulamaa'aadhaa kan warra beekkomsa dhuga'aa hadiisafii fiqhii beekhutii, mee akaamiin , taraawiiha raka'aa khudha sadiyirra ida'uun bid'aa jibbamtuu taya?.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com