شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

حكم صلاة التراويح

{  Salaata taraawiihaa }

hukmii isi'iitifii  gatii

  

   Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaa'iidhaa booda ,witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhala'aaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture. ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri asaabaa dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan.

Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi .

Hadiisa bukhaarin odeesse keessatti , nabiin akki je'e :

 }  من قام رمضان ايمانا  واحتسبا ، غفر له ما تقدم من ذنبه {

Ma'naan isaa :{namni halkan Ramad-aanaa salaatafii zikri'iin qur'aana qara'uudhan jiraachise, isaa waan Rabbiin je'u dhugo'oomsee ,sawaaba Rabbii argatu'uu jecha waan san dalage diliin cubbuun isaa ,ta dabarte isaaf dhiifamti} jechu'. haa tayuu diliin isaa dhiifamtu ,dilii xixiqqoo.

 Ammoo yoo dilii gugurdoo taate ,tawbaadharraa ha-fiinsi hin jiru.dili'irraa deebi'uun takkaa tawbatuun, dilii san dhiisuu. ittin deebi'uu muratuu. Maalifan dilii san dalage je'ee sheenayuu. yoo kan waan namaa balleessu'uun dilaaye taate, waan san abba'aa deebisuu. Takkaa afwii irra barbaaduu yoo mijjaaye .  

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com