كلام الشيخ اين تيمية
dubbii sheekh ibnu
teymiya'aa
Ibnu teymiyaan
kitaaba isaa kan {fataawaa} je'amu keessatti
akki je'e:{wanni nuu beekamee Ragga'e,Ubayyiin
ilma ka'bii ,zamana Umar ,hoggaa salaata
taraawiihaa namaan salaatu, taraawiiha raka'aa
diidama , witrii raka'aa sadii, salaatuu ture
.
duuba irra hedduun
ulama'aa sunnaan sani jechaa arge. waan ka'bi
fuula muhaajirootatiifii, fuula ansaartaa
duratti san dalageef jecha. kan nam tokkolleen
harkatti hin qabin yookaa irratti hin didin .
Fatwaa najdii
keessatti, sheekh muhammad abdu ahhaab , Raka'aa
taraawiiharraa gaafatamnaan ,akki je'e: asaab
Umar Rabbi isarraa haa jaalatuu, gaafa
ubayirratti nama walitti qabe ,salaamni isaanii,
raka'aa diidama ture.
Duuba wanni ulamaa
islaamaa, ka duraatifii, ka boodarraa naqqalle,
takkaa dubbanne, takkaa fuune,hedduun sun,wanni
raggaasiftu,shakki'iin male'etti akka wanni ormi
islaamaa, ar'a dalagu, taraawiiha raka'aa
diiddama salaatun isaanii, haqa irraa maquun hin
taane taye nuu addeesse. sun waan dalagaa
asaaba'aatin gad jabaate. Ammallee waan
ulamaa'in mazhaba afranii irratti walii
galuudhan cime.Ulamaa mazhaba afranii
mujtahidoonni ,kanneen gaara qajeello'oo tayan ,kanneen
zamana hunda ifaa beekkomsaa tayan.sun
waan umar faaruuq. kan Rabbiin arraba isaatifii
qalbii isarra haqa kaaye, itti ajaje .akka
hadiisni fayyaa qabu nuu addeesse . yookaa
dhufeen.